cookie

ما از کوکی‌ها برای بهبود تجربه مرور شما استفاده می‌کنیم. با کلیک کردن بر روی «پذیرش همه»، شما با استفاده از کوکی‌ها موافقت می‌کنید.

avatar

Ammar Ababiya - አማር አባቢያ

Kottaa kayrii woliif dhamnee Hamtuurraa wol dhorkinaa waan beeknurraas wooli qoodaa Diniittii tola oollaa "Yaada keessan nuuf dhaama hamlees nu jajjabeessaa maal jettumee yaannii keessaan Nasiihaa maal naaf dhaamtanii" ||Yaadaaf📩 @Amaar70_Bot

نمایش بیشتر
فنلندة870زبان مشخص نشده استدین و مذهبی13 974
پست‌های تبلیغاتی
6 740
مشترکین
+2024 ساعت
+2887 روز
+1 27130 روز

در حال بارگیری داده...

معدل نمو المشتركين

در حال بارگیری داده...

*|[ Dubartiin Dhiira Malee Qiixaaxamtuudha taati. Dhiirriniis Dubartii Malee Qixaaxamaadha. Haa ta'uu Malee Yeroo Abbaan Manaa fii Haati Manaa Lamaan Wal-Gitan Walitti qabaman; Kuni Guutamiinsa ni'imaa irraayi. ]|*. الشيخ د الصالح الفوزان حفظه الله [ﺇﻋﺎﻧﺔ ﺍﻟﻤﺴﺘﻔﻴﺪ (2/220)] 📚 📕🖌تغريدة نور على الفيس[   12 ] #NourTweet
نمایش همه...
👍 16 4🥰 2
*|[ har'a Towhiida keessan tolchitanii Mirkaneeffachuuuf tattaafadhaa; Isa Malee Wanti Rabbittiin ﷻ Nama ga'u hin jiru. Haqoota Rabbiitiin ﷻ Dhaabbachuurratti bololaa; Isa Malee Wanti azaaba Rabbii ﷻ Jalaa Nama baasuu hin jiru. ]|*. Ibn Rajab-Rahimahullah كلمة الإخلاص 45. 📕🖌تغريدة نور على الفيس[   12 ] #NourTweet #al_suniy
نمایش همه...
👍 3 1
*|[ Wal-dhabbiin argamuu qofaan Wal-diinoomfachuun Manhaja [adeemsa] Salaftootaa miti. Salaftoonni haala namichaa fii qabatama dubbichaa irratti hundaa'uun [ haala waldhabdichaa] adda baasanii ilaalu. Niyyaan Qulqulluu ta'uu wajjiin Wal-dhabdeen Jaalala hin balleessitu ]|*. 🎙الشيخ محمد بن عمر بازمول حفظه الله
نمایش همه...
👍 3 1
*|[ intalti taabi'oota irraa taate takka akkana jetti " subhaanaka yaa rabbi Karaa ati nama hin qajeelchin maalumaatu akkanatti dhiphise. Subhaanaka Karaa ati isa keessatti bohaarsaa namaaf hin tahin maalumaatu akkanatti Mukheeyse [dibbirtii keessa guute]. ]|*. Ibn Quteyba || عيون الأخبار 1/245
نمایش همه...
👍 5 2🥰 1
*|[ Rasuulliﷺ akkana jedhan " irra caaltuun dubraa isii yeroo ilaalte si gammachiistu,kan yeroo ajajje siif ajajamtu fii isii yeroo ati fagaatte lubbuu isii fii qabeenya kee tiksituudha." ]|*. صحيح الجامع 3299
نمایش همه...
👍 14🥰 5 4👌 1
5👍 2
*|[ Jumu'aa fii iida dhaquuf jecha Uffataa adii uffatuun Jaalatamaa ta'uu keessatti hanga beeknu Garaagarummaan Ulamaa jidduu hin jirtu ]|*. Haafiz Ibn Rajab-Rahimahullah فتح الباري ٨/١١٩ ★. Adii keessan uffadhaa!! Foaaaah jedhaa jumu'aa keessan!! 📕🖌تغريدة نور على الفيس[ 12 ] #NourTweet #al_suniy
نمایش همه...
6👍 2
*|[ ati inni salaata fajrii har'aa jama'aadhaan salaatte; Baga Gammadde . Salaata rabbi biratti irra caalaa ta'e akka salaatte yaadadhu. Carra qabeeysa namaati . Rasuulli ﷺ " irraa caalaan salaatootaa Rabbiﷻ biratti Subhii guyyaa jumuaa Jama'aan Salaatuudha " jedhan صحيح الجامع ١١١٩ ]|* 📕🖌تغريدة نور على الفيس[ 24 ] #NourTweet
نمایش همه...
👍 8 1
★. Barbaachisummaa Siiraa Rasuulaa ﷺ barachuu fii Sadarkaa isiin qabdu!. 1. Seenaan Rasuulaa ﷺ Madaala Hojiileen ittiin Madaalamtuudha. Hojiileerraa Wanti Qajeelfamaa fii adeemsa isaatii wajjiin Walsimate fudhatamtuudha,akka Shari'aan barbaaddutti irratti jirti. Wanti immoo Qajeelfamaa fii Adeemsa isaatii wajjiin Wal hin simne fudhatama hin qabdu deebifamtuudha. 2. Seenaa Rasuulaa ﷺ barachuun Suuraa bareedduu itti hidhatan, Nabiyyii ﷺ kabajamaa fakkeenya olaanaa ilmaan namaatiif ta'e sun irra guddoo bifa isaa fuuldura namaatti Namootaaf taasisti. Kanaaf Jecha Rabbiin akka nuti hindhannoo taasifannu nu ajaje. { لَّقَدۡ كَانَ لَكُمۡ فِی رَسُولِ ٱللَّهِ أُسۡوَةٌ حَسَنَةࣱ لِّمَن كَانَ یَرۡجُوا۟ ٱللَّهَ وَٱلۡیَوۡمَ ٱلۡـَٔاخِرَ وَذَكَرَ ٱللَّهَ كَثِیرࣰا } [Surah Al-Aḥzāb: 21] 3. Seenaa Rasuulaa ﷺ barachuun Kitaabaa Allaahaa ﷻ hubachuu fii itti Dalaguu irratti gargaarsa namaaf taati. Kuniis Haalli Rasuulaaﷺ Qur'aana ture. Jiruun isaa  ﷺ guutuun Qur'aana Hojiirra oolchuu fii Isatti Dalaguu turte. 4. Seenaa Rasuulaa ﷺ barachuudhaani Jaalalti isaa Dabalti. Kunis Moggaalee jireenya Isaa Gurguddoo san beekuudhaani. Rasuulli ﷺ " hangaan ani Haadhaa fii abbaa isaa,ilmaan isaa fii Nama hunda Caalaa isa biratti irra jaalatamaa hin ta'initti tokkoon keessan hin amanu " jedhan. 5. Haalaa fii amalli Rasuulaa ﷺ fii Seenaan isaa Adeemsaa fii Karaa Guddaa Namni Muslmaa kan addunyaa fii aakhiratti  Kheeyrii fii jireenya gaarii bareedduu barbaadu irra deemuudha. 6. Seenaa Rasuulaa ﷺ barachuun Dhaloota Guddoo hiriyyaa hin qabne; Dhaloota Sahabaa,Ejjenoo isaan Rasuula ﷺ Wajjiin qaban,Khidmaa isaan Shari'aa khaddaman,Lubbuu ilmaanii fii qabeenya isaaniitiin Isa fidaa baasaa turui isaanii fii Jechaa fi gocha ajajaa fii dhoorkaa hunda keessatti bolola isaan isatti hidhachuu irratti qaban barachuu fii beekuutu keessa jira. Kunimmoo karaa fii sababa guddaa ittiin isaanitti hidhachuuti. 7. Seenaa Rasuulaa ﷺ barachuun ; aqiidaa irraa jalqabdee,ibaadaa,fiqhii fii Din islaamaa Guutuu hubachuurratti Nama Gargaarti. Sababni isaas Jireenyi Rasuulaa ﷺ Guutuun Diin hojiirra oolchuu fii itti Dalaguu ture. 📕➻. السيرة النبويّة 1 || ZAD Academy #Seenaa_Nabi_Muhammad_ﷺ
نمایش همه...
⭕__||. Namni tokkolleen Sunnaa fii Warra Sunnaatti Duuleetuma Salphatee caphu Malee hin hafu.
نمایش همه...
👍 8 1🔥 1