cookie

ما از کوکی‌ها برای بهبود تجربه مرور شما استفاده می‌کنیم. با کلیک کردن بر روی «پذیرش همه»، شما با استفاده از کوکی‌ها موافقت می‌کنید.

avatar

HUMNA JABAA

Chanalii kanaan waantota fayyadamaa taanu👇 KALLATTII WAANTOTA HEDDUU ARGACHUU DANDEESSA. @HUMNA_JABAA Na quunnamuu 👉 @HumnaJabaa SUBSCRIBE GODHAA 👇👇👇👇👇👇 https://www.youtube.com/@JABAATUBE-mx2kn

نمایش بیشتر
پست‌های تبلیغاتی
18 892
مشترکین
+1024 ساعت
+3457 روز
+2 08030 روز

در حال بارگیری داده...

معدل نمو المشتركين

در حال بارگیری داده...

Yaa Dhaloota Bara kan Umurii lakkooftee qofa akka dabartuuf miti jireenyi kan siif kenname. Galma gahiinsa mul'ata keef hojjedhu jireenya kee Jireenya lakkaa'amu, jireenya du'a kee boodaa illee dhaloonni yaadatu taasisi! Namoonni milkaa'oon hojii jaallatu, hojiitti amanus, humna qaban hundaan yeroo qaban hundatti hojii hojjechuudhan beekamu. Iccitiin milkaa’inaa inni guddaan hojii akka ta'e haalaan waan beekaniif, hojii barbaachiisaadha jedhanii itti amanan kamiyyuu ni hojjetu.
نمایش همه...
👍 14 3🥰 1
#AMANTII! Bu'aa kee kan murteessu dandeettii Keeti.Dandeetti kee jechuun boca qaama kee fi ulfaatina kee osoo hin taane amantii keeti! Namni amanu nama ulfaatina kiiloo hedduu ol kaasu caalaa humna qaba.Kanaaf amantii keetiin dandeettii kee ijaari!
نمایش همه...
🔥 12👍 3 2🥰 1
#Namoota Rakkisoo Gosa 8 ti Of eeggannoo guddaan qabu qabdan 1, Namoota haala ilaalanii si hordofan 2,Yeroo hundumaa namoota siin falman 3,Namoota yerookee qisaasessan 4, Namoota Inaaffaa baay'isan 5, Yeroo hundumaa namoota akka miidhamaniti dubbatan 6, Namoota kaayyoo hin qabne 7,Namoota of duwwaa dhaggeefatan 8,Namoota Yeroo hundumaa si gaddisiisan. Kitaaba Ogummaa nama dubbisuu jedhu irraa kanan argadhe.
نمایش همه...
22👍 11🥰 1
#𝐆𝐮𝐟𝐮𝐮 𝐃𝐚𝐚𝐧𝐝𝐢𝐢 𝐊𝐞𝐞𝐫𝐫𝐚𝐚 𝐊𝐚𝐚𝐬𝐢! Bara durii ture! Mootii tokkotu dhagaa guddaa tokko daandii namoonni irra deeman irra akka kaa'amu godhe. Akkuma kun ta'eenis, bakka ta'e dhokatee namni dhagaa kana karaa irraa kaasu yoo jiraateef daawwachuu eegale. Namoonni baay'een arganiituma irraa goranii darbuu turani. Gariin immoo, maaliif akka mootichi karaa qulqullinatti eegsisuu dhiise wal harkaa fuudhanii ceepha'u. Garuu, isaan keessaa yaada dhagaa kana karaarraa kaasuu kan qabu tokkoyyuu hin turre. Mootichi hamma kana ilaaleema dinqisiifata. Ajaa'ibas! Dhumarratti, qonnaan bulaan tokko ba'aa baatee itti dhufe. Akkuma itti dhiyaateenis, ba'aa isaa lafa godhee dhagaa guddaa kana karaarraa kaasuuf dhiibuu eegale. Inuma dhiiba; dhiibee dhiibees, dadhabii guddaan booda ni milkaa'e. Akkuma dhagaa kana kaasee daandii cina godheen, baattuu xinnoo bifa reektaangilii qabdu tokko, iddoo dhagaan sun ture jalaa arge. Yeroo banee ilaalu, waan lama of-keessa qaba. Kunneenis warqee gatii jabeessaa fi ergaa barreeffamee jiru tokkodha. Ergaan sinis akkana jedha. "Warqeen kun, kan nama dhagicha karaarraa kaaseeti!" Ergaa mootichaati! Qonnaan bulaan kunis, waan namoonni kaan hin hubanne baratee darbe. Bu'aa dadhabbii isaas argatee deemsa isaa itti fufe. Akkas malee! 👉 Ba'aa keessa bu'aatu jira! Watonni gufuu nutti fakkaanii nuti dheessinu baay'een, anniisaa deemsa keenya fuulduraa nuuf ta'uu malu. Wanta anniisaa namaaf ta'ummoo, baqachuu osoo hin taane baachuutu nama baasa. Baachuu keessa dadhabuun ni jira. Garuu dadhabbiin sun, gonfoo dadhabuun keenya nuuf qopheessuun yoo wal bira qabamu, ofumaati. Eeyyeen, baachuu keessa nyaachuutu jira. Ba'aa keessaas bu'aa hedduutu argama. Waan kamuu badhaasa mataa isaa ni qabaata. Gatii har'aa baafnu keessaan badhaasa keenya boruuf haalatu mijata. Ifaaja keenya ammaa keessaanis fuuldura keenya mil'anna. Dhugaadha! Biqiltuu har'a dhaabuuf dadhabnu bor gaaddisa yeroo dadhabbii nuuf ta'u. Yoo kun hin jirres sun hin jiru,....hin dagatiin! 👉𝐆𝐮𝐟𝐮𝐮𝐧 𝐡𝐚𝐫'𝐚𝐚 𝐦𝐢𝐥𝐤𝐚𝐚'𝐢𝐧𝐚 𝐤𝐞𝐞 𝐛𝐨𝐫𝐢𝐢𝐭𝐢. 𝐊𝐮𝐧 𝐃𝐡𝐮𝐠𝐚𝐚𝐝𝐡𝐚.
نمایش همه...
👍 19 6🔥 4🥰 2
#SAMMUU! Sammuun waan itti fe’ame baata.Dhalli namaa Kuusaa dijitaalaa (memory) waan jaallate itti fe’ee baachuu danda’a.Kuusaan kun ofiin filee hin baatu.Gaariis ta’e yaraa waan abbaan Itti fe'ate baata. Sammuun dhala namaas akkana.Gaariis ta’e yaraa Waan nuti irratti fe'anne nuuf kuusa.Waan gaarii ta'ee badaaf akka inni oolu gochuun gahee keenya. Waaqayyo sammuu qulqulluu dandeettii adda addaa waliin nuuf uume.Kanaaf Waan qulqulluu(gaarii) ta'e irratti kuuffannee Sammuu keenyaa misoomsuun dirqama keenya. Walumaagalatti Sammuu keenya haala gaariin misoomsinee gaarummaadhaaf Itti fayyadamuun filannoo sirriidha.
نمایش همه...
33👍 13🥰 2🔥 1😍 1
Photo unavailableShow in Telegram
Sagantaa barsiisota yuunvarsiitii Har'a galgala saa'atii 3:00-400. Torban 25ffaa Irraa hin hafamu Karaa Telegram kan darbu waan taheef hirmaachuuf fedha kan qabdan Asiin na quunnamuu dandeessu @BrakeIt
نمایش همه...
👍 18 4
Photo unavailableShow in Telegram
Itti dhiyyaadha warreen isin ilaallatuuf👇 https://gadaabank.com.et/gbvacancy
نمایش همه...
👍 7
#Jireenya harkaa fi miilla maalee Seenaa dhugaa jireenya namaa jijjiiru! Maqaan isaa guutuun Nicholas James Vujicic jedhama. Bara 1982 (G.C) biyya Awustiraaliyaatti dhalate. Seenaan jireenya isaa ‘Wikipedia, the free encyclopedia’ irratti barreeffamee jiru akka ibsutti, wayita inni harkaa fi miilla guutuu hin taane waliin dhalatu maatiin isaa ogeessa fayyaa harkattillee isa ilaaluu jibbanii turan jedha. Haala kanaan dhalachuu isaatti kan gaddan maatiin Vujicic, boodarra akka carraa Uumaa biraa isaaniif kennameetti hubatan. Namni kun harkaa fi miilla guutuu malee dhalachuun isaa hanguma inni jabaachaa adeemu miira isatti hin tolle keessa isa galchuu jalqabe. Dhiibbaan ilaalcha badaa hawaasa biraa isarra gahuu fi haala kanaan uumamuun isaa akka waan uumama addaa ta’e tokkootti akka inni of ilaalu isa taasise. Kana malees, yeroo inni umurii waggaa 10 keessa turetti miira dhiphinaa fi of jibbuu hamaa keessa galee akka ture seenaan jireenya isaa kun dabalee ni ibsa. Haala hamaa fi dadhabsiisaa akkasii keessa utuma jiruu waan tokko hubate. “Ofii koon alatti namni na jabeessuu fi na honnachiisu hin jiru” jedhee ofii isaaf jaalala qabaachuu eegale. Ofii isaa akka nama jaallatamaa fi abdii jireenyaa gaarii qabuutti of ilaaluu itti fufe. Ilaalcha badaa ofiif qabaachaa ture sana ni jijjiire. Jireenya isaaf abjuu gaarii abjoochuu eegale. Nick Vujicic, bara 2005 tti dhaabbata idil addunyaa ‘Life Without Limbs’ (Jireenya Harkaa fi Miilla Malee) jedhamuu fi dhaabbata ‘Attitude is Altitude’, kan gorsaawwan honnachiisoo fi barsiisoo ta’an itti kennamu hundeessuu danda’e.  Namni jabaan kun nama harkaa fi miilla hin qabne ta’ee utuu jiruu hojiiwwan gurguddoo ‘ajab!’ nama jechisiisan hedduu hojjeteera. Jireenya isaatiinis tarree namoota milkaa’oo addunyaa keessa taa’uu danda’eera. Nick Vujicic fiilmii ‘The Butterfly Circus’ jedhamu irratti qooda fudhatee hojjeteera. Hojii isaa kanaanis bara 2010 ‘Method Fest Indepeendent Film Festval’ irratti dhiyaachuun badhaasa ‘Best Actor’ gonfatee ture. Namni harkaa fi miilla hin qabne kun, jireenya dadhabsiisaa akkasii keessa utuma jiruu kitaabota hedduu barreessuunis maxxansiiseera. Keessumaa kitaabni isaa jalqabaa “Life Without Limits” jedhamu afaanota addunyaa kanaa 30 olitti hiikamuun jaallatamummaa guddaa horate. Hanga har’aattis kitaabni kun kitaaba jireenya namaa haalaan jijjiiru jedhamuun baay’ee dubbifamaa jira. Namni qaama hir’uu, garuu immoo mul’ata guutuu waliin dhalate kun biyyoota addunyaa 57 ol ta’an irra naanna’uun haasaawwan nama barsiisan, nama honnachiisanii fi hamilee namatti horan (motivational speech) taasisaa jira. Bakka deemu hundumaatti wayita haasaa taasisu hima jabaa akkas jedhuun eegala: “Haalli kee hangamuu yoo sitti ulfaateyyuu ni injifatta” jedha. Kitaaba isaa ‘Life Without Limits’ jedhu keessattis yaadni inni barreesse tokko akkas jedha: “Ani jireenyi koo daangaa hin qabu jedheen amana. Atis haaluma kanaan waa’ee jireenya kee akka ati yaaddun barbaada. Gufuuwwan jireenyaa kamillee yoo qabaatte haaluma kanaan yaadi. Amma imala jireenyaa waliin eegallee jirra. Mee rakkoowwan ati jireenya keetti fidde yookiin akka namoonni biroon sirratti raawwataniif isaaniif heyyamte mara yaadi. Mee rakkoowwanii fi gufuuwwan jireenyaa kanarraa utuu walaba taatee maal akka uumuu dandeessu yaadi.”  Qabiyyee kitaaba isaa kanas ta’e, seenaa gabaabaan waa’ee nama jabaa kanaa waan guddaa tokko nama barsiisa. Innis abdii kutachuu dhiisuu dha. Ati inni seenaa kana dubbisaa jirtus waan ajaayibaa tokko akka irraa hubattu shakkii hin qabu. Yaada kee keessattis milkaa’ina nama harkaa fi miilla malee dhalate kanaa fi seenaa jireenya kee waliin madaalchisaa akka jirtu nan amana. ‘Inni eessaa ka’ee eessa ga’e?’ jettee of gaafachuun, atis eessaa ka’uun eessa ga’uu akka qabdu yaadaa jirta jedheen tilmaama. Eeyyee, anis akkuma ati akkasitti yaaddu barbaadeen seenaa kana haala kanaan qindeessee siif dhiyeesse malee, waa’ee miidhama nama kanaatiif gadditee akka ati hidhii xuuxxuuf miti. Inni har’a nama namni gaddeefii ‘anaa nyaatu!’ ittiin jedhu miti.
نمایش همه...
👍 20 14🥰 2😍 1😭 1
Photo unavailableShow in Telegram
“Ofii koon alatti namni na jabeessuu fi na honnachiisu hin jiru” jedhee ofii isaaf jaalala qabaachuu eegale.
نمایش همه...
10🥰 3