cookie

Ми використовуємо файли cookie для покращення вашого досвіду перегляду. Натиснувши «Прийняти все», ви погоджуєтеся на використання файлів cookie.

Рекламні дописи
201
Підписники
Немає даних24 години
-37 днів
-630 днів

Триває завантаження даних...

Приріст підписників

Триває завантаження даних...

Фото недоступнеДивитись в Telegram
Rakkina kee lakkooftee hin kutiin funyoo abdii..... Ciniinnattee obsinaan barri waan baay’ee qabdi… Dukkana hamaa duubaan ifa siif ba’u argitaa.... Lafti jiidhaan yoo dhibes dhagaa irratti margita!" Wolaloon:- Leta kenei aga irraa....
Показати все...
Фото недоступнеДивитись в Telegram
Фото недоступнеДивитись в Telegram
«Wanta ijjikee irra jiru jala qormaatatu jira. Madaalliif kan siif dhiyaatanitti dogoggorsitoota hedduutu marsee jira. Kanaaf qormaata kam keessattu murtootti seenuun fuuldura itti yaadi. Qormaata jireenya keef murteessaa ta'an irratti kan siif murteessuuf garakeetti dhiyaataa oolan waa danuutu jiru, ta'us murteen isaaniis siif utuu hin taane ofiiisaaniitiif!  Kanaaf hadhaa filannoo keetti marsanii jiran adda baafadhu. "The Love For Apples is Still Strong"» Maddi:- Kan dubbifne irraa!
Показати все...
Фото недоступнеДивитись в Telegram
Fardeen Keenya ibsituu Aadaa Keenyaati‼👇 Sirboota Fardeen fi Abbaa Fardaa faarsan....... Eemmolee yaa abbaa fardaa garaan maal si kajeeleree..... Eemmolee yaa dalluu gaarree Abbaa fardaa yoo faarsan maarree, Eemmolee yaa Leellisee garaan maal si kajeelchise Gaachana abbaa fardaa lafoon hin qabatuu, Tapha gaafa dhiiraa gadheen hin taphatu (tapha fardaa jechuudha) Qoti qotiin maali yoo qota shultii buqqisanii Loli loliin maalii yoo lolan fardaan gombisanii. Shuumii fardaa yaa lammacha kaawoo waamii..... Citte faanta fardaa koomme yaa korma koo...hoooooo . . . Abbichuu Abbaa Malaa Hunduu sirraa tolaa!!
Показати все...
Фото недоступнеДивитись в Telegram
#Yeroo.......⏰⏰⏰⏰ Addunyaa kana irratti wanti hiyyeessa, durreessa, beekaa, wallaalaafis wal wixa kenname yeroodha #Eeyyee_yeroodha!! Guyyaatti nuti hunduu sa'aa 24 qabna itti fayyadamni keenya garaa gara haa ta'u male. ⏰⏰⏰⏰#Ati_garuu👇⏱⏱⏱⏱ Yeroo siif kennametti yeroo hin laatin, yeroo keetti fayyadami! Yeroon darbeefi namni du'e tokkoma lameen isaanituu deebinee arguu hin dandeenyu!
Показати все...
Фото недоступнеДивитись в Telegram
"ilmaa fi Loontu qe'ee Abbaa tolcha" jedha Oromoon!! Eyyeen; Akkuma Oromoon Mammaaketti Qe'ee Ormi kuffisee ture Abbichuun Abbaan lafaa kaasee dhaabe‼️ 👉 Finfinneen qe'ee Oromoota waggoota dheeraadhaaf ormi irraa saamaa, hawaasa isaa irraa buqqisaa ofis irratti badhaadhee maallaqa achi irraa saammatuun bakka biraa misoomsaati kan ture. 👉 Har'a biyyi abbaa biyyaaf deebi'ee handhuurri oromootaa kun gaafa ilmaa ishiitiin  misoomuu eegaltu diinni iyyaan gurra nu duchuu eegalani. 👉 Dubbii kana irraa wanti hubatamu ormi qabeenya keenya saamuu malee  guddinaa fi misooma keenya irraa dhimma tokko akka hin qabnedha. Ijoolleen badhaadhinaa immoo karoora fi mul'ata diinaa kana sirriitti waan hubataniif hojii misooma magaalaa ofii miidhaksuu, Smart gochuu fi  giddugala hawwata Tuurizimii fi Dippiloomaatota Addunyaa fi  taasisuuf hojii dinqii hojjechaa jiru. 👉 Abbichuun Abbaa malaa qabatamaan Finfinnee kan Oromoo taasisaa waan jiruuf galanni Oromoota maraa guddaadha. #Finfinne Smart city! #Qe'een abbumaan tolti!
Показати все...
Abdii Ahmad Adduunyaa irraa 1ffaa ba'uun maqaa biyyasaa ol fuudhe ! Abdii Ahmad Ibraahim Yunivarsiitii guddicha biyyoota adduunyaa garaa garaa irraa barattoota gulantaaleefi akaakuu garaa garaatiin simatee barsiisuufi Indiyaatti kan argamu 'RK University'tti barattoota gosa barnootaa Faarmaasiin (Pharmacy) leenji'aa turan keessaa qabxii olaanaa galmeessisuun barattoota sadarkaa Intarnaashinaalii mara keessaa sadarkaa 2ffaadhaan eebbifameera. Ilmi Baalee Roobeen biyyaaf gumaachite Abdii Ahmad barnoota isaa sadarkaa 1ffaafi 2ffaa achuma magaalaa Roobee Mana Barnootaa Sadarkaa 1ffaa Alii fi Mana Barnootaa Sad 2ffaa Gaalamaa akkasumas qophaa'inaa (Preparatory) ammoo Mana Barumsaa Qophaa'innaa Roobeetti barate. Sana booda ALA bara 2020'tti iskoolarshiippiidhaan gara biyya Hindii deemee Yunivarsiitii RK Rajkokitti barumsaa isaa Pharmacy barachuu kan eegale yoo ta'u kunoo xumura irrattis qabxii boonsaa galmeessiseen maqaa isaa bira dabaree kan biyya isaa sadarkaa Addunyaatti ol fuuchuu danda'eera.
Показати все...
https://t.me/hamSter_kombat_bot/start?startapp=kentId611351379 Play with me, become cryptoexchange CEO and get a token airdrop! 💸 2k Coins as a first-time gift 🔥 25k Coins if you have Telegram Premium
Показати все...
Hamster Kombat

Just for you, we have developed an unrealistically cool application in the clicker genre, and no hamster was harmed! Perform simple tasks that take very little time and get the opportunity to earn money!

Hirkattummaarraa gara oomishtummaatti! ** Carraawwan misoomaa hedduu of harkaa qabna. Lafa bal’aa fi biyyee gabbataa oomisha gosa addaa addaatiif oolu, qilleensa hawwataa misoomaaf mijatu, darbees qabeenya bishaanii fi humna namaa guddina oomishaaf oomishtummaatiif murteessaa ta’an baay’eedhaan kan badhaafamnedha. Qabeenya of harkaa qabnu qixaan fayyadamuu dadhabuu fi carraalee misoomaa jiran qindeessinee hojiirra oolchuu hafuu keenya irraa kan ka’e barootaaf midhaan nyaataatiin of danda’uu hanqannee harka keenya kadhaadhaaf diriirsaa, eeggattummaa fi hirkattummaaf saaxilamneerra. Boqonnaa hiyyummaaf boodatti hafummaa cufuudhaan gara badhaadhina hunda galeessaatti cehuu akkasumas kabajaa fi birmadummaa guutuu ta’e goonfachuuf ilaalcha gargaaramuu keessaa baanee miiraa fi qophaahummaa addaatiin jijjiiramaaf hojjachuun ergama dhaloota har’aati. Inisheetiiviiwwan misoomaa milkaahina agarsiisaa jiran iddoo hundatti babal’isuu, horataalee jiran hunda daguugnee misoomaaf oolchuu, darbees carraawwan misoomaa qabnu hundatti gargaaramuun cehumsa biyyaa mirkaneessuu fi oomishtummaa dachaan guddisuuf xiyyeeffannaan hojiitti seenuu qabna. Mul’ata badhaadhina biyyaa mirkaneessuuf tokkummaaf qindoominaan haa imallu!
Показати все...
Фото недоступнеДивитись в Telegram
Оберіть інший тариф

На вашому тарифі доступна аналітика тільки для 5 каналів. Щоб отримати більше — оберіть інший тариф.