cookie

ما از کوکی‌ها برای بهبود تجربه مرور شما استفاده می‌کنیم. با کلیک کردن بر روی «پذیرش همه»، شما با استفاده از کوکی‌ها موافقت می‌کنید.

avatar

Dambalii Seenaa

ABO-WBOn haa waaruu !!!

نمایش بیشتر
فنلندة3 434زبان مشخص نشده استسیاست28 080
پست‌های تبلیغاتی
415
مشترکین
+224 ساعت
+197 روز
+3830 روز

در حال بارگیری داده...

معدل نمو المشتركين

در حال بارگیری داده...

Repost from Dhiiroo Garbii
Photo unavailableShow in Telegram
#INJIFANNOO Gootichi WBO'n zoonii kibbaa godina Gujii lixaa bobbaa duula Irbuu Shinniggaa milkeessuuf, Aanaa Abbayaa ganda Ladoo Daadaa jedhamutti, ganama sa'a 3:00-5:00 tarkaanfii laalessa waraana maafiyaa Abiy Ahmad irratti fudhateen nama 35 ol yommuu ajjee**ssu 23 ma*doo adabeera. Gama meeshaatin Akm 12 Rasaasa Pkm 635 Rasaasa AKM 500 Bomb4 Kaazina 21 Nyororoo PKM 200 irraa hiikkatuun galii dantaa qabsoo bilisummaa Oromootiif oolchee jira.
نمایش همه...
👍 2
Dirree lolaatti seera dirree lolaa kabajuun kan beekamtu battala isheen irraa loltu WBO miti diinnillee bareechee kan beekuu fi buqqisee ka'uuf yeroo kan hin kennineef akka isheen taate firaa fi diinatu ragaadha. Jaal Biliseen yeroo feete uffata jijjiirrattee dirqama dhaabaa raawwachuuf rifaatuu takkaan alatti magaalaa yoo seentellee dirqama bobbaateen naamusa guddaadhaan guutummaatti raawwattee deebi'uu kan ishee dandeessisu Onnee akka gaaraa qabaachuu ishee irraa kan ka'e eessaan seentee fi eessaan baatee isiituu namni beekuu danda'u hin jiru. Akkuma walii galaati naamusa Waraana bilisummaa Oromoo irraa eegamuu qabaachuu ishee irraa kan ka'e olola irratti oofuuf dhagaa gara hin galchin kan hin qabne OPDO/PPn maqaa hamtuu ittiin ishee yaamu dhabee akka rakkatuu fi seenaa qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti namoota dhalootaa hanga wareegamaatti hojii xaliilawaa fi wareegama ulfaataa baasan namoota akka Jaal Gumaabaas fa'i waliin tarree duraa keessa jirti sababni isaa Jaal Biliseen jireenya dirree qabsoo malee jireenya uummataa jiraattee hin beektu, umurii xiqqummaan lafti isiin itti jireenyaaf harka hiikkatte dirree qabsooti, Waan ta'eef seenaa akka galaanaa waraabamee hin dhumne kan hoggayyuu jiraatu kuufatanii warra darban keessa jirti. waraana bilisummaa gameessa zoonii kibbaatti gootittii gaafa lolaa diinni dura dhaabbatee hin beekne ka konkolaataa waraanaa fedhe qofaa ishii mataan dhaabdu san haasa'uutti jirra egaa, Jaal Bilisee diinni akka summii hamaatti ilaala, Dhuguma Jaal Biliseen diinaaf summii hamtuudha turte, Diinni keessumaa kan Godina Booranaa akka bineensaatti ilaala, Jaal Biliseen diinaaf bineensaan oli, Jaal Bilisee diinni akka waaqaa sodaata, Dhugumatti Biloon diinaaf waaqaan ol taatee hanga dandeesse ajjeeftee kaan madeessitee kaan ammoo jiraa isaa harkaan qabdee akka loonii mar'achiiftuudha. Jaal Biliseen yeroo garaa garaatti dirqama addaa fudhattee Zoonii Kibbaatiifi Uumata Oromoo Godina Booranaaf Oromiyaa guutuu keessa jiraatu mataa ol qabachiisaa turtetu jira. Magaala Mooyyaleetti raayyaa ittisa biyyaatu ummata nagaa namoota sagal(9) bakka tokkotti fixee ture Jaal Biliseen oolee osoo hin bulin dirqama fudhattee bobbaatee, osoo torban hin guutin osoo dhiigni uummata sanii hin qoorin #Biiqaatti Konkolaata #Makkalaakiyaa sadii daaraa godhuun olaantummaa diinaa cabsitee mataa Oromoo Moyyaalee keessatti ol qabachiifte. #Mooyyaleetti daangaan Oromiyaa cabe lola guyyoota sagalii, lola dadhabsiisaa fi nuffisiisaa keessatti Obsaaf murannoon loltee lolchiiftee diina cabsitee hamilee buuftee, gootummaa jabaadhaan qe'ee Oromoof ulfinna laatteetti. Akkasumas Jaal Biliseen gaafa #Goofatti daangaan oromoo cabe anatu Oromoof jira jettee dirqamicha ofitti fudhattee gootummaan loltee lolchiiftee daangaa Oromoo fi Oromiyaaf kabaja gonfitee gammachuu labsiteetti... Seenaa Jaal Biliseefi roorroo sababa Garbummaatiin dhufe kan manaa ishee baasee fi erga isheen manaa baateemmoo kan maatii isheerra gahaa turee fi bu'aa bayii tarreeffamee fixuun nama rakkisu kan qabdu Jaal Biliseen guyyaan isheen Wareegama ijibbaataa fi isa xumuraa Kaayyoo ishee itti amantu Walabummaa Oromiyaa fi Bilisummaa Oromoo, Biyya ishee jaal'attu Oromiyaadhaaf, Saba ishee jaal'attu Oromoodhaaf akkasumas Alaabaa ishee jaal'attu kan oggayyuu qophii keessaa hin dhabne Diimaa magariisa Diimaa jalatti Wareegama lubbuu kaffalte,Waggaa lamaan akka har'aa jechuun Adoolessa 7/2021tti Wareegamte!waan ta'eef seenaa ishee irraa waan xiqqoo kana isiniin gahuuf fedheeti, Waan dubbiftaniif galatoomaa! Jaal Bilisee Diidoo Seenaan ishee oggayyuu jiraataadha! Caalaa Boruutin
نمایش همه...
Jaal Gamtaa Wagiin Wal Baraa Jaal Gamtaan Waggaa Sadaan Kana barnootaa isaa University Finfinnee irraa Digirii Jalqabaa Barnoota Economics dhaan qabxii Gaarii fiduudhan achumatii Barsiisaa ( lecture ) tahe utuu barsiisu Diigirii isaa lammataas Mcs (master of Degree) DEVELOPMENT Economics dhaan Achumaa University Finfinnee irraa bara Darbee Xummuree. Dhiraa waan jedheeti Amaanu kun rakkoo uummata kootu dursaa jechun yeroo ammaa dirree irraa diinaan kokkee wal qabuutti jira. Jaal Gamtaa Wagii Ykn Gurraacha Gurra Lootii Mirgaan Gaalii Koormee koo Dhiraa amma jedhuu Gahuu
نمایش همه...
1
Dirree lolaatti seera dirree lolaa kabajuun kan beekamtu battala isheen irraa loltu WBO miti diinnillee bareechee kan beekuu fi buqqisee ka'uuf yeroo kan hin kennineef akka isheen taate firaa fi diinatu ragaadha. Jaal Biliseen yeroo feete uffata jijjiirrattee dirqama dhaabaa raawwachuuf rifaatuu takkaan alatti magaalaa yoo seentellee dirqama bobbaateen naamusa guddaadhaan guutummaatti raawwattee deebi'uu kan ishee dandeessisu Onnee akka gaaraa qabaachuu ishee irraa kan ka'e eessaan seentee fi eessaan baatee isiituu namni beekuu danda'u hin jiru. Akkuma walii galaati naamusa Waraana bilisummaa Oromoo irraa eegamuu qabaachuu ishee irraa kan ka'e olola irratti oofuuf dhagaa gara hin galchin kan hin qabne OPDO/PPn maqaa hamtuu ittiin ishee yaamu dhabee akka rakkatuu fi seenaa qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti namoota dhalootaa hanga wareegamaatti hojii xaliilawaa fi wareegama ulfaataa baasan namoota akka Jaal Gumaabaas fa'i waliin tarree duraa keessa jirti sababni isaa Jaal Biliseen jireenya dirree qabsoo malee jireenya uummataa jiraattee hin beektu, umurii xiqqummaan lafti isiin itti jireenyaaf harka hiikkatte dirree qabsooti, Waan ta'eef seenaa akka galaanaa waraabamee hin dhumne kan hoggayyuu jiraatu kuufatanii warra darban keessa jirti. waraana bilisummaa gameessa zoonii kibbaatti gootittii gaafa lolaa diinni dura dhaabbatee hin beekne ka konkolaataa waraanaa fedhe qofaa ishii mataan dhaabdu san haasa'uutti jirra egaa, Jaal Bilisee diinni akka summii hamaatti ilaala, Dhuguma Jaal Biliseen diinaaf summii hamtuudha turte, Diinni keessumaa kan Godina Booranaa akka bineensaatti ilaala, Jaal Biliseen diinaaf bineensaan oli, Jaal Bilisee diinni akka waaqaa sodaata, Dhugumatti Biloon diinaaf waaqaan ol taatee hanga dandeesse ajjeeftee kaan madeessitee kaan ammoo jiraa isaa harkaan qabdee akka loonii mar'achiiftuudha. Jaal Biliseen yeroo garaa garaatti dirqama addaa fudhattee Zoonii Kibbaatiifi Uumata Oromoo Godina Booranaaf Oromiyaa guutuu keessa jiraatu mataa ol qabachiisaa turtetu jira.   Magaala Mooyyaleetti raayyaa ittisa biyyaatu ummata nagaa namoota sagal(9) bakka tokkotti fixee ture Jaal Biliseen oolee osoo hin bulin dirqama fudhattee bobbaatee, osoo torban hin guutin osoo dhiigni uummata sanii hin qoorin #Biiqaatti Konkolaata #Makkalaakiyaa sadii daaraa godhuun olaantummaa diinaa cabsitee mataa Oromoo Moyyaalee keessatti ol qabachiifte. #Mooyyaleetti daangaan Oromiyaa cabe lola guyyoota sagalii, lola dadhabsiisaa fi nuffisiisaa keessatti Obsaaf murannoon loltee lolchiiftee diina cabsitee hamilee buuftee, gootummaa jabaadhaan  qe'ee Oromoof ulfinna laatteetti. Akkasumas Jaal Biliseen gaafa #Goofatti daangaan oromoo cabe anatu Oromoof jira jettee dirqamicha ofitti fudhattee gootummaan loltee lolchiiftee daangaa Oromoo fi Oromiyaaf kabaja gonfitee gammachuu labsiteetti... Seenaa Jaal Biliseefi roorroo sababa Garbummaatiin dhufe kan manaa ishee baasee fi erga isheen manaa baateemmoo kan maatii isheerra gahaa turee fi bu'aa bayii tarreeffamee fixuun nama rakkisu kan qabdu Jaal Biliseen guyyaan isheen Wareegama ijibbaataa fi isa xumuraa Kaayyoo ishee itti amantu Walabummaa Oromiyaa fi Bilisummaa Oromoo, Biyya ishee jaal'attu Oromiyaadhaaf, Saba ishee jaal'attu Oromoodhaaf akkasumas Alaabaa ishee jaal'attu kan oggayyuu qophii keessaa hin dhabne Diimaa magariisa Diimaa jalatti Wareegama lubbuu kaffalte,Waggaa lamaan akka har'aa jechuun Adoolessa 7/2021tti Wareegamte!waan ta'eef seenaa ishee irraa waan xiqqoo kana isiniin gahuuf fedheeti, Waan dubbiftaniif galatoomaa! Jaal Bilisee Diidoo Seenaan ishee oggayyuu jiraataadha! Caalaa Boruutin
نمایش همه...
👍 1
Photo unavailableShow in Telegram
Namtichi mana qonnaan bulaatti ibidda qabsiisee "mana shanee fi dabballee gubaa jirra" jedhee dhaadatu kun Godina Shaggar Bahaatti miliishaa Aanaa Booraati. Magaalaa Botee keessa jiraata.
نمایش همه...
Godina Shawaa Lixaa Aanaa Dirree Incinniitti Ijoollee keessantu Waraana keessa jira jechuun Faashistiin PP Maatii Manguddoo, Dargaggootaafi Ijoollee homaa siyaasa keessa hin jirre Qotee bulaa, barattootaafi kkf mana hidhaatti guuraa jiru. Haala kanaan yeroo ammaa dubartoonni 30 oli, dhiirrimmoo 210 oli sadarkaa mana sirreessaa poolisii aanaatti mana dhiphoo keessatti walirratti hidhamanii jiru.    Akkaatuma kanaan ganda Roggee Dagaa keessatti maatii tokko keessaa nama torba/07/ horii isaanii waliin mana hidhaatti guuraniiru.   Maqaan 1. Aaddee Suufee Warqinaa Badhaadhaa umuriin - 70 2. Obboo Warqinaa Tarreessaa umuriin - 65 3. Dardaraa Leelliisaa Baqqalab umuriin - 20 4.  Shamarree Immabeet Shallamaa umuriin -16 5. Barataa Amansiisaa Shallamaa umuriin -14 6. Barattuu Meetih Dirribaa umuriin -12 7. Barattuu Kumashii Kabbadaa umuriin - 15 Kan tahedha.
نمایش همه...
Riphanii lo-luu jechuun utuu hin mul'atiin humna mul'atee waan hundumaan of ijaare, kan humna hin mul'anne baay'ina waraa-naan caalu, baay'na  basaa-saan caalu, baay'ina meesh-aalee waraa-naan ammayyawaan caalu, tooftaaf tarsimoo qabiyyee ofiitti fayyadamanii akka inni hin mul'anne gochuu jechuudha! Achiin booda hojii ofii erga milkeessaniin booda ofii mul'achuu jechuudha!
نمایش همه...
》Oduu Qacaam!!!! Gumaan Dammaqaa Kumaa osumaa hin buliin dachaadhan baate! Abarraa Kabbadaa jedhamti! Milishaa kibba lixa shaggar aanaa iluuti! Osuma isheen baadiyyaa keessatti uffata ummataatin sochii WBO hordoftuu risaan qacaam godhe guyyumaan hordofiidhan. Kanaan duraa dhiiga ummataa dhugaa turte.torbeedhuma darbe keessa Qeeerroo sabboonaa tokkoo inni dabballee WBO'ti jechuun hordofte ajjeeftee reeffa isaa hurufatti gatte, Ammas osuma isheen qeerroo WBO waliin hidhata qaban hordoftu qabamte. Dhugaan ilmaa waqaati,,,,, !!!!!
نمایش همه...
👍 2
یک طرح متفاوت انتخاب کنید

طرح فعلی شما تنها برای 5 کانال تجزیه و تحلیل را مجاز می کند. برای بیشتر، لطفا یک طرح دیگر انتخاب کنید.