ru
Feedback
Gali Ababor Official

Gali Ababor Official

Открыть в Telegram

📈 Аналитический обзор Telegram-канала Gali Ababor Official

Канал Gali Ababor Official (@glababor) является активным участником. Сейчас сообщество объединяет 10 214 подписчиков, занимая 8 868 место в категории Религия и духовность и 414 место в регионе Финляндия.

📊 Показатели аудитории и динамика

С момента создания невідомо проект демонстрирует стремительный рост, собрав аудиторию из 10 214 подписчиков.

Согласно последним данным от 12 сентября, 2026, канал показывает стабильную активность. За последние 30 дней изменение числа участников составило 57, а за последние 24 часа — 2, при этом общий охват остаётся высоким.

  • Статус верификации: Не верифицирован
  • Уровень вовлечённости (ER): Средний показатель вовлечённости аудитории составляет 17.25%. В первые 24 часа после публикации контент обычно набирает 6.01% реакций от общего числа подписчиков.
  • Охват публикаций: В среднем каждый пост получает 1 761 просмотров. В течение первых суток публикация набирает 614 просмотров.
  • Реакции и взаимодействия: Аудитория активно поддерживает контент: среднее количество реакций на один пост — 22.

📝 Описание и контентная политика

Автор описывает ресурс как площадку для выражения субъективного мнения:
Hubannoo sirrii uumuuf

Благодаря высокой частоте обновлений (последние данные получены 13 сентября, 2026) канал поддерживает актуальность и высокий уровень охвата публикаций. Аналитика показывает, что аудитория активно взаимодействует с контентом, что делает его важной точкой влияния в категории Религия и духовность.

10 214
Подписчики
+224 часа
+67 дней
+5730 дней
Архив постов
ኦርጅናል የሞተር ዘይት ጅምላ የሚትፈልጉ ፉሪ ክ/ከተማ ጅማ በር ኖክ አከባቢ 0917006778 ደውሉ Zayita Motooraa Orijinaalaa Jumlaa naannoo NOK hulaa Jimmaati
+1
ኦርጅናል የሞተር ዘይት ጅምላ የሚትፈልጉ ፉሪ ክ/ከተማ ጅማ በር ኖክ አከባቢ 0917006778 ደውሉ Zayita Motooraa Orijinaalaa Jumlaa naannoo NOK hulaa Jimmaatii bilbila 0917006778

photo content

Du'aa'ii Qur'aanaa kana kadhadhaa; aamiinis jedhaa. ﺭَﺑَّﻨَﺎ ﻻَ ﺗُﺆَﺍﺧِﺬْﻧَﺎ ﺇِﻥ ﻧَّﺴِﻴﻨَﺎ ﺃَﻭْ ﺃَﺧْﻄَﺄْﻧَﺎ ﺭَﺑَّﻨَﺎ ﻭَﻻَ ﺗَﺤْﻤِﻞْ ﻋَﻠَﻴْﻨَﺎ ﺇِﺻْﺮًﺍ ﻛَﻤَﺎ ﺣَﻤَﻠْﺘَﻪُ ﻋَﻠَﻰ ﺍﻟَّﺬِﻳﻦَ ﻣِﻦ ﻗَﺒْﻠِﻨَﺎ ﺭَﺑَّﻨَﺎ ﻭَﻻَ ﺗُﺤَﻤِّﻠْﻨَﺎ ﻣَﺎ ﻻَ ﻃَﺎﻗَﺔَ ﻟَﻨَﺎ ﺑِﻪِ ﻭَﺍﻋْﻒُ ﻋَﻨَّﺎ ﻭَﺍﻏْﻔِﺮْ ﻟَﻨَﺎ ﻭَﺍﺭْﺣَﻤْﻨَﺎ ﺃَﻧﺖَ ﻣَﻮْﻻَﻧَﺎ ﻓَﺎﻧﺼُﺮْﻧَﺎ ﻋَﻠَﻰ ﺍﻟْﻘَﻮْﻡِ ﺍﻟْﻜَﺎﻓِﺮِﻳﻦَ "Gooftaa keenya! Yoo daganne yookiin dogoggorre nu hin qabin. Gooftaa keenya! Ba’aa guddaa akka warra nuun duraa irratti baachifte nurratti hin baachisin. Gooftaa keenya! Waan isatti dandeettiin nuuf hin jirre nu hin baachisin. Irra nuuf dabri; nuuf araaramis. Rahmatas nuuf godhi. Ati gargaaraa keenya. Ummata kaafirootaa irrattis nuuf tumsi." (Baqaraa: 286)

lv_0_20240211203927.mp41213.77 MB

Documentary Shanan Gibee

ኦርጅናል የሞተር ዘይት ጅምላ የሚትፈልጉ ፉሪ ክ/ከተማ ጅማ በር ኖክ አከባቢ 0917006778 ደውሉ Namoonni zayita Motooraa Orijinaalaa Jumlaan barbaaddan Kutaa
+1
ኦርጅናል የሞተር ዘይት ጅምላ የሚትፈልጉ ፉሪ ክ/ከተማ ጅማ በር ኖክ አከባቢ 0917006778 ደውሉ Namoonni zayita Motooraa Orijinaalaa Jumlaan barbaaddan Kutaa Magaalaa Furii naannoo NOK hulaa Jimmaatii bilbila 0917006778

Manguddoonnis “isin maal yaaddan ree?” jedhan. Abbaan Jifaaris “mootummaa Itoophiyaa naaf kennuu mitii yoo inni kan Jimmaayyuu narraa fudhate, intala isaa natti heerumsiisuu mitii yoo inni haadha manaa koo hundaa narraa fudhateyyuu ani Islaamummaa hin dhiisu” jedhan. Manguddoonni hundinuu “yoo duunes Islaamummaa irratti duuna” jechuu waadaa waliif galan. Hundi isaaniituu qawwee dhukaafamu hidhatu turan. “Har’a Minilik Abbaa Jifaar ajjeesuutu mala; kanaafuu nutis Abbaa Jifaar biraa hin hafnu; isaanii wajjin Minilikiin bira seennee yoo inni isaan tuqe isas ajjeefnee dhumna malee hin dhiifnu” jedhan. Yeroo Abbaan Jifaar dhaqan akkuma kaleessaa waardiyyoonni Abbaa Jifaar qofa ol galchuuf yaalan. Garuu manguddoonni nutis biraa hin hafnu jedhanii dinnaan Minilik isaanis ol galchaa jedhe. Yeroo isaan ol galan “yaada kaleessaa maal jettaree?” jedhee Abbaa Jifaar gaafate. Abbaan Jifaaris “mootummaa Itoophiyaa naaf kennuu mitii yoo ati kan Jimmaayyuu narraa fudhatte, intala kee natti heerumsiisuu mitii yoo haadha manaa koo hundaa fudhatteyyuu ani Islaamummaa hin dhiisu” jedhan. Ogga kana Minilik lafa dhiitee rifeensa mataa ofirraa buqqisee “ka’ii galigaa; waan gaarii siif yaadnaan didde” jedhe. Haala kanaan hundinuu Islaamummaa isaanii irratti gadi dhaabbatanii nageenyaan gara Jimmaa deebi’an. Rabbiin hunda isaanii jannataan haa badhaasu.

Cimina Abbaan Jifaar Islaamummaa Irratti Qabaniifi Yaalii Kiristaana Isaan Gochuu Minilik ***,* Abbaan Jifaar mootolee yeroo isaanii beekaman hunda caalaa Islaamummaa irratti cimoo turan. Carraa adda addaatti fayyadamanii gabroota bilisa baasu turan. Keessumaa ji’a Ramadaanaa keessa waggaa waggaan gabroota dhibbaa ol bilisa baasu. Aalimoota baay’ee jaalachuu irraa kan ka’e aalimoota Itoophiyaan ala jiraniifillee kennaa adda addaa kennaniifii akka qaraasisuu irratti jabaatan godhu. Fkn yeroo sanatti aalimni beekaan Sheykh Habiibullaah jedhaman Makka keessatti akka qaraasisan dhaga’anii “qaraasisuu irratti cimaa” jedhanii warqii uuqiyyaa tokko erganiif. Muslimoota biyya keessaa qofa osoo hin taane waa’ee Muslimoota addunyaa irra jiraniillee ni gaggaafatu turan. ❤❤❤❤❤❤❤❤ Ofii isaaniitiifis ibaadaa dhuunfaa yoomuu hin dagatan ture. Yoo keessummaan fedhe itti dhufellee sa’aatii salaataa hin dabarsan. Keessummicha teessisanii salaatu turan. Aleksaander Bilaatoovich kan bara 1898 ji’a Amajjii keessa gara Jimmaa dhufee ture odeeffannoo armaan gadii barreesseera: ########### Yeroo xiqqoo akka taphanneen yeroon salaata halkanii ga’e. Abbaan Jifaar akka ani xiqqoo isaan eegu dhiifama na gaafatan. Hiriyoota isaanii wajjin gara cinaatti siqanii dhiqachuu jalqaban. Tajaajiltuun isaanii tokko meeshaa ittiin dhiqatamu silvarii irraa hojjatame fiddeef. Abbaan Jifaaris akka seera Islaamaatti kadhaa kadhataa (du’aa’ii godhaa) harka, miila, qoma, mataafi gurmuu isaanii dhiqatan. Fuula isaanii gara kaabaatti deebisanii sagaduu jalqaban. Bareechee dukkanaa’ee ture. Mootiin tokko haala kanaan sagaduufi du’aa’ii godhuun keessummaa Awrooppaa kanatti abjuu fakkaata ture. Abbaan Jifaar masubaa isaanii lakkaa’aa kadhaa kadhatu turan. Ergasii deebi’anii dhufanii barcuma isaanii irra taa’an. Amantii Islaamaa irratti cimuu irraa kan ka’e gamoo isaan warra hajjii dhaquuf Makkaafi Madiinatti ijaaran isiniif dubbadheen ture. 👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇 Abbaan Jifaar daa’imummaa isaaniitiin haadha isaanii Shirree/Haliimaa Abbaa Duulaa irraa Qur’aana qara’aniiru. Of qofaa qara’anii hin dhiifne; haadha manaa isaanii hunda Qur’aana qaraasisanii turan. Aadaa Jimmaa keessatti immoo namoonni gurguddoon Abbaa Jifaaritti hidhachuuf yaalu. Sababa kana qoroon jaatamni bulchiinsa isaanii keessa jiran hundi haadha manaa isaanii Qur’aana qaraasisan. Warreen Abbaa Jifaar hordofanii dubartoonni hoggantoota baay’ee Qur’aana qara’uun Islaama baballisuu keessatti ga’ee guddaa qaba ture. ❤❤❤❤❤❤❤❤❤❤❤❤❤ Akkan manguddoota irraa dhaga’etti bara Abbaa Jifaar keessa sheekolii, namoota sirriitti salaata eeggatan, warra ilmaan Qur’aana qaraasifataniifi kkf irraa gibirri hin fuudhamu ture. Akkasumas Abbaan Jifaar sheekolii naannoo birootti rakkatanii baqatanii dhufan qubsiisuudhaan beekamu. Kana malees wantoonni isaan Islaamaaf gumaachan baay’eedha. 😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭 Garuu wanti baay’ee nama ajaa’ibu Abbaan Jifaar Islaamummaa irratti akkana jabaachuu wajjin Atse Minilik amantii Islaamaa irraa isaan deebisuuf yaalii gochuu isaati. Akkan manguddoo keenya irraa dhaga’etti Minilik dhimma cimaa wahiitiifin si barbaada jedhee Abbaa Jifaar gara Finfinneetti waame. Abbaan Jifaaris A/Dikoo A/Billoo dabalatee manguddoota ciccimoo sagal fudhatanii gara Finfinnee deeman; achi ga’anii bakka qubannaa isaanii naannoo Buraayyuu ture bulanii ganama Minilikiin bira dhaqan. Minilikis Abbaa Jifaar qofa ol naa galchaa jedhee waardiyyoota ajaje. Achiin Abbaan Jifaar kophaa isaanii isa bira seenan. Minilik yaada armaan gadii irra dhiheesse: “har’a dhimma cimaafin si barbaade. Innis mootummaa koo walakkaa isaa siifin kenna. Akkasumas intala koo Zawdituu sittin heerumsiisa. Garuu ati anaa wajjin Kiristaanummaa fudhadhu” jedhe. Abbaan Jifaaris “buleen itti yaadee dhufa” jedhan. Abbaan Jifaar manguddootaa wajjin gara bakka qubannaa isaaniitti deebi’anii tasgabbiin bulan. Manguddoonni dhimma Minilik isaan waameef galgala sana gaafannaan “amma dhiisaa tasgabboofneen ganama isinitti hima” jedhan. Ganama Salaata Subhii booda erga ciree nyaatanii qaawwaa dhuganii dhimmicha manguddootatti himan.

Waqfii Abbaan Jifaar Hujjaajotaaf Makkaan Ka'abaa birattiifi Madiinatti ijaaran *********** Akka manguddoonni nutti himanitti Abbaan Jifaar ofii isaaniitii hajjii hin dhaqne. Kanaaf immoo sababoonni adda addaa ni himama. Garuu waggaa waggaatti namoota torba baasii isaaniitiin hajjii akka ergaa turan Dr Kataboon ibseera. Kanumaa wajjin Ka'abaa biratti bakka hujjaajonni qubatan gamoo lama ijaaraniiru. Gamoo kana ilaalchisee odeeffannoo ga'aa maatii isaaniifi itti gaafatamtoota gamochaa irraa funaaneera. Bu'urri gamoo kanaa A/Foggii A/Jifaartu yeroo baay'ee hajjii dhaquu abbaa isaanii gaafatu turan. Achiin qophii isaanii xumuranii geggeeffaman. Qallaba fudhatanii namoota Jimmaa xiqqoo wajjin Makkaan ga'an. Hojii hajjis raawwatan. Gubaan aduu ulfaataa ture. Akka carraa ta'ee hajjiin bara Sanaa bubbee fi qorra cimaa qaba ture. Bokkaan cabbii qabus ni roobe. Ummanni hajjii keessa ture bakka itti baqatu hin qabu ture. Cabbiin sun Muslimoota baay'ee miidhe. Abbaan Foggii akkuma ta'etti hajjii fixanii gara Jimmaa deebi'an. Abbaan Jifaaris waa'ee hajjichaa ilma isaanii gaafatan. Ilmi isaaniis waa'ee hajjiifi rakkoo ummata mudate abbaaf ibse. Abbaan Jifaar ummanni cabbiin miidhamuu yeroo dhaga'an ni gaddan. "Maaliif hin dhiheessattan?" jedhanii gaafatan. Abbaan Foggiis "manni Rabbii kophaa isaa jira; bakki itti baqatan hin jiru" jedhan. Abbaan Jifaar kana gaddanii "Inshaa Allaah bakka Muslimoonni keessa qubatan achitti mana nan hojjadha" jedhan. Manguddoonni taa'anii dhaggeeffataa turan ni dinqisiifatan. Yeroo sanatti "dhaqanii galuun mataan isaa waggaa tokko fixa; kana ta'uu wajjin Makkaafi Madiinattin mana ijaara jedhuu!" jedhan. Abbaan Jifaaris "humna Rabbiitiin nan ijaara" jedhan. Achumaan mariidhaaf ulamoota waaman. "Roobni hajjii irratti cabbii roobe Muslimoota baay'ee miidhe. Ka'abaa biratti bakka qubannaa ijaaruun fedhe. "Maal na gorsitu?" jedhanii gaafatan. Ulamoonnis sagalee tokkoon gaariidha jedhanii deeggaran. Abbaan Jifaaris "tole akkamitti hojjadhu? Na gorsaa" jedhan. Ulamoonnis "manni hojjatamu waqfii ta'uu qaba; qabeenya halaalaafi qulqulluudhaan hojjatamuu qaba" jedhan. Abbaan Jifaaris tole jedhan. Waggaa sadii guutuu qarshiin walitti qabame. Abbaan Jifaar haadha manaa isaanii hunda waamanii "mindaa guddaa waan qabuuf akka isin jala hin darbine; warqii keessan baasaa keessa buusaa" jedhanii gorsan. Qabeenya walitti qabame keessatti dubartoonni isaanii faaya qubaa, kan gurraafi mormaa keeshaa keessa buusan. Namoota kudha lama kanneen deemanii hojjachiisan filatan. Manni Abbaan Jifaar waqfiif Suudiitti ijaaran sadii ture. Makka keessatti kan jalqaba ijaarame mana lama ture. Tokko immoo Madiinatti ijaarame. Garuu amma sadan isaatuu bakka hin jiru. Kan Makkaa lamaanuu Ka'abaatti baay'ee dhihoo ture. Meetira 300 ol ka'abaa irraa hin fagaatu. Inni tokko xiqqaa ture. Galiin isa irraa argamu isaa guddaa ummanni keessa qubatu haa tajaajilu kaayyoo jedhuun ijaarame. Garuu dogoggorri wahii uumamee nama dhuunfaa wahiitiin achii gurguramee Xaa'ifitti ijaarame. Inni lammaffaa isa guddaa hujjaajonni keessa haa qubataniif ijaarame. Inni yeroo dheeraa erga ummata tajaajilee baay'ee dulloomee taa'aa ture. Sababa kanaa waggaa ja'aaf hujjaajonni akka keessa hin qubanne mootiin Suudii dhorge. Innis gurguramee Makka keessaa gamoon lama ittiin bitamee jira. Gamoon tokko balbaluma masjida Haramaati. Yeroo ammaa karaan lafa jalaa balbala waqfichaatti baasa. Gamoon lammaffaan immoo bakka Aziiziyyaa jedhamu Minatti dhihoo irraa bitamee jira. Warri amma isa tiksaarus firoottaniifi ilmaanuma A/Jifaar. Rabbiin hunda isaaniitiifuu jannata haa kafalu.

* Qixxeessaa Gaalloo, * Yaaddessoo Buundoo, * Quxal Daadhii, * Abbachoo Oolchaa, * Saamaa Bariisoo, * Bariisoo Odaa fi kkf. Erga warri kun dhumanii Nafxanyaan Abbaa Duulaa A/Qerephee kana aangootti deebisan.

Seenaa Mootummaa Gommaa ******* Odeeffannoon baay'een akka akeekutti bu’uura mootummaa Gommaa kan kaa’e A/Bokkeeti. Maqaan A/Bokkee ijoollummaa Allayyoo Caree Waaroo jedhama. Akka manguddoonni jedhanittk Gosoonni Gommaa sadii: Bednaa, Awaalaniifi Nooqqilloon walitti dhufanii Abbaa Bokkee filatanii Bokkuu godhatan. Gomma of danda’ee bokkuu filachuun Abbaa Bokkee irraa jalqabe jedhu. Namni mootummaa namtokkeetti jijjiire immoo Abbaa Manoo ilma Abbaa Bokkee akka ta’e manguddoonni dubbatan. Ergasii kanneen hanga dhumaatti turan A/Reebuu, A/Jifaar A/Morkii, A/Booqaa A/JIfaar fi A/Duulaa A/Qerepheeti. Odeeffannoon biraa kan namni mootummaa Gommaa ijaare waliyyii (nama amantii kabajamaa) wahii kan Awliyaanii jedhamuudha jedhu ni jira. Akka himamsa cecchi keessa jirutti nama Nuur Huseen jedhamutu hundeesse. Inni kun Nuur Huseen isa jaarraa kudha sadaffaa keessa Baalee tureen harkaa wal makate fakkaata. Garuu akka Cecchiin dubbatetti isa sanarraa adda ta’uu akeeka. Akka yaada Cecchiitti namni Nuur Huseen jedhamu bara 1780 Moqaadishoo irraa ka’ee naannoo Oromoo keessa qubatee naannoo Gommaatti mootummaa ijaare. Akka "Amharic History of Matcha Kings” keessa jirutti immoo Awliyaanii inni mootummaa Gommaa ijaare naannoo Goojjam irraa dhufe. Dogongoraan Awaalaniitti fudhatame jedha. Wanti madda kana lamaan irraa hubannu mootummaa Gommaa kan hundeesse Muslima Oromoo hin taane kan jedhuudha. Yaada kana manguddoota Gommaa gaafadheen ture. Yaadicha hundi isaaniituu ni morman; mootummaa Gommaa kan hundeesse Oromoodhuma Gommaa gosa Awaalanii akka ta’e natti himan. Kanaafuu yaadichi akka seenaatti sirrii miti. Dhuguma Gomma Shanan Gibee keessaa biyya jalqaba ummanni isii guutuun amantii Islaamaa sirriitti hubatee fudhateedha. Walakkaa jalqabaa jaarraa kudha saglaffaa keessa mootummooleen Shanan Gibee kan biroo Islaama fudhatanus akka Gommaatti ummanni hundi Islaamummaa sirriitti hin hubanne ture. Garuu yaanni mootummaa Gommaa kan ijaare nama Oromoo hin taane Muslima Awliyaa wahiiti jedhamu dhugaa hin fakkaatu. Akka yaada Muhammad Hasanitti immoo hundee mootummoota Gommaa Muslima gochuuf kan karoorfamee odeeffameedha. Hiddi latiinsa mootolee Gommaa akka armaan gadiiti: * Waaroo * Caree * Allayyoo (Abbaa Bokkee) * Wadaa (Abbaa Manoo) * A/Reebuu * A/Jifaar * A/Booqaa Mootoleen guutuu Gommaa bulchan kan maddoolee irraa hubatamu warra armaan gadii kana: A/Manoo A/Bokkee [1820-1840] A/Reebuu [1840-1864] A/JIfaar A/Morkii [1864-1877] A/Booqaa A/Jifaarii [1877-1885] kallattii haadhaatiinii fi A/Duulaa A/Qerephee [1885-1887] of dandaanii bulchan. Manguddooni baay’een warra kana shanan mootolee Awaalanii shanan jedhanii waamu. Abbaan Manoo abbaa isaanii Abbaa Bokkuu turan irraa dhaalanii mootummaa namtokkee ijaaruu dubbannee dabarsine. Maqaan isaanii guutuun Wadaa Allayyoo Caree Waarooti. Seenaafi gumaachi isaanii boqonnaa darbe keessatti dubbatameera. A/Duulaa A/Qerephee A/Roorroo kan inni aangoo fudhate akka manguddoon Gommaa jedhanitti A/Booqaa A/Jifaar irraa fonqolchaniiti. Aangoo fudhachuun isaaniis dhufaatii Minilik fuuldura ture. Kana jechuun of danda’anii muraasa bulchan jechuudha. Yeroo lolli Amaaraa dhufu mootiin fonqolchee qabate kun Naf*xanyaan walii galee gibira kaffalee buluu filate. Garuu ummata Gommaa hin amansiifne ture. Gootonni Gommaa loluu filatan. Yeroo kana wal dhabbiin jidduu A/Duulaa A/Qerephee fi ummata Gommaatti uumame. Gosoonni Gommaan keessa jiran baay’een A/Duulaa kana jibbinaan Abbaan Duulaa gargaarsa Minilik barbaacha deeme. Hoggantoota waraana Minilik keessaa Birruu Collee fi Bashaa Abbooyyee fudhatee kallattii Limmuutiin gara Gommaa dhufe. Yeroo sana daangaa Limmuu keessatti gootonni baay’een ittiin lolan. Lola kana keessatti gootonni Gommaa baay’een dhuman. Gootonni kun gosoota adda addaa kanneen akka Dagooyyee, Innaraataa, Baaltoo, Harsuu, Bednaa, Nooqqilloo fi kkf irraa turan. Goototii dhuman kana keessaa bebbeekamoon:

Abbaan Jifaar bulchaawwan mootummaa shanan gibee keessaa wantoota adda isaan taasisuu hedduu qabu. Abbaa Jifaar beekumsa qabachuu isaaniitiin, wal-qunnamtii biyya alaati wajjiin gochuun danda’uu isaanii mala/toofta/ danda’uu isaaniitii kan adda isaan taasisuu yemmuu ta’an, bulchiinsa/hoggansa siyaasaa fi dirree waraanaatiif kennaa addaa qabu jedhama. Kana malees, amantii Muslimaatiif xiyyeeffannoo guddaa kennaniif ayidi’oolojii amantaatiis ni fayyadamu. Amantii muslimaa naannoo Jimmaatti yeroo bulchiinsaa abbaa Jifar keessatti lafa qabate ykn babal’ate. Naannoo bara 1847 keessa bulchiinsii Jimmaa Abbaa Jifaar seena Oromoo keessatiis ta’ee seenaa Itoophiyaa keessatti kan bayyee beekamee fi ummannii isaa kan wali-galtee qabuu fi bulchiinsa dinqisiifamaa akka ture seenaan ifatti barreeffame jira. Keessumattuu dinagdee, dippiloomaasii fi sooressuummaadhaan beekamaa dha. Dhuma irratti mootummaan shanan gibee jedhamuun kan waamamaa turan hundi isaanii bulchiinsa wiirtuu tokkoo irraa kennamuun ogganamaa turan. Magaallii teessoo mootummaa Abbaa Jifaarii fi wiirtuu daldalaa ta’uun bara 1822 hundoftee magaala Jimmaa ta’uudhaan hanga hadhaattii tajaajilaa jirti. Geeraa Naannoo Geeraa bulchaa kan turan haayyuu waraanaa kan ta’an nama Gunjii jedhamanii dha. Egaa mootiin Gunjii du’anii booda ilmi isaanii Tuulluu Gunjii bara 1827 keessa angoo qabatee bulchuu egale. Biyyootni mootummaa Geeraa daangeessan bahan Jimmaa, lixaan Kafaa, kabana Gommaa fi Guumaa yemmuu ta’an kibbaan laga Gojobiin daangeefama.Mootii Tuulluu biyyoota olla isaanii wajjiin rakkina waan qabaniif obbooleessi isaanii Abbaan Baasoo bakka bu’anii ummata Geeraa bulchaa turan.Mootummaan Geeraa bulchiinsa mootummaa shanan gibee keessatti mootummaa boodarraa hundeeffame akka ta’e seenaa mootummaan shanan gibee keessatti ibsameera. Walumaagalatti waa’ee seenaa mootummaa shanan gibee yoo gadi fageenyaan ilaalle waan bal’atuu maxxanfama hata’u mlee barulee Bunaa fi Nagaa kanaan gabaabinaan waan gabaabaa akka ka’umsaatti fayyadamuu dandeessuu. Odeeffannoon kan WDhKMG Jimmaati Hooraa bulaa !!

Mootummaa Shanan Gibee... :::::::::::::::::::::::::::::::::::::: Biyyii Jimmaa jedhamu maqaa kana kan argatee maqaa gosaa Oromoo maccaa kannarraayi jedhama.Mootummaan shanan gibee dhuman jaarraa 17ffaa keessa hundeeffamee sirna gadaan hogganamuu ykn immoo buluu jalqabe.Xumura jaarraa kanarraa kaasee mootummaan shanan gibee hunda’e. Mootummaan shanan gibee jedhamuun kan beekamanu Limmuu Innaariyaa, Gumaay,Gommaa, Jimmaa fi Geeraa dha. 1. Limmuu Innaariyaa Seenaa mootummaan shanan gibee keessatti Limmuu Innaariyaa mootummaa shanan gibee isa angafaa fi isa jalqabaati. Seenaa namoota sirna mootummaa shanan gibee keessatti Limmuu Innaariyaa bulchan keessaa Buufoo Buukoo isa jalqabaatti. Buufoo Buukoon naannoo Kibba-lixaa limmuutti bakka Sayee jedhamuu jirataa ture. Buufoo Buukootti aansee immoo mootii Abbaa Gommool Limmuu bulchuu jalqaban, mootiin Abbaa Gammoo1 daangaa liimmuu murteessuun limmuun of-dandeessee akka hundeefotu gochuun mootii cimaa turan jedhama.Abbaa Gommool immoo ilmaa/mucaa isaanii Abbaa Boggiibootti/Ibsaa/akka dabarsaan seenaan ni ibsa.Abbaan Bogiboos seena Limmuu keessatti nageenya buusuudhaan mootii bayyee beekamoo dha. 2. Guumaay Naannoo shanan gibeettii, seenaa mootummaan shanan gibee keessatti limmuuttii aansee mootummaa lammaffaa kan hundeeffatee Gumaay .wiirtuun bulchiinsaa Gumaay jaaraa 18ffaan dura haa hunde ¬hundeeffamuus ifatti bahe kan mirkanaa’ee bara 1802 tti. Jiilchaan ciiraa teessoo mootummaa isaa ciiraa godhate bulchu egale.Jiilchaan immoo teessoo isaa ciiraa godhate erga bulchu jalqabe booda, angoo isaa ilma isaa Oncheetti dabarsee kennee. Oncheen bara bulchiinsa isaa keessatti jabeenyaa isaatiin beekama ture Oncheen waraanaarratti bayyee cimaa fi sodaatamaa ture. Badii xiqqoodhaan tarkaanfii du’aa fudhata ture. Yeroo baayyee Gumaay jagnummaadhaan yaadatamas, beekamas, 3. Gommaa Gommaan seenaa mootummaa shanan gibee keessatti mootummaa sadarkaa sadaffaan hundeeffamedha. Bara kana keessa yeroo jalqabatiif amantiin Muslimaa amantii ummataa Gommaa hunda ta’e kan fudhatame.Naannoo Gomamatti jalqaba mootiin gosoota saglaniin filataman mootii Abbaa Bokkoo/okkee/ti.Yeroo mootiin abbaa Bokkoo du’aan ilmii isaanii abbaan Mannoo bakka bu’ani bulchuu jalqaban /1820-1840/ abbaan Mannoo mootii jalqabaa amantii Muslimaa Gommaatti seensisani dha. 4. Jimmaa Bulchiinsa mootummaa Jimmaa jedhamu keessatti gosa Diggoo jedhamtuu yeroo jalqabaaf Maannaa keessatti kanqubate.Gosti Badii Foollaa keessatti naannoo Saqqaa keessa qubatan. Gosti Harsuu Dedoo keessa, Gosti Laaloo naannoo jireenii fi kan hafanis immoo naannoo Jimmaatti qubatan. Yeroo dheeraan booda jaarraa 18ffaa keessa gosooni Jimmaa keessatti argaman hundi babal’ata kan dhufan yemmuu ta’an, gosoota kanneen keessaa gosti Diggoo fi Badiin gosoota cima ta’anii beekaman. Haa ta’uu malee jaarraa kana keessa gosoonnii saglan naannoo Jimmaa keessa jiranu bakka Ganjii jedhamutti walitti qabamanii gosa Diggoo keessaa mootummaa hundeessan.Mootiin jalqabaa Jimmaas Abbaa Faaroo/gaangillee Koobii/ filataman. Abbaan Faaroo erga filamanii booda bakka mijahaa filatanii teessoo isaanii Jireen irra godhatanii mana mootummaan keessa jiratuu Masaraa kan jedhamu ijaarsiisan. Masaraa kana keessattis mana murtii hundeessan. Mootiin Jimmaa jalqaba mootiin Abbaa Faaroo erga du’anii ilma isaanii Abbaa Magaaltu bakka bu’anii mootummaa fudhatani bulchuu jalqaban. Seenaa mootummaa Jimmaa keessatti gosa Badii jedhamuu bittimsanii facaasanii ari’un kan beekaman mootiin Abbaa Magaal. Ummannii mootii Abbaa Magaal ummata baay’ee walii galuu fi hariiroo gaarii qabuu waan tureef haala salphaadhaan bakka hirmaataa jedhamu gosa Badii harkaa fudhatanii akka wiirtuu daldalaatti fayyadama turan. Yeroo dheeraan booda mootiin abbaa Magaal duunaan/darbinan/ ilmii isaanii Sannaan mootummaa fudhatan.Sannaan maqaa ijoollummaa mootii Abbaa Jifaar. Mootiin Abbaa Jifaar mootii yeroo jalqabaatiif bulchiinsa mootummaa shanan gibee keessaatti mootummaan cimaa, seera-qabeessa fi qinda’aa ta’e hundeessuun kan beekamanuu dha.

ከአምስቱ የጊቤ መንግስታት ጋር ይተዋወቁ! ****** አምስቱ የጊቤ መንግሥታት፡- 1. ሊሙ ኢናሪያ 2. ጉማ 3. ጎማ 4. ጂማ አባጅፋር 5. ጌራ ናቸው። የግዛታቸው ምስረታ ቅደም ተከተል በዘረዘርኩት ሁኔታ ነው። ጅማ አባጅፋን በየተራ ሲያስተዳድሩ የነበሩ ነገስታት ዝርዝር፡- 1. አባ ፋሮ (ኦሴ ኮቢ) (1742-1782) 2. አባ መጋል (ዳንጊላ ኦሴ) [1782-1824) 3. አባ ራጎ አባ መጋል (1824-1830) 4. አባ ጅፋር ታላቁ (ሳና ዳንግላ) (1830-1854). 5. አባ ሬቡ አባጅፋር (1854-1858) 6. አባቦቃ አባመጋል [1858-1864) 7. አባ ጎሞል አባቦቃ[1864-1 8. አባ ጅፋር ሁለተኛ (ሙሐመድ ዳውድ አሊ) [1878-1932] 9. አባጆቢር አብደላህ አባጅፋር (1932...) ከእነዚህ መካከል የጅማን መንግሥት ምስረታ ያጠናቀቁት አባ ጅፋር ትልቁ ነበሩ። በንግሥናቸው ጊዜ የዲጎ አስተዳደር የአካባቢውን የሳቃ፣ የዴዶ፣ የቀርሳ፣ የአበልቲ፣ የናዳ እና የመሳሰሉትን ወረዳዎች አጠቃለለ።

Konfaransii Nageenyaafi Galateeffannaa Jimmatti gaggeeffamuuf deemuun wal qabatee Seenaa shanan Gibee wal haa yaadachiifnu: Carraa kanaan Limmuu Innaariyaatiin wal baraa ******** Shanan Gibee keessaa Limmuu Innaariyaatu jalqaba mootummaa hundeessee xumure. Shanan Gibee kunis dabareedhaan: * Limmuu Innaariyaa * Guumaa * Gomma * Jimma Abbaajifaariifi * Geeraadha. Limmu kan jedhamu ilma Jaawwii Maccaati. Innaaroo kan jedhamu immoo ummata osoo Oromoon Maccaa naannoo Gibee hin qubatin Limmuu ammaa keessa turaniidha. Maqaan Limmuu Innaariyaa jedhu tokkumma gosa Maccaafi Innaaroo kana agarsiisuuf kan moggaafameedha. Kanaafuu biyyattiin Limmuu Innaariyaa jedhamaa turte. Mootoleen Limmuun bulchan dabareedhaan kanneen armaan gadiiti: . Abbaa Gommol (Bofoo Bokkuu) (1800-1825) . Abbaa Bogiboo (Ibsaa Bofoo) [1825-1861] . Abbaa Gommol xinnaa (Doojjamoo Ibsaa) [1861-1882] . A/Bogiboo xinnaa (Jawwee Doojjamoo) [1882-1887] . A/Olii (Naga’oo Jawwee) [1887-1931] . A/Maccaa (Takkaa Naga'oo) [1931-1934] . Obboleessa Takkaa kan Shaafii Naga’oo jedhamuudha. Mootoleen Limmuu kun hunduu Muslimoota turan. Hundi isaaniituu Abbaa Bokkuu Limmuu turan. Hiddi latiinsa mootii Limmuu kana fakkaata: Takkaa, Naga’oo, Jawwee, Doojjamoo, Ibsaa, Bofoo, Bokkuu, Qacanee, Amboo, Irreelee, Kuyyuu, Aleeluu, Beeroo, Limmuu, Jaawwii, Maccaa, Raayyaati. Gumaacha Addaa Limmu nuuf gumaache: 1. Islaama naannoo Gibee keessa babal'isuu irratti Limmu shoora olaanaa qaba ture. Dhuma jaarraa 18ffaa keessa sheekolee baay'eetu Limmuun keessa turan. Achi ka'anii Guumaa, Gomma, Jimmaafi Geeraa keessa amantii Islaamaa babal'isan. Sheekni Guumaa keessa jalqaba amantii Islaamaa babl'ise Sheyk Kabiiree Daassaa, Jimmaan keessa Sheyk Abdulhakiim, Gomma keessa Sheykii Abbaa Ya'oofi Abbaa Nasiibee yoo ta'an Geeraa keessa immoo dhiibbaa Abbaan Bogiboo godhaniifi Sheykolee daldaltoota baay'ee achi qubatantu ummaticha amantii Islaamaa barsiisan. Warri kun hunduu kallattii Limmuu irraan seenan. 2. Masaraan mootolee Limmuu bakka afur ture. Isaanis: . Masaraa Saappatti argamu kan A/Abbuuqaa . Masaraa Gaallee Garukkee kan A/Gommol guddaa . Masaraa Saqatti argamu kan A/Bogiboo guddaafi A/Gommol xinnaa . Masaraa Jireenitti argamu kan A/Bogiboo xinnaafi warra isaan boodaati. Wanti nama gaddisiisu masaraa kana afranuu Naf**xanyoonni bara 1882-1887 jidduutti gubdee fixxe. Ummanni Limmuu gootummaa keessatti daanga dabraadha. Ammallee namni dhuunfaa isaaniis akkasuma. Jidduu bara 1882-1887 Limmuufi Naf*xanyaa jiduutti lola gurguddaa sadiitu geggeeffame. Sana boodas lolli hin dhaabbanne. Masaraan Saqaa kan Abbaa Bogiboo guddaa masjida of keessaa qaba ture. Innis gubamee bara 1887 bataskaanni Mikaa'eelii jedhamu achitti ijaaramee jira. 3.Seenaa sirna bulchiinsa Oromoo eeganii nuun ga'uu keessatti Limmu ga'ee guddaa qabdi. Sirna bulchiinsa gadaa sirriitti eeganii nuun ga'an. Gosoonni Limmuu Shanan Limmuu jedhamanii beekamu. Warri shanan Limmuu jedhaman kun Beeroo, Igguu, Burayyaa, Anuu fi Diimmaadha. Jarri kun shanan duraa duubaan gadaa Limmuu baadhatu. Dabareen gadaa Maccaa duraanii: Birmajii, Roobalee, Michillee, Melbaa fi Duuloodha. Garuu erga sirni gadaa kufee ka’ee sababa hin beekamneen Roobaleen hangafa godhame. Armaan gaditti bara gadaafi gosoota Limmuu gadicha bulchan ilaalaa: Maqaa Gadaa Gosa Bulchu . Roobalee Beeroo . Birmajii Igguu . Michillee Burayyaa . Melbaa Anuu . Duuloo Diimmaa Gosoonni hafan Limmuun keessatti Warra barcumaa jedhamu. Isaanis: . Ganjii, . Sadacha, . Dagooyyeefi . Baaltoodha. Warra barcumaa kan isaan jedhan gosa Shanan Gibee biroo keessatti gadaa qaban kanneen Limmuun keessa jiraataniidha. Fkn Ganjiin gosa Geeraa, Dagooyyeen gosa Guumaa, Baaltoon gosa Gommaa, Sadachi immoo gosa Jimmaafi Guumaa beekamaadha. Garuu bakka biroos ni jiru. Silaa hambaa Limmuu wajjinin barreeffama kana isiniif maxxansa ture. Garuu Naf**xanyaan hambaa tokkollee nuuf hin hambifne waan ta'eef kaartaa shanan Gibee wajjin daawwadhaa.

Bara Miidhaman Dhiisanii Bara Miidhagan Dubbatu Jedhan. Maal jechuudha?

Mootummoota Shanan Gibeetiin wal baraa ****** Mootummoota shanan Gibee kanneen jedhaman: 1. Limmuu Innaariyaa 2. Guumaa 3. Gomma 4. Jimmaa Abbaajifaariifi 5. Geeraadha. Tartiibni hundeeffama mootummaa isaaniis akkuma ani tarreesse kana. Mootoleen Jimmaa Abbaajifaa bulchan dabareedhaan: 1. Abbaa Faaroo (Osee Koobii) [1742-1782] 2. Abbaa Magaal (Daangilaa Osee) [1782-1824] 3. Abbaa Raagoo Abbaamagaal [1824-1830] 4. Abbaa Jifaar Guddaa (Sannaa Daangilaa) [1830-1854] 5. Abbaa Reebuu Abbaajifaar [1854-1858] 6. Abbaa Booqaa Abbaamagaal[1858-1864] 7. Abbaa Gommol Abbaabooqaa[1864-1878] 8. Abbaa Jifaar Xinnaa (Muhammad Daawud Alii) [1878-1932] 9. Abbaajoobir Abbaaduulaa Abbaajifaar (1932...) Warra kana keessaa mootummaa Jimmaa ijaaree kan xumure Abbaa Jifaar guddaadha. Bara isaanii keessa bulchiinsi Diggoo aanolee naannoo kanneen akka Saqqaa, Dedoo, Qarsaa, Abbaltii, Naaddaafi kkf dabalate. Warri bu’uura kaa’ame ilaale mootii Jimmaa Kakaa jalqabaa Abbaa Faaroo godhe. Warri xumuramuu isaa ilaale immoo mootii Jimmaa jalqabaa Abbaa Jifaar guddaa godhe. Hiddi latiinsa mootii Jimmaa kan armaan gadiiti: A/Joobir, A/Duulaa, A/Jifaar, A/Gommol, A/Booqaa, A/Magaal, A/Faaroo, Koobii, Horoo, Diggoo, Jaarsoo, Koloo, Waayyuu, Hariiroo, Jimmaa, Hakaakoo, Macca, Raayya. Mootiin sadii sarara kanaan ala turan. Abbaan Raagoofi Abbaa Jifaar guddaan kan Abbaa Magaali; obbolaa Abbaa Booqaati. Abbaan Reebuu immoo kan A/Jifaar A/Magaali. Ilmaan Abbaa Reebuu yeroo ammaa baay’inaan Buuyyootti argamu.

Mas'uud Alhamadaaniin nama gaarii kan baay'inaan namootaaf dhiifama godhu ture. Nama isatti balleesseen "kan darbe hin dubbatamu" jedhee araaramaaf. Erga inni inni du"ee abjuun argamee "Rabbiin kee akkam si godhe?" jechuun gaafatame. Unnis 'Rabbiin kiyya fuuldura Isaa na dhaabee "yaa Mas'uud kan Darbe hin dubbatamu. Gara jannataa isa geessaa" naan jedhe. Zahabiitu dubbate. ذکر الإمام الذهبي ترجمة مسعود الهمذاني ‏ووصفه بأنه من خيار الناس ‏وأنه كان كثيرا ما يعفو ويصفح ويتجاوز عمن أخطأ بحقه قائلا: "الماضي لا يُذكر" ‏وقيل أنه بعدما توفي، رُؤي في المنام، فقيل له: ما فعل الله بك؟! ‏قال: أوقفني الله بين يديه، وقال لي ‏(يا مسعود: الماضي لا يُذكر، انطلقوا به إلى الجنة) رحماك يا رب!

https://fb.watch/pqfpDNDM6O/?mibextid=Nif5oz ماذا قال الباقلاني رحمه الله؟ Abu Bakri Albaaqillaaniin maal jedhe?