cookie

Ми використовуємо файли cookie для покращення вашого досвіду перегляду. Натиснувши «Прийняти все», ви погоджуєтеся на використання файлів cookie.

avatar

Xoofoo Qulqulluu Isxiifaanoos

Ergamni Chaanelii kanaa 👇 Barumsa Hafuurawoo Mana Kiristaanaa Ortoodoksii Tewaahidoo Barsiisuu dha 👉 Toora YouTube keenya 👇 https://youtube.com/@IsxifanostubeOfficialYouTube?si=svMJORSicHSMkgGt Yaada Qabdan immoo @DnGadisa irratti Ergaa !!!

Більше
Рекламні дописи
5 491
Підписники
+624 години
+757 днів
+39230 днів

Триває завантаження даних...

Приріст підписників

Триває завантаження даних...

Фото недоступнеДивитись в Telegram
Hiikoo Sirna Qiddaasee | Kutaa 1ffaa • Hiika Sirna Qiddaasee • Qoqqoodama Sirna Qiddaasee • Sirna Qiddaasee eenyutu jalqabe? • Qurbaanaa fi Qiddaasee jalqabaa irratti warra hirmaatan • Kaayyoo guddaa Sirna Qiddaasee Link kana tuquun dubbisaa! 👇👇👇 https://bit.ly/3CaeDaX https://bit.ly/3CaeDaX
Показати все...
G𝘢𝘢𝘧𝘧𝘪𝘭𝘦𝘦 𝘋𝘩𝘢𝘭𝘰𝘰𝘵𝘢 𝘎𝘰𝘰𝘧𝘵𝘢𝘢 𝘬𝘦𝘦𝘯𝘺𝘢 𝘘𝘰𝘳𝘪𝘤𝘩𝘢 𝘬𝘦𝘦𝘯𝘺𝘢 𝘐𝘺𝘺𝘦𝘴𝘶𝘶𝘴 𝘒𝘪𝘳𝘪𝘴𝘵𝘰𝘰𝘴 𝘪𝘳𝘳𝘢𝘵𝘵𝘪 𝘬𝘢'𝘢𝘢𝘯𝘪𝘪𝘧𝘪 𝘋𝘦𝘦𝘣𝘪𝘪 𝘪𝘴𝘢𝘢𝘯𝘪𝘪 🙏 𝐆𝐮𝐲𝐲𝐚𝐚 𝐝𝐡𝐚𝐥𝐨𝐨𝐭𝐚 𝐆𝐨𝐨𝐟𝐭𝐚𝐚 𝐌𝐮𝐝𝐝𝐞 29 𝐤𝐚𝐧 𝐤𝐚𝐛𝐚𝐣𝐚𝐧 𝐌𝐚𝐧𝐧𝐞𝐞𝐧 𝐊𝐢𝐫𝐢𝐬𝐭𝐚𝐚𝐧𝐚𝐚 𝐤𝐚𝐦 𝐤𝐚𝐦𝐢? 𝐃𝐞𝐜𝐞𝐦𝐛𝐞𝐫 25 𝐡𝐨𝐨? 🙏 𝐑𝐚𝐚𝐣𝐢𝐢𝐰𝐰𝐚𝐧 𝐃𝐡𝐚𝐥𝐨𝐨𝐭𝐚 𝐆𝐨𝐨𝐟𝐭𝐚𝐚 𝐤𝐞𝐞𝐧𝐲𝐚 𝐈𝐲𝐲𝐞𝐬𝐮𝐮𝐬 𝐊𝐢𝐫𝐢𝐬𝐭𝐨𝐨𝐬 𝐝𝐮𝐛𝐛𝐚𝐭𝐚𝐦𝐚𝐧 𝐤𝐚𝐦 𝐤𝐚𝐦𝐢? 𝐲𝐨𝐨𝐦 𝐫𝐚𝐚𝐰𝐰𝐚𝐭𝐚𝐦𝐚𝐧 𝐡𝐨𝐨? 🙏 𝐆𝐨𝐨𝐟𝐭𝐚𝐚𝐧 𝐤𝐞𝐞𝐧𝐲𝐚 𝐈𝐲𝐲𝐞𝐬𝐮𝐮𝐬 𝐊𝐢𝐫𝐢𝐬𝐭𝐨𝐨𝐬 𝐛𝐚𝐫𝐚 𝐤𝐚𝐦? 𝐠𝐮𝐲𝐲𝐚𝐚 𝐤𝐚𝐦 𝐟𝐢 𝐬𝐚'𝐚𝐚𝐭𝐢𝐢 𝐦𝐞𝐞𝐪𝐚 𝐢𝐫𝐫𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐝𝐡𝐚𝐥𝐚𝐭𝐞? ⛪ 𝐌𝐚𝐧𝐧𝐢 𝐊𝐢𝐫𝐢𝐬𝐭𝐚𝐚𝐧𝐚𝐚 𝐤𝐞𝐞𝐧𝐲𝐚 𝐀𝐲𝐲𝐚𝐚𝐧𝐚 𝐝𝐡𝐚𝐥𝐨𝐨𝐭𝐚 𝐆𝐨𝐨𝐟𝐭𝐚𝐚 𝐛𝐢𝐟𝐚 𝐤𝐚𝐦𝐢𝐢𝐧 𝐤𝐚𝐛𝐚𝐣𝐣𝐢? 🌹 𝐆𝐮𝐲𝐲𝐚𝐚 𝐝𝐡𝐚𝐥𝐨𝐨𝐭𝐚 𝐆𝐨𝐨𝐟𝐭𝐚𝐚 𝐤𝐚𝐛𝐚𝐣𝐮𝐮𝐧 𝐲𝐨𝐨𝐦 𝐞𝐞𝐠𝐚𝐥𝐚𝐦𝐞? 𝐞𝐞𝐧𝐲𝐮𝐮𝐧 𝐞𝐞𝐠𝐚𝐥𝐚𝐦𝐞? 🌹 𝐆𝐨𝐨𝐟𝐭𝐚𝐚𝐧 𝐤𝐞𝐞𝐧𝐲𝐚 𝐌𝐮𝐝𝐝𝐞 29 𝐝𝐡𝐚𝐥𝐚𝐜𝐡𝐮𝐮 𝐢𝐬𝐚𝐚𝐭𝐢𝐢𝐟 𝐀𝐛𝐛𝐨𝐨𝐭𝐢𝐢𝐧 𝐫𝐚𝐠𝐚𝐚 𝐭𝐚'𝐚𝐚𝐧 𝐞𝐞𝐧𝐲𝐮 𝐟𝐚'𝐢? 🌹 𝐆𝐨𝐨𝐟𝐭𝐚𝐚𝐧 𝐤𝐞𝐞𝐧𝐲𝐚 𝐲𝐞𝐫𝐨𝐨 𝐠𝐚𝐫𝐚 𝐀𝐝𝐝𝐮𝐧𝐲𝐚𝐚 𝐤𝐚𝐧𝐚𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐝𝐡𝐮𝐟𝐮 𝐤𝐚𝐧 𝐢𝐬𝐚 𝐬𝐢𝐦𝐚𝐭𝐚𝐧 𝐞𝐞𝐧𝐲𝐮 𝐟𝐚'𝐢? 𝙺𝚊𝚗𝚗𝚎𝚎𝚗𝚒𝚒 𝚏𝚒 𝚔𝚊𝚗𝚗𝚎𝚎𝚗 𝚋𝚒𝚛𝚘𝚘 𝙶𝚊𝚊𝚏𝚏𝚒𝚕𝚎𝚎 𝙳𝚑𝚊𝚕𝚘𝚘𝚝𝚊 𝙶𝚘𝚘𝚏𝚝𝚊𝚊 𝚔𝚎𝚎𝚗𝚢𝚊 𝚀𝚘𝚛𝚒𝚌𝚑𝚊 𝚔𝚎𝚎𝚗𝚢𝚊 𝙸𝚢𝚢𝚎𝚜𝚞𝚞𝚜 𝙺𝚒𝚛𝚒𝚜𝚝𝚘𝚘𝚜 𝚒𝚛𝚛𝚊𝚝𝚝𝚒 𝚔𝚊'𝚊𝚊𝚗𝚒𝚒𝚏𝚒 𝙳𝚎𝚎𝚋𝚒𝚒 𝚒𝚜𝚊𝚊𝚗𝚒𝚒 𝚕𝚒𝚗𝚔 𝚔𝚊𝚗𝚊𝚊 𝚐𝚊𝚍𝚒 𝚓𝚒𝚛𝚞 𝚝𝚞𝚚𝚞𝚞𝚗 𝚍𝚞𝚋𝚋𝚒𝚜𝚊𝚊! 👇👇👇 https://bit.ly/3t6qWn2 https://bit.ly/3t6qWn2
Показати все...
Gaaffilee waa'ee Dhaloota Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos irratti ka'aaniifi Deebii isaanii

Gaaffilee Dhaloota Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos irratti ka'aaniifi Deebii isaanii dubbisaa!

𝐆𝐮𝐲𝐲𝐚𝐚𝐧 𝐝𝐡𝐚𝐥𝐨𝐨𝐭𝐚 𝐆𝐨𝐨𝐟𝐭𝐚𝐚 𝐤𝐞𝐞𝐧𝐲𝐚 𝐐𝐨𝐫𝐢𝐜𝐡𝐚 𝐤𝐞𝐞𝐧𝐲𝐚 𝐈𝐲𝐲𝐞𝐬𝐮𝐮𝐬 𝐊𝐢𝐫𝐢𝐬𝐭𝐨𝐨𝐬 𝐌𝐮𝐝𝐝𝐞 29 𝐦𝐨𝐨 𝐃𝐞𝐜𝐞𝐦𝐛𝐞𝐫 25 𝐝𝐡𝐚? 𝐌𝐚𝐧𝐧𝐢 𝐊𝐢𝐫𝐢𝐬𝐭𝐚𝐚𝐧𝐚𝐚 𝐤𝐞𝐞𝐧𝐲𝐚 𝐐𝐮𝐥𝐪𝐮𝐥𝐥𝐞𝐞𝐭𝐭𝐢𝐢 𝐎𝐫𝐭𝐨𝐝𝐨𝐤𝐬𝐢𝐢 𝐓𝐚𝐰𝐚𝐚𝐡𝐢𝐝𝐨𝐨 𝐈𝐭𝐨𝐨𝐩𝐡𝐢𝐲𝐚𝐚𝐧 𝐦𝐚𝐚𝐥𝐢𝐟 𝐠𝐮𝐲𝐲𝐚𝐚 𝐘𝐚𝐚𝐝𝐚𝐧𝐧𝐨𝐨 𝐝𝐡𝐚𝐥𝐨𝐨𝐭𝐚 𝐆𝐨𝐨𝐟𝐭𝐚𝐚 𝐤𝐞𝐞𝐧𝐲𝐚 𝐐𝐨𝐫𝐢𝐜𝐡𝐚 𝐤𝐞𝐞𝐧𝐲𝐚 𝐈𝐲𝐲𝐞𝐬𝐮𝐮𝐬 𝐊𝐢𝐫𝐢𝐬𝐭𝐨𝐨𝐬 𝐌𝐮𝐝𝐝𝐞 29 𝐤𝐚𝐛𝐚𝐣𝐣𝐢? 𝐖𝐚𝐫𝐫𝐞𝐞𝐧 𝐋𝐢𝐱𝐚𝐚 𝐡𝐨𝐨 𝐦𝐚𝐚𝐥𝐢𝐟 𝐝𝐡𝐚𝐥𝐨𝐨𝐭𝐚 𝐆𝐨𝐨𝐟𝐭𝐚𝐚 𝐠𝐚𝐚𝐟𝐚 𝐃𝐞𝐜𝐞𝐦𝐛𝐞𝐫 25 𝐤𝐚𝐛𝐚𝐣𝐮? 𝐘𝐚𝐚𝐝𝐚𝐧𝐧𝐨𝐨𝐧 𝐝𝐡𝐚𝐥𝐨𝐨𝐭𝐚 𝐆𝐨𝐨𝐟𝐭𝐚𝐚 𝐤𝐞𝐞𝐧𝐲𝐚 𝐈𝐲𝐲𝐞𝐬𝐮𝐮𝐬 𝐊𝐢𝐫𝐢𝐬𝐭𝐨𝐨𝐬 𝐲𝐨𝐨𝐦 𝐣𝐚𝐥𝐪𝐚𝐛𝐚𝐦𝐞? 𝐆𝐨𝐨𝐟𝐭𝐚𝐚𝐧 𝐤𝐞𝐞𝐧𝐲𝐚 𝐐𝐨𝐫𝐢𝐜𝐡𝐢 𝐤𝐞𝐞𝐧𝐲𝐚 𝐈𝐲𝐲𝐞𝐬𝐮𝐮𝐬 𝐊𝐢𝐫𝐢𝐬𝐭𝐨𝐨𝐬 𝐠𝐮𝐲𝐲𝐚𝐚𝐧 𝐢𝐧𝐧𝐢 𝐢𝐭𝐭𝐢 𝐝𝐡𝐚𝐥𝐚𝐭𝐞 𝐡𝐨𝐨 𝐧𝐢 𝐛𝐞𝐞𝐤𝐚𝐦𝐚𝐚? 𝐆𝐮𝐲𝐲𝐚𝐚𝐧 𝐀𝐲𝐲𝐚𝐚𝐧𝐧𝐢 𝐘𝐚𝐚𝐝𝐚𝐧𝐧𝐨𝐨 𝐝𝐡𝐚𝐥𝐨𝐨𝐭𝐚 𝐆𝐨𝐨𝐟𝐭𝐚𝐚 𝐤𝐞𝐞𝐧𝐲𝐚 𝐐𝐨𝐫𝐢𝐜𝐡𝐚 𝐤𝐞𝐞𝐧𝐲𝐚 𝐈𝐲𝐲𝐞𝐬𝐮𝐮𝐬 𝐊𝐢𝐫𝐢𝐬𝐭𝐨𝐨𝐬 𝐢𝐭𝐭𝐢 𝐤𝐚𝐛𝐚𝐣𝐚𝐦𝐮 𝐲𝐤𝐧 𝐲𝐚𝐚𝐝𝐚𝐭𝐚𝐦𝐮 𝐰𝐚𝐫𝐫𝐚 𝐋𝐢𝐱𝐚𝐚 𝐛𝐢𝐫𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐟𝐢 𝐧𝐮 𝐛𝐢𝐫𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐲𝐤𝐧 𝐌𝐚𝐧𝐚 𝐊𝐢𝐫𝐢𝐬𝐭𝐚𝐚𝐧𝐚𝐚 𝐤𝐞𝐞𝐧𝐲𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐦𝐚𝐚𝐥𝐢𝐟 𝐠𝐚𝐫𝐠𝐚𝐫 𝐭𝐚'𝐞? 𝐆𝐚𝐚𝐟𝐟𝐢𝐥𝐞𝐞 𝐤𝐚𝐧𝐧𝐞𝐞𝐧𝐢𝐢 𝐟𝐢 𝐤𝐚𝐧𝐧𝐞𝐞𝐧 𝐛𝐢𝐫𝐨𝐨 𝐰𝐚𝐚'𝐞𝐞 𝐃𝐡𝐚𝐥𝐨𝐨𝐭𝐚 𝐆𝐨𝐨𝐟𝐭𝐚𝐚 𝐤𝐞𝐞𝐧𝐲𝐚 𝐈𝐲𝐲𝐞𝐬𝐮𝐮𝐬 𝐊𝐢𝐫𝐢𝐬𝐭𝐨𝐨𝐬 𝐢𝐫𝐫𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐤𝐚'𝐚𝐚𝐧𝐢𝐢𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐢  𝐢𝐬𝐚𝐚𝐧𝐢𝐢 𝐥𝐢𝐧𝐤 𝐤𝐚𝐧𝐚𝐚 𝐠𝐚𝐝𝐢 𝐣𝐢𝐫𝐮 𝐭𝐮𝐪𝐮𝐮𝐧 𝐝𝐮𝐛𝐛𝐢𝐬𝐚! 👇👇👇 https://bit.ly/3yzLswZ https://bit.ly/3yzLswZ
Показати все...
Guyyaan dhaloota Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos Mudde 29 moo December 25 dha?

Guyyaan dhaloota Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos inni sirriin yoomidha? maalif Mana Kiristaanaa keenyaa fi warra Lixaa biratti gargar

Фото недоступнеДивитись в Telegram
Gologotaa Waxabajjii ✍Waxabajjiin 21 ayyaana waggaa yaadannoo kadhannaa haadha keenya Dubroo Maariyaamii kana Gologotaa Waxabajjiiti! Guyyaa kanatti haati keenya ququlleettii Dubroo Maariyaamiin bara Gooftaan keenya fannoo irratti nuuf jecha du’ee awwaalamee guyyaa sadii fi halkan sadii awwaala keessa turee aangoosaatiin du’a ajjeesee Diyaabiloosii fi cubbuu dhala namaa barbadeesse ka’e sana keessa bakka awaalcha Gooftaa [Gologotaa] keenyaatti deddeebitee kadhannaa taasisaa turte jechuudha. Irra jireessayyuu waxabajjii 21 haala adda ta’een dhala namaaf jettee gaddaa olaanaa ta’een kadhannaa isheen nuuf kadhattedha. ✍Kadhannaan haati keenya Dubroo Maariyaamiin guyyaa sana kadhattes; 🙏Maaloo ani haatii fi tajaajiltuun kee gadameessa kootti ji’a (baatii) 9 fi guyyaa 5 niif si baadhee, dhalattee boodas harma koo waggaa 4 hootee guddattteetta! 🙏Yeroo mootichi Heeroods jibbaa fi hinaafaan si ajjeessuuf ka’etti siin Ilma koo dugda kootti si baadhee waggoota afuriif (4) biyyaa gara biyyaatti gammoojjii keessa jooreeraatii kanaafuu Ilma koo Gooftaa fi Waaqa koo Iyyasuus Kiristoos kadhannaa koo naaf dhaga’i! 🙏Maaloo gadameessa koo magaalaa taasifattee ji’a (baatii) sagalii fi guyyaa shaniif keessa kan jiraatte, yeroo diilallaa’aa fi qorra hamaa keessa dallaa saawwaa Beetaliheemiitti narraa dhalachuu kee yaadadhu. 🙏Maaloo biyya tokkoo gara biyya biraatti godaanuu koo, gidiraa fi dhiphina narra ga’e, beelaa fi dheebuu na qaqqabaa tures yaadadhu, Anis kanan si kadhadhu warra qajeeltota (qulqullootaaf) miti, otoo adduunyaa kana keessa jiraatanii cubbuun kan kufaniif, garuu arjummaa kee amananii maqaa kootiin yaadannoo koo kan taasisan, araarsummaa kootti warra amanataniif malee. Maaloo kadhannaa koo naaf dhaga’i, waanan si biraa barbaadus jecha sagalee koo naaf raawwadhu! 🙏Yaa mucaa koo! jaallatamaa koo! Waggaa afur guutuu hootee kan ittin si guddise harmaa koo lamaaniif jettee akka waadaa naaf galtuuf sin kadhadha! 🙏Yaa mucaa koo! jaallatamaa koo! Heroodsi isa abaaramaa jalaa baqannee hamma biyya Missira geeenyutti beelaa fi dheebuu, gidiraa fi dhiphina narra ga’e hunda yaadattee akka waadaa naaf galtu sin kadhadha. 🙏Yaa mucaa koo! jaallatamaa koo! Sitti homtuu siquuf kan hin dandeenye taatee otoo jirtuu hidhii (afaan) koo si dhungateef jettee akka waadaa naaf galtu sin kadhadha! 🙏Yaa mucaa koo! jaallatamaa koo! Miillaa fi harka kee mismaaraan waqarameef, akkasumas kabajamaa Foon kee fi qulqulluu Dhiiga keef jettee akka waadaa naaf galtun si kadhadha! 🙏Yaa mucaa koo, jaallatamaa koo! Dhala namaaf jettee gidiraa sirra ga’ee fi du’a duuteef jettee akka waadaa naaf galtuuf sin kadhadha! 🙏Yaa mucaa koo, jaallatamaa koo! Guyyaa sadii fi halkan sadii awwaala keessa turuu keef jettee akka waadaa naaf galtuu sin kadhadha! 🙏Yaa mucaa koo, jaallatamaa koo! Saadoor, Alaadoor, daanaat, Adeeraa, Roodaas kan jedhaman waqqarraa fannoo (አምስቱ ቅንዋተ መስቀል) keetiin jettee akka waadaa naaf galtun si kadhadha! 🙏Maaloo kadhannaa fi sagalee koo naaf dhaga’i, waanan sitti himu hundumaa warra yaadannoo kee taasisan, maqaa kootiin warra mana kiristaanaa ijaaraniif ati bultoo ifaa naaf qopheessiif! 🙏Maaloo anaaf jedhanii warra daaran kan daara baasaniif harka namaatiin kan hin qophoofne (hin hojjetamne) uffata dhugaa kan hin dulloomnee (hin moofanne) qopheessiif! 🙏Maaloo maqaa kootiin rakkaataa (hiyyeessa) kan gargaare dhiifama keetiin yaadadhuun! 🙏Maaloo maqaa kootii kan beela’e kan soorachiise biddena (nyaata) jirenyaa nyaachisiin (sooriin), kan dheebote dheebuu kan baasee bishaan jireenyaa jannata Eedoom keessaa kan burqu obaasiin! ✍Gooftaan keenya fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoosis Sagale fi kadhannaa haadhasaa Dubroo Maariyaamii dhaga’ee booda, tole siif haata’u, akkuma ati jaalattee siif haa raawwatamu jedheen! 👉Maqaa keetiin kan mana kiristaanaa ijaare anis iddoo (bakka) ifaa nan qopheessaaf! Mootummaa samiittis bultoo qulqulluu nan qopheessaaf!
Показати все...
👉Nama dhukkubsate maqaa keetiin kan gaafate, kan gargaare anis yeroo inni dhukkubsatee sireerra ciisutti isan daawadha. Addunyaa kanarraa gara addunyaa hin dabarreetti du’aan yeroo fudhatamutti hadhaawaa kan ta’e xoofoo du’aa isa hin dhobaasu. Hamma mootummaa samiitti galuti isarraa adda hin ba’u. Yeroo jinnoonni (seexanoonni) xuraa’oon waa’eesaa falmanitti ani isaaf abukaatoo nan ta’aaf; yeroo rakkina isaattis ani nan gargaaraan! 👉Dabalataanis maqaa keetiin kan daare kan daara baase( kan huwwise), harka namaatiin kan hin hojjetamnee fi bareedinnii fi ulfinni isaa adda kan ta’e uffata jireenyaa isan huwwisa. 👉Siif jedhee nyaata isaarraa hir'isee kan beela’e kan soore, nyaata lafaa otoo hin ta’iin kan samii nyaata jireenyaa isan soora. Isa dheebote kan dheebuu baase (kan obaase) dammaa fi shukkaara caalaatti kan mi’awu, aannan caalaatti kan addaatuu fi Jannata Eedoom keessaa kan burqu bishaan jireenyaa isan obaasa! 👉Maqaa keetiin warra gaddaan kan jajjabeesse anis yeroo rakkinaa fi gaddasaatti isan jajjabeessa jechuun waadaa galeef! Manni kiristaanaa keenyas kana hubachuun waggaa waggaan yaadannoo addaatiin kabajjee oolti. Galannii fi ulfinni Gooftaa keenya Waaqa keenya Iyyasuus kiristoosiif haata’u! Araarrii fi waadaan haadha keenya Dubroo Maariyaamii, kadhannaan qulqulloota hundaa hunda keenya wajjin haata’u. Waggaa dhufuun nagaa fi jaalalaan nu haa geessisu. Ameen! 🙏Ayyaana Gaarii🙏 ✍ Deacon Gadisa Kasahun 21-10-2016 Tulluu jireenyaa irraa
Показати все...
+++ Lagachuu ykn Sooma Duuka Bu'ootaa + wax 17 - Adol 5 itti kan lagatamu + ✍ Laguun Ykn Soomni kun Laguu Mana Amantaa Kiristaanaa Ortoodoksii Tewaahidoo Itiyoophiyaa Torban labsitu kessaa isa tokkodha. ✍ Soomiin kun lakkofsaan guyyaa murtaa’aa hin qabu. Haa ta’uu malee soomiin kun akka mana kiristaanaa Ortodoksii Itiyoophiyaatii waggaa waggaan ayyana guyyaa shantamaaffa /Pharaqiliixoos/ bulee akka soomamuufi yeroo hundaa Adolessaa 05 akka hiikamu /xumuramu/ seerri mana amantaa ibsa. (Fitihaa Nagastii Keyyataa 15 key. Xiqaa 569). ✍ Lagachuun duuka Bu'ootaa akkuma Maqaa isarraa hubannu kan duka bu'oonni waaqayyoo lagatan ykn soomaniidha.lagachuu ykn Sooma kana kan lagataniifis Ayyaana #Phiraaqilixoos kennaa Afuura Qulqulluutiin erga guutamanii booda gara biyya gara garaatti osoo hin faca'in ture. ✍ Sababni isaan ittiin lagataniifi Gooftaa keenya iyyasuus kiristoos kan dubbate sababa godhachuudhaan yoo tahuu Ka'umsa Wangeelaa irratti barraa'es bu'uura godhachuudhaan. 📖 Gaaf Tokko barattootni Yohaannis gara iyyasuus dhufanii Nuyii fi faarisoonni maaliif laganna? Iyyasuus deebisee < Dhiirsi misirroo hamma isaan Bira jirutti Warri cidhaa gadduu danda'uree ??> guyyoonni dhiirsi misirroo itti isaan duraa fudhatamuu dhufuuf jiru ; isaan yeroo sanatti ni soomuu ' Mat 9:14, Marq 2:20 . 📖 Dubbii fakkeenya kanan Misirroo kan jedhame nuuf jedhee Teessoo isa samii irraa Bu'ee uffata Mootummaa irraa baasanii kan lolaaf tolu itti uffisanii gonfoo kabajaa Osoo hin ta'iin qoree sammuu isaa irra kaa'an.Dhiphuu kana hunda danda'uudhaan Guyyaa jimaataa Fannoo irraatti nuuf kan oole Iyyasuus kiristoosiidha. Waa'ila ykn Jaala (Miizee) kan jedhame Guyyaa cidha kanatti baayyee kessaa kophaatti kan isa hin dhiisne Qulqulluu Yohaannis wangeelicha qofa yoo tahu booda garuu Afuura Qulqulluu dhaan erga guutamanii booda du'as ta'ee jireenya hundaf osoo iddoo hin kenniin Duuka bu'aan Duuka bu'oota kudha lamaniidha. ✍ Duuka bu'oonni kan lagataniif lagachuu iyyasuus kiristoos lagate ykn Sooma duuka bu'uufiidha. Iyyasuus kiristoos laga yoordanoosiitti harka Qulqulluu Yohaannis Cuuphaatti erga Cuuphamee booda gara holqa (Gadaamii ykn Kawaala) qoronxoositti deemuudhaan guyyaa 40 fi halkan 40 erga xumuree booda tajaajilaaf ba'e Duuka Bu'ootni gooftaas hojii iyyasuus kiristoos hojjete kana yaadachuudhaan Afuura qulqulluudhaan erga cuuphamanii booda osoo tajaajila hin jalqabiin akkuma Abbaa fi barsiisaan isaanii raawate lagachuu jalqaban. ✍ Lagachuu isaanii erga xumuraniis booda kutaa itti biyya lallaban Addaan qoqqoodatanii Sagaalee waaqayyoo fi hojii waaqayyoo labsuudhaaf Addunyaa irratti faca'aan.kana wajjiin kan walqabatu Qulqulluu Phaawuloosii fi Qulqulluu Pheexiroos tajaajilummaa isaa irraa kan kahe jibba garaa garaa irratti gaheen Addoleessa Guyyaa shan (5) warroota waaqayyo hojii isaa fi seera isaa jibbaniin ajjeechaan foonii irra ga'e. Kanaafuu guyyaan kun Guyyaa Yaadannoo Qulqulluu Pheexiroosii fi Qulqulluu Phaawuloosii dha. 🙏 Waaqayyo hamma dhuma Sooma kanatti gargarsa waaqummaasaatiin nu wajjiin ha tahu 🙏 gargaarsi ,Araarsummaa fi Kadhannan Giiftii keenya nu wajjin ha tahu 🙏 Egumsi Eegamootii fi Gargaarsi wareegamttoota Qulqullootaa nu wajjiin ha ta'u !!! Sooma Gaarii Dn Gadisa K Buufata No'i irraa Wax 17- 10- 2016
Показати все...
+++ Sooma Duukaa bu'ootaa fi Sooma Fayyinaa + ✍ Ayyaana Phiraaqilxoos [guyyaa 50ffaa] booda soomawwan gurguddoon lama eegalu. Isaanis sooma duukaa bu'ootaa fi sooma fayyinaa [Roobii fi Jimaata] yammuu ta'an soomawwan torban keessatti ni lakkaawamu. 📖 Kitaabolee qulqullaa'oo irratti barreeffamee akkuma argannu kakuu moofaa keessatti raajicha Museen seera oriitii Waaqayyoo irraa fudhatee osoo uummata osoo hin barsiisiin dura soomeera. (S. Bah. 34:28). Qulqulloonni raajonnis raawwii jecha waadaa sana akkaa eeggatan Waaqayyoodhaan bu'i dhaladhu, akkaa jedhan soomaa kadhachaa turan. Gooftaan keenya qorichi keenya Iyyessuus Kiristoos soomni jalqabbii hojii hundumaa ta'uushee nu barsiisuuf osoo wangeela hin barsiisiin dura soomeera. (Mat 4:1-14). Duukaa bu'oonnis erga ayyaana phiraaqilxoositti Afuurri Qulqulluu isaaniif bu'ee booda seera wangeelaa uummataaf osoo hin barsiisiin dura soomaniiru. Nuyis isaanirraa barannee; sirna isaaniin qajeelfamnee; Afuurri Qulqulluun isaanirra bule nurras akka buluuf waggaa waggaatti sooma duukaa bu'ootaa fi sooma fayyinaa, soomawwan biroos kabajnee soomuu akka qabnu qannoonaa mana kiristaanaatiin murtaa'eera. (Haqa Moototaa 15:586) Soomni duukaa bu'ootaa sooma duukaa bu'oonni Afuura Qulqulluu erga fudhatanii booda addunyaa hundarra naanna'anii wangeela barsiisuun dura soomanidha. Soomni fayyinaa immoo akkuma moggaasni isaa ibsu 'sooma fayyinaa' jechuu yoo ta'u, kunis soomawwan kakuu moofaa sooma Asterii fi sooma Yoodit kan bakka bu'u sooma kakuu haaraati. Kakuu moofaa keessatti sababa Haamaatiin duuti Israa'el irratti labsamee ture sooma Asteeriin akkuma hafe, kakuu haaraattis marii guyyaa Roobii gooftaa keenyarratti raawwateen xaxaan seexanaa waan kufeef bakka sooma Asteer guyyaa Roobii ni soomna. Kakuu moofaatti sababa sooma Yooditiin Holoohornis akkuma moo'ame, kakuu haaraatti immoo aarsaa qorichi keenya guyyaa Jimaataa fannoo irratti kanfaleen Diyaabiloos waan moo'ameef bakka sooma Yooditii guyyaa Jimaataa ni soomna. Guyyaan Roobii guyyaa itti mariin du'aa gooftaa keenyarratti taasifame, guyyaan Jimaataas guyyaa gooftaan keenya itti fannifame waan ta'eef, aarsaa fannoorratti nuuf kanfalame yeroo hunfa yaadachuun waan nurraa eegamuuf yeroo hunda akka soomnu qulqulluu Sinoodoosiin sirni nuuf hojjetameera. Soomni guyyaawwan lamaan kanaa [Roobii fi Jimaata] sooma fayyinaa jedhama. Walumaagalatti soomni duukaa bu'ootaa fi soomni fayyinaa akkuma sooma Nanawee fi sooma guddaa lakkoofsa guyyaa ayyaanotaa fi soomawwanii eeguuun kan dhufan fi soomawwan torban keessatti kan ramadamanidha. Xumurri sooma duukaa bu'ootaa guyyaa yaadannoo boqonnaa Qulqulluu Phaawuloos fi Qulqulluu Pheexiroos [Adoolessa 5] yoo ta'u, soomni fayyinaa garuu waqtii du'aa ka'umsaa irraa kan hafe waggaa guutuu kan soomamu waan ta'ee xumurri isaa ayyaana du'aa ka'umsaati. Bara kana soomi duukaa bu'ootaa waxabajjii 6; soomni fayyinaa immoo waxabajjii 8 ni jalqaba. Kana ta'uusaatiin kan fayyadamnu gocha gaarii matuma keenyaan, kan ceepha'amnus gocha badaa matuma keenyaan ta'uu isaa hubannee kun kan Lubootaati, kan monoksootaati sababa jedhu osoo hin uumiin hundumti keenya tokkummaadhaan yoo soomne qabeenyaabfi kennaan Waaqayyo irraa argannu nuuf baay'ataatii mataa keenya soomaaf of haa qopheessinu. Galanni Waaqayyoof haa ta'u Madda: Waldaa qulqulloota irraa ✍ Dn Gadisa k Buufata Nohi irraa
Показати все...
✍ Baaheraan kun hundumttuu gargaarsa Ergamaa Mikaa'eliin akka tahe Mul'ataan argee hubatee Luba tahee Maqaa Q/Mikaa'eeliin Mana Qulqullummaa guddaa ijaarsise. ✍ Egaa walumaa galatti Waxabajjii 12 Guyyaa Xalayyaa Du'aa Isaatii jireenyaatti jijjiiramef Jedhamee beekama. 2) Guyyaa Yaadannoo Qulqulleettii #Afoomiyaati !!! ✍ Guyyaa itti Hangafi Ergamootaa Qulqulluu Mikaa'eliin Qulqulleettii Afoomiyaa Harka Diinarkaa oolchedha.!!! 3) Guyyaa Yaadannoo Qulqulluu #Laallibelaa ti Qulqulluun Lallibelaan Abbaan isaa Jaan Siyyum Haati isaa immoo kiriwarnaa jedhamu.kan dhalate immoo mudde 29 dha.yeroo dhalatutti kannisaan waan marfameef Haati isaa 《 Laalli Yibalaal 》jette.Afaan Agawuun Laal jechuun kannisa ,Yibalaa jechuun immoo Kanniisa irra qubatee hin nyaanne jechuudha.Asirraa kahee Laallibelaa jedhame. 👉 Hojii Dinqiisiisoofi Ajaa'ibsiisoo Ogummaa Waaqayyoo isaaf kennetiin Mootii kun hojjete kessaa Muraasa Kanneen armaan gadiiti :- ✍ Mootiin Laallibelaa akkuma waaqayyo samii kessatti itti agarsiiseefi akka Iyyerusaalemiin daawatee dhufeetti MagaalaaRohaatti Mana Kiristiyaanaa 11 Dhagaa Kattaa irraa Bocee ijaare. Isaaniis:- ☆ Beete Amanu'eel ☆ Beete Medanalem ☆ Beete Maariyaam ☆ Beete Mikaa'eel ☆ Beete Gebri'el ☆ Beete Mesqel ☆ Beete Goligootaa ☆ Beete Giyoorgis ☆ Beete Morqooriyoos ☆ Beete Libaanos ☆ Beete Dinaagiliidha 👉 Bataskaanota Kanaas yemmuu ijaaru gargaarsa ergamootaan Hojii Mana Mootummaa fi hojii kana haalan walsimsiisee bara qaroomni hin jirre keessa ogummaa waaqayyoo isaaf kennen ijaare. ✍ Manni qulqullummaan kun hundi isaanii hanga harŕatti jiru Addunyaa Maraa irraa dhufanii daawwachuudhaan Galii guddaa biyya keenyaaf argamsiisaa jiru !!! ✍ Galmee Dinqisiisoo Garaa garaa akka Addunyatti #Yuneeskoo irratti galmahee jira. ✍ Egaa walumaa galatti Mootichi Laallibelaan Mana Kiristiyaanaa kana Malee kan biroos Dhagaa kattaa irraa qirixee bataskaanota 23 ijaareera .Fknf Adaadii Maariyaamii ✍ dhuma irratti Duumessan waaqayyo itti Muldhatee waadaa seeneraaf :- Waadaan Kunis Kabajan kee akka warra wangeela barreessanii naannahanii laallabanii akka Pheexiroosii fi Phaawuloos kan wal gitu sifan taasisa.waadaa kee kanatti kan amanu lubbuu isaa nan Fayyisa iddoo Yaadannoo keetii kana kan dhufe dhungate kan itti awwaalame iddoo awwaalcha koo golgotaatti akka waan awwaalamee nan taasisa Jedhee waadaa seenee. ✍ Bara Mootummaa Laallibelaa ilaalchisee Mudde 29 bara 1120 dhalate bara 1160 Mootii tahee waggaa 40f bulchee Waxabajjii 12 bara 1207 Boqote Egumsi Ergamaa Guddichi Hangafa Ergamootaa Qulqulluu Mikaa'eelii hunda keenya waliin haa tahu Eebbaafi kadhaannan ,Egumsifi Surrraan Ergamaa Qulqulluu Mikaa'eelii nu faana ha tahu !!! Waaqayyo Ayyaana kana kan Ebbaa fi kan itti Eebbifamnu nuhaa Taasisu !!! 🙏Galanni Waaqayyoof ,Deessuu Haadha waaqayyoof,Ergamoota waaqayyoof ,qulqulloota waaqayyoof Toloota waaqayyoof , Wareegamttoota waaqayyoof haa tahu. Madda : Kitaaba Abbaa Gammachiis (B/sa Hordofaa Dhinaa ) ✍ Deacon Gadisa Kasahun Waxabajjii 12/10/2013 👉 Toora armaan gadiitiin na Hordofaa dandeessu Telegram:@xoofooqulqulluuisxifaanos YouTube:Isxifanos Tube Page : Deacon Gadisa Kasahun page Ayyaana Gaarii !!!
Показати все...
Оберіть інший тариф

На вашому тарифі доступна аналітика тільки для 5 каналів. Щоб отримати більше — оберіть інший тариф.