OGUMMAA(A.U)
رفتن به کانال در Telegram
#Jechoota_Beektotaa #Jechoota_Ijoo #Walaloo_gabaabaa #Isinii dhiyeessina! Yaadaafqeeqa:- @tr4abdi Facebook: https://www.facebook.com/abraham.urgesa.75
نمایش بیشتر4 109
مشترکین
اطلاعاتی وجود ندارد24 ساعت
-67 روز
-5530 روز
در حال بارگیری داده...
کانالهای مشابه
ابر برچسبها
هیچ دادهای
مشکلی وجود دارد؟ لطفاً صفحه را تازه کنید یا با مدیر پشتیبانی ما تماس بگیرید.
اشارات ورودی و خروجی
---
---
---
---
---
---
جذب مشترکین
فوریه '26
فوریه '26
+9
در 0 کانالها
ژانویه '26
+11
در 0 کانالها
Get PRO
دسامبر '25
+17
در 0 کانالها
Get PRO
نوامبر '25
+16
در 0 کانالها
Get PRO
اکتبر '25
+23
در 1 کانالها
Get PRO
سپتامبر '25
+10
در 0 کانالها
Get PRO
اوت '25
+6
در 0 کانالها
Get PRO
ژوئیه '25
+5
در 0 کانالها
Get PRO
ژوئن '25
+8
در 0 کانالها
Get PRO
مه '25
+9
در 0 کانالها
Get PRO
آوریل '25
+16
در 0 کانالها
Get PRO
مارس '25
+14
در 1 کانالها
Get PRO
فوریه '25
+8
در 0 کانالها
Get PRO
ژانویه '25
+15
در 0 کانالها
Get PRO
دسامبر '24
+49
در 0 کانالها
Get PRO
نوامبر '24
+71
در 3 کانالها
Get PRO
اکتبر '24
+54
در 2 کانالها
Get PRO
سپتامبر '24
+34
در 0 کانالها
Get PRO
اوت '24
+77
در 0 کانالها
Get PRO
ژوئیه '24
+80
در 0 کانالها
Get PRO
ژوئن '24
+68
در 0 کانالها
Get PRO
مه '24
+97
در 1 کانالها
Get PRO
آوریل '24
+112
در 0 کانالها
Get PRO
مارس '24
+122
در 0 کانالها
Get PRO
فوریه '24
+87
در 0 کانالها
Get PRO
ژانویه '24
+80
در 0 کانالها
Get PRO
دسامبر '23
+82
در 4 کانالها
Get PRO
نوامبر '23
+109
در 4 کانالها
Get PRO
اکتبر '23
+57
در 6 کانالها
Get PRO
سپتامبر '23
+111
در 0 کانالها
Get PRO
اوت '23
+173
در 0 کانالها
Get PRO
ژوئیه '23
+412
در 0 کانالها
Get PRO
ژوئن '23
+369
در 0 کانالها
Get PRO
مه '23
+313
در 0 کانالها
Get PRO
آوریل '23
+269
در 0 کانالها
Get PRO
مارس '23
+178
در 0 کانالها
Get PRO
فوریه '23
+341
در 0 کانالها
Get PRO
ژانویه '23
+893
در 0 کانالها
Get PRO
دسامبر '22
+409
در 0 کانالها
Get PRO
نوامبر '22
+489
در 0 کانالها
Get PRO
اکتبر '22
+382
در 0 کانالها
Get PRO
سپتامبر '22
+425
در 0 کانالها
Get PRO
اوت '22
+599
در 0 کانالها
Get PRO
ژوئیه '22
+257
در 0 کانالها
Get PRO
ژوئن '22
+407
در 0 کانالها
Get PRO
مه '22
+697
در 0 کانالها
| تاریخ | رشد مشترکین | اشارات | کانالها | |
| 13 فوریه | 0 | |||
| 12 فوریه | 0 | |||
| 11 فوریه | +1 | |||
| 10 فوریه | +1 | |||
| 09 فوریه | +1 | |||
| 08 فوریه | +1 | |||
| 07 فوریه | 0 | |||
| 06 فوریه | +1 | |||
| 05 فوریه | +2 | |||
| 04 فوریه | +1 | |||
| 03 فوریه | 0 | |||
| 02 فوریه | 0 | |||
| 01 فوریه | +1 |
پستهای کانال
መጥፎ ዜና. የተናገረው እይታ ማጭበርበር ተጠያቂ ስለመሆኑ፣ ቻናሉ ላይ ተደርጓል፣ እና ቻናሉ ሊሰረዝ እንደሚችል የቴሌግራም አስተዳደር ማስጠንቀቂያ ሰጣል። ቻናሉን እንደገና ለመፍጠር ውሳኔ ተሰጥቷል, እና ለወደፊቱ ተመሳሳይ ስህተቶችን ለማስወገድ, የግብዣ ማገናኛ በ bot; የድሮው ቻናል ከአሁን በኋላ አይዘመንም። ለተፈጠረው ችግር ይቅርታ።
| 2 | Due to technical reasons, the channel will need to be recreated. To avoid similar situations in the future, the new channel link can now only be obtained through our bot — https://t.me/verif110224_bot . The old channel is no longer active and may be deleted. | 446 |
| 3 | Addunyaa kanarraa namoonni yaaddessoo fi rakkisoon;
1. Namoota of gananidha.
Namoonni akkasii sammuu isaanii waan gananiif moorality dhaaf dhimma hin qaban. akkuma warabessaa waan nyaatan argannaan si wajjiin nyaatu yoo dhaban immoo suma nyaatu.Hanga bu'aa argatanitti si waliin jiraatu.
2. Namoota ofumaaf iddoo guddaa ofii kennaan.
Jarri kun hubannoonis ta'e dandeettii ittiin iddoo ofi kennaan sana qaqqaban hin qaban.
Dorgomuu hin danda'an garuu yeroo hunda namni na caale namni na bira darbe jechuun yaadaan dhibamaa jiratu.madaala ofiif ofii kennaan malee iddoo qaqqabuu danda'an hin beekan.
3. Namoota Fakkeessumman jiratan waan hunda beeka jedhu, hunda nan danda'a jedhu. Ifatti qabatamaadhaan hojjatanii hin mul'isanii. garuu wan namni naannoo isaanii hojjatu hunda kan isaanii akka ta'u barbaadu. Akkas ta'uu yeroo didu ofis nama biras komachaa jiraatu. Yeroo mara sammuu isaaniif dandeetti isaaniirraa waan namni isan jajutti ykn faarsutti gammadu. yoo kana dhaban ofiis namas komataa jiratu.
4. dhaha lallatoota
Yeroo bay'ee carraa eeggatanii carraa argataniin fayyadamuu barbaadu ofii isaanii hojjachus ta'ee yaada hojii hin qaban.
Idduma hojiin milkaa'ina qabu jirutti dursanii argamuu fedhu yoo dhabanimmoo callisanii hiriira isaanii jijjiiratu. Saalfii hin qaban bu'uma argamurratti xiyyeefatu malee aarsaa kaffaluu hin barbaadan.
Amala namootaa beekanii hojachuun milkaa'inaf qooda gudda qaba.
Namoota rakkisoofi yaaddesoo akkasiirra goranii hojjachuunis gaariidha.
| 855 |
| 4 | Asoosama Gabaabaa kana dubbisaa....! | 582 |
| 5 | Kitaabolee barbaaddan nuuf barreessaa isiniif eeguu dandeenya! | 560 |
| 6 | Hariiroo dhabuun nama dhukkubsa. Garuu hariiroo keessatti of dhabuun caalaatti nama dhukkubsa.
♡ ✉️ ⎙ ⌲ 🔕
ˡᶦᵏᵉ ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ ˢᵃᵛᵉ ˢʰᵃʳᵉ ᵘⁿᵐᵘᵗᵉ ᶜʰᵃⁿⁿᵉˡ
Join Us// @Jemsiquotes | 655 |
| 7 | Abjuukoo_hin_gurguru.pdf | 827 |
| 8 | Dhumarratti murtoo sirrii akka goote hubachuu caalaa wanti nama gammachiisu hin jiru.
♡ ✉️ ⎙ ⌲ 🔕
ˡᶦᵏᵉ ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ ˢᵃᵛᵉ ˢʰᵃʳᵉ ᵘⁿᵐᵘᵗᵉ ᶜʰᵃⁿⁿᵉˡ
Join Us// @Jemsiquotes | 1 043 |
| 9 | https://www.facebook.com/100062772354575/posts/pfbid02mmFfGt8mHH9SP1x8pYAH687XZjLBgdaZegFtqVzcxVwNkpDQcy43fYxFigzz77Qxl/?app=fbl | 1 139 |
| 10 | #Of_Ajjeesuu_Irraa_Hangaa
Biliyeenaraatti
✍J.K Rowling jedhamti. Dubartii biyya Ingiliziiti
Yeroo tokko jireenyarraa abdii kuttee of ajjeesuu yaaddee turte.
Barreessituu cimtuu fi ogeettii cimtuu ta’uuf ijoollummarraa kaastee fedhii qabdi turte. Garuu haalli hin mijanneef. Waggaa 17tti koolleejjii seenuuf iyyattee fudhatama dhabde. Waggaa 25tti harmeen ishee dhukkubsattee jalaa boqatte. Du’a harmee isheetiin kan kahe gadda guddaa keessa seente, gadda sana keessaa bahuuf gara biyya Portugal deemte. Achitti afaan Ingiliffaa barsiisuu jalqabde.
✍Sana booda achittii nama biyya Portugal tokko waliin wal barte.
Nama Portugal kana waliin erga wal baranii booddee itti heerumte. Haa ta'utii garuu Waggaa tokko booda gaa’elli ishee ni diigame. Sana booda ulfa waan taateef battaluma gaa'eelli ishee diigameen mucaa deesse.
✍ Da’umsaa booda hojii itti fufuu waan hin dandeenyeef hojii ishee addaan kutte. Nama gargaaru dhabdee gargaarsa mootummaatiin jiraachuu jalqabe. Haalli kun ‘Depression’ guddaa keessa ishee galche, umrii ishee waggaa 30tti of ajjeesuu yaadde😔
🔺Kana hunda keessatti yaada ishee barreessuu hin dhiifne. Kaaffee deemtee mucaa ofirra raffistee barreessiti. Kitaaba ishee barreessitee erga fixxee booda mana maxxansaa tokkotti erginaan fudhachuu didan. Ammas abdii kutuu dhiistee kan biraatti erginaan fudhachuu didan. Walumaa galatti mana maxxansaa 12tu kitaaba ishee gatii hin qabu jedhee maxxansuu dide.
Maarree isheenis Kitaaba ishee kana maxxansiisuuf jettee dhamaatii guddaa fi aarsaa gurguddaa kaffaluu ishee ittuma fufte.
✍Egaa, dhumarratti manni maxxansaa tokko maxxansiisudhaaf tole ittiin jedhan. Isayyuu mucaa hoogganaa mana maxxansaa sanatu dubbisee mucaan sun kitaaba sana jaallannaan, hoogonaan mana maxxansaa sun fedhii mucaa isaa eeguuf jedhee tole jedhe.
Kitaabichi “Harry Potter” jedhama. kitaabni kun addunyaarratti afaan adda addaa 73tti hiikameera. Akkasumaas Copy Miliyoona 500 caalutu gurgurame.
✍J.K. Rowling barreessituu dubartii yeroo jalqabaaf Biliyeenara taatedha. Gatiin "Harry Potter" fiilmiiwwan kitaabicharratti hundaa’anii barreeffaman waliin har’a doolara biliyoona 20 caala.
Barreessituun kitaabichaa badhaasota akka addunyaatti qophaa’an baay’ee argattee jirti.
Dubartii yeroo tokko abdii kuttee of ajjeesuu yaaddetu har’a sadarkaa kanarra jira.
GAAFFIIN KOO::
✍🏿Abdii kutuu yaaddaa?
✍🏿Kana booda nama hin ta’u jettaa?
✍🏿Galma hin ga’u jettaa?
DEEBIIN KEE MAALI?
DHAAMSA KOO
Jireenyi yeroo tokko tokko akka taphattoota dirree kubbaa miilaa seenanii osoo score 1 hin galmeessisin dirree keessaa bahanii sitti fakkaachuu danda'a taha.
Garuu kun yeroodhaaf tahuu isaa beeki.
Jireenyii jalqabaa akka nama kubbaa mukatti hidhee ittiin taphatuutti siin taphatti. Booddee garuu dabaree kee situu ittiin taphata!
KANAAFUU ABDII KUTUU DHIISI!
✍ Waan Dubbistaniif Galatoomaa🙏.
@OGUMMAA_A_U
@OGUMMAA_A_U | 1 800 |
| 11 | Jaalala Hiriyaa (1).pdf | 1 359 |
| 12 | Namni fooyya'iinsa akka gootu si jajjabeessu kamuu nama itti dhihaachuun siif maludha.💖🙏🏼
♡ ✉️ ⎙ ⌲ 🔕
ˡᶦᵏᵉ ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ ˢᵃᵛᵉ ˢʰᵃʳᵉ ᵘⁿᵐᵘᵗᵉ ᶜʰᵃⁿⁿᵉˡ
Join Us// @Jemsiquotes | 1 122 |
| 13 | Miidiyaa kana irratti beeksiafachuu, akkasuma barnoota xiinsammuu asorratti maxxansuu warri barbaaddan keessaan na dubbisaa!
Waliin waliif taana! | 1 265 |
| 14 | #Hojii manaa kee inni guddaan addunyaa kana irra hamma jiraattutti mul'ata dhokataa, uuman kee si keessa kaa'e barbaaddee argachuu fi fiixaan bahiinsa isaaf irratti hojjechuu dha.
Mul'ata mataa keetii barbaaddee argachuu fi irratti hojjechuu yoo baatte umurii kee guutuu garba mul'ata nama biroo taatee jiraatta jechuudha.
Misooma sammuu kee irratti hojjechuuf Itti gaafatamummaa kan qabu si qofa.
Mul'anni kee baay'ee gati jabeessadha. Jireenya kee keessatti mul'anni ati baastee ittiin hin hojjenne addunyaaf bu'aa hin qabu. Dhaloota kana kan fayyadu isa ati baastee ittiin hojjette qofaadha.
Kanaafuu, mul'anni keessa kee jiru akkuma jirutti gaaf tokko si waliin akka hin duune, dammaqxee irratti hojjechuutu si irraa eegama. Isa ta'uuf yaadamtee uumamte akka taatu, rakkoo murtaa'aa furuuf gara addunyaa kanaa dhuftes kan si taasisu mul'ata keeti.
Umurii lakkooftee qofa akka dabartuuf miti jireenyi kan siif kenname. Galma gahinsa mul'ata keef hojjedhu jireenya kee Jireenya lakkaa'amu, jireenya du'a kee boodaa illee dhaloonni yaadatu taasisi! Namoonni milkaa'oon hojii jaallatu, hojiitti amanus, humna qaban hundaan yeroo qaban hundatti hojii hojjechuudhan beekamu. Iccitiin milkaa’inaa inni guddaan hojii akka ta'e haalaan waan beekaniif, hojii barbaachiisaadha jedhanii itti amanan kamiyyuu ni hojjetu.
Mul'anni kee kunuunsa guddaa barbaada. Namoonni baay'een mul'ata akka qaban dubbatu, mul'ata isaaniif kunuunsa waan hin taasisneef garuu mul'anni isaanii hawwii qofa ta'ee hafa. Namoonni dogogoraa naannoo kee jiran bineensota mul'ata kee irra ejjetanii cabsaniidha. Kanaafuu mul'ata kee namoota sirriif qofa qooduun ogummaa guddaadha. Namoonni sirriin mul'ata kee si harkaa fuudhanii si gargaaranii siif ceesisu. Irra si jalaa hin ejjetan; siif kunuunsu.
"Misooma Sammuu kee irratti hojjechuuf Itti Gaafatamummaa kan qabu si qofa"
Galatoomaa!.
Waliif qoodaa
@OGUMMAA_A_U
@OGUMMAA_A_U | 1 489 |
| 15 | #ILAALCHA_DU’ANII_ILAALCHA JIRAATU
#Ilaalchi jireenya dhala namaaf murteessaadha. Ilaalcha ati qabdutu si jiraachisa yookiin immoo si ajjeesa. Namootni hedduun haala keessa jiran dhiisanii haala dhufuuf jiru dubbisu. Haalli amman keessa jiru ni jijjiirama jedhanii amanu. Osoo miidhamanii guyyaa miidhama isaanii irraa bayyannatan lakkaa’atu. Du’aafi jireenya gidduu osoo jiranii jireenya lakkawwatu. Wanti naannoo isaanii marsee jiru abdii namaa hin kennu yoo ta’eyyuu kun hunduu yeroo booda hin argamu jedhanii amanu. Addunyaa irra ba’anii addunyaa gadi ilaalu malee addunyaa mataatti baatanii hin rakkatan. Addunyaa irra deemanii lafa kaayyoo isaanii gahu malee addunyaa baatanii hin tiratan. Warri kun warra ilaalcha isaniitiin jiraatanidha. Isaan kuni addunyaa akka barbaadanitti bifa ishee saxaxu malee addunyaan isaan hin saxaxxu! Warri kun du’anii illee seenaa qabu! Haftee isaaniitiin dhalootni bocama!
Faallaa kanammoo warri osoo jiranii du’a abjootanis jiru. Osoo jiraachuun jiru du’a, osoo darbuun jiru kufaatii, osoo ce’uun jiru gamanatti hafuu, osoo ciminni jiruu dadhabina, osoo moo’uun jiruu moo’amuu, osoo qabanii dhabinsa, osoo nyaatanii beela warri yaadanii yaadda’anis jiru. Warri kun keessi isaanii yeroo hundumaa ati nama hintaatu isaaniin jedha. Isaanis “ani nama hinta’u” jedhanii yeroo hundumaa of ceepha’u. Yeroo hundumaa “bor maalan ta’a laata?” Jedhanii of jeequ! Warri kun warra ilaalchaan du’ani dha. Warri kun addunyaa baatanii ba’aa adunyaatiin rakkatu. Addunyaatu gara barbaadanitti isaan oofa. Maaliif akka jiraatan hin beekani!
Waan dhufe wajjin oofamaa oolu….kallattii deemsa isaanii hin beekan. seenaa isaanii wajjin deemu. Haftee hin qaban! yoo qabaatanis hafteen isaanii madda badii ta’a!
@OGUMMAA_A_U
@OGUMMAA_A_U | 1 174 |
| 16 | Lal. Abraham Urgesa.m4a | 782 |
| 17 | Facebook: https://www.facebook.com/abraham.urgesa.75 | 787 |
| 18 | Namoonni channel kana irratti beeksifachuu fi irratti hojjechuu barbaaddan keessaan na dubbisaa | 815 |
| 19 | Goondaa fi cichoomina✊️
....
Goondaa ni beektaa Goondaa isa hiriiree lafarr yaa'u. Yoo ilaalan maal fakkaata? Gowwaa, homaa kan hin beekne fakkaata. Goondaan barumsa addaa nu barsiisu qaba. Callisanii gaafa yaahan gatii kan hin qabne fakkaatu. Gaafa waa qabatan garuu gadi hin dhiisan. Cichaniituma qabatu. Nama yoo tahe qabee ofirraa cutuuf yaala.
"Goondaan garuu qabnee gadi dhiisuun kennaa keenya miti, yoo barbaaddan na kuti kan kukkuti" jedhu.
Waan qabanne gadhiisuu akka hin qabne goondaa irraa baranna. Abrahaam Linkoln akkas jedha, " kaayyoo keetti cichi, har'a hin milkoofne jechuun boru hin milkooftu jechuu miti" jedha. Linkoln yaalii hedduu booda waggaa 52 yeroo tahu pirezideentii Ameerikaa 16ffaa tahe. Milkaa'inni bu'aa cicoominaati. Cichinee qabuudhaan dhugumatti ni milkoofna. Waa qabdee amma milkooftutti akka goondaa tahi. Ni milkoofta, milkaa'inni kan keeti.
Milkaa'inni bu'aa cichoominaati.
Eebbifamaa
✍️ Abraham Urgesa | 812 |
| 20 | Seenaan bara bara baraan jiraata warra hamaa godhaniis akaksuma warra gaarii hojjetaniif! | 491 |
