ru
Feedback
6 257
Подписчики
-224 часа
-147 дней
-10130 день
Архив постов
📢 🪧 Qabsoo Haqaafi Namoomaa ✊✊ 🪧🇩🇪 Magaalaaa guddoo Germany, Berlin keessatti waraa*na Ameerikaafi I-zrael Ga*💔zzaafi bakkoota biroo baha jiddugaleessaa keessatti gaggeessan balaaleffachuun hiriirri mormii kaleessa gaggeeffameera. ❤️‍🩹 🗣️ Hiriirtonn Fala🇵🇸sxiin fi Libaanos 🇱🇧 deeggaruun, waraana isaan irratti gaggeffamaa jiru mormuun sagalee isaanii dhageessisaniiru. #SpiderMedia

❤️ Onnee koo irraan isin eebbisa, baga gammaddan jedhan Pirezidaant Erdoğan Shaampiyoonaa Adduunyaa Ispeeniin **** 🏆 Pirezid
+2
❤️ Onnee koo irraan isin eebbisa, baga gammaddan jedhan Pirezidaant Erdoğan Shaampiyoonaa Adduunyaa Ispeeniin **** 🏆 Pirezidaantiin Turkiye Recep Tayyip Erdoğan gareen kubbaa miilaa biyyaalessaa Ispeen shaampiyoonaa waancaa addunyaa baranaa ta'uu hordofee ergaa dabarsaniin baga gammaddan jedhan. 🇹🇷🤝🇪🇸 “Gareen Biyyoolessaa Ispeen waancaa addunyaa bara 2026 injifachuu isaaniitiin, onnee koo irraan baga gammaddan jedhaani, maqaa koo, biyya koo fi ummata kootiitiin, michuuwwan keenya ummata Ispeeniif nagaa koo nan dabarsa,” jechuun ergaa baga gammaddanii kana Erdohaan barreeffama waltajjii miidiyaa hawaasaa Türkiye NSosyal irratti qoodaniin dubbatan. © Amar Temam #Turkiye #Spain #champions #lamineyamal

🗣️ Shaampiyoonummaa kubbaan qofa osoo hin taane kan qabsoo haqaafi namoomaatiinis miliyoonotaaf fakkeenya taateetta > Bardem
🗣️ Shaampiyoonummaa kubbaan qofa osoo hin taane kan qabsoo haqaafi namoomaatiinis miliyoonotaaf fakkeenya taateetta > Bardem 🎬 Aktarri beekamaan Ispeen Fala🇵🇸sxiin deeggaruun beekamu Javier Bardem, Ispeen Waancaa Addunyaa mo’achuun shaampiyoonaa ta'uu isii hordofuun suuraa Laamiin Jamaal kan inni alaabaa Fala🇵🇸sxiin qabatee jiru maxxansuun akkana jedhe: 🗣️ "Ummattoota mirgi isaanii kabajamuu qabuufiif dhaabbachuun keessan, akkasumas namoota sagaleen isaanii hin dhaga’amneef sagalee ta’uun keessan fakkeenya gaarii ijoollee miliyoonaan lakkaa’amaniif ta’eera. Isin dhugumaan isin qabsaa'ota mirgaa, Shaampiyoonota Addunyaati. 🗣️ Biyya dargaggoonni akka keessanii kun bakka bu'an irraa ta'uu keenyaatti akka nu boonnu waan nu gootaniif galatoomaa." jedheera. © #AmarTemam #Spain #JavierBardem #spain #FIFAWorldCup #SpiderMedia@spidermediaa

Maaleeziyaan lammiileen Izraa'el hatattamaan biyyattii keessaa akka ari'aman ajajje. **** Ministirri Muummee Maaleeziyaa Anwa
Maaleeziyaan lammiileen Izraa'el hatattamaan biyyattii keessaa akka ari'aman ajajje. **** Ministirri Muummee Maaleeziyaa Anwaar Ibraahim lammiileen Izraa’l gariin lammummaa biyya biraa fayyadamuun gara Maaleeziyaa seenaa jiru jedhamuu hordofee deebii kennaniiru. Anwar Ibrahim dhimmicha akka qorataniifi lammileen 'Izraa'il' Malaysia keessatti argaman kamiyyuu hatattamaan biyyaa akka ari’aman dubbatan jedha gabaasni Anadolu. Yakka dugu-uggaa sanyii Izraa'il Ga*💔zzaa keessatti raawwattu irra deddeebiin qeequun kan beekaman Anwaar, Maaleeziyaan biyyummaa Izraa’eliif beekamtii akka hin kennine irra deebiin mirkaneessaniiru. © #AmarTemam #SpiderMedia@spidermediaa

Dooktar Abiy Ahimad Kaataar galan ** Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Kaataar galaniiru. Du’aan boqochuu Amiira du
+1
Dooktar Abiy Ahimad Kaataar galan ** Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Kaataar galaniiru. Du’aan boqochuu Amiira duraanii #Qatar Sheek Hamaad Biin Kaaliifaa Altaaniif gadda isaanii ibsachuuf Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Kaataar galaniiru. Amiiriin duraanii Kaataar Sheek Hamaad Biin Kaaliifaa Altaaniin addunyaa kanarraa du’aan boqochuun isaanii kan yaadatamuudha. Du’aan boqochuu Amiira Kaataar Sheek Hamad bin Kaliifaa Al-Tahaniin hordofee Ministirri Muummee RDFI Dooktar Abiy Ahimad ummata biyyattiif ergaa jajjabinaa dabarsanii turan. Imalli Ministira Muummee kun hariiroon Itiyoophiyaa fi Kaataar michummaa cimaa ta’uu agarsiiftuu akka ta’e Waajjirri Ministira Muummee ibsuu FMCn gabaseera. #Ethiopia #Qatar #SheikhHamad #Doha

Seenaa biyyattii keessatti yeroo jalqabaatiif, taphataa Muslimaa garee kubbaa miilaa biyyaalessaa Ingilaandiif hiriiree tapha
+5
Seenaa biyyattii keessatti yeroo jalqabaatiif, taphataa Muslimaa garee kubbaa miilaa biyyaalessaa Ingilaandiif hiriiree taphateedha Djed Spence Taphataan umrii 25 Djed Spence waancaa addunyaa kana irratti garee biyyaalessaasaa England f hiriiree taphachuun ga'umsa ajaa'ibaa isaas agarsisaa jira. Biyyoota dhihaa keessatti muslimni biyya bakka bu'ee dhiyaachuun abjuu ture. Ta'ullee dhiheenya kana dhawaataan haallu jijjiiramaa dhufeera. Haa ta'u malee Inglilaand akka biyyoota kaanii kana amantee hin fudhanne. Kunoo reefi, waancaa addunyaa baranaa irrattiidha seenaa isii keessatti yeroo jalqabaatiif sababa amantaan kan fageessaa turte taphata hordofaa Amantaa Islaamaa ta'e tokko jettee kan lakkaawwattee garee biyyaalessaa isiif hiriirsifatte. Haalli #DjedSpence as itti ga'e ykn garee biyyaalessaaf hiriiree taphachuu itti qaqqabe garuu salphaa hin turre. Isa bal'inaan itti deebina yoo Rabbi jedhe. Garuu ga'umsa inni agarsiisa jiru kana osoo hin dinqisiifatin hin darban. © Amar Temam #Amar_Temam@amartemam1133

Gumaa Abbaa Koo fi Wareegamtoota Keenya Biroo Dhiheenyatti Ni Baa𝐬na Jedhan Hoogganaa Olaanaan Iraan Mojtaba Khamenei Bal'in
Gumaa Abbaa Koo fi Wareegamtoota Keenya Biroo Dhiheenyatti Ni Baa𝐬na Jedhan Hoogganaa Olaanaan Iraan Mojtaba Khamenei Bal'ina 👇 https://www.facebook.com/share/p/1KAaNDufzr/

Abbaan murtii Somaaliyaa Amerikaan Viizaa dhorkatte Umar Abubakar Atar Jigjigaa galan ** Abbaa murtii Waancaa Addunyaa Amerik
+3
Abbaan murtii Somaaliyaa Amerikaan Viizaa dhorkatte Umar Abubakar Atar Jigjigaa galan ** Abbaa murtii Waancaa Addunyaa Amerikaa akka hin seenne Viizaa dhorkaman Umar Abubakar Atar naannoo Somaalee magaalaa Jigjigaa seenuun isaanii ibsameera. Ataar, Waancaa Addunyaa 23ffaa FIFA irratti akka abbaa murtii ta’an filatamanii gara Ameerikaa imalanii turan. Haa ta’u malee, dhimma viizaa waliin walqabatee Ameerikaa akka ba’an taasifamuun ni yaadatama. Kana hordofee abbaan murtii kun addunyaa mara irraa jajjabina argachaa turan. Waldaan Kubbaa Miilaa Awurooppaa (UEFA) tapha Super Cup kan PSG fi Astoon Viilaa gidduutti gaggeeffamu akka dursan filateerea. Umar Abubakar Atar, bara 2025tti abbaa murtii Afrikaa Cimaaa jedhamee kan filatamedha. Yeroo Jigjigaa gahutti hoggantoonni Waajjira Pirezidaantii Naannoo Somaalee, Kantiibaan Magaalaa Jigjigaa, hoggantoonni Waajjira Dargaggootaa fi Ispoortii, gareewwan aadaa akkasumas jiraattota magaalaa fi jaallattoota ispoortii hedduun simannaa ho’aa taasisaniifiru. AMN

Ityoophiyaa fi Sa'ud Arabiyaan walta’iinsa hunda galeessaa isaanii daran cimsuuf mariyatan Spider Media: Muharram 23, 1448 AH
+2
Ityoophiyaa fi Sa'ud Arabiyaan walta’iinsa hunda galeessaa isaanii daran cimsuuf mariyatan Spider Media: Muharram 23, 1448 AH Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Itiyoophiyaa Doktar Geediyoon Ximootiwoos Itoophiyaatti Ambaasaaddara Sa'uud Arabiyaa kan ta'an Abdullaah Bin Hasan Al-Zahranii har'a waajjira isaaniitti simatanii waliin mariyachuu Ministeerichi beeksiseera. Maricharratti Ministirri kun hariiroo biyyoota lamaanii fi walitti dhufeenya seena qabeessa Itiyoophiyaa fi Sa’uudii Arabiyaa yeroo dheeraaf tureef dinqisiifannaa qaban ibsaniiru jedhe. Dhimmoota nagaa fi tasgabbii naannoon qabxiilee faayidaa waloo isaanii irratti mari’ataniirus jedhe. Dabalataan tumsa bal'aa damee adda addaatiin qaban daran cimsuufi dhimmoota lammiilee Itiyoophiyaa Sa'uudii Arabiyaa keessa jiraatanii irrattis mariin taasifameera jedha odeeffannoon Ministeera Haajaa Alaa irraa arganne. © Amar Temam #SpiderMedia@spidermediaa

👉 Jaalallee Fala🇵🇸sxiin - Spain 🇪🇸 Feestivaala Aadaa Fi Ispoortii Ispeen magaalaa Pamplona keessatti gaggeffamuu eegale irratti hirmaattonni baanaarii "Izራℹ️L Haa በdu" jedhu ol qabanii agarsiisaa miidhamtootaafi warra haqaa bira dhaabbachuu isaanii mirkaneessaniiru. Ispeen akka ejjannoo mootummaattis haa ta'u akka sochii duula dugu-uggaa sanyii mormuu, kabaja mirga Fala🇵🇸sxiinotaaf dhaabbachuu, abdiin mootummaa ofii isaanii qabaachuu akka dhugoomu tumsuu, ummata beela'eefi miidhameef deeggarsa nyaataa fi yaalaa akka argatan gochuu deeggaruun ammas itti fufteetti. #SpiderMedia@spidermediaa

"#Lamineyamal taphataa cimaa dandeettii addaa qabuudha. Milkaa'ina guddaatu fuuldura isaa jira. Siichi waan baay'ee nu agarsi
"#Lamineyamal taphataa cimaa dandeettii addaa qabuudha. Milkaa'ina guddaatu fuuldura isaa jira. Siichi waan baay'ee nu agarsiisa, dandeettii guddaa qaba." Cristiano Ronaldo #SpiderMedia

WhatsApp - Gara Lakkoofsa Bilbilaa Malee Hojjachuutti Ce'aa Jira ** WhatsApp jijjiirama guddaa keessaa tokko ta'e hojii irra oolchuuf qophaa'aa jiraachuusaa kan ibse yoo ta'u, lakkoofsa bilbilaa malee tajaajila dhiyeessuuf akka jirus beeksiseera. Duursee ammoo fayyadamtoonni lakkoofsa bilbilaa isaanii osoo hin qoodiin/hin mul'isin maqaa fayyadamaa (username) dhaan qofa akka tajaajilaman dhiheenyatti akka dandeessisu ibse WhatsApp. Jijjiiramni kun iccitii fayyadamtootaa eeguuf kan kaayyeffate ta'uu WhatsApp ibseera. Namni tokko nama haaraa tokko waliin walbaruuf ykn garee tokko keessatti hirmaachuuf yeroo ammaa lakkoofsa bilbilaa isaa mul'isuu qaba. Haa ta'u malee, sirna haaraa kana keessatti username qofa kennuun wal-qunnamuun akka danda'amuudha kan ibse. Kanumaanis fayyadamtoonni appii kana irratti maqaa fedhan kahachuu/baafachuu kan danda'an yoo ta'u, garuu kan haaluma duraan lakkoofsa bilbilaasaa fayyadamuu barbaades akka itti fufuu danda'uu WhatsApp ibse. Maqaa fayyadamaa kanas namoonni yeroo barbaadanitti jijjiiruu ykn haquu danda'u. Yeroo hojimaatni kuni guutummaatti hojiirra oolu fayyadamtoonni WhatsApp lakkoofsa bilbilaa osoo hin kenniin fayyadamuu danda'u. Akkasuma ergaa hin barbaachifne mala kanaan 'block' ykn 'report' gochuun danda'ama. Maqaan fayyadamaa qubee 35tti kan daangeffame yoo ta'u maqaa namoota beekamoon alatti fayyadama maqaa irratti daangeffamni guddaan hin jiraatus jedhame. © #AmarTemam #SpiderMedia@spidermediaa

WhatsApp - Gara Lakkoofsa Bilbilaa Malee Hojjachuutti Ce'aa Jira ** 👇👇👇
WhatsApp - Gara Lakkoofsa Bilbilaa Malee Hojjachuutti Ce'aa Jira ** 👇👇👇

Muhaammad Saalaah Fakkeenya Guddaadha" Hakiimii 🇲🇦🤝🇪🇬⚽ ** Kaappiteeniin garee leencota Atilaas (biyyaalessaa Morookoo) fi kilaba PSG Achraf Hakimi, taphataa duursaan garee biyyaalessaa Masrii Mohamed Salah fakkeenya guddaa taphattoonni Afrikaa hordofuu qabaniidha jdhe. Hakiimiin kana kan jedhe gaaffiifi deebi sagantaa YouTube 'ABtalks' jedhamu irratti taasiseeni. “Eeyyee, ani Salaah irraa nan baradha, inni fakkeenya guddaadha, fakkeenya taphattoonni Afrikaa hundi hordofuu qaban keessaa isa tokko,” jechuun Haakimiin dubbate Taphattoonni Afriikaa fi Arabaa dandeettii uumamaa qabu, kan jedhu Hakiimiin, ta'us baay'een isaanii ofitti amanamuun isaanii dhaabbata miti, yeroo booda carraaqiifi hojii dhiisu jedheera. Mohamed Salah garuu sochii qaamaa, eeggannoo nyaataa fi murannoo cimaan adda ta'uu isaa eereera. Mohamed Salah milkaa'inaaf hojii cimaa, carraaqqii walitti fufaa, leenjii fi of-eeggannoo cimaa taasisas kan jedhu Hakiimiin, kanumaanis, taphattoota Afrikaatiif fakkeenya gaarii ta'uu isaa dubbate. Muhaammad Saalaah naamusa, hojii, cimina leenjii fi kutannoo isaan sadarkaa qaqqabeen, ilaalcha addunyaan taphattoota Afriikaaf qabdu jijjiiruun nama cimaa fakkeenya ta'eedhas jedheera. © #AmarTemam #SpiderMedia@spidermediaa

Muhaammad Saalaah Fakkeenya Guddaadha" Hakiimii 🇲🇦🤝🇪🇬⚽ ** 👇👇👇
Muhaammad Saalaah Fakkeenya Guddaadha" Hakiimii 🇲🇦🤝🇪🇬⚽ ** 👇👇👇

Haadha mucaasii oolfachuuf lubbuusii dhabde 💔 https://youtube.com/watch?v=LDOD60pbywU&si=3HFKP_CtW8hwgH1f

Sa'udiifi Faransaayitti xiyyaarri kufuun balaa qaqqabeen lubbuun namoota 20 olii darbe Spider Media: Muharram 13, 1448 AH Sa’uudii Arabiyaatti Helikooptarri kufee namootni 14 keessa turan du’uu miidiyaaleen mootummaa biyyattii gabaaseera. Helikooptarri kan dhaabbata boba'aa Sa'udii Aramco ta'e kun har'a baha biyyattii Raas Tanuraatti akka kufte kan yoo ta'u, namoonni balichaan du’an hundi lammiilee Sa’uudii ta’uu dhaabbati oduu biyyattii SPAn gabaaseera. Gama biraatiin ammoo Baha Faransaay magaalaa Toombilaayinitti xiyyaarri kufee caccabuun balalisaa xiyyaarichaa dabalatee lubbuun namoota 11 darbe. Xiyyaarri siivilii mana barumsaa leenjii Paaraashuutii tokkoof tajaajila kennaa ture jedhame kun buufata xiyyaaraa 'Naansii Issey' irraa ka'ee utuu baay'ee hinturin kufee caccabuu isaatu himame. Balaa uumame kanaan balaliisaa dabalatee namoonni achi keessa turan 11 lubbuun darbuu kan gabaase BBC'n, namoota du'an keessaa shan barattoota mana barumsichaa yoo ta'an, shan ammoo barsiisota dha jedhe. Balaan xiyyaaraa biyyoota lameenitti qaqqabe kun hanga ammaatti sababni isaanii maal akka ta'e hin ibsamne. © Amar Temam #SpiderMedia@spidermediaa

Sa'udiifi Faransaayitti xiyyaarri kufuun balaa qaqqabeen lubbuun namoota 20 olii darbe 👇👇👇
Sa'udiifi Faransaayitti xiyyaarri kufuun balaa qaqqabeen lubbuun namoota 20 olii darbe 👇👇👇

Barattuu Mushtaaq Muhaammad Yunivarsiitii Jigjigaa irraa qabxii olaanaa galmeessisuun badhaasa waancaa injifachuun eebbifamte
Barattuu Mushtaaq Muhaammad Yunivarsiitii Jigjigaa irraa qabxii olaanaa galmeessisuun badhaasa waancaa injifachuun eebbifamte 🏆🎉 **** Yunivarsiitiilee biyya keenyaa guyyaa har'aa barattoota isaanii eebbisiisaa oolan keessaa tokko kan ta'e Yuunivarsitiin Jigjigaas ilmaan biyyaafi ummataaf beekumsaan qaraa ture haala ho'aan eebbisiiseera. Barattoota eebbifaman keessaa tokko kan taate barattuu Mushtaq Muhaammad Muummee barnoota Sooftiweer Injinariingiitiin qabxii olaanaa 3.94 galmeessuun waancaa badhaafamteetti. Spider Media #SpiderMedia@spidermediaa

Lubbuu afaan boollaarraa deebite qabxii olaanaa galmeessiste *** Abrahaam Daadhii Yuunivarsiitii Mattuutti Muummee Seeraatiin
+1
Lubbuu afaan boollaarraa deebite qabxii olaanaa galmeessiste *** Abrahaam Daadhii Yuunivarsiitii Mattuutti Muummee Seeraatiin barataa osoo jiruu dhibee isa mudateen waggaa lamaaf barnoota addaan kutee yaalamuun 𝗔+𝟮𝟱 fiduun qabxii olaanaan eebbifamuu hime. ‎ ‎Qormaata gahumsa Ogummaa(Exit Exam) ammoo dhibbarraa qabxii 91 fide. ‎Barataa Abrahaam waggaa afraffaa barataa osoo jiruu dhibee TB lafee isa mudateen yaala baqaqsanii waldhaanuu miilla isaaf taasifameen qaama miidhamummaaf saaxilamus mul'atasaatti cichuun milkaa'uu dubbate. ‎ ‎Ogummaa Seeraa barateenis olaantummaa seeraa kabachisuuf akeeka qabaachuu dubbate. ‎ ‎Mul'atasaatti cichuun akaakuu barnootaa 𝗔+𝟮𝟱 fiduun waancaa kan badhaafame Abrahaam Dadhii namni kamuu akeeka qabannaan bu'aa ba'iin jireenyaa kamiyyuu nama hin daangeessu jedhe. Obntu gabaase #exam #result #A+ #SpiderMedia@spidermediaa