cookie

ما از کوکی‌ها برای بهبود تجربه مرور شما استفاده می‌کنیم. با کلیک کردن بر روی «پذیرش همه»، شما با استفاده از کوکی‌ها موافقت می‌کنید.

avatar

Walaloo Oro🇨🇦💎️

نمایش بیشتر
فنلندة3 557زبان مشخص نشده استدسته بندی مشخص نشده است
پست‌های تبلیغاتی
223
مشترکین
اطلاعاتی وجود ندارد24 ساعت
-17 روز
-330 روز

در حال بارگیری داده...

معدل نمو المشتركين

در حال بارگیری داده...

Daangaa Jaalala koo . Sin jaaladha yoon jedhu Dhuguma onneerraa Shakkii malee fudhadhu Sin nyaatinii garaa . Ammam na jaalattaa? jettee nan gaafatin Jaalalli urjiidhaa Beekaniin lakkaa'an @A4mulaa_jireenyaa
نمایش همه...
Gubataa Qaama koo Isa wayyaan dhokse Hubamaa yada koo Si ilaaleen obse! Si malee goonkumaa Akkan orma hin yaanne Siif mirkaneessuudhaaf Siif boo'ee hin maraannee..? Akkamiin dagattee Akkas jetta koodee Takkaamaaf si nuffee Yoomuman siin oode..? Anooo.... Maqaa siif jijjiireen Mararteen si waamaa Maalif jaalala koo Goota ibsaa dhaamaa? @A4mulaa_jireenyaa
نمایش همه...
Maalif wal sodaannaa Silaa wal jaalannaa Ifa baasuu baannus Maddii maddii deemnee Inuma haasofnaa Eenyumayyuu caalaa Waliif ni dhiphannaa Sagalee walii osoo hin dhaga'in Buluuf ni rakkannaa Kanarra maal eegnaa Dhugaa walitti Himneet Akka taane taanaa . @A4mulaa_jireenyaa
نمایش همه...
Urgaa gaarii natti biiftee Ati dhufnaan fuula iftee Rakkinni koo na dhokata Onneen kiyyas ni boqota Miira gaddaa narraa qola Kolfeen seeqa natti tolaa Burqaa kootu ol mirgisaa Haamileen koos ni lalisaa ~ Kanaafuu Kanin baase sitti himadhu Fuulla ifaan na simadhuu❤️‍🔥 𝔖𝔬𝔯𝔦 ♡ @A4mulaa_jireenyaa
نمایش همه...
#Dursii_hubadhu! Bara durii namicha duuti mootii biyya bulchu tokkootiin itti murtaa’etu ture. Guyyaaf halkan dabaree wal jijjiiruun guyyaan du’a isaa itti dhiyaate. Guyyichi gaafa gahu, bakka jiruutii barbaadamee akka dhiyaatee murtoo isaa fudhatuuf ajajni bahe. Namichis qabamee dhiyaate. Ta’us, mootichi filannoo biraa kennuufii jaalate. Akkana jedheenii, “Yoo ati bishaan biikerii guutuu sitti kennamu kana saffisa siin jedhamuun, hanga bakka murtaa’e geessee deebitutti dhangalaasuudhaa baatte, du’a ni oolta. Garuu, dhangalaafte taanaan dachaa dhiphifamuun ajjeefamta.” Namichis gammachuu guddaadhaan, “Naaf ta’a yaa mootii!” jechuun deebiseefii. Filannoon namicha kanaa, mooticha dabalatee namoota gamaafi gamanaan isa ilaalan ajaa’ibsiisee ture. Kanarraan kan ka’e, tutni namoota sanaa iddoo lamatti hiramee ture. Gareen tokko ni deeggaru, nikolfuufii; gareen biraan immoo, itti kolfuu ittis qoosuun mogoleefi haamilee isa buusaa turani. Deeggartoonni isaa, “Yaa namicha gamna nanaa, filannoonkee akkam gaariidha! Dhugumatti, kana gochuunis lubbuukee ni oolchatta…jabaadhu!” jechuun harka isaanii walitti reebuun isa jajjabeessuuf wacu turani. Faallaa kanaan, kanneen mogolee isa buusan immoo, “Wayi yaa namicha isa filannoo isaan dhiphifamanii du’uu bitachuuf dhama’u nanaa! Maaliif wanta hin taaneef fiigda? Silaahoo bishaan biikerii keessaa kun yommuu baattee deemtu dhangala’uu hinhafuuti, ammuma murtookee hin fudhattuu?…lakkii siif wayya!” jechuun dabaree isaanii itti wacu. Osooma tutni kun bitaaf mirgaan itti marsanii jiranii, akka deeggartoota kubbaa miillaa, namichi kun bakka jedhame kana gahee deebi’e. Bishaanichi biikerii keessaa guutuudha…hindhangalaane. Mootichi baay’ee ajaa’ibsiifachuun itti marmee, “Baga gammadde….baga du’a oolte!” ittiin jedhe. Dhumarratti, mootichi namicha kana gaaffii gaafate, “Namoonni hedduun sitti marsuun kaan siif, kaan immoo sitti wacaa turani. Sagaleen waca isaaniifi sosochiin dhiichisa isaanii asiifi achi, garanaaf garas sin ilaalchifnee? Akkamittis fuuldurakee qofaa ilaaluun haala kanaan dorgee kee xumurte? Namichis, “Yaa mootii barri mootummaakee haadheeratu! Edaa namoonni na marsanii turanii? Ani nama tokkoyyuu hin argine. Sagalee nama tokkoos hin dhageenye. Sababiin isaas, ijjikoo sochii dambalii bishaan biikerii sana irra waan jiruufi. Dhageettiin gurra koos asuma kanarra jira. Kunis, filannookoo osoo hintaane dirqama jiraachuukooti; lubbuunkoo biikerii bishaan baatu sanarra waan jiruufi. Gurrakoo gara biraaf yoon ergise, gara sana ilaaluun koo hinhafu. Akkas taanaan, bishaan kun dhangala’uun isaa nama hins hakkisiisu. Bishaan dhangalaanaan, nan du’a. Kanaaf, dhageettiin gurrakoofi agartuun ijakoo, akkasumas yaaduun sammuukoofi dhahannaan onneekoo, iddoo barbaachisaa isa ta’e lubbuukoo oolfachuu danda’urra waan ta’eefi” jechuun mootii sanaaf deebise. Kanaanis du’a oolee jedhama. •~>Gaafa sochii eegaltu sirrattis sochiitu eegalama. Waa'eenkee karaa lamaan odeeffamuu itti fufa. Kaan sababa malee si jibba, sirratti odeessa, maqaakee faalee dhiisuu dida, dhagaa filee sitti darbata. Kaanimmoo ofitti si waama, harka walitti siif rukuta, dibbee siif reeba! Kan sitti wacu gargaartee sagalee wacaa ol kaasuun, gurra gara kaayyoo kee hinbutuchiin; dhagaa sitti darbamuu walitti qabi, riqicha ce'umsaafi mana galmaa ittiin ijaarratta; jechoota sin ilaalle sitti maxxanan immoo akka dubbii waa'ee hinbaafneefi balfa gatamaatti fageenyatti ofirraa eegi. Akkanuma, kan si faarsu faana of hinfaarsiin; gaafa si arrabsu faana of arrabsuu malta. Sagalee weedduu iddoo siif hinmalletti miirri siif kennu dhageessee, weedduufi gonfoo gaara mo'ichaa irraa akka hinhafnetti of eegi. Eeyyeen, kan siif laatu kennaa isaa dura, eenyummaa isaa adda baasi. Hubataa ta'i! Kan siif jibbu jaalattee, kan si jibbu hinjibbiin. Kan siif reebu ol kaastee, kan si reebu reebuuf yeroofi anniisaa kee hingubiin. Dursii hubadhu! Madda: Kitaaba Sansakkaa Sakaalame Dubbisuufi barreessuun ittuma fufa!
نمایش همه...
👍 4 3
Harmee... Kuftee kaatee Galtee baatee Sagal aadda Anaaf yaadda Guyyaatti al kuma guungmtee maqaa Waaqayyoo waamaa Jilbaaf imimmaaniin kuftee waa'ee koo Rabbitti dhaamaa Dhibee danuun gadadamtus waa'ee kootu si yaachisa Qarreef qoree gidiraa'rra yaada kootu si kaachisa Illeen dafqa, ijaan imimmaan cobsaa Erbee kafana keen haxooftee nama dhoksaa Akka soddomman uumaa booroo kudhan Obsaa... Saphaphuu'rra marmaaru kee faana koof gumaachuuf dhaabbii Fayyaa kee naaf haa gadamsu
نمایش همه...
👍 1
MAXXANSA SEEDAA KEETII Nan yaadadha; Jecha kee afaanii ba'ee, fajachee na booji'e Isa ijaan walii gallaan kokkeetti immoo si hafe,qaroon ija keenyaa jecha bakka bu'ee Har'a adda fagaannus; Ashaaraan faana keetii natti as adeema, waaroo caagi'oo baatee! Taphnii fi Kolfi kee durii lubbuu koo cinaatti godoo hin jigne ijaarratee Yeedalaan naan taphata ergaa imimmaanii agartuu kootii baatee. Maasiin jaalalaa alasii sanyii 'rra facaafne, haamaan isaa hin ga'e nuti adda fagaannne Addeessa kaleessa nu miidhagseen deebinee, Do'ii taajjabbii taane! Kunoo.... Wadaroon faana keetii Kaleessaatti na hidha Bor akkamiin naaf birmata ofkoo waliin, har'a kootiin nagaa hin qabu wal ooddeedha. Ilaali; Muffii fi kolfi keenya,hawwii fii abjuun keenya, kaasseetta seedaatti xaxamee Barruun qixaa'ee tolfamee,akka si hin daganneef maqaa keetiin maxxanfame! Kunoo alan dubbisu maxxansi seedaa keetii har'a na dagachiisa Fuulduratti yoon deemu dudduuba na 'laalchisa! @Walaloo Oro🇨🇦💎
نمایش همه...
👍 1
Yaa uumaa koo yaa guddaa koo Natti hin dhiisiin muddama koo Qalbii kootu na rifataa Qaama kootu wal qirchataa Nagaa dhabeen beelli dhufee Qulqullutu qeetti Kufee Gurraacha koo mooti hundaa Nurraa dhiqi koottuu gaddaa Naa soroorsii okkola koo Walii galchi obbolaakoo Murtee kenni kan saba koo Mee naa suphii eelaa kankoo Hallaallicha harki biluu Kan si caale homtuu hin jiru Nuuf birmadhuu dhiqi cubbuu Sabakoo baraari lubbuu Gurraacha koo mooti hundaa Nurraa dhiqi koottuu gaddaa Siin furama ijjibaannii Araaruma koo furmaannii… @@Walaloo Oro🇨🇦💎
نمایش همه...
1
An; Ofii koo caala akkan siif yaadu Siif bil jedhee akkan badu Akkan si jaaladhu siif ibsuuf Si jiraachisee of cillimsuuf Ofii keetti si amanee hin du'u Duuti koo kankee booda haa ta'u @Walaloo Oro🇨🇦💎
نمایش همه...
Kottu giifti, Dimimmisi yoo dhiyaatu Yandoo yaadaa dheessinaa Jal-buusee garaa buufnee Biiftuu geggeessinaa, Gaafa aduun gala kaatu Halluu samii miidhagsu Hurrii toora dhabullee Mil’annaan miira ibsu, Qindaa’inaa fi faca’iinsi Akka hin taane waliif faallaa Qalbiin akka hin daganne Teenyee wajjin ilaallaa, Foolii nagaa ulachaa Miira walitti hirkifnaa Xiqqoo wajjin haasofnee Baay’ee wajjin callifnaa, (Sababni) Gad-fageenya miira keessaa Gaafii jechi, ni daangessa! Hin hafin, Ammumaa fi asuma Kan jiru sharafannaa Mi’aa fi miidhaga keessatti Of argachuuf of dhabnaa, Kottu! Kottu giifti, Dimimmisi yoo dhiyaatu Yandoo yaadaa dheessinaa Jal-buusee garaa buufnee Biiftuu geggeessinaa, Gaafa aduun gala kaatu Halluu samii miidhagsu Hurrii toora dhabullee Mil’annaan miira ibsu, Qindaa’inaa fi faca’iinsi Akka hin taane waliif faallaa Qalbiin akka hin daganne Teenyee wajjin ilaallaa, Foolii nagaa ulachaa Miira walitti hirkifnaa Xiqqoo wajjin haasofnee Baay’ee wajjin callifnaa, (Sababni) Gad-fageenya miira keessaa Gaafii jechi, ni daangessa! Hin hafin, Ammumaa fi asuma Kan jiru sharafannaa Mi’aa fi miidhaga keessatti Of argachuuf of dhabnaa, Kottu! @Walaloo Oro🇨🇦💎
نمایش همه...
یک طرح متفاوت انتخاب کنید

طرح فعلی شما تنها برای 5 کانال تجزیه و تحلیل را مجاز می کند. برای بیشتر، لطفا یک طرح دیگر انتخاب کنید.