ABDII SABAA
Відкрити в Telegram
@yaadaafqeeqabot SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
Показати більше2 452
Підписники
Немає даних24 години
-37 днів
+230 днів
Архів дописів
2 452
+4
Agarsiisa Diroonii Irreecha bara 2018 sababeeffachuun dhiyaate.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
2 452
+2
Hirmaattonni ayyaana Irreechaa Hora Finfinnee baranaa jala bultiitti simboo horaa kan jiran yoo ta'u biyyoota garaagaraa irraa dhufuun magaalaa finfinnee keessatti argamu.
Namoonni irreeffachuu dhufan faaya aadaa Oromoo garaagaraan kuulamanii qe'ee bareechaas jiru.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
2 452
Itiyoophiyaan ramaddii sirna to'annoo fayyaa addunyaa kan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa baaseen "Sadarkaa 3" irra gahuun himame.
Itiyoophiyaan ramaddii sirna to'annoo fayyaa addunyaa kan Dhaabbata Fayyaa Addunyaatiin baaseen "sadarkaa 3" ykn level -3" irra gahuu ishee Daarektarri Ol'aanaa Dhaabbatichaa Dooktar Teediroos Adihaanoom beekisaniiru.
"Sadarkaa 3ffaa" irraa gahuun kuni kan argasiisu biyyi tokko caasaa sirna fayyaa tasgabbaa'aa fi bilchinaan hojjachuuf akka qabdu kan agarsiisu yoo ta'u, Daarektarri Ol'aanaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Doktar Teediroos Adihaanoom, Itiyoophiyaan sadarkaa 3ffaa irra akka geesseef fuula tiwiitarii/X isaa irratti ibsuun carraa kanaanis Itiyoophiyaadhaan baga gammaddan jedhaniru.
Itti dabaluunis Itiyoophiyaan biyyota kanneen akka Masrii, Gaanaa, Naayijeeriyaa, Afrikaa Kibbaa, Taanzaaniyaa, Zimbaabuwee, Senegaal fi Ruwaandaa wajjin toora tokkotti akka makamtee ibsaniiru.
Dabalataan sadarkaa kana irraa gahuun guddinni Afrikaan qorichaa fi oomishaalee yaalaa qorichaa kan nageennaafi qulqullina ol'aanaa qaban omishuutti gara fooyyessuutti dhihaataa kan jirtu ta’uu kan agarsiisu akka ta’es hubachiisaniiru.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
https://t.me/ABDII_SAABA
2 452
Bara barreeffama hedduun kompiitaraan ta'e harkaan barreessuun ammallee dirqamaa? Tole wanti harkaan barreeffamu sunoo hagas mara dhimma ijoo ta'uu qabaa?
Eyyeen, Manni murtii Hindii namni barreesu hakiima taanaan wanti barreeeffamu dhimma ijoodha ta'a jedha.
Hinditti barreeffamni harkaa Hakiimotaa tarii kan ogeeyyiin Faarmsii qofti hubachuu danda'anii mata duree qoosaa ta'aa ture. Addunyaa bakka hedduutti dhimmi kun ni ka'a.
Haata'u malee Manneen murtii Hindii Punjaabiifi Haryaanaa keessa argaman barreeffama harkaa qajeelaa ta'een ajaja qorichaafi waldhaansi kaanii katabuun ''mirga bu'uuraati'' jedhaniiru.
Barreeffamni Hakiimaa kun du'aaf jireenya gidduutti garaagartummaa uuma ilaalacha jedhurraa madda.
Murtee kanaaf wanti sababa ta'e barreeffamni hakiima kallattiin rakkoo uumeen miti.
Dubartiin Hindii tokko hanna, dirqiin gudeeduuufi yakka forjidii irratti raawwate himachuuf mana murtii deemti.
Nami himatamu hunduu fedhaan raawwatamee jedhee ofirraa faccisa. Dhimmichi gara seeraa kan dhufa sababa dhibdee maallaqarratti uumameenii jedha.
Abbaa murtiif ragaa meedikaalaa hakiima biyyattiin barreefame ni dhiyaataaf. Haakimichi dubartii yakka gudeedii himatte qorateera. Abbaan murtii garuu ragaa hakiimni barreesse hubachuu dadhabe.
Abbaan murtii Jasgurpreet Singh Puri ''barreeffama sanirraa jechi ykn qubeen tokkollee kan hubatamne ta'uun mana murtii riufaasise jechuun ajaja barreesserra kaahe.
Hanga sanitti hakjiimni hundi barreeffama harkaa dubbisuu danda'amuun akka barreessan ajajan.
Pirezidantiin Waldaa hogeeyyii meedikaalaa Hindii kan miseensota 330,000 of jalaa qabuu kan ta'an Dr Dilip Bhanushali yaada BBCf kennaniin rakkoo kanaaf furmaata soquuf fedha qabaachuu ibsan.
Magaalota keessatti hakiimotni ajaja barreessuuf mala dijitaalaa fayyadamaa jiraachuufi magaalale xixiqqaafi gara baadiyyaa keessa garuu ajaja hakiimaa dubbifamu argachuun rakkisaa ta'uu dubbatan.
Ammoo hakiimni guyyaatti dhukkubsattoota torba ilaalu kana bareechee gochuu danda'us hakiima guyyaatti namoota 70 ilaaluuf akka cimu dubbataniiru.
https://t.me/ABDII_SAABA
2 452
#Oduu_Gammachiisaa!
----------------------
Barattoota Qabxii Qormaataa Avreejii 49.50% hanga 49.99% Galmeessisan Hundaaf
-----------------------
BBO- Fulbaana 20/2018 Barattoota Bara 2017 Qormaata Biyyoolessaa Kutaa 12ffaa fudhachuun Qabxiin Qormaataa keessan avreejin 49.50% hanga 49.99% galmeessisan hunduu qabxiin keessan avreejiin isaa gara 50% tti kan ol siqe waan ta'eef Yunivarsiitii barachuuf dabartaniirtu!
Kanaafuu, Qabxii Yunivarsiitii isin galchu galmeessistanii jirtu.
#Baga_Gammaddan!
Toora miidiyaa koo sirrin kan #qofa
👇🏾👇🏾👇🏾👇🏾👇🏾👇🏾👇🏾👇🏾👇🏾👇🏾👇🏾
Telegram | Facebook | TikTok | page
Keessan na argachuuf @WABIISG
Galatoomaa
Sanyii Guddataa
2 452
Repost from Sanyii Guddataa
#Oduu_Gammachiisaa!
----------------------
Barattoota Qabxii Qormaataa Avreejii 49.50% hanga 49.99% Galmeessisan Hundaaf
-----------------------
BBO- Fulbaana 20/2018 Barattoota Bara 2017 Qormaata Biyyoolessaa Kutaa 12ffaa fudhachuun Qabxiin Qormaataa keessan avreejin 49.50% hanga 49.99% galmeessisan hunduu qabxiin keessan avreejiin isaa gara 50% tti kan ol siqe waan ta'eef Yunivarsiitii barachuuf dabartaniirtu!
Kanaafuu, Qabxii Yunivarsiitii isin galchu galmeessistanii jirtu.
#Baga_Gammaddan!
Toora miidiyaa koo sirrin kan #qofa
👇🏾👇🏾👇🏾👇🏾👇🏾👇🏾👇🏾👇🏾👇🏾👇🏾👇🏾
Telegram | Facebook | TikTok | page
Keessan na argachuuf @WABIISG
Galatoomaa
Sanyii Guddataa
2 452
"Maanchister Yunaayitid haga taphoota 5 walitti aansee moo'atutti rifeensa koo hin muradhu"-Deeggaraa
Deegaraan Kilabii Maanchister Yunaayitid tokko Maanchister haga taphoota 5 walitti aansee moo'atutti rifeensa mataa(Dabbasaa) koo hin sirreeffadhu jechuun guyyoota 358 gahuun isaa ibsameera.
Deeggaraan waggaa tokko dura guyyoota lakka'uu kan jalqabe yoo ta'u, Maanchister Yunaayitid yoo taphatu hundaa guyyaa meeqa irra akka gahe ibsaa tureera.
Rifeensa mataa isaa haga Maanchister tapha 5 walirra aansee moo'atutti hin muradhu erga jedhee waggaa 1 guutuuf guyyaa muraasni qofti hafeera.
Kilabni Maanchister Yunaayitid bara kana taphattoota hedduu gara kilabichaa fidus taphoota hedduu moo'atamuun haala rakkisaa keessa jira.
Taphoota piremerliigii jaha haga ammaatti taphateenis, taphoota lama moo'atee, tokko qixa bahuun qabxii 7'n sadarkaa 14ffaa irratti argama.
Deeggaraan kilaba kanas rifeensa mataa hin ciradhu jechuu isaatiin miidiyaa hawaasa irratti hordooftoota hedduu argachuu danda'eera.
https://t.me/ABDII_SAABA
2 452
Qormaata Seensa Digirii Lammaffaa (NGAT) bara 2018 yeroon galmee ifoome.
Galmeen Qormaata Galmee Digirii Lammaffaa (NGAT) iyyattoota sagantaa digirii lammaffaa bara barnootaa 2018 barachuuf fedhii qabaniif Fulbaana 20 - 25/2018 akka gaggeeffamu beeksise.
Iyyattoonni ulaagaalee unka galmee irratti tarreeffaman guutuu fi karaa https://ngat.ethernet.edu.et galmaa’uu ni danda’u.
Guyyaan qormaataa booda akka ifoomu ibsameera.
Iyyattoonni gaaffii galmee waliin walqabatu kamiyyuu sa’aatii hojii idileetti 0920157474 ykn 0911335683 ykn karaa teessoo imeelii ngat@ethernet.edu.et qunnamuu ni danda’u.
Ministeerri Barnootaa iyyattoonni hundi waraqaa eenyummaa Dijiitaalaa Biyyaalessaa akka qabaatan yaadachiiseera.
Kaffaltiin galmee fi tajaajilaa birrii 750 karaa TeleBirr qofa kaffalamuu akka qabu hubachiiseera.
©MoE
https://t.me/ABDII_SAABA
2 452
+5
Ayyaanni Daamaraa Masqalaa sagantaalee gararaan guutuu biyyattiitti haala hoo'aa ta'een kabajamaa jira.
sagantaalee garaagaraan kabajamaa kan jiru Ayyaanni Kun bifa hedduu haawwataa fi namatti toluun Itti fufee Jira.
Sagantaa Daamaraan dhaabbachuu fi hidhamuun kadhannaa, faaruwwanii fi lallabawwan adda addaan kabajamaa jira.
Dureewwan amantaalee, hordoftoonni, barsiisonnii fi kutaaleen hawaasaa garaagaraa daawwattoonni biyya alaa fi biyya keessaa bakka argamanitti akkaataa duudhaa amantichaa eegeen kabajamuurratti argama
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
2 452
uggurri imalaa Beeniyaamiin Netaaniyaahuu irra kaa'ame.
Biyyi baha Awurooppaa Isloveeniyaan Ministiirri Muummee Israa'el Beeniyaamiin Netaaniyaahuu biyyashi akka hin seenne uggura imalaa irra keesse.
Sababni isaas waraana Israa'el Gaazatti gaggeessituun wal-qabatee ta'uu maddi oduu Rooyitars gabaaseera.
Isloveeniyaan Waxabajjii darbe qondaalota olaanoo mootummaa Israa'el leellistoota ta'an lama irra uggura imalaa kaa'uunshii nii yaadatama.
Bara darbe ammoo Filisxeemiis beekamtii biyyummaa kennuu beeksifteetti.
Barreessaa Ministeera Dhimma Alaa Islooveeniyaa Neevaa Giraasiik akka beeksisanitti, ugguri Netaniyaahuu irra kaa'ame akkaatuma seera idiladdunyaa jiddu galeessa godhateeni.
Biyyi miseensa Gamtaa Awurooppaa taate Islooveeniyaan Hagayya darbe qoqqobbii dhiyeessii meeshaa waraanaa Israa'el irra keessee turte. Akkasumas omishaalee Israa'el omishte akka hin binnes beekysifte.
Mootummaan Islovaaniyaa Netaaniyaahuu irra uggura kan kaa'eef yakka waraanaa raawwachuusaa Mana Murtii Haqaa Idiladdunyaatti himatamuurraa kan ka'e ta'uu ibsan qondaalli Isloveeniyaa kun.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
https://t.me/ABDII_SAABA
2 452
Ministirri Muummee Dr Abiy Ahimad walta'iinsa Raashiyaa waliin imala gabbisa Niiwukilaraa ishee eegalteettis jedhan.
MM Dr Abiy Ahimad "Itoophiyaan imala ishee qabatamaan eegaltee jirtii jedhan.
"Biyya keenya Itoophiyaadhaaf Ejensii Inarjii Atoomikii Idil-addunyaatiin deeggarsi guddaan nuu taasifamaa jira"jedhan.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
2 452
ODUU SPOORTII:Taphataan Arsenaal duraanii guyyaa har'aa lubbuun isaa darbe.
Taphataan Kun sababa miidhama sammuu isaarra gaheen lubbuun isaa darbuun ibsame.
Akkaadaamii Arsenaal keessatti kan guddate Biilii Viigaar, tapharra otoo jiruu miidhama sammuu isaarra gaheen boqotee Jira.
Taphataa Chiichistar kan ta'e Biilii Viigaar, tapha Sanbata darbee irratti sababa miidhama cimaan sammuu isaarra gaheen of wallaaluudhaan Hospitaala erga seenee booda, otoo waldhaansarra jiruu har'a lubbuun isaa darbuudha kan himame.
Umuriisaa waggaa 14tti Akkaadaamii Arsenaalitti kan makame Biilii Viigaar, bara 2022tti Kilabii Kaaba Landan wajjin erga gargar bahee booda Chiichistariif taphachaa tureera.
Taphataan kun miidhama isarra gahe kanaan umuriisaa waggaa 21tti lubbuun isaa dabarteetti.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
2 452
ODUU:Itiyoo teeleekoom tarkaanfii fudhachuuf Akka jiru hime.
Itiyoo teeleekoom maamiltootaa Teelee birr irraa liqii fudhachuun hanga hammaa hin deebisne irratti tarkaanfii seeraa fudhachuuf Akka jiru beeksise.
Itiyoo teeleekoom maamiltoonnii Teelee birr irraa liqii fudhatan hanga torbee Itti anuu kanaattii Akka kaffaluu qaban beeksisuun hin taane taanaan seeraan himata Akka Banu himeera.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
2 452
chaayinaan hobomboleettii haamaadhaan rukkutamaa jiraachuunshee ibsame.
Yeroo hammaa kana Hobomboleettii hamaa Raggaasaa jedhamu Chaayinaa, Taayiwaanii fi Hong Koong rukutaa jiraa jedhame.
Kanuma hordofee Chaayinaa bulchiinsa Guwaangdong keessaa qofa namoonni gara miiliyoona lamaa baafamaniirus jedhame.
Hobomboleettii rooba cimaa makate kun Filiippiinsi erga rukutee gara Kibba Chaayinaattis darbee Miidhaa guddaa geessisuu qondaalonni Chaayinaa himaniiru.
Filiippiinsitti,Magaalota kaaba Filiippinsi lolaadhaan yeroo fudhataman lubbuun nama tokkoo darbeeras jedhame
Taayiwaanitti ammoo, Rooba cimaan sababa hobomboleettii Raggaasaa jedhamu kanaan roobe haroon guutuun akka magaala keessa dhangala'an taasise. Namoota 14 galaafachuun namoonni 120 achi buuteen isaanii dhabameera.
Haroon kun sigiga lafaa sababa hobomboleettii ji'a Waxabajii keessa ture ''Taayifuun Wiippaa'' jedhamuun uumame.
Hong Koongitti,Manneen barnootaa fi buufanni qilleensaa idil-addunyaa sodaa bubbee fi rooba kanaan cufamaniiru.
Chaayinaa;Kutaa bulchiinsa Guwaangdong keessaa qofa namoonni gara miliyoona lamaa mana isanaiitii baafamanii bakka biraatti geeffamaniiru.
Magaalonni Kibba Chaayinaa akka Zhuhaayii, Sheenzheen fi Guwaangizhuu galaanni itti garagaluun miidhaa guddaa keessa jirus jedhame
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 https://t.me/ABDII_SAABA
2 452
hooggantoonni biyyoota sadeenii mana murtii Idil-adduunyaa irrattii ibsa waliin baasan.
" Hooggantoota Maalii, Burkiinaa Faasoofi Nayijeeriyan "Manni Murtii Idil-Addunyaa Meeshaa Hacuuccaa Koloneeffattoota Si'anaati Waanta'eef Beekamtii Dhoorganneerra jedhan.
Biyyoonni kunneen manni murtii idil-addnyaa (ICC), meeshaa koloneeffattoonni si'anaa ittiin hooggantoota biyyoota kaanii hacuucaniin waan ta'eef, beekamtii hin kenninuuf jechuun waliin ibsa baasan.
Hooggantoonni biyyootaa Maalii, Burkiinaa Faasoofi Niijer,
Angoo mana muurtii dhaabbata biyyoota gamtoomaniitin deeggaramuu hin fudhannus jedhan.
Akka hooggantoonni sadiin kunneen jedhanitti manni murtii addunyaalessi, humna tokkollee hinqabu; yakka waraanaa, duguuggaa sanyiifi yakka ilmaan namaatirratti raawwatamu kamiiniyyuu nama itti gaafachiise hinqabu.
Hooggantoonni sadiin ibsa baasaniin "mana murtii aadaa keenya beeku tolfannas" jedhaniiru.
Haa ta'u malee Manni murtii idil-addunyaa ibsa jara sadiinii irratti deebii kenne hinqabu.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
https://t.me/ABDII_SAABA
2 452
ODUU:
Ayyaanni Irreechaa bara kanaa Fulbaana 24 fi 25 Akka kabajamu ibsame.
Ayyaanni Irreechaa Hora Finfinnee Fulbaana 24 fi Harsadeen ammoo Fulbaana 25 bara 2018 akka kabajamu abbootiin Gadaa ibsaniiru.
Gumiin Abbootii Gadaa haala kabaja Ayyaana Irreechaa bara 2018 ilaalchisuun ibsa kenneen, Ayyaanni Irreechaa Hora Finfinnee Fulbaana 24 akkasumas Ayyaanni Irreessaa Hora Harsadee ammoo Fulbaana 25, 2018 kan kabajamu ta'uu murteessaniiru.
Ayyaanni Irreechaa ayyaana galateeffannaafi araaraa ta'uus eeran.
Ayyaanni kun karaa duudhaa isaa eeggateen akka kabajamuu qaamoleen hundu gahee irraa eegamu akka bahatan abbootiin Gadaa waamicha dhiyeessaniiru.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
https://t.me/ABDII_SAABA
2 452
ODUU:
Akka gabaasni Dhaabbata gargaarsa Daa’immanii Mootummoota Gamtoomanii (UNICEF) ibsutti, akka biyyaatti daa’imman miiliyoona sagal ol sababa walitti bu’iinsaa, buqqa’iinsaa fi balaa uumamaatiin barnoota ala ta’aniiru.
Lakkoofsi barattoota qormaata biyyaalessaa darban fooyya’iinsa agarsiisus, lakkoofsi barattoota qormaata kana fudhatan garmalee gadi bu’aa jirachuun heerame.
Bara 2017tti lakkoofsi barattoota qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa fudhatan 581,905 yoo ta’u, kana keessaa 48,929 (dhibbeentaa 8.4) qofatu darbe.
Lakkoofsi kun waggoota darbanii wajjin wal bira qabamee yoo ilaalamu baay’ee gadi aanaadha.
Fakkeenyaaf bara 2014 barattoonni 896,520 qormaata fudhataniiru. Lakkoofsi barattoota qormaata fudhatanii hir’achuun barattoota kutaa 12ffaa qofa irratti kan daangeffame miti.
Gabaasni kun Manneen barnootaa kuma 6 ol cufamuu fi manneen barnootaa kuma 10 ol miidhamuu ykn guutummaatti barbadaa’uu himaniiru.
Kana malees naannoon daa’imman baay’inaan barnootaan ala ta’an naannoo Amaaraa yoo ta’u, daa’imman miiliyoona 4.4 ni ta’u.
Oromiyaa keessatti barattoonni miliyoona 3.2, Tigraayitti ammoo miliyoona 1.2 ta’an daree barnoota irraa fagaachuu beeysisee ture.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
https://t.me/ABDII_SAABA
2 452
Manni murtii Zaambiyaa namoota lama pirezidaantii biyyattii Hakaayindee Hichileemaa ajjeesuuf itti mooran hidhaa waggaa lamaan adabe.
Lammiin Zaambiyaa Li'oonaardi Piirii fi lammiin Moozaambik Jaasten Mabuleesee Kanduundee jedhaman pirezidaantichatti mooruuf osoo jedhanii ji'a Muddee darbe to'annoo jala oolan.
Namoonni lameenuu waan ittiin mooran [tolcha] fi gaararraa lubbuu qabdu waliin to'annoo jala oolfaman.
Manni murtii biyyichaa labsii gochaa tolchaa [mooraa] kana jalatti namoota lamaan himatee yakkamaadha jedhe.
''Akka ilaalchakootti namoonni himataman lameenuu diina pirezidaantichaa qofa osoo hin taane diina uummata Zaambiyaa hundaati'' jedhe ogeessi seeraa murtoo kana dabarse Faayin Mayaambuu.
Moora ykn tolchaan pirezidaantii ajjeesuuf yaaluudhaan namni kana dura Zaambiyaa keessatti himatamee beeku waan hin jirreef erga himanni kun banamee uummanni biyyattii haalaan hordofaa ture.
"Moora waliin qabaman sana kan isaanii tahuu lameenuu amananiiru. ''Piiriin ammoo eegeen gaararraa xiqqoo uratee moora [falfala] keessatti fayyadaman akka namni sun guyyoota shan keessatti du'u gochuu akka danda'u himeera,'' jedhan ogeessi seeraa Mayaambuun.
Abukaatoon namoota lameenii Agiriiphaa Malandoo ammoo himatamtoonni kunneen yeroo jalqabaaf yakkaan waan himatamaniif araarri akka godhamuuf gaafateera.
Adabbii maallaqaan akka adabamanii gadhiifaman gaafatus manni murtii yaadicha hin fudhanne.
Ogeessi seeraa Mayaambuun akka jedhanitti akkuma biyyoota Afrikaa kaanii uummanni Zaambiyaas moora ykn falfala kanatti amanan jiru.
Kun saayinsiin mirkanaa'uu baatus humna qaba jedhanii amanu.
''Gaaffiin jiru namoonni himataman dhuguma humna olaanaa waan barbaadan gochuu danda'u sana qabuu kan jedhu miti. Isaan akka humna sana qabanitti of ilaaluuu, isa irratti ammoo ragaa kana gochuu danda'u qabuu kan jedhudha'' jedhan.
Hidhaa waggaa lamaa gochaa mooraa isaaniin irratti darbeen dabalata waan mooraaf isaan gargaaru qabatanii argamuu isaaniif ammoo hidhaa dabalataa ji'a jahaan kan adabaman tahuu himameera.
Haa tahu malee, ilaalcha keessa galfamuun guyyaa to'annoo jala oolfaman Mudde 2024 irraa eegalee kan lakkaa'amuuf hidhaa waggaa lamaa akka xumuranii bahan mirtaa'eera.
Pirezidaantiin Zaambiyaa Hichileemaan gochaa mooraa ykn falfala kanatti akka hin amanne himeera. Himata kana ilaalchisee garuu yaada kenne hin qabu.
Ogeessi seeraa Diiksan Jeeree seerri dhimma falfalaa ilaalu kan darbe bara kolonii keessa 1914 tahuu hime.
Nmani seera kanaan himatame baay'ee tahuu baatus jaartolii gocha akkasiin himatamuun uummanni bahee tarkaanfii irratti fudhatuuf dahoo seeraa kennuuf jecha akka hojiirra oolee jiru hime.
Zaambiyaa keessatti dhimmi falfalaa kun waan haaraa miti. Maatiin pirezidaantii duraanii Edgaar Lunguu fi mootummaan erga inni du'ee haala sirna awwaalcha isaa irratti wal dhabaniiru.
Maatiin Lungu bakka dhaloota isaatti awwalamuu qaba jedhanii amanu. Mootummaan maatiin kan kana gaafatuuf ''moora'' wayiif taha jedhee amana.
Pirezidaanti Luunguun Afrikaa Kibbaatti erga boqatee mootummaa fi maatiin bakka awwaalcha isaa irratti waan walii hin galleef ammayyuu reeffi isaa kutaa reeffaa keessa jira
https://t.me/ABDII_SAABA
2 452
Itoophiyaan hidha Abbayyaan ala ulaa galaanatti ishee baasu gaafataa jirti.
Biyyoota kana dura aantummaan morman keessaa tokko biyya ollaa Itoophiyaa hin taane, Masrii akka taate ni yaadatama.
Itoophiyaan dhiibbaa Masrii irra aanuuf ''Nageenya keessooshee cimsuu... wal waraansa xixiqqaafi guguddaa biyya keessa jiru qabbaneessuu,'' akka barbaachisu Dr Buzunaan gorsu.
Masriifi Itoophiyaa maaltu waliigaltee dhorke?
Hidhi kun Laga Abayyaarratti hojjetame. Lagni Abbayyaa ammoo laga guddicha Afrikaa yoo ta'u, dheerinaan ammoo addunyaarratti tokkoffaadha.
Ammas addunyaan Laga Abbayyaa 'The Nile River' jechuun waamu.
Lagni Abbayyaa Itoophiyaa keessaa ka'ee Sudaaniifi Masirii keessa darbee galaana Mediteraaniyaan qaqqaba.
Bishaan Laga Abbayyaa %85 kan gumaachitu Itoophiyaadha.
Ta'us, ummata miliyoona 107 kan qabdu Masriin bishaan ishee barbaachisuu hundaaf Laga Abbayyaa kanarratti akka hirkattu dubbatti.
Bishaan kana mana keessaafi qonnaaf, keessumaa ammoo kan bishaan hedduu gaafatu jirbii omishuuf akka ishee barbaachisu himti.
Bishaan Abbayyaa kun Haroo Naasir jedhamu kan humna ibsaa bishaanirraa maddu Hidha Guddaa Aswaan maddisiisuuf gargaaru guutachuudhaaf gargaara.
Ummata miliyoona 48 kan qabdu Sudaanis bishaan ishee barbaachisuuf guddaa bishaanLaga Abbayyaa kanarratti hirkatti.
Erga bara 2011 ijaarsi isaa jalqabeetii Hidhaan Laga Abbayyaa kun madda waldhibdee biyyoota sadaniiti.
Waligalteen bara 1929 (waliigaltee kan bara 1959 waliin) Masiriifi Sudaaniif bishaan Laga Abbayyaa hundatti akka fayyadaman mirga kennaaf.
Masriin waliigaltee durii kun pirojektoota kamiyyu biyyoota yaa'a gara oliitti (akka Itoophiyaatti) gaggeeffaman mormuuf itti dhimma baati.
Itoophiyaan ammoo waliigalteewwan dulloomaa kanaan ta'uu hin qabu jechuun Hidha kana ijaaruun xumurte.
https://t.me/ABDII_SAABA
2 452
Ambaasaaddar Iwunatuun ''Kan biraa lagni kuni yeroo guutamu yeroo operate [hojii eegalu] godhu akkaataa oppireeshinii isaarratti waliigaltee Itoophiyaa waliin akka godhamu dhiibbaa gochuu dandeessi.
''Ammallee itti fufti. Karaa dippilomaasii itti fuftee jirti,'' jechuun BBC'tti himan.
''Hidhaan laga Abbayyaa kuni qabeenya dhuunfaa Itoophiyaati. Oppireeshinii isaa manage [to'achuu] gochuu jechuun mirga walabummaakee dabarsite kennuu jechuudha.
''Maal jechuudha kuni? Kuni gonkumaa ta'uu hin danda'u. Hidha Masrii qabdu isa kam keessattidha biyyoonni alaa hiree qabaatanii hamma har'aatti.
''Gonkumaa ta'u waaan hin dandeenyedha. …Gonkumaa mariif waan dhihaachuu qabu miti,'' jedhu.
Xiinxalaa siyaasaa Gaanfa Afrikaa kan ta'an Rashiid Abdiimmoo Itoophiyaan hidha kana xumuruun waliigalteen bara kolonii hiika dhabe jechuuudha jedhu.
'Tarkaanfii gosa hundaa' fudhachuu
Masriin waggoota dheeraaf Itoophiyaa akeekkachiisaa baate. Ejjennoo ishee tibbanaanis, kana akeekteetti.
Donaald Tiraamp kana dura Masriin hidha Abbayyaa ''rukutti'' jedhanii turan
White House via @realDonaldTrump
Tarkaanfiin kuni maal akka ta'e ifa ta'udhaas baatu kanneen waraanatti fudhatan jiru.
Bara 2020 Pirezidant Tiraamp illee Masriin hidha kana ''rukutuuf'' jirti jechuun dubbataniis turan.
Dhimma kanarratti hayyuun Itoophiyaafi Masrii yaada walitti dhihaatu qabu.
Ogeessi seeraa UN keessa waggoota 38 ol taajaajilan Obbo Baayisaa Waaqwayyaa Masriin kana booda inumaa Itoophiyaaa bira dhaabbachuu qabdi jedhu.
Hidhi kun tuqamnaan ummata Sudaanii fi Masrii galaana medetiraaniyaaniitti naquu waan danda'uuf eegumsa isaa irratti Itoophiyaa tumsuu qabu amnataa jedhu qabu.
Yunivarsitii Kaayirootti ji'olojistii kan ta'an Pirof. Abbaas Shaaraakii immoo Itoophiyaan yeroo Masriin ''haala baay'ee hamaa'' keessa turte hidha kana eegaluu himu.
Yeroos ''Pirezidantii hin qabnu, waraanni keenyas ko'oomee ture'' ta'us, walitti bu'iinsatti adeemuu hin qabu jedhu.
''Isaan [Itoophiyaa] obbolaa keenya. Bishaan tokkorraa dhugna. Abbayyi isaan biraa dhufa,'' jechuun Masriin mariin akka furtu himu.
Piroofeesarrii Masrii inumaa Itoophiyaan hidha kana akka ''meeshaa waraanaatti'' itti dhimma bahuu malti jedhu.
''Itoophiyaafi Sudaan gidduu muddamni ykn walitti bu'iinsi jiraate, meeshaa waraanaa yookiin xiyyaara malee Itoophiyaan Sudaaniin hidha [bishaanii] isheen balleessuu dandeessi.''
Itoophiyaafi Masriin seenaa keessatti si'a lama waraana seenaniiru. Biyyoonni lamaan olla ta'u baatanis, bara 1870 keessa Masriin karaa sadii Itoophiyaa weerartee turte.
Karaa lamaan ofirraa qolatanis, gama Bahaan garuu Haraariin waggoota kudhaniif akka bulchan seenaan ni ibsa.
Obbo Waaqoyyaanis ''Amma Masiriitti barfateera. [It's too late and too little]'' jechuun Masiriin homaa gochuu hin dandeessu jedhan.
Dr Bizuunaan ''Biyyoonni adda addaallee laga Abbayyaarratti hojii misoomaa hojjechuu yoo barbaadan akka isaan dhimma kana ariifachiiisan ni taasisa jettee hedduu yaadda'uu [Masrii] dandeessi,'' jedhu.
Xiinxaltoonni akka jedhanitti, Itoophiyaan bishaan gara Abbayyaatti yaa'an irratti pirojektiiwwan biroo akka hin ijaarre Masriin gaafachuu itti fufuu malti.
Gama kaaniin, aangawoonni Itoophiyaa waggootaaf Masriin biyya jeequu, hidhattoota mootummaa lolan hundeessuu, hidhachiisuufi harka wayyaa jalaan mootummaa loluun himatu.
MM Abiy hidhi Abbayyaa misoomaaf malee Masrii miidhuuf hin ijaaramne jechuun dubbataniiru
Office of Ethiopia's Prime Minister
Sababa kanaaf, Masriin ''diina ganamaa'' Itoophiyaati jechuun waamu.
Dhibdee amma jiru kanas Masriin mootummaa laaffisuuf itti dhimma bahu malti yaada jedhu qabu.
Himannaa akkanaarratti Masriin deebii kennitee yoo beekti ta'e ifa miti.
Itoophiyaan Somaaliyaa waliin yeroo wal dhabde Masriin saffisaan Somaaliyaa bira dhaabatte.
Itoophiyaan Ertiraa waliin yeroo muddama seentus Masriin Ertiraa ofitti qabde. Sababa kanaaf, Gaanfa Afrikaatti qooda ishee kana itti fufuu malti jedhu xiinxaltoonni.
