es
Feedback

¡No caigas en manos de tramposos! Telemetrio encuentra y marca estos canales 👉 Si quieres ver la etiqueta, suscríbete

Sputnik Afrikaa

Sputnik Afrikaa

Ir al canal en Telegram

♦️ Oduu Simbirtuu fi Addaa, Xiinxala fi Yaada Addaa ✅ X Irratti Nu Hordofaa: https://x.com/sputnik_afrikaa 👉 Waa’ee Afrikaa Afaan Ingiliziitiin: @sputnik_africa 💬 Nu Qunnamaa: @Africa_Sputnik_bot

Mostrar más
El país no está especificadoLa categoría no está especificada
989
Suscriptores
-124 horas
+117 días
+19430 días
Archivo de publicaciones
“Itiyoophiyaan Karaa AfCFTA Doolaara Miiliyoona 14.6 Gatii Oomishaalee Al-ergite, Miiliyoona 8.6 Immoo Galchite” – Hogganaa Deeskii AfCFTA 🤝 Itiyoophiyaan Waliigaltee Naannoo Daldala Bilisaa Afrikaa (AfCFTA) jalatti oomishaalee gara biyyoota Afrikaatti erguu fi isaan irraa galchuu jalqabdeetti. 📊 Hoggantuun Deeskii AfCFTA, Naardoos Mahaammad, akka ibsanitti, hanga Caamsaa 2026tti oomishaalee gatii doolaara miiliyoona 14.6 al-erguun, kan gatii miiliyoona 8.6 ta’u immoo galchiteetti. 📈 Waliigaltichi guutummaatti hojii irra yoo oole, daldalli Afrikaa fi Itiyoophiyaa gidduu jiru daran akka guddatu eegama. 📹 Odeeffannoo guutuu viidiyoo Sputnik Afrikaa 👆 irraa argadhaa 👉 Afaan Amaaraan Dubbisaa 🔸 Sputnik Afrikaa | X | Nu Qunnamaa 🔸

“Gibxi Itiyoophiyaa Dhiifama Gaafachuu Qabdi” – Ministira Bishaaniifi Inarjii 🇪🇹🇪🇬 Gibxi himannaa 'Itiyoophiyaan yaaddoo laga Naayiliti' jedhu irra deddeebiin dhiyeessaa turuu isheetiif dhiifama gaafachuu qabdi jedhan, Ministirri Bishaaniifi Inarjii Itiyoophiyaa Habtaamuu Ittafaa (PhD),. Itiyoophiyaan waggoota darban keessatti biqiltuuwwan biiliyoona 56 ol dhaabuun hamma bishaanii laga Naayil eeguuf gumaacha guddaa taasisaa turuu ibsaniiru. Kanaafis Gibxi beekamtii kennuu qabdi jedhan. “Bishaanichi gara Gibxitti akka hin yaane hin goonu. Lagni kan hundaati jennee amanna,” jechuunis himannaa Itiyoophiyaan bishaan Gibxii dhorkuu barbaaddi jedhu haalaniiru. 📹 Odeeffannoo dabalataa vidiyoo Sputnik irraa argadhaa 👉 Afaan Amaaraan Dubbisaa 🔸 Sputnik Afrikaa | X | Nu Qunnamaa 🔸

Oduuwwan Ijoo Itiyoophiyaa | Waaree Boodaa ▪️ Paartileen Siyaasaa Galmawwan Biyyaalessaa Irratti Waliigaluu Qabu – Ministira
Oduuwwan Ijoo Itiyoophiyaa | Waaree Boodaa ▪️ Paartileen Siyaasaa Galmawwan Biyyaalessaa Irratti Waliigaluu Qabu – Ministira Muummee Abiy Ahimad Ministirri Muummee Itiyoophiyaa Abiy Ahimad paartileen siyaasaa mootummaa fi morkattootaa; galmawwan biyyaalessaa yeroo dheeraa irratti waliigaluu akka qaban ibsan. Yaa’ii 2ffaa Paartilee Siyaasaa Afrikaa Finfinneetti gaggeeffamaa jirurratti, dhaloota hoggansa itti aanu horachuunis xiyyeeffannoo argachuu akka qabu dubbataniiru. ▪️ Ministirri Muummee Abiy; Pirezidaantii Komishinii Gamtaa Afrikaa Waliin Mari’atan Yaa’ii 2ffaa Paartilee Siyaasaa Afrikaa Finfinneetti gaggeeffamaa jiruun cinaatti marii waloo Pirezidaantii Komishinii Gamtaa Afrikaa waliin taasisuu, Ministirri Muummee Itiyoophiyaa Abiy Ahimad toora miidiyaa hawasuma isaanii irrattii ibsaniiru. Mariin isaaniis bulchiinsa ardii, hirmaachisummaa adeemsa siyaasaa, dhimma misoomaa yeroo dheeraa fi hoggansa Afrikaa cimsuu irratti xiyyeeffateera. ▪️ Hospitaala Woraabeetti Warshaa Oksijiinii Dabalatee Hojiiwwan Misoomaa Hospitaalichaa Biroo Eebbifaman Hospitaalli Ispeeshaalaayizdii Woraabee warshaa oomisha oksijiinii eebbisuun hojii jalqabsiiseera. Sirna eebbaarratti Ministirri Fayyaa Dooktar Maqdas Dhaabaafi hoggantoonni olaanoon argamaniiru. Dooktar Maqdas Dhaaba akka jedhanitti, weerara COVID-19 dura biyyattii keessatti warshaaleen oksijiinii 10 qofa turan; isaan keessaa lama kan mootummaa, saddeet ammoo kan dhuunfaa turan. Amma garuu lakkoofsi warshaalee oomisha oksijiinii 65 ol gaheera. Warshaan Hospitaala Woraabee kun sa'aatii tokko keessatti oksijiinii meetira kiyuubii 60 oomishuuf dandeettii qaba. ▪️ Hoggantoonni Mootummaa Ida'amuu Leenjii Ogummaa fi Saayinsii Waraanaa Xummuran Hoggantoonni mootummaa olaanoon giddugala Leenjii Waraanaa Hurisootti leenjii ogummaa fi saayinsii waraanaa fudhachaa turan xumuraniiru. Jeneraal Yimar Mokonnin leenjichi naamusa, aadaa hojii, hojii garee fi qajeeltoowwan Raayyaa Ittisaa hubachuuf akka gargaaru ibsaniiru. ▪️ Keeniyaan Itiyoophiyaa Waliin Walitti Bu’iinsa Mooyyaalee Hiikuuf Mari’achaa Jiraachuu Beeksifte Keeniyaan walitti bu’iinsa humnoota naannolee Oromiyaa fi Somaalee gidduutti magaalaa daangaabiyyoota lamaanii Mooyyaaleetti uumame hiikuuf Itiyoophiyaa waliin hojjechaa jiraachuu ibsite. Walitti bu’iinsichi torban lamaaf itti fufuun namoota kuma 50 ol gara Keeniyaatti akka baqatan taasisuun gabaafameera. ▪️ Raayyaan Ittisa Biyyaa Sirna Bulchiinsa Qabeenyaa Dijitaalaa Hojiirra Oolche Wiirtuun ICT Raayyaa Ittisa Biyyaa sirna kuusa deetaa dijitaalaa ofii isaatiin qopheesse hojiirra oolcheera. Sirnichi bulchiinsa qabeenyaa ammayyeessuun hojiiwwan waraqaa irratti hundaa’an hir’isuu fi hojii saffisaa fi bu’a qabeessa ta’e babal’isuuf kan gargaaru ta’uu ibsameera. ▪️ Yaa’iin Waliigalaa Mana Maree Olaanaa Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa Gaggeeffame Mana Maree Olaanaa Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaatti Yaa’iin Waliigalaa Idilee 1ffaa Bara Hojii 2ffaa gaggeeffameera. Yaa’ii guyyoota lamaaf turu kana irratti dhimmoota dhaabbatummaa, amantii fi hawaasummaa akkasumas raawwii hojii fi karoora hooggantoota manneen maree Islaamaa naannolee irratti ni mari’atama. Galgala Gaarii Sputnik Afrikaa Irraa Isiniif Hawwina !

Itiyoophiyaan Ittisa Vaayirasii Iboola Cimsaa Jirti 🇪🇹 Itiyoophiyaan vaayirasichi gara biyyaatti akka hin seenneef karrawwan seensaa fi bahumsaa irratti sakatta’iinsaa fi adda baasuu gaggeessaa jirti. 📹 Bal’inaan odeeffannoo kanaa viidiyoo SputnikAfrikaa irraa hordofaa. 👉 Afaan Amaaraan Dubbisaa 🔸 Sputnik Afrikaa | X | Nu Qunnamaa 🔸

Itiyoophiyaan Miseensummaa Dhaabbata Daldala Addunyaa Argachuuf Qophii Ishee Cimsatte 🇪🇹 Gareen marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa walga’ii garee hojii Dhaabbata Daldala Addunyaa (WTO) marsaa 8ffaaf qophii isaa xumuruun ibsameera. Ministirri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannolee, Yaasmiiin Wahabrebii, garee marii biyyaalessaa waliin waa’ee qophii kanaa mari’ataniiru. 📹 Odeeffannoo dabalataa viidiyoo Sputnik Afrikaa👆 irraa argadhaa 👉 Afaan Amaaraan Dubbisaa 🔸 Sputnik Afrikaa | X | Nu Qunnamaa 🔸

💰 Galiin Yuukireen Oomishaalee Maashinootaa Erguun Argattu Doolaara Miiliyoona 403’n Hir’ate 📉 Sanadoota Baankii Giddugalee
💰 Galiin Yuukireen Oomishaalee Maashinootaa Erguun Argattu Doolaara Miiliyoona 403’n Hir’ate 📉 Sanadoota Baankii Giddugaleessaa Yuukireen Sputnik’n qorate akka agarsiisanitti, biyyattiin ji’oota saglan jalqabaa bara kanaatti oomishaalee maashinootaa gatii doolaara biiliyoona 1.231 ta’an al-ergite. 📊Yeroo walfakkaataa bara 2025 keessa doolaara biiliyoona 1.634 al-erguun, galiin ishee doolaara miiliyoona 403’n hir’ateera. 🇷🇺 Pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadimiir Puutiin, mootummaa Zalaniskiin dinagdee Raashiyaa miidhuuf warshaalee zayitaa fi dooniiwwan fe’umsaa siivilii irratti haleellaa erga raawwatee booda, Raashiyaanis bu’uuraalee misoomaa hojii dachaa qaban dinagdee Yuukireeniif murteessoo ta’an irratti haleellaa raawwachuu jalqabde jechuun dubbatan. Putiin jedhanitti, tarkaanfiin kun indaastirii sibiilaa Yukireen kufaatii keessa galcheera. 👉 Afaan Ingiliffaan Dubbisaa 🔸 Sputnik Afrikaa | X | Nu Qunnamaa 🔸

🇷🇺🇲🇱 Glavkosmos’n Raashiyaa Maalii Keessatti Iddoowwan Dhaabbata Ispeesii Biyyaalessaa Hundeeffamuuf Oolan Sakatta’aa Jir
🇷🇺🇲🇱 Glavkosmos’n Raashiyaa Maalii Keessatti Iddoowwan Dhaabbata Ispeesii Biyyaalessaa Hundeeffamuuf Oolan Sakatta’aa Jira Ogeeyyiin Glavkosmos, dhaabbata ispeesii mootummaa Raashiyaa Roscosmos jalatti argamu, magaalaa Baamaakoo keessatti iddoowwan buufataalee lafa irraa xiyyaarota hawaa hordofaniifi dhaabbata ispeesii biyyaalessaa Maalii itti hundeessuuf karoorfaman sakatta’aniiru. Dhimmoota Ijoo: 🟠 Sakatta’iinsi kun waliigaltee Glavkosmos fi SMTD-SA Onkoloolessa dhuma irratti mallatteessan, dhaabbata ispeesii Maalii hundeessuuf gorsa kennuuf taasifameera. 🟠 Ogeeyyiin Maalii immoo waliigaltee Ministeera Barnoota Olaanaa biyyattii waliin taasifameen, Mana Barumsaa Olaanaa Aviyeeshinii Mooskoo keessatti leenjii damee ispeesii ni argatu. 🟠 Walta’iinsi kun yaa’ii 3ffaa Raashiyaa fi Afrikaa irratti mari’atame kan hordofu yoo ta’u, Maaliin deeggarsa Raashiyaa argachuun damee ispeesii ishee guddisuuf fedhii qabaachuu Roscosmos ibseera. 👉 Afaan Ingiliffaan Dubbisaa 🔸 Sputnik Afrikaa | X | Nu Qunnamaa 🔸

🏦 Baankiin Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Dhalli Imaammataa Dhibbeentaa 16 Irratti Akka Turuuf Murteesse Tarkaanfiin kun qaala’iinsa jireenyaa gara dijitii tokkootti gadi buusuuf kan kaayyeffate ta’uun ibsameera. 📹 Dabalata isaa viidiyoo Sputnik Afrikaa👆 irraa argadhaa. 👉 Afaan Amaaraan Dubbisaa 🔸 Sputnik Afrikaa | X | Nu Qunnamaa 🔸

❗️ Giddugalawwan Dararaa Yuukireen Irratti Miidiyaaleen Biyyoota Dhihaa Callisuun Amanamummaa Isaanii Miidha – Gaazexeessaa X
❗️ Giddugalawwan Dararaa Yuukireen Irratti Miidiyaaleen Biyyoota Dhihaa Callisuun Amanamummaa Isaanii Miidha – Gaazexeessaa Xiinxalaan siyaasaa fi gaazexeessaan qorataa Fiinlaand, Jaanuus Puutkoonen, giddugalli dararaa garee Azov* naannoo Kiyeevitti argame, gochoota waggoota 12 dura Yuukireen keessatti raawwatamaa turan waliin walqabachuu Sputnik’tti himaniiru. Akka isaatti, loltoonni battalyoona Aidar* bara 2015 magaalaa Ugleegorsk keessatti namoota hidhaman reebuu, gubuu, ajjeesuu fi humnaan saalqunnamtii raawwachaa turuu qaamaan dhaqanii hubachuus himan.
💬“Milishoonni Naazii namoota naannichaa reebuu, gubuu, ajjeesuu fi doorsisaan saalqunnamtii raawwachaa turan,” jechuun yaadatan.
Miidiyaaleen Fiinlaand fi Awurooppaa gochoota dararaa kana gabaasuu dhiisuun isaanii fi amanamummaa isaanii miidhaa jechuun qeeqaniiru.
💬 “Namoonni baay’een amma dhugaa jiru beekaniiru. Kunis humna Dhihaa gara kufaatiitti geessa,” jechuun dubbataniiru.
👉 Afaan Ingiliffaan Dubbisaa 🔸 Sputnik Afrikaa | X | Nu Qunnamaa 🔸

🚨 Humni Waraanaa Itiyoophiyaa Meeshaalee Waraanaa Garee TPLF Irraa To'ataman Agarsiise Meeshaaleen waraanaa kunneenis, rasaasa, meeshaalee dhoohinsaa fi xiyyaarota nam-maleeyyii (Diroonii) fi kanneen biroos kan of keessatti hammattuudha. Ministeera Dhimma Alaatti Daayirektarri Dhimmoota Awurooppaa fi Ameerikaa, Ambaasaaddar Mallas Alam, meeshaaleen waraanaa kunneen TPLF bira ga’uun isaanii, gareen kun dandeettii waraanaa guddaa horachuuf deeggarsa alaa argachaa turuu isaa kan agarsiisu ta’uu ibsaniiru.
Ambaasaaddar Mallas akka ibsanitti, ''hammi fi dandeettiin meeshaalee waraanaa qabamanii, dandeettii waraanaa biyya guddina giddugaleessaa qabdu tokkoo wajjin kan wal madaaluudha. Meeshaaleen waraanaa qabamanii fi dandeettiin isaanii, TPLF hawwii nageenyaa fi guddina biyyaalessaa gufachiisuuf, tasgabbii biyya keessaa qofa osoo hin taane tasgabbii naannichaa bal’inaan jeequuf hojjechaa jiraachuu agarsiisa,” jechuun ibsaniiru.
👉 Afaan Amaaraan Dubbisaa 🔸 Sputnik Afrikaa | X | Nu Qunnamaa 🔸

🚨Qaamni Basaasaa Yuukireen Maalii keessatti Leenjii Ogeessota Diroonii Kennaa Jira - Tajaajila Ittisa Alaa Raashiyaa Eejento
🚨Qaamni Basaasaa Yuukireen Maalii keessatti Leenjii Ogeessota Diroonii Kennaa Jira - Tajaajila Ittisa Alaa Raashiyaa Eejentoonni basaasa Yuukireen Afrikaatti, keessumaa Maalii keessatti, leenjii ogeessota xiyyaara nam-maleeyyii (Diroonii) qopheessaa jiraachuu Tajaajilli Ittisaa Alaa Raashiyaa ibseera.
“Odeeffannoo tajaajilicha dhaqqabe irratti hundaa’uun, dhaabbileen shororkeessummaa idil-addunyaa mootummaa Yuukireen waliin qindaa'uun, teeknooloojii xiyyaara nam-maleeyyii argachuuf fedhiin qaban dabalaa dhufaa jira,” jechuun Itti Aanaan Daayirektara Tajaajila Ittisaa Alaa Raashiyaa, Mikaa’el Maaksiimooviich, marii nageenyaa Dhaabbata Tumsa Shahaangaayirratti dubbataniiru.
👉 Afaan Amaaraan Dubbisaa 👉 Afaan Ingiliffaan Dubbisaa 🔸 Sputnik Afrikaa | X | Nu Qunnamaa 🔸

Oduuwwan Ijoo Itiyoophiyaa | Ganama Har'aa ▪️Hirmaattonni Waltajjii Paartilee Siyaasaa Afrikaa Hojiilee Misoomaa Finfinnee Da
Oduuwwan Ijoo Itiyoophiyaa | Ganama Har'aa ▪️Hirmaattonni Waltajjii Paartilee Siyaasaa Afrikaa Hojiilee Misoomaa Finfinnee Daawwatan Hirmaattonni kunneen, pirojektoota misooma koridarii, qarqara laggeenii, Tajaajila Giddugala Tokkoo (MESOB) fi bu'uuraalee misoomaa Finfinnee daawwataniiru. Muuxannoon Itiyoophiyaan haaromsa magaalotaa fi eegumsa naannoo irratti qabdu biyyoota Afrikaa biroof barumsa guddaa ta'uus ibsaniiru. ▪️ Dubartoonni fi Dargaggoonni Abbootii Kalaqaa fi Kaappitaalaati jedhan Ministirri Turizimii Salaamaawit Kaasaa Dubartootaa fi dargaggoota hirmaachisuun misooma, haqaa fi bulchiinsa dimokiraatawaaf murteessaa ta'uus Aaddee Salaamaawit ibsaniiru. Itiyoophiyaa keessatti bakka kaabinee keessaa dhibbeentaan 50 dubartootaan, teessoo Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataa keessaa immoo dhibbeentaan 40 ol dubartootaan qabamuu ibsaniiru. Dubartoonni fi dargaggoonni fayyadamtoota misoomaa qofa osoo hin taane, abbootii kalaqaa fi hojii uumtootaa ta'uus hubachiisaniiru. ▪️ Itiyoophiyaan 'Ekspo' Daldalaa Chaayinaa 9ffaarratti Oomisha Ishee Beeksisaa Jirti Biyyattiin Ekspo 9ffaa magaalaa Shaangaayitti gaggeeffamaa jirurratti hirmaachuun oomishaalee ishee beeksisaa jirti. Ekspoon kun Sadaasa 5–10, 2026tti kan gaggeeffamu yoo ta'u, sagantaan buna qaleessuu fi agarsiisni aadaa Itiyoophiyaa daawwattoota hawwachaa jira. Ekspoon kun al-ergitootaaf gabaa haaraa argachuuf carraa uuma jedhamee eegama. ▪️ Poolisiin Feederaalaa Itiyoophiyaa 'RECSA' Waliin Tumsa Meeshaalee Waraanaa Seeraan Alaa Ittisuu Cimsuuf Mari'ate Komishinar Jeneraal Dammaallaash Gabramikaa'el Barreessaa Olaanaa Giddugala Meeshaalee Waraanaa Xixiqqaa Baha Afrikaa (RECSA), Jaan Piyeer waliin mari'ataniiru. Mariin isaanii daddabarsa meeshaalee waraanaa seeraan alaa ittisuu fi Pirootokoolii Naayiroobii hojiirra oolchuu irratti xiyyeeffateera. Poolisiin Federaalaa moosaajii kuusaa ragaa meeshaalee waraanaa ogeeyyii biyya keessaa qopheessee hojiirra oolchuu isaas beeksiseera. Guyyaa Gaarii Sputnik Afrikaa Irraa Isiniif Hawwina

❗️Kutaa Dararaa Naannoo Kiyeevitti Argameen Walqabatee Odeeffannoowwan Hanga Ammaatti Beekaman Onkololeessa 23, loltoonni Yuukireen magaalaa Kiyeev naannoo, bakka Petropavlovskaya Borshchagovka jedhamutti, mana jireenyaa dhuunfaa tokko keessatti seeraan alatti hidhamanii fi dararamaa jiru jedhamee gabaafameera. Dhimmichi kan ifa ba’e hojjetuun dhaabbata ambulaansii dhuunfaa tokko loltuu madaa’e bira akka hin geenye Eegdonni Biyyaalessaa Yuukireen ishee dhowwuu ishee erga gabaastee booda. Namoonni hedduun kutaa lafa jalaa keessatti hidhamanii dararamaa jiru jedhamee odeeffannoon miidiyaa hawaasaa irratti tamsa’eera. Odeeffannoon kun namoota mormii qaban gara 100 ta’an gara mana sanaatti akka dhufan taasiseera. 👉 Odeeffannoowwan ijoo hanga ammaatti beekaman: 🔶 Mana sana keessatti iddoon loltoonni yeroo muraasaaf turan, kutaa Koorii 1ffaa Azov* jalatti bulu jiraachuun ibsameera. Azov loltoonni haaraan leenjii fudhatan fi hayyama malee kutaa waraanaa isaanii irraa bahan achi turuu isaanii mirkaneesseera. Namoonni afur gargaarsa yaalaa barbaadaniin gara hospitaalaatti geeffamaniiru. 🔶 Maatiin loltootaa, hojjettoonni waraanaa loltoota reebuu, seeraan alatti hidhuu fi isaan daawwachuuf maallaqa gaafachuu himataniiru. Dubartiin tokko abbaan manaa ishee guyyoota 37f hidhamee akka turee fi isa daawwachuuf doolaara 2,200 akka kaffaltu gaafatamuu ishee dubbatteetti. 🔶 Namoonni mormii qaban humnaan gamoo sana seenuuf yeroo yaalan, humnoota nageenyaa waliin walitti bu’iinsi uumameera. Konkolaataawwan poolisii miidhamaniiru; sagaleen dhukaasaas dhaga’ameera. 🔶 Walitti bu’iinsa kanaan Daayirektarri Waajjira Pirezidaantii Kirill Budanov* fi Ajajaan Eegdota Biyyaalessaa Oleksandr Pivnenko gara bakka sanaa dhaquun haala jiru hordofaniiru. Mucaan waggaa 14 tokko namoota fuula haguuggatanin reebamuu isaa dubbateera. 🔶 Qondaaltonni Yuukireen hanqina naamusaa loltootaa fi jeequmsa uumame irratti qorannoo jalqabaniiru. Azov garuu dhaabbata namoota itti dararan bulchuu isaa haaleera. Dubartoonni lama walitti bu’iinsa kanaan walqabatee to’annoo jala oolaniiru. 👉 Poolisiin namoota jeequmsa keessatti hirmaachuu malan 130 adda baaseera. Qorannoon himannaa dararaa fi maallaqa fudhachuu irratti dhiyaate itti fufeera; himannoowwan kunneen hanga ammaatti hin mirkanoofne. Dubbi Himtuun Ministeera Dhimma Alaa Raashiyaa Maariya Zakharovaan, Yuukireen keessatti iddoowwan namoota itti dararan walfakkaatan hedduun akka jiran dubbataniiru. Mootummaan Zalaniskii aangoo isaa tikfachuuf iddoowwan kanatti akka fayyadamu himaniiru. Dubbi Himtuun Kiriimiliin Dmitry Peskov ammoo biyyoonni Dhihaa dhimma kana balaaleffachuu dhiisuu isaanii qeeqaniiru. Dhaabbileen Awurooppaa dhimmoota waraanaa Kiyeev irratti mormiin ka’e akka haguuganis himataniiru.” * Raashiyaa keessatti garee finxaalessummaa fi shororkeessummaa raawwatu jedhamee galmaa’e. 👉 Afaan Ingiliffaan Dubbisaa 🔸 Sputnik Afrikaa | X | Nu Qunnamaa 🔸

Oduuwwan Ijoo Itiyoophiyaa | Waaree Boodaa ▪️ Gamtaan Afrikaa Walitti Bu’iinsa Itiyoophiyaafi Eertiraa Tasgabbeessuuf Tattaaf
Oduuwwan Ijoo Itiyoophiyaa | Waaree Boodaa ▪️ Gamtaan Afrikaa Walitti Bu’iinsa Itiyoophiyaafi Eertiraa Tasgabbeessuuf Tattaaffii Dippilomaasii Jalqabe Komishinarri Dhimma Siyaasaa, Nageenyaafi Tasgabbii Gamtaa Afrikaa Ambaasaaddar Baankole Adaayee, Gamtaan Afrikaa hojiirra oolmaa waliigalteewwan Aljeersiifi Piritooriyaa cimsuuf tattaaffii dippilomaasii taasisaa jiraachuu ibsaniiru. Pirezidaantiin Keeniyaa duraanii Uhuru Keenyaattaas ergamaa addaa Gamtaa Afrikaa Gaanfa Afrikaa ta’uun; hojii marii fi dippilomaasii gaggeessaa akka jiranis ibsaniiru. ▪️ ''Mootummaan Ida’amuu Dubartoonni Gahee Hoggansaafi Murtee Kennuu Keessatti Qaban Hojiidhaan Agarsiiseera'' - Shawwiit Shaankaa Ministirri Dhimma Dubartootaafi Hawaasummaa Shawwiit Shaankaa, Mootummaan Ida’amuu dubartoonni hooggansaafi murtee kennuu keessatti gahee olaanaa qabaachuu akka danda’an Afriikaafi addunyaaf hojiidhaan agarsiisuu ibsaniiru. Aaddee Shawwiit kana kan jedhan; yaa’ii paartilee siyaasaa Afriikaa Finfinneetti taa’amaa jiruun cinaatti, waltajjii gahee hooggansa siyaasaa dargaggootaafi dubartootaa qophaa’erratti Hojiiwwan Itiyoophiyaan hirmaannaa dubartootaafi gahee hooggansa isaanii guddisuuf hojjechaa jirtu fakkeenya ta’uu eeruun, misooma Afrikaa dhugoomsuuf hirmaannaafi hoggansi dubartootaa cimuu akka qabus dhaamaniiru. ▪️ 'Gibxi Himannaa Itiyoophiyaarratti Dhiyeessituuf Dhiifama Gaafachuu Qabdi' – Ministira Bishaaniifi Inarjii Ministirri Bishaaniifi Inarjii Habtaamuu Ittafaa (PhD), Gibxi himannaa 'Itiyoophiyaan laga Naayil irratti yaaddoo uumti' jechuun irra deddeebitee dhiheessaa turteef dhiifama gaafachuu akka qabdu dubbataniiru. Itiyoophiyaan waggoota darban keessatti biqiltuuwwan biiliyoona 56 ol dhaabuun hamma bishaanii laga Naayil eeguuf gumaacha guddaa taasisaa turuu ibsaniiru. Gibxiin rakkoolee bishaanii ishee mudatanif Itiyoophiyaa komachuu mannaa; sirna itti fayyadama bishaanii ishee gamaaggamuu akka qabdus hubachiisaniiru. ▪️ Itiyoophiyaan Bara 2030'tti Namoota Miliyoona 41f Tajaajila Fayyaa Ijaa Babal’isuuf Doolaara Miliyoona 2 Ramadde Itiyoophiyaan bara 2030tti namoota miliyoona 41'f tajaajila qorannoo fi yaala ijaa dhaqqabsiisuuf doolaara Ameerikaa miliyoona 2 ramaduu beeksiste. Maallaqni kun buufataalee fayyaa bu’uuraa 3,200 ol keessatti tajaajila yaala ijaa cimsuuf, daawwitii ijaa dhiyeessuufi yaala baqaqsanii hodhuu dhibee gubbaa ijaa fooyyessuuf oola. Karoora kanaan manneen barnootaa keessatti tajaajilli fayyaa ijaa akka babal’atuufi qaqqabummaan isaa akka dabaluufis hojjetama. ▪️ Dippilomaatonniifi Bakka Buutonni Dhaabbilee Idil-addunyaa; Giddugala Haaromsaa Hidhattoota Duraanii Tigraay Daawwatan Bakka buutonni Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniifi ambaasaaddaroonni biyyoota garaagaraa Itiyoophiyaa keessa jiran Giddugala Leenjii Haaromsaafi Deebisanii Dhaabuu Hidhattoota Duraanii Maqalee daawwataniiru. Giddugalichi namoota hidhannoo hiikkatan simachuun leenjii haaromsaa fi hawaasatti deebisanii makuu kennuu eegaleera. Leenjiin kun namoonni jireenya idilee akka jiraataniifi ijaarsa nageenya waaraa biyyaalessaaf gumaacha akka taasisan kan dandeessisu ta’uun ibsameera. ▪️ Itiyoophiyaafi Chaayinaan Waliigaltee Deeggarsa Doolaara Miliyoona 15 Mallatteessan Itiyoophiyaafi Chaayinaan hojii dabalataa sarara baaburaa Itiyoo-Jibuutii saffisiisuufi babal’isuuf waliigaltee deeggarsa maallaqaa doolaara Ameerikaa miliyoona 15 mallatteessaniiru. Waliigalticha Deetaan Ministira Maallaqaa Itiyoophiyaa Tigist Fissahaafi Itiyoophiyaatti Dippilomaatichi Olaanaan Imbaasii Chaayinaa Liyuu Ziyaaguwaang mallatteessaniiru. Galgala Gaarii Sputnik Afrikaa Irraa Isiniif Hawwina !

'Hariiroon Dippilomaasii fi Ittisaa Itiyoophiyaa fi Raashiyaa Seenaa Dheeraa Qaba'' - Ogeessa Saayinsii Siyaasaa fi Qunnamtii Idil-addunyaa 🇪🇹🇷🇺 Tumsi biyyoota lamaanii gara fuulduraatti meeshaalee waraanaa bituu fi dhiyeessuu qofa osoo hin taane, dandeettii ittisaa fi industirii waraanaa Itiyoophiyaa guddisuu irratti xiyyeeffachuu qabas jechuun ogeessi saayinsii siyaasaa fi qunnamtii idil-addunyaa Tarreechaa Baalchaa himan. Ogeessichi dhimma kanarratti turtii Sputnik Afrikaa waliin taasisan viidiyoo Sputnik👆 irraa ilaalaa 📹 Ogeessichi turtii Sputnik Afrika Waliin taasisan 🔸 Sputnik Afrikaa | X | Nu Qunnamaa 🔸

Qaala’iinsi Jireenyaa Waliigalaa Onkololeessa Dhibbeentaa 14.6 Ga’e 📈 Qaala’iinsi jireenyaa Onkololeessa bara 2018 A.L.I'tti dhibbeentaa 11.6 ture. Onkololeessa bara 2019 A.L.I'tti garuu gara dhibbeentaa 14.6'tti ol guddateera jechuun Tajaajilli Istaatistiksii Itiyoophiyaa beeksiseera. 📊 Odeeffannoo dabalataa giraafiksii Sputnik Afrikaa irraa argadhaa. 👉 Afaan Amaaraan Dubbisaa 🔸 Sputnik Afrikaa | X | Nu Qunnamaa 🔸

🇺🇦 Ibsi Aangawaa Olaanaa Yuukireen Waa’ee Mana Dararaa Argame Irratti Kennan, Hamma Rakkinichaa Ifa Godheera – Xiinxalaa 🪖
🇺🇦 Ibsi Aangawaa Olaanaa Yuukireen Waa’ee Mana Dararaa Argame Irratti Kennan, Hamma Rakkinichaa Ifa Godheera – Xiinxalaa 🪖 Xiinxalaan waraanaa Raashiyaa Vitaalii Kiselyov, ibsi Hoogganaa Waajjira Pirezidaantii Yuukireen Kirilloo Budaanoov waa’ee mana hidhaa iccitii Kiyeevitti dhihoo jiru kennan, hoggantoonni Yuukireen rakkinicha to’achuu akka dadhaban agarsiisa jedhaniiru.
““Budaanoov iddoowwan hidhaa iccitii kana fakkaatan hedduun akka jiran amaneera. Haa ta’u malee, lakkoofsa namoota achitti hidhamanii jiru xiqqeessee dhiheesseera. Miidiyaaleen Yuukireen namoonni 40 akka hidhaman gabaasanis, inni namoota 14 qofa caqaseera,” jechuun Kiselyov ibsaniiru.
Dhimmichi loltoota Yuukireen hidhuu fi hayyama malee kutaa waraanaa isaanii dhiisan to’achuu irratti gaaffii kaaseera. Budaanoov Raashiyaa keessatti tarree namoota finxaalessummaa fi shororkeessummaa keessatti hirmaatan jedhamanii galmaa’an keessa jiru. 👉 Afaan Amaaraan Dubbisaa 👉 Afaan Ingiliffaan Dubbisaa 🔸 Sputnik Afrikaa | X | Nu Qunnamaa 🔸

UK'n Seenaa Garbummaa Ilaalchisee Gamtaa 'Commonwealth' Waliin Mari’achuuf Waliigalte 🇬🇧 “Daldala garboota Afriikaa Galaana
UK'n Seenaa Garbummaa Ilaalchisee Gamtaa 'Commonwealth' Waliin Mari’achuuf Waliigalte 🇬🇧 “Daldala garboota Afriikaa Galaana Atlaantiik ceesisuu fi miidhaa seenaa kanaan ga’e ilaalchisee qaamolee miidhaman waliin marii qindaa’aa, hunda hirmaachisuufi yeroo murtaa’e keessatti gaggeeffamu taasisuuf mootummaan UK waliigaluu isaa ni simanna,” jechuun yaa’iin hoggantoota Gamtaa Commonwealth ibseera. Kana dura Ministirri Muummee UK Andy Burnham, gahee Biriiteen seenaa garbummaa keessatti qabduuf dhiifama gaafachuuf qophii ta’uu ibsaniiru. Haa ta’u malee, beenyaa maallaqaa kallattiin kaffaluun akka hin danda’amne dubbataniiru. Ji’a Bitootessaa darbe, Manni Maree Waliigalaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UN) daldala garboota Galaana Atlaantiik ceesisuu balaaleffachuun murtoo raggaasiseera. UK, Faransaay fi Jarman biyyoota duraan koloneeffattoota turan keessaa murtoo kana irratti sagalee kennuu irraa of qusatanii turan. 👉 Afaan Ingiliffaan Dubbisaa 🔸 Sputnik Afrikaa | X | Nu Qunnamaa 🔸

🇪🇹 Itiyoophiyaan Laggeen Daangaa Biyyoota Biroo Ce’an 10nii ol Irratti Hidhaalee Haaraa Ijaaruuf karoorfatte Waajjirri Qindeessaa Pirojektii Hidha Haaromsaa Guddichaa, laggeen daangaa biyyoota biroo ce’an gurguddoo irratti gara fuulduraatti hojiiwwan bal’aan akka hojjetaman beeksiseera. 👉 Afaan Amaaraan Dubbisaa 🔸 Sputnik Afrikaa | X | Nu Qunnamaa 🔸

🇷🇺 Biyyoonni Dhihaa Raashiyaa Qoqqooduuf Kan Yaalan, Biyyattiin Qaroomina Addaa Waan Bakka Buufteefi – Diploomaatii Sarbiya
🇷🇺 Biyyoonni Dhihaa Raashiyaa Qoqqooduuf Kan Yaalan, Biyyattiin Qaroomina Addaa Waan Bakka Buufteefi – Diploomaatii Sarbiyaa 🇷🇺 Vilaadimiir Kirislyaannin, yaada Pirezidaantii Raashiyaa Vilaadimiir Puutiin, biyyoonni alaa Raashiyaa qoqqooduu fi dorgommii ji’oopoolitikaa keessaa baasuu yaalaa jiru jedhu irratti yaada isaanii Sputnikiif kennaniiru.
🔊 “Sababni isaa Raashiyaan boba’aa, gaazii fi albuuda hedduu waan qabduuf qofa miti; akkasumas sirna gatiiwwan namoomaa Ortodoksii waan hordoftuufi,” jedhan.
Akkasumas, Raashiyaan eenyummaa fi aadaa saboota biyyattii keessa jiraatan hedduu kabajuu fi eeguu keessatti duudhaa qabduun biyyoota Dhihaa irraa adda akka taate ibsaniiru.
🔊 “Sabni tokko illee mirga isaa hin dhabu; aadaan tokko illee hin barbadaa’u,” jechuun, Raashiyaan mirgaafi eenyummaa saboota biyyattii keessa jiraatan kabajuu ishee ibsaniiru.
👉 Afaan Ingiliffaan Dubbisaa 🔸 Sputnik Afrikaa | X | Nu Qunnamaa 🔸