Jecha beektotaa!
Ir al canal en Telegram
Channali keenya kana irraa walaloo Afaan oromoo, asoosamoota, odeeffannoowwan wayitawo, beekumsa waliigalaa argachuu ni dandeessu @BedasaDerejeBeyene
Mostrar más919
Suscriptores
Sin datos24 horas
-27 días
-830 días
Archivo de publicaciones
Mammaaksa
1. ''Mana Bukkee na dabarsee, akka buqqee na baqaqse.'' jette Intalli
2. Anatu Caalaan Qin×iraamaa, Qarabaa afaan buuse.
3. ''Dura na dhungatteef dhirsa naa hintaatu" jette intalli.
4. Hudduuu giddinni dhuufuu hin dhorku.
5. ''Natti tolu sittis tolaa Jiisii na haadi...' jette Sap*-iin.
6. Kan itti tole, Ud-aanirra taa'ee geerara.
7. Durbaaf Dinnichi Hudduu guddatti.
8. ''Argadhe jettee gad hin qotin'' jette sanyoon.
9. "Ati hin teenye sitti hin hafne, anaan homtuu natti hinbaane" jette sanyoon.
10. ''Itti dhiibaan ilma hin dhalchu...'' jette intalli.
11. "Niitiin dhirsa mootu Gabaadhaan ''Callisaamee'' jetti.
12. Gara laafettiin garaa duwwaa hin heerumtu.
13. ''Ani ofiif hinjennee, mucaan kun dhirsa barbaada '' jette Haftuun.
14. ''Aaddee'' jechaa walitti aaddi masaanuun.
15. ''Jiidha hin jibbin " jette niitiin dhirsa jalatti fincooftee.
16. ''Safuu...'' jette jaartiin of jala ilaaltee.
17. ''Silaafuu Sichi nama taanaa?'' jette jaartiin gabaa keessatti Al*aatee.
18. ''Itti hintaane '' jette jaartiin Faaggaatti Fincooftee.
19, ''Kunis hudduudhaa lamatti qoodamtee?'' jette niitiin taa'ashee ilaaltee.
20. ''Gooneerras godhamneerras, kan akka alanaa hin agarre...'' jette jaartiin....
Mallattoo mootummaa kufee!
Yeroo darbe lagannaa gabaa fi uggurri geejjibaa Oromiyaatti turuun ni yaadatama. Sanaan wal qabatee Magaalaa Naqamteettis sochiin hin turre. Egaa, ajaji sochiin geejjibaa haa dhaabbatu jedhu kun yoo cabe qaamni tarkaanfii sirratti fudhatu hin beekamu. Jechuun abaluudha jettee kan seeratti dhiyyeessitu miti. Seera maaliituus jira malee. 😪
Qaamoota nageenyaa warri ofiin jedhu ammammoo erga uggurri ka'een booda "eenyuun dhageessanii oofuu dhaabdanii, eenyuun dhageessanii oofuu jalqabdu?" jechuun taaksii fi bajaajii Magaalaa Naqamtee keessa uummata deddeebisu dhaabanii jiru. Yoo deemtanis qarshii kaffaltaniitu jedhan. Mee gatii maaliiti inni kaffalanii hojii eegalan sun ? Mee yoo dhugaa dubbanneef akka ta'utti yaadne utuu waamicha geejjibaa fudhachuu dhiisanii oofanii miidhan biraan irra ga'e itti gaafatamaan lubbuu isaanii eenyu ?!
Warra oofaa jedhanii oofsisanii miidhan irra ga'eef maal godhan ?
Egaa mallattoon mootummaa kufee isa kana fa'i !
Silas,
Uummanni kuniif mootummaan biyya kana bulchaa jiru akka dubartii durbummaa malee heerumtee walitti ta'an. Dubartiin durbummaa malee dhiira tokkotti heerumte abbaa manaa itti heerumte jala ciiftee isa durbummaa ishee fudhate yaaddi. Silaas isa durbummaa ishee fudhatee wajjiin waliif ta'u ture!
Kunooti gaa keenya rakkoon rakkoo dhala!
......❤.... JAALALA ...❤......
Jaalalli dhugaa...
Imimmaan qaba,
Lola qaba,
aarii qaba,
gadda qaba,
gammachuu qaba,
rakkinaa fi gidiraa hedduu qaba,
inaaffaa qaba,
Obsa qaba,
rifaatuu qaba,
dhukkubbii qaba,
Kana hunda caala immoo Jaalala dhugaa qaba♥️
Ergaa dabalataa argachuuf
@Faana_beekumsaa join godhi
Join 👉 @Faana_beekumsaa
.........................................................
Garaa nama nyaata😭😭
Mucaan kun haadha isaa du'aan erga dhabee booddee guyyaa tokko bukkee daandii taa'ee dhoqqee bukeessa ture. Abbaansaa yeroo hojiidhaa dhufu mucaan hamma uffannisaa irratti badutti dhoqqaa'ee ture.Abbaanis "mucaa koo maaliif dhoqqeedhaan of balleessita uffanni kees sirratti badeera ka'i gara manaatti galleen sirraa dhiqaa" ittiin jedhe. Mucaanis ija abbaasaa keessa ilaalaa "Abbaa koo! Nuti akka dhoqqeerraa uumamne natti himtee hin turree?" ittiin jedhe, Abbaanis "eeyyee mucaa ko dhoqqeerraa uumamne " ittiin jedhe. Mucaanis "maaloo abbaa ko na gargaari haadha koo irra deebinee tolfannaa!" ittiin jedhe. 😭 Mucaan silayyuu haadhasaa jalaa duute dhoqqeerraa tolfachuuf dhoqqee laaqaa ture. Jaalala haadhaa❤️
Harmee ofii💔🙏
Gaarummaan na miidhus,
Hammeenya hin shaakalu
Haloo baafataafis,
Ofiin wal hin lolu.
Sichiif garuu, haxxeen ta'e
Atis anaaf, nama du'e.
Mammaaksa
1. ''Mana Bukkee na dabarsee, akka buqqee na baqaqse.'' jette Intalli
2. Anatu Caalaan Qin×iraamaa, Qarabaa afaan buuse.
3. ''Dura na dhungatteef dhirsa naa hintaatu" jette intalli.
4. Hudduuu giddinni dhuufuu hin dhorku.
5. ''Natti tolu sittis tolaa Jiisii na haadi...' jette Sap*-iin.
6. Kan itti tole, Ud-aanirra taa'ee geerara.
7. Durbaaf Dinnichi Hudduu guddatti.
8. ''Argadhe jettee gad hin qotin'' jette sanyoon.
9. "Ati hin teenye sitti hin hafne, anaan homtuu natti hinbaane" jette sanyoon.
10. ''Itti dhiibaan ilma hin dhalchu...'' jette intalli.
11. "Niitiin dhirsa mootu Gabaadhaan ''Callisaamee'' jetti.
12. Gara laafettiin garaa duwwaa hin heerumtu.
13. ''Ani ofiif hinjennee, mucaan kun dhirsa barbaada '' jette Haftuun.
14. ''Aaddee'' jechaa walitti aaddi masaanuun.
15. ''Jiidha hin jibbin " jette niitiin dhirsa jalatti fincooftee.
16. ''Safuu...'' jette jaartiin of jala ilaaltee.
17. ''Silaafuu Sichi nama taanaa?'' jette jaartiin gabaa keessatti Al*aatee.
18. ''Itti hintaane '' jette jaartiin Faaggaatti Fincooftee.
19, ''Kunis hudduudhaa lamatti qoodamtee?'' jette niitiin taa'ashee ilaaltee.
20. ''Gooneerras godhamneerras, kan akka alanaa hin agarre...'' jette jaartiin....
Gaafa imalarra jirtu maal yoo goote gammadda ?
Faarfannaa Pawuloos Taganyee, Addisuu Waayimaa, Magarsaa Baqqalaa, Biqilaa Kabbadee fi faarfattoota biroo yoon dhaggeeffachaa deeme hedduun gammadaa deema. 😍
Jiituu jirra! Kitaaba Balaay ( Obsii Boon ) eebbisuuf. Dhangaaleen aartii nuuf budduqfamuu eegaluuf jedhu.🥰
#HAWWII_MILKOOMEE
💢💢💢
#Dhugaan_Si_jaalladhe
#my_lubbuu
Boqonnaa sammuukoo
Yaadakoof tasgabbii
Tottolchee miidhagsee
Siin naaf kenne Rabbi
Hin hir'anne homaa
Hundumaan si guute
Kanaaf sesseeqqattee
Qalbiikoo na fuute
Kolfikee bareedaa
Rakkoo dagachiisa
Hidhiikee ilaallaan
Dhungoo Hawwachiisa
Bocni kees miidhagaa
Kan hundumaaf tolaa
Qishiree si uume
Sirra hin keenye qola
Qeensa miillakeerraa
Ol hanga rifeensaa
Kan miidhaga hin qabne
Tokko hin jiru keessa
Maal bifakee qofa..
Adiin akka cabbii
Qulqulluu jaalalaa
Keessa hin jirre jibbi
Utuu hin dhaga'iin
Kan beektu garaa namaa
Kan of keessaa hin qabne
Yaada jibbaaf hamaa
Arjaan jaalalakees
Tasa hin qabu daarii
Waan hundumaan oluu
Qabda amala gaarii
Bifaaf amalakee
Qaata tilmaammadhee
Jaaalala isa dhugaan
Dhugaan si jaalladhe
.....
....
✍️ABBAA MILKII
Yaa simbookee-bifa waatii
Simbirrittii
Yaa urgaakee-foolii nagaa
Ayyaantittii
Biifa biifi-lafti one yaa lalisu
Muchi goge-yaa mirgisu
An gaaf sana...!
Siif jedheetan-Abbaa Daakaaf
Korma galcha
Korma goobaa-dalluun dachaa
Ayyaanakeef sagal kufeen
Mana-ayyaanaa
Mijuun dhufeen
Siif ililcha-dachaa dachaa🙏
Yookkas ta'e...!
Ayyaanni Abbaa-sugni maatii
Ateeteentee-haati hormaataa
Deessuu hiiktii-nagaan laata?
Taadhii taatii haati dhiiraa
Ni oofkaltii ciniinsuurraa?
Anin beeku
Waan hubanne-nan yeelala
Ciniinsuunkee
Nas dhamaaseetan-maaggala🤔
Meemmoo
Yaa waabeekaa-moora laali
Yoo qajeele
Faarri tole
Haati dhiiraa yoo oofkalte
Na awwaali...!🥰
©Abbaa milkii, Boolee
2023!
Gurreekoo gurraattiikoo
Yaashee goodaa naannoftuu
Yaa ishee gootaan haasoftuu,
Mukati murte mureen
Qottoof dhakaraa baadhee,
Lagati bulte buleen
Galaa goggogaa nyaadhee... 🤔
Qawweenkee naasiidhaaree
Wajagiraadha malee,
Qalloonkee naatuudhaaree
Garadidaadha malee... 👌
Ayyaannikee- siif sonaa'ee
Faara tolee
Araddaankee-qabanaa'ee
Margaan bulee
Onni manaa-dirreen waatii
Coraan haadhaa-fuulli abbeetii
Nagaa bulee
Faarri tolee?
Ciisni loonii-dheedni kormaa
Kooraan daalee-fuuloon booraa
Fannoo bu'ee
Siif-mijaa'ee!
Bulloon kankee-afran muxaan
Yaa maaggalu
Yaa garmaamu
Harka kenniif-maal abbaasaa
Guulee didus
Kofa kankee-si dagatus
Barat' baasaa
Yookkas ta'e, Abdaariikeef!
Siifan aarsa-aarsaa sugaa
Siin ililcha
Korma guddaa-ijaaf tolu
Siifan galcha
Ayyaannikee yaa qajeelu
Abbaa Dhiiraa
Qe'een kankee gaaddisnisaa yaa deebi'u
Mootii simboo-Abbaa firaa!🥰
Galataa Tsaggaa
