833
Подписчики
-124 часа
-37 дней
-2430 дней
Архив постов
833
SEENAA GABAABAA-Dr.K. ALII BIRRAA(1948-2022)
Uumama isiirraa kaasee Xoophiyaa kan jaare, diinarra ittisee fii adunyatti beeysise Oromoota. Warra jaarinsa isii tiif utubaa tahaniif Goobana Daacee fii Qusee Diinagdee; kanneen diinarraa ittisaniif kanneen akka Balaay Zallaqaa Qilxuu; warra adunyatti beeysisaniif Abdiisaa Aagaa, Ababaa Biqilaa, Faaxumaa Roobaa biratti kumaatama maqaa dhawuun ni dandayama.
Haala olii biratti afaanii fii aadaa Amaaraa, kan maqaa Xoophiyaa golgate, lubbuu itti godhuu fii guddisuu keeysatti qoonni Oromootaa Amaarotaa oli. Fakkeenya kanaa tiif Xaggaayee Gabre-medhin, Xilaahun Gassese, Buzinesh Baqqalaa fii Oromoota baayyee tu lakkaawama.
Warri armaa olii kuni, beekaa ykn wallaalaan, ifii dabanii ykn dogoggoranii, lammii Oromoo waanjoo diinaa jalatti galchuu bira dabranii maalummaa fii eenyummaa isaa mulqee tan Amaaraa akka fudhatuu fii, of ganee isaan akka tahu, godhamuu keessatti gumaachi isaanii guddaa dha.
Ee! Namoonni aangoo fii dantaa waa-xiqqoon fedhii lammii isaanii gananii fii gurguran hawaasa hunda keeysatti rakisha. Qaaliin, warra aangoon, horiin, sadoo fii qananiin, dantaa lammii isaaniitti duuyda gara hin-galchine. Haala kanaan, bu'ura Oromummaa kan tahe, afaanii fii aadaa Oromoo dhabamsiisuuf ijibbaata diinni godhaa ture hoongeeysuu keeysatti namni wal'aansoo seena-qabeeysa godheen, afaan Oromoo du'a diinni hawweef jalaa bahee sadarkaa arra irra gaye heluu keessatti gumaacha hundaa olii qabu Alii Birraa ti.
Alii Birraa abbaa isaa Mahammad Muussaa fii haadha isaa Faaxumaa Alii-rraa, Xaaliyaanii biyya teenya keeysaa bahee bara torbaa, Caamsa 26, bara 1948, magaalaa Dirree Dhawaa, Ganda Kaabaa kan gaara Ganda Qoree duubaan jiru jalatti arkamu-tti nama dhalate.
Mahammadii fii Faaxuma wal fuudhanii bara shanitti, Alii dhalatee amata sadihii, wajji jiraachuu dadhabanii adda deeman. Yaroo tana abbaan Alitti waan cicheef Faaxuma odoo hin jaalanne ilma isii abbatti dhiiftee, Ejersa Gooroo, biyya itti dhalattee guddattetti, deebite. Haalli kuni, Ali, abbaa malee haadha dhablee godhe. Haa tahu malee Rabbi adaadaa isaa, Maryam Muussaa (Aboonyi), obboleeytii abbaa, bakka haadhaa buuseef.
Abbaan Alii, Mahammad, nama ogummaa hujii harkaa tiin beekkame. Hujii tanaan nama Sharikaa Baaburaa-tti mindaawe. San biratti, koontiraata hujii tan boombaa bishaanii manneeniif naquu fii, bakka caphe tolchuu tiin bulchiinsa magaalaa Dirree Dhawaa waliin qabuun nama jiraatu. Haala kanaan, ilma isaa, tokkicha, Ali, aayyadaa malee guddisuu murteeyfate.
Ali, akka umrii barnootaa gayeen, mana barnoota amantii Islaamaa kan maqaa Madrasa Jadiidaa-tti beekkamu, kan Ganda Laga-Harree-tti karaa oliin arkamutti galmeeffame. Achitti hamma hulaa shanii eega barate booda, mana barnootaa kan gaafasitti maqaa Lu'ul Makoonnin qabaachaa ture, kan Gaziiraa keessatti arkamu geeyfamee, achitti hulaa jahaffaa xumure. San booda, Ali fedhii gama kanaan barnoota itti fufu dhabuu waan hubateef, abbaan, madrasaa Arabii, kan Ustaad Gubee, kan gaara Ganda Qabri-Joollee gubba arkamu naqe.
Ali barnoota Madrasaa Ustaad Gubeetti kennamu yaroo gabaabduu keessatti fixee, achumatti, barsiisummaa mindaawee, Ustaad Ali moggaafame. Isaa haala kana keeysa jiru, sossoohinsi Afran Qalloo kan guddina afaanii fii aadaa Oromoo tiif bu'ura tahuuf jiraatu Dirree Dhawaa keessatti jalqabe.
Kan sossooha kanaaf sababa tahe, aruuza ilma Ugaazaa, kan jalqaba bara 1961 keeysa godhame. Gaafana wallisoota wallee afaan adda-addaa tiin afeeramtootaa booharsaa turaniin, Rabbi rahmata haa godhuu fii, Abdullahii Girichoo, “mee wallee afaan keenyaa tiis, takkallee taatu, nu dhageeysisaa khaa!” je’e. Wallisoota keessaa kan gaaffii Abdullaahii tiif deebisaa kennu dhabnaan, Rabbi Jannataan haa qanani’uu, Hassan Umar Tarree, sagalee ol kaateen, gaaffii Abdullaahii warra dooyaa-rra jiraniif irra deebi’e. Gaaffiin lamada itti darbatamnaan, kan miya muuziqaa dhawaa ture tokko, “meeshaan muuziqaa afaan Qottuu hin beeytuu. Yo ittiin dhawan ni cabxi,” deebisaa jattu kenne.
833
Namni kuni motora qabsoo dhaloota kanaati; kaardii injifannoo dhaloota kanatti nuuf kennamedha. Waayee sagalee fi dhiibbaa nama kanaa ilaalchisee sabni kun walii isaatifis; hooggansa isaatifis dhaamsa ifa ta’e qaba.
Innis Hooggantoonni Paartilee Oromoos ta’ee hayyootni Oromoo alaa fi keessa jirtan adaraa yerootti beekumsaa fi hubannoo, jabinaa fi cimina nama kanaatitti fayyadamaa irreen tokkoon Oromoof hojjadhaan’ hawwii dhalootaati!🗝
833
Repost from Yeroon Tolassa
Hayyuun Oromoo Obbo Baqqalaa Garbaa hawaasa keenya biyyoota alaa keessa jiraatan qunnamuuf imala eegalanii jiru. Hawaasni keenya gara bakka isaan itti imalanii jirtan simannaa gootaa fi hayyuuf maluun akka simattan abdiidha. Qabsaa’an akkanatti wal jaalata, akkanatti wal kabaja. Hamzaa keenya atis galatoomi. Ba’aa galatti, bakka deeman maratti rabbi isaan haa milkeessu. Imala milkii;Imala gaarii Abbaa!♥️
833
Repost from 𝐎𝐃𝐀𝐀 𝐍𝐄𝐖𝐒
#Oromumaa!!
Oromummaa, Jaalala, Tokkummaa hooggantoota fi qabsaa’ota oromoo gameeyyii irraa haa barannu!!
Jawar Mohammed fi Kol. Gammachuu Ayyaanaa!!
#ABO fi #KFO
Qabsaa’aa gameessaa fi qondaala Ol’aanaa Adda Bilisummaa Oromoo Koloneel Gammachuu Ayyaanaa hidhaa waggaa lamaa booda har’a Hidharraa akkuma baheen Hayyuu siyaasaa fi qondaala Kongirasii federaalaa Oromoo Ob. Jawar mahammad waliin wal argan.
Hayyoonni oromoo kunniin sababa ummata isaanif dandeetti fi ogummaa qabaniin falmaniif jecha hidhatti darbamanii dararaa argaa turan.
Baga wal argitan jennaan.
833
Galata rabbi
ኮሎኔል ገመቹ ተፈቷል።
Qabsoon itti fufa‼️
Kol. Gammachuu Ayyaanaa baga Rabbi Rabbi nagaan si baase.
Warri hafes hiikamuu qabu.
833
Senior OLF leader Col. Gemechu Ayana finally released from custody
The Federal Supreme Court Cassation bench yesterday ruled to set free Colonel Gemechu and subsequently ordered his release from police custody.
He rejoined his family this morning.
833
Repost from Yayaa Bashir
Hubadhaa!!
Jawar Af-gaafii Ubuntu waliin taasise Afaan Oromoofi Amaaraatini. Ololli akka waan afaan tokko qofaan Af-gaafii taasisetti asirra deddeemu dhugarraa kan fagaatedha.
Tv'n #Ubuntu jedhamu ammoo gara gara #Online malee gara Satalaaytii dabruu hin eegalle.
Namni hedduun Channel kana TV irraa barbaadaa akka jirtan odeeffannee jirra.
Ammaaf Af-gaafii Jawar gara Online qofa hordofuuf qophaayaa jenna.
Ubuntu
833
Eessaa kaane? Eessa jirra? Eessatti deemna? Maaltu nurraa eegama? Abbaan tarsiimoo qabsoo Oromoo waan jedhu qaba. Obsaan eeggadhaa!!!
833
Repost from Odaa Tarbii
CUUNFAA ODUU INJIFANNOO WBO ZOONII KIBBAA KONYAA GUJII LIXAA
gootichi waraana bilisummaa oromoo WBO n zoonii kibbaa konyaa gujii Ebla 21/2022 Lola lukeelee diinaa irratti baneenii Aanaa Bulee horaa Ganda Burqaa Eebbalaa,
Ejersaa fooraa iddoo addaa Haroo dannabaa tiif
Magaalaa guddittii godinichaa Bulee horaa Ganda 02 iddoo addaa Doolchaa irratti tarkaanfii fudhateen hattootaafi saamtota Uummata oromoo 15 biyyee nyaachisuun 9 immoo madoo dandammii hin qamneen adabee jira
Ittuma fufiisaan Ebla 22/2022 Aanuma Bulee horaa Ganda qilleensoo mokkonniisaa irraa gara godina osoo isiin sochootuu rukuttaa haxxee Sadi irratti rukuteen leellistootaafi tumsitoota impaayeera xoophiyaa kan garaafi jettee seenaa wallaalte Ajajoota isaanii Dabalatee 24 battalatti yommuu ajjeesuu 15 immoo madoo dandammii hin qamneen adabee jira.
Guyyuma kana kokkee godinaa Jala seenuudhaani gootichi Abbaa haqaa sareelee foolii qofaan Ari,uun waajira mandhee majoo Abiddaan daaraa godhee jira.
Gama meeshaatiin motora Tigar tokko irraa booji,uun galii dantaa qabsoo bilisummaa oromootiif oolchee jira.
Dhumaatii dhumte kana sababeeffachuudhaani Waraannii shiftaa Abiy Ahimed uummata nagayaa dhiiga nama keenyaa baafanna jechuudhaani mama 3 battalatti yommuu ajjeestuu 1 immoo rasaasaan rukuttee du,aafi jiruu gidduu jira .
Kan du,an
1= Maanguddoo Gumii Dannii Buuchee ,Ganda Bardaayyee cabbittii
2=Elemaa Guyyee Uddeessaa, Ganda Dibbisaa Oggoo
3=Kurnyii Taaddesee Gobbuu, Ganda murii Turqumaa tii.
Kan rukutamee
Gaashee Edeemaa Jaarsooti
Lolli hanga bilisummaatti itti fufaa
Injifannoon hidhannoo qofaan dhufaa
IUOtiif
833
Repost from Odaa Tarbii
Oduu tarkaanfii WBO zoonii GG. 17/04/2022
☘☘☘☘☘☘☘☘☘
Irreef gaachanni ummata oromoo WBOn zoonii GG ona Hidhabuu Abootee keessa socha'u cibraan dhaloota Taaddee birruu humna walmaktuu diinaa sakattaa WBOf deemtu irratti tarkaanfii fudhateen nama 50 tti kan dhiyaatu du'aan adabee jira. Humni diinaa kun haga ammaatti reeffaf madoo patrol 7 kan kaase yoo ta'u isa hafe irratti waardiyyaa baate humna dabalataa kuyyuu irraa dhufaa jirtu eegaa jirti.
Humni dabalataa Isusu 4 fi patrol 6 amma garas imaltee jirti.
I U Of
833
Repost from Odaa Tarbii
ODUU INJIFANNOO WBO ZOONII KIBBAA KONYAA GUJII BAHAA
Guyyaa 16/04/2022
Abdii fi wonteen ummata oromoo wbon zoonii kibbaa konyaa gujii bahaa keessa socho'u cibraan odaa adoolaa aanaa gooroo doolaa magaalaa harqalloo iddoo addaa biyyee diimtuu jedhamutti tarkaanfii woraana pp irratti fudhateen loltuu pp 6 battalatti yoo ajjeesu 5 ammoo madeessee jira
Ammas itti fufuun cibraan odaa adoolaa aanaa waadaraa magaalaa aanaa waadara seenuun tarkaanfii fudhateen loltuu pp 8 battalatti ajjeesee 6 ol madeessee jira
Haaluma kanaan guyyuma 16/04/2022 cibraan laga dambii aanaa aagaa waayyuu burii karroo iddoo addaa aadee jedhamutti tarkaanfii woraana pp irratti fudhateen 7 battalatti yoo ajjeesu 12 ammoo madeessee jira
Ammas cibraan laga dambii guyyaa 17/04/2022 aanaa sabbaa boruu ganda carii baqaqaa keessatti tarkaanfii fudhateen loltuu pp 4 battalatti ajjeesee 6 madeessuun meeshaa kilaashii 1 irraa hiikee galii mooraa qabsoo bilisummaa oromootiif godhee jira
IUOF
833
Repost from Odaa Tarbii
Aanaa birbirsa kojowaatti Ebla 15/2022 waraannii shiftaa Abiy Ahimed uummata nagayaa nama maqaan isaanii
Nigaatuu Tuukkaa
Jiloo Tunnunnuu
Goobana waareetiifi
Dastaa Haroo Dabalatee nama Torbaa (7) battalatti yommuu ajjeesu Keessattuu nama lama kan maqaan isaanii
1ffaa= Goobana waaree 2ffaa= Dastaa Tuukkaa jedhaman Aanaa Qarcaa Ganda Addii Boruutii qabdee iddoo lolaatti geessitee ergaa waraannii bilisummaa oromoo waraana isii irraa fixeen boodaa haaluu waraana keenyaa dhiiga baafanna jechuudhaan uummata nagayaa Ajjeestee awwala akka dhoowwite maddeen keenya nuufi ifoomsanii jiruu
833
Repost from Odaa Tarbii
Full video: https://t.co/WXx5bve5L5
— Odaa Tarbii (@OdaaTarbiiWBO) Apr 17, 2022
https://twitter.com/OdaaTarbiiWBO/status/1515486918577987591
833
Repost from Odaa Tarbii
#GGO celebrations in the southern zone on April 15th, 2022. #Ethiopia #OromoLiberationArmy https://t.co/gD8uFvV8Gj
— Odaa Tarbii (@OdaaTarbiiWBO) Apr 17, 2022
https://twitter.com/OdaaTarbiiWBO/status/1515486843160207364
