es
Feedback
𝗜𝗰𝗰𝗶𝗶𝘁𝗶 𝙅𝙞𝙧𝙚𝙚𝙣𝙮𝙖💡

𝗜𝗰𝗰𝗶𝗶𝘁𝗶 𝙅𝙞𝙧𝙚𝙚𝙣𝙮𝙖💡

Ir al canal en Telegram

Channel kun namoota kaayyoo isaani milkeessuf ifaaja jiran onnachiisuufi akkaata namoonni isaan dura milkaawan keessa dabran qoodudhafi #CONTACT ME @Ramiiz1l You are going to be successful one day and make your parents proud💯

Mostrar más
816
Suscriptores
Sin datos24 horas
+47 días
+1830 días
Archivo de publicaciones
Onnattuu lubbuu koo! Hamileen sin bu'in Ilaaltee waan baraa Humna naaf godhadhu Jajjabaadhu adaraa Gufuu si sakaalu Laaltee huraaf huubaa Onnattuu lubbuu koo Hin laalin of duubaa Qormaataan eela'ee Madaa'us keessi kee Takkaa of duubatti Hin deebin deemsi kee Yeroof wanta yaadde Argachuus yoo haftee Miira keef bitamtee Hin kufin moo'amtee Yaadaan hin faca'in Woli sassaabbadhuu Obsi hunda moo'i Jabaadhuu dhaabbadhuu Yaaddoon hin yeela'in Balbala kee cuftee Fuulduratti deemi Nan qaanessin kuftee... Lubbuu koo bareedduu Ba'i gaara guddaa Cimii irra aani Dagadhu waan hundaa Doonii jaalalaarraa Hin dhidhimin lamuu Tasa sin baraaru Jabaaf beekaan kamuu Kaayyoo kankee qofaaf Booji'amii fiigii Addunyaa dhuunfadhuu Karra cubbuu diigii.. Jajjabaaduu lubbuu koo Gadi galoo nyaarii Ifa keen dhaqqabii Addunyaa ijaarii.... Onnattuu lubbuu koo Galma sobaa raasii Akka worra darbee Seenaa kee ol kaasii! #Nuredin_Ahmed https://t.me/of_uum

Umrii tee guutuu osoon tahin Sa'aa 24 qofa Qilleensa qulqulluu (oxygen) fudhachuu keetiif Alhamdulillaah ja'i! 😥 Namni kun P
Umrii tee guutuu osoon tahin Sa'aa 24 qofa Qilleensa qulqulluu (oxygen) fudhachuu keetiif Alhamdulillaah ja'i! 😥 Namni kun Pool Aleksaandar ja’ama. lammii Ameerikaa Yoo tahu Amma umriin isaa waggaa 76. Gaafa Umriin isaa waggaa 6 ti dhukkuba pooli’otiin qabamee, mataa isaa malee qaamni guutuun laamsha’e ( paralyze ta’e). ofii isaatiin harganuu (hafuura baafachuu) waan hin dandeenyeef Bara 1995 irraa kaasee silindarii (sanduuqa sibiilaa) kana kessaa jiraata kunis akka afuuraa baafachuu danda’uuf isa gargaara Daqiiqaa fillee siliindarii kana keessaa bahuu hin danda’u. Obboleessa kiyya ati fayyaa guutuu qabda. Akkanumaanuu rabbii kee komachaa oolta. Alhamdulillah ja’i! ✍ Hamzaa Abdulhakiim 👇👇👇 T.me/of_uum

𝗡𝗮𝗺𝗼𝗼𝘁𝗮 𝗮𝗸𝗸𝗮 𝗸𝗲𝗲𝗻𝘆𝗮 𝗡𝗮𝗺𝗼𝗼𝘁𝗮 𝗵𝗶𝗻 𝗾𝗮𝗯𝗻𝗲𝗲𝗳 𝗡𝗮𝗺𝗼𝗼𝘁𝗮 𝗮𝗸𝗸𝗮 𝗸𝗲𝗲𝗻𝘆𝗮 𝗻𝗮𝗺𝗼𝗼𝘁𝗮 𝗵𝗶𝗻 𝗾𝗮𝗯𝗻𝗲𝗲𝗳𝗶 𝗳𝗶 𝗥𝗮𝗯𝗯𝗶𝘁𝘂𝘂 𝗷𝗶𝗿𝗮𝗮𝗳.😍 ᗩᗷᗪII KᑌTᑌᑌᑎ ᗪᕼOᖇKᗩᗩᗪᕼᗩ.ᗷᖇO https://t.me/of_uum

𝗖𝗵𝗮𝗻𝗻𝗲𝗹 𝗾𝗮𝗹𝗯𝗶𝗶 𝗻𝗮𝗺𝗮𝗮𝗳 𝗷𝗶𝗶𝘀𝘂𝘂 𝗳𝗶 𝗰𝗵𝗮𝗻𝗻𝗲𝗹 𝗹𝗮𝗳𝗮 𝗱𝗵𝘂𝗳𝗮 𝗸𝗮𝗻 𝗮𝗸𝗸𝗮 𝗮𝗷𝗮'𝗶𝗯𝗮𝗮𝘁𝘁𝗶 𝗶𝘀𝗶𝗻 𝗷𝗮𝗷𝗷𝗮𝗯𝗲𝗲𝘀𝘀𝘂 𝗮𝗺𝗺𝗮𝘀 𝘄𝗮𝗮 𝗵𝗲𝗱𝗱𝘂 𝗶𝗿𝗿𝗮 𝗯𝗮𝗿𝗮𝘁𝘁𝗮𝗻 ᒪIᑎK ᗩᗪIIᑎ ᘜᗩᗪI Kᗩᑎᗩ Tᑌᑫᗩ ᒍOIᑎ ᘜOᗪᕼᗩ👇 ᴇᴍᴀɴ ᴛᴜʙᴇ♡ https://t.me/Emantube2

Nama dhugaan si jaalatu ofi irraa hin fageessin na amani gaafa tokko osoo urjii lakkooftu ji'a yaadda👍 https://t.me/of_uum

Namoota tokko tokko fakkeessufi kijibuu isaanii irra kanka'e 'China' nu nuti hin hojjanne jettee waakkatte😁 @Ramiiz1l https://t.me/of_uum

Maaltu Akka ati Abdii kuttu si godha?? Comment irra kaawi

#Gatii Kiyyaa nan beeka! =========®========= Natti tolee gammadee Rakkaadheefis hin boo'u Nan Beeka hundumattuu Haalaaf barri nan moo'u =========®========= Herreega koo nan beeka Hubadhee hagan Baasu Jette jetteen namootaa Gonkumayyuu nan raasu =========®========= Galma Guddaa dhaqqabuuf Osoon joorsuu miila koo Gonkumaa gara galee Hin odeessu jiila koo ========®========= Gatii Kiyyaan tilmaamin Osoo nan beekin teessee Tarii naan hin maadaalu Gatiin ati naaf keessee ... =========®========= Gatii X fakkeessitee Herreegnaan siifin ba'uu Dhimma koo anaaf dhiisi An Beekaa amman ga'uu =========®========= Dhimmi kee osoo jiruu Kan Kiyyaa maaf si jeeqaa ? Kanuma kee tilmaami An gatii kan koo nan beekaa!! https://t.me/of_uum

Jechi kee eennu akka ati ta'uuf deemtu ibsa . Gochi kee immoo eennu akka ati taate ibsa. Jecha kee gocha kee booda aansi isatuu eennu akka taate ibsa waan ta'eef . Ganama milkii isiniif hawwa🙌 https://t.me/of_uum

Eennulleen Akka si waliin jiraatuf hin dirqisiisiin. Ofii keetis eennullee waliin jiraachu ofi hin dirqisiisiin. Namoota si filatan filadhu. Ganama milkii qabaadha🙌 T.me/of_uum

•√sWaan itti hin fayyadamne hundaa ni dhabda. Kana jechuun waan osoo itti hin fayyadamin keesse ni dhabda jechuudha akkasuma waan itti fayyadamte ni argatta jechuudha. AKKAMITTI? Fakkeenyaf kee isa ceekuu kee irra jiru itti fayyadamu dhiistee akkasumatti irra dhiisteeni harka sun deeme hojiin ala ta'a akkasuma wantota biraas itti fayyadamtu taanan ni dhabda kitaaba amantaa itti fayyadamte hin dubbistu taanan  amantaa ati Rabbii kee irra qabdu xiqqaacha  deema itti fayyadama hin  jirtu  waan ta'e dhabaa jirta. Yoo itti fayyadamte ni argatta fakkeenyaf kitaaba amantaa yeroo dubbistu amantaan ati rabbii kee irra qabdu dabalaa jira jechuudha kana kan argatte ammoo kitaabichatti waan fayyadamteefi nama beekumsa qabu ykn maallaqa qabu yoo itti fayyadamte ni argatta itti fayyadamin garuu ni dhabda Kanuma ITTI FAYYADAMNAAN NI ARKATTA ITTI FAYYADAMUU BAANNAN NI DHABDA BY.@Ramiiz1l Channel kana hiriyyootan keessaniif share godh 👇👇👇 T.me/of_uum Ganama gaarii qabaadha 🙏 https://t.me/of_uum

Repost from MICHUU📚
@All 👆👆 #_kutaa_93ffaa Amma ijaareen Amma diiga Amma taa'een Amma fiiga Yoon Murteesses Murtii yaadaa Ofumakoon Deebee kaada Waan ilkaanko Argee seequ Sammuun kiyya Homaan beeku Garaan kiyya Kan firaadhaa Arrabniko Kan biraadha ✍️Michuu

Repost from MICHUU📚
#Dhama Hin Raasu! Guyyaa har'aa ilaalee Maafan kutadha abdii Aduun guyyyaa borii hoo Ifa  kan biraa qabdii!     Rakkina baraa ilaalee     Ofiif hin kaa'u tuqaa   Obsee bara eeggadheen   Aannan goromsaa dhugaa!   Sangaan qotuu yoo dide   Sa'a camadeen ilaalaa   Matumaa abdii hin kutu   Irra deebi'een yaalaa!!!!          Garuu........ Waan Xaafii marguu dideef Ashaboo hin facaasuu Dhadhaan baafadha jedhees Gonkumaa dhama hin raasuu!

WANTOOTA SHANAN JIRENYA GAMMACHU NUUF KENNAN ✍️. 1ffaa.Of Jaalachu. ✓.Wanta keessa Kee jiru jaalachuu ykn fudhachuu osoo Kan nama biraatti hin bu'in akkasuma osoo nama biraa hin jibbin 2ffaa.yeroo Hunda gaarii hojjachu. ✓.sababni isaas yoo gaarii hojjate hin gadditu Waan ta'eef gammaduuf gaarii yaaduu qabna 3ffaa.Yeroo Hunda dhiifama Godhu bari. ✓.sababni isaas Atiis dhiifama Arggatta waan ta'eef 4ffaa.Goonkuma nama tokkolle hin miidhin. ✓.nama miidhuun Ofiifuu cubbudha Waan ta'eef goonkuma nama miidhaa gammachun hin arkamu kanaaf Naman miidhin. 5ffaa.Yeroo Hunda gaarii yaadi . ✓.Sababni isaas namoonni waanuma yaadan argatu Waan ta'eef yoo gaarii yaanne gaaruma arkkanna waan ta'eef namootaaf gaarii haa yaannu Namoota Heddu bira Akka ga'uuf Share godhi 👈 Dubbisu keef Galatoomi 🙏 T.me/of_uuum

Adunyaan tun Yeroo Amma namoota dhibbee guddaa tokko qabaniin falamtee jirti dhibeen Kunis daddarbaadha . Dhibeen Kuni maal jettuu?
Humnaa ol of jaalachuudha
Namoonni hedduun humna ol of jaalachun kan ka'e hiriyyoota isaanifi namoota isanitti dhiyaatan miidhani waan barbaadan arkachu fedha isinis Yeroo hundaa dammaqaa ta'udhan namoota akkana irraa of qusachuu qabdu halkan gaarii qabaadha,🙏

Nama waliin jiraachuuf Ergan yaalii koo fixee Bineensa firoomfadhuu Bosona keessa lixee? Xaxadhee manaa ba'ee Gaara Cillimoo galuu? Hoomaa bineensaa waliin Baala nyaachuu shaakaluu? Tarii karkarroonilleee Dhugaa koo naaf hubataa? Ollaasaatti galuuree Deemee gaara Mul'ataa?! ~ Weenniin tulluu Walaliifi Arbi Baabbillee keessaa Tarii imimmaan koo kana Barruusaatti naaf qeensaa? Tarii natti dhiyaatee Madaa koo naaf ilaalaa Bosona Baalee seenee Firoomfadhuu Niyaalaa? Namnoo dubbatee haalee Kakatees kakuu cabsaa Mee Gafarsatti siqee Mirkanneeffadhuu kansaa? ~ Maaltu beekaree tarii Dafqa koo yoon qoorfadhe Mee ka'een takka ilaala Bineensa firoomfadhee... Bineensuu foolii beeka Qomoosaa gaafa duraa Fuunfatee - faana dha'ee Rakkinarraa wal fura... Sardiidni ni nyaattiiree Foon murtee sardiidarraa Yeeyyiinuu gamtaa uumtee Wal tikfatti diinarraa! Akkan wabii argadhee Gidiraan narraa doomu Qe'ee namaa baqadhee Bineensatti firoomuu?! T.me/of_uum

~~Baaga~ Baaga~ Baaga~~ 💥Baga dhuftee yaa rakkoo arraa taa'i siin kheesumeesa yaaa daawwiti firaaf hiriyyaa maraa sikheesatin namayyu daawwachaa jiraa boruuf booru dhuguun dirqamaa gammachuu fii seeqan walin dhabinaa...

Daqiiqaa muraasa dura Afaan Arabaatiin Post ajaa'ibaa dubbise. Mucaa daa'ima amata 7 hin gahin duraa haati duute. Yeroo muraasa booda abbaan isaa jaartii biraa fuudhe. Jaartiin abbaa isaa tun haadha biddeenaa (loqoda Harargeetti Aayyadaa) mucaa kanaaf taate.! Guyyaa tokko abbaan isaa "haadha tee taduraatii fi tan ammaa jidduu garaagarummaan jiru maali?!" Jachuun daa'ima kana gaafateen. Daa'imni kun yaaddawaa "haati tiyya taduraa nisobdi. Soba irraa baradhe. Garuu, tan ammaa tun dhugaa malee hin beeytu" jachuun deebiseef! Abbaan isaatiis deebisaa isaa akka malee Ajaa'ibee "mee akkamitti?!" Jachuun gaafateen. Yeroo kana daa'imni kun "haati tiyya tanadhalte yoo bakka akkanaa dheeyte, yoo waan akkanaa hojjatte nyaata sitti hin kennu naan jatti. Garuu, yeroon ani waan isiin irraa nadhoorkite kana hojjadhees nyaata anumaaf kenniti. Garuu, tan ammaa tun ajaja isii yoon dide akkuma jatte nyaata naaf hin kennitu. Kunoo ammaahu guyyaa lama nyaata naaf hin kennine!" Jachuun isaaf deebise! Namni bakka haadhaa bu'u jiraa?! Addunyaa tanarratti Musiibaan guddoon Daa'imummaan haadha dhabuudha! Aboo kan haadha qabdu Rabbi Umrii siif haa dheereeysu. Kan hin qabne ammoo Rabbi jannata haa kennuuf! ✍ Hamza Abdulhakim tu barreesse T.me/of_uum

-EENYU AKKA TAATE DHOKSUUF HIN YAALIN ---------------------- Saalfiin guddaan adunyaa kana irra jiru saalfiidha Yeroo hundaa waan itti amantuu deeggari Yeroo hundaa wanta namoonni sitti himan maalif je'ii of gaafadhu Kan darbeef hin gaabbin, sun yeroo gubuu qofa Wanti hundinuu sababa mataa Isa qaba yeroo dadhabbinnaa ,yeroo gaddaa ,yeroo rakkinna hundinuu wayumaaf ta'an ISAAN KANA IRRAA GUDDADHU Kan atin namoota irraa kabajaa arkachuu dandeessu yoo akka of kabajju isaan agarsiifte qofa Waan hundaa ol waan itti amantu qofa hojjadhu OF TA'UU KEETIF AMMOO GOONKUMA DHIIFAMA NAMA HIN GAAFATIN $$Galgala gaarii Rãmïíz Lukman @Ramiiz1 T.me/of_uum

🎯🎯🎯🎯🎯     Gaaffiiwwan kana barreeffamaan ykn galmee irratti deebisi.    A. Maqaa guutuu B. Bakka amma jiraattu C. Lakkoofsa bilbilaa 1. Yeroo ammaa kana hojii/ogummaa akkamii irratti bobbaatee jirta? 2. Hojii/ogummaa kee keessatti yeroo hammamii hojjettee jirta? 3. Hojii kee keessatti maaltu baay’ee sitti tola? 4. Yeroon hojii kee keessatti gammachuu guddaa sitti dhaga’amu maali? 5. Rakkoon hojii kee keessatti si mudate maali? 6. Hojii kee irratti maaltu sitti hin tolle? 7. Abjuun kee maali? 8. Kaayyoon jireenya keetii maali? Jireenya kee keessatti eessa deemuu barbaadda? 9. Konkolaataa gosa akkamii oofuu barbaadda? 10. Uumaan kee wanta barabde hunduma osoo gaafate kani siifi keenuu osoo ta'e maal gaafatta? 11. Addunyaa kana irratti iddoowwan hafuuraa 3 deemuu yoo barbaadde eessa demmeta? 12. Mana akkamii keessa jiraachuu barbaadda? 13. Mee hojii gaarii fi jireenya jijjiiru yoo argatte galiin ji'a ji'aan argattu meeqa akka ta'u barbaadda haa jennu? 14. Galiin ji’aa soorama erga baatee booda maal akka ta’u barbaadda? 15. Hawwiin kee hundi utuu dhugoomee maaltu sitti dhagaʼama? 16, abjuu kee galmaan gahuuf maal hojjechaa jirta? Daandiin ati irra jirtu dhuguma si geessisaa? 17. Waggoota 5 dhufaniif ogummaa ykn hojii amma qabdu kana yoo itti fufte abjuu armaan olii hunda galmaan gahuu ni dandeessa jettee yaaddaa? 18. Carraan abjuu kee hunda dhugoomsuu siifi danda'uu osoo argaate itti fayydamuu ni dandeesa?      🎯🎯🎯🎯🎯🎯 👇👇👇👇👇👇👇 T.me/of_uum