Creative Dev
رفتن به کانال در Telegram
Let's build your digital future Connect with me on LinkedIn: https://www.linkedin.com/in/ararso-dev
نمایش بیشتر2 423
مشترکین
-724 ساعت
-217 روز
-9230 روز
آرشیو پست ها
2 423
+1
Airdrop kana
Amuma senaa
Nama invite godhaa 🥳🥳
Dollar Kenna Jiraa dadafa itti Fayyadama
https://t.me/kittyverse_ai_bot/play?startapp=u5034841284
2 423
American dollar billion 100 kasaarte kun sababa Magaalaan losanjalas gubatteni.
Godina Silxeetti University Islaamaa Hikman jaaramu jirti.
Hamaas injifannoo galmeysaa jirti.
Odeeyfannoo Islaamaa fi aduulee guutu addunya saffisaan arkachuuf #miidiyaariyaaduljannaa69 jachun ticktock irratti barreysi follow godha.
2 423
بسم الله الرحمن الرحيم
السلام عليكم ورحمة الله وبركاته
Namni muslimaa ajaja Rabbiitiin hoogganameeti bakka isa fakkaattuu fi isa hin fakkaanne adda ilaalee tarkaanfii hunda tarkaanfata. Fedhii lubbuu isaa injifateeti ajaja Allaahaa hojii irra oolchuuf tattaafata.
Mu'umintoonni dhugaa gammachuu isaanii keessattis, gadda isaanii keessattis, rakkinaa fi bal'ina isaanii keessattis daangaa Rabbii hin cabsan. Yoomiyyuu, eessattuu, nama waliin jiraattus, kophaa kee jiraattus Allaahaan akka quba si qabu hin dagatin.
Fedhii lubbuutiin butamtee bakka sin fakkaanne yoo dhaabbatte, ajaja Rahmaan diddee bakkan taanee yoo mul'atte, ofumaaf balbala kufaatii ofitti bante. Salphina addunyaa fi Aakhiraatiifis of saaxilte.
Namni yeroo mara sodaa Rabbii qabu, kan ajaja Allaahaatiin fedhii lubbuu isaa too'atu ammoo milkii biyya lamaanuu dhuunfata. Rakkoo fi balaa isa mudattu hundaaf furmaata argata. Rabbiin warra isa sodaatu ilaalchisee akkana jedha:
وَمَن يَتَّقِ ٱللَّهَ يَجْعَل لَّهُۥ مَخْرَجًا
Nama Rabbiin sodaatu (Rabbiinis) karaa bahiinsaa isaaf godha.
Suuratu Ax-Xalaaq 65:2
وَمَن يَتَّقِ ٱللَّهَ يَجْعَل لَّهُۥ مِنْ أَمْرِهِۦ يُسْرًا
Nama Rabbiin sodaatu (Rabbiin) dhimma isaa irraa laafina isaaf godha.
Suuratu Ax-Xalaaq 65:4
وَمَن يَتَّقِ ٱللَّهَ يُكَفِّرْ عَنْهُ سَيِّـَٔاتِهِۦ وَيُعْظِمْ لَهُۥٓ أَجْرًا
Nama Rabbiin sodaatu (Rabbiin) badii isaa isa irraa harcaasee mindaas isaaf guddisa.
Suuratu Ax-Xalaaq 65:5
Kanaafuu yaa obboleessa kiyya, yaa obboleettii tiyya hanga dandeenyutti bakka nu fakkaattuu haa mul'annuu. Bakka nu hin madaallee fi nu hin fakkaanne irraa haa fagaannu, yeroo fi iddoo kamittuu sodaa Rabbii haa qabaannu.
Rabbiin warra isa sodaatee ajaja isaa raawwatee, waan inni irraa dhoorke irraahis dhoorkamee addunyaa fi aakhirattiis milkaa’u nuhaa taasisu.
✍️ Ararso M.
2 423
Gorsaa fi dhaamsa Ustaaz Heeydar Abdurrahmaan sagantaa Da'awaa Jama'aa Barattoota Muslimaa Yuunivarsiitii Odaa Bultumiin qophaa'e irratti dabarsan guutuu isaa asii argattu👇👇
https://youtu.be/A0arm22qxYM
2 423
Umriin dargaggummaa umrii bu'aa bahii heddummaatuudha. Rakkinootaa fi gufuuwwan hedduun akkaataa fi bakka ati hin eegnetti si mudachuu danda'u. Cinqii fi gidiraan wal yaammattee xaxaa ati keessaa bahuu hin dandeenye sirratti ijaarrachuu malti. Ati garuu abadan nama harka kennu hin tahin. Kufaatii fi gufaatiin kamiiyyuu si mudattuus of duuba deebitee hin mil'atin. Hariiroo sii fi Rabbii kee jidduu jiru tolfachaa, Rabbii keetirratti irkadhuu hanga dandeesse deemsa kee gama fuulduraattiin itti fufi......🏃♂️
2 423
Gorsa Sheek Jamaal Siiraa kutaa 1ffaa isaa galgala kana https://youtube.com/@ararsogx irratti isiniif gadhiifna.
2 423
Diraamaa akkanatti natti tole hin argine. Keessumattuu dargaggoonnii fi shamarran keenya barnoota guddaa irraa barattu. Maaltu akka gufuu nutti tahaa jiru keeysatti of ilaallee adda baafachuu dandeenya.
Guutuu isaa asii argattu👇👇👇
https://youtu.be/DB812mtHzYg?si=5fwXb_fkLqvbix-_
Don't forget to Subscribe our channel.
2 423
Guyyaa tokko kaayyoon kee siif dhugoomee, hamilee guutuun barii guyyaa keetitti ni seenta.
2 423
Gaafa dur takka biyya biraatti lafti sossoote jechuu qofa dhageenya. Agarree hin beeynu. Garuu haalli jiru jijjiiramaa dhufee, barana gama Harargee lixaa kanatti kirkirri lafaa heddummaachaa dhufe. Ani lafa sossootu yeroo duraatiif ji'oota duraan asumatti arge. Alhamdulillaah, kan duraa sun jalqaba nuuf tahee nu baaraysullee dilas mara kan ulfaatuu miti.
Gaafasan galgaluu ganamuu, yoomuma taateen tun nutti deebiti jenneeti sodaachaa turre. Jidduu tanatti ammoo Rabbiin nurraa dhaabee, qalbiin teenyalleen nagaya taate. Alhamdulillaah.
Waan nama gaddisiisu garuu kirkirri lafaa kun torbaan kana keeysa guyyaa dheengaddaa (December 22, 2024) irraa eegalee bifa haarayaan deebi'e. Dura guyyaa keeysaa naannoo sa'aatii 9 kana socho'iinsi xiqqaan tokko mudatee ture. Sochoo'iinsi san warreen gamoowwan darbii 4ffaa fi 5ffaa irra jiran biratti xiqqo dhagahamus harki caalaan namaa hin hubanne ture.
Eegasii booda halkan keeysaa naannoo sa'aatii 8:35 booda kirkirri xiqqoo cimaa tahe uumame. Anis sanatu hirriiba irra na dammaqsee ture. Eegan dammaqee booda taa'eetuman wantoota tokko tokko dalagaa ture. Osumaan taa'aa jiruuti sa'aatii 9:12 irratti kirkirri biroo kan isaan hunda irra cimaa tahee fi xiqqo gamoowwan hurgufe ammas dhagahame.
Wantichi namoota hedduu hirriibaa dammaqsee namni baay’een alatti bahanii halkaniin ala guutan. Eega haalichi tasgabbaa'uu arganii booda namni hundi manatti galee rafe. Hirriiba maaltu waa nama dhufaa mitii😥
San booda guyyaa kaleessaa December 23, 2024 galgala keessaa sa'aatii Afurii fi walakkaa booda kirkirri lafaa kan isaan sanaan dura mudatan hunda caaluu fi gamoowwan haalaan hurgufe uumamee nama hedduu akka malee rifachiise. Hanga Rabbiin laaffisetti namni hundi of eeggannoo haa goonu. Rabbummaan nuhaa tiiysu. Akka badii teenyaatiin osoo hin taane akka tola oonina isaatiin nagaya nuhaa taasisu. Obboleeyyan namuu bakka jirtanitti du'aa'ii godhaa.
✍️ Ararso Mohammed
2 423
Repost from OBU Muslim Students Jema'a
Yeroo namni hundi sirraa fagaatee kophaa kee taate abdiin ati qabdu tokkichi Rabbii kee qofa. Rabbiin yeroo hunda akka si wajji tahe yeroo san hubatta. Kan yeroo hunda si hin gatnee fi si waliin dhaabbatu Rabbii kee tahuunis siif gala. Kanaafuu yeroo hundumaa Rabbii keetirraa amantii guutuu qabaadhu!! 🖤🥀
@OBU_MSJ @OBU_MSJ
@OBU_MSJ @OBU_MSJ
@OBU_MSJ @OBU_MSJ
2 423
Repost from OBU Muslim Students Jema'a
يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُوٓا۟ إِن جَآءَكُمْ فَاسِقٌۢ بِنَبَإٍ فَتَبَيَّنُوٓا۟ أَن تُصِيبُوا۟ قَوْمًۢا بِجَهَٰلَةٍ فَتُصْبِحُوا۟ عَلَىٰ مَا فَعَلْتُمْ نَٰدِمِينَ
Al-Hujurat 49:6
@OBU_MSJ
https://obu-msj.blogspot.com
2 423
Repost from OBU Muslim Students Jema'a
"Fedhii lubbuu too'achuu keessa gammachuu gammachuu hunda caaluutu jira. Namni fedhii lubbuutiin moo'ame hundi akkamitti salphataa akka ta'u hin agartuu? Sababni isaas, ni moo'atame. Faallaa kanaa, namni fedhii lubbuu isaa moo'ate qalbiidhaan nama cimaa ta'a, kabajamaa fi guddaa ta'a. Sababni isaas, fedhii lubbuu too'ate. Nu hundinuu gammachuu fedhii lubbuu too'achuun argannuu fi faaydaa obsaa itti haa xinxallu. Namni kanaan waffaqame (milkaa'e), nageenyi isaaf dhiyoodha." Ibn al-Jawzi
@OBU_MSJ
@OBU_MSJ
https://obu-msj.blogspot.com/2024/12/fedhii-luubbuu-tooachuu.html
اکنون در دسترس! پژوهش تلگرام ۲۰۲۵ — مهمترین بینشهای سال 
