uk
Feedback
Jecha beektotaa!

Jecha beektotaa!

Відкрити в Telegram

Channali keenya kana irraa walaloo Afaan oromoo, asoosamoota, odeeffannoowwan wayitawo, beekumsa waliigalaa argachuu ni dandeessu @BedasaDerejeBeyene

Показати більше
919
Підписники
Немає даних24 години
-27 днів
-830 днів
Архів дописів
Mammaaksa 1. ''Mana Bukkee na dabarsee, akka buqqee na baqaqse.'' jette Intalli 2. Anatu Caalaan Qin×iraamaa, Qarabaa afaan buuse. 3. ''Dura na dhungatteef dhirsa naa hintaatu" jette intalli. 4. Hudduuu giddinni dhuufuu hin dhorku. 5. ''Natti tolu sittis tolaa Jiisii na haadi...' jette Sap*-iin. 6. Kan itti tole, Ud-aanirra taa'ee geerara. 7. Durbaaf Dinnichi Hudduu guddatti. 8. ''Argadhe jettee gad hin qotin'' jette sanyoon. 9. "Ati hin teenye sitti hin hafne, anaan homtuu natti hinbaane" jette sanyoon. 10. ''Itti dhiibaan ilma hin dhalchu...'' jette intalli. 11. "Niitiin dhirsa mootu Gabaadhaan ''Callisaamee'' jetti. 12. Gara laafettiin garaa duwwaa hin heerumtu. 13. ''Ani ofiif hinjennee, mucaan kun dhirsa barbaada '' jette Haftuun. 14. ''Aaddee'' jechaa walitti aaddi masaanuun. 15. ''Jiidha hin jibbin " jette niitiin dhirsa jalatti fincooftee. 16. ''Safuu...'' jette jaartiin of jala ilaaltee. 17. ''Silaafuu Sichi nama taanaa?'' jette jaartiin gabaa keessatti Al*aatee. 18. ''Itti hintaane '' jette jaartiin Faaggaatti Fincooftee. 19, ''Kunis hudduudhaa lamatti qoodamtee?'' jette niitiin taa'ashee ilaaltee. 20. ''Gooneerras godhamneerras, kan akka alanaa hin agarre...'' jette jaartiin....

Art of Dabalii Taammiruu
Art of Dabalii Taammiruu

Mallattoo mootummaa kufee! Yeroo darbe lagannaa gabaa fi uggurri geejjibaa Oromiyaatti turuun ni yaadatama. Sanaan wal qabatee Magaalaa Naqamteettis sochiin hin turre. Egaa, ajaji sochiin geejjibaa haa dhaabbatu jedhu kun yoo cabe qaamni tarkaanfii sirratti fudhatu hin beekamu. Jechuun abaluudha jettee kan seeratti dhiyyeessitu miti. Seera maaliituus jira malee. 😪 Qaamoota nageenyaa warri ofiin jedhu ammammoo erga uggurri ka'een booda "eenyuun dhageessanii oofuu dhaabdanii, eenyuun dhageessanii oofuu jalqabdu?" jechuun taaksii fi bajaajii Magaalaa Naqamtee keessa uummata deddeebisu dhaabanii jiru. Yoo deemtanis qarshii kaffaltaniitu jedhan. Mee gatii maaliiti inni kaffalanii hojii eegalan sun ? Mee yoo dhugaa dubbanneef akka ta'utti yaadne utuu waamicha geejjibaa fudhachuu dhiisanii oofanii miidhan biraan irra ga'e itti gaafatamaan lubbuu isaanii eenyu ?! Warra oofaa jedhanii oofsisanii miidhan irra ga'eef maal godhan ? Egaa mallattoon mootummaa kufee isa kana fa'i ! Silas, Uummanni kuniif mootummaan biyya kana bulchaa jiru akka dubartii durbummaa malee heerumtee walitti ta'an. Dubartiin durbummaa malee dhiira tokkotti heerumte abbaa manaa itti heerumte jala ciiftee isa durbummaa ishee fudhate yaaddi. Silaas isa durbummaa ishee fudhatee wajjiin waliif ta'u ture! Kunooti gaa keenya rakkoon rakkoo dhala!

......❤.... JAALALA ...❤...... Jaalalli dhugaa... Imimmaan qaba, Lola qaba,  aarii qaba, gadda qaba, gammachuu qaba, rakkinaa fi gidiraa hedduu qaba, inaaffaa qaba,  Obsa qaba, rifaatuu qaba, dhukkubbii qaba, Kana hunda caala immoo Jaalala dhugaa qaba♥️ Ergaa dabalataa argachuuf @Faana_beekumsaa join godhi Join 👉 @Faana_beekumsaa .........................................................

Garaa nama nyaata😭😭 Mucaan kun haadha isaa du'aan erga dhabee booddee guyyaa tokko bukkee daandii taa'ee dhoqqee bukeessa t
Garaa nama nyaata😭😭 Mucaan kun haadha isaa du'aan erga dhabee booddee guyyaa tokko bukkee daandii taa'ee dhoqqee bukeessa ture. Abbaansaa yeroo hojiidhaa dhufu mucaan hamma uffannisaa irratti badutti dhoqqaa'ee ture.Abbaanis "mucaa koo maaliif dhoqqeedhaan of balleessita uffanni kees sirratti badeera ka'i gara manaatti galleen sirraa dhiqaa" ittiin jedhe. Mucaanis ija abbaasaa keessa ilaalaa "Abbaa koo! Nuti akka dhoqqeerraa uumamne natti himtee hin turree?" ittiin jedhe, Abbaanis "eeyyee mucaa ko dhoqqeerraa uumamne " ittiin jedhe. Mucaanis "maaloo abbaa ko na gargaari haadha koo irra deebinee tolfannaa!" ittiin jedhe. 😭 Mucaan silayyuu haadhasaa jalaa duute dhoqqeerraa tolfachuuf dhoqqee laaqaa ture. Jaalala haadhaa❤️ Harmee ofii💔🙏

Gaarummaan na miidhus, Hammeenya hin shaakalu Haloo baafataafis, Ofiin wal hin lolu. Sichiif garuu, haxxeen ta'e Atis anaaf, nama du'e.

Mammaaksa 1. ''Mana Bukkee na dabarsee, akka buqqee na baqaqse.'' jette Intalli 2. Anatu Caalaan Qin×iraamaa, Qarabaa afaan buuse. 3. ''Dura na dhungatteef dhirsa naa hintaatu" jette intalli. 4. Hudduuu giddinni dhuufuu hin dhorku. 5. ''Natti tolu sittis tolaa Jiisii na haadi...' jette Sap*-iin. 6. Kan itti tole, Ud-aanirra taa'ee geerara. 7. Durbaaf Dinnichi Hudduu guddatti. 8. ''Argadhe jettee gad hin qotin'' jette sanyoon. 9. "Ati hin teenye sitti hin hafne, anaan homtuu natti hinbaane" jette sanyoon. 10. ''Itti dhiibaan ilma hin dhalchu...'' jette intalli. 11. "Niitiin dhirsa mootu Gabaadhaan ''Callisaamee'' jetti. 12. Gara laafettiin garaa duwwaa hin heerumtu. 13. ''Ani ofiif hinjennee, mucaan kun dhirsa barbaada '' jette Haftuun. 14. ''Aaddee'' jechaa walitti aaddi masaanuun. 15. ''Jiidha hin jibbin " jette niitiin dhirsa jalatti fincooftee. 16. ''Safuu...'' jette jaartiin of jala ilaaltee. 17. ''Silaafuu Sichi nama taanaa?'' jette jaartiin gabaa keessatti Al*aatee. 18. ''Itti hintaane '' jette jaartiin Faaggaatti Fincooftee. 19, ''Kunis hudduudhaa lamatti qoodamtee?'' jette niitiin taa'ashee ilaaltee. 20. ''Gooneerras godhamneerras, kan akka alanaa hin agarre...'' jette jaartiin....

Gaafa imalarra jirtu maal yoo goote gammadda ? Faarfannaa Pawuloos Taganyee, Addisuu Waayimaa, Magarsaa Baqqalaa, Biqilaa Kabbadee fi faarfattoota biroo yoon dhaggeeffachaa deeme hedduun gammadaa deema. 😍

Galanni Waaqayyoof haa ta'u!

Jiituu jirra! Kitaaba Balaay ( Obsii Boon ) eebbisuuf. Dhangaaleen aartii nuuf budduqfamuu eegaluuf jedhu.🥰
+4
Jiituu jirra! Kitaaba Balaay ( Obsii Boon ) eebbisuuf. Dhangaaleen aartii nuuf budduqfamuu eegaluuf jedhu.🥰

#HAWWII_MILKOOMEE 💢💢💢 #Dhugaan_Si_jaalladhe #my_lubbuu Boqonnaa sammuukoo Yaadakoof tasgabbii Tottolchee miidhagsee Siin naaf kenne Rabbi Hin hir'anne homaa Hundumaan si guute Kanaaf sesseeqqattee Qalbiikoo na fuute Kolfikee bareedaa Rakkoo dagachiisa Hidhiikee ilaallaan Dhungoo Hawwachiisa Bocni kees miidhagaa Kan hundumaaf tolaa Qishiree si uume Sirra hin keenye qola Qeensa miillakeerraa Ol hanga rifeensaa Kan miidhaga hin qabne Tokko hin jiru keessa Maal bifakee qofa.. Adiin akka cabbii Qulqulluu jaalalaa Keessa hin jirre jibbi Utuu hin dhaga'iin Kan beektu garaa namaa Kan of keessaa hin qabne Yaada jibbaaf hamaa Arjaan jaalalakees Tasa hin qabu daarii Waan hundumaan oluu Qabda amala gaarii Bifaaf amalakee Qaata tilmaammadhee Jaaalala isa dhugaan Dhugaan si jaalladhe ..... .... ✍️ABBAA MILKII

photo content

Yaa simbookee-bifa waatii Simbirrittii Yaa urgaakee-foolii nagaa Ayyaantittii Biifa biifi-lafti one yaa lalisu Muchi goge-yaa mirgisu An gaaf sana...! Siif jedheetan-Abbaa Daakaaf Korma galcha Korma goobaa-dalluun dachaa Ayyaanakeef sagal kufeen Mana-ayyaanaa Mijuun dhufeen Siif ililcha-dachaa dachaa🙏 Yookkas ta'e...! Ayyaanni Abbaa-sugni maatii Ateeteentee-haati hormaataa Deessuu hiiktii-nagaan laata? Taadhii taatii haati dhiiraa Ni oofkaltii ciniinsuurraa? Anin beeku Waan hubanne-nan yeelala Ciniinsuunkee Nas dhamaaseetan-maaggala🤔 Meemmoo Yaa waabeekaa-moora laali Yoo qajeele Faarri tole Haati dhiiraa yoo oofkalte Na awwaali...!🥰 ©Abbaa milkii, Boolee 2023!

Gurreekoo gurraattiikoo Yaashee goodaa naannoftuu Yaa ishee gootaan haasoftuu, Mukati murte mureen Qottoof dhakaraa baadhee, Lagati bulte buleen Galaa goggogaa nyaadhee... 🤔 Qawweenkee naasiidhaaree Wajagiraadha malee, Qalloonkee naatuudhaaree Garadidaadha malee... 👌

Ayyaannikee- siif sonaa'ee Faara tolee Araddaankee-qabanaa'ee Margaan bulee Onni manaa-dirreen waatii Coraan haadhaa-fuulli abbeetii Nagaa bulee Faarri tolee? Ciisni loonii-dheedni kormaa Kooraan daalee-fuuloon booraa Fannoo bu'ee Siif-mijaa'ee! Bulloon kankee-afran muxaan Yaa maaggalu Yaa garmaamu Harka kenniif-maal abbaasaa Guulee didus Kofa kankee-si dagatus Barat' baasaa Yookkas ta'e, Abdaariikeef! Siifan aarsa-aarsaa sugaa Siin ililcha Korma guddaa-ijaaf tolu Siifan galcha Ayyaannikee yaa qajeelu Abbaa Dhiiraa Qe'een kankee gaaddisnisaa yaa deebi'u Mootii simboo-Abbaa firaa!🥰 Galataa Tsaggaa

photo content

+1
Badhaasa2.mp4287.25 MB

photo content