𝗜𝗰𝗰𝗶𝗶𝘁𝗶 𝙅𝙞𝙧𝙚𝙚𝙣𝙮𝙖💡
Відкрити в Telegram
Channel kun namoota kaayyoo isaani milkeessuf ifaaja jiran onnachiisuufi akkaata namoonni isaan dura milkaawan keessa dabran qoodudhafi #CONTACT ME @Ramiiz1l You are going to be successful one day and make your parents proud💯
Показати більше816
Підписники
Немає даних24 години
+47 днів
+1830 днів
Архів дописів
Onnattuu lubbuu koo!
Hamileen sin bu'in
Ilaaltee waan baraa
Humna naaf godhadhu
Jajjabaadhu adaraa
Gufuu si sakaalu
Laaltee huraaf huubaa
Onnattuu lubbuu koo
Hin laalin of duubaa
Qormaataan eela'ee
Madaa'us keessi kee
Takkaa of duubatti
Hin deebin deemsi kee
Yeroof wanta yaadde
Argachuus yoo haftee
Miira keef bitamtee
Hin kufin moo'amtee
Yaadaan hin faca'in
Woli sassaabbadhuu
Obsi hunda moo'i
Jabaadhuu dhaabbadhuu
Yaaddoon hin yeela'in
Balbala kee cuftee
Fuulduratti deemi
Nan qaanessin kuftee...
Lubbuu koo bareedduu
Ba'i gaara guddaa
Cimii irra aani
Dagadhu waan hundaa
Doonii jaalalaarraa
Hin dhidhimin lamuu
Tasa sin baraaru
Jabaaf beekaan kamuu
Kaayyoo kankee qofaaf
Booji'amii fiigii
Addunyaa dhuunfadhuu
Karra cubbuu diigii..
Jajjabaaduu lubbuu koo
Gadi galoo nyaarii
Ifa keen dhaqqabii
Addunyaa ijaarii....
Onnattuu lubbuu koo
Galma sobaa raasii
Akka worra darbee
Seenaa kee ol kaasii!
#Nuredin_Ahmed https://t.me/of_uum
Repost from 𝗜𝗰𝗰𝗶𝗶𝘁𝗶 𝙅𝙞𝙧𝙚𝙚𝙣𝙮𝙖💡
Umrii tee guutuu osoon tahin Sa'aa 24 qofa Qilleensa qulqulluu (oxygen) fudhachuu keetiif Alhamdulillaah ja'i! 😥
Namni kun Pool Aleksaandar ja’ama. lammii Ameerikaa Yoo tahu Amma umriin isaa waggaa 76.
Gaafa Umriin isaa waggaa 6 ti dhukkuba pooli’otiin qabamee, mataa isaa malee qaamni guutuun laamsha’e ( paralyze ta’e). ofii isaatiin harganuu (hafuura baafachuu) waan hin dandeenyeef Bara 1995 irraa kaasee silindarii (sanduuqa sibiilaa) kana kessaa jiraata kunis akka afuuraa baafachuu danda’uuf isa gargaara
Daqiiqaa fillee siliindarii kana keessaa bahuu hin danda’u.
Obboleessa kiyya ati fayyaa guutuu qabda. Akkanumaanuu rabbii kee komachaa oolta.
Alhamdulillah ja’i!
✍ Hamzaa Abdulhakiim
👇👇👇
T.me/of_uum
𝗡𝗮𝗺𝗼𝗼𝘁𝗮 𝗮𝗸𝗸𝗮 𝗸𝗲𝗲𝗻𝘆𝗮 𝗡𝗮𝗺𝗼𝗼𝘁𝗮 𝗵𝗶𝗻 𝗾𝗮𝗯𝗻𝗲𝗲𝗳 𝗡𝗮𝗺𝗼𝗼𝘁𝗮 𝗮𝗸𝗸𝗮 𝗸𝗲𝗲𝗻𝘆𝗮 𝗻𝗮𝗺𝗼𝗼𝘁𝗮 𝗵𝗶𝗻 𝗾𝗮𝗯𝗻𝗲𝗲𝗳𝗶 𝗳𝗶 𝗥𝗮𝗯𝗯𝗶𝘁𝘂𝘂 𝗷𝗶𝗿𝗮𝗮𝗳.😍
ᗩᗷᗪII KᑌTᑌᑌᑎ ᗪᕼOᖇKᗩᗩᗪᕼᗩ.ᗷᖇO
https://t.me/of_uum
𝗖𝗵𝗮𝗻𝗻𝗲𝗹 𝗾𝗮𝗹𝗯𝗶𝗶 𝗻𝗮𝗺𝗮𝗮𝗳 𝗷𝗶𝗶𝘀𝘂𝘂 𝗳𝗶 𝗰𝗵𝗮𝗻𝗻𝗲𝗹 𝗹𝗮𝗳𝗮 𝗱𝗵𝘂𝗳𝗮 𝗸𝗮𝗻 𝗮𝗸𝗸𝗮 𝗮𝗷𝗮'𝗶𝗯𝗮𝗮𝘁𝘁𝗶 𝗶𝘀𝗶𝗻 𝗷𝗮𝗷𝗷𝗮𝗯𝗲𝗲𝘀𝘀𝘂 𝗮𝗺𝗺𝗮𝘀 𝘄𝗮𝗮 𝗵𝗲𝗱𝗱𝘂 𝗶𝗿𝗿𝗮 𝗯𝗮𝗿𝗮𝘁𝘁𝗮𝗻 ᒪIᑎK ᗩᗪIIᑎ ᘜᗩᗪI Kᗩᑎᗩ Tᑌᑫᗩ ᒍOIᑎ ᘜOᗪᕼᗩ👇
ᴇᴍᴀɴ ᴛᴜʙᴇ♡
https://t.me/Emantube2
Nama dhugaan si jaalatu ofi irraa hin fageessin na amani gaafa tokko osoo urjii lakkooftu ji'a yaadda👍
https://t.me/of_uum
Namoota tokko tokko fakkeessufi kijibuu isaanii irra kanka'e 'China' nu nuti hin hojjanne jettee waakkatte😁
@Ramiiz1l
https://t.me/of_uum
#Gatii Kiyyaa nan beeka!
=========®=========
Natti tolee gammadee
Rakkaadheefis hin boo'u
Nan Beeka hundumattuu
Haalaaf barri nan moo'u
=========®=========
Herreega koo nan beeka
Hubadhee hagan Baasu
Jette jetteen namootaa
Gonkumayyuu nan raasu
=========®=========
Galma Guddaa dhaqqabuuf
Osoon joorsuu miila koo
Gonkumaa gara galee
Hin odeessu jiila koo
========®=========
Gatii Kiyyaan tilmaamin
Osoo nan beekin teessee
Tarii naan hin maadaalu
Gatiin ati naaf keessee ...
=========®=========
Gatii X fakkeessitee
Herreegnaan siifin ba'uu
Dhimma koo anaaf dhiisi
An Beekaa amman ga'uu
=========®=========
Dhimmi kee osoo jiruu
Kan Kiyyaa maaf si jeeqaa ?
Kanuma kee tilmaami
An gatii kan koo nan beekaa!!
https://t.me/of_uum
Jechi kee eennu akka ati ta'uuf deemtu ibsa .
Gochi kee immoo eennu akka ati taate ibsa.
Jecha kee gocha kee booda aansi isatuu eennu akka taate ibsa waan ta'eef .
Ganama milkii isiniif hawwa🙌
https://t.me/of_uum
Eennulleen Akka si waliin jiraatuf hin dirqisiisiin.
Ofii keetis eennullee waliin jiraachu ofi hin dirqisiisiin.
Namoota si filatan filadhu.
Ganama milkii qabaadha🙌
T.me/of_uum
•√sWaan itti hin fayyadamne hundaa ni dhabda.
Kana jechuun waan osoo itti hin fayyadamin keesse ni dhabda jechuudha akkasuma waan itti fayyadamte ni argatta jechuudha.
AKKAMITTI? Fakkeenyaf kee isa ceekuu kee irra jiru itti fayyadamu dhiistee akkasumatti irra dhiisteeni harka sun deeme hojiin ala ta'a akkasuma wantota biraas itti fayyadamtu taanan ni dhabda kitaaba amantaa itti fayyadamte hin dubbistu taanan amantaa ati Rabbii kee irra qabdu xiqqaacha deema itti fayyadama hin jirtu waan ta'e dhabaa jirta. Yoo itti fayyadamte ni argatta fakkeenyaf kitaaba amantaa yeroo dubbistu amantaan ati rabbii kee irra qabdu dabalaa jira jechuudha kana kan argatte ammoo kitaabichatti waan fayyadamteefi nama beekumsa qabu ykn maallaqa qabu yoo itti fayyadamte ni argatta itti fayyadamin garuu ni dhabda
Kanuma
ITTI FAYYADAMNAAN NI ARKATTA
ITTI FAYYADAMUU BAANNAN NI DHABDA
BY.@Ramiiz1l
Channel kana hiriyyootan keessaniif share godh
👇👇👇
T.me/of_uum Ganama gaarii qabaadha 🙏
https://t.me/of_uum
Repost from MICHUU📚
@All 👆👆
#_kutaa_93ffaa
Amma ijaareen
Amma diiga
Amma taa'een
Amma fiiga
Yoon Murteesses
Murtii yaadaa
Ofumakoon
Deebee kaada
Waan ilkaanko
Argee seequ
Sammuun kiyya
Homaan beeku
Garaan kiyya
Kan firaadhaa
Arrabniko
Kan biraadha
✍️Michuu
Repost from MICHUU📚
#Dhama Hin Raasu!
Guyyaa har'aa ilaalee
Maafan kutadha abdii
Aduun guyyyaa borii hoo
Ifa kan biraa qabdii!
Rakkina baraa ilaalee
Ofiif hin kaa'u tuqaa
Obsee bara eeggadheen
Aannan goromsaa dhugaa!
Sangaan qotuu yoo dide
Sa'a camadeen ilaalaa
Matumaa abdii hin kutu
Irra deebi'een yaalaa!!!!
Garuu........
Waan Xaafii marguu dideef
Ashaboo hin facaasuu
Dhadhaan baafadha jedhees
Gonkumaa dhama hin raasuu!
WANTOOTA SHANAN JIRENYA GAMMACHU NUUF KENNAN ✍️.
1ffaa.Of Jaalachu.
✓.Wanta keessa Kee jiru jaalachuu ykn fudhachuu osoo Kan nama biraatti hin bu'in akkasuma osoo nama biraa hin jibbin
2ffaa.yeroo Hunda gaarii hojjachu.
✓.sababni isaas yoo gaarii hojjate hin gadditu Waan ta'eef gammaduuf gaarii yaaduu qabna
3ffaa.Yeroo Hunda dhiifama Godhu bari.
✓.sababni isaas Atiis dhiifama Arggatta waan ta'eef
4ffaa.Goonkuma nama tokkolle hin miidhin.
✓.nama miidhuun Ofiifuu cubbudha Waan ta'eef goonkuma nama miidhaa gammachun hin arkamu kanaaf Naman miidhin.
5ffaa.Yeroo Hunda gaarii yaadi .
✓.Sababni isaas namoonni waanuma yaadan argatu Waan ta'eef yoo gaarii yaanne gaaruma arkkanna waan ta'eef namootaaf gaarii haa yaannu
Namoota Heddu bira Akka ga'uuf Share godhi 👈 Dubbisu keef Galatoomi 🙏
T.me/of_uuum
Adunyaan tun Yeroo Amma namoota dhibbee guddaa tokko qabaniin falamtee jirti dhibeen Kunis daddarbaadha .
Dhibeen Kuni maal jettuu?
Humnaa ol of jaalachuudhaNamoonni hedduun humna ol of jaalachun kan ka'e hiriyyoota isaanifi namoota isanitti dhiyaatan miidhani waan barbaadan arkachu fedha isinis Yeroo hundaa dammaqaa ta'udhan namoota akkana irraa of qusachuu qabdu halkan gaarii qabaadha,🙏
Nama waliin jiraachuuf
Ergan yaalii koo fixee
Bineensa firoomfadhuu
Bosona keessa lixee?
Xaxadhee manaa ba'ee
Gaara Cillimoo galuu?
Hoomaa bineensaa waliin
Baala nyaachuu shaakaluu?
Tarii karkarroonilleee
Dhugaa koo naaf hubataa?
Ollaasaatti galuuree
Deemee gaara Mul'ataa?!
~
Weenniin tulluu Walaliifi
Arbi Baabbillee keessaa
Tarii imimmaan koo kana
Barruusaatti naaf qeensaa?
Tarii natti dhiyaatee
Madaa koo naaf ilaalaa
Bosona Baalee seenee
Firoomfadhuu Niyaalaa?
Namnoo dubbatee haalee
Kakatees kakuu cabsaa
Mee Gafarsatti siqee
Mirkanneeffadhuu kansaa?
~
Maaltu beekaree tarii
Dafqa koo yoon qoorfadhe
Mee ka'een takka ilaala
Bineensa firoomfadhee...
Bineensuu foolii beeka
Qomoosaa gaafa duraa
Fuunfatee - faana dha'ee
Rakkinarraa wal fura...
Sardiidni ni nyaattiiree
Foon murtee sardiidarraa
Yeeyyiinuu gamtaa uumtee
Wal tikfatti diinarraa!
Akkan wabii argadhee
Gidiraan narraa doomu
Qe'ee namaa baqadhee
Bineensatti firoomuu?!
T.me/of_uum
Daqiiqaa muraasa dura Afaan Arabaatiin Post ajaa'ibaa dubbise. Mucaa daa'ima amata 7 hin gahin duraa haati duute. Yeroo muraasa booda abbaan isaa jaartii biraa fuudhe. Jaartiin abbaa isaa tun haadha biddeenaa (loqoda Harargeetti Aayyadaa) mucaa kanaaf taate.!
Guyyaa tokko abbaan isaa "haadha tee taduraatii fi tan ammaa jidduu garaagarummaan jiru maali?!" Jachuun daa'ima kana gaafateen. Daa'imni kun yaaddawaa "haati tiyya taduraa nisobdi. Soba irraa baradhe. Garuu, tan ammaa tun dhugaa malee hin beeytu" jachuun deebiseef!
Abbaan isaatiis deebisaa isaa akka malee Ajaa'ibee "mee akkamitti?!" Jachuun gaafateen. Yeroo kana daa'imni kun "haati tiyya tanadhalte yoo bakka akkanaa dheeyte, yoo waan akkanaa hojjatte nyaata sitti hin kennu naan jatti. Garuu, yeroon ani waan isiin irraa nadhoorkite kana hojjadhees nyaata anumaaf kenniti. Garuu, tan ammaa tun ajaja isii yoon dide akkuma jatte nyaata naaf hin kennitu. Kunoo ammaahu guyyaa lama nyaata naaf hin kennine!" Jachuun isaaf deebise!
Namni bakka haadhaa bu'u jiraa?! Addunyaa tanarratti Musiibaan guddoon Daa'imummaan haadha dhabuudha!
Aboo kan haadha qabdu Rabbi Umrii siif haa dheereeysu. Kan hin qabne ammoo Rabbi jannata haa kennuuf!
✍ Hamza Abdulhakim tu barreesse
T.me/of_uum
-EENYU AKKA TAATE DHOKSUUF HIN YAALIN
----------------------
Saalfiin guddaan adunyaa kana irra jiru saalfiidha
Yeroo hundaa waan itti amantuu deeggari
Yeroo hundaa wanta namoonni sitti himan maalif je'ii of gaafadhu
Kan darbeef hin gaabbin, sun yeroo gubuu qofa
Wanti hundinuu sababa mataa Isa qaba yeroo dadhabbinnaa ,yeroo gaddaa ,yeroo rakkinna hundinuu wayumaaf ta'an
ISAAN KANA IRRAA GUDDADHU
Kan atin namoota irraa kabajaa arkachuu dandeessu yoo akka of kabajju isaan agarsiifte qofa
Waan hundaa ol waan itti amantu qofa hojjadhu OF TA'UU KEETIF AMMOO GOONKUMA DHIIFAMA NAMA HIN GAAFATIN
$$Galgala gaarii Rãmïíz Lukman
@Ramiiz1
T.me/of_uum
🎯🎯🎯🎯🎯
Gaaffiiwwan kana barreeffamaan ykn galmee irratti deebisi.
A. Maqaa guutuu
B. Bakka amma jiraattu
C. Lakkoofsa bilbilaa
1. Yeroo ammaa kana hojii/ogummaa akkamii irratti bobbaatee jirta?
2. Hojii/ogummaa kee keessatti yeroo hammamii hojjettee jirta?
3. Hojii kee keessatti maaltu baay’ee sitti tola?
4. Yeroon hojii kee keessatti gammachuu guddaa sitti dhaga’amu maali?
5. Rakkoon hojii kee keessatti si mudate maali?
6. Hojii kee irratti maaltu sitti hin tolle?
7. Abjuun kee maali?
8. Kaayyoon jireenya keetii maali? Jireenya kee keessatti eessa deemuu barbaadda?
9. Konkolaataa gosa akkamii oofuu barbaadda?
10. Uumaan kee wanta barabde hunduma osoo gaafate kani siifi keenuu osoo ta'e maal gaafatta?
11. Addunyaa kana irratti iddoowwan hafuuraa 3 deemuu yoo barbaadde eessa demmeta?
12. Mana akkamii keessa jiraachuu barbaadda?
13. Mee hojii gaarii fi jireenya jijjiiru yoo argatte galiin ji'a ji'aan argattu meeqa akka ta'u barbaadda haa jennu?
14. Galiin ji’aa soorama erga baatee booda maal akka ta’u barbaadda?
15. Hawwiin kee hundi utuu dhugoomee maaltu sitti dhagaʼama?
16, abjuu kee galmaan gahuuf maal hojjechaa jirta? Daandiin ati irra jirtu dhuguma si geessisaa?
17. Waggoota 5 dhufaniif ogummaa ykn hojii amma qabdu kana yoo itti fufte abjuu armaan olii hunda galmaan gahuu ni dandeessa jettee yaaddaa?
18. Carraan abjuu kee hunda dhugoomsuu siifi danda'uu osoo argaate itti fayydamuu ni dandeesa?
🎯🎯🎯🎯🎯🎯
👇👇👇👇👇👇👇
T.me/of_uum
