cookie

ما از کوکی‌ها برای بهبود تجربه مرور شما استفاده می‌کنیم. با کلیک کردن بر روی «پذیرش همه»، شما با استفاده از کوکی‌ها موافقت می‌کنید.

avatar

Abdii mullata boruu

"Balbala Ati Ofitti Cufte Eenyuyyuu Sirraa hin Banu!" ▬▬▬▬▬▬▬▬ ➱

نمایش بیشتر
پست‌های تبلیغاتی
249
مشترکین
اطلاعاتی وجود ندارد24 ساعت
+17 روز
+1930 روز

در حال بارگیری داده...

معدل نمو المشتركين

در حال بارگیری داده...

WANTOOTA KUDHAN MAATIIN DAA'IMMAN/IJOOLLEE WALIIN GOCHUU HIN QABNE. ============================================ 1. Itti Iyyuu/lallabuu (screaming) Daa'immanitti sagalee olkaasanii iyyuun/lallabuun madaa (goddaannisa) sammuu fi miiraa yeroo dheeraa taheef kan saaxiluu fi reebicha caalaa akka hamaa tahetti amanu hayyootni tokko tokko. Daa'imman yeroo itti iyyan sirni narvii isaanii deebii kennuu waan dhaabuuf sammuun isaanii waan itti iyyamuuf san fudhachuu dhaaba. Kuni immoo daranuu itti dabalanii akka iyyan nama godhus sammuu daa'immanii caalatti hadoochaa adeema. Haaluma kanaan daa'imni itti iyyamaa guddate rakkoo xinsammuu fi dhibee sammuu kan akka dallansuu baay'isuu, ofitti amanamummaa dhabuu, mukuu, dhiphinaa fi rakkoo haala namoomaa (personality disorders) garagaraatif saaxilamuu danda'a. Kanaafuu daa'immanitti sagalee olkaasanii iyyuu irraa of qusachuun yoo tasa itti iyyine tahes of tasgabbeessun sossobanii dhiifama gaafachuun barbaachisaadha. Dhiifama gaafachuun miira itti dhagahamerraa fayyisuun cinatti dogoggora uumame sirreessuun akka danda'amuu fi itti gaafatamummaa kan barsiisuudha. 2. Komachuu/quba itti qabuu (blaming) Komatuun hariiroo ni laaffisa, ofitti amanamummaa gadi buusa, ijoolleen yeroo waan badaa hin hojjennellee ittisa irratti akka argaman kakaasa. Anas b. Maalik, yeroo sana daa’ima waggaa 10 ture, akkana jedhe: “Ani waggaa sagal Rasuula صلى الله عليه وسلم tajaajileera waa’ee waanan hojjedhe, maaliif akkas akkan godhe, ykn waa’ee waan ani hin hojjenne, ati maaliif hin goone jedhee hin beeku. ” Yeroo mucaa keessaniif yeroo dubbattu wanti afaan keessan bahu qeeqa, komachuu fi ajaja qofa ta'ee fi faaruu, jechoota jaalalaa, jaalala ykn bashannana baay'ee xiqqaa ta'e yoo jiraate akka warraatti nama isaan barbaadan osoo hin taane mucaa isaaniif madda gadhee taata jaalala ykn deeggarsa argachuuf gara koottaa. 3. Ajaja baay'isuu (nonstop order) Osoo hin amansiisin, osoo hin barsiisin ykn fakkeenyummaan itti hin agarsiisin ajaja itti baay'isuun daa'imman roobootii akka gochuuti, gaafa guddatan waan ajajaman kamiyyuu gaaffii tokko malee osoo itti hin amanin kan raawwatanii fi fakkeessaa jiraatu. Daa'imman waan itti himan caalaa waan itti agarsiisan irra qabatu waan taheef fakkeenyummaan itti agarsiisaa barsiisuun caluma jedhanii ajajaa oolurra filatamaadha. 4. Sodaachisuu (threatening) Sodaachisuun/doorsisni diddaa daa'imman agarsiisan yeroof irra aanuf fayyadus turi turii keessa daa'imman ni miidha. Ilaalchi doorsisaan horatamu miira dhugaa hin tahinii fi fakkeenyummaa qabu yoo tahu daa'imman jireenya sodaan guutame akka jiraatan ykn yoo doorsifaman malee homaa akka hin hojjennetti amanaa jiraatu. 5. Itti Kofluu/qoosuu (sarcasm/making fun) Daa'imman itti koflanii rifachiisuu fi qaanessuun daa'imman sodaachaa miira of shakkiin guutamee fi ofitti amanamummaa hin qabneen akka guddatan isaan taasisa. 6. Arrabsoo/Abaarsa (cursing) Daa'imman arrabsuu fi abaaruun arrabsoo fi abaarsa isaan barsiisuudha. Wanta ittiin isaan arrabsine san dursa haadha fi abbaa irratti, itti aansee miseensa maatii biroo, hiriyyoota isaanii fi namoota alaa biroo irratti fayyadamu. Kunimoo ijoollee naamusa hin qabnee fi guddis-badii kan isaan taasisuu fi hariiroo namoota waliin qabaatan irratti dhiibbaa uuma. 7. Walbira qabuu/madaaluu (comparing) Daa'imman keessan nama kamiinuu waliin hin madaalinaa, keessattuu obboleeyyan. Wal bira qabuun miira hinaaffaa, aarii fi of ittisuuf (self defense) isaan saaxila. Ofitti amanamummaa gadi aanaa horachuun nama biratti fudhatamaa ykn gaarii akka hin taanetti amananii guddatu. Karaa tahe kamiinuu.namoota biroo irraa fudhatamumma fi xiyyeeffannoo argachuuf garmalee tattaafataa jiraatu. 8. Gorsa Itti Fufiinsa Qabu (continuous advice) Dandeettiin xiyyeeffannaa daa'immanii daqiiqaa 3 hanga 5 waggaa umrii isaanii kan hin caalleedha. Fkn. daa'imman umriin isaanii waggaa 3 tahe daqiiqaa 9 hanga 15 caalaa waan tokkotti xiyyeeffatuu hin danda'an. Sa'aatii dheeraaf itti fufiinsaan gorsuun akka nuffanii ergaa barbaachisuuf xiyyeeffannaa hin kennine godha. 9. Amanuu dhabuu (mistrust)
نمایش همه...
👍 1
Dubbiftee hin gaabbitu; eeyyee hin gabbiitu l! kanaaf yaadan gola yaada kootii isiniif Katabe kana narraa qooddadhaa! Jireenya keessatti yeroo itti of ilaaluu qabnutti yoo of hin ilaallee, bara cabuu hin qabneetti cabna, jireenya jiraachuu hin qabne jiraachuuf dirqamnas! Iddoo ani hojjaadhu kanatti wanta bartee dhaabataa ta'ee tokkootu jira! Innis Namoonni sadarkaa geggeessummaa/hogaansaa irra jiraan... Hoogganaa qabeenyaa Hoogganaa qulqullinaa Hoogganaa Oomishaa Hoogganaa ijaarsaa Hoogganaa humna namaa fi namoonni sadarkaa hooggansaa olaanoo irraa jiraan Torbaniitti al tokko yeroo mara wal gahu; Abbaan qabeenyiichas marii sana irratti argamuun yaadoota jiraan dhageeffata/ gabaasa isaan dhiyeessaan qooddata! Namoonni sadarkaa irra jiranitti itti gaafatamummaa fudhatanii hojjataan torbaan torbaniin, maal irra akka gahaan, milkii akkamii akka fiixaan baasaan, wantoota hojjachuuf wixineessanii milkeessanii fi utuu hin milkeessiin hafaan ni gabaasu...Yaadonni garagaraa irratti kennamuun sadarkaa caalutti darbuuf, kan kaleessaa caala bor waan haaraa galmeessuuf ammoo of amansiisanii gara hojii isaanitti deebi'u! Haala kanaan rakkoo jiru atattamaan furuun guddinaa dhaabbatichaa ariifachiisu! Gara mata keenyattiin deebi'a! Aadaan kun aadaa waajjiraaf dhaabbataa qofa ta'uu hin qabu! Nutiis of ilaaluun, of qorachuun, maal irraa kaanee maal irraa akka geenyee, maalirraa kaanee maal irra immoo akka gahuu dandeenyu jireenya keenya guyyuu guyyuu keessatti of gaafachuu qabna! Of waliin Wal gahii jajjaboo geggeessuu, Murtoo jajjaboos murteessuu qabna! Steve Jobs namni sadarkaa kalaqaaf qabeenyaan sadarkaa fagoo irra gahee turee, falasamaa ittiin jireenya isaa hoogganuu gaafa dubbatuu "Guyyaa har'aa kana maal hojjachuu akkan qabu durseen wixineessa, galgala yeroon galuu ammoo guyyaa har'aa kana waantan wixxineesse keessaa maalan milkeessee, maaltu ammoo utuu hin milkaa'in hafee jedheen of gaafadhaa, milkaa'ina kiyyaaf Iccitii jabaan kanuma" jechuun dubbata! Eegaa jireenyi bahanii galu miti, rafanii ka'uu miti; Waan jiraataniif, Waan dafqaniif, waan wareegamaniif qabaachuudha! Wanta jiraataniif kana ammoo guyyaa guyyaan madaaluun sarara gaariif qajeela irra adeemsiisuuf qabsa'uutu barbaachisa! Of haa ilaallu, eessa turree? Eessa jirraa? Eessa gahuu qabna turree? Garummoo eessa jirra? Maal hojjachuuf dheeboonna turree? Garummoo Amma maal hojjachaa jirra? Fedhiin keenya dhugaan maal turee? Nuti garuu jireenya akkamii jiraachaa jirra? Of haa ilaallu, gola keenya yaada keenya haa dawwannuu! dhukkubaa keenyaaf wal'ansaa gochaa jireenya fayyaa qabu jiraachuuf ammoo haa dafqanuu! Dhalannee duwwaaf jiraachuu, arginee duwwaaf hojjachuu haa dhiisnuu! Waan hojjachuu qabnu, jireenya jiraachuu qabnu beekuu qabna! Yaaduuf yaadda'uun gargaari, yeroo baay'ee namoonni yaada akka yaadda'uutti fudhachuun yaaduu dhaabuu! Wanuma itti fakkaatee duwwaa hojjachuuf of jajjabeessuu! Kun garuu ta'uu hin qabu, yaaduun qabeenya guddaa dhala namaa uummamaa kan biroo irraa gargaar baasudha! Kanaaf yaaduu hin sodaatiin, dhimma jireenya keef abbaltii kan fudhatee si'ii waan ta'eef! Obboloota koo ni jiraanna tanaan ni jiraanna! #Akka feetee wanti jedhamu hin jiru! Barri ati bara badduu jettee arrabsiitu kun jaallattuus jibbituus baruma Waaqayyoo keessatti kaayyoo Kee milkeessi jedhee siif kenneedha! Barri ni dhufaa jettee kaayyoo Kee irra raftaa tanaan, dogoggoraa jirta! Maaf ibiddi sitti hin qabannee, Amma lubbuun si keessaa baatuutti bara komachuu dhiisuun dhimma dhufteef golaabi! Of hin gowwomsiin, of irratti gamna ta'i! Jireenya labataaf dubbifamuu jiraadhu; jireenya afaan hin qabnee, kan si'iifis labatafiis hin dubbannee hin jiraatiin! Jireenya baroota keessatti ol ka'ee dhalootaaf dubbatuu jiraadhu tari! Kamiis ta'u Kam garuu, nama dhiiba'aaf rinciicaa hin ta'iin! Waaqayyoo eebbisee, waan kaayyoo keef barbaachisu wajjiin si uumee! Of ilaalii; yeroo of ilaaluu qabdutti yoo of hin ilaallee, yeroo guddachuu qabdutti xiqqaatta! Isiin gati jabeessootaf gatii qabeessoota; akka kanatti of ilaalaa; dhugaa jirutu kanuma! Maadda: Miidiyaa Hawwaasa
نمایش همه...
Nama Milkaa'ina ta'uf waantoota sadan kanatu si barbaachiisa:       1 Nama muldhaata ykn abjuu qabu ta'u. Nama abjuu qabu ta'unkee Kaayyoo milkeessuuf, galman gahunis ofiike hamma maatiikee,  biyyaa ittin jijjjirtu jiraattuf tokko akka qabaattuf si gargaara. Namni Kaayyoo jiraatuf yoo qabaate malee jireenyasaa guddisuu hin danda'u. Ka'umsikee gahumsakee murtessa. Gahumsikee immoo hamma ka'umsakee Sana gaha.      2 Muldhaata ykn abjuu qabdu sanaf jabaatte, cimte, dhaamatefi nuuffi malee galmaan gahuf hojjechuu qabda. Kun immoo abjuu ykn Muldhaata si keessaati biqilee guddisuuf, yaada hojii si keessati argame gara hojiiti/gochaati geeddaruf, Akkasumaas abjuu galman gahuf Kaayyoo godhatte dhugumaan galman geesse akka argamtuf si gargaara.     3 Akkasumaas, amala gaarii namootan ittin walii galtu, hojiikee hojeettu, jireenya mataake ittin jiraattufi amala gaarii muldhaata si keessa jiru wajjiin waliigalu qabachuu qabda.      Abjuun yaadan argamaa. Hojiidhaan galma gaha. Cimaani hojjechuudhan dhugooma. Jireenyi nama abjuu qabu hojjeeta abjuusaati. Nama guutuu ta'uf abjuu ofii dhugoomsutu barbaachiisa. Kanaafu, abjuukee dhugoomsi! Namoota kaayyokeef hin malle karaakee irra maaqsi! Hiriyyaa abjuukee hin madaalle wajjiin hin michoomin! "Hiriyyaa gadhen amala gaarii mancaasa" jedha Macaafni Qulqulluun.  Kanaafu, namoota abjuukee faalleessani wajjiin oolte nama abjuukee galmaan gahu taaate of arguuf him yaalin! Namni waliin jiraatu dhiibbaa wal irraati gochuun isa hin oolu. Atis immoo Nama dhiibbaa amala badaa Nama qabu jalati kufuu utuu hin taane, dandeessu Nama amala gaarii qabun amala badaa namni qabu geedarsiisuu ta'uf yaali! Kana yoo hin taane immoo, amalumaa gaarii qabdu sana amala badaa namoonni qabanin akka hin mancaanef eeggadhu! Milkaa'ina keenya keessaati amalli nuti qabnu gahe guddaa qaba. Jabaanne hojjechuun, abjuu qabachuunifi gargaarsa abjuu  sanaf nu barbaachiisu argachuun keenya duwwaan, Nama abjuusaati dhugoomu nun taasisu. Amalli badaan xiqqoo nuti qabnu kana hundumaa altokkichan nu jala diiga. Wantoota qabnu kana biraatis amala gaarii yoo qabaanne immoo qabeenyaa qabnuti faayyadamne of milkeessinerra jechuudha. Kanaafu amala gaarii qabachuun milkaa'ina keessati Bakka guddaa qaba.   Namoonni abjuu ykn Muldhaata gaarii malee amala gaarii hin qabne, baraan abjuusani milkeessuuf bu'ani bahani gatii kaaffalu. Garuu hin milkaa'an. Galma hin gahan. Sabaabinsa, amala badaa/ tasgaabbi hin qabne sanan waan si'a baayye itti dadhabani hojjeetan diigu. Namoonni abjuu ykn Muldhaata gaariifi amala gaarii wal simuu qaban immoo sadarkumaa sadarkaadhan abjuusani dhugoomsa adeemu. Sabaabinsa, bu'a yeroo hojjeetan argatan eeggachu danda'u waan ta'ef! Yeroo hundumaa namoonni jireenya keessaati gatii gurgudda kaaffalu malee milkaa'ina bira dafaani hin geenye, namoota amala dafaani aaru, murteessu, tarkaanfi fudhachuufi utuu itti hin yaadin waan tokko gochuu qofarraati xiyyeeffaatanidha. Atis, akka namoota  akkasi kana ta'u hin qabdu. Nama amala gaarii, tasgaabba'a, obsufi suuta jechuun waan tokko keessumessu ta'u qabda. Eessattu, bara kana amala keetu si jiraachiisa.   Amalli gaariin jireenya keessaati firaa namaaf Baayisa! Barreessaa; WameranTolera Benti Yoo isiniti tole, like share comment godhaa! Galatoomaa! Join @Gorsa_jireenya @Gorsa_jireenya
نمایش همه...
☑️GATIIN MUL'ATA kee WARRA MUL'ATA QABAN BIRAATTi GUDDADHA Mul'atnii kee warra mul'ata qaban birattii fudhaatamumma yoo qabatu, warra mul'ata him qabnee biraattii gowwaa sii fakkeessa. Mul'atnii kee gatiin isaa warra waa'ee mul'ata beekaniif mul'ata qaban biraattii guddadha. Kabaajan mul'ata keetiif malus warra mul'ata Bira jira. Warrii mul'ata him qabneef mul'atniis maal akka ta'ee waa'ee isaa him beeknee mul'ata kee sii harkaattii busheessuu. Haamilee mul'ata keetii sii adeemsiisuu isaan biraa him jiru kan haamilee sii cabsuu male. ☑️MUL'ATAF keetiif  HIRIYYAA filaadhu. Abba mul'ataf nama mul'atan mul'ataf adeemuu yoo taate nama hundumaa hiriyaa him godhaatiin. Isaan keessa yoona kan waa'ee mul'ata beekuu muraasa warrii kaan mul'aticha kee gufaachiisuu. Hiriyaa filaadhu. Hiriyaa filaatu keessayyuu nama waa'ee mul'ata sirritti hubaatee beekuuf mul'ata kee wajjiinis wal maadalu barbaadadhu. Hiriyaa gadheen amaala gaarii mancaasa akkuma jedhan, hiriyaan mul'ata kee wajjiin wal him maadale siinis mul'ata keetiif gatii maleessa sii gochuu daanda'a. Kaanaafuu, hiriyaa mul'ata kee galmaa sii gahu argaachuf ykn kan barbaaduu yoo ta'ee hiriyaa mul'atiicha kee wajjiin wal maadaluf mul'atichaa kee irrattis sii gargaaruu hubaannan barbaadadhu. Hiriyyuumma isaa wajjiinis jalqaabu dursaa haammamta nama hiriyaa kee ta'uf jiru hubaadhu. ☑️MUL'ATA KEETIIS,,,,,,, Mul'ata keetiif gahan dursa sii'i. Mul'atnii kee dursa sii biraatti gahooma argaachun sii bira gatii isaa malu yoo him argaatiin quba itti qaba nama hunduma ta'aa. Hunda dursa, mul'atnii kee sii biraattii kabaaja argaachu qaba. Mul'ata keetiis kabaajii. Mul'ata kee kabajufis eenyuun hin gaafatiin murtoo mataa keetiin itti adeemii. ☑️MUL'ATA KEE ORMAAN,,,,,,,, Mul'ata kee ormaan him maadaliin of harkaattii busheessita. Kan ormaa wajjiinis wal Bira qabdee maadalun gatii maleessa him godhiin. Mul'atnii namichaa kan kee him ta'u, mul'atumma keetu siif kan keetii. Mul'atnii namiichayyuu immoo yoona him beektu malee hangaa kan keetii gatii qabeessa ta'u dhiisuu mala.  Kaanaafuu, hundumaa caalaa kan kee caalee sit haa argaamu kan ofittu kan ofitti malee kan orma kan ormaattii kan ofii him ta'u. Mul'atumma atii amma qabduttu kan keetii isumaa of harkattii gatii qabeessa taasiisii. Of harkaattii eeggadhu. Kufaatii mul'ata namoota baayeef sabaabnii of harkaatti tuffaachu mul'aata isaanitti. ☑️DAANDII MUL'ATA,,,. Daandii kee milkeessu dursaa osoo ofii barbaaduu ykn argaachu him daanda'iin nama Bira him gaafatiin. Tarii, namichii daandii mul'ata keetiif maluf maadaluu sitti agaarsiisuu dhiisuu daanda'aa. Daandiif karaa mul'ata keetiif ta'uf maadaluu kan beekuu sii qofa. Ormii mul'atnii sii keessa jiru hangaam haama inni gahu waan him beekneef daandiif karaa hangaa  mul'atiicha gahuf maadaluu siif  arguu dhiisuu daanda'a. Him arguus, him beekuus.  Daandiif karaa mul'atnii kee yoo irraa imaaleef sochoo'ee milkaa'uf galmaa Isaa barbaachiisuu gahu daanda'uu sirrittii akkataa mul'ataa sanaf maluttii kan beekuuf hubaatee nama tokkichaa, innis sii Abbumma mul'atiicha qofa.  Abba mul'ata malee waa'ee mul'ata isaa hangaamta isaa namnii beekuu daanda'uu him jiru.  Kaanaafuu, karaaf daandiin mul'ata keetiif ta'uf maadaluu suman abba mul'atichaa Bira jira. Siin Abba mul'aticha males namnii daandii mul'atichaa milkeessuu beekuu daanda'uu him jiru.  Hin dagaatiin,Daandii mul'ata milkeessus mul'atichumma keessa jalqaaba.   Galaatooma! Barreessaan; WameranTolera Bantin before 3yrs! #share share share share #join join join join join @Gorsa_jireenya @Gorsa_jireenya @Gorsa_jireenya
نمایش همه...
Al tokko tokko yeroo kan yaadde yaaltee siif milkaa'uu didu ni rakkatta,ni cinqamta, ni yaaddofta,wanti hundi si harkaa bitaacha'ee eega har'allee naaf hin dabrin(darbin) yoomillee naaf hin dabartu(darbu) jettee abdii kutatta.Yaalii keetiis ni dhaabda. Mee firii muka asii gadii kana ilaali:muka tokko irra,damee tokko irraa fi qaccee tokko irratti rarraafamanii osoo jiran yeroo garaagaraatti bilchaatu.kana jechuun firiin inni hin bilchaatin sun osoo hin bilchaatin hafa jechuu osoo hin taane yeroo isaa eeggatee bilchaata jechuudha.Keetis kanuma.Yeroo isaatu hin gahin malee siif darbuun hin oolu.kanaaf abdii hin kutaatin yaalii keetis hin dhaabin.
Waan Dubbiftaniif Galatoomaa🙏yoo xiqqaate nama 10'f Hiriyyoota keef #share gochuu hin dagatin! ▭▬▭▬▬▭▬▭ @Oromoo_inspire @Oromoo_inspire
نمایش همه...
Hojiiwwan Baatii Jaha keessatti hojjataman jijjiirama barnoota keenyaaf agarsiiftuudha jedhame. ------------------- BBO - Muddee 26/2016 Biiroon Barnootaa Oromiyaa hojjattoota isaa waliin ta'uun hojiilee bara 2016 raawwachuuf karoorfte keessaa gabaasa kurmaana 2ffaa(baatii 6) irratti mari'achuun kurmaana itti aanuufu kallattii xiyyeeffannoo kaa'aniiru. Gamaaggama gabaasa raawwii hojii kurmaana 2ffaa kana I/A Hogganaa Biiroo Barnootaa Oromiyaa obbo Girmaa Baayisaa haasawaan kan banan yoo ta'u, haasawa taasisaniin hojjattootni hojjattoorni biiroo keenyaa hojiilee waggaa keessatti raawwachuuf karoorfatan guyyaa guyyaan, torbaniifi ji'a ji'aan gamaaggamaafi madaalaa deeman waan ta'eef akka biirootti immoo, kurmaanan kan gamaaggamnu yoo ta'u har'a gabaasa raawwii hojii kurmaana 2ffaa ji'a jahaaf hojjachaa turre bal'inaan waan dhihaatuf hojjattootni hundi yaada irratti kennuun akka hirmaattan jechuun dhaamsa dabarsuun, sagantaan ifaan ifatti banamuusaa ibsaniiru. Haaluma kanaan gabaasni raawwii hojii kurmaana 2ffaa bara 2016 Daayirektara Daayirektoreetii Karooraafi Bajataa obbo Hasan Idriis gabaasicha kutaa kutaan haala hirmaattotni marichaa salphaatti hubachuu danda'aniin mariif dhiheessaniiru. Gabaasa dhihaate keessatti inisheetivota akka biirootti itti deemamaa jiran, hojiiwwan karoorfaman, ijaarsa Manneen Barnootaa Bu'uura Boruu, ijaarsa manneen jireenyaa barsiisotaa. fooyya'insa istaandardii manneen barnootaa, fooyya'insa barachuu barattootaa, leenjiiwwan hoggantoota manneen barnootaa, barsiisotaa, nyaata barattootaa, sochii Gumii Tiransifoormeeshinii Barnootaa Oromiyaafi hojiiwwan waliigalaa biiroon keenya dhimma barnootaa irratti hojjataa jiru bal'inaan kan ibse yoo ta'u, dhumarratti, cimina mul'ate, hanqinaafi rakkoo qunnames kan gabaasichi ibseera. obbo Hasan dhumarratti, gabaasa dhihaate irratti yaadni, gaaffiin, ykn raawwiin hin hammatamin yoo jiraate hirmaattotni kaasuu akka danda'an afeeraniiru. Gabaasa dhihaate irratti hirmaattotni marichaa yaada gabbisaa ta'eefi dhimmoota dabalamuu qaban dabaluun gadi fageenyaan irratti mari'achuun "hojiiwwan baatii jaha keessatti hojjataman jijjiirama barnoota keenyaaf agarsiiftuudha"! jechuun gabaasicha sagalee guutun mirkaneessaniiru Kanuma bu'uura gochuun dhumarratti kallttii fuul duraafi hojiiwwan irratti xiyyeeffatamuu qaban qabxiilee ; #Caasaa_barnootaa haaraa hojjatamsa jiru lafa qabsiisuu #Hanqina_barsiisaa_manneen_barnootaa keessatti uumame sirreessuuf bakka #kuufamni_barsiisaa jiru hatattamaan sirreessuu irratti hojjchuu, #Maxxansaafi_Raabsaa Kkitabaa irratti ciminaan hojjachuu, #Hojiiwwan_tajaajila_lammummaatiin hojjatamaa jiran cimsuu, #Dhaabbata_Qorannoo, Saayinsiifi_Teeknoolojii _Shaggar (Shaggar Research, Science & Technology Institute) hojii akka jalqabu saffisiisuu, #Bu'aa #Barachuu_Barattootaa_fooyyessuu, #Dubbisuufi_barreessuu barattootaa irratti hojjachuu, #Piroojektoota jalqabaman akka xumuraman xiyyeeffannoon hojjachu, #Bajata_mootummaafi dhaabbilee miti mootummaa irraa deeggarsaan argaman yeroofi dhimma barbaachisaa ta'eef fayyadamuu, #Hojiin_inspeekshiniifi_Supparviizhinii saffisaafi qulqullinaan akka gaggeeffamuufi hojiiwwan kkf. xiyyeeffannoon akka hojjataman I/A Hogganaa Biiroo Barnootaa Oromiyaa obbo Girmaa Baayisaa kennaniin mariin xumurameera. ♻️ Join & 🔗SHARE        👇👇 @Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1 @Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1 ɢᴀʟᴀᴛᴏᴏᴍᴀᴀ!
نمایش همه...
Repost from Leadership
Mul'ataa fi Kaayyoo - #6 #1 » Read01«« 💌 #2 » Read05 «« 💌 Kaayyoo jechuun mul'ata gara fuulduraati! Mul'ata jechuun wanta qabatamaa yookiin wanta harka namaan yookiin ijaan hin mul'annedha. ◉ Nama kaayyoo jechuun wanta gara fuulduratti ta'uu qabu kan yaaduu fi karoorsudha. Addunyaa kana irratti wanti nama miidhu qabeenya dhabuu osoo hin taanee kaayyoo dhabuudha. ⿻ Namni kaayyoo hin qabne mul'ata hin qabu! ⿻ Mul'ata hin qabdu taanan; karoora hin qabdu! ⿻ Karoora hin qabdu taanan; yeroo kee hin to'attu! ⿻ Namni yeroo ofii hin to'anne; eessa akka jiru hin beeku! ⿻ Namni bakka jiru hin beekne immoo; jireenya jiraachaa jira hin jedhamu. Kanaaf jooradha! ⊙ Namni lafa kana irra jiraatu hunduu mul'ata qaba. Garuu haalli itti fayyadamaa gargari! FAKKEENYAAF Joobiraa fi lukkuu ilaalaa! Akkuma beekamu joobirrii fi lukkuun walfakkaatu. Akkuma wal fakkaatan immoo garaagarummaa qabu. ➝ TOKKUMMAAN jarreen kanaa: Luka lama lama qabu Qochoo lama lama qabu Lamaan isaanii hanqaaquu buusu. ➝ GARGAARUMMAA ISAANII JIREENYI JOOBIRAA: • Samii irra, • Foon soorata, • Deemsa km lakkaa'amu deema • Ofii isaatii ofbulcha. ➝ LUKKUUN IMMOO • Kan jiraattu lafa irra; • Kosii keessa oolti! • Kan soorattu raammoo • Deemsi isheellee meetira (m) akka ta'e. ➝ JOOBBIRRI yeroo hunda kaayyoon isaa samiirra olfagaachudha. Lukkuun garuu yeroo hunda kosii barbaadudha. Barri ishee akka dhumaa jiru isheef hin galle. ERGAA Obboleessa, obboleettii, ilaalchi kee akkami? Ati waa'ee mul'ata kee, kaayyoo fi karoora kee maal yaadaa jirta? ◉ Ilaalcha haaraaf kutannoo haaraan lafa jirtuu ka'i! ◉ Humna kee, qabeenya kee, beekumsa kee guutuun hojjedhu! ◉ Gonfoo warra moo'anii fudhadhu! @Gaggeessummaa @Gaggeessummaa
نمایش همه...
2👍 1
Kun gabatee saganataafi qabxiilee waancaa Afriikaa bara 2023 ittiin argatattaniidha. via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/yPYI3tS
نمایش همه...
Sagantaaleefi qabxiiwwan tapha Waancaa Afriikaa bara 2023

Kun gabatee saganataafi qabxiilee waancaa Afriikaa bara 2023 ittiin argatattaniidha.

#FURTUU MILKAA'INAA #ILAALCHA/ATTITUDE Barsiisaa yuuniversiitii kan ta'e Pirofeeserri beekamaan tokko qorannoo isaa dhiyoo kana gaggeesseen waan haaraa nama ajaa'ibu kana nuuf qabatee dhufe. Qorannoon isaa kunis qubee fi lakkoofsa fayyadamuun ture. Kaayyoon isaas furtuu milkaa'inaa barbaaduu ture. Qubee Afaan Oromoo A-Z fudhadhaa! Kana booda akka armaan gadiitti gita qubee tarreeffattaniin lakkoofsa 1-26 tarreeffadhaa! A-1 I-9 Q-17 Y-25 B-2 J-10 R-18 Z-26 C-3 K-11 S-19 D-4 L-12 T-20 E-5 M-13 U-21 F-6 N-14 V-22 G-7 O-15 W-23 H-8 P-16 X-24 Akka armaan olii kanatti erga tarreeffattanii booda Furtuu Milkaa'inaa 100% dhufuu kan nuuf danda'u barbaaduu eegale. Maaliidha laata 100% dhufuu kan danda'u? Waliin haa barbaannukaa pirofeesera faana taanee. ❶. HARD WORK - Jabaatanii hojjechuu: H+A+R+D+W+O+R+K 8+1+18+4+23+15+18+11=98% ❷. KNOWLEDGE - Beekumsa: K+N+O+W+L+E+D+G+E 11+14+15+23+125+4+7+5=96% ❸. LOVE - Jaalala: L+O+V+E 12+15+22+5=54% ❹. LUCK - Carraa L+U+C+K 12+21+3+11=47% Jabaatanii hojjechuun, beekumsi, jaalalli, carraan, tokkoyyuu parsantii dhibba (100%) kan dhufe hin jiru. Maaliidharee parsantii dhibba furtuu milkaa'inaa kan ta'u qarshiidhaa? mee waliin haa ilaallu. ❺. MONEY - M+O+N+E+Y 13+15+14+5+25=72% qarshiis miti ➏. LEADERSHIP - Gaggeessummaa dhaaree? L+E+A+D+E+R+S+H+I+P 12+5+1+4+5+18+19+8+9+16 = 97% kanas miti! ➐. ATTITUDE - Ilaalcha immoo ta'innaaree A+T+T+I+T+U+D+E 1+20+20+9+20+21+4+5=100%👏👏👍 Furtuun milkaa'inaa 100% dhufuu kan danda'u ilaalcha keenya ta'uu isaa mirkaneesse. Ofii keef, namootaaf, addunyaaf ilaalchi ati qabdu gammachuu siif kenna. Ilaalcha kee hanga hin jijjiirretti gammachuu fi milkaa'uu akka hin dandeenye mirkaneesse. Kanaaf Ilaalchi furtuu milkaa'inaa keeti jechuudha! Ilaalcha jeechuun akkataa sammuun keenya wanta tokko itti hubatu jechuudha. ➥ Ilaalchi jireenya dhala namaaf murteessaadha. Ilaalcha ati qabdutu si jiraachisa yookiin immoo si ajjeesa. Ilaalchi gaariin hundee milkaa'inaati. qabsoo jireecha jireenya injifaachuuf ilaalcha gaarii qabaachuun murteessaa dha ilaalchi gaariin firii garii namaaf laata ilaalcha gaarii qabaadhu! Ilaalchi gaariin mataa ofii irraa eegala. namni ofii isaaf ilaalcha gaarii hin qabane namaafis ilaalcha gaarii qabaachuu hin danad'u. akkasumas, namonni ilaalcha gaarii isaaf hin qabaatani. kanaafu ilaalcha garii qabaachuun wanta hunda dursa. "Kabaja eenyummaa keenyaa yop nuti dabarsinee kennine malee namoonni nu dura fudhachuu hin danda'an " Mahaatama Gaandii ofii kee kabaji Namni kabajamuufis ta'e kabajuuf ulagaan barbaachisu namummaa qofa. garaagarummaan keenya inni guddaan garaagarummaa ilaalchaati. ✓ Yaadni keenya haala keenya geggeessa Yoo waan tokko hojjechuu nan danda'a jettee yaadde, sana booda ni dandeessa. Yoo hin danda'u jettee yaadde, sana booda hin dandeessu. Karaa kamiinuu ilaalchi kee bu'aa kee irratti dhiibbaa waan qabuuf sirrii dha ✓. Ilaalchi kee calaqqee sammuuti. Calaqqee ifaa bakka negetiivii hin fayyadamiin. "Hin danda'u" jechuu mannaa "nan danda'a" jechuu qabda. Achiis, yeroo foddaan kee qulqulluu taʼu, dhumarratti addunyaan kun wantoota gaarii taʼaniin akka guutamte hubachuu dandeessa. ✓. Yaadni gaariin milkaa'ina hawwata Bu’uuraan nuti maagneetii namaati. Waan gaariifi bu'aa gaarii yoo yaadne milkaa'inni itti aanee jiraata. Waan yaadnu taana. ✓. Mul'achuun ogummaa ijoollummaa irraa barannudha. ✓. Waan fedhe hojjedhu Waan barbaadde argachuuf waan barbaachisu hunda gochuuf fedhii qabaachuu kana. Kanaafuu waadaa kana ofiif gali. ✓. Barumsa rakkoo keessa jiru barbaadi Waan gadhee irratti xiyyeeffachuu ykn rakkoo sana keessaa barumsa argachuu dandeessa. Yeroo baayyee "rakkoon" rakkoo dhugaa illee miti. Kufaatiin wantoonni xixiqqoofi gaariin yeroo raawwataman galateeffachuu akka qabnu nu barsiisa. Waan Dubbiftaniif Galatoomaa🙏 Hiriyyoota keef #share gochuu hin dagatin! ▭▬▭▬▬▭▬▭ @Oromoo_inspire @Oromoo_inspire
نمایش همه...
👍 1