cookie

Мы используем файлы cookie для улучшения сервиса. Нажав кнопку «Принять все», вы соглашаетесь с использованием cookies.

avatar

Oromia Communications Bureau

This is official Telegram page of Oromia Communications Bureau

Больше
Рекламные посты
12 291
Подписчики
+3924 часа
+3557 дней
+1 19830 дней

Загрузка данных...

Прирост подписчиков

Загрузка данных...

Фото недоступноПоказать в Telegram
10👍 6
Фото недоступноПоказать в Telegram
"Karoorri Xiiqii Qindoominaafi Tumsa Uummata Keenyaatiin Dhugooma" Obbo Awwaluu Abdii, Pirezidaantii Itti Aanaa MNO ------- Barruu Gaazeexaa Kallachaa Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaatiin kurmaanatti yeroo tokko dhimmoota siyaasaa, dinagdeefi hawaasummaa Naannoo Oromiyaafi biyya keenya irratti fuulleffachuun xiinxalaafi barreeffamoota bilchaatoo hubannoo uumuu danda'an akkasumas hooggantoota mootummaafi hayyoota ogummaa adda addaa qaban waliin turtii taasisuun qabattee dhiyaatti. Bu’uuruma kanaan keessummaa Barruu Kallacha Oromiyaa marsaa kanaa kan ta'an Pirezidaantii Itti Aanaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii waliin dhimmoota adda addaa irratti turtii kan taasiste keessaa kutaa 1ffaan dhimma misoomaa irratti fuulleeffate akka armaan gadiitti dhiyaateera. Pirezidaantii Itti Aanaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii hojiin misoomaa hojii karoora xiiqii keessatti bara kana qabamee hojjetamaa jiru ta'uu ibsuun bara kana karaa adda ta'een baadiyyaa irratti qonna irratti hojjechuun murteessaa ta'uu ibsaniiru. Sababnisaas bishaan gahaa jechuun laggeen gurguddoo jallisiif oolan akkasumas rooba gahaa, humna namaa, lafa bal'aa oomishaaf oolu, qilleensa gaarii qabna. Kana hunda osoo qabnuu qamadii maaf kadhanna? Maaliif beelofna? jennee xiiqiin nutti dhaga'amuu qaba. Akka Paartii Badhaadhinaatti galmi keenya badhaadhina maatiifi waloo mirkaneessuudha. Kana milkeessuuf mootummaan Inisheetiivota adda addaa bocee hojii keessa galee jira. Keessattuu sektara qonnaarratti waanti gaariin hojjetameera; hojjetamaas jira. Bu'aan argameefi argamaa jirus akka salphaatti kan ilaalamu miti. Yaadama haaraa mootummaan jijjiiramaa burqisiisuun hojiirra oolchuun wabii nyaataa mirkaneeffachuu, oomisha alaa galu kan biyya keessaan bakka buusuu bira darbee gara biyya alaatti ergaa jiraachuu kaasuun kanaaf nuuf akka mootummaatti bulchiinsi gaaffii nageenyaafi misoomaa milkeessuu ta'uu himaniiru. Magaalaarrattis inisheetiivii adda addaa gadi buusuun hojjetamaa jiraachuu eeruun magaalaawwan keenya nyaataan of danda'uu akka qaban ibsaniiru. Carraan hojiis uumamuu akka qabu himuun magaalaa irratti ergama afur kaa'anii hojjechaa jiraachuu dubbataniiru. Ergamoonni kunneenis carraa hojii uumuu, kenna tajaajilaa si'ataa qaqqabamaa taasisuufi itti gaafatamummaa mirkaneessuu, midhaan nyaataan of danda'uu, baadiyyaa qofa eeggachuu osoo hin taane magaalonnis oomishuu danda'uu akka qaban hojjetamaa jiraachuu himu. Keessattuu karaa maaddii madaalawaa (yelemat tirrufaat) lukkuu, furdisa loonii, oomisha aannanii irratti hojiin hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Gama barnootaan walqabatee cabinsa qulqullina barnootaa mudate furuun dhaloota beekumsa, dandeettiifi ga'umsa qabu horachuuf Gumiin Tiraanisfoormeeshinii dhaabbachuu himuun Manneen barnootaa Bu'uura Boruu hirmaannaa humnoota walootiin ijaaramuufi barsiisonni hedduunis qacaramuu kaasu. Kanaanis daa'imman miliyoona tokkoofi kuma 900 ta'an yeroo ammaa akka baratan ta'aa jiraachuu ibsuun Manneen Barnootaa Bu'uura Boruu, Ifaa Boruufi Bultii Addaa ijaaruun kaayyoo sabboonummaa Oromoo barnootaan ijaaruu bahachaa jiraachuu Obbo Awwaluun kaasaniiru. Misooma Turizimiitiin walqabatees Oromiyaan bakkeewwan hawwata turizimii hedduu qabdu misoomsuufi sona itti dabaluun faayidaa dinagdeef oolchuu irratti kan argamtu ta'uu himu; kanneen UNESCOtti galmaa'uun hambaa addunyaa ta'anis jiru jedhan. Dinagdeen biyya keenyaa rakkoo uumamaafi namtolchee mudate dandamachuun har'a akka Afrikaattuu biyyoota guddina ariifataa galmeessaa jiran keessatti kan argamnu ta'uu yaadachiisuun, yaadama Looreetii Nagaa Addunyaa Ministira Muummee FDRI Dr. Abiyyi Ahimad burqisiisaniin damee kana dadammaqsuuf sagantaa Maaddii Biyyaaf jedhuun Haroo Wancii-Dandii dabalatee akka biyyaatti hojii bal'aan hojjetamuu kaasaniiru. Kana keessatti gaheen Mootummaa Naannoo Oromiyaafi uummata Oromoo olaanaa ta'uu Obbo Awwaluu himuun misooma jalatti waanti osoo hin tuqamiin bira hin darbamne tokko waa'ee guddina humna galii sassaabuu ta'uu himaniiru.
Показать все...
👍 3 1
Kanaanis dandeettii galii walitti qabuu keenya guddisuun bajata mootummaa naannichaa dhibbantaa jaatamaa ol uwwisaa jiraachuu ibsuun, kunis kan ta'e tarkaanfii fudhatameefi kutannoofi ejjennoo Mootummaan Naannoo Oromiyaa gama kanaan qabu ta'uu eeraniiru. #Kutaa_2ffaan_itti_fufa... Facebook: https://www.facebook.com/oromiabc ------ Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau ------ Twitter: twitter.com/OromiaBureau ------ YouTube: https://www.youtube.com/results... ------ TikTok: tiktok.com/@oromiacommunicationbureu ------ Website: https://www.oromiacommunication.gov.et/ ------ kallachaOromia: https://m.facebook.com
Показать все...
Log in or sign up to view

See posts, photos and more on Facebook.

9👍 2
Dhiiga bakka bu'uu danda'u arjoomuun lubbuu bakka bu'uu hin dandeenye haa baraarru ------ Dhiiga arjoomuun lubbuu haadholii, daa'immaniifi lubbuu lammiilee baraaruu waan ta'eef, hundu miira namummaatiin dhiiga bakka bu'uu danda'u arjoomuun lubbuu bakka bu'uu hin dandeenye baraaruun kennaa kennaa kamiyyuu caaludha. Arjoomni dhiigaa har'a taasifnu lubbuu namaa baraaruu bira darbee nutis boru barbaaddota dhiigaa ta'uu waan dandeenyuuf, wayita dhiiga arjoomnutti boru anis tajaajilamaadha yaada jedhu irraa madduu qaba. Guyyaa har'aas Biiroon Fayyaa Oromiyaa sosochi arjooma dhiigaa irraatti xiyyeeffate Magaalaa Adaamaatti mariifi arjooma dhiigaa taasisuun eegalchiisaniiru. Hoogganaa Ittaanaan Biiroo Fayyaa Oromiyaa Dr.Bokonaa Guutaa namni kamuu arjooma dhiigaa taasisuun lubbuu haadholee, abbootiifi obboloota keenyaa baraaruun itti gaafatamummaa hundaa ta'uu ibsaniiru. Mana tokko keessatti haati lakkoofsaan tokko taatullee haadha maatii hedduuti kan jedhan Dr.Bokonaan haadha sababa dhiiga dhabuutiin lubbuu dhabdu baraaruun maatii baraaruu akka ta'e hubachuun namni kamuu bakka jirutti arjooma dhiigaa akka taasisu yaadachiisaniiru. Kenna tajaajila fayyaa hawaasaa cimsuun ogeessi fayyaa sadarkaan jiru aantummaan dhibee ittisuufi yoo dhukkubsatan yaaluun dirqama ogummaa ta'uu hubachuun murteessaadha. Tajaajila guutuu argachuuf hawaasni bal'aan miseensa inshuraansii fayyaa ta'uun karaa salphaa ta'ee tajaajila itti fufinsa qabu akka argataniif xiyyeeffannoon irratti hojjechuun barbaachisaa ta'uus Dr.Bokonaan ibsaniiru. Hanqina dhiyeessii qorichaafi meeshaa yaalaa jiru furuuf hojjetamaa jiraachuu, komiin uummanni tajaajila qorichaafi meeshaa irratti kaasu sirrii ta'uu kan eeran Dr. Bokonaan kana keessatti qorichi lubbuu baraaruuf kennamu keessaa tokko dhiiga kennuudha waan ta'eef dhiiga arjoomuun lubbuu hawaasaa waloon baraaruun gahee qaama hudaa ta'uu dhaamaniiru. Daarektarri Olaanaan Dhaabbata Baankii Dhiigaafi Tishuu Biyyoolessaa Dr Ashannaafii Taazzaboo gamasaaniitiin biyya keenya keessatti garaagarummaa daqiiqaa shaniitiin lubbuu namaa baraaruuf dhiigni kan barbaachisu ta'uu ibsuun namni kamuu kana beekuun lubbuu baraaruuf arjoomun murteessaa ta'uu kaasanii jiru. Dhiigni namni tokko arjoomu hanga lubbuu nama sadii baraaruu akka danda'u kan dubbatan Dr.Ashannaafiin namni kamuu fayya qabeessa taanaan dhiiga arjoomuu irraa wanti dhorku akka hin jirree hubachiisan. Dhiiga arjoomuun gumaacha guddaa nama yaalarra jiruuf taasifamu keessaa isa ijoo akka ta'es eeraniiru. Arjoomni dhiigaa bakka hundatti akka mijaa'uufi abbootiin amantaa, jaarsoliin biyyaa, Abbootiin Gadaafi qaamoleen hawaasaa hundi hirmaannaa taasisuun fakkeenya akka ta'an Dr.Ashannaafiin ergaa dabarsanii jiru. Sagantaa kanarratti hooggansi olaanaan, Abbootti Amantaa, Abbootiin Gadaa, Haadhooliin Siinqee, Jaarmiyaaleen hawasaaa fi qoda fudhattoonni argamanii jiru. Facebook: https://www.facebook.com/oromiabc ------ Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau ------ Twitter: twitter.com/OromiaBureau ------ YouTube: https://www.youtube.com/results... ------ TikTok: tiktok.com/@oromiacommunicationbureu ------ Website: https://www.oromiacommunication.gov.et/ ------ kallachaOromia: https://m.facebook.com
Показать все...
Log in or sign up to view

See posts, photos and more on Facebook.

👍 4
Qonna Magaalaa Maaddii Madaalawaaf! ----- Biyyi keenya inisheetiiviiwwaan garaa bocuun gama hojii misoomaan milkaa'ina gurguddaa gonfachaan jirti. Kana keessaa Qonni Magaalaa isa tokko yoo ta'u, gama kanaan baay'ina oomisha ishee dabaluun wabii midhaan nyaataan of danda'uun karoora imala badhaadhinaa qabame milkeessuuf aadaa hojii waggaatti yeroo tokko ture jijjiiruun waggaatti yeroo sadi oomishuun akka danda'amu hojii qabatamaan mirkaneessuu dandeesseetti. Qonni magaalaa "Sagantaa Maaddii Madaalawaa Boroo kiyyaarra" jedhuun hojiirra kan oole bakka xiqqaa irratti oomisha guddaa oomishuun akka danda'amu agarsiiseera. Kanaanis loon aannanii horsiisuufi sangaa foonii furdisuu, oomisha Dammaa, Killee, Lukkuu, kuduraafi muduraa oomishuun yeroo gabaabaa keessatti nyaataan of danda'uun akka danda'amu mirkaneessuun danda'ameera. Kana milkeessuuf Bulchiinsa Magaalaa Walisoottis Qonna Magaalaa irratti karaa qindaa'een xiyyeeffannaan kennamee hojjetamaa jiraachuu ibsameera.
Показать все...
Фото недоступноПоказать в Telegram
Naannoo Oromiyaatti qonna Gannaa bara kanaan lafa hektaara mil 10.8 misoomsuuf karoorfamee hojjetamaa jira ----- Raawwii Qonna Arfaasaafi qophii Qonna Gannaa bara 2016/17 ilaalchisuun Hoogganaan Itti Aanaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Bariisoo Fayyisoo addatti Biiroo Kominikeeshinii Oromioyaatiif ibsa kennaniiru. Obbo Bariisoon ibsa kennaniin potenshaala Naannoo Oromiyaan qabdu fayyadamuun misoomsuuf xiyyeeffannaa olaanaadhaan hojjetamaa jira jedhan. Bara 2015 Qonni Arfaasaa haala gaariidhaan kan raawwatame ta’uu ibsanii, muuxannoo argame babal’isuun bara kanas Godinaalee 10 keessatti lafa heektaara miliyoona 1.2 misoomsuuf karoorfamee lafa heektaara miliyoona 1.5 facaasuun kunuunfamaa jira jedhsn. Kanarraas midhaan kuntaala miliyoona 28.2 argachuuf kan karoorfame yoo ta’u haalli qilleensaa hanga ammaa jirus karoora qabame milkeessuuf haala mijataa uumeera. Naannichatti Qonna Gannaa bara 2016/17tiin lafa heektaara miliyoona 10.8 misoomsuuf karoorfamee qophiin gahaa taasifamaa jiraachuus dubbataniiru. Bara darbe Qonna Gannaatiin lafa heektaara miliyoona 9.6 kan misoome ta’uu yaadachiisanii bara kana lafa heektaara miliyoona 10.8 misoomsuuf karoorfamee qindoominaan hojjetamaa jira jedhan. Karoorichi qooda fudhattoota sadarkaan jiran hunda waliin mari’achuun poteenshaala misoomuu dandeessisu adda baasuun kan qophaa’e ta’uus eeraniiru. Hanga ammaattis lafti heektaara miliyoona 1.3 faca’eera. Bara kana callaa guddistuu kuntaala miliyoona 8.2 qonnaan bulaafi horsiisee bulaaf dhiyeessuuf karoorfamee hojjetamaa kan jiru yoo ta’u hanga ammaattis xaa’oon kuntaala miliyoona 5.8 dhiyaate keessaa kuntaalli miliyoona 3.6 raabsameera. Kan hafes yeroodhaan karaa yuuniyeenotaafi waldaalee bu’uuraatiin kan raabsamu ta’uu kaasaniiru. Dabalataanis kompostii miliyoona 100m3 qopheessuuf karoorfamee hojjetamaa jira. Sanyii filatamaa midhaan gosa adda addaa kuntaala miliyoona 1.2 dhiyeessuuf karoorfamee qonnaan bulaafi horsiisee bulaaf raabsamaa kan jiru ta’uu Obbo Bariisoon kaasaniiru. Qonni makaanaayizdii wayita ta’u yeroofi humna namaa qusachuun oomishaafi oomishtummaa daran dabala kan jedhan Obbo Bariisoon qonna naannichaa makaanaayizeeshiniidhaan deeggaramuun raawwachuun oomishaafi oomishtummaa dabaluuf xiyyeeffannaadhaan hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. Tiraaktaraafi kompaayinara dabalatee maashinaroonni qonnaa ala galan taaksiirraa bilisa akka seenan taasifameera. Dabalataanis qonnaan bultoonniifi horsiisee bultoonni dhuunfaanis ta’ee gurmaa’uun 30% qusachuun tiraaktaraafi kompaayinara akka argatan taasifamaa jira. Kanaanis armaan dura Godinaalee muraasa keessatti qofa tiraaktaraan kan qotamaa ture yeroo ammaa Naannichatti tiraaktaroonni kuma 7tti siqan godinaalee hunda keessatti kan argamu ta’uu dubbataniiru. Qonna gannaa bara kana misoomsuuf karoorfame keessaas lafti heektaara miliyoona 4 ol ta’us tiraaktaraan qotuuf karoorfamee hojjetamaa jira. Kana milkeessuufis sosochii taasisuun qonnaan bultoonniifi horsiisee bultoonni muuxannoo akka qooddatan taasifameera. Karoora misooma Qonna Arfaasaas ta’ee Qonna Gannaa milkeessuuf qonnaan bulaafi horsiisee bulaaf leenjii hubannoo uumuu bal’aan kan kennameefi qabatamaanis jijjiirama guddaan argamaa jiraachuus ibsameera. Hojiin qonnaa sektara qonnaatiin qofa milkaa’uu hin danda’u kan jedhan Obbo Bariisoon karoora qonna arfaasaafi qonna gannaa bara kanaa milkeessuuf sektaroota qooda fudhattoota ta'an hunda waliin qindoomina olaanaadhaan hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. Facebook: https://www.facebook.com/oromiabc ------ Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau ------ Twitter: twitter.com/OromiaBureau ------ YouTube: https://www.youtube.com/results... ------ TikTok: tiktok.com/@oromiacommunicationbureu ------ Website: https://www.oromiacommunication.gov.et/ ------ kallachaOromia: https://m.facebook.com
Показать все...
Log in or sign up to view

See posts, photos and more on Facebook.

4👍 1