cookie

ما از کوکی‌ها برای بهبود تجربه مرور شما استفاده می‌کنیم. با کلیک کردن بر روی «پذیرش همه»، شما با استفاده از کوکی‌ها موافقت می‌کنید.

avatar

HUMNA JABAA

Chanalii kanaan waantota fayyadamaa taanu👇 KALLATTII WAANTOTA HEDDUU ARGACHUU DANDEESSA. @HUMNA_JABAA Na quunnamuu 👉 @HumnaJabaa SUBSCRIBE GODHAA 👇👇👇👇👇👇 https://www.youtube.com/@JABAATUBE-mx2kn

نمایش بیشتر
پست‌های تبلیغاتی
19 561
مشترکین
+1524 ساعت
+3057 روز
+1 39630 روز
توزیع زمان ارسال

در حال بارگیری داده...

Find out who reads your channel

This graph will show you who besides your subscribers reads your channel and learn about other sources of traffic.
Views Sources
تجزیه و تحلیل انتشار
پست هابازدید ها
به اشتراک گذاشته شده
ديناميک بازديد ها
01
Channel keessaan akka gara 2k,3k,4k,5k tti akka isiniif guddaatu yoo barbaaddan      👇  Na Quunnami 👉 @BrakeIt 👉 @BrakeIt
2900Loading...
02
Media files
4632Loading...
03
"Abbaa laman qaba! Tokko sooressa, tokkommoo hiyyeessa!..... Abbaankoo inni tokko baay'ee kan barateefi digirii hedduu of harkaa kan qabudha. Faallaa kanaa, abbaankoo inni biraan immoo kutaa 8ffaa iyyuu kan hin xumurredha.... Inni tokko doolaara miiliyoona kudhan nuuf dhiisee du'e. Inni biraan immoo, waraqaa ittiin liqiin irraa kanfalamu naaf dhiisee du'e. .... Lachan isaaniiyyuu barnoota naaf dhaamu. Garuu akkaataa garagaraan na gorsu. Inni tokko, 'jabaadhuu baradhu; koolleejjii galiis qabxii olaanaan xumurii kaampaanii filatamaatti qacarami' naan jedha. Inni biraan immoo, ' jabaadhuu baradhu; koollejjii galiis qabxii olaanaan xumurii kaampaanii mataakee horadhu' jedhee na gorsa. Ilaalchi isaan qarshiif qabanis gargari. Inni tokko, 'jaalalli qarshii hundee jal'inaati' jedha; inni biraan immoo, 'dhabinsi qarshii madda jal'inaati!' jedhe naaf dhaama. Osoon abbaa tokko qofaa qabaadheera ta'ee, yaada isaa tokkicha qofaa fudhadha yookaan fudhachuun dhiisa. Abbaa lama qabaachuunkoo filannoo yaada waliif faallaa kanaaf gorsa naa kenna. Haalaan wal bira qabee akkan filadhu na godha!" RICH DAD, POOR DAD Kitaabichi akkana jedha. Ana kan na dhibe garuu waan tokkotu jira!🤔 Abboota lamaan keessaa, hiyyeessi isa barateemoo hin barannedhaa?😅 Kitaabni kun shaggaadha. Jiruufi jireenyaan wal qabatee, ilaalcha madaalamaa namaaf gumaacha. Warri hin dubbifne dubbisaa.
4672Loading...
04
Yaada keessan naaf barreessa #Comment jalattii Dorgommii akkamii yoon isiniif qopheesse gaariidha? Dorgommii isiniif qopheessuu yaadeen jira yaada keessan naaf barreessa 👇👇👇👇👇👇👇👇 https://t.me/BeekumsaHundaaf
7360Loading...
05
Account Facebook koo follow gochuun Dhaangaa sammuuf ta'u Hordofaa🙏
1 2914Loading...
06
#Inbox👇👇 Gorsa Kooti Dabaan haguugamtullee Aduun dhugaa ni baati Rakkoofi gidiraan har'aa Bor bultee seenaa taati... Barris, namnis ni darbaa Hin shakkiin yaa qaxalee Kan iddootti hafu hin jiru Rabbi tokkicha malee! Aliyyii thank you @HUMNA_JABAA
1 0357Loading...
07
Kan darbe_irraa baradhu Amma_keessa jiraadhu Fulduraaf_cimii hojjedhu
1 1173Loading...
08
Yaada keessan naaf barreessa #Comment jalattii Dorgommii akkamii yoon isiniif qopheesse gaariidha? Dorgommii isiniif qopheessuu yaadeen jira yaada keessan naaf barreessa 👇👇👇👇👇👇👇👇
1 1560Loading...
09
#Namoonni.....!!!!!!!!!! Namoonni Si gaddisiisanis ati immoo isaan gammachiisun gaarummaa isaan barsiisi!! Ammas #Diina_kee_jaaladhu!!! Diina kees jaalachuudhan moo'i malee diinummaadhan diinni moo'amu hin jiru. Yeroo kamuu jibbaan wanti ta'u hin jiru. Jibbi diina sitti baay'isa #Jaalalli garuu moo'aadha, diina mancaasa meeshan guddaan osoo hin dhukaasin diinan moo'an jaalala qofa. ❤️ Eeni jaalala qofa!!❤️ 🙏Maatii koo baay'een isin jaaladha! #galatoomaa!! Imalli itti fufa...........!!!!!!
1 1623Loading...
10
#Namni gatii ofii isaa hin beekne, gatii namoonni isaaf kennaniin gatii isaa ibsata. Namni gatii isaa hin beekne Karoora ormi baase keessa, karaa namni tolcheef irra imala; ofii isaatii karooraf karaa kalaqee uumu akka hin dandeenyeetti waan of  ilaaluuf; mata isaatiin yaadee haala jijjiruu  hin danda'u! Jireenyi ammoo warra gatii ofii isaanii beekanii jiraataniif fuula ishee ibsiti. Warra sadarkaa ofii isaanii awwaara keessa kaa'aniif teessoo hin kennitu! Warraa bakki gaariin naaf mala jedhanii jireenyaan falmaniif garuu harka guuttee arjoomtiif!  Gatii kee beeki, si beekuuf si caala kan dhiyoo sitti jiru hin jiru waan ta'eef! Namoonni gatii  Kee akka kofoo gabaa irraa takka ol kaasanii takka gad buusanii akka ibsaniif carraa hin kenniniif! #Of ta'i Gita gatii keeti jiraadhu; qubaa keen seenaa jabaa katabi! Hojii dubbatu hojjaadhu, hojii dubbifamu bara keessatti boci! Akka Waan yaaddee hojjachuu dandeessutti of yaadi!  Gatiin kee Meeqaa..?
1 6736Loading...
11
Sababni guddaan ani Network Marketing jaaladhuuf kaampaniwwan hedduun indaastirii kana keessa jiran,Manneen Barnoota Hojiiti. Manni baruumsaa idilee garuu daa'imman ciccimoo akkamitti akka sooressaaf qaxaramee hojjatu barsiisu. Network Marketing'n akkamitti  akka Abbaa Qabeenyaa taatu si barsiisa malee,akkamitti akka hojjataa amanamaa sooressaa taatu si hin barsiisu. Robert Kyosaky!
1 6112Loading...
12
Dandeettiiwwan bara Dijitaalaaf barbaachisoo ta’an 4C:- 1)Dandeettii walqunnamtii(Communication Skills): Yaada, gaaffii, yaadaafi furmaata waliif qoodu. 2)Dandeettii yaada jabaa(Critical Thinking Skills): Rakkoolee haala haaraan ilaaluufi barumsa gosoota barnootaafi gosoota barnootaa gidduutti walqabsiisuu. 3)Dandeettii walta’iinsaa(Collaboration Skills): Galma tokko bira ga’uuf waliin hojjechuu. Dandeettii, beekumsaafi ogummaa hojiitti galchuu. 4)Dandeettii kalaqaa(Creativity Skills): Waan tokko hojjechuuf mala haaraa yaaluufi kalaquun walqixa. Ogummaawwan afran kun hojii gareef barbaachisoodha, kunis addunyaa kalaqaan geggeeffamu kan har’a keessa jiraannuuf barbaachisaadha.
1 73411Loading...
13
#Sammuu_Fayyaalessa_Qabaachuuf: ✓1.Ofii fi jireenya kee irratti miira gaarii qabaadhu! ✓2.Hawaasa keetiif gumaacha taasisi! ✓3.Dandeettii dandamachuu cimaa qabaadhu ✓4.Dhiphina haala bu’a qabeessa ta’een too’adhu ✓5.Namoota biroo wajjin walitti dhufeenya gaarii qabaadhu!
1 7618Loading...
14

10Loading...
15
Robert Mugaabee ▬▬▬▬▬▬▬▬ ⩩ "Guyyaa mindaan siif kenname foon lukkuu nyaatta; ⩩ Gaafa mindaan sun xiqqoo hir'atte immoo oomisha lukkuu (hanqaaquu) nyaatta; ⩩ Yoo mindaan kee xiqqaachaa dhufu immoo nyaata lukkuun nyaattu (boqqolloo, mishingaafaa...) nyaatta; ⩩ Yeroo mindattiin dhumtu, atumti mataan kee lukkuu taatee oliif gadi deemtee yeroo kee fixxa!
1 98617Loading...
16
𝗡𝗮𝗺𝗼𝗼𝘁𝗮 𝗞𝗮𝗻𝗻𝗶𝗶𝗻𝗶𝗶𝗳 𝗗𝗲𝗲𝗯𝗶𝗶 𝗛𝗶𝗻 𝗞𝗲𝗻𝗻𝗶𝗻❌🛑🔞❓ 1. Namoota Faayidaa arrabaa fi afaanii addaan hin baafanne. Jarri kun bakkii fi akki itti haasa’amus hin galuuf. 2. Namoota Qubee osoo hin baratin quba namatti qaban. 3. Namoota Akka gaarii fardaatti namoota hordofan faana gugatan.(tuuta jaldeessaa maqaa namaa fi mataa naafa baatanii jiraatan). 4. Namoota dhoqqee keessa dhaabatanii, Akka Wajjiin dhoqqee dhiittu si harkisan. Jarri kun jara amala Booyyee qabu. 5. Namoota Oolmaan Isaanii Akka tiisisaa balfa qofa ta’e. Namni hiika tiisisaatti maandhee ijaarate, gaagura kinniisaatti dammeessuu hin danda’u. 6. Namoota Waan Ati dubbattee fi barreessite qixa isaaniitti safartu malee, hiikni sirrii miti jedhanii si morman. 7. Namoota dheedhii hanga isaan bilchaataniif Ati wajjiin gubattu. 8. Namoota dhimma sin galchinee fi Isaanis hin galchine irratti tafsiira si gaafatan. 9. Namoota Waan Ati hin dhageenyee fi ijaan hin argine irratti ragaa akka baatuuf si gaafatan. 10. Namoota Horii jechuuniin Horii arrabsuu ta’u. 11. Namoota obboleeyyan lamaan addaan fageessuuf oduu marquuf sitti lallabaniif deebii hin kennin. 12. Namoota xiyyeeffannoo argachuuf xiyyeeffannoo si godhatan.(attention seeker) 13. Namoota caldhisuu keetiif gatii hin kennineef, deebii kennuun keetis gatii hin qabaatu waan ta’eef caldhisi. 14. Nama akka qilleensa kallattiin jalaa badee gara mara bubbisuuf deebii hin kennin. 15. Namoota bakka gaafiin hin jirretti deebii si gaafataniif, deebii hin kennin.
2 21016Loading...
17
Waan jaallattu argachuudhaaf waan hin jaalanne keessa darbuu qabda Nafy Fufa
2 0674Loading...
18
#Moo'amuun_Hin_Jiru!!! Jireenya kee keessatti yeroo tokko tokko ni moota, Yeroo jireenyi sitti ulfaatte irraa baratta malee Goonkumaa moo'amuu wanti jedhamu hin jiru! Sammuu moo'uu danda'u qabattee "Nan moo'ama" jettee ofin amansiisin Moo'amuun jireenya keessa hin jiru, garuu irraa baradhu tarkaanfii takka gara fuunduraatti adeemi! #Moo'amtee_hin_galin! #Galatoomaa🙏🙏
130Loading...
19
"#Namoonni cimoon waan hundumaa fi nama hunda irraa baratu, namoonni giddu galeessaa muuxannoo isaanii irraa baratu, gowwoonni deebii hunda durannu qabu". Sooqiraaxis
2 5055Loading...
20
Yaada keessan na biraan gahuuf,walaloo adda addaa yoo qabaattan isiniif maxxansuu dandeenya nu quunnamuu dandeessu👇 👉 @BrakeIt 👉 @BrakeIt naaf barreessu dandeessu.
2 9123Loading...
21
#Repost✍️✍️ Waan bara darbe fakkaattu barana illee hin fakkaatiin, karaa beekumsa,maallaqa, dandeettii, hafuuraan jijjiirama guddaafi guddina guddaa qabaachuu qabda. Achumee hin ta'iin 🤜🤛💥💥💥 Obboleecha keechan Daanii irraa.🙏 Deemsi itti fufa💥
2 7413Loading...
22
Wolaloo Haadhaa Harmeekoo deesseekoo Tokkeekoo mararree Hin quufu maqaakee Waamus gaaf maararree Gorsituu qoorsituu Madda Jiruu kiyyaa Dandeessuu obsituu Giiftii haadha biyyaa Harmeekoo harmanii Gootittii jaalalaa Gara bal’eettiikoo Toltuu keessaaf alaa Addunyaa jiruukoo Wabii gaafa dhiphuu Qixxeekee hiriiree Naaf hin gitu dhibbuu
3 00624Loading...
23
JECHOOTA ONNACHIISOO DILBATA GANAMAA: Jireenya keessan keessatti dilbatni isin irraa hin fudhatamin. Lubbuun keessan dilbata yoo hin qabaanne jireenyi dadhabsiistuu taati. Dilbatni, guyyaa ani itti gowwaa ta’uudha. Guyyaa ani itti calliseema boqodhu, guyyaa ani itti calliseema jiraadhu, guyyaa ani itti hojii hin yaadne, guyyaa ani itti calliseema nyaachuu, dhuguufi bashannanuu qofaaf gumaachuudha. Dilbatni guyyaa foon ofii boqochiisaniifi yeroo yaaddoo irraa bilisa ba’aanii hafuura ofii boqochiisaniidha. Dilbatni dafqa torbee guutuu guyyaa itti ofirraa qulleeffataniidha. Dilbatni, guyyaa maatii, firootaafi hiriyootaati. Dilbatni , guyyaa itti waan dadhabanitti boqotanii torbee dhufu ammoo simataniidha. Dilbatni , guyyaa of ilaalaniidha. Guuyaa gammaduu, guyyaa itti qilleensa qulqulluu fudhataa oolaniidha. Dilbatni guyyaa ammam akka eebbifaman yaadatanii galateeffataniifi abdii guutuu jireenya ofiitti himaniidha. Dilbatni guyyaa Waaqayyo addaan baasee eebbisee dhala namaaf kenneefi galateeffannaa isaatiif oolfateedha. Dilbatni isinirraa hin fudhatamin! Dilbata eebbifamaa qabaadhaa!
3 49010Loading...
24
#Carraa_Gaariidha! (Eebbisaa Baayisaa) Dhaabbanni kophee omishu hojjetoota isaa keessaa namoota lama biyya birootti erge. Leenjii gurgurtaa (sales) waan qabaniif, biyyi sun daldala kopheef hammam akka mijatu akka ilaalaniif ture. Lamaan isaanii biyyicha do'atan. Haala jiru ilaalanii booda hoogganaa isaaniif dhaamsa barreessan. "Biyyi kun biyya hiyyeettiidha. Namni kophee kaa'atu hin jiru. Yoo fidnes bitachuu hin danda'an. Kanaafuu, ofumaa itti dadhabuu hin qabnu" jedhe. Inni lammaffaan immoo, "Biyya kana namni kophee kaa'atu hin jiru. Kana jechuun, kophee keenya gurguruuf gabaa bal'aa qabna jechuudha. Kun carraa baay'ee gaariidha. Yeroo gubuu hin qabnu!" jedhee barreesseef. Argitanii? Lamaan isaanii waanuma tokko ilaalan. Haaluma tokko do'atan. Hiikni isaan kennan garuu adda adda. Murteessaan #ilaalcha jechuufani. Nagaan bulaa egaa!
3 0346Loading...
25
Guyyoota jireenyakoo darbe keessatti, yaadota ani yaada sammuuko kanaan waanta bu'aa hin qabne yaaduukotu akkan amma waanta bu'aa qabu baayyee akkan yaadu na godha!!
2 8966Loading...
26
#Personal_Development_Training Leenjii dhugumatti namni hundi itti hirmaachuu qabudha. Nama erga taate Gahumsa keessa keef akka jiraattuuf leenji sirritti isin barbaachisu waan ta'eef koottaa waliin haa leenjinu waliin haa guddannu Na quunnamuuf 👉 @BrakeIt
3 0932Loading...
27
Gamnoomuun hatuu miti milkaa'inaaf carraaquudha yaa sabaa🙏🙏
3 5653Loading...
28
#GATII_KEE_BEEKI Namni gatii kee beekuu dhiisuu mala. Gatii kee situ beeka. 👉 Namni isa alaan mul'atu arga ati isa keessa kee jiru beekta. 👉Namni har'a kee arga ati borii kee ilaalta. 👉Namni haala kee ammaatiin si madaaala ati abjuu kee borii jiraatta. #Kanaafuu situ of beeka.🤳 Gatii kees situ beeka.💪 ✍️Addunyaan immoo gatii ati ofiitti baasteen si bitata. ✍️Iddoon oolmaa kee gatii kee murteessa. 👇 Joobirri gosa allaattiiti; garuu iddoon oolmaa isaa toora allaattii warra kaanii miti. Allaattii hundumaa irraa ol fagaatee barrisa. Fageessee arga. Sababa kanaaf gatiin joobiraa guddaa dha. Umuriin isaas dheeraa dha. 👆 🫶Atis akkasi🤳 #Dhaamsa • Fageessii ilaali! • Iddoo oolmaa kee filadhu! • Kiiloo namni irra si kaa'uun of hin madaalin! • Hamma har'a geesuun osoo hin taane lafa bor ga'uuf jirtuutti of safari! 🙏Yoo akkas goote gatii kee bartee jirta jechuudha🤝 #Egaa Kan gatii isaa guddisus Kan gatii isaa xinneessuus abbaa dha. 👉Gatii kee Beeki🙏
6 02448Loading...
29
Waan dubbattus, hojjettus sirriitti akeekkadhu. Ilaalaa Gadi jechuun  kiyya, tasgabbaa'aa ta'uuf malee ol jechuu  wallaaleen miti. Dhaga'aa duuduun kiyya, ititaa Namaa ta'uuf malee dhageettii dhabeen miti. Beekaa dhiisuun kiyya, beekuuf malee hubachuu hanqadheen miti. Kanaaf dalga na hubattee, akkakee na seetee, waan garaakee natti hin guuriin.
4 55813Loading...
30
Shamarreen Bareedduun bifa nama hawwatu qabdu tokko Matammaa Gaandii argitee, "Gaandi sin jaalladha"jetteen. Matammaa Gaandiinis, Ani umuriin deemeera, bareedina nama hawwatu hin qabu. Dargaggeessi dudduuba Kee jiru kun bareedinaan na caala, umuriinis narra dargaggeessa,qabeenya na caalaa qaba isatti osoo heerumtee siif wayya' jedhaan. Isheenis ofirra garagaltee dudduuba ishee ilaalte. Namni ishee duuba hin jiru. Gaandii,namni ati jechaa jirtu natti hin mul'anne meerre jetteen.Matammaa Gaandiinis itti seeqee😁 "Osoo dhuguma na jaallatta ta'ee dudduuba Kee hin ilaaltu turte" jedheen!😁 #Matammaa_gaandii #Barnoota_guddaa_ofkeessaa_qaba
5 04725Loading...
31
Marsaa Yaada Qajeelaa Faayidaa of to’achuu fi naamusa guddifachuun argamsiisu hunda keessaa, faayidaan guddaan faayidaa ofitti amanamummaa keenya sirreessuudhaan argannudha. Waan gochuu akka hin qabne beeknu tokko hojjechuuf filannoo yeroo nu mudatu, akkasumas hojjechuu dhiisuu yeroo filannu immoo bu’aa balaa sana hojjechuun nu mudatu irraa of eeguun keenya shakkii hin qabu. Haa ta’u malee, bu’aan guddaan nuti sana bira darbee argannu ofitti amanamummaa fi ofitti amanamummaa keenya dabaluudha. Waan hojjechuu qabnu tokko hojjechuuf yeroo yaadnu, yeroo sanatti miirri keenya akka hojjennu nuuf hayyamuu baatus, of to’achuu fi ajajuudhaan raawwachuuf yeroo murteessinu, kan argannu shakkii hin qabu faayidaa wanta sana hojjechuu irraa argamu. Haa ta’u malee, bu’aan guddaan nuti sana bira darbee argannu of-dammaqiinsa dabaluu kan naamusa qabnu beekuu irraa argamudha. Marsaan namoota baay’ee qabatu akkana: Wantoota fayya-dhabeessa irraa fagaachuuf of hin to’atanii fi waan gaarii hojjechuuf naamusa waan hin guddifanneef ilaalchi isaan ofii isaaniif qaban baay’ee gadi bu’aa waan ta’eef miira gad-aantummaatiin dhiibbaa irra ga’a. Kanuma waliin ofitti amanamummaan isaanii baayyee gadi aanaa waan ta’eef ofitti amanamummaa fi of adabuuf kaka’umsi isaan qaban gadi aanaa waan ta’eef ofitti liqimfamuu isaaniiti. Marsaa kana marsaa negaatiivii jenna. Namoonni waan hojjechuu hin qabne hojjechuu dhiisuu fi naamusa waan hojjechuu qaban hojjechuu shaakalan marsaa milkaa'ina keessa of argatu. Namoonni hawaasa biratti milkaa’ina itti fufiinsa qabuun mul’atan fayyadamtoota marsaa milkaa’ina kanaati. Marsaa kana marsaa qajeelaa jenna. Murtoo fi ajandaan keessan har'a marsaa fafee irraa gara marsaa qajeelaa ce'uu haa ta'u!
4 22310Loading...
32
Gorsa ❤️ Waan dabarsite yaadii Uumaakee galateeffadhu. Waan durakee jiru ilaalii abdii horadhu.
4 1866Loading...
33
Yaa Dhaloota Bara kan Umurii lakkooftee qofa akka dabartuuf miti jireenyi kan siif kenname. Galma gahiinsa mul'ata keef hojjedhu jireenya kee Jireenya lakkaa'amu, jireenya du'a kee boodaa illee dhaloonni yaadatu taasisi! Namoonni milkaa'oon hojii jaallatu, hojiitti amanus, humna qaban hundaan yeroo qaban hundatti hojii hojjechuudhan beekamu. Iccitiin milkaa’inaa inni guddaan hojii akka ta'e haalaan waan beekaniif, hojii barbaachiisaadha jedhanii itti amanan kamiyyuu ni hojjetu.
4 58611Loading...
34
#AMANTII! Bu'aa kee kan murteessu dandeettii Keeti.Dandeetti kee jechuun boca qaama kee fi ulfaatina kee osoo hin taane amantii keeti! Namni amanu nama ulfaatina kiiloo hedduu ol kaasu caalaa humna qaba.Kanaaf amantii keetiin dandeettii kee ijaari!
4 00812Loading...
35
#Namoota Rakkisoo Gosa 8 ti Of eeggannoo guddaan qabu qabdan 1, Namoota haala ilaalanii si hordofan 2,Yeroo hundumaa namoota siin falman 3,Namoota yerookee qisaasessan 4, Namoota Inaaffaa baay'isan 5, Yeroo hundumaa namoota akka miidhamaniti dubbatan 6, Namoota kaayyoo hin qabne 7,Namoota of duwwaa dhaggeefatan 8,Namoota Yeroo hundumaa si gaddisiisan. Kitaaba Ogummaa nama dubbisuu jedhu irraa kanan argadhe.
4 01029Loading...
36
#Ofitti_amani Xiqqeessitee of hin ilaalin. Uumaan kee waa dalagdee akka dabartuufi kan gara dachee kanaa si erge. Haala kam keessallee jiraattus guyyaan boruu guyyaa haaraa waan ta'eef iddoo tokko gahuu akka dandeessu amanuu fi aarsaa sirraa eeggamu taasisuu qabda. Namoonni si abdachuun dura ati of abdadhu. Rakkoon ati har'a keessa jirtu kaayyoo keetirraa akka duubatti si deebisuuf harka itti hin kennin. Rakkina kee har'aa seenaa taasisii darbi. Akka irraa barattan abdiin qaba✍️ share godhaa
4 96311Loading...
37
#𝐆𝐮𝐟𝐮𝐮 𝐃𝐚𝐚𝐧𝐝𝐢𝐢 𝐊𝐞𝐞𝐫𝐫𝐚𝐚 𝐊𝐚𝐚𝐬𝐢! Bara durii ture! Mootii tokkotu dhagaa guddaa tokko daandii namoonni irra deeman irra akka kaa'amu godhe. Akkuma kun ta'eenis, bakka ta'e dhokatee namni dhagaa kana karaa irraa kaasu yoo jiraateef daawwachuu eegale. Namoonni baay'een arganiituma irraa goranii darbuu turani. Gariin immoo, maaliif akka mootichi karaa qulqullinatti eegsisuu dhiise wal harkaa fuudhanii ceepha'u. Garuu, isaan keessaa yaada dhagaa kana karaarraa kaasuu kan qabu tokkoyyuu hin turre. Mootichi hamma kana ilaaleema dinqisiifata. Ajaa'ibas! Dhumarratti, qonnaan bulaan tokko ba'aa baatee itti dhufe. Akkuma itti dhiyaateenis, ba'aa isaa lafa godhee dhagaa guddaa kana karaarraa kaasuuf dhiibuu eegale. Inuma dhiiba; dhiibee dhiibees, dadhabii guddaan booda ni milkaa'e. Akkuma dhagaa kana kaasee daandii cina godheen, baattuu xinnoo bifa reektaangilii qabdu tokko, iddoo dhagaan sun ture jalaa arge. Yeroo banee ilaalu, waan lama of-keessa qaba. Kunneenis warqee gatii jabeessaa fi ergaa barreeffamee jiru tokkodha. Ergaan sinis akkana jedha. "Warqeen kun, kan nama dhagicha karaarraa kaaseeti!" Ergaa mootichaati! Qonnaan bulaan kunis, waan namoonni kaan hin hubanne baratee darbe. Bu'aa dadhabbii isaas argatee deemsa isaa itti fufe. Akkas malee! 👉 Ba'aa keessa bu'aatu jira! Watonni gufuu nutti fakkaanii nuti dheessinu baay'een, anniisaa deemsa keenya fuulduraa nuuf ta'uu malu. Wanta anniisaa namaaf ta'ummoo, baqachuu osoo hin taane baachuutu nama baasa. Baachuu keessa dadhabuun ni jira. Garuu dadhabbiin sun, gonfoo dadhabuun keenya nuuf qopheessuun yoo wal bira qabamu, ofumaati. Eeyyeen, baachuu keessa nyaachuutu jira. Ba'aa keessaas bu'aa hedduutu argama. Waan kamuu badhaasa mataa isaa ni qabaata. Gatii har'aa baafnu keessaan badhaasa keenya boruuf haalatu mijata. Ifaaja keenya ammaa keessaanis fuuldura keenya mil'anna. Dhugaadha! Biqiltuu har'a dhaabuuf dadhabnu bor gaaddisa yeroo dadhabbii nuuf ta'u. Yoo kun hin jirres sun hin jiru,....hin dagatiin! 👉𝐆𝐮𝐟𝐮𝐮𝐧 𝐡𝐚𝐫'𝐚𝐚 𝐦𝐢𝐥𝐤𝐚𝐚'𝐢𝐧𝐚 𝐤𝐞𝐞 𝐛𝐨𝐫𝐢𝐢𝐭𝐢. 𝐊𝐮𝐧 𝐃𝐡𝐮𝐠𝐚𝐚𝐝𝐡𝐚.
4 07332Loading...
38
#SAMMUU! Sammuun waan itti fe’ame baata.Dhalli namaa Kuusaa dijitaalaa (memory) waan jaallate itti fe’ee baachuu danda’a.Kuusaan kun ofiin filee hin baatu.Gaariis ta’e yaraa waan abbaan Itti fe'ate baata. Sammuun dhala namaas akkana.Gaariis ta’e yaraa Waan nuti irratti fe'anne nuuf kuusa.Waan gaarii ta'ee badaaf akka inni oolu gochuun gahee keenya. Waaqayyo sammuu qulqulluu dandeettii adda addaa waliin nuuf uume.Kanaaf Waan qulqulluu(gaarii) ta'e irratti kuuffannee Sammuu keenyaa misoomsuun dirqama keenya. Walumaagalatti Sammuu keenya haala gaariin misoomsinee gaarummaadhaaf Itti fayyadamuun filannoo sirriidha.
3 99218Loading...
39
Sagantaa barsiisota yuunvarsiitii Har'a galgala saa'atii 3:00-400. Torban 25ffaa Irraa hin hafamu Karaa Telegram kan darbu waan taheef hirmaachuuf fedha kan qabdan Asiin na quunnamuu dandeessu @BrakeIt
4 5126Loading...
Channel keessaan akka gara 2k,3k,4k,5k tti akka isiniif guddaatu yoo barbaaddan      👇  Na Quunnami 👉 @BrakeIt 👉 @BrakeIt
نمایش همه...
👍 2
👍 6
"Abbaa laman qaba! Tokko sooressa, tokkommoo hiyyeessa!..... Abbaankoo inni tokko baay'ee kan barateefi digirii hedduu of harkaa kan qabudha. Faallaa kanaa, abbaankoo inni biraan immoo kutaa 8ffaa iyyuu kan hin xumurredha.... Inni tokko doolaara miiliyoona kudhan nuuf dhiisee du'e. Inni biraan immoo, waraqaa ittiin liqiin irraa kanfalamu naaf dhiisee du'e. .... Lachan isaaniiyyuu barnoota naaf dhaamu. Garuu akkaataa garagaraan na gorsu. Inni tokko, 'jabaadhuu baradhu; koolleejjii galiis qabxii olaanaan xumurii kaampaanii filatamaatti qacarami' naan jedha. Inni biraan immoo, ' jabaadhuu baradhu; koollejjii galiis qabxii olaanaan xumurii kaampaanii mataakee horadhu' jedhee na gorsa. Ilaalchi isaan qarshiif qabanis gargari. Inni tokko, 'jaalalli qarshii hundee jal'inaati' jedha; inni biraan immoo, 'dhabinsi qarshii madda jal'inaati!' jedhe naaf dhaama. Osoon abbaa tokko qofaa qabaadheera ta'ee, yaada isaa tokkicha qofaa fudhadha yookaan fudhachuun dhiisa. Abbaa lama qabaachuunkoo filannoo yaada waliif faallaa kanaaf gorsa naa kenna. Haalaan wal bira qabee akkan filadhu na godha!" RICH DAD, POOR DAD Kitaabichi akkana jedha. Ana kan na dhibe garuu waan tokkotu jira!🤔 Abboota lamaan keessaa, hiyyeessi isa barateemoo hin barannedhaa?😅 Kitaabni kun shaggaadha. Jiruufi jireenyaan wal qabatee, ilaalcha madaalamaa namaaf gumaacha. Warri hin dubbifne dubbisaa.
نمایش همه...
8
Yaada keessan naaf barreessa #Comment jalattii Dorgommii akkamii yoon isiniif qopheesse gaariidha? Dorgommii isiniif qopheessuu yaadeen jira yaada keessan naaf barreessa 👇👇👇👇👇👇👇👇 https://t.me/BeekumsaHundaaf
نمایش همه...

👍 2
Photo unavailableShow in Telegram
Account Facebook koo follow gochuun Dhaangaa sammuuf ta'u Hordofaa🙏
نمایش همه...
9👍 3
#Inbox👇👇 Gorsa Kooti Dabaan haguugamtullee Aduun dhugaa ni baati Rakkoofi gidiraan har'aa Bor bultee seenaa taati... Barris, namnis ni darbaa Hin shakkiin yaa qaxalee Kan iddootti hafu hin jiru Rabbi tokkicha malee! Aliyyii thank you @HUMNA_JABAA
نمایش همه...
16👍 3
Kan darbe_irraa baradhu Amma_keessa jiraadhu Fulduraaf_cimii hojjedhu
نمایش همه...
👍 14 5🔥 1
Yaada keessan naaf barreessa #Comment jalattii Dorgommii akkamii yoon isiniif qopheesse gaariidha? Dorgommii isiniif qopheessuu yaadeen jira yaada keessan naaf barreessa 👇👇👇👇👇👇👇👇
نمایش همه...
👍 7 1🔥 1
Photo unavailableShow in Telegram
#Namoonni.....!!!!!!!!!! Namoonni Si gaddisiisanis ati immoo isaan gammachiisun gaarummaa isaan barsiisi!! Ammas #Diina_kee_jaaladhu!!! Diina kees jaalachuudhan moo'i malee diinummaadhan diinni moo'amu hin jiru. Yeroo kamuu jibbaan wanti ta'u hin jiru. Jibbi diina sitti baay'isa #Jaalalli garuu moo'aadha, diina mancaasa meeshan guddaan osoo hin dhukaasin diinan moo'an jaalala qofa. ❤️ Eeni jaalala qofa!!❤️ 🙏Maatii koo baay'een isin jaaladha! #galatoomaa!! Imalli itti fufa...........!!!!!!
نمایش همه...
👍 9 6😍 3🔥 1

19👍 10🥰 4