The Ethiopian Evangelical Church Mekane Yesus - EECMY
رفتن به کانال در Telegram
The Ethiopian Evangelical Church Mekane Yesus (EECMY) is a national Lutheran church with more than 10 million members.
نمایش بیشتر3 302
مشترکین
+324 ساعت
+157 روز
+9130 روز
آرشیو پست ها
Kana jechuun immoo deemsi isaa kan hin raawwatamni jiruu fi murtoon kan itti hin kanamin jiru waan ta’eef; Tajaajila Misiyoonummaa isa oolchuudhaaf godhamutti amma iyyuu hin tarkaanfatamin jiraa jechuu dha; dhimma kana irrattis walii galteen godhame tokko hin jiru.
Kanaaf Amatootaa fi Tajaajiltoota Waldattii Sadaraa Hundaa Irra Jiraniif Ibsa Kanatti Aanu Cimsinee Dabarsina.
1. Waldattiin Walitti dhufeenya saala Walfakaata gidduutti ta’u kam iyyuu cimsitee mormiti; akkasumas saala walfakaataa gidduutti walitti dhufeenyi godhamu Macaafa qulqulluun kan mormu cubbuu ija jabummaa ta’uu isaa waan amantuuf warra cubbuu kana raawwatanii wajjin walii hin galtu.
2. Sababoota Waaqayyo Jalqabatti Gaa’ela dhiira uumaamaan dhalate tokkoo fi dubartii uumamaan dhalatte tokko gidduutti dhaabeef keessa tokko wlitti dhufeenya sal-quunnamatii fi wal-hormaataa dhiiraa fi dubartii gidduu jiru isa fakkeenyummaa Walitti dhufeenya misirricha Kiristoosii fi Waldaa Kiristiyaanaa gidduu jiru waan faallessuuf Waldattiin gaa’ela saala walfakaataa gidduutti godhamuun in mormiti.
3. Waldattiin warra gaa’ela saala walfakaataa gidduutti godhamu fudhatan gara tajaajilaatti waamuu fi hojii Lubummaatti waamuun in mormit.s
4. Waldattiin murtoowwan kanaan dura waa’ee gaa’ela saala walfakaataa gidduutti adeemsifamuu fi Waldoota isa fudhatan ilaalchisee murtaa’an hundaa akkuma jiranitti akka eegamanii fi kan hin jijjiiramne ta’uu isaanii in mirkaneessiti.
5. Waldattiin Waldoota Kiristiyaanaa warra asiin olitti maqaan isaanii dhahame lamaanii wajjin walitti dhufeenya uumuudhaaf mallatteessiteetti jedhamee oduun karaa garaa garaatiin oofamaa jiru soba ta’uu isaa cimsitee beeksifti.
6. Namoota dhuunfaa fi gartuu oduu dhugaa hin ta’in kana asii fi achi oofuudhaan maqaa Waldattii balleessan irraa akka of eeggataniif Waldattiin Amatoota ishee cimstee akeekkachiifti.
7. Dhuma irrattis Amantootni dhimma kana irratti gaaffii qabdan yoo jiraattan yeroo kamitti iyyuu taanaan Waldattiin ibsa isiniif kennuudhaaf kan qophoofte ta’uu ishee isin beeksifna.
Ayyaannii fi Haraarri Waaqayyoo Nuuf Haa Baayyatu.
Waldaa Kiristiyaanaa Warra Wangeelaa Makaana Yesuus Itiyoophiyaa
Fulbaana 21, bara 2017
Finfinnee
Ibsa Waldaa Kiristiyaanaa Warra Wangeelaa Makaana Yesuus Itiyoophiyaa Irraa Haala Yeroo Irratti Kenname
Fulbaana 21, bara 2017
Maqaa Abbaatti; Kan Ilmaatti: Kan Hafuura Qulqulluuttis Waaqayyo Tkkoo; Ameen!
Gooftaatti Kan Jaallatamtan Amantoota Waldaa Kiristiyaanaa Warra Wangeelaa Makaana Yesuus Biyya Keessaa fi Biyya Ambaa Jirtan Hundaaf; Bakka Jirtan Hundumaatti Ayyaannii fi Nagaan Waaqayyoo Isiniif Haa Baayyatu!
Akeekni ibsa kanaa oduun garaa garaa ji’oottan muraasaa asitti Waldaan Kiristiyaanaa Warra Wangeelaa Makaana Yesuus Waldoota Amantoota warra gaa’ela saala walfakaataa gidduutti geggeeffamu eebbisanii fi tajaajila hafuuraaf namoota akkasii bobbaasanii wajjin walitti dhuftee hojjechuudhaaf mallatteessiteetti ykn mallatteessuuf adeemti jedhamee wal-harkaa fuudhamuudhaan asii fi achi darbaa jiru sirrii akka hin ta’in Amantootaa fi Tajaajiltoota ishee guutummaadhaaf ibsuu dha.
Akkuma yaadatamu Waldaan Kiristiyaanaa Warra Wangeelaa Makaana Yesuus yaa’ii ishee isa 19ffaa irratti Waldaa Siwiidinii fi Waldaa Warra Wangeelaa Luuteraan Kaaba Ameerikaatti argamutuu wajjin walitti dhufeenya qabdu akka dhaabduuf murteessitee turte.
Dhimma kana ilaalchisee mareen kan jalqabame bara 1998 A.L.I. tti Kaawunsilii Waldattii isa 2ffaa Yirgaalemitti godhame irratti yoo ta’e iyyuu; sirna barsiisa ishee hundeeffachuudhaan murtoon kan kennamuu jalqabe Kaawonsilii Waldatti isa 6ffaa Magaalaa Gimbiitti godhame irratti ture. Kaawonsilii kana irratti Waldattiin gaa’ela saala walfakaataa gidduutti geggeeffamu eebbisuu fi warra gaa’ela saala walfakaataa fudhatan gara Lubummaatti waamuun mormuudhaan; warra gaa’ela saala walfakaataa gidduutti geggessuudhaaf fudhatanii fi murtoo godhanii wajjin walitti dhufeenya qabdu kutuuf kan dirqamte ta’uu ishee ifa gooteetti.
Haa ta’u malee Waldattiin walitti dhufeenya seena qabeessa Waldoota kanaa wajjin qabdu irraan kan ka’e, Waldootni kun murtoo isaanii akka irra deebi’anii ilaalanii fi waggaa tokkoo asitti ejjennoo isaanii akka beeksisan waamicha yoo gooteef illee, deebii isaan kennan irraa deebi’uu isaanii kan agarsiisu hin turre. Dhimmi kunis Kaawonsilii Waldattii isa 7ffaa f gabaasa godhamee murtoo Waldattiin qabdu hojii irra akka ooluuf kallattiin kenname.
Kun utuu kanaan jiruu Kaawonsiliin Waldattii inni 8ffaa n Waldoota warra dhimma kana fudhachuu isaaniif maqaan isaanii asiin olitti eerame qofaa utuu hin ta’in Waldoota Kiristiyaanaa warra isaanii wajjin murtoo walfakaataa qaban hundaa “Tajaajila Misiyoonummaa Isaan Oolchuudhaaf Godhamu” (Rescue Mission) gochuudhaaf karoorri akka qophaa’uu fi akkaataa raawwii isaa irrattis qajeelfamni akka qopheeffamu murteesse.
Murtoowwan Waldattii Kaawonsilii garaa garaa irratti murtaa’a Yaa’ii Waldattiin mirkanaa’uu waan qabuuf; Yaa’iin Waldattii inni 19ffaan murtoo Kaawonsilii 6ffaa, 7ffaa fi 8ffaa irratti murtaa’ee darbe fudhatee mirkaneessuudhaan walitti dhufeenyi Waldoota Kiristiyaanaa warra Gaa’ela Saala walfakaataa gidduutti adeemsifamu fuadhatanii wajjin jiru akka gargar citu murteesse.
Gararaatti Murtoo Kaawonsilii isa 8ffaa eeruudhaan isa ibsame waa’ee tajaajila Misiyoonummaa Waldoota kana oolchuu ilaalichisee akkaataa raawwii isaaf qajeelfamni hin qophaa’in waan tureef; Kaawonsiliin Waldattii inni 19ffaan murtoo Yaa’ii Waldattii isa 21ffaa bu’uura godhachuudhaa utuu sirna barsiisa Waldattii tokkotti hin bu’in warra dhugaa irraa kaatan deebisuudhaaf, warra karaa dhugaa irra jiran immoo bartuu Gooftaa akka ta’aniif jajjabeessuudhaaf haala adeemsa isaa mijeessee Boordii Hojii Raawwachiiftuu Waldatiif akka dhiyeessuuf Bordii Ti’ooloojii Waldatti qajeelche.
Boordiin Ti’ooloojii Waldattiis hojii isaa raawwachuudhaan Boordii Hojii Raawwachiiftuu Waldattiittiif gabaasa godhee sirreeffamni garaa garaa irratti kennamuudhaan qaama murtoo raawachiiftuu Waladttiitti dhiyeesuudhaaf qophaa’aa jira.
ከኢትዮጵያ ወንጌላዊት ቤተ ክርስቲያን መካነ ኢየሱስ በአንዳንድ ወቅታዊ ጉዳዮች ዙሪያ የተሰጠ መግለጫ፤
መስከረም 21-2017 ዓ/ም
በስመ አብ፤ በወልድ፤ በመንፈስ ቅዱስ ስም አንድ አምላክ፤ አሜን!
በጌታ የተወደዳችሁ በአገር ውስጥና ከአገር ውጭ የምትገኙ የኢትዮጵያ ወንጌላዊት ቤተ ክርስቲያን መካነ ኢየሱስ ምዕመናን፤ በያላችሁበት ሁሉ የእግዚአብሔር ጸጋና ሰላም ይብዛላችሁ፡፡
የዚህ መግለጫ ዓላማ ካለፉት ጥቂት ወራት ወዲህ የኢትዮጵያ ወንጌላዊት ቤተ ክርስቲያን መካነ ኢየሱስ የተመሳሳይ ጾታ ጋብቻን ከሚባርኩና ግብረ ሰዶማዊያንን ለመንፈሳዊ አገልግሎት ከሚጠሩና ከሚያሰማሩ አብያተ ክርስቲያናት ጋር የአጋርነት ስምምነት ፈርማለች ወይም ልትፈርም ነው፤ በሚል እየተሰራጨ ያለው ወሬ ትክክለኛ አለመሆኑን ለቤተ ክርስቲያኒቱ ምዕመናንና አገልጋዮች ለማስገንዘብ ነው፡፡
እንደሚታወሰው የኢትዮጵያ ወንጌላዊት ቤተ ክርስቲያን መካነ ኢየሱስ በ19ኛው ዓብይ ጉባኤ ከሲዊድን ቤተ ክርስቲያንና በሰሜን አሜሪካ ከምትገኘው ወንጌላዊት ሉተራን ቤተ ክርስቲያን ጋር የነበራትን የአጋርነት ግንኙነት እንዲቋረጥ ወስኖ ነበር፡፡
ይህን ጉዳይ አስመልክቶ ምክክር የተጀመረው በ1998 ዓ.ም. በይርጋለም ከተማ በተካሄደው 2ኛው የቤተ ክርስቲያኒቱ ካውንስል ስብሰባ ቢሆንም፤ ሥነ መለኮታዊ አቋም ተይዞ ውሳኔ መስጠት የተጀመረው በግምቢ ከተማ በተካሄደው 6ኛው ካውንስል ስብሰባ ነበር፡፡ በዚህ ካውንስል ቤተ ክርስቲያኒቱ የተመሳሳይ ጾታ ጋብቻን መባረክንና ግብረሰዶማዊያንን ወደ ቅስና አገልግሎት መጥራትን በጽኑ በመቃወም፤ የተመሳሳይ ጾታ ጋብቻን ከሚፈጽሙና ግብረሰዶማዊያንን ወደ ቅስና ለመጥራት ውሳኔ ካደረጉት ጋር ያላትን ግንኙነት ለማቋረጥ የምትገደድ መሆኗን ይፋ አድርጋለች።
ይሁን እንጂ ቤተ ክርስቲያኒቱ ከእነዚህ አብያተ ክርስቲያናት ጋር ከነበራት ታሪካዊ ግንኙነት የተነሳ፤ ይህንን ውሳኔአቸውን በማጤን እንዲመለሱና ምላሻቸውን በአንድ ዓመት ውስጥ እንዲያሳውቁ ጥሪ ብታደርግም የአብያተ ክርስቲያናቱ ምላሽ አዎንታዊ አልነበረም። ይኸው ጉዳይ ለ7ኛው ካውንስል ሪፖርት ተደርጎ ቀደም ሲል የተወሰነው ውሳኔ ተፈጻሚነት እንዲያገኝ አቅጣጫ ተቀመጠ፡፡
ይህ በእንዲህ እንዳለ 8ኛው ካውንስል ከላይ ስማቸው የተጠቀሰውን ብቻ ሳይሆን፤ ተመሳሳይ አቋም የያዙትን አብያተ ክርስቲያናት ጭምር ታሳቢ ያደረገ የትድግና ሚሲዮናዊነት (Rescue Mission) አገልግሎት እንዲታቀድና ለዚህም የአፈጻጸም መመሪያ እንዲዘጋጅ ወሰነ፡፡ በየካውንስሉ ስብሰባዎች የተላለፉት ውሳኔዎች የዓብይ ጉባዔውን ይሁንታ ማግኘት ስለነበረባቸው፤ 19ኛው የቤተ ክርስቲያኒቱ ዓብይ ጉባዔ በ6ኛው፣ በ7ኛው እና በ8ኛው ካውንስል ስብሰባዎች የተላለፉትን ውሳኔዎች ተቀብሎ በማጽደቅ ቤተ ክርስቲያኒቱ የተመሳሳይ ጾታ ጋብቻ ከተቀበሉትና ግብረሰዶማዊያንን ከሚያቀስሱ አብያተ ክርስቲያናት ጋር የነበራት የአጋርነት ግንኙነት እንዲቋረጥ ወሰነ፡፡
ከላይ የተጠቀሰው በ8ኛ ካውንስል የተወሰነው የትድግና ሚሲዮናዊነት አገልግሎትን አስመልክቶ ለተላለፈው ውሳኔ የአፈጻጸም መመሪያ ባለመዘጋጀቱ፤ 19ኛው የቤተ ክርስቲያኒቱ ካውንስል የ21ኛውን የቤተ ክርስቲያኒቱ ዓብይ ጉባኤ ውሳኔ መሠረት በማድረግ የቤተ ክርስቲያኒቱ ሥነ መለኮታዊ አቋም በምንም መልኩ ሳይሸራረፍ ከእውነት የሳቱትን ለመመለስና በእምነት ያሉትን በደቀ መዝሙርነት ሕይወት ለማነቃቃትና ለማጽናት የሚያስችል ስልት ቀይሶ ለሥራ አስፈጻሚ ቦርድ እንዲያቀርብ ለቤተ ክርስቲያኒቱ ሚሲዮንና ቲኦሎጂ ቦርድ መራ፡፡
የቤተ ክርስቲያኒቱ ሚሲዮንና ቲኦሎጊ ቦርድም ሥራውን አጠናቅቆ ለሥራ አስፈጻሚ ቦርድ ሪፖርቱን አቅርቦ ማስተካከያዎች ታክለውበት እንዲዳብር ባዘዘው መሰረት፤ ይኸው ለቀጣይ ውሳኔ ሰጭ አካል የሚቀርብ ይሆናል፡፡ ይህም ማለት ሂደቱ ገና ያልተጠናቀቀና የመጨረሻ ውሳኔ ያልተሰጠበት እንደመሆኑ፤ የትድግና ሚሲዮናዊነት አገልግሎትን የሚያስጀምር እርምጃ እስካሁን አልተወሰደም፤ በዚህም አቅጣጫ የተደረገ አንዳች ስምምነት የለም፡፡
ስለሆነም ለምዕመናኖቻችና በየደረጃው ለሚገኙ አገልጋዮች የሚከተለውን መልዕክት አበክረን እናስተላልፋለን፡-
1. ቤተ ክርስቲያኒቱ ማናቸውንም ዓይነት ግብረሰዶማዊ ግንኙነት አጥብቃ ትቃወማለች፤ እንደዚሁም ግብረሰዶማዊነት በመጽሐፍ ቅዱስ አስተምህሮ መሠረት ግልጽ የሆነ የድፍረት ኃጢአት እንደሆነ ስለምታምን ይህንን ኃጢአት ከሚፈጽሙ ጋር አትተባበርም፤
2. እግዚአብሔር በመጀመሪያ ጋብቻን በአንድ ተፈጥሮአዊ ወንድና በአንዲት ተፈጥሮአዊ ሴት መካከል ከመሠረተባቸው ምክንያቶች አንዱ የሆነውን የሰው ልጆች ትክክለኛ ወሲባዊ ግንኙነትንና የሥነ-ተዋልዶን ሥርዓት የሚያፋልስና በሙሽራው ክርስቶስና በሙሽራይቱ ቤተ ክርስቲያን መካከል ያለውን ምሳሌያዊ ግንኙነት የሚያፋልስ በመሆኑ ቤተ ክርስቲያኒቱ የተመሳሳይ ፆታ ጋብቻን ትቃወማለች፡፡
3. ቤተ ክርስቲያኒቱ ግብረሰዶማውያንን ለቃሉና ለቅዱሳት ምስጢራት አገልግሎት መጥራትንም ሆነ ማቅሰስን አጥብቃ ትቃወማለች፤
4. ቤተ ክርስቲያኒቱ አሁንም ሆነ ለወደፊት የተመሳሳይ ፆታ ጋብቻንና ግብረሰዶማውንን ማቅሰስን በተመለከተ የተወሰኑትን ውሳኔዎች በሙሉ እንደተጠበቁና የማይሻሻሉ መሆናቸውን ታረጋግጣለች፤
5. ቤተ ክርስቲያኒቱ ስማቸው ከተጠቀሰው ሁለቱ አብያተ ክርስቲያናት ጋር ስምምነት ፈርማለች በማለት የሚናፈሰው ወሬ ፈጽሞ ከእውነት የራቀ መሆኑን መሆኑን እንገልጻለን፤
6. በዚህ ትክክለኛ ያልሆነ መረጃ በማሰራጨት የቤተ ክርስቲያኒቱን ስም የሚያጎድፉና አንድነቷን ለማናጋት ከሚሰሩ ግለሰቦችም ሆነ ቡድኖች ፣ምዕመናኖቻችን እንዲጠነቀቁ እናሳስባለን።
7. በመጨረሻም በዚህ ጉዳይ ዙሪያ ጥያቄ የሚኖራቸው ምዕመናኖቻችን ካሉ በማንኛውም ጊዜ ቤተ ክርስቲያኒቱ ማብራሪያ ለመስጠት ዝግጁ መሆኗን እናስታውቃለን፡፡
እግዚአብሔር ጸጋውንና ምህረቱን ያብዛልን።
የኢትዮጵያ ወንጌላዊት ቤተ ክርስቲያን መካነ ኢየሱስ
መስከረም 21 ቀን 2017 ዓ/ም
* * * * * * *
Bara 1991 erga hundeeffamee jalqabee amantoota naannoo sanatti argamaniif sadarkaa garagaraatiin barumsa tiyoolojii dhiyeessuudhaan, amantootaa fi tajaajiltoota beekumsa dubbii sagalee Waaqayyootiin hidhachiisaa kan ture Seeminariin Hosaanaa, bara barnootaa 2017 sagantaa digirii lammaffaadhaan barumsa tiyoolojii jalqabsiisee jira.
Sagantaa barumsa jalqabsiisuu irrattis, itti aanaan pirezdaantii Waldaa Warra Wangeelaa Makaana Yesus Itiyoophiyaa Lubni Dr Taarikuu Tolosaa, daayireektarri qajeelcha tajaajila dubartootaa Lubni Taaggasach Dagginaw, gaggeessitoonni Sinoodoosii Giddugaleessa Kibbaa fi gaggeessitoonni Godinaa fi magaalichaa argamanii jiru.
Sagantaan kun naannoo kanaaf barumsa tiyoolojiitiin maastarsii isa jalqabaa yoo ta'u, amantoota magaalichaa fi naannawa isheetti argamanii fi Sinoodoosota Waldichaa ollaa jiraniif dhiyeenya irratti carraa barumsaa digirii lammaffaa akka uume dubbatamee jira.
ምስል ፦ ሆሳዕና ፕሮዳክሽን 0911212027
+9
የሆሳዕና ሴሚናሪዮም በቲኦሎጂ የማስተርስ ፕሮግራም አስጀመረ
* * * * * * *
ከተመሰረተ ከ1991 ዓ.ም ጀምሮ በአከባቢው ለሚገኙ የወንጌል አማኞች በተለያዩ ደረጃዎች የነገረ መለኮት ትምህርትን በማቅረብ በእግዚአብሔር ቃል እውቀት ምዕመናንን እና አገልጋዮችን ሲያስታጥቅ የቆየው የሆሳዕና ሴሚናሪ ለቀጣዩ የ2017 ዓ.ም የትምህርት ዘመን በሁለተኛ ዲግሪ ፕሮግራም የነገረ መለኮት ትምህርንት አስጀምሯል።
በትምህርት ማስጀመሪያ ፕሮግራሙም ላይ የኢትዮጵያ ወንጌላዊት ቤተ ክርስቲያን መካነ ኢየሱስ ምክትል ፕሬዚዳንት ቄስ ዶ/ር ታሪኩ ቶለሳ፣ የሴቶች አገልግሎት ዲፓርትመንት ዳይሬክተር ቄስ ታገሰች ደግነው፣ የማዕከላዊ ደቡብ ሲኖዶስ መሪዎች፣ ከፍተኛ የከተማዋ እና የዞኑ አመራሮች ተገኝተዋል።
ይህ ፕሮግራም ለአከባቢው በቲኦሎጂ የመጀመሪያ የማስተርስ ፕሮግራም ሲሆን በከተማዋና በአከባቢዋ ለሚገኙ የወንጌል አማኞች እና የቤተ ክርስቲያኒቱ አጎራባች ሲኖዶሶች በአቅራቢያቸው የሁለተኛ ዲግሪ ፕሮግራም የትምህርት ዕድልን መፍጠሩ ተጠቅሷል።
- - - - - - -
Seeminariin Hosaanaa barumsa tiyoolojiitiin sagantaa maastarsii jalqabsiise
Gaggessittoonni Waldaa Warra Wangeelaa Makaana Yesuus Itiyoophiyaa fi hojjettoonni waajjira muummee jala-bultii waggaa haaraa 2017 waliin kabajaniiru.
Bara 2016tti araaraa fi gaarummaa nuuf baay’atee, eegumsaa fi yeroo hundaa nu wajjiin ta’u Waaqayyo, mo’iicha karaa hojii fi tajaajila bu’aa argameef hojjetoonni kutaa mana hojii Waaqayyoon galateeffataniiru.
Barreessaan Waliigalaa Waldaa Kiristaanaa Luba Teshoome Amenuu maqaa Koree gaggeessitootatin ergaa kan dabarsaan yoo ta’u, bara dabarsiinee yeroo yaadnu, barri 2016 akka dhuunfaatti, waldaa fi biyyaatti qormaata, milkaa’inaafi injifannoo qabnu nu yaadachiisa jedhaniiru. Kana hunda keessa akka darbiinuuf waan nu gargaareef Waaqayyoon galateeffanna.
Itti dabaluunis Waaqayyo waldaadhaaf kaayyoo addaa waan qabuuf Kiristoos mataa waldaa waan ta’eef waldaan cimtee dhaabbachuu fi qorumsa mo’achuu itti fufti jedhan. Bara haaraa galataan simachuun, amantiidhaan karoorfachuu fi jijjiiramaaf qophaa’uun dhaamsa isaani dabarsaniiru.
Hojjettoonni waajjirichaa waaqeffannaan, sagalee Waaqayyoo dhaggeeffachuu fi Irbaata Gooftaa fudhachuun tokkummaa hirmaataniiru.
+9
#የኢትዮጵያ_ወንጌላዊት_ቤተ_ክርስቲያን_መካነ_ኢየሱስ_መሪዎች_እና_የዋናው_ጽሕፈት_ሰራተኞች_የ2017_ዓም_አዲሱን_አመት_ዋዜማ_በጋራ_አከበሩ
በተጠናቀቀው የ2016 ዓ.ም ስለ በዛው ምህረት እና ቸርነት፣ ጥበቃና አብሮነት፣ በሥራና በአገልግሎት ስለተገኙ ውጤቶችና ድሎች የጽሕፈት ቤቱ ሰራተኞች እግዚአብሔርን በህብረት አመስነዋል።
የቤተ ክርስቲያኒቱ ጠቅላይ ጸሐፊ ቄስ ተሾመ አመኑ የማኔጅመንት ኮሚቴን በመወከል ሰላምታ በማቅረብ መልዕክት ያስተላለፉ ሲሆን፣ ወደ ኋላ ተመልሰን ያለፈውን አመት ስናሰላስል በ2016 ዓ.ም በግል፣ እንደ ቤተ ክርስቲያን እና እንደ ሀገር ስላለፉ ፈተናዎች፣ ተግዳሮቶች እንዲሁም ስኬቶችና ድሎች እንደሚያስታውሰን ጠቅሰዋል። በዚህ ሁሉ ውስጥም እንድናልፍ የረዳንን እግዚአብሔርን አመስነዋል።
አያይዘውም እግዚአብሔር በቤተ ክርስቲያን ላይ ልዩ አላማ ስላለው እና የቤተ ክርስቲያን ራስ የሆነው ክርስቶስ ስላለ ቤተ ክርስቲያን ፀንታ መቆሟን እና ፈተናዎችን ማለፏን እንደምትቀጥል ገልፀዋል። አዲሱንም አመት በማመስገን፣ በእምነት በማቀድ እና ለለውጥ በመዘጋጀት በፀሎት እንድንቀበል መልዕክታቸውን አስተላልፈዋል።
በዋዜማው የጽሕፈት ቤቱም ሰራተኞች በአምልኮ፣ የእግዚአብሔርን ቃል በመስማት እና የጌታን እራት በመከፋፈል ህብረት አድርገዋል።
* * * * * *
Dadhabbii fi jabina keenya isa darbe gargar baasuudhaan hir’inaa keenya sirreeffannee; jabina keenya immoo cimsinee qabachuudhaan bara 2017 tti mul’ataa haaraan hojjennee jireenya ofii keenyaa fi lammiilee keenyaa irratti jijjiiramni gaariin akka dhufuuf ga’ee nu irraa eegamuu ba’uun nu barbaachisa.
Kana gochuuf immoo hojii keenya isa bara darbee keessa deebinee ilaaluunii fi mul’ata isa dhufuu qabaachuu qofaan ga’aa hin ta’u. Waaqayyo isa hojii gaarii hundumaaf hundee ta’e sodaachuunis nu barbaachisa. Sagaleen Waaqayyoo “Waaqayyoon sodaachuun jalqaba oogummaa ti, warri isa duukaa bu’anii hojjetan hubannaa gaarii qabu, Waaqayyoon jejachuunis yeroo hundumaaf jabaatee in dhaabbata.” jedha. Egaa biyya keenyaa keessaatti, darbees Addunyaa guutummaatti namootni hojii gaarii akka hin hojjenneef, dhalli namaa wal tumsee nagaadhaa fi jaalalaan wal gargaaree akka hin jiraannee kan godhu Waaqayyoon sodaachuu dadhabuu; hammmeenya wal irratti yaaduu fi gaarummaa hundumaa irraa fagaachuu dha. Hojiiwwan ulfina Waaqayyoo xuqanii fi ulfina dhala manaafis hin taane kan hojjetamaniifiis sodaan Waaqayyoo waan hir’ateefii dha. Waaqayyoon sodaachuun hubannaa namaaf kenna; hojiiwwan ulfina Waaqayyoo xuqanii fi nama miidhan kam irraa akka fagaatan nama gargaara waan ta’eef. Abbaan Faarsaa “Ajaja kee keessaa hubannaa nan argadha; kanaafis karaa sobaa hundumaa nan jibba” jedha. Kana Waan ta’eef waggaa haaraa isa eeggachaa jirru kana keessatti guyyaa hundumaa Waaqayyoon sodaachuudhaan hubannaa godhannee isa darbu isa hin darbinettii; isa kabajamaa isa gadi deebi’aattii, isa gaariis isa hamaattii adda baafachuudhaan itti gaafatamummaadhaa fi amanamummaadhaan ga’ee keenya ba’uudhaaf qophaa’uutu nu irraa eegama.
Dhuma Irrattis:
Waaqayyo Abbaan keenya bara 2017 kanatti Uummata biyya keenyaa hundumaaf, geggeessitoota sadarkaa garaa garaa iiratti hojjetaniif, Abbootii Amantii fi tajaajiltoota hundumaaf; akkasumas amanoota hundumaaf garaa Waaqayyoon sodaatu haa kennu! Biyya keenyas nagaatti haa eegu, hojii keenya hundumaas nuuf haa eebbisu jechaa; yeroo ayyaana waggaa haaraa kana ayyaaneffannu immoo namoota sababoota garaa garaan miidhamanii rakkina keessa bu’an, iyyeessotaa fi warra rakkatan yaadannee waan qabnu irraa isaaniif qoodnee akka wajjin ayyaanneffanu jaalala Gooftaatiin isinan gaafadha.
Waaqayyo Abbaan keenya Itiyoophiyaa haa eebbisu !
Waaqayyo isin haa eebbisuu, isin haa eeguu;
Waaqayyo fuula isaa isiniif haa ibsuu, isinitti haa araaramuu;
Waaqayyo fuula isaa gara keessanitti haa deebisuu, nagaa isaas isiniif haa kennuu !
Maqaa Abbaatti. Kan Ilmaatti, kan Hafuura Qulqulluuttis Waaqayyo Tokkoo. Ameen!
Luba Dr. Yonaas Yoggazuu
Pirezedaantii Waldaa Kiristiyaanaa Warra Wangeelaa Makaana Yesuus Itiyoophiyaa
#Ergaa_Baga_Geessanii_Pirezedaantii #Waldaa_Kiristiyaanaa_Warra_Wangeelaa_Makaana_Yesuus_Itiyoophiyaa_Irraa #Ayyaana_Waggaa_Haaraa_Bara_2017_Ilaalcnisee #Amantootaaf_Sabaa_fi_Sab_lammoo_a_Biyyattii_Hundaaf_Darbe.
Maqaa Abbaatti, Kan Ilmaatti, Kan Hafuura Qulqulluutti Waaqayyo Tokkoo; Ameen !
Gooftaatti kan jaallatamtan biyya keessaa fi biyyaa hanbaa kan jiraattan Itiyoophiyaanotaa fi dhalootaan Itiyoophiyaanota kan taatan hunduma keessaniif, akkasumas amantoota Waldaa Kiristiyaanaa Warra Wangeelaa Makaana Yesuus hundaaf;
Bakka jirtan hundumaatti Ayyaannii fi Nagaan Waaqayyoo isiniif haa baayyatu!
Lubbu Qabeeyyiin hundumtuu indhalatu, inguddatu, akkasuams indu’u. Baroonnis indhufu; indarbus. Waan hundumtuu yeroo isaa eegee gedderama. Kanaaf barri 2016 darbee bara haaraa 2017 simachuudhaaf qophee irra jirra. Waaqayyo inni uumaa waan hundumaa ta’e garuu hundamaa dabarsee bara baraan jiraata. Humni isa gedderuu danda’u tokko hin jiru. Daawitis Faarfannaa isaa keessatti akkas jedhee barreesseera: “Ati garuu yaa Waaqayyo, bara baraan teessoo kee irra jirta, seenaan kees dhalootaa amma dhalootaatti in yaadatama” jedha. Akkasumasa lakk. 25-27 irratti “Bara duriitti ati hundee lafaa in keesse, bantiiwwan waaqaas hojii harka keetii ti. Isaan baduuf jiru, ati garuu haftee in jiraatta; isaan hundinuu akka uffataaa in ciccitu, ati akka uffataatti baaftee isaan in gatta, isaanis in dhidhimu, Ati garuu isuma sana, waggonni kees dhuma hinqaban!” Jechuudhaan Waaqayyo hundumaa dabarsee bara baraan akka inni jiraatuu fi uumaa waan hundumaa ta’uu isaa dubbata. Raajichi Ermiyaasis “Ati garuu yaa Waaqayyo, bara baraan in moota, teessoon kees dhalootaa hamma dhalootaatti in jiraata” jedha. (Far. Erm. 5:19)
Egaa bara 2016 keessa kan turanii fi barichaa wajjin kan darban waantootni baayyeen yoo jiraatan illee nuti akka dhuunfaattis ta’e akka biyyaatti hafnee jiraannee bara 2017 simachuudhaaf qophaa’aa kan jirru eegumsa Waaqayyo Gooftaan macaa nuuf godhe irraa kan ka’ee dha. Kanaaf isa waan hundumaa keessatti nu gargaare Waqayyoo keenyaaf galatni haa ta’u jechaa Maqaa Waldaa Kiristiyaanaa Warra wangeelaa Makaana Yesuus Itiyoophiyaatii fi maqaa kootiin baga nagaan waggaa haaraa bara 2017 geessan jedheen gammachuu koo isiniif ibsa.
Waggoota darban keessa hir’ina bokkaa kutaa biyyattii garaa garaa keessatti ta’een lammiileen keenya baayyeen beelaa fi gogiidhaan akka miidhaman in yaadanna. Haala yeroo sanaa keessatti uummatni keenyaa bakka jiru hundumaatii garaa Waaqayyootti waan iyyateef kadhanni isaa dhaga’amee aduunii fi bokkaan yeroo isaaniitti waan nuuf kennamaniif sabni gammachuudhaan jireenya isaa itti fufee jira. Kannaaf carraa kanatti gargaaramee gochaa isaa kana hundaaf Waaqayyoon nan galateeffadha. Karaa biraan garuu addunyaan keenya nagaa dhabiinsaan itti fuftee jirti. Biyya keenya keessattis boora’iinsa nageenyaatti dabalatee qaala’iinsi jiraanyaa fi malaamatummaan uummata biyyattii irratti muddama guddaa uumeera. Sigiga lafaa (Land Slide) kutaa biyyattii garaa garaa keessatti uumame irraan kan ka’es lammiin keenya baayyeen balaa tasaatiin dhumaniiru. Balaa kana irraan kan ka’es namootni baayyeen qe’ee fi qabeenya isaanii irraa buqqa’anii rakkina keessa jiru. Yeroo ammaa kanas haala biyyoota olla wajjin wal-qabatuun sochii nageenya biyyattii booressutu mul’achaa jira. kanaaf Waaqayyo rakkinoota mul’achaa jiran kanaa fi kan biroo hundumaa akka to’atu; akkasums nagaanyii fi misoomni walitti fufiinsa qaban akka jiraataniif uummatni biyyattii hundumtuu Waaqayyoon kadhachuutu barbaachisa.
Kabajamtoota jaallatamoo ummata biyya kenyaa fi Amantootni keenya hundumti keessan;
Barri 2016 darbeera; deebi’ees hin dhufu. Barri 2017 immoo bara haaraa ta’ee bakka bu’ee dhufaa jira. Kanaaf gara bara haaraatti darbuu keenya dura akka dhuunfaatti, akka maatiitti, akka hawaasaatti, akka dhaabbilee Amantiitti, akka biyyaa fi akka uummataatti yeroo jiraanuu fi yeroo hojjennu adeemsi keenya attam ture? jennee haala ittiin deemaa turree fi raawwii hojii keenya isa darbee dhaabannee xiinxaluutu nu barbaachisa jedheen yaada.
#የኢትዮጵያ_ወንጌላዊት_ቤተ_ክርስቲያን_መካነ_ኢየሱስ_2017_ዓም #አዲሱን_ዓመት_አስመልክቶ_ከቤተ_ክርስቲያኒቱ_ፕሬዚዳንት_ለአገሪቱ_ሕዝቦችና_ምዕመናን_የተላለፈ_መልዕክት
በስመ አብ፤ በስመ ወልድ፤ በስመ መንፈስ ቅዱስ አንድ አምላክ፤ አሜን!
በጌታ የተወደዳችሁ በአገር ውስጥና ከአገር ውጭ ለምትገኙ ኢትዮጵያውያንና ትውልደ ኢትዮጵያውያን የኢትዮጵያ ወንጌላዊት ቤተ ክርስቲያን መካነ ኢየሱስ ምዕመናን በያላችሁበት ሁሉ የእግዚአብሔር ጸጋና ሰላም ይብዛላችሁ፡፡
ፍጥረታት ይወለዳሉ፤ ያድጋሉ፤ ይሞታሉም፡፡ ዘመናትም ይመጣሉ፤ ይሄዳሉም፡፡ ሁሉ ነገር ጊዜውን ጠብቆ ይለወጣል፡፡ 2016 ዓመተ ምህረትም ተጠናቅቆ 2017 ዓመተ ምህረትን ለመቀበል በዝግጅት ላይ እንገኛለን፡፡ ይህ ሁሉ ሲሆን ግን ሁሉን አሳልፎ የሚኖረውና የሁሉ ፈጣሪ የሆነው ቅዱስ አምላካችን ልዑል እግዚአብሔር ለዘለዓለም ይኖራል፡፡ እርሱን ሊለውጠው የሚችል አንዳችም ኃይል የለም፡፡ መዝሙረኛው ዳዊት የእግዚአብሔር እጅ ሥራዎች የሆኑት ፍጥረታት ሲለወጡ እርሱ ግን ምን ጊዜም የማይለወጥ ዘላለማዊ አምላክ መሆኑን ሲገልጽ በመዝሙር 102፡12 ላይ ‹‹አንተ ግን ለዘላለም ትኖራለህ፤ መታሰቢያህም ለልጅ ልጅ ነው›› ይላል፡፡ ቀጥሎም በቁጥር 27 ላይ ‹‹አንተ ከጥንት ምድርን መሠረትህ፥ ሰማያትም የእጅህ ሥራ ናቸው። እነርሱ ይጠፋሉ፥ አንተ ግን ትኖራለህ፤ ሁላቸው እንደ ልብስ ያረጃሉ፥ እንደ መጐናጸፊያም ትለውጣቸዋለህ፥ ይለወጡማል›› በማለት እግዚአብሔር ሁሉን አሳልፎ የሚኖር ዘለዓለማዊ አምላክና ብቸኛ ፈጣሪ መሆኑን ይናገራል፡፡ ነቢዩ ኤርምያስም ‹‹አንተ ለዘላለም ትኖራለህ፤ ዙፋንህ ከትውልድ እስከ ትውልድ ነው (ሰቆ. 5፡19) ይላል፡፡
እንግዲህ ባለፈው 2016 ዓመተ ምህረት የነበሩና አሁን ግን ከዘመኑ ጋር ያለፉ በርካታ ነገሮች ቢኖሩም እኛ ግን እንደ ግለሰብም ሆነ እንደ አገር 2017 ዓመተ ምህረትን ለመቀበል እየተዘጋጀን የምንገኘው ከቸሩ አምላካችን እግዚአብሔር ጥበቃና ቸርነት የተነሳ ብቻ ነው፡፡ በመሆኑም እስከ ዛሬ ድረስ በነገር ሁሉ የረዳንና የጠበቀንን አምላካችን እግዚአብሔርን እያመሰገንኩ እንኳን ለአዲሱ ዓመት በሰላም አደረሳችሁ በማለት በኢትዮጵያ ወንጌላዊት ቤተ ክርስቲያን መካነ ኢየሱስ እና በራሴ ስም መልካም ምኞቴን ልገልጽላችሁ እወዳለሁ፡፡
ባለፉት ዓመታት በአገራችን አንዳንድ አካባቢዎች በነበረው የዝናብ እጦት ምክንያት ከደረሰው ድርቅ የተነሳ በርካታ ዜጎቻችን በምግብና በውኃ እጥረት መጎዳታቸውን እናስታውሳለን፡፡ በዚያን አስቸጋሪ ጊዜ ከዳር እስከ ዳር ያለው የኢትዮጵያ ሕዝብ በአምላካችን በእግዚአብሔር ፊት ያቀረበው ጸሎት ተሰምቶ አካባቢው ዝናብ በማግኘቱ ሕዝቡ በደስታ ኑሮውን ቀጥሎአል፡፡ ለዚህም በዚህ አጋጣሚ እግዚአብሔርን ላመሰግን እውዳለሁ፡፡ በሌላ በኩል ግን የዓለማችን የሰላም እጦት አሳሳቢ ሆኖ ቀጥሏል፡፡ በአገራችንም ከተለመደው የሰላም እጦት በተጨማሪ የኢኮኖሚ ጫናና ሙሰኝነት በዜጎቻችን ላይ ከፍተኛ ውጥረትን ፈጥሯል፡፡ በአገሪቱ የተለያዩ ክፍሎች ከተፈጠረው የመሬት ናዳ (Land Slide) የተነሳም ብዙ ዜጎቻችን ለድንገተኛ ሞት ተዳርገዋል፡፡ በዚሁ ሰበብ በርካቶች ከቤት ንብረታቸውን ተፈናቅለው በችግር ውስጥ ይገኛሉ፡፡ አሁንም ቢሆን ከጎረቤት አገራት ጋር የተያያዙ የአገሪቱን ሰላም የሚፈታተኑ እንቅስቃሴዎች ይታያሉ፡፡ በመሆኑ መላው የአገሪቱ ሕዝብ እግዚአብሔር እነዚህንና የመሳሰሉትን ችግሮች እንዲቆጣጠርና ለአገራችን ዘላቂ ሰላምና ልማት እንዲያሰፍን መጸለይ ይገባል፡፡
የተከበራችሁ ውድ የአገራችን ህዝቦችና መላው ህዝበ-ምዕመናን፤
2016 ዓመተ ምህረት ዳግመኛ ላይመለስ ሄዷል፤ 2017 ደግሞ አዲሱ ዘመን ተብሎ ተተክቷል፡፡ ይሁን እንጂ ወደ አዲሱ ዓመት ከመግባታችን በፊት ባለፈው ዓመት እንደ ግለሰብ፤ እንደ ቤተሰብ፤ እንደ ማህበረሰብ፤ እንደ የሀይማኖት ተቋማት፤ እንደ አገርና እንደ ህዝብ በአገሪቱ ስንኖርና ተግባሮቻችንን ስናከናውን ጉዞአችን እንዴት ነበር? በማለት የሄድንባቸውን መንገዶችና ያከናወንናቸውን ተግባራት መገምገም ይገባናል ብዬ አስባለሁ፡፡ ይህም ባለፈው ዓመት የታዩብንን ደካማና ጠንካራ ጎኖቻችንን በመለየት ድክመቶቻችንን አስተካክለን ጥንካሬዎቻችንን በማጎልበትና አዳዲስ ራዕዮችን በመሰነቅ በ2017 ዓ/ም በምንሰማራባቸው ሥራዎች ሁሉ ለራሳችንም ሆነ ለዜጎቻችን ኑሮ መሻሻል በሚደረገው ጥረት የየራሳችንን ድርሻ በትጋትና በታማኝነት መወጣት እንድንችል ይረዳናል፡፡
ለዚህም ያለፈውን ዓመት ሥራችንን መገምገምና ራይዕ ሰንቀን ዕቅዶችን ማዘጋጀት ብቻ በቂ አይሆንም፡፡ ለመልካም ሥራ ሁሉ መሰረት ሊሆን የሚችለው እግዚአብሔርን መፍራት ነው፡፡ የቅዱሱ አምላካችን ቃል ‹‹ የጥበብ መጀመሪያ እግዚአብሔርን መፍራት ነው፤ ለሚያደርጓትም ሁሉ ደህና ማስተዋል አላቸው፤ ምስጋናውም ለዘላለም ይኖራል›› (መዝ 111፡10) ይላል፡፡ እንግዲህ በአገራችን ብሎም በዓለማችን ሰዎች የሚጠበቅባቸውን መልካም ተግባር እንዳይፈጽሙ፤ የሰው ልጆች በሰላም አብረውና ተባብረው እንዲሁም ተፋቅረው እንዳይኖሩ የሚያደርጉ ችግሮች የሚከሰቱት በዋነኛነት ሰው እግዚአብሔርን ባለመፍራቱ በባልንጀራው ላይ ከሚፈጽማቸው ክፉ ተግባራት የተነሳ ነው ማለት ይቻላል፡፡ በአገራችንም በማናቸውም ደረጃ የሚታዩት የእግዚአብሔር አምላክን ክብር እንዲሁም የሰውን ልጅ ጥቅምና ክብር የሚነኩ ተግባራት እግዚአብሔርን ካለመፍራት የተነሳ የሚፈጸሙ ናቸው፡፡ እግዚአብሔርን መፍራት ወደ ማስተዋል ያመጣል፤ ለእግዚአብሔር ክብርና ለባልንጀራችን ጥቅም ከማይሆን ማንኛውም ድርጊት እንድንርቅ ያደርጋል፡፡
መዝሙረኛው ዳዊትም ‹‹ ከትዕዛዝህ የተነሳ አስተዋልኩ፤ ስለዚህ የሐሰትን መንገድ ጠላሁ›› (119፡104) ይላል፡፡ በመሆኑም በአዲሱ ዓመት በየዕለቱ እግዚአብሔርን በመፍራትና በማስተዋል የማያልፈውን ከሚያልፈው፤ የከበረውን ከተዋረደው፣ መልካሙን ከክፉ በመለየት በተጠያቂነት መንፈስና በታማኝነት ኃላፊነታችንን ለመወጣት መዘጋጀት ይኖርብናል፡፡
በመጨረሻም እግዚአብሔር አምላካችን በ2017 ዓ/ም ለአገራችን ሕዝቦች በተለያዩ የአመራር ደረጃዎች ለሚያገለግሉ መሪዎች፣ ለኃይማኖት አባቶችና አገልጋዮች እንዲሁም ለመላው ሕዝበ-ምዕመናን እግዚአብሔርን የመፍራት ልብ ይስጥ፤ አገራችንን በሰላሙ ይጠብቅ፤ የምንሰራውን ሥራ ሁሉ ይባርክ፤ እያልኩ አዲሱን ዓመት ስናከብር በተለያዩ ምክንያት የተጎዱና የተቸገሩ፣ ድሆችና በሽተኞች፣ ወገኖቻችንን በማሰብና ካለን በማካፈል አብረናቸው እንድናሳልፍ አደራ ለማለት እወዳለሁ፡፡
እግዚአብሔር አምላካችን ኢትዮጵያን ይባርክ!
እግዚአብሔር ይባርካችሁይጠብቃችሁ፤ እግዚአብሔር ፊቱን ያብራላችሁ ጸጋውንም ይስጣችሁ!
እግዚአብሔር ፊቱን ይመልስላችሁ ሰላሙንም እለት እለት ያብዛላችሁ!
በስመ አብ፤ በስመ ወልድ፤ በስመ መንፈስ ቅዱስ አንድ አምላክ! አሜን!
ቄስ ዶር/ዮናስ ይገዙ
የኢትዮጵያ ወንጌላዊት ቤተ ክርስቲያን መካነ ኢየሱስ ፕሬዚዳንት
اکنون در دسترس! پژوهش تلگرام ۲۰۲۵ — مهمترین بینشهای سال 
