cookie

ما از کوکی‌ها برای بهبود تجربه مرور شما استفاده می‌کنیم. با کلیک کردن بر روی «پذیرش همه»، شما با استفاده از کوکی‌ها موافقت می‌کنید.

avatar

Mana kitaabaa Dachaasaa

Kitaabota afaan Oromoon Dubbisne afaan oromo haa guddisnu!

نمایش بیشتر
کشور مشخص نشده استزبان مشخص نشده استدسته بندی مشخص نشده است
پست‌های تبلیغاتی
220
مشترکین
اطلاعاتی وجود ندارد24 ساعت
اطلاعاتی وجود ندارد7 روز
اطلاعاتی وجود ندارد30 روز

در حال بارگیری داده...

معدل نمو المشتركين

در حال بارگیری داده...

نمایش همه...
QOPHII MILKII: WALOO WALIIN

Repost from Fayyaa sammuu
Araada tamboo aarsuu Biyyota baay’ee keessatti itti fayyadamni tamboo hir’isaa jira. Haa ta’u malee biyyoota muraasa keessatti itti fayyadamni isaa ol ka’aa jira. Addumaan immoo tamboon dargaggoota biratti beekamadha. Nikootinii araada nama qabsiisuufi amala kana akka hin dhiifne nama gochuuf humna guddaa qaba. Yoo tamboo xuuxuu dhiisuu barbaadde armaan gadiitti qabxiilee sadarkaadhaan kaa’aman hordofi. 1.Amalakee qori Fedhii xuuxuu akka dabalu kan godhu haalli ykn waanti addaa maaltu jiraa? Haala kana irra deebi’ii ilaaliiti waan sana dhabamsiisi, yookiin ittin mormuuf qophaa’i 2.Hiriyootakee waliin ciree gaarii nyaadhuu. Qofummaa dhabamsiisi. Naannoo haaraa barbaadi. Sagantakee, mareekee bakka dur itti argamtu jijjiiri. Naannoo si boqochiisuufi nageenya qabu keessatti hirmaadhu. 3.Michootaafi maatiikee itti dabali. Xuuxuu akka dhaabde hunduma isaanitti himi. Isaan si gagaaruu. Yoo siif dandaa’ame nama dhiisuuf barbaadu kan biraa qunnami. Yeroo argitu immoo jajjabina ni kennitas, ni fudhattas 4.Nyaatakeef of eegannoo godhi. Araada irraa hiikamuun fuduraaleefi kuduraalee baay’ee wajjin deemuu qaba. Bishaan baay’ee cuunfa loomii waliin dhugi. Kun qaamakee keessa nikootinii balleessa. Fedhii ati tamboodhaaf qabdu suuta suuta gadi buusa. 5.Sochii qaamaa Sochiin qaama gadda yeroo araada irraa hiikaman namatti dhufu irra nama bashannansiisa. Yaada qajeelaas ni jajjabeessa. Ganama utuu ciree hin nyaatiin sochii qaama taasisuu hin dagatiin. sochiin qaama ofiisaatiyyuu keessikee guyyaa guutuu akka gammaduufi si’aa’u si godha. 6.Ofiikee badhaasi. Maallaqa tamboo xuuxuu dhiisuukeetin walitti qabdeen waan jaallattu tokko bitadhu. Fakkeenyaaf uffata ykn kophee, yoo feetee bakka biraa deemtee bashannanuu. 7.Kallatti hafuura irraa gargaarsa barbaadi. Araada kan qaban namoonni baay’een sadarkaa kanatti xiyyeeffannoo kennuu dhiisuudhaan yaalii isaanii keessatti utuu hin milkaa’iin hafu. Amala kana moo’achuudhaaf humna akka argattutti, akka nama michuu isaatti himuutti waaqayyoon kadhadhu. Rabbiikeetti michoomi boqonnaa guutuu akka argattuuf. join 👉@sammuukoof 👉@sammuukoof
نمایش همه...
Theories of truth By Richard L. (PhD)
نمایش همه...
Theories of truth.pdf9.23 MB
Dokumentarii Dr Asafa Tarrafaa https://youtu.be/DRF_yWhj9d8
نمایش همه...
DOOKUMANTARII SEENAWAA: #WALOO WALIIN (Dr. Asafaa Tafarraa Dibaabaa)

WWALOO WALIIN:

👉 Haala ilaaltee abdii hin kutatiin abdii hin kutatin ammas abdii hin kutatiin !!! Haalli har'aa hin amanamu : ✔ #Har'a hiyyessa yoo taate bor ni sooromta. ✔ #Har'a uffata gahaa hin qabdu yoo tahe bor irraa hafaa qabaatta. ✔ #Har'a Miilla qullaa deemta yoo tahe bor kophee jijjirtee keewwaattam! ✔ #Har'a Hojii Hin Qabdu Yoo Ta'e Bor Hojjetaa Hedduu Qacarta! ✔ #Har'a Baasii Gejjibaaf Yoo Dhabdeyyuu Bor Konkolaata kee Yaabdee Adeemta! ✔ #Har'a Nama Si Jaallattu Hin Qabdu Yoo Ta'eyyuu Bor Baayyina Fira Keetif Dhiphatta! ✔ #Har'a Utuu Biyyi Kolfuu Yoo Boosseeyyuu Bor Yeroo biyyi Boo'u Kolfuuf Jirta! ✔ #Har'a Gurguddoota Biyyaa Hin Beektu Yoo Taheyyuu Bor Nama Guddaaf Beekamaa taata. Kanaafuu haala keessa jirtutti gammadi wal'aansoo qabi, moo'ichi nama wal'aansoo qabu bira jira.
نمایش همه...
Review Essay_ Are the Tulama and Wallo Oromo Habasha_8.53 KB
"Mee qalbeeffadhaa yaa ijoolleekoo!" [Muddee 29, 2014 (Imala Harar gara Haramaayaa)] Buufata konkolaataa kan Harar irraa gara Haramaayaa geessu gahuuf, mooraa keenyaa bahee daqiiqaa shan darbaa hindeemne. Akkuman achi gaheen, "Kan guutetu jira koottu seeni" naan jedhe tokko. Gargaaraa konkolaachisaa ta'uu isaati. "Tole," jedhee yeroon seenu, kan anumaafi konkolaachisaa qofaatu keessa jira ta'e. 'Konkolaatichi namuma lama qofaan guutaa?' jechuuf anaa qophaa'u, namni sadaffaan jimaa miikkaan marame bobaa jala godhatee jiru tokko olseene. Jarjaree jira. "Haboo shufeeraa, nu oofikaa! Sa'aan araaraa gahuuf jira. Nu oofikaa, ta'uu baannaan irraan bu'a," jechaa ija isaa konkolaachisaa sanarra asiif achi oofe. Shufeerris jimaa afaan keessa jiru edda gaggeessuun booda, afaan isaa saaqqate. "Anaaf jettu bu'uu dandeessa. Si qofaatu imala seetee? Maal kun...Sin fe'uyyuu,....narraa bu'i,...wallaayi ani sin fe'u....hin deemuyyuu,...dirqamaan na oofsiftaa? Dafii narraa narraa bu'i!" Yeroo konkolaachisichi akkanaa jedhuun, hammi aaruu namicha ittuu dabale. "Yoo dhiira taate koottuu keessaa na buusi. Tolan deema seetemoo? Qarshii kootiinan imalaa jira bar. Maal kun narraa hin usuuyi!... Ilma haadha..." jedhee arraba filee itti deebise. Yoon ilaalu, jarri lamaanuu dubbi barbaadanii jiru. Akka waan dura dubbii walirraa qabanii yookaan manaa dubbii gudunfatanii bahanii fakkaatu. Kanaafan irraa bu'ee, konkolaataa biraa kan guutuuf jedhe tokkon, imala deemsa gara Haramaayaa jalqabe. Buufatichaa kaanee akkuma Araattanyaa geenyeen, shamarran lama na cina taa'anii jiran irraa hasahaa jabaa tokkotu gurra na seene. Tokkotu tokkon akkana jetti; "Maali hammana 'makeup' ofitti baay'isuun? Nama biraa natti fakkaattehoo yaa saayibaa!" Anis carraa kanatti fayyadamee yoon sirriitti ishee ilaalu, rifeensi kan gamaa dhufedha, gogaan fuulaafi kan harkaa garagara tasumayyuu wal hinbeekani, nyaarri nyaara nam-tolcheeti, qeensi harkaafi miilaa akkana kuulamuuf yeroon baay'ee akka irratti badeeru dubbata. Haati 'makeup' dabaree ishee dubbachuutti kaate. "Dhiyoo kana raadiyooniin osoo waa dubbattuun dhagahe. Isa hojiirra oolchuuttan jira. Kanaafan itti yaadee akkana miidhagee manaa bahe. Maal jedha seete raadiyoonichi, 'dhalaan tokko kan isheen dhiira harka ishee keessa galfachuu dandeessu yoo sirriitti of kuultedha. Dhiirri waan dhagahurra waan argutti amana. Kanaafuu of kuuluun dirqama. Faallaa kanaammoo, dhalaan waan argiturra waan dhageessutti amanti. Kanaafi kan dhiirri dhalaa tokko boji'uuf, dhugaas haata'u soba walitti qabee baay'ee haasahu' jedha raadiyoonichi" jettiin ishee tokkon. Yeroo kana kolfa qabachuu dadhabe. Osoo akkanaan jirruu Awwadaayi geenye. Awwadaayi jechuun eegaa, Baha Oromiyaatti, magaalaa wiirtuu daldaalaa kan taate, Harariifi Haramayaa jidduutti kan argamtudha. "Awwadaayi namni bu'u jiraa?" jedhe gargaaraan konkolaachisaa. Aayyoon tokko, kan nu duuba taa'aa turan bu'uuf jedhani. Aayyoon kun, haasahaa shamarree sana lamaanii sirriitti hordofaa turaniiru. Kanaafi kan dhuma irratti akkana jedhanii bu'ani; "Dhiirri dhalaa booji'uuf jecha sobuufi dhalaan jaalatamuuf jecha qaama rabbi bareechee kenneefi gulaaltu tokko. Lamaanuu boruuf hinta'ani. Sobniifi fakkeessuun laga nama hinceesisu. Anaan umuriin waan hedduu na barsiistee jirti; kanatus na kakkaase. Mee qalbeeffadhaa yaa ilmaankoo!" Aayyoo! Akkanaan aayyoon bu'ani. Keenya garuu, deemsi ittuma fufe. Imala daandii Harar gara Haramaayaa irratti. ©Abdiisaa Ejjetaa U. Bantii, 2022 Amajjii 9, 2022 Adaree Biyyoo, Orofrikaa @Orobook
نمایش همه...
Gaaftokko Kaannisaa fi Sinbirrootu waliin haasa'u turan. Sinbirroon, "isa ati itti dhamaatee dalagdu dammakee namni si jalaa yeroo hatee nyaatu sin aarsuu?" jettee gaafatte. Kaannisnis, "homaa waan tokko na hin aarsu. Sababni isaa namni dammakoo hata malee, ogummaa ani ittiin damma dammeessu na jalaa hatuu hin danda'u" jettee deebisteef. Egaa laafaas tahi cimaa hamma ati geessu sumatu of beeka. Dandeettiif gahumsa dhokataa keessa kee jiru eenyumtuu beekuu hin dandahu. Firii hojii kee hatanis ogummaa hojicha ittiin hojjettu hatuu hin danda'ani. Ati garuu gahumsa dhokataa keessa kee jiru isa eenyuyyuu si jalaa hatuu hin dandeenyetti hojjedhu. Ogummaa Rabbi siif kenne otuu itti hin fayyadamiin of keessatti dhoksitee awwaaltee wajjin awwaalamuu hin qabdu. Kun cubbuu dha. Beekumsaaf gahumsi dhokataan keessakee jiru addunyaa kanaaf dawaa tahuu danda'a, ati garuu beekumsakee sanaan addunyaa fayyadi. Waan dubbifteef ulfaadhu! Barreessaan: Ammayyuu Taasisaa. 👉 JION @ManakitaabaaDachaasaa @ManakitaabaaDachaasaa @ManakitaabaaDachaasaa
نمایش همه...
Photo unavailableShow in Telegram
⨳ Dhalli namaa bu’aa yaada isaatiti. kanaaf yaada gaari qabaadhu. ⨳ Osoo ulfinni si eeguu salphina hin keessummeessiin! ⨳ Dhalli namaa bu’aa yaada isaatiti. kanaaf yaada gaari qabaadhu. ⨳ salphina akka ulfinatti hin fudhaatan. ⨳ Iddoo atii har’a jirtu bakka boru itti argamtu miti. ⨳Jireenya jiraatu keesaatti nama kayyoo ta’i ⨳ Nama jaalachuuf fayyida hin barbaadin onnee Qulqulluu malee! ⨳ Gootonni yeroo baay'ee lubbuu isaani irraa kayyoo isaanif wareegamu! ⨳ Sammuu mul’ata qabu malee sammuu summii qabu hin qabatin!
نمایش همه...
یک طرح متفاوت انتخاب کنید

طرح فعلی شما تنها برای 5 کانال تجزیه و تحلیل را مجاز می کند. برای بیشتر، لطفا یک طرح دیگر انتخاب کنید.