Konfaransii Nageenyaafi Galateeffannaa Jimmatti gaggeeffamuuf deemuun wal qabatee Seenaa shanan Gibee wal haa yaadachiifnu:
Carraa kanaan Limmuu Innaariyaatiin wal baraa
********
Shanan Gibee keessaa Limmuu Innaariyaatu jalqaba mootummaa hundeessee xumure. Shanan Gibee kunis dabareedhaan:
* Limmuu Innaariyaa
* Guumaa
* Gomma
* Jimma Abbaajifaariifi
* Geeraadha.
Limmu kan jedhamu ilma Jaawwii Maccaati. Innaaroo kan jedhamu immoo ummata osoo Oromoon Maccaa naannoo Gibee hin qubatin Limmuu ammaa keessa turaniidha. Maqaan Limmuu Innaariyaa jedhu tokkumma gosa Maccaafi Innaaroo kana agarsiisuuf kan moggaafameedha.
Kanaafuu biyyattiin Limmuu Innaariyaa jedhamaa turte.
Mootoleen Limmuun bulchan dabareedhaan kanneen armaan gadiiti:
. Abbaa Gommol (Bofoo Bokkuu) (1800-1825)
. Abbaa Bogiboo (Ibsaa Bofoo) [1825-1861]
. Abbaa Gommol xinnaa (Doojjamoo Ibsaa) [1861-1882]
. A/Bogiboo xinnaa (Jawwee Doojjamoo) [1882-1887]
. A/Olii (Naga’oo Jawwee) [1887-1931]
. A/Maccaa (Takkaa Naga'oo) [1931-1934]
. Obboleessa Takkaa kan Shaafii Naga’oo jedhamuudha.
Mootoleen Limmuu kun hunduu Muslimoota turan. Hundi isaaniituu Abbaa Bokkuu Limmuu turan.
Hiddi latiinsa mootii Limmuu kana fakkaata:
Takkaa, Naga’oo, Jawwee, Doojjamoo, Ibsaa, Bofoo, Bokkuu, Qacanee, Amboo, Irreelee, Kuyyuu, Aleeluu, Beeroo, Limmuu, Jaawwii, Maccaa, Raayyaati.
Gumaacha Addaa Limmu nuuf gumaache:
1. Islaama naannoo Gibee keessa babal'isuu irratti Limmu shoora olaanaa qaba ture. Dhuma jaarraa 18ffaa keessa sheekolee baay'eetu Limmuun keessa turan. Achi ka'anii Guumaa, Gomma, Jimmaafi Geeraa keessa amantii Islaamaa babal'isan. Sheekni Guumaa keessa jalqaba amantii Islaamaa babl'ise Sheyk Kabiiree Daassaa, Jimmaan keessa Sheyk Abdulhakiim, Gomma keessa Sheykii Abbaa Ya'oofi Abbaa Nasiibee yoo ta'an Geeraa keessa immoo dhiibbaa Abbaan Bogiboo godhaniifi Sheykolee daldaltoota baay'ee achi qubatantu ummaticha amantii Islaamaa barsiisan. Warri kun hunduu kallattii Limmuu irraan seenan.
2. Masaraan mootolee Limmuu bakka afur ture. Isaanis:
. Masaraa Saappatti argamu kan A/Abbuuqaa
. Masaraa Gaallee Garukkee kan A/Gommol guddaa
. Masaraa Saqatti argamu kan A/Bogiboo guddaafi A/Gommol xinnaa
. Masaraa Jireenitti argamu kan A/Bogiboo xinnaafi warra isaan boodaati.
Wanti nama gaddisiisu masaraa kana afranuu Naf**xanyoonni bara 1882-1887 jidduutti gubdee fixxe. Ummanni Limmuu gootummaa keessatti daanga dabraadha. Ammallee namni dhuunfaa isaaniis akkasuma. Jidduu bara 1882-1887 Limmuufi Naf*xanyaa jiduutti lola gurguddaa sadiitu geggeeffame. Sana boodas lolli hin dhaabbanne. Masaraan Saqaa kan Abbaa Bogiboo guddaa masjida of keessaa qaba ture. Innis gubamee bara 1887 bataskaanni Mikaa'eelii jedhamu achitti ijaaramee jira.
3.Seenaa sirna bulchiinsa Oromoo eeganii nuun ga'uu keessatti Limmu ga'ee guddaa qabdi. Sirna bulchiinsa gadaa sirriitti eeganii nuun ga'an. Gosoonni Limmuu Shanan Limmuu jedhamanii beekamu. Warri shanan Limmuu jedhaman kun Beeroo, Igguu, Burayyaa, Anuu fi Diimmaadha. Jarri kun shanan duraa duubaan gadaa Limmuu baadhatu. Dabareen gadaa Maccaa duraanii:
Birmajii,
Roobalee,
Michillee,
Melbaa fi
Duuloodha.
Garuu erga sirni gadaa kufee ka’ee sababa hin beekamneen Roobaleen hangafa godhame. Armaan gaditti bara gadaafi gosoota Limmuu gadicha bulchan ilaalaa:
Maqaa Gadaa Gosa Bulchu
. Roobalee Beeroo
. Birmajii Igguu
. Michillee Burayyaa
. Melbaa Anuu
. Duuloo Diimmaa
Gosoonni hafan Limmuun keessatti Warra barcumaa jedhamu. Isaanis:
. Ganjii,
. Sadacha,
. Dagooyyeefi
. Baaltoodha.
Warra barcumaa kan isaan jedhan gosa Shanan Gibee biroo keessatti gadaa qaban kanneen Limmuun keessa jiraataniidha. Fkn Ganjiin gosa Geeraa, Dagooyyeen gosa Guumaa, Baaltoon gosa Gommaa, Sadachi immoo gosa Jimmaafi Guumaa beekamaadha. Garuu bakka biroos ni jiru.
Silaa hambaa Limmuu wajjinin barreeffama kana isiniif maxxansa ture. Garuu Naf**xanyaan hambaa tokkollee nuuf hin hambifne waan ta'eef kaartaa shanan Gibee wajjin daawwadhaa.