cookie

Мы используем файлы cookie для улучшения сервиса. Нажав кнопку «Принять все», вы соглашаетесь с использованием cookies.

avatar

Oromia Communications Bureau

This is official Telegram page of Oromia Communications Bureau

Больше
Рекламные посты
12 989
Подписчики
+6724 часа
+3387 дней
+1 34530 дней
Время активного постинга

Загрузка данных...

Find out who reads your channel

This graph will show you who besides your subscribers reads your channel and learn about other sources of traffic.
Views Sources
Анализ публикаций
ПостыПросмотры
Поделились
Динамика просмотров
01
https://www.facebook.com/100057437291356/posts/pfbid0vgcuvdHoqJd2cBnkXJVtrDM6Ky4NaUmu6j1CWScobCRcGBvH57QMAPX4XkSuLCv1l/?app=fbl
6481Loading...
02
Media files
1 6472Loading...
03
"Hojiin tajaajila lammummaa ba'aa jireenya keenyaa ittiin salphisnudha" Obbo Abdulhakiim Muluu ------ Hojiin tajaajila lammummaa gannaa bara kanaa qindeessummaa Biiroo Dhimma Dubartootaafi Daa'imman Oromiyaan magaalaa Adaamaatti jalqabsiifame. Saganticharratti Sadarkaa Itti Aanaa Pirezidaantiitti Qindeessaan Kilaastera Hawaasummaa Obbo Abdulhakim Muluu ergaa dabarsaniin garaagarummaan kamiinuu osoo hin daangeeffamiin namummaarratti dhaabbachuun hojii tajaajila lammummaatiin rakkoon hawaasa keenyaa hiikamaa dhufeera jedhan. Hojiin tajaajila lammummaa ba'aa jireenyaa keenyaa ittiin salphisnuudha kan jedhan Obbo Abdulhakiin mana harka qalleeyyii heddu ijaaruun ba'aa jireenyaa abbootiifi hadholii keenyaa salphisuun kan danda'ame ta'uu dubbataniiru. Mootummaan namooma dursuun jiruufi jireenya hawaasaa jijjiiruuf humna, qabeenyaafi beekumsa jiru walitti qindeessuun wal tumsuun hariiroofi obbolummaa cimsuun rakkoo waloo waliin hikkachuurratti hojjechaa jira jedhan. Hawaasni keenyas mul'ata duudhaa ganamaatti deebi'uu mootummaan karoorfame gammachuun simachuun karaa guutuu ta'een hirmaachuun aantummaasaa agarsiisaa jira jedhan. Bara itti aanus mana harka qalleeyyii Kuma 130 ijaaruuf karoorfameera. Hooggantuun Biiroo Dhimma Dubartootaafi Daa'imman Oromiyaa Aadde Mabraat Baacaa hojiin kenna tajaajila lammummaa duudhaa ganamaa Sirna Gadaa waan ta'eef hojii qajeelaa kana hawaasa keenya sadarkaa sadarkaan jiran fayyadamaa taasisuuf hojjetamaa jiraachuu himaniiru. Waggoota shanan darbanittis osoo qormaanni adda addaa jiruu hojii hojjetameen dubartootaafi maatii harka qalleeyyiif manni kuma 65 fi dhibba 5 ol ijaarameera, daa'imman mil. 3.6f meeshaaleen deeggarsaa kennameera. Bara kanas hojii kenna tajaajilaa lammummaa raawwatamuun hawaasa mil. 12.3 hirmaachisuun namoota mil. 4.8 fayyadamoo taasisan ni raawwatama jedhan. Kantibaan Magaalaa Adaamaa Obbo Hayiluu Jaldee Magaalaan Adaamaa galmoota misoomaa hojiirra oolchuun fayyadamummaa ummataa mirkaneessuuf hojjechaa jira jedhan. Humnoota waloo arfan qindoominaan hojiirra oolchuun rakkoo ummata keenyaa hiikuuf hojjetamaa jiraachuus dubbataniiru.
1 4981Loading...
04
Media files
1 8551Loading...
05
Mareefi Marabbaan Biyya Waloo Keenyaa Ijaarra! ~~~ Itoophiyaan kuufama qormaataawwan keessaafi alaa mudachaa turan qolachaa har'a geesse. Saboonni, Sablammoonniifi Uummattoonni Itoophiyaa biyya birmadummaa qabdu ijaarrachuuf lafeen isaanii waliin cabee dhiigni isaanis waliin dhangala'e. Kun dhugaa haalamuu hin dandeenye dha. Haata’u malee, sirnoonni darban ijaarsa biyyaa keessatti dhugaa waloo sabootaa moggaatti dhiibaa seenessa qeenxee leellisuun sabdaneessummaa xiqqeessaa rakkoon siyaasaa hidda akka gadi fageeffatu taasise. Kuufama qormaatilee dhalootaa dhalootatti darbaa dhufan mareefi marabbaan furuu dadhabuun idaa bule irratti hiyyummaa, wal gaarreffannaafi qoqqoodinsi golgaa afaanii, aadaa, amantaafi sabummaa bu’uureeffate waliin jireenya sabootaa miidhuu bira darbee tokkummaa biyyaalessaa gaaffii keessa galchuun hudhaa ijaarsa biyyaa ta’eera. Kanaafis wal utubuurraa wal takaaluu, jaalalarra jibba, tokkummaarraa garaagarummaa, badhaadhina waloo milkeessuurra waraana labsuu, seenessa sobaa leellisuufi wal jibbiinsa facaasuun baramaa turee jira. Kuufamni qormaatilee rogdaneessiifi wal xaxoo ta’an kunneen biyya hunda keenyaaf taatu, hunda keenyas fakkaattuufi hundarraas ijaaramte waloon milkeessuuf qormaata hamaa turan. Kanaafis mareefi araarri biyyaalessaa akka biyyaatti gaggeeffamuuf jedhu rakkoo keenya duguugnee furuu kan dandeesisu waan ta’eef uummanni Oromoo ajandaa tarkaanfataafi moo’ataa dhugaa waloo ijaaru qabatee dhiyaachuu qaba. Dhaloonni har'aa ajandaa seena qabeessa kana milkeessuun kuufama idaa kaleessaa mareefi marabbaan furee boqonnaa haaraa akka banuuf seenaan abbaa carraa taasiseera. Carraan argame kun yoo sirnaan itti fayyadamne rakkoo waloo keenyaa furree araara biyyaalessaa mirkaneessuun nageenya waaressee biyya hunda keenyaaf taatu ijaarrachuuf boqonnaa murteessaadha. Kanaafis dhimma dhuunfaarra dhimma sabaafi biyyaa caalchisuu, wal dhaga’uu, tokkoomuun ajandaa moo’ataa bu’uura ijaarsa biyyaa cimsu waloon qabaachuufi garaagarummaa hir’ifnee dhimma waloo jabeessuun qormaataaf idaa kuufame osoo hin taane biyya badhaate dhaloota dhaalchisuuf hojjetamuu qaba. Mootummaan Naannoo Oromiyaa naannichatti nageenya waaressuu, duudhaa ganamaa jabeessuufi maree biyyaalessaaf haalli mijaawaan akka uumamuuf kutannoon gumaacha irraa eegamu hunda taasisaa jira. Imala kanaan dhibdeen siyaasaa ni furama, ijaarsi biyyaas bu'uura cimaa ni argata. Sirna federaalizimii sabdaneessaattis ulfina horuun tokkummaan biyyaalessaaf bu’uurri cimaan ni kaa’ama. Oromiyaan ijaarru, Itoophiyaan utubnuufi gaanfi Afriikaa tasgabbeessinu imala Kanaan milkaa’a. Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa Caamsaa 23/2016 Finfinnee
1 7730Loading...
06
https://www.facebook.com/share/p/2wjEBgwxMAnpQ6VY/?mibextid=oFDknk
1 3110Loading...
07
Media files
1 4861Loading...
08
"Qormaata kutaa 6ffaa, 8ffaafi qormaata biyyaaleessaa kutaa 12ffaaf qophiin xumuramuu ibsame. = = = Qormaata kutaa 6ffaa, kutaa 8ffaa sadarkaa naannootti kennamuufi qormaata biyaaleessaa kutaa 12ffaaf qophiin kan xumurame ta'uu Hoogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dr Tolaa Barisoo ibsan. Dr. Tolaan qormaata bara kanaa kennamu ilaalchosuun ibsa miidiyaaleef kennaniin bara kana Naannoo Oromiyaatti qormaata kutaa 6ffaa barattoota 731,955 ,qormaata kutaa 8ffaa barattoota 672,500 fi kutaa 12ffaa barattoonni 246,575 waliigala naannichatti barattoonni 1,651,030 kan qoraman ta'uu himaniiru. Qormaata kutaa 6ffaa waggoottan dheeraa booda yeroo jalqabaaf kennamuufi kutaa 8ffaa sadarkaa naannootti kennamuuf qophiin gahaa taasifameera jedhan. Qormaatichi wiirtuu qormaataa 1,424 keessatti kan kennamu ta'uu ibsanii yeroo ammaa qormaatichi giddugalarraa geejjibsiifamuun Godinaaleefi bulchiinsa magaalotaatti qaqqabeera jedhan. Barattoonni gosa barnootaa hunda baratanii akka xumuraniifi titooriyaaliin gahaa kennuun akka qophaa'an taasifameera. Qormaanni kutaa 6ffaa Caamsaa 29 fi 30 akkasumas qormaanni kutaa 8ffaa waxabajjii 4 fi 5 kan kennamu ta'a. Qormaata biyyaaleessaa kutaa 12ffaa Adooleessa 3 hanga 5 kennamuufis qophiin gahaa kan taasifame ta'uu Dr Tolaan dubbataniiru. Rakkoo xiqqaachuu qabxii jiru fooyyeessuuf rakkoowwan jiran adda baasuun irratti xiyyeeffachuun barattoonni akka qophaa'an taasifameera. Barattoonni qormaata moodeelaa sadarkaa biyyaaleessaatti kennamu dabalataan sadarkaa naannootti qopheessuun akka fudhatan taasifameera. Bara kana qormaatichi onlaayiniidhan kennamuun kan eegalamu ta'uu isaatin barattoonni kuma 7 manneen barnootaa 40 keessatti jiran akka shaakalaniifi of qopheesan taasifamuu eeraniiru. Qormaanni kennamuu hundi milkaa'inaan akka xumuramu hawaasni manneen barnootaa nageenyummaa qormaatichaa eeguu akka qabu hubachiisuun maatiin barattootaas barattoonni tasgabbaa'anii qormaaticha akka fudhatan gorsa kennuu akka qaban Dr. Tolaan dhaamaniiru.
1 4611Loading...
09
Media files
1 6011Loading...
10
Pirojektoota Yeroo Qabameefi Qulqullinaan Xumuruun Badhaadhina Milkeessa --- Mootummaan Naannoo Oromiyaa fedhii misoomaafi gaaffii bu'uuraalee misoomaa uummanni naannichaa qabu deebisuuf pirojektoota qulqullinaafi yeroo gabaabaa keessatti xumuruun tajaajila hawaasaaf geessisaa jira. Keessumattuu waggoota jijjiiramaa darban keessatti hooggansa pirojektootaa cimsuun aadaan pirojektoota xumuruun eebbisiisuu hundeerraa jijjiirameera. Kanarraa ka'uunis, pirojektoonni kumaatamatti lakkaa'aman eebbifamuun rakkoo bulchiinsa gaarii bulchiinsa pirojektiin walqabatee kanaan dura ka'aa ture hambisuun danda'ameera. Kunis ta'uu kan danda'eef fayyadamummaa uummataa mirkaneessuuf hooggansi sadarkaan jiru aantummaan hojjechuu, hirmaannaan uummataa cimuu, hordoffiifi deeggarsi akkasumas bulchiinsi pirojektii hoogganuu cimaa dhufuufi kan biroon gumaacha taasisaniiru. Bara kanas pirojektoonni misoomaa uummataaf tajaajila adda addaa kennan ariitiifi qulqullinaan maallaqa guddaan hojjetaman xumuramuun eebbaaf qophaa'anii jiru. Bulchiinsa magaalaa Naqamteettis bara bajata 2016 kanatti pirojektoonni haaraafi buleeyyiin 27 ta’an qarshii miliyoona 200 oliin hojjetamaa jiran xumuramuun eebbaaf gahaa jiru. Bulchiinsa magaalichaatti bara kana pirojektoota gosa addaa addaa 27 hojjechuuf karoorfame keessaa pirojektiwwan 21 xumuruun yeroo dhiyootti tajaajila haawasaaf qophaa'anii jiru. Kanneen hafanis akka xumuramaniif ariitiin hojjetamaa jiru. Pirojektoonni kunneen pirojektii haaraa 22 fi kan bule 5 walii gala pirojektoonni 27 qarshii miliyoona 200fi miliyoona 18 oliin hojjetamaa jiran yeroo ammaa xumuramuun ebbaaf qophaa’aa jira. Pirojektoonni kunneenis manneen qusannaa, sheediiwwan IMX, daandii dhagaa bocamaa, marfata magaalaa, miidhagina daandii gidduu fi kan kana fakkatan of keessaa qaba. Pirojektoonni kunneen yemmuu xumuraman hawaasa kuma 30 ol fayyadamaa kan taasisan yoo ta'u lammiilee hedduutiifis carraa hojii uumaniiru. Facebook: https://www.facebook.com/oromiabc ------ Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau ------ Twitter: twitter.com/OromiaBureau ------ YouTube: https://www.youtube.com/@OromiaCommunicationBureau ------ TikTok: tiktok.com/@oromiacommunicationbureu ------ Website: https://www.oromiacommunication.gov.et/ ------ kallachaOromia: https://m.facebook.com
1 5933Loading...
11
Media files
2 0461Loading...
12
Badhaadhina Maatii Guddina Biyyaaf! = = = Maatiin buuura waa hundaati. Hawaasaafi biyyi maatii irraa ijaarama. Diinagdeen maatii cimaa tauun biyya dinagdee cimaa qabdu ijaara. Mootummaan naannoo Oromiyaas badhaadhina maatii sadarkaa hundatti mirkaneessuun badhaadhina biyyaa dhugoomsuuf innisheetiviwwan adda addaa magaalaafi baadiyyaatti labsuun hojjechaa jira. Biyyoonni kanneeen akka Chaayinaa, Singaappooriifi Maleezhiyaan mootummaan diinagdee guddina biyyaa keessatti shoora jabaa qabaachuun hawaasni irraa fayyadamuun badhaadhinni maatiifi biyyaa akka mirkanaau taasisuun irraa fayyadamaniiru. Biyyi keenya immoo sadarkaa jireenya maatii jijjiiruun badhaadhina maatii mirkaneessuuf hojjechaa jirti. Badhaadhinnis diinagdeen qofa osoo hin taane diimokiraasii, siyaasa bilisaafi hirmaachisaafi seenaa gabbataa qabaachuus ni dabalata. Akka ragaa madaallii Baankii Addunyaatti namni tokko jireenya fooyyee qabu jiraata kan jedhamu yoo guyyaatti hanga doolaara 2.15tti galii dhuunfaa isaa argateedha. Biyyoonni akka USAfi Afaganistaan maatii guyyaan galii olaanaa argachuun sadarkaa qabaniidha. Galii maatiin tokko guyyaatti argatus diinagdee biyyootaa irratti hundaaa. Akka ragaan bara 2022 agarsiisutti biyya keenya Itoophiyaa dabalatee uummata gammoojjii saharaa keessa jiraataa jedhamuun tilmaaman biliyoona 1.21 keessaa dhibbantaan 35.4 taan galiin isaanii guyyaa doolaara 2.15 gadi kan tae sarara hiyyummaa gadii keessatti argama. Sadarkaa biyyaattis tae akka Oromiyaatti badhaadhina maatiifi biyyaa dhugoomsuuf hojiin dinagdee dam-daneessaa ijaaruu, aadaa qusannoo guddisuu, carraa hojii uumuufi aadaa hojii jijjiiruun galii nama dhuunfaafi maatii guyyaa guddisuuf hojjetamaa jira. Badhaadhina maatii dhugoomsuuf immoo qonnaan bulaan akkamiin akka Oomishu, daldalaanis maal akka daldalu, hojjetaan akkamiin akka tajaajiluufi hoggansis hoggansa akkamii akka kennuu qabu beekuun ariitii, qulqullinaafi baayinaan hojjechuun ga`ee qaama hundaa yoo ta'u innisheetiwaan biyyi keenya boccee hojjechaa jirtu kanneen akka qamadii bonaa ganna oomishuufi oomishaaleen garaa garaa kilaastaraan hojjetamaa jiran fakkeenya gaarii milkaa'ina imala badhaadhina biyya keenyaati.
2 0212Loading...
13
Media files
1 9651Loading...
14
Mareen Biyyaalessaa Ajandaa Walooti!
1 9450Loading...
15
Media files
2 4573Loading...
16
Bu'uuraalee misoomaa qulqullinaafi yeroo qabame keessatti xumuruun qajeeltoo mootummaa badhaadhinaati ---- Waggoota jijjiiramaa keessatti aadaan dhagaa bu'uuraa kaa'anii achiin baduu guutummaatti jijjiirameera. Kanaanis, pirojektoota yeroo dheeraaf lafarra harkifatanii rakkoo bulchiinsa gaarii ta'anii turaniifi pirojektoota haaraa yeroo qabameefi qulqullina barbaadameen xumuruun fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuun hojjetamaa jira. Kunis, aadaa dhagaa bu'uuraa kaa'anii baduu jijjiiruun gara xumuruun riivaanii muruutti ce'ameera. Bulchiinsa Magaalaa Roobeetti bara kana pirojektoonni bu'uuraalee misoomaa gosa garaagaraa 44 bajata mootummaa birrii miiliyoona kuma 231 oliin hojjetamaa jira. Magaalichatti mana qusannaa harka qalleeyyiif ijaarame 21, ibsaa daandii gubbaa 'High mucus' lama, ibsaa tiraafikaa akkasumas pirojektoota inisheetiivii horsiisa lukkuufi furdisa loonii dabalatee pirojektoonni hojjetamaa jiran keessaa 42 dhuma bara kanaarratti eebbifamuun tajaajila uummataaf banaa ni taasifama. Sadarkaa Pirizidaantii Ittaanaatti Hoogganaan Kilaastara Hawaasummaa Oromiyaa Obbo Abdulhakiim Muluu pirojektoota misoomaa dabalatee hojiilee misoomaa Magaalichatti hojjetamaa jiran daawwataniiru. Obbo Abdulhakiim hojiileen misoomaa magaalicha keessatti hojjatamaa jiran galma badhaadhina maatiifi hundagaleessaa akka biyyaatti qabamee hojjetamaa jiru milkeessuu keessatti iddoo olaanaa qaba jedhan.
2 2133Loading...
17
Media files
2 3411Loading...
18
Maddoonni nagaa biyyaa goolan mareefi marabbaadhaan gogu! ~~~ Biyyi maraammartoo hiyyummaafi walitti bu'iinsaa keessa turte mareefi marabbaan dhibeeshee furattee karoora guddinaa qabatte galmaan ga'uuf ifaajaa jirti. Baraa baratti ce'aa kan dhufe mufannaan, wal gaarreffachuufi fedhiin daanga dhabeessi soroorfamee haqnis dubbatamee, mareen mariyatamee rakkoon furamuun lammiin hunduu biyya waloo isaa waloon gara fuulduraatti tarkaanfachiisuu qaba. Ajandaa xixxiqqaafi gurguddaa madda wal dhabdee ta'anii turan irratti mariyachuun maddoonni nagaa biyyaa goolan goguu qabu. Itoophiyaan biyya walabummaa ishee eeggattee Addunyaa irratti seenaa gootummaan beekamtu taatus keessoo isheetti sababoonni madda wal shakkii tahan ni jiru. Sababootni kunneen garuu dhibee wallaanamanii fayyuu hin dandeenye osoo hin taane waltajjiin wal hubannaafi mareen biyyaalessaa hunda hirmaachisaa tahe kanaan dura uumamuu dhamuu isaatiin hidda yaafatan. Yeroo ammaa garuu Koomishiiniin Maree Biyyaalessaa hundaa'uun rakkoon hundi mareen akka hiikkataniif hojjetamaa jira. Nama dhuunfaas ta'e gareen biyya isaa jaallatu, ummata isaaf dhaabatuufi nageenya biyya isaaf fedhu maree kana keessatti hirmaatee rakkoo biyyasaa fura. Mareefi Marabbaatu Rakkoo Fura!
2 4011Loading...
19
https://www.facebook.com/100057437291356/posts/pfbid02PG7q37BAa3EvZzMSDsxgTGVFje7Gs3wWMEGPqikgeB2ZMKJYifjeyZKZLREPHFWLl/?app=fbl
2 2852Loading...
20
https://www.facebook.com/100057437291356/posts/pfbid0TAwyA328PTxBWKQtLBZwkrxbxHwGAEftGSVhpriz6QJQVKW7zYd3Aw5gsu91qcedl/?app=fbl
2 6411Loading...
21
Media files
2 4972Loading...
22
Nageenyi Dawoo Jiruuf Jireenya Uummataati! ---- Nageenyi jireenya hawaasa tokkoof murteessaadha. Kanaaf nageenyi uummataaf uummannis nageenyaaf dawoodha jechuu dandeenya. Bakka nageenyi hin mirkanoofnetti nagaan bahanii galuun, misooma garaa garaa gaggeessuufi hojii ijaarsa biyyaa sirneessuun qormaata hamaadha. Uummanni Oromoo waggoota 150 oliif sirna isaa cabe deebifachuuf wareegama kaffalee keessaafi alaan tooftaa qabsoo garaa garaa gaggeessaa ture. Kanaafis aarsaa guddaa kaffalee bara 2010 injifannoon milkaa’uu danda'eera. Kanaanis qabsoon Oromoo bifa jijjiirratee injifannoo argate bulchuu, tikfachuufi isa hafe dabalachuuf waloon qabsaa’uun injifannoo caalmaaf hiixachaa jira. Faallaa kanaa ammoo wal irratti duuluun waraana yeroon hin barbaanne wal irratti geggeessuun uummata nagaafi misooma barbaadu irratti gufuu ta'uun yaaddoo jiruuf jireenya uummatichaa ta'uun injifannoo argame boodatti deebisuun, garbummaa hamaa jalatti uummata keenya deebisuuf dhama'uun diina uummata kanaa ta'uudha. Kanaaf qaamni ta'e jedhee ijifannoo argame boodatti deebisuuf yaalu diina uummata Oromooti. Mootummaan duudhaa Oromoo ganamaatti deebi’uu labsuun rakkoon jiru garaa garummaa ilaalchaa yoo ta’e mareen furamuu akka qabuufi tokkummaa Oromoo jabeessuun tarkaanfii hundaa akka ta’uuf hojjechaa jira. Kanaafis rakkoon fedhe yoo uumame Gaaddisa jalatti mareefi marabbaan akka furamuuf ejjennoo guutuu kan qabu ta’uu bira darbee nageenya uummataa mirkaneessuuf waan danda’ame hunda gochaa jira. Balbala nagaaf banee harka nagaaf diriirsee nageenya waaressuuf tarkaanfii hedduu deemeera. Kanaanis harki nagaafi tokkummaa barbaadu hidhannoo hiikkatee dhuunfaafi gareen galaa jira. Kun cimee itti fufuu qaba. Oromoon Oromoo dararun umurii garbummaa saba kana irra dheeressuun waanjoo rakkinaaf gadadoo baachisuu yoo ta'e malee bu'aa tokko fiduufi hin danda'u. Uummanni keenya nageenya isaa mirkaneeffachuuf kutannoo qabu gochaan agarsiisaa kan jiru yoo ta'u Mootummaanis hidhattoota ABO Shanee harka araaraaf diriire waamicha nagaa kabajuun galaa jiran simatee kanneen waraana filachuun uummata gidirsan irratti olaantummaa seeraa mirkaneessuu cimsee itti fufa.
2 6091Loading...
23
Media files
2 9543Loading...
24
"Oromoon Oromoo ajjeesuun walbilisoomsuu osoo hin ta'iin gabrummaatti walhambisuudha" miseensota ABO Shanee harka kennatan
2 9023Loading...
25
Media files
4 0971Loading...
26
Zoonii Dinagdee Addaa Gadaa lafa bal'aa hektaara kuma 24 fi bakka mijataa bu'uuraalee misoomaa kanneen akka daandii saffisaa, daandii baaburaa, bishaan lafa keessaafi bakka dhiheessii meeshaaleen ijaarsaa gara garaatiif mijataa ta'etti qorannoodhaan kan hundeeffame ta'uun isaas hawwattummaa investimentii dabaluuf kan gargaarudha. Ijaarsi pirojektii zoonii dinagdee kun boqonnaa afuritti qoodamee kan hojjetamu ta'uu kan eeran Obbo Mootummaan boqonnaa duraa kana keessatti ijaarsa daandii, bishaan, humna ibsaa dhiyeessuufi hojiin invastaroota biyya keessaafi alaa galmeessuu kan hojjetamu ta'uu hubachiisaniiru. Akkaataa karoora qabameen waggaa shanii hanga kudhanii keessatti Zoonii dinagdichaa misoomuun kan danda'amu ta'uus himaniiru. Hojii ijaarsaa hanga ammaatti eegalamee jiruun namoota 1,000 ta'aniif carraa hojii kan uumame yoo ta'u hanguma pirojektichi babal'achaa deemuun namoota 335,475 oliif carraa hojii uuma. Yeroo industiriin bal'inaan galuttis carraa hojii dhaabbiifi kontiraataan hanga namoota mil.7 talaniif carraa hojii uumuu kan danda'u ta'uu Obbo Mootummaan eeranii jiru. Kanaafuu, milkaa'ina zoonii dinagdee yaadama guddaafi biyya keenya tarree biyyoota guddatanii hiriirsuu danda'u kanaaf qaamni hunduu miira tokkoomeefi kallattii maraan tumsuu akka qabu Daarektara Olaanaa Abbaa Taayitichaa Obbo Mootummaan Tamasgeen dhaamaniiru. Facebook: https://www.facebook.com/oromiabc ------ Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau ------ Twitter: twitter.com/OromiaBureau ------ YouTube: https://www.youtube.com/@OromiaCommunicationBureau ------ TikTok: tiktok.com/@oromiacommunicationbureu ------ Website: https://www.oromiacommunication.gov.et/ ------ kallachaOromia: https://m.facebook.com
3 7032Loading...
27
"Zooniin Dinagdee Addaa Gadaa Yaadama Guddaa Biyya Keenya Tarree Biyyoota Guddatanii Hiriirsudha" Obbo Mootummaa Tamasgeen Karoora imala badhaadhinaatiin guddina dinagdee damdaneessa mirkaneessuuf hojiiwwan ce'umsa dinagdee biyya keenyaa mirkaneessan gurguddoon hojjetamaa jiru. Hojiiwwan hojjetamaa jiran keessaas pirojektiin qindaa'aa Zoonii Dinagdee Addaa Gadaa tokkodha. Zooniin Dinagdee Mootummaan Naannoo Oromiyaa eegale kun qorannoo gahaa hayyoota biyya keessaafi alaatiin taasifame irratti hundaa'uun kan hundeeffamedha. Mul'anni zoonii dinagdee kun giddugala dinagdee sadarkaa addunyaatti fakkeenya ta'e hundeessuun karoora imala jijjiiramaa milkeessuudha. Haaluma kanaan bara 2062 ALAtti giddugala dinagdee addunyaaf fakkeenya ta'uu danda'uufi egeree dhalootaaf abdii ta'uu danda'u bu'uuressuuf xiiqiin hojjetamaa jira. Ijaarsi Zoonii Dinagdee Addaa Gadaa eegalamuu ilaalchisee Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaa Daarektara Olaanaa Abbaa Taayitaa Zoonii Dinagdee Addaa Gadaa Obbo Mootummaa Tamasgeen waliin addatti turtii taasiseera. Zoonin Dinagdee Addaa Gadaa bakka kalaqa ce'umsa imaammata dinagdee damdaneessaafi fayyadamummaa lammiilee mirkaneessuu danda'u ta'uu Obbo Mootummaan ibsaniiru. Akka Obbo Mootummaan himanitti zooniin dinagdee kun qindoomina Mootummaa Federaalaafi Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin kan hojjetamu dha. Zoonii dinagdichaa abbummaan kan hoogganuufi kan hordofuu Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta'uu bu'uuraalee misoomaa kanneen akka humna ibsaa, daandii gurguddoo, daandii baaburaa, tajaajila hayyama daldalaa lammii biyya alaatiif kennamu saffisiisuufi labsiiwwan bahan hojiirra akka oolan taasisuu irratti mootummaa federaalaa irraa gahee guddaan kan eegamu ta'uu Obbo Mootummaan eeraniiru. Yaadamni Zoonin Dinagdee Addaa bu'aa riifoormii dinagdee jijjiiramaan booda bara 2014 eegalamuun hojiirra oolaa jiruuti. Kunis, qaama tarsimoo dinagdee mandhalee ta'uun biyya keenyatti warraaqsa dinagdee damdaneessaa mirkaneessuun akka danda'amuuf bara kana akka Federaalaatti labsiin isaa bahuun hojiitti hiikamuun eegalame. Zooniin dinagdee addaa guddina dinagdee ariifataafi ittifufinsa qabu mirkaneessuun fayyadamummaa biyya keenyaa karaa hundaan kan dhugoomsudha. Yaadamni Zoonii Dinagdee Addaa Naannoon Oromiyaatti durfamee hubatamuu bara 2012 kan eegalame yoo ta'u yeroo ammaa Zooniin Dinagdee Addaa Gadaa bifa addaatiin bulchiinsaa fi yaadama addaatiin hundeeffamuun hojiin ijaarsa isaa eegalameera. Zoonii dinagdee kana keessatti paarkiin loojistikii, industirii qindaa'aa, riil-isteetii ijaarsa manneenii, paarkii misooma teknoloojiifi adeemisi al-ergiifi alaa galchii meeshaalee gara garaa karaa qindaa'aa ta'een bakka itti hojiirra ooludha. Giddugala kanatti tajaajilli hunda galeessi kan itt kennamuufi dameen industirii gurguddoo lakkoofsaan 13 ta'an irrattis xiyyeeffatamuun kan hojjetamu ta'uu Daarektarri Olaanaa Abbaa Taayitichaa Obbo Mootummaa Tamasgeen dubbataniiru. Zooniin dinagdee kun bakka guddinni dinagdee bu'aa qabeessa ta'e itti shaakalamu akka ta'es Obbo Mootummaan eeranii jiru. Zoonii Dinagdee Addaa Gadaa bu'uuraalee misoomaa, seerotaafi hojimaata barbaachisoo ta'an diriirsuun hawwattummaa invastimantii biyya keessaafi alaa guddisuun sharafa biyya alaa argamsiisuu, carraa hojii bal'inaan uumuufi ce'umsa industirii mirkaneessuu kaayyeffatee hojiirra ooluu kan eegaledha. Zooniin Dinagdee Addaa Gadaa rakkoo baay'ina uummata dabalaa jiruufi guddinni dinagdee wal simuu dhabuun lakkoofsi hojii-dhabaa waggaa waggaan dabalaa deemu furuun industiriin babal'aan humna namaa heddumminaan simachuu danda'u akka uumamaniif gumaacha olaanaa taasisa. Keessumattuu invastaroonni hedduun qabeenya uumamaa Ardiin Afrikaa qabdu irratti hojjechuuf gara Ardichaatti fuula isaanii deebifachaa waan jiraniif carraa kanatti fayyadamuufi investimentii bal'inaan hawwachuuf zooniin dinagdee ijaaruun qophaa'uun barbaachisaadha. Biyyi keenya qabeenya bal'aa, humnaa hojjechuu danda'uufi carraa gabaa bal'aa qabaachuun ishee investimentiif filatamtuu ishee taasisa.
2 5601Loading...
28
Naannoo Oromiyaatti bara kana Biqiltuun Bunaa Biliyoona 2.6 Dhaabbiif Qophaaaniiru ------- Bunni oomisha al-ergii biyya keenyaa guddisuun sadarkaa duraa irratti kan argamudha. Bu'aa buna irraa argamu caalaatti guddisuuf oomishaafi oomishtummaa akkasumas buna qulqullinaafi baay'inaan oomishuu galma taasifamee hojjetamaa jira. Oomishniifi bunni gabaaf dhiyaatu heddumminaan Oromiyaa keessatti kan misoomu waan ta'eef Mootummaan Naannoo Oromiyaas buna baay'inaafi qulqullinaan oomishuun gabaa giddugaleessaafi gabaa alaaf dhiyeessuuf xiyyeeffannoo olaanaan hojjetaa jira. Hojii hanga ammaa hojjetamaa jiruunis dinagdee qonnaan bulaa guddisuu bira darbee galii biyya keenyaa guddisuu keessatti gumaacha olaanaa taasisaa jira. Bara kanas akka Oromiyaatti biqiltuun bunaa biliyoona 2.5 qopheessuuf karoorfamee hanga ammaatti biqiltuun biliyoona 2.6 qophaaee jira. Biqiltuun bunaa kunis lafa hektaara kuma 39 irra kan dhaabaman yoo tau, boolli biqilaan dhaabamus biliyoonni 2.2 ol tau qophaaee jira. Raawwii hanga ammaa jiruunis biqilaan bunaa miliyoona 100fi 37 ol tau dhaabatee jira. Hojiin oomisha bunaa godinaalee Oromiyaa hedduu keessatti kan raawwatamuufi biqiloonni bunaa sanyii falatamoon qophaaanii jiru. Haaluma kanaan Godina Qellem Wallaggaatti Ganna kana biqiltuun bunaa miliyoona dhibba 3fi 47 taan dhaabbiif qophaa'eera. Godinoota Lixa Oromiyaatti bunni oomisha sadarkaa duraarratti argamuufi madda galii olaanaa ta'uun jireenya hawaasaafi dinagdee biyyaa utubaa jiru waan ta'eef buna karaa ammayyaa’aa ta'een oomishuuf inisheetiiviin misooma bunaa qoratamee hojiirra oolaa jira. Qonnaan bultoonni bool'a biqiltuun bunaaf yeroo qopheessanis ogeessota qonnaatiin deeggaramuun karaa saayinsawaa ta'ee fi kilaasteraan akka qopheeffatan taasifamamuu irratti argama.
2 6801Loading...
29
Media files
3 4661Loading...
30
Pirojektoota yeroo qabameef keessatti xumuruun fayyadamummaa uummataa mirkaneessa Jireenya uummata keenyaa bu'uura irraa fooyyeessuufi fayyadamummaa isaa mirkaneessuu keessatti pirojektoota misoomaa yeroo qabameefi qulqullina barbaadameen xumuruun dhimma baay'ee murteessaadha. Mootummaanis Karoora Imala Badhaadhinaa keessatti ijaarsa bu'uuraalee misoomaa buleeyyiifi haaraa eegalaman akka xumuraman qulqullinaafi yeroo barbaadamanitti xumuramuun tajaajilaaf akka oolaniif kutannoon hojjechaa jira. Keessumaa waggoota Shanan darbe keessatti aadaa dhagaa bu'uuraa kaa'anii deemuu hambisuun rakkoo bu'uuraalee misoomaa furuun gaaffii uummataa deebisuuf xiyyeeffannoo kennameen milkaainoonni galmaa'aniiru. Pirojektoota kumoota hedduutti lakkaa'aman yeroo qabameefi qulqullina barbaadame keessatti xumuruunis aadaa ta'aa dhufee jira. Bara kanas Naannoo Oromiyaatti pirojektoonni kuma 16 ol ta'an xumuramanii eebbaaf ga'anii jiru. Bulchiinsa Magaalaa Shaashamanneetti pirojaktoonni harawaa 89 qarshii Biliyoona 1.5 oliin hojjechuuf karoorfamee keessaa pirojektoonni 43 ta'an xumuuraaf ga'aniiru. Pirojektoonni xumuramuun eebbaaf qaqqaban kunneen uummata kuma 600 ol fayyadamaa taasisa. Pirojektoonni hafanis qulqullinaafi saffisaan akka xumuramaniif deeggarsiifi dordooffiin kan itti fufu ta'a. Pirojektoota magaalichatti hojjetamaa jiranis manneen jireenyaa waliinii, buufata fayyaa, Manneen Barnoota Bu'uura Boruu Guyyaa fi kan biroo kan hammatudha. Magaalichatti pirojektoonni hojjetaman miidhaginaafi qulqullina magaalaaf kan oolan yoo ta'u namoota hedduuf carraa hojii akka uumanis hubatameera.
3 0022Loading...
31
Carraa Hojii Hunda Duguugnee Hojjennaan Hiyyummaa Seenaa Taasisuu Dandeenya ------ Mootummaa Naannoo Oromiyaa dhaabbilee adda addaa waliin qindaa'uun carraa hojii dargaggootaaf uumuuf hojjechaa jira. Gama kanaanis dargaggoonni fayyadamoo ta'uun carraan hojii namoota hedduuf uumamee jira. Guyyaa har'aas Biiroon Dhimma Hojjetaafi Hawaasummaa Oromiyaa Waajjira Dhimma Hojjetaafi Hawaasummaa Magaalaa Shaggar waliin ta'uun Agarsiisa(exhibition) hojiifi hojjetaan itti wal qunnamu Kutaa Magaalaa Buraayyuutti qopheesseera. Kaayyoon isaas carraa hojii jiran adda baasuun hojiifi hojjetaa walitti fiduun hoji dhabdoota hojiitti galchuun carraa hojii dargaggootaaf uumuuf kan yaadamedha. Hoogganaan Biiroo Dhimma Hojjetaafi Hawaasummaa Oromiyaa Obbo Araarsoo Biqilaa hojiifi hojjetaa walitti fiduun dargaggootaaf carraa hojii uumuuf hojjechaa jiraachuu ibsanii, dargaggoota fedhii hojii qabuufi hojjetee of jijjiiru horachuu qabna jedhan. Akka bal'ina lafa keenyaafi baay'ina keenyaan carraan hojii uumamee kan hin jirre ta'uufi gara alaa deemuu qofa osoo hin taane biyya keessatti hojjedheen of jijjiiruu qaba jedhanii amanuu qabus jedhan. Itti Gaafatamaan Waajjira Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Abdullaziiz Daawud gama isaaniin haasaa taasisaniin hojii dhabdummaa hir'isuun ajandaa guddaa mootummaa jijjiirama ta'uu ibasnii, inisheetiiviiwwan misoomaa garaagaraa magaalaafi baadiyyaatti bocuun carraa hojii uumuun jireenya hawaasaa fooyyessuuf hojjechaa jira jedhan. Kana malees, carraa hojii uumuuf abbootii qabeenyaa horachaa deemuun barbaachisaa ta'uus himaniiru. Carraan hojiis rakkoo buddeena har'a nyaannu qofa kan furu osoo hin taane jireenya keenya boruuf bu'uura jedhan. Rakkoo ilaalchaa dargaggoota bira jirus hojii dhabdummaaf sababa waan ta'eef dargaggoonni hojii tuffachuu dhiisanii kutannoon hojjechuu akka qaban yaadachiisaniiru. Obbo Dajanee Baqqalaa Ministera Hojii Uumuufi Ogummaatti Itti gaafatamaa Deeskii Babal'ina Bobba'insa Hojii akka Oromiyaatti carraa hojii uumuuf sochiin taasifamaa jiru gaarii ta'uu ibsuun sadarkaa biyyaattis mootummaan carraa hojii biyya alaatti dargaggootaaf uumuuf hojjechaa jira jedhan. Dargaggoonnis afaanota biyyoota alaa dabalataan barachuun of ga'oomsuu akka qabanis himanii jiru. Sirni dijitaalaa bifa haaraa ta'een diriiruun hojii barbaaddonni ittiin galmaa'aa akka jiranis dubbataniiru. Dargaggoota hojiifi biyya jaallatan horachuufis ciminaan hojjetamuu akka qabu yaadachiisaniiru. Akka magaalaa Shaggaritti hoji barbaadaa kuma 102 adda ba'e keessaa hanga ammaatti kumni 79 ol gara hojiitti galanii jiru. Guyyaa har'aa ammoo abbootii qabeenyaa 187 gurmeessuun iddoo hojii namoota 3458'f carraan hojii uumamee jira. Hojii barbaaddonni kutaalee magaalaa Shaggar hunda keessaa filatamaniifi abbootiin qabeenyaa magaalichaa hundis argamanii jiru.
3 2310Loading...
32
Media files
2 8661Loading...
Показать все...
Oromia Communication Bureau

Ijaarsa sirna Diimokiraasiifi guddina hawaas dinagdee keessatti hirmaannaan Paartilee Morkattootaa shoora olaanaa qaba ~~~ Jijjiiramaan dura Paartileen siyaasaa waliin hojjechuurra wal...

👍 12 1
"Hojiin tajaajila lammummaa ba'aa jireenya keenyaa ittiin salphisnudha" Obbo Abdulhakiim Muluu ------ Hojiin tajaajila lammummaa gannaa bara kanaa qindeessummaa Biiroo Dhimma Dubartootaafi Daa'imman Oromiyaan magaalaa Adaamaatti jalqabsiifame. Saganticharratti Sadarkaa Itti Aanaa Pirezidaantiitti Qindeessaan Kilaastera Hawaasummaa Obbo Abdulhakim Muluu ergaa dabarsaniin garaagarummaan kamiinuu osoo hin daangeeffamiin namummaarratti dhaabbachuun hojii tajaajila lammummaatiin rakkoon hawaasa keenyaa hiikamaa dhufeera jedhan. Hojiin tajaajila lammummaa ba'aa jireenyaa keenyaa ittiin salphisnuudha kan jedhan Obbo Abdulhakiin mana harka qalleeyyii heddu ijaaruun ba'aa jireenyaa abbootiifi hadholii keenyaa salphisuun kan danda'ame ta'uu dubbataniiru. Mootummaan namooma dursuun jiruufi jireenya hawaasaa jijjiiruuf humna, qabeenyaafi beekumsa jiru walitti qindeessuun wal tumsuun hariiroofi obbolummaa cimsuun rakkoo waloo waliin hikkachuurratti hojjechaa jira jedhan. Hawaasni keenyas mul'ata duudhaa ganamaatti deebi'uu mootummaan karoorfame gammachuun simachuun karaa guutuu ta'een hirmaachuun aantummaasaa agarsiisaa jira jedhan. Bara itti aanus mana harka qalleeyyii Kuma 130 ijaaruuf karoorfameera. Hooggantuun Biiroo Dhimma Dubartootaafi Daa'imman Oromiyaa Aadde Mabraat Baacaa hojiin kenna tajaajila lammummaa duudhaa ganamaa Sirna Gadaa waan ta'eef hojii qajeelaa kana hawaasa keenya sadarkaa sadarkaan jiran fayyadamaa taasisuuf hojjetamaa jiraachuu himaniiru. Waggoota shanan darbanittis osoo qormaanni adda addaa jiruu hojii hojjetameen dubartootaafi maatii harka qalleeyyiif manni kuma 65 fi dhibba 5 ol ijaarameera, daa'imman mil. 3.6f meeshaaleen deeggarsaa kennameera. Bara kanas hojii kenna tajaajilaa lammummaa raawwatamuun hawaasa mil. 12.3 hirmaachisuun namoota mil. 4.8 fayyadamoo taasisan ni raawwatama jedhan. Kantibaan Magaalaa Adaamaa Obbo Hayiluu Jaldee Magaalaan Adaamaa galmoota misoomaa hojiirra oolchuun fayyadamummaa ummataa mirkaneessuuf hojjechaa jira jedhan. Humnoota waloo arfan qindoominaan hojiirra oolchuun rakkoo ummata keenyaa hiikuuf hojjetamaa jiraachuus dubbataniiru.
Показать все...
👍 8 4🙏 1
Фото недоступноПоказать в Telegram
17
Mareefi Marabbaan Biyya Waloo Keenyaa Ijaarra! ~~~ Itoophiyaan kuufama qormaataawwan keessaafi alaa mudachaa turan qolachaa har'a geesse. Saboonni, Sablammoonniifi Uummattoonni Itoophiyaa biyya birmadummaa qabdu ijaarrachuuf lafeen isaanii waliin cabee dhiigni isaanis waliin dhangala'e. Kun dhugaa haalamuu hin dandeenye dha. Haata’u malee, sirnoonni darban ijaarsa biyyaa keessatti dhugaa waloo sabootaa moggaatti dhiibaa seenessa qeenxee leellisuun sabdaneessummaa xiqqeessaa rakkoon siyaasaa hidda akka gadi fageeffatu taasise. Kuufama qormaatilee dhalootaa dhalootatti darbaa dhufan mareefi marabbaan furuu dadhabuun idaa bule irratti hiyyummaa, wal gaarreffannaafi qoqqoodinsi golgaa afaanii, aadaa, amantaafi sabummaa bu’uureeffate waliin jireenya sabootaa miidhuu bira darbee tokkummaa biyyaalessaa gaaffii keessa galchuun hudhaa ijaarsa biyyaa ta’eera. Kanaafis wal utubuurraa wal takaaluu, jaalalarra jibba, tokkummaarraa garaagarummaa, badhaadhina waloo milkeessuurra waraana labsuu, seenessa sobaa leellisuufi wal jibbiinsa facaasuun baramaa turee jira. Kuufamni qormaatilee rogdaneessiifi wal xaxoo ta’an kunneen biyya hunda keenyaaf taatu, hunda keenyas fakkaattuufi hundarraas ijaaramte waloon milkeessuuf qormaata hamaa turan. Kanaafis mareefi araarri biyyaalessaa akka biyyaatti gaggeeffamuuf jedhu rakkoo keenya duguugnee furuu kan dandeesisu waan ta’eef uummanni Oromoo ajandaa tarkaanfataafi moo’ataa dhugaa waloo ijaaru qabatee dhiyaachuu qaba. Dhaloonni har'aa ajandaa seena qabeessa kana milkeessuun kuufama idaa kaleessaa mareefi marabbaan furee boqonnaa haaraa akka banuuf seenaan abbaa carraa taasiseera. Carraan argame kun yoo sirnaan itti fayyadamne rakkoo waloo keenyaa furree araara biyyaalessaa mirkaneessuun nageenya waaressee biyya hunda keenyaaf taatu ijaarrachuuf boqonnaa murteessaadha. Kanaafis dhimma dhuunfaarra dhimma sabaafi biyyaa caalchisuu, wal dhaga’uu, tokkoomuun ajandaa moo’ataa bu’uura ijaarsa biyyaa cimsu waloon qabaachuufi garaagarummaa hir’ifnee dhimma waloo jabeessuun qormaataaf idaa kuufame osoo hin taane biyya badhaate dhaloota dhaalchisuuf hojjetamuu qaba. Mootummaan Naannoo Oromiyaa naannichatti nageenya waaressuu, duudhaa ganamaa jabeessuufi maree biyyaalessaaf haalli mijaawaan akka uumamuuf kutannoon gumaacha irraa eegamu hunda taasisaa jira. Imala kanaan dhibdeen siyaasaa ni furama, ijaarsi biyyaas bu'uura cimaa ni argata. Sirna federaalizimii sabdaneessaattis ulfina horuun tokkummaan biyyaalessaaf bu’uurri cimaan ni kaa’ama. Oromiyaan ijaarru, Itoophiyaan utubnuufi gaanfi Afriikaa tasgabbeessinu imala Kanaan milkaa’a. Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa Caamsaa 23/2016 Finfinnee
Показать все...
👍 23 2
Показать все...
Log in or sign up to view

See posts, photos and more on Facebook.

5
Фото недоступноПоказать в Telegram
"Qormaata kutaa 6ffaa, 8ffaafi qormaata biyyaaleessaa kutaa 12ffaaf qophiin xumuramuu ibsame. = = = Qormaata kutaa 6ffaa, kutaa 8ffaa sadarkaa naannootti kennamuufi qormaata biyaaleessaa kutaa 12ffaaf qophiin kan xumurame ta'uu Hoogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dr Tolaa Barisoo ibsan. Dr. Tolaan qormaata bara kanaa kennamu ilaalchosuun ibsa miidiyaaleef kennaniin bara kana Naannoo Oromiyaatti qormaata kutaa 6ffaa barattoota 731,955 ,qormaata kutaa 8ffaa barattoota 672,500 fi kutaa 12ffaa barattoonni 246,575 waliigala naannichatti barattoonni 1,651,030 kan qoraman ta'uu himaniiru. Qormaata kutaa 6ffaa waggoottan dheeraa booda yeroo jalqabaaf kennamuufi kutaa 8ffaa sadarkaa naannootti kennamuuf qophiin gahaa taasifameera jedhan. Qormaatichi wiirtuu qormaataa 1,424 keessatti kan kennamu ta'uu ibsanii yeroo ammaa qormaatichi giddugalarraa geejjibsiifamuun Godinaaleefi bulchiinsa magaalotaatti qaqqabeera jedhan. Barattoonni gosa barnootaa hunda baratanii akka xumuraniifi titooriyaaliin gahaa kennuun akka qophaa'an taasifameera. Qormaanni kutaa 6ffaa Caamsaa 29 fi 30 akkasumas qormaanni kutaa 8ffaa waxabajjii 4 fi 5 kan kennamu ta'a. Qormaata biyyaaleessaa kutaa 12ffaa Adooleessa 3 hanga 5 kennamuufis qophiin gahaa kan taasifame ta'uu Dr Tolaan dubbataniiru. Rakkoo xiqqaachuu qabxii jiru fooyyeessuuf rakkoowwan jiran adda baasuun irratti xiyyeeffachuun barattoonni akka qophaa'an taasifameera. Barattoonni qormaata moodeelaa sadarkaa biyyaaleessaatti kennamu dabalataan sadarkaa naannootti qopheessuun akka fudhatan taasifameera. Bara kana qormaatichi onlaayiniidhan kennamuun kan eegalamu ta'uu isaatin barattoonni kuma 7 manneen barnootaa 40 keessatti jiran akka shaakalaniifi of qopheesan taasifamuu eeraniiru. Qormaanni kennamuu hundi milkaa'inaan akka xumuramu hawaasni manneen barnootaa nageenyummaa qormaatichaa eeguu akka qabu hubachiisuun maatiin barattootaas barattoonni tasgabbaa'anii qormaaticha akka fudhatan gorsa kennuu akka qaban Dr. Tolaan dhaamaniiru.
Показать все...
👍 7 5
6👍 3

👍 2