SAGALEE HAFTUU-የ ቅሬታ ድምጽ
رفتن به کانال در Telegram
SAGALEEN HAFTUU SAGALEE KEESSAN!! የቅሬታ ድምጽ የርስዎ ድምጽ ። Contact us : @melkamuleta Call Now +251962151311 https://www.youtube.com/@Melkamuleta
نمایش بیشتر1 817
مشترکین
اطلاعاتی وجود ندارد24 ساعت
-77 روز
-1630 روز
آرشیو پست ها
Repost from GYC Ethiopia (generation youth for Christ)
Waamicha dargaggootaaf dhiyaate part 1
Gooftaan dargaggoota humna hojii isaaf deeggarsa godhan godhee isaan ramadeera.
Shaakala dhugaaa kan fudhatan dargaggoota loltuu akkasii qabaannee isa fannifamee fi isa yeroo dhiyootti mul'atu fayyisaa keenya ergama isaa fudhannee gara fulduratti ni adeemna.
Hooggansi barbaachisaanii fi jajjabinni yoo isaaniif kenname har'a hojii bal'aa hojjechuu kan danda'an raayyaa dargaggootaa qabna.
Ijjoolleen keenya dhugaa akka amananii fi eebba waaqaa akka argataniif fedhii qabna.
Dargaggoota biroof gargaarsa gochuu kan isaan dandeessisu,caaseffama sirritt ijaarame keessatti hiree akka fudhatan barbaanna .
Dargaggoonni dhugaa sirritt bakka bu'uu
akka danda'aniif abdii keessa isaanii jiru namoota biroof hiruu akka danda'anii fi dandeettii addaa kan itti qaban toora tajaajilaa addaa keessatti waaqayyoof kabaja akka kennaniif leenjiin haa kennamuuf. Tajaajila kiristiyaanaa fuula 41
Ergaa gaggabaaboo dargaggoota dadammaksu argachuuf fuula Facebook RAY Ministry follow, share godhaaa
👇👇
https://www.facebook.com/profile.php?id=61589221056270
GAAFFII AMANTOOTAAF GAREE DEEBII KENNUU IJAARUU MALEE HOJII KEENYA DHIISUU HIN QABNU!
Yeroo waldaan ergamootaa gara garuummaa yaadaa, of tuulmaa isaanii, anatu beekaa fi anatu caalaa isaanii of gidduudhaa balleessanii, sagalee tokkoon dubbii waaqayyoo lallabaa turanitti lubbuun fayyu dhibbootaan, kumootaan isaanitt dabalamaa turan.
Baayyinni isaanii akkaan dabaluun oduu gammachisaa ta'ee utuu jiruu faallaa isaammoo wanti keessummaan tokko uumame. Yihuudonni afaan Giriikii dubbatan, warra afaan Yihuudotaa dubbatan irratti gunguman. Maddi gungummii isaaniis dhimma soorataa ture. Seexanni mata duree gaarii namootaaf yaaduu fakkeessuun gara waldaa ergamootaa seenee bittinsuu barbaade. Warri wal lolan kun saba tokko waldaa tokko.
Gaaffiin haadholiin hiyyeessaa Keenya dagatamuu hin qaban jedhu gaaffii sirriif dhugaadha, haa ta'u malee seexanni ajandaa kana ittiin waldaa bittimsuuf, sochii tokkummaa bartootaa kana cabsuuf, babal'ina wangeelaa dhaabsisuuf gaaffii kana daandii godhate.
Yeroon isaa bartootaaf yeroo ulfaataa ture, lolliif ari'annaan humna guddaan isaan irratti banamee jira. Ari'annaan mootummootaa isaan bittimsuu, lallaba isaanii dhaabsisuu hin dandeenye, inumaayyuu ittuu jabeesse, aarsaan isaanii sanyii ta'ee margaa ture. Kun seexana akkaan bobeesse, kanaafis humna keessoo laaffisuuf gaaffii sirriif dhugaa ta'e waldaa keessatti kaase, qaamoleen gaafatan bartoota irratt gaaffii kaasan, sabas ijaarratan amantoonni saba tokko, waldaa tokkoo wal jibbuu wal qooduuf ka'an. Yeroo sanatti wal jibbuun, wal qooduun, wal irratti gungumuun isaan irra hin turre. Inumaayyuu yeroo kam caala tokkummaa amantootaaf tajaajiltootaa cimsanii diina waldaa kristiyaanaa dura dhaabbachuutu isaaan irra ture.
Waldaa kristiyaanaa keessatti lolli keessaaf alaan dhufu waan nama dinqisiisu mitii, waldaa dhugaatti lolli ni baayyata. Yeroo tokko tokkoo immoo waaqayyo waldaa isaatti buubbee ni erga, addas ni facaasa, walittis ni qaba, Tooftaa waaqayyo bartoota ormoota akka qaqqabaniif itti fayyadame keessaa inni jalqabaa ari'annaa itti erguudhaani.
Yerootti Lolli keessoo tajaajiltoota irratt banamu, gungummiin sabaa heddummatu, gaaffiin sirriif dhugaa ta'e gartuu tokkorraa dhufu furmaatni kan argamu tooftaa bartootaa fayyadamuu qofaani.
" Yommus warri kudha lamaanuu tuuta amantootaa walitti waamanii, "Nuyi soora jara kanaaf kurkuruudhaaf jennee, dubbii Waaqayyoo lallabuutti hir'isuun nuuf hin ta'u. " (Hojii Ergamootaa 6: 2)
HAALA KAM KEESSATTUU WALDAAN HOJII ISHEE DHAABUU HIN QABDU!
Akkuma barattootni nuti soorata keessaniif kurkuruuf jennee hojii lallabbii wangeelaa dhaabuu hin qabnu jedhan jechuu qabna.
Kaleessas, har'as, borus waldaa keenya sadarkaa gadii haga oliitti gaaffiin irratti ka'aa ture, har'as itti jira borus ittuma fufa. Gaaffiichis deebii kan barbaadu, gaaffii haqaaf sirrii ta'uu mala. Haa ta'u malee gaaffii kana deebisuuf hojii hundumaa lafa keenyee miti. Utuma hojjennu, deebisuu qabna. Yoo hojii hiikne seexanni ni milkaa'a waan ta'eef.
Wal dhibdee waldaa keenya keessatti argamaa jiruufis har'a tooftaa bartootaatti dhimma bahuu qabna. Gaaffii gaggeessitoota irratti ka'aa jiruuf amantootnis, gaggeessitoonnis hojii dhaabuu hin qaban,
Har'as Yeroo ajandaan wal dhibdee akkasii ka'u, waaqayyoon kadhatanii namoota gaaffii kana deebisan filachuun qarummaadha. Biyyi lama yoo wal lolteyyuu garee araaraa hundeessuun mariif marabbaan faloo fidu.
Gaggeessonni , Lallabdoonni, faarfattootni fi amantootni marti hojii guddaa hojjechuu qabnu dhiisnee yoo ajandaa yeroo yeroon dhufutti mataa cabne, moo'ataan seexanadha , kan moo'atu isa hojjechaa kadhatuu fi mari'atudha.
@ONEVOICE27 HIN DAGATIINAA
Garee galata guddaa Barattootaa fi amantoota Adventistii biraa qabu kana meeqan keessantu beeka!
Maqaa guutuun isaa Society Ethiopian Adventist lay members yoo jedhamu , gabaabinaan #SEAL jedhamee waamama.
Gareen kun bara 2013 , hojjettoota mootummaaf miti-mootummaa fedhiin wangeela hojjetaniin kan hundeeffame dha. Hundeeffama isaa irraa eegalee haga har'aatti hojii gurguddaa hojjetaa jiru.
Addumatti abukaattoo barattoota Adventistii ta'uun qormaata rimidiyaalii, exit exam fi COC Sanbata irra oolu dura bu'ummaan Akkaadamii Yuuninee baha Itiyoophiyaa wajjiin ta'uun gaaffii barattootaa ministeera Barnootaan gahuun falmaa kan turanii fi jiranidha .
Gareen kun miseensa boordii 21 kan qabu .
Dura taa'aa fi hundeessaan garee SEAL Dr #Warquu_Nagaash jedhama. yeroo ammaa gorsaa olaanaa ministeera barnootaa ta'uun hojjetaa jiru.
Dr Warquun nama qaalii waldaan Adventistii qabnudha. Akkuma Asteer mana mootummaa keessatti saba Israel oolchuuf dhaabbatte, Dr Warquunis Barattootaa fi hojjettoota Adventistii sababa Sanbataaf rakkachaa jiraniif waaqayyo aangoo mana mootummaa keessaa kenneef. Nami kun nama gad of deebisee mana waaqayyoo keessa tajaajiludha, nama xiqqaaf guddaa dhaggeeffatudha, nama hinaaffaa guddaa dhugaa waaqayyoof qabudha.
Waggaa sadi dura sababa qormaatni exit exam sanbata irra ooleef, Dr Warquu wajjiin wal bare, schedule qormaataa Sanbata irra yennaa oolu durseen isaaf ergee quunnamaa ture. Dhimma hojii guyyaa Sanbataa paarlaamaan biyyattii raggaasisee utuu jiruu sodaa tokko malee gaaffii keenya qaama ilaallatu biraan nuuf gahaa, nuuf falmaa ture. Yeroon isa dubbisu akkas naan jedha ture. Waa'een wallaansoo Sanbataa ittuu jabaachaa deema, haguma inni jabaatu nus kadhannaa fi yaalii keenya caalatti jabeessuu hin dhiisnu, ani wantan danda'u gochuuf sekoondii tokko hin dhibaa'uu sin barattootni wal jabeessaa jechuun natti dubbataa ture. Murteef amantiin isa keessatti argu akkaan hamilee natti hora. Odeeffannoo update ta'ee fi oolmaa ministeera barnootaa oolan yeroon nu qaqqabsiisa.
Rakkoo barattootaa Sanbata wajjiin wal qabate hundee irraa furuuf Gareen SEAL hariiroo Akkaadamii Yuuninee baha Itiyoophiyaa fi ministeera barnootaa cimsuun jabeessee irratti hojjechaa jira. Baayinaan Guyyaan eebba yunivarsitoota Sanbata irra waan ooluuf akka Adventistootaatti waaqayyoon waaqeffachaa, guyyaa Sanbataa amantoota ofii gidduutti barattootni akka eebbifamaniif sagantaa eebbaa marsaa 4ffaa Sanbata darbe qopheessaniiru. Barattoota Adventistii kallattii hundumaa irra bakka tokkotti fidanii eebbisuu caala eebbiif gammachuun hin jiru.
Gareen kun waggaa waggaan Sagantaa eebbaa guddaa ta'e Yuuninee baha Itiyoophiyaa, fiildii giddu galeessa Itiyoophiyaa fi hope channel Ethiopia wajjiin ta'uun ni qopheessa. Kanaafis galata guddaa nu biraa qabu. Garee akkasii qabaachuun nama boonsa. Nus akka miseensaatti Garee SEAL bira dhaabbachuuf dirqama qabna, eebbifamtoonni immoo dursitanii galmaa'uun sagantaa eebbaa guyyaa gooftaatt mana waaqayyoo keessatt taasifachuuf qophaa'aa.
Barattoonni koollejjii fi yunivarsitii adda addaa irraa barachaa jirtaniif ganaa barachuuf jirtan Garee SEAL wajjiin wal baraa, hariiroos waliin qabaadhaa, Waldaaf yunivarsitii jirtanitti affeeraaa.
Utuu gareen SEAL jiruu, waa'ee Sanbataaf rakkachuun hin jiru, falli isaan bira jira, isaaniin wal baraa!!
Garee #SEAL Galatoomaa🙏 🥰 🙏
@haftuvoice
https://youtu.be/fkwybuAaW-0?si=7idMGMt_cJygk6ci
🎙 F/ttuu: YADENI GENA
✍️ Mat-duree: siini waaqessaa
Ittiin eebbifamaa share share godha namota hundaa dhageessisaa
Repost from Haftuu Production
🎶#SAMII_YAADAAN_SI_WAAQESSA!🙌
Faar/taa Biqilaa Eliyaas📢Yeroo Dhiyootti Eeggadhaa!💫 @haftuuproduction
📢 WAAAMICHA LALLABA WANGEELAA FIILDII KIBBA BAHA ITOOPHIYAA (SOUTHEAST ETHIOPIA FIELD)! 📢
HIRRIBA KEESSAA KAA'I! 🎺 Sa'atiin dhumateera, makariinis (midhaan sassaabamu) baay'eedha. Har'aa kaasee Guyyoota 60f Sagalee Xurumbaa Wangeela Keessaa ol Kaasuu jalqabna!
Wamichi kun hunda keenyaafi! Paastoroota Dirree keenyaa, lallabdoota wangeelaa, hojjattoota Kitaaba Qulqulluu (Bible Workers), miseensota koree waldaa (Church Board), dargaggoota fi miseensota waldaa hunda keenyaaf—wanti hundinuu qophaayeera!
Yesuus akka nuyi hirriba daaddabaa keessaa kaanee gara iddoo hojii isaatti amanamummaadhaan deemnu nu waama. Akkuma Luqaas boqonnaa 10 irratti barattoota isaa lama lamaan erge, nuyis wangeela ergama warra ergamoota sadanii maatii keenyaaf, firoottan keenyaaf, ollaa keenyaaf, biyya keenyaaf fi addunyaa maraaf tokkummaadhan, humnaan fi jaalalaan labsuuf waamicha qabna.
🗓️ Guyyoota 60’n Dhufan Keessatti Hojiiwwan Nuyi Waliin Hojjannu:
Wangeela jecha qofaan hin lallabnu; miseensi waldaa hundi sochii kanaan tajaajila qabatamaa ni kenna. Guyyoota kanneen keessatti:
• Barreeffama Wangeelaa Raabsuu: Tiraaktota, barruulee (newsletters) fi kitaabota dhugaa qaban raabsuu.
• Tajaajila Hojii Fayyaa (Medical Missionary): Gorsa fayyaa fi barnoota fayyaa tola kennuu.
• Tajaajila Haawaasaa: Magaalota keenya qulqulleessuu fi warra rakkatan gargaaruu.
• Dhugaa Ba'umsa Dhuunfaa: Wanta Kiristos nuuf godhe namoota hundaaf dhugaa ba'uu.
📜 Dubbii Waaqayyoo
Eegasii gooftichi ammas namoota biraa torbatama fo'ate; achitti iddoo fi magaalaa itti deemuuf jiru hundumaatti lama lamaan ifaan dura isaan erge."
— Luqaas 10:1
🙏 Kadhannaadhaan Jalqabna
Sochiin guddan kun humna namaatiin hin ta'u. Hundi keenya—paastoroota irraa kaasee hanga miseensota waldaatti—lama lamaan yeroo baanu Hafuura Qulqulluun akka nu geggeessuuf adeemsa guyyoota 60 kana kadhannaa cimaadhaan jalqabna.
Yesuus waliin gara tajaajilaatti ba'uuf qophaa'oo dhaa?
@HAFTUVOICE
📢 WAAAMICHA LALLABA WANGEELAA DIRREE ITOOPHIYAA KIXXA MAANDHEE BAhA-KAACHAA (SOUTHEAST ETHIOPIA FIELD)! 📢
HIRRIBA KEESSAA KAA'I! 🎺 Sa'atiin dhumateera, makariinis (midhaan sassaabamu) baay'eedha. Har'aa kaasee Guyyoota 60f Sagalee Xurumbaa Wangeela Keessaa ol Kaasuu jalqabna!
Wamichi kun hunda keenyaafi! Paastoroota Dirree keenyaa, lallabdoota wangeelaa, hojjattoota Kitaaba Qulqulluu (Bible Workers), miseensota koree waldaa (Church Board), dargaggoota fi miseensota waldaa hunda keenyaaf—wanti hundinuu qophaayeera!
Yesuus akka nuyi hirriba daaddabaa keessaa kaanee gara iddoo hojii isaatti amanamummaadhaan deemnu nu waama. Akkuma Luqaas boqonnaa 10 irratti barattoota isaa lama lamaan erge, nuyis wangeela ergama warra ergamoota sadanii maatii keenyaaf, firoottan keenyaaf, ollaa keenyaaf, biyya keenyaaf fi addunyaa maraaf tokkummaadhan, humnaan fi jaalalaan labsuuf waamicha qabna.
🗓️ Guyyoota 60’n Dhufan Keessatti Hojiiwwan Nuyi Waliin Hojjannu:
Wangeela jecha qofaan hin lallabnu; miseensi waldaa hundi sochii kanaan tajaajila qabatamaa ni kenna. Guyyoota kanneen keessatti:
• Barreeffama Wangeelaa Raabsuu: Tiraaktota, barruulee (newsletters) fi kitaabota dhugaa qaban raabsuu.
• Tajaajila Hojii Fayyaa (Medical Missionary): Gorsa fayyaa fi barnoota fayyaa tola kennuu.
• Tajaajila Haawaasaa: Magaalota keenya qulqulleessuu fi warra rakkatan gargaaruu.
• Dhugaa Ba'umsa Dhuunfaa: Wanta Kiristos nuuf godhe namoota hundaaf dhugaa ba'uu.
📜 Dubbii Waaqayyoo
Eegasii gooftichi ammas namoota biraa torbatama fo'ate; achitti iddoo fi magaalaa itti deemuuf jiru hundumaatti lama lamaan ifaan dura isaan erge."
— Luqaas 10:1
🙏 Kadhannaadhaan Jalqabna
Sochiin guddan kun humna namaatiin hin ta'u. Hundi keenya—paastoroota irraa kaasee hanga miseensota waldaatti—lama lamaan yeroo baanu Hafuura Qulqulluun akka nu geggeessuuf adeemsa guyyoota 60 kana kadhannaa cimaadhaan jalqabna.
Yesuus waliin gara tajaajilaatti ba'uuf qophaa'oo dhaa?
@haftuvoice
+2
✨AYBAR GRAPHICS✨
💫GRAPHICS Design:
⭐️Banner Design
⭐️Youtube thumbnail
⭐️Social media posts
⭐️Church poster Design
⭐️Lyrics
⭐️Any Advertising
📱call us 0947215463
Telegram username: ⭐️@Acherab
Dafaa galmaa'aa
Konfiransii Kaampii Dargaggootaa Guutuu Finfinnee
📍Bakki: Mana Barumsaa Adventistii Guyyaa Torbaffaa Aqaaqii
⌚️Turtii: Guyyaa 10f
📅Guyyaa: Adoolessa 8 hanga 19, 2018 A.L.I.
Konfiransiin Kaampii Dargaggootaa kun sagantaa leenjii addaa guyyoota 10f walitti aansee kennamuudha. Leenjii kanaaf obboleessi keenya Andre Waller kan Ameerikaa irraa dhufu dabalatee barsiisota hedduu kan jaallataman jechuunis Zawuduu Sablawork, Xibabasilaasie Mangistuu, Galatoo Gammechuu, fi Abenezer Workuu waliin leenjii addaa waa'ee duuka-buutummaa (discipleship) ni kennu.
⚠️Bakka qabnu baay'ee muraasa waan ta'eef, dargaggoota dursee galmaa'an irratti dursa ni kennina.⚠️
📝 Galmaa'uuf, unka (form) armaan olii guutaa; gaaffilee hundas sirriitti fi guutummaatti deebisaa.
https://docs.google.com/forms/d/e/1FAIpQLSea9Vm5pJrFooivpeqeDGe8MvCwkkhoci_doEWipRUWCl4Zww/viewform
Repost from GYC Ethiopia (generation youth for Christ)
#Jalqabeera
Koottaa seenaa ittiin eebbifamaa
Hiriyyoota keessaniif share gochuun itti affeeraa
👇👇👇
https://t.me/RAYministry?videochat=877e7d83ff917d64c4
Repost from SOG Production
Yaadachisa miseensota aduveentistii guyyaa 7ffaa hundaaf, share qofaa gochuun nuu gargaara! Join gochuun dirqaama mitti fedhaa keessan irraatti hundaa'a, hundaafu gara yaadachisaatti🤷♂🤷♂🤷♂👇👇👇👇
✍Barumsaa sanbataa Guyyaa Guyyaan dubbisuu yoo ka barbaadan:
1.Afaan amariffaatiif 👉@SabbathSchool
2.Afaan oromiffaatiif 👉@sogproduction
✍Faaruuwwaan duraanif harawaa kan yoo barbaadan
1. Afaan oromiffaatiif👉@haftuuproduction
4. Afaan Amariffaatiif👉
@SDAsong
✍ Sagantaa kadhaa, faarfannaa fi Waaqeeffaanaa yeroo hundaa
1. Kan ganama ganama
✓Afaan oromiffaatiif
@hs11ffaa
✓Afaan Amariffaatiif
@ebenezerprayer
2. Kan galgalaa galgalaa
✓Torbanitti guyyaa jahaa👉
@FedhaanHojjaattootawongeela777
✓Torbanitti guyyaa sadii👉
@GOQDH7
✓sagantaa adda haala irraatti hundaa'uu
@a7d1y
√Akkasumas channeloota akka
©@haftuvoice
©@barumsasanbataa
©@DailyWordOfLife
©@LHICH2025
®@SDAyetnbit
©@AdventistEthio
©@sdabooks
fkkf yoo isiniti tolee fi tolee qofaa 👉Join gochuudha, irraa fayyadamaan dhaamsa @sogproduction tii, yaadachiisni xumuraa ammo channel Fi group
jiraan kana qofaa jechuu Kenna akka hin tanee nuuf hubaadhakanneenis kan asirraati isiinif kennef nuuf beeksisaa jedhan ykn nutii himatani osoo hin taanee; taarii namni channel Fi group kanneen keessa tokkos hin beekne ni jiraa ta'a, yoo beeke yoo irraa fayyadaame hoo? jenneeti kanaaf nuti akka @sogproduction tii gahee Kenna bayaneera. isiinis maatiin channel kana, group Fi channel kanneen alatti hafaniruu kan irraa fayyadamattan iddoo comment ttiiti nuuf bareessuu ni dandeessuu..... channel Fi group hafan ni jirtuu,adaraa nuu hin komaatinaa, dhiifama guddaa, Kun xumuraa mitti jalqabaa malee walii wajjumaan itti fufnaa...#walii_haa_tumsinuu...!!! #Yaa_nama_koo_ani_nama_atis_isumaa_innis_isheenis_sanumaa_nuu_martuu_kanumaa. #HALKAAN_GAARII_OLMAA_GAARII_QABAADHA.
Repost from SABBATH SCHOOL(ሰንበት ትምህርት )
#መልካም ዜና #ላላገባችሁ #ወጣቶች በሙሉ #ሰኔ 16,2018 የፊታችን #ማክሰኞ ጀምሮ በኢትዮጵያ ሰዓት ማታ 2:30 - 4:00 #የትዳር ስልጠና ተዘጋጅቷል ። በዚህ ግሩፕ ያላችሁ በሙሉ በዚህ ልዩ ስልጠና ላይ እንድትሳተፉ በታላቅ ክብር ተጋብዛችኋል ። ስልጠናው የሚሰጠው በonline #Sabbath #School #Telegram #Channel ነው ።
ለብዙ ሰው እንዲደርስ ለሌሎች #Share አድርጉላቸው ።
@SabbathSchool @TekalignSorato
+4
Kitaabni JIREENYA BARA BARAATTI GALUUDHAAF MAAL GOCHUU QABA JEDHU, Garee parousia mission'iin kan hiikame, Sanbata darbe Waldaa Adventistii guyyaa 7ffaa Ambootti eebbifamuun, yeroo ammaa gurgurtaaf gabaa irra oole jira.
Gatiin kitaaba tokkoo qarshii 300 qofa
Bakki sin argattan
Waldaa Adventistii Guyyaa 7ffaa Ambooti fi Biiroo olaanaa Parousia Filhoatti
Namoota fageenya irra jirtaniif haala siniif mijeessuun dhiyootti kan sin beeksiisnu ta'a
Odeeffannoo dabalataaf - +251940845446 haloo jedhaa
Waaqayyo sin haa eebbisu
+8
Kitaabni JIREENYA BARA BARAATTI GALUUDHAAF MAAL GOCHUU QABA jedhu, kan garee Parousia Missioniin hiikame, Sanbata darbe bifa ho'aa ta'een waldaa Adventistii guyyaa 7ffaa Ambootti eebbifameera!
@haftuvoice
Jalqabnee jirra
Guyyaa xumuraa SAGANTAA BARICHA BITAA
Koottaa eebba xumuraa kanatti hirmaadhaa
https://t.me/RAYministry?videochat=99c11d2e7a4a0b6674
