uk
Feedback

Не попадись на ботовода! Telemetrio знаходить і позначає такі канали мітками 👉 Хочеш бачити мітку, оформляй підписку

Sputnik Afrikaa

Sputnik Afrikaa

Відкрити в Telegram

♦️ Oduu Simbirtuu fi Addaa, Xiinxala fi Yaada Addaa ✅ X Irratti Nu Hordofaa: https://x.com/sputnik_afrikaa 👉 Waa’ee Afrikaa Afaan Ingiliziitiin: @sputnik_africa 💬 Nu Qunnamaa: @Africa_Sputnik_bot

Показати більше
Країна не вказанаКатегорія не вказана
980
Підписники
Немає даних24 години
-37 днів
-930 днів
Архів дописів
Bu’aan Daandii Baaburaa Itiyoo-Jibuutii Birrii Biiliyoona 3.4 Irraa Gara Biiliyoona 43tti Guddate – Abiy Ahimad 🚆 Ministirri Muummee Abiy Ahimad haaromsa dhaabbatichaatiin bu’aan isaa dachaa 12 ol guddatee Birrii biiliyoona 43 ga’uu ibsaniiru. 📈 Dandeettiin imaltoota geejjibuu kuma 198 irraa gara kuma 588tti, fe’umsaa immoo toonii miiliyoona 1.3 irraa gara miiliyoona 4.3tti guddateera. Daandiin baaburaa kun buna alatti ergamu keessaa %95 fi xaa’oo galfamu keessaa %25 geejjibaa jira. Aammaas, Itiyoophiyaan dandeettii biyya keessaa qofaan daandii baaburaa kiiloo meetira 100tti dhiyaatu ijaaraa jirti. 🔸 Sputnik Afrikaa | X | Nu Qunnamaa 🔸
28 лист, 02:01

🇷🇺 Puutiin Sirna Alaabaa Ol Kaasuu Doonii Galaanaa Jalaa Niiwukilaraa Fayyadamtu 'Perm' Irratti Hirmaatan Pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin, sirna alaabaa ol kaasuu doonii galaanaa jalaa Niiwukilaraa fayyadamtu 'Perm' irratti gaggeeffame irratti hirmaatan. Dooniin kun gosa Yasen-M yoo taatu, sirna misaa'ela saffisa sagalee caalu Zirkon kan qabdu yoo ta'u, misaa'ela kana baattee socho'uuf doonii jalqabaa dha. Puutiin doonichi gara humna galaanaa Raashiyaa dabarfamuu isaatiin loltoota doonichaa fi ogeessota doonii ijaaran baga gammaddan jedhan. Yaada ijoo Puutiin dhiyeessan: ▪️ Raashiyaan biyyoota muraasa dooniiwwan galaanaa jalaa Niiwukilaraa humna guddaa qaban ijaaruu danda'an keessaa tokkodha. ▪️ Dooniin gosa Yasen-M ulaagaalee yeroo ammaa fi kan gara fuulduraa guuta. ▪️ Raashiyaa humna galaanaa cimaa ijaaruuf karoorfatte hundi yeroo qabame keessatti guutummaatti akka raawwatamu amantaa qabdi. 👉 Afaan Amaaraan Dubbisaa 👉 Afaan Ingiliffaan Dubbisaa 🔸 Sputnik Afrikaa | X | Nu Qunnamaa 🔸
27 лист, 12:08

27 лист, 10:05

''Makaanayizeeshinii Qonnaa Fayyadamuun Sassaabbiin Oomishaa Oromiyaa Keessatti Bal’inaan Gaggeeffamaa Jira'' – Indaashaaw Jamaanah Daayireektarri Kominikeeshinii fi Qunnamtii Hawaasaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa Indaashaaw Jamaanah, oomishni qonnaa Oromiyaa keessatti mala aadaa fi makaanayizeeshinii fayyadamuun bal’inaan sassaabamaa jiraachuu, kombaayinaroonnis bakka oomishni gahe hundatti bobba’uun tajaajila kennaa jiraachuu Sputnik’tti himaniiru.
“Kombaayinaroonni bal’inaan gara naannoo keenyaatti galanii jiru. Bakka oomishni gahe hundatti dhaqanii oomisha yeroodhaan akka sassaabaniif waliigalteen taasifameera.”
Godinaalee Kibba Baha Oromiyaatti qamadiin, Kibba Lixa Oromiyaatti immoo boqqolloon makaanayizeeshinii qonnaatiin bal’inaan sassaabamaa jiras jedhan. 🔸 Sputnik Afrikaa | X | Nu Qunnamaa 🔸
27 лист, 09:04

Pirojektiiwwan Gurguddoo Guubaa Doolaara Biiliyoona 30 Olitti Tilmaamaman Hojjetamaa Jiru – Abiy Ahimad 🇪🇹 Ministirri Muummee Abiy Ahimad pirojektoowwan gurguddoo Guubaa keessatti karoorfaman, baasii Doolaara biiliyoona 30 ol gaafatan akka karoorfamanitti hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. 🏗 Pirojektoonni kunneen manneen jireenyaa miiliyoona 1.5, warshaa xaa’oo Godee, gaazii Ogaadeen, Buufata Xiyyaaraa Bishooftuu fi humna niwukilaraa kan hammatan yoo ta’u, misooma biyyattii saffisiisuuf kan karoorfamanidha. 👉 Afaan Amaaraan Dubbisaa 🔸 Sputnik Afrikaa | X | Nu Qunnamaa 🔸
27 лист, 08:04

🇷🇺🇦🇲 Puutiin fi Paashinyan Buufata Waraanaa Raashiyaa Armeeniyaa Keessatti Argamu Irratti Mari’atu – Kiriimiliin Dubbi Hi
🇷🇺🇦🇲 Puutiin fi Paashinyan Buufata Waraanaa Raashiyaa Armeeniyaa Keessatti Argamu Irratti Mari’atu – Kiriimiliin Dubbi Himaan Kiriimilii Dmitry Peskov akka jedhanitti: 🔹 Daawwannaan Ministira Muummee Armeeniyaa Raashiyaa dursee kan karoorfame yoo ta’u, Kiriimiliin simannaa isaa qopheessaa jira. 🔹 Armeeniyaan gara Gamtaa Awurooppaa (EU) dhiyaachuuf qabdu, Gamtaa Diinagdee Yuureeshiyaa (EAEU) keessatti itti fuftee hojjechuuf fedhii qabdu waliin kan wal hin simne dha. 🔹 Puutiin fi Tiraamp marii isaanii keessatti dhimma ambaasaaddara haaraa Raashiyaa Ameerikaatti muudamu hin kaafne. 👉 Afaan Ingiliffaan Dubbisaa 🔸 Sputnik Afrikaa | X | Nu Qunnamaa 🔸
27 лист, 07:00

🇬🇼 Giinii-Bisaawoon Filannoo Pirezidaantii fi Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Gara Sadaasa 2028tti Dabarsite Pirezidaantii
🇬🇼 Giinii-Bisaawoon Filannoo Pirezidaantii fi Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Gara Sadaasa 2028tti Dabarsite Pirezidaantiin yeroo ce’umsaa Giinii-Bisaawoo, Horta N’Tam, labsii filannoo pirezidaantii fi Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Muddee 6 gaggeessuuf ba’e ture gara Sadaasa 26, 2028 akka gaggeeffamu murtaa’uun ibsameera. Yeroon dabalataa kun kan barbaachise galmee filattootaa xumuruuf, kaartaa naannolee filannoo haaromsuu fi jijjiirama mootummaa karoorfame hojiirra oolchuuf ta’uun ibsameera. Jijjiiramoota sirna filannoo keessatti taasifaman keessaa: 🔘 Naannolee Filannoo: 29 irraa gara 12tti hir’ifamaniiru. 🔘 Teessoo Mana Maree: 102 irraa gara 65tti hir’ifamaniiru. ℹ️ Waraanni Giinii-Bisaawoo Sadaasa 26, 2025 aangoo mootummaa to’ate. Kunis filannoo waliigalaa gaggeeffamee guyyaa sadii booda, bu’aan isaa osoo hin ifoomin ture. Filannoon bara 2028 gaggeeffamu kun biyyattii gara bulchiinsa siiviiliitti deebisuuf kan karoorfamedha. 👉 Afaan Ingiliffaan Dubbisaa 🔸 Sputnik Afrikaa | X | Nu Qunnamaa 🔸
27 лист, 06:05

Harreewwan Hawaasaaf Murteessoo Ta’an Imaammata Keessatti Dagataman – Qorannoo 🐴 Harreewwan Baha Afrikaatti yeroo hongee bishaanii fi nyaata geejjibuu, akkasumas maatiiwwaniif galii argamsiisuu keessatti gahee guddaa qabu. Haa ta’u malee, qorannoon haaraan tokko harreewwan kun tajaajila yaalaa, talaallii fi deeggarsa yeroo hongee akka hin arganne saaxileera. 👉 Afaan Amaaraan Dubbisaa 🔸 Sputnik Afrikaa | X | Nu Qunnamaa 🔸
27 лист, 05:02

🪖 FSB’n Donetsk Keessatti Ajjeechaa Ajajaa Waraanaa Olaanaa Raashiyaa Irratti Raawwatamuuf Karoorfame Fashaleesse Tajaajilli
🪖 FSB’n Donetsk Keessatti Ajjeechaa Ajajaa Waraanaa Olaanaa Raashiyaa Irratti Raawwatamuuf Karoorfame Fashaleesse Tajaajilli Nageenyaa Federaalaa Raashiyaa (FSB) ajajaa waraanaa olaanaa tokko 'Donetsk' keessatti ajjeesuuf karoorfame fashaleessuu beeksise. FSB’n akka jedhutti, dubartiin lammii Raashiyaa taate tokko qaama basaasaa Yuukireen waliin hojjechaa turuun, sochii ajajaa waraanaa sanaa fi konkolaattota inni fayyadamu WhatsAppiin qaama Yuukireenitti dabarsaa turte. Akka FSB’n Ibsetti: 🔶 Dirooniiwwan haleellaa sadii meeshaalee dho'oo fe'atan ajaja elektirooniksiitiin to’atamanii kufan. 🔶 Ogeeyyiin FSB meeshaalee dho'oo dirooniiwwan keessa turan balaa malee hojii irraa oolchaniiru. Dubartiin shakkamte to’annoo jala ooltee, gantummaa biyyaatiin himatamuu fi mana hidhaa keessatti akka turtu murtaa’uu FSB beeksiseera. *Raashiyaan dhaabbata Meta fi oomishaalee isaa shororkeessummaa deeggaru jechuun ramaddee dhorkiteetti. 👉 Afaan Ingiliffaan Dubbisaa 🔸 Sputnik Afrikaa | X | Nu Qunnamaa 🔸
27 лист, 04:01

🇮🇷 Iraan: Ameerikaa fi Israa’el Waraana Baha Giddugaleessaa Babal’isuuf Haleellaa Ofii Isaanii Raawwatanii Iraanitti Ramadu
🇮🇷 Iraan: Ameerikaa fi Israa’el Waraana Baha Giddugaleessaa Babal’isuuf Haleellaa Ofii Isaanii Raawwatanii Iraanitti Ramaduuf Karoora Qabu Iraan haleellaa diroonii Kuweet keessatti buufata hordoffii ittisa qilleensaa irratti raawwatameen ogeeyyiin Xaaliyaanii lama ajjeefaman keessatti hirmaannaa qabaachuu cimsitee haalte. Dura Taa’aan Dubbi Himaa Humnoota Waraanaa Iraan, Jeneraal Abulfazl Shikarchi, himannaan kun shira Ameerikaa fi Israa’el waraana Baha Giddugaleessaa babal’isuufi biyyoota Awurooppaa keessa galchuuf taasisan ta’uu akka danda’u akeekkachiise.
💬 “Himannaan kun shira itti fufsiisuuf haguuggii ta’ee tajaajila; naannichatti tasgabbii dhabuu dabaluuf yaalii dha,” jedhe.
Ministirri Dhimma Alaa Iraan Abbas Aragchii immoo taatee kana “waraanaaf dursee qophaa’e” jechuun ibseera. 👉 Afaan Ingiliffaan Dubbisaa 🔸 Sputnik Afrikaa | X | Nu Qunnamaa 🔸
27 лист, 03:02

27 лист, 02:01

26 лист, 10:01

“Naannoo Oromiyaatti Hanga Ammaatti Kuntaalli Oomisha Qonna Gannaa Miiliyoona 63.2 Sassaabbameera” – Indaashaaw Jamaanah 🌾🌱 Haala sassaabbii oomisha qonna gannaa naannoo Oromiyaa ilaalchisee Daayireektarri Kominikeeshinii fi Qunnamtii Hawaasaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa Indaashaaw Jamaanah Sputnik Afrikaa waliin turtii taasisaniinsassaabbii oomishaa gannaatiin hanga ammaa kuntaallii miiliyoona 63.2 walitti qabameera.
''Indaashaaw Jamaanah akka ibsanitti, ''bara oomisha 2018/19tti Oromiyaa keessatti lafti heektaara miiliyoona 11.18 misoomeera. Lafa oomishni irraa gahe heektaara miiliyoona 5.1 keessaa hanga ammaatti heektaara miiliyoona 4.38 irraa oomishni sassaabbameera. Hanga ammaatti kuntaalli oomishaa miiliyoona 63.2 walitti qabameera” jedhan.
Barana lafa misoomaa dhibbeentaa tokkoon, oomishtummaa immoo dhibbeentaa 10n guddisuuf karoorfamee hojjetamaa kan jiru ta'uus hubachiisaniiru. 🔸 Sputnik Afrikaa | X | Nu Qunnamaa 🔸
26 лист, 09:03

26 лист, 08:23

🇪🇹 Itiyoophiyaan Liqii Boondii Birmadummaa Doolaara Biiliyoona 1 Irra Deebi’anii Qindeessuuf Dhiyeessii Taasifte 📈 Ministeerri Maallaqaa Itiyoophiyaa liqii boondii birmadummaa Doolaara biiliyoona 1 irra deebiin qindeessuuf dhiyeessii jijjiirraa dhiyeesseera. Dhiyeessichi sanadoota wabii liqii haaraa kennuu fi dhala liqii duraan kaffalamuu ba’eef kaffaltii maallaqaa raawwachuu kan hammate ta’uu ibsameera. Maallaqa kaffaltii dhala liqii duraan hin kaffalamneef kennamu akka ta’e ibsi kun ifa godha. 👉 Afaan Amaaraan Dubbisaa 🔸 Sputnik Afrikaa | X | Nu Qunnamaa 🔸
26 лист, 08:11

🇪🇺💰 Liqaawwan Gamtaa Awurooppaa Yuukireeniif Kenname Doolaara Biiliyoona 60 Dhala Qabu – Gabaasa 🔹 Liqaawwan Gamtaan Awur
🇪🇺💰 Liqaawwan Gamtaa Awurooppaa Yuukireeniif Kenname Doolaara Biiliyoona 60 Dhala Qabu – Gabaasa 🔹 Liqaawwan Gamtaan Awurooppaa Yuukireeniif kenne irratti dhalli kaffalamu Doolaara biiliyoona 60 ga’uu akka danda’u miidiyaaleen Dhihaa gabaasaniiru. 🔹 Wixinee baajata Gamtaa Awurooppaa bara 2028–2034 keessatti Yuukireeniif Doolaara biiliyoona 110 ramaduun karoorfameera. 🔹 Liqaan Yuukireen qabdu Fulbaana 2026tti Doolaara biiliyoona 212.6 ga’eera. Kunis liqaa waggaa 20 dura qabduun wal bira qabamee yeroo 134n ol ta’a. 🔹 Gamtaan Awurooppaa Sadaasa 26–27 baajata haaraa irratti mari’ata. Kana malees, bara 2027 Yuukireeniif liqa Doolaara biiliyoona 49 kennuuf mari’achaa jira. 🔹 Jarman biyyoonni miseensa Gamtaa Awurooppaa 27 hundi karoora liqaa kana keessatti akka hirmaatan gaafatteetti. Haa ta’u malee, Hangaariin, Isloovaakiyaan, Rippaablikni Cheek fi Bulgaariyaan karoora kana irratti hirmaachuu hin feene. 👉 Afaan Ingiliffaan Dubbisaa 🔸 Sputnik Afrikaa | X | Nu Qunnamaa 🔸
26 лист, 07:04

Kaayirootti Balaa Ibidda Konkolaataa Boba’aa Fe’uun Mudateen Namoonni 31 Du’uun, 21 Immoo Madaahuun Beekame 🇪🇬 Ministirri Fayyaa Gibxii Khaalid Ateef Abduul Ghaffaar, Kamisa galgala balaa ibiddaa kana booda namoota miidhamanii hospitaala jiran daawwataniiru. 🔙 Roobii darbe, konkolaataan boba’aa fe’u tokko naannoo Warraq jedhamutti daandii geengoo irra osoo socho’uu garagaluun balaa ibiddaa guddaa kaaseera. 👉 Waajjirri Abbaa Alangaa Waliigalaa Gibxii balaa kana ilaalchisee qorannoon eegalamuu beeksiseera. Balaa kanaan konkolaattotaafi mootoroonni 27 guutummaatti barbadaa’aniiru. Eenyummaa namoota du’an keessaa hedduu adda baasuuf qorannoon DNA akka gaggeeffamus ibseera. 👉 Afaan Amaaraan Dubbisaa 👉 Afaan Ingiliffaan Dubbisaa 🔸 Sputnik Afrikaa | X | Nu Qunnamaa 🔸
26 лист, 06:01

Oomishtoonni Qorichaa Raashiyaa Itiyoophiyaa Keessatti Akka Invast Godhan Waamichi Dhiyaate 🇪🇹🇷🇺💊 Ministirri Fayyaa Maqdas Dhaabaa, Yaa'ii 5ffaa Fayyaa Hawaasaa Afrikaa Idil-addunyaa Finfinneetti gaggeeffamaa jiru irratti hirmaachaa kan jiru garee mootummaa Raashiyaa waliin marii biyyoota lamaanii taasisaniiru. 🤝 Mariin kun oomishtoonni qorichaa Raashiyaa Itiyoophiyaa keessatti invastimantii akka godhan affeeruu fi tumsa damee fayyaa irratti xiyyeeffateera. 👉 Afaan Amaaraan Dubbisaa 🔸 Sputnik Afrikaa | X | Nu Qunnamaa 🔸
26 лист, 05:03

🇷🇺📊 Raashiyaan Meeshaa Waraanaa AI’n To’atamu Kan Diroonii Haleelu Haaraa Hojiirra Oolchuu Beeksifte Raashiyaan meeshaa waraanaa AI’n hojjetu, dirooniiwwan ofumaan adda baasee hordofuu fi haleeluu danda’u haaraa dhiyeessiteetti. 🔹 Meeshaan kun qawwee ulfaataa Kord kan mm 12.7 qabu yoo ta’u, diroonii saffisa hanga sekondii tokko keessatti meetira 80 socho’u hordofuu fi haleeluu danda’a. 🔹 AI’n galma adda baasuu, gowwoomsitoota irraa adda baafachuu, sadarkaa balaa madaaluu fi kallattii rasaasaa shallaguu danda’a. 🔹 Namni tokko fageenya hanga kiilomeetira 10 irraa meeshaalee kana 4 hanga 16 to’achuu danda’a. 🔹 Konkolaattota adda addaa irratti fe’amee ittisa dhaabbataa fi socho’aa ta’ee tajaajiluu ni danda’a. Raadaaraa fi saatalaayitii hordoffii waliin walitti hidhamuus ni danda’a. Meeshaan kun dhaabbata Uralvagonzavod, kan Rostec jalatti argamuun qophaa’ee, agarsiisa Interpolitex-2026 Moskootti gaggeeffamerratti dhiyaateera. 👉 Afaan Ingiliffaan Dubbisaa 🔸 Sputnik Afrikaa | X | Nu Qunnamaa 🔸
26 лист, 04:02

Waldaan Invastimantii Deeggarsa Ameerikaa Qabu, Qabeenya 'Lukoil' Doolaara Biiliyoona 10n Bituuf Waliigaltee Uume 🇺🇸💰 Bili
Waldaan Invastimantii Deeggarsa Ameerikaa Qabu, Qabeenya 'Lukoil' Doolaara Biiliyoona 10n Bituuf Waliigaltee Uume 🇺🇸💰 Biliyeenaarri Ameerikaa Taad Boehly, qabeenya dhaabbata boba'aa Raashiyaa Lukoil biyyoota alaa keessatti qabu Doolaara biiliyoona 10n bituuf waliigaltee uumuu isaa Rooyitars gabaase. Qabeenyi waliigalticha keessatti hammatame biyyoota gara 40 keessatti kan argamu yoo ta'u, gatiin isaa Doolaara biiliyoona 16tti tilmaamama. Dhaabbilee oomisha boba'aa, warshaalee qulqulleessa boba'aa fi buufataalee boba'aa of keessatti qabata. 🤝 Dhaabbanni Faayinaansii Misooma Idil-addunyaa Ameerikaa (DFC) waliigalticha keessatti hirmaata. Waliigaltichi hojiirra ooluuf Ministeera Maallaqaa Ameerikaa irraa ragga'uu qaba. ⚖️ Ameerikaan Onkoloolessa 22, 2025 Lukoil fi Rosneeft irratti qoqqobbii kaa'uun ni yaadatama. Raashiyaan garuu qoqqobbiin kun dinagdee biyyattii irratti dhiibbaa guddaa akka hin geessisne ibsiteetti. 👉 Afaan Ingiliffaan Dubbisaa 🔸 Sputnik Afrikaa | X | Nu Qunnamaa 🔸
26 лист, 03:01