cookie

Ми використовуємо файли cookie для покращення вашого досвіду перегляду. Натиснувши «Прийняти все», ви погоджуєтеся на використання файлів cookie.

avatar

Ethiopian Press Agency/ Afaan Oromoo/

Більше
Рекламні дописи
14 426
Підписники
+5124 години
+3497 днів
+1 51330 днів
Час активного постингу

Триває завантаження даних...

Find out who reads your channel

This graph will show you who besides your subscribers reads your channel and learn about other sources of traffic.
Views Sources
Аналітика публікацій
ДописиПерегляди
Поширення
Динаміка переглядів
01
Media files
1370Loading...
02
Media files
1340Loading...
03
Daaw’annaa hojiilee misoomaa #Baatuutti **** Gaazexaa Bariisaa Hojiilee misoomaa baay’ee Magaalaa Baatuutti hojjetamaa jiran keessaa muraasni kanneen akka gamoo waajjira kantiibaa, wiirtuulee furdisa loonii, kiliniika beeladaa, horsiisa qurxummii, gamoo IMX, bakka gurgurtaa kuduraafi muduraa, warshaa nyaanni beeladaa ittiqindeeffamu, inisheetivii misooma timaatimii, manneen qulqullinaafi baga nagaan dhuftanii seensa magaalaa garee Kantiibaa Magaalattii Obbo Ahmad Ismaa’eliin durfamuun Jimaata darbe daaw’atameera. Kantiibichi xumurarrattis dargaggoota magaalattii daaw'annicharratti hirmaatan wajjin dhimmoota nageenya waaraa, gurmaa'anii hojjechuufi kkf irratti mari'ataniiru.
1260Loading...
04
#Buufata Xayyaaraa Guddinaa Tumsaa- Naqamtee ** Gaazexaa Bariisaa Biyya keenyatti fayyadamumaan haqa qabeessa, facaatiifi raawwiin pirojektoota misoomaa dhimmoota komiifi gaaffii uummataa gurguddoo turan keessaa tokkodha. Hojiiwwan ummanni qabeenya biyyattiin qabdurraa walqixa fayyadamaa ta'uu qaba. Fayyadamummaa ummataa mirkaneessaniifi gaaffiifi fedhii ummanni misoomuuf qabu deebisan keessaa ammoo bu'uuraaleen misoomaa isa tokkodha. Gaaffiifi raawwiin bu'uuraalee misoomaa biyya keenyatti yeroo dheeraaf ummata komachiisuun sababoota waldhabdeef galtee ta'aa tureera. Sirni duraan ture fedhii ummanni misoomuuf qabu deebisuurra dhagaa bu'uuraa kaa'uun bara filannoo lakkaa'uu, pirojektota eegalanii jidduutti dhiisuufi qulqullina baay'ee gadaanaan xumuruun rakkoo guddaa qabeenya biyyaallee balaarra buusaa turedha. Waggoottan jijjiiramaa jahan darban keessatti mootummaan badhaadhinaa fedhii ummanni misoomuuf qabu hundeerraa hubachuun akkasumas gaaffii fayyadamummaa haqa qabeessaa deebisuuf pirojektoota gurguddoo rakkoo hawaasaa furan, hawaasa walqunnamsiisan, dinagdee biyya keenyaa si'eessuun badhaadhina milkeessan yeroo gabaabaafi qulqullina olaanaan hojjetaa jira. Kunis, seenaa dhagaa bu'uuraa kaa'anii baduu qabatamaan hambisuun fayyadamummaa ummataa mirkaneessuu bira darbee imalli badhaadhinaa biyyi keenya eegalte yeroo gabaabaa keessatti milkaa'uu akka danda'u agarsiiftuu guddaa ta'aa jira. Misoomni bu'uuraalee misoomaa babal'achuun sochii hawaasaa ni salphisa; oomishni gara gabaatti akka dhufu taasiss; investimentiin akka babal'atu jajjabeessa; badhaadhina biyyaa milkeessa. Gaaffii bu'uuraalee misoomaa yeroo dheeraaf gaafatamaa turan keessaa tokko babal'ina buufata xiyyaaraa biyya keessaati. Buufanni xiyyaaraa biyya keessaa kan dur turaniyyuu cufamuun jijjiiramaan dura ummata rakkoof saaxilaa turaniiru. Kanaafis fakeenya gaariin buufata xiyyaaraa Baalee Roobeefi Dambi Doollooti. Mootummaan jijjiiramaa gaaffiin ummataa sirrii ta'uu hubachuufi kanaafis deebii kennuun waggoota darban keessatti buufanni xiyyaaraa kunneen akka hojjetaman taasisee jira. Buufanni Xiyyaaraa Dambi Doolloo bu'aa kanaati. Qaamuma kanaa kan ta'e buufanni xiyyaaraa Naqamtees xumuramuun har'a bakka hoggantoonni olaanoo naannoofi federaalaa argamanitti eebbifamuun hojii kan eegalu ta'a. Buufanni xiyyaaraa kunis "Buufata Xiyyaaraa Guddinaa Tumsaa International Naqamtee (Gudina Tumsa  International Airport Nekemte) jedhamuun moggaafameera. Luba Guddina Tumsaan nama beekaafi abbaa amantaa qabsoo ummata Oromoo akkasumas guddina afaanii keessatti shoora olaanaa taphatanidha. Buufanni xiyyaaraa kun sochii ummataa salphisuun hawaasa kan walqunnamsiisu ta'uu bira darbee qabeenya bal'aa Godinoota Oromiyaa lixaa jiru gara gabaatti akka dhufu, investimentiin gara godinoota kanneenii akka deemu haala mijataa kan uumuudha. Hojiileen misoomaa waggoottan jahan darban keessatti mootummaan badhaadhinaa hojjetaa jiru qormaata hedduu keessaafi alaa damdamachuufi hawaasa bal'aa hirmaachisuun kan hojjetaman ta'uun isaa adda isa taasisa. Ummanni Godinoota Wallaggaas rakkoo nageenyaa sababa finxaaleyyiitiin rakkachaa ture keessaa bahuun fuula isaa gara misoomaatti deebifachuun hojiileen misoomaa hedduun hojjetamaa jiru. Badhaadhinni Itoophiyaa ni dhugooma! Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
2031Loading...
05
Media files
1861Loading...
06
Gaazexaa Bariisaa maxxansa har'aa!! Gaazexaa Bariisaa Waxabajji 8 bara 2016 maxxanfame https://press.et/oromifa/2024/06/15/bariisaa-sanbataa-waxabajjii-8-bara-2016/ - Telegram Ethiopian Press Agency/Afaan Oromoo ykn liinkii https://t.me/EthiopianPressAgency_AfaanOromoo - Marsariitii https://www.press.et/afanoromo/
1 0831Loading...
07
‹‹Ayyaanni Iid Al Adahaa ayyaana walgargaarsaafi waldeeggarsaati›› -Haajii Xohaa Haaruun (Imaama Masgiida Anuwaar) **** Gaazexaa Bariisaa Ayyaanni Iid Al Adahaa (Arafaa) waggaa 1445ffaan bor haala ho’aan hordoftoota amantii Islaamaa biratti kabajama. Hordoftoonni amantichaa ayyaanicha horii qaluudhaan kan kabajan yoo ta’u, barsiifni amantichaa horii qalatan keessaa nuusa ofii fudhachuun kan hafe ammoo firootaafi namoota harka qalleeyyiif qooduu akka qaban qajeelfama amantichaa ta’uu dubbatu Imaamni Mazgiida Anuwaar Haajii Xohaa Haaruun. Haajii Xohaa Haaruun Ayyaana Iid Al Adahaa bor kabajamu ilaachisuun ibsa Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kaleessa kennaniin akka jedhanitti, namoonni humna qaban ayyaanicharratti hoolaafi sangaa bitanii qalanii harka qalleeyyiif qooduufi waliin nyaachuufi dhuguudhaan..... https://press.et/oromifa/2024/06/15/ayyaanni-iid-al-adahaa-ayyaana-walgargaarsaafi-waldeeggarsaati-haajii-xohaa-haaruun-imaama-masgiida-anuwaar/
1 0171Loading...
08
“Qellem Wallaggaa qabatamaan dachee nagaafi misoomaa ta’eera” - Obbo Gammachuu Gurmeessaa ** Gaazexaa Bariisaa Hojii qindoomina bulchiinsa godinichaa, qaamolee nageenyaafi ummataan hojjetameen Qellem Wallaggaa dachee nagaafi misoomaa ta’uu bulchaan godinichaa Obbo Gammachuu Gurmeessaa ibsan. Obbo Gammachuun tibba darbe Gaazeexaa Bariisaaf akka ibsanitti, godinni kun bara 2008 irraa eegalee rakkoo hamaafi ulfaataa keessummeessaa as ga’e. Bakka tokko tokkotti caasaan mootummaa diigameera. Ummatni nagaan lubbuu badeera, qaamaas hir’ateera. Kan jiraatti gubateefi qaamnisaa murame manni lakkaa’ee hin fixu. Hoggansi caasaa mootummaa 160 ol ta’u lubbuusaa dhabeera. Jiraattonni godinichaa hedduun lubbuusaanii oolfachuuf...... https://press.et/oromifa/2024/06/15/qellem-wallaggaa-qabatamaan-dachee-nagaafi-misoomaa-taee-jira-obbo-gammachuu-gurmeessaa/
6691Loading...
09
“Misooma koriidarii guddummaa Itoophiyaa mul’isuuf qajeelummaadhaan eegalle” -Ministira Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) *** Gaazexaa Bariisaa Hojii Misooma Koridarii Magaalaa Finfinnee guddummaa Itoophiyaa mul’isuuf qajeelummaadhaan akka eegalan Ministeerri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad ibsan. Daawwannaa raawwii hojii Misooma Koriidarii Finfinnee naannawa Piyaassaa (Birbirsa Gooroo)tti Dilbata darbe wayita taasisan akka jedhanitti, hojiin koriidarichaa hojii Itoophiyaa hanga maqaashee geessu ijaaruuf qajeelummaadhaan eegalamedha. Akka isaan ibsanitti, ji’oota sadii keessatti naannawaa piyaassaa jijjiiruuf misoomni kuni karoorfamee hojiitti kan galamee yommuu ta’u, yaadamni misoomichaas waadaa ummataaf galame gochaan....... https://press.et/oromifa/2024/06/15/misooma-kooriidarii-guddummaa-itoophiyaa-mulisuuf-qajeelummaadhaan-eegalle-ministira-muummee-abiyyi-ahimad-phd/
5120Loading...
10
Seenessa walirraafagaate gara giddugaleessaatti fiduu keessatti hirmaannaan namoota dhiibbaa uumanii murteessaadha ***** Gaazexaa Bariisaa Seenessa walirraafagaate gara giddugaleessaatti fiduu keessatti hirmaannaan namoota dhiibbaa uumanii murteessaa ta’uu himu qooda fudhattootni marii ajandaa walittiqabuu dhiyeenya kana Finfinneetti adeemsifamerratti hirmaatan. Marii ajandaa walittiqabuu Komishiniin Marii Biyyaalessaa dhiyeenya kana Finfinneetti adeemsiserratti kan hirmaatan Obbo Ibsaa Nagawoo akka jedhanitti, seenessa walirraafagaate gara giddugaleessaatti fiduu keessatti hirmaannaan namoota dhiibbaa uumanii shoora olaanaa qaba. Kanaaf namoonni dhiibbaa uumuu danda’an amanamummaan maricharratti hirmaachuun yaada furmaataa maddisiisuu....... https://press.et/oromifa/2024/06/15/seenessa-walirraafagaate-gara-giddugaleessaatti-fiduu-keessatti-hirmaannaan-namoota-dhiibbaa-uumanii-murteessaadha/
4820Loading...
11
Labsiin ayyaanota ummataafi kabajasaanii murteessuuf ba’e hariiroo hawaasaa cimsuuf gargaara ****** Gaazexaa Bariisaa Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa walga’iisaa idilee 31ffaa Kibxata darbe taa’een wixinee labsii ayyaanota ummataafi kabaja ayyaanotaa kunneenii murteessuuf ba’e qoratee raggaasiseera. Wixineen labsii ayyaanota ummataafi kabaja ayyaanotaa murteessuuf ba’e kan dhiyeessan Walittiqabduun Koree Dhaabbii Dhimmoota Fayyaa, Misooma Hawaasummaafi Ispoortii Aadde Warqasimuu Maammoo akka jedhanitti, labsichi ayyanotni ummataa safuu, seenaafi duudhaa, amantiifi aadaa eeganii nagaafi haala miidhagina qabuun...... https://press.et/oromifa/2024/06/15/labsiin-ayyaanota-ummataafi-kabajasaanii-murteessuuf-bae-hariiroo-hawaasaa-cimsuuf-gargaara/
5200Loading...
12
#Maqii "Caasaaleen mootummaa murteessoon magaalaa keenyatti diriiruu dhabuun kenna tajaajilaarratti gufuu guddaa uumeera” – Obbo Dilboo Urgeessaa, Kantiibaa Magaalaa Maqii ******* Gaazexaa Bariisaa Magaalaan Maqii bara 1931 kan hundoofte yoo ta’u, beekamtii kan argatte ammoo bara 1958. Bara beekamtii argatterraa eegalee hojiilee manni qopheessaa tokko hojjechuu danda’u raawwachaa turte. Turtii yeroo dheeraa booda bara 2013 riiformii jala galtee magaalaa sadarkaa guddattuu argatte. Bara 2014 booda seektaroonnishii gara 15tti guddatanis amma seektaroonni murteessoon akka mana marii, kominikeeshinii, dhimma dubartootaafi daa’immanii, dargaggoofi ispoortii, hojjetaafi hawaasummaafaan guutamuufii dhabuun akkasumas caasaaleen kaanis hanqina humna namaa olaanaa keessa akka jiran kantiibaan...... https://press.et/oromifa/2024/06/15/caasaaleen-mootummaa-murteessoon-magaalaa-keenyatti-diriiruu-dhabuun-kenna-tajaajilaarratti-gufuu-guddaa-uumeera-obbo-dilboo-urgeessaa-kantiibaa-magaalaa-maqii/
4860Loading...
13
Booranatti pirojektotni rakkoo nageenyaan adda citanii turan humna guutuun hojiitti deebi’aniiru ******* Gaazexaa Bariisaa Godina Booranaatti rakkoo nageenyaan walqabatee ijaarsi pirojektota hedduu lafarra harkifachaa ture yeroo ammaa rakkoon kun furamuusaatiin humna guutuun gara hojiitti deebi’uu Bulchaan Godina Boorana Bahaa Obbo Abdulrazaaq Huseen ibsaniiru. Pirojektota ijaarsisaanii adda citanii turan keessaa tokko Pirojektii Ijaarsa Hidha Burqituu ta’uu himanii; ammaan tana garuu rakkoon sun furamee ijaarsisaa eegalamuu yaadachiisaniiru. Pirojektiin kun qarshii miliyoona 210 ta’uun kan ijaaramaa jiru yemmuu ta’u, lafa hektaara 30 ta’erratti kan hojjatamuudhas jedhaniiru. Ijaarsa pirojektichaatiif kan qabamee ture guyyoota 241 akka ture kan himanimmoo maanaajara pirojektichaa Obbo Bisraat Yohaannisidha. Sababa rakkoo nageenyaafi dhiyeessii galtee.... https://press.et/oromifa/2024/06/15/booranatti-pirojektotni-rakkoo-nageenyaan-adda-citanii-turan-humna-guutuun-hojiitti-deebianiiru/
5000Loading...
14
Alergii bunaarraa galiin doolaara biliyoona 1.2 argame *** Gaazexaa Bariisaa Ji’oottan 11 darban keessatti buna gabaa alatti ergamerraa galiin doolaara Ameerikaa biliyoona 1.2 argamuu Abbaan Taayitaa Bunaafi Shaayee Federaalaa ibse. Hojii qulqullinaafi bal’isuu gabaa hojjetameen gatii bunaa Itoophiyaa %18 akka dabalu taasisuus ibseera. Daarektarri olaanaan Abbaa Taayitaa Bunaafi Shaayee Federaalaa Doktar Addunyaa Dabalaa Kibxata darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf akka ibsanitti; alergii bunaa ji’oota 11 irraa galiin doolaara biliyoona 1.2 argameera. Biyyootni buna Itoophiyaa bitachuun beekaman Saa’ud Arabiyaa, Jaappaan Ameerikaa, Beeljiyeemiifi Jarmanidha. Abbaan taayitichaa barana buna toonii kuma 300 alattii erguun galii doolaara biliyoona 1.7 argachuuf karoorfatee hojjechaa jira. Kanaafis qulqullina bunaafi gabaa babal’isuurratti xiyyeeffannoon.......... https://press.et/oromifa/2024/06/15/alergii-bunaarraa-galiin-doolaara-biliyoona-1-2-argame/
5130Loading...
15
Oromiyaatti beeyiladootni miliyoona 1.5 akka diqaaloman taasifameera *** Gaazexaa Bariisaa Oromiyaatti bu’aa beeyiladootarraa argamu gabbisuuf beeyiladootni miliyoona 1.5 ta’an diqaalomsamuu Biiroon Qonna Naannichaa beeksise. Hogganaan Ittaanaa biirichaa Obbo Toleeraa Dabalaa ibsa Kibxata darbe Gaazexaa Bariisaatif kennaniin akka jedhanitti, bu’aa beeyiladootaa dabaluuf sanyii beeyiladoota fooyya’oo ta’an diqaalessuun baay’isuun murteessaadha. Naannichatti hojiin sanyii beeyiladootaa fooyyessuu hojii yeroo dhiyoo as xiyyeeffannoo argateedha kan jedhan Obbo Toleeraan; hojicha galmaan ga’uuf mootummaan naannichaa giddugaloota horsiisa..... https://press.et/oromifa/2024/06/15/oromiyaatti-beeyiladootni-miliyoona-1-5-akka-diqaaloman-taasifameera/
6570Loading...
Daaw’annaa hojiilee misoomaa #Baatuutti **** Gaazexaa Bariisaa Hojiilee misoomaa baay’ee Magaalaa Baatuutti hojjetamaa jiran keessaa muraasni kanneen akka gamoo waajjira kantiibaa, wiirtuulee furdisa loonii, kiliniika beeladaa, horsiisa qurxummii, gamoo IMX, bakka gurgurtaa kuduraafi muduraa, warshaa nyaanni beeladaa ittiqindeeffamu, inisheetivii misooma timaatimii, manneen qulqullinaafi baga nagaan dhuftanii seensa magaalaa garee Kantiibaa Magaalattii Obbo Ahmad Ismaa’eliin durfamuun Jimaata darbe daaw’atameera. Kantiibichi xumurarrattis dargaggoota magaalattii daaw'annicharratti hirmaatan wajjin dhimmoota nageenya waaraa, gurmaa'anii hojjechuufi kkf irratti mari'ataniiru.
Показати все...
#Buufata Xayyaaraa Guddinaa Tumsaa- Naqamtee ** Gaazexaa Bariisaa Biyya keenyatti fayyadamumaan haqa qabeessa, facaatiifi raawwiin pirojektoota misoomaa dhimmoota komiifi gaaffii uummataa gurguddoo turan keessaa tokkodha. Hojiiwwan ummanni qabeenya biyyattiin qabdurraa walqixa fayyadamaa ta'uu qaba. Fayyadamummaa ummataa mirkaneessaniifi gaaffiifi fedhii ummanni misoomuuf qabu deebisan keessaa ammoo bu'uuraaleen misoomaa isa tokkodha. Gaaffiifi raawwiin bu'uuraalee misoomaa biyya keenyatti yeroo dheeraaf ummata komachiisuun sababoota waldhabdeef galtee ta'aa tureera. Sirni duraan ture fedhii ummanni misoomuuf qabu deebisuurra dhagaa bu'uuraa kaa'uun bara filannoo lakkaa'uu, pirojektota eegalanii jidduutti dhiisuufi qulqullina baay'ee gadaanaan xumuruun rakkoo guddaa qabeenya biyyaallee balaarra buusaa turedha. Waggoottan jijjiiramaa jahan darban keessatti mootummaan badhaadhinaa fedhii ummanni misoomuuf qabu hundeerraa hubachuun akkasumas gaaffii fayyadamummaa haqa qabeessaa deebisuuf pirojektoota gurguddoo rakkoo hawaasaa furan, hawaasa walqunnamsiisan, dinagdee biyya keenyaa si'eessuun badhaadhina milkeessan yeroo gabaabaafi qulqullina olaanaan hojjetaa jira. Kunis, seenaa dhagaa bu'uuraa kaa'anii baduu qabatamaan hambisuun fayyadamummaa ummataa mirkaneessuu bira darbee imalli badhaadhinaa biyyi keenya eegalte yeroo gabaabaa keessatti milkaa'uu akka danda'u agarsiiftuu guddaa ta'aa jira. Misoomni bu'uuraalee misoomaa babal'achuun sochii hawaasaa ni salphisa; oomishni gara gabaatti akka dhufu taasiss; investimentiin akka babal'atu jajjabeessa; badhaadhina biyyaa milkeessa. Gaaffii bu'uuraalee misoomaa yeroo dheeraaf gaafatamaa turan keessaa tokko babal'ina buufata xiyyaaraa biyya keessaati. Buufanni xiyyaaraa biyya keessaa kan dur turaniyyuu cufamuun jijjiiramaan dura ummata rakkoof saaxilaa turaniiru. Kanaafis fakeenya gaariin buufata xiyyaaraa Baalee Roobeefi Dambi Doollooti. Mootummaan jijjiiramaa gaaffiin ummataa sirrii ta'uu hubachuufi kanaafis deebii kennuun waggoota darban keessatti buufanni xiyyaaraa kunneen akka hojjetaman taasisee jira. Buufanni Xiyyaaraa Dambi Doolloo bu'aa kanaati. Qaamuma kanaa kan ta'e buufanni xiyyaaraa Naqamtees xumuramuun har'a bakka hoggantoonni olaanoo naannoofi federaalaa argamanitti eebbifamuun hojii kan eegalu ta'a. Buufanni xiyyaaraa kunis "Buufata Xiyyaaraa Guddinaa Tumsaa International Naqamtee (Gudina Tumsa  International Airport Nekemte) jedhamuun moggaafameera. Luba Guddina Tumsaan nama beekaafi abbaa amantaa qabsoo ummata Oromoo akkasumas guddina afaanii keessatti shoora olaanaa taphatanidha. Buufanni xiyyaaraa kun sochii ummataa salphisuun hawaasa kan walqunnamsiisu ta'uu bira darbee qabeenya bal'aa Godinoota Oromiyaa lixaa jiru gara gabaatti akka dhufu, investimentiin gara godinoota kanneenii akka deemu haala mijataa kan uumuudha. Hojiileen misoomaa waggoottan jahan darban keessatti mootummaan badhaadhinaa hojjetaa jiru qormaata hedduu keessaafi alaa damdamachuufi hawaasa bal'aa hirmaachisuun kan hojjetaman ta'uun isaa adda isa taasisa. Ummanni Godinoota Wallaggaas rakkoo nageenyaa sababa finxaaleyyiitiin rakkachaa ture keessaa bahuun fuula isaa gara misoomaatti deebifachuun hojiileen misoomaa hedduun hojjetamaa jiru. Badhaadhinni Itoophiyaa ni dhugooma! Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Показати все...
Gaazexaa Bariisaa maxxansa har'aa!! Gaazexaa Bariisaa Waxabajji 8 bara 2016 maxxanfame https://press.et/oromifa/2024/06/15/bariisaa-sanbataa-waxabajjii-8-bara-2016/ - Telegram Ethiopian Press Agency/Afaan Oromoo ykn liinkii https://t.me/EthiopianPressAgency_AfaanOromoo - Marsariitii https://www.press.et/afanoromo/
Показати все...
Фото недоступнеДивитись в Telegram