es
Feedback
Spider Media

Spider Media

Ir al canal en Telegram
6 381
Suscriptores
-424 horas
-567 días
-10830 días
Archivo de publicaciones
Lubbuu afaan boollaarraa deebite qabxii olaanaa galmeessiste *** Abrahaam Daadhii Yuunivarsiitii Mattuutti Muummee Seeraatiin
+1
Lubbuu afaan boollaarraa deebite qabxii olaanaa galmeessiste *** Abrahaam Daadhii Yuunivarsiitii Mattuutti Muummee Seeraatiin barataa osoo jiruu dhibee isa mudateen waggaa lamaaf barnoota addaan kutee yaalamuun 𝗔+𝟮𝟱 fiduun qabxii olaanaan eebbifamuu hime. ‎ ‎Qormaata gahumsa Ogummaa(Exit Exam) ammoo dhibbarraa qabxii 91 fide. ‎Barataa Abrahaam waggaa afraffaa barataa osoo jiruu dhibee TB lafee isa mudateen yaala baqaqsanii waldhaanuu miilla isaaf taasifameen qaama miidhamummaaf saaxilamus mul'atasaatti cichuun milkaa'uu dubbate. ‎ ‎Ogummaa Seeraa barateenis olaantummaa seeraa kabachisuuf akeeka qabaachuu dubbate. ‎ ‎Mul'atasaatti cichuun akaakuu barnootaa 𝗔+𝟮𝟱 fiduun waancaa kan badhaafame Abrahaam Dadhii namni kamuu akeeka qabannaan bu'aa ba'iin jireenyaa kamiyyuu nama hin daangeessu jedhe. Obntu gabaase #exam #result #A+ #SpiderMedia@spidermediaa

Misaa'ela wallaalummaa barbadeessee jaahilummaa mancaasuudha dhaaltuun ambiyootaa ulamaa'iin 📍Godina Jimmaa Aanaa #Geeraa B/M/ Dustaatti sagantaan Muhaadaraafi qubsiisa ulamaa guddaan qophaa’e, Gaafa Guyyaa 8/10/2018 bakka hooggantoonni majlisaa, ulamaa'onni, Mashaa'ikkan, munashidonniifi keessummoonni akkasumas hawaasni muslimaa hedduun argamutti sirna ho'aadhaan ni gaggeeffama.

Waraana Izraa'il keessatti miidhaan saalaa raawwatamu bara kana daran dabaluu miidiyaaleen isii gabaasaniiru. Asii dubbisaa �
Waraana Izraa'il keessatti miidhaan saalaa raawwatamu bara kana daran dabaluu miidiyaaleen isii gabaasaniiru. Asii dubbisaa 👇 https://www.facebook.com/share/p/1GreRyZQLd/

Hiriyoota sadeen baatiiwwan 7 ol Fardaan imalanii #Hajj dhaqaniifi seenaa Islaamaa deebisan Seenaa Addaafi Ajaa'ibaa kana Asi
Hiriyoota sadeen baatiiwwan 7 ol Fardaan imalanii #Hajj dhaqaniifi seenaa Islaamaa deebisan Seenaa Addaafi Ajaa'ibaa kana Asii daawwadhaa ⤵️ https://youtu.be/8fROGmTtI9c?si=8DQrDih66lDHgmIi

Iraan Nama Tiraampiin Ajje-*esuuf Badhaasa Yuuroo Miiliyoona 50 Qopheessaan Jira Jette Guutuusaa asii dubbisaa 👇 https://www
Iraan Nama Tiraampiin Ajje-*esuuf Badhaasa Yuuroo Miiliyoona 50 Qopheessaan Jira Jette Guutuusaa asii dubbisaa 👇 https://www.facebook.com/share/p/18j9y1NZya/

Gareen Haakimota Ameerikaa Tiraamp sababa dhibee fayyaatiin hatattamaan aangoo irraa akka kaafaman gaafatan Guutuusaa asii du
Gareen Haakimota Ameerikaa Tiraamp sababa dhibee fayyaatiin hatattamaan aangoo irraa akka kaafaman gaafatan Guutuusaa asii dubbisaa 👇 https://www.facebook.com/share/p/1bv57kNvgt/

Manni Murtii US Qoqqobbii Bulchiinsi Tiraamp Albanese Irra Kaa'e Uggure Guutuusaa asii dubbisaa 👇 https://www.facebook.com/s
Manni Murtii US Qoqqobbii Bulchiinsi Tiraamp Albanese Irra Kaa'e Uggure Guutuusaa asii dubbisaa 👇 https://www.facebook.com/share/p/17MCkyVRvi/

⭕ #Amma Sirna Hajjii bara kanaa (1447/2026) raawwachuuf hanga ammaatti hujjaajonni 860,000 ol Sa'uud Arabiyaa seenuu Ministir
⭕ #Amma Sirna Hajjii bara kanaa (1447/2026) raawwachuuf hanga ammaatti hujjaajonni 860,000 ol Sa'uud Arabiyaa seenuu Ministirri Hajjii fi Umraa biyyattii beeksise.

🚀 Türkiyen misaa'ela ammayyaa ardiirraa qaxxaamuru kan jalqabaa isii ifoomsite ***** 🇹🇷 Misaa'ela Haarawni Turkiye kun mis
🚀 Türkiyen misaa'ela ammayyaa ardiirraa qaxxaamuru kan jalqabaa isii ifoomsite ***** 🇹🇷 Misaa'ela Haarawni Turkiye kun misaa'ela baalistiikii fageenya dheeraa imalu kan ardiilee qaxxaamuru (ICBM) isa jalqabaa yoo ta'u «Yildirimhan» moggaasa jedhu qabatee ifoomeera. Misaa'elli kun agarsiisa dizaayinii fi teknoolojii waraanaa [SAHA kan Istaanbulitti gaggeeffame irratti agarsiisaaf kan dhihaate yoo ta'u, Wiirtuu Qorannoo fi Misoomaa Ministeera Ittisa Biyyattiin kan hojjatamane akka ta'e Anadolun gabaaseera. Misaa'elli ammayyaan kun fageenya kiilomeetira 6,000 kan imalu yoo ta'u, saffisni isaas Maak 9 hanga Maak 25 gidduu ta'uun isaa ibsameera. Türkiyen teknoolojii waraanaa sadarkaa addunyaatti dorgomaa ta'e uumuuf carraaqqii gochaa jirtu keessatti kalaqni Yildirimhan kun tarkaanfii guddaa dha. © Amar Temam #SpiderMedia@spidermediaa

“Baankiin Hijraa Sanduuqa Amanamaa Muslimoonni Itiyoophiyaa Waggoottqniif Hawwaa Turan Ta'uu Isaa Gochaan Mirkaneesseera” Pir
“Baankiin Hijraa Sanduuqa Amanamaa Muslimoonni Itiyoophiyaa Waggoottqniif Hawwaa Turan Ta'uu Isaa Gochaan Mirkaneesseera” Pireezidantii Mana Maree Waliigala Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa Sheyik Hajjii Ibraahim Tufaa Yeroo yerootti oduufi odeeffannoo haaraa fi dhugaa argachuuf nu hordofaa, Faceboo Page #SpiderMedia follow fi share gochuu hin dagatinaa 🙏⤵️ 👉 Kunooti: https://www.facebook.com/share/1CUvE6sVJs/

Waa’ee sagantaa niwukilaraa Iraan waan dubbatamu yeroon dhaga'u oduu durii Iraaqiin weer**aruuf sababa ta'ee shiraan dhiheeff
Waa’ee sagantaa niwukilaraa Iraan waan dubbatamu yeroon dhaga'u oduu durii Iraaqiin weer**aruuf sababa ta'ee shiraan dhiheeffamen yaadadha. Ani oduu durii kana hin amanu, sababni isaas kun ejjennoo isaanii mirkaneessuuf qofa kan ooluudha. 🇧🇷 Pirezidantii Biraazil Luiz Inacio Lula da Silva Yeroo yerootti oduufi odeeffannoo haaraa fi dhugaa argachuuf nu hordofaa, Faceboo Page #SpiderMedia follow fi share gochuu hin dagatinaa 🙏⤵️ 👉 Kunooti: https://www.facebook.com/share/1CUvE6sVJs/

Himuudhuman dhiise male, ani akkuman dubbachuu caalaa duursee raawwachuun beekamu bulchiinsa Iraan keessa jiru jijjiireera. Y
Himuudhuman dhiise male, ani akkuman dubbachuu caalaa duursee raawwachuun beekamu bulchiinsa Iraan keessa jiru jijjiireera. Yeroo yerootti oduufi odeeffannoo haaraa fi dhugaa argachuuf nu hordofaa, Faceboo Page #SpiderMedia follow fi share gochuu hin dagatinaa 🙏⤵️ 👉 Kunooti: https://www.facebook.com/share/1CUvE6sVJs/

Pirezidaantiin #Syria Ahmad Al-Sharaa Jalqaba Daawwannaa 'bal'aa' Galoo Galaanaa isaaniin #Saudiarabia seenan Odeeffannoo guu
Pirezidaantiin #Syria Ahmad Al-Sharaa Jalqaba Daawwannaa 'bal'aa' Galoo Galaanaa isaaniin #Saudiarabia seenan Odeeffannoo guutuu asii dubbisaa ⤵️ https://www.facebook.com/share/p/188yvGKnTH/ Yeroo yerootti oduufi odeeffannoo haaraa fi dhugaa argachuuf nu hordofaa, Faceboo Page #SpiderMedia follow fi share gochuu hin dagatinaa🙏

🇮🇷🚀 Miidiyaaleen #Iran #Video akkaataa waraanni biyyattii xiyyaarota waraanaa Ameerikaa naannoo 10 ta'an itti barbadeesse agarsiisu kana qoodaniiru. Mul'atni kun suuraa duraa fi boodaa xiyyaarota waraanaa Amerikaa kan kan agarsiisuudha. #SpiderMedia@spidermediaa

Tiraamp biyyoonni Awurooppaa ulaa Hormuz banuu irratti nu gargaaruu diddan nutis kana booda isin hin gargaarru, mee jalqabuma isinumti dhiira ta'aatii onnee qabaadhaa jedhan. **** Pireezidantiin Ameerikaa Doonald Tiraamp biyyoonni waranaa Iraan irratti Ameerikaa hin gargaarree fi amma rakkoo boba’aaf saaxilaman yoo boba'aa Ameerikaa akka bitataniif yaada dhiyeessan Tiraamp waltajjii miidiyaa hawaasaa isaanii Truth Social irratti akka barreessanitti: “United Kingdom dabalatee biyyoonni sababa Strait of Hormuziin boba’aa jeettii argachuu hin dandeenye hundi, kan mataa Iraan Ⓜ️u®️uu irratti Amerikaa garaagaranii hirmaachuu diddan, ani yaada tokkon isiniif qaba: Lakkoofsa 1, boba'aa barbaaddan US irraa bitadhaa, baay’ee qabna, fi Lakkoofsi 2, mee ofiifuu cimaa, hamilee jabaa (dhiirummaa) qabaadhaatii gara ulaa Hormuz deemaati fudhadhaa. "Akkaataa ofii keessaniif qabsaa'uu (loluu) dandeessan barachuu jalqabuu qabdu, akkuma isin nu gargaaruu diddan kana booda USA'nis isin hin gargaartu. Iraan kana booda bu'uurumarraa diigamtee jirti. Hojiin ulfaataa ta'e hojjatameera. Deemaa boba'aa mataa keessanii fudhadhaa!” jedhan. © #AmarTemam #SpiderMedia@spidermediaa

Tiraamp biyyoonni Awurooppaa ulaa Hormuz banuu irratti nu gargaaruu diddan nutis kana booda isin hin gargaarru, mee jalqabuma
+1
Tiraamp biyyoonni Awurooppaa ulaa Hormuz banuu irratti nu gargaaruu diddan nutis kana booda isin hin gargaarru, mee jalqabuma isinumti dhiira ta'aatii onnee qabaadhaa jedhan. **** 👇👇👇

"Faayinaansii dijitaalaa nageenyisaa eegame guddina biyyaaf" - INSA *** Bulchiinsi Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa (INSA) Mataduree "Faayinaansii dijitaalaa nageenyisaa eegame guddina biyyaaf" jedhuun workishoppii qorannoo yakka hanna faayinaansii dijitaalaa biyyaalessaa gaggeesseera. Daarektarri Bulchiinsi Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa Aadde Tigisti Hamiid akka jedhanitti, faayinaansiin dijitaalaa biyya keenyatti babal'achaa dhufe dinagdee biyya keenyaa qofa osoo hintaane jiruuf jireenya ummata keenyaas jijjiireera jedhan. Babal'inni teknolojii kun maamiltoonni tajaajila faayinaansii si'ataa, nageenya qabuufi hawaasa tajaajila baankii hinqabne kutaa biyyattii kamiyyuu keessatti akka argatan dandeessisuu qofa osoo hintaane, ijaarsa dinagdee dijitaalaafi keessumaa badhaadhina biyya keenyaaf lafee dugdaa ta’uus ibsaniiru. Bara bajataa 2016 keessatti yeroo jalqabaatiif daldalli dijitaalaa daldala qarshii waraqaa caaluu kan kaasan Aadde Tigisti kunis qaama Inisheetiivii Dijitaal Itoophiyaa 2025 yoo ta’u, mul’annisaas tarsiimoo Dijitaal Itoophiyaa 2025 keessatti Itoophiyaan dinagdee dijitaalaa Afrikaa keessatti adda duree ta'uuf qabatte kan dhugoomsedha jedhan. Kanaaf bu’uurri inni guddaan bu’uuraalee misoomaa dijitaalaa ammayyeessuun, sirna faayinaansii dijitaalaa bal’aa diriirsuufi dandeettii nageenya saayibarii amanamaa ijaaruudha. Hanni faayinaansii dijitaalaa sadarkaa idiladdunyaattis ta’e biyya keenyaatti dabalaa dhufeera. Keessumaa dhaabbilee faayinaansii, hawaasa waliigalaa, namoota dhuunfaa, akkasumas dinagdee biyyattii, siyaasafi xiinsammuu hawaasummaa biyyattiirratti miidhaa guddaa geessisaa jiraachuu ibsan. Kanumaan walqabatee, galmi guddaan waltajjii marii har’aa hanni faayinaansii dijitaalaa biyya keenyarratti, keessumaa nageenya biyyaafi birmadummaa biyya keenyarratti dhiibbaa akkamii akka qabu qorachuun, mala odeeffannoorratti hundaa’een sirna faayinaansii sirriifi amanamaa ta’e uumuuf kan dandeessisu ta'uu Aadde Tigisti eeran. Kanuma ka'umsa godhachuun marichi qabxiilee ijoo sadii; tumsa dhaabbilee gidduu jiru cimsuu, walxaxiinsaafi malawwan yakka raawwachuu xiinxaluufi hubachuu, akkasumas qaawwa seeraa adda baasuufi sirreessuu, akkasumas tooftaalee yeroo yakki raawwatamu deebii ariifataafi bu’a qabeessa ta’e kennuu danda’an qopheessuurratti akka xiyyeffatu ibsaniiru jechuun Barsiisaan gabaaseera. #SpiderMedia@spidermediaa

"Faayinaansii dijitaalaa nageenyisaa eegame guddina biyyaaf" - INSA *** 👇👇👇
+2
"Faayinaansii dijitaalaa nageenyisaa eegame guddina biyyaaf" - INSA *** 👇👇👇

< ... Abbaa koo waliin aakhiraatti wal argina ...> *** Daa'imni kun Janaa Hibat Al-Rahman jedhamti, waggaa 10niin Qur'aana haffazde. Janan biyyi isii Aljeeriyaa yoo ta'u, Chaanaalii TV afaan Arabaa achuma magaalaa guddoo biyyattii Algiers buufate El Bilad jedhamu waliin waa'ee Qur'aana haffazuu isii dabalatee gaaffiif deebii gochuuf argamte. Haasawa isii bareedduu, tasgabbiifi kutannoo, amantii Rabbii isii irraa qabdu...n qalbii daawattoota saganticha hawwattee, kaanis wal harkaa fuudhee ajaa'ibsiifatee haasa'uu eegale. Janaan abbaa isii takkaa argitee hin beektu, duursee gama Rabbii deebi'eera, yatiima, waa'ee kana gaafannaan akkana jette: "Eeyyee, abbaan koo na hin beeku, na hin argine, waan ani fakkaadhus hin beeku .. Garuu ani Qur'aana qara'eera, bareera, beekumsasaa argadheera, Qur'aana qabadheera, haffazeera,,,, kanaan inni guyyaa qiyaamaa nama hunda keessaa na beeka...aalkhiratti wal argina...." jette. Inni waadaadha ... Shafa'aan Janaan hin xumurre, akkana jette "Oso jiraatee isan qur'aana haffazee xumure argee waliin gammadnee nan hawwe ... garuu ani hin gaddine, hinumaayyuu kun yeroo hunda akkan isaaf du'aa'ii godhuuf na jajjabeessa" jette 💔 Rabbi kadhaasii haa dhaga'uuf, achitti walitti isaan haa qabu, iimaana isiis haa dabaluuf, hamtuu hunda irraa isii haa tiksu, abbaa isii waliinis achitti walitti isaan haa qabu. © #AmarTemam #SpiderMedia@spidermediaa