fa
Feedback
Waajjira Abbaa Alangaa Kutaa Magaalaa Sabbataa

Waajjira Abbaa Alangaa Kutaa Magaalaa Sabbataa

رفتن به کانال در Telegram

Government Organization

نمایش بیشتر
385
مشترکین
اطلاعاتی وجود ندارد24 ساعت
-47 روز
-1030 روز
آرشیو پست ها
𝗠𝗨𝗥𝗧𝗜𝗜 𝐃𝐇/ 𝐈J𝗜𝐁𝐁𝐀𝐀𝐓𝐀𝐀 𝐇𝐀𝐀R𝐀𝐀 ⚖️ 𝐃𝐡𝐚𝐝𝐝𝐚𝐜𝐡𝐢 𝐈𝐣𝐢𝐛𝐛𝐚𝐚𝐭𝐚𝐚 𝐌𝐚𝐧𝐚 𝐌𝐮𝐫𝐭𝐢𝐢 𝑾𝒂𝒍𝒊𝒊𝒈𝒂𝒍𝒂𝒂 𝐅𝐞𝐝𝐞𝐫𝐚𝐚𝐥𝐚𝐚 𝐋𝐚𝐤𝐤. 𝐆𝐚𝐥𝐦𝐞𝐞 250349 𝗶𝗿𝗿𝗮𝘁𝘁𝗶, gaafa 26/05/2017 ooleen 𝐌𝐮𝐫𝐭𝐢𝐢 𝗠𝘂𝗿𝘁𝗲𝗲𝘀𝘀𝗲. ⚖️ Murtiin kun nama qabiyyee lafa baadiyyaa waggaa 30 oliif qabeenyaa fi mana irratti horachuun qabate kan ilaaludha. ⚖️ Manneen Murtii Oromiyaa sadarkaa Ol iyyataa fi Ijibbaataa dhimmicha ilaalan murtii kennaniin, haalli himatamaan Mana Murtii Aanaa(Iyyataan Ijibbaataa) itti qabiyyee qabate hirtaa abbaa haadha warraa isaa irraa fuudhee osoo qotee waliin fayyadamanii gaafa abbaan haadha warraa isaa du’u achumaan qabatee hafe waan ta’eef qabannaa seeraan alaati qabiyyee gadi yaa lakkisu kan jedhan yoo a’u, dhaddachi Ijibbaataa MMWF gama isaatiin ragaa bitaaf mirgaan Manneen Murtii jalaatti dhagahaman madaalee murtii kenneen, Iyyataan qabiyee falmii kaase kan qabate hirtaa fuudhee osoo hin taane, gaafa haadha warraa isaa fuudhu abbaan haadha warraa isaa kennaa kenneefiin waan ta’eef qabannaa seeraan alaa miti jedheera. ⚖️ Murtii isaa keessatti xiinxala taasiseenis nama waggaa 30 oliif qabiyyee qabatee qabeenyaa irratti horachuun irra jiraachaa jiru gadi lakkisi jechuun sirrii akka hin taanetti ibsee jira. https://t.me/Sebeao

የፀደቀው የንብረት ማስመለስ አዋጅ 1364/2017 በግልጽ እንደሰፈረው ገዢ የሆነ ወገን የገዛውን ንብረት በተመለከተ ሻጭ ያንን ንብረት ሲያፈራ የገቢው ምንጭ ምን ነበር፣እንዴት አፈራው፣ያፈራው ንብረት በህጋዊ መንገድ ነወይ? የሚለውን ማረጋገጥ እንደሚገባ በግልጽ መቀመጡ ተመልክቷል። ስለዚህ ህጋዊ መሆኑን ማለትም ቤቱ በስሙ መሆኑን/ካርታ እና ፕላን በስሙ መሆኑን/ ወይንም የተሽከርካሪ ንብረት ሊብሬ በስሙ መሆኑን ብቻ አይቶ ግዢ መፈፀም በገዢ ላይ ኪሳራ ሊያስከትል እንደሚችል ይደነግጋል። ስለዚህ ገዢ የሆነ ማንኛውም ግለሰብ/ቡድን/ንብረቱን ከመወረስ ለመዳን ምን ማድረግ አለበት? ሻጭ የሚሸጠውን ንብረት እንዴት አፈራው?የገቢ ምንጩ ምን ነበር? አሰራሩ እንዴት ነበር? ለመንግሥት የሚከፍለው የታክስ እና የግብር መጠን ካፈራው ንብረት አንፃር ምን ይመስላል? የሚለውን ማረጋገጥ እንደሚገባ ያስገድዳል። በመሆኑም ካርታ እና ፕላን እንዲሁም የተሽከርካሪ ሊብሬ ብቻ አይተን ግዢ መፈፀም በገዢ ላይ የሚያስከትለው ኪሳራ መኖሩን መገንዘብ ያስፈልጋል። አዩዘሀበሻ በአዋጁ አንቀጽ 25 ላይ እንደተመለከተው ከሆነ "በወንጀል የተገኘ ንብረት ከሆነ የተገዛው ፍሬ መንግሥት ይህንን በወንጀል የተገኘ ንብረት ግዢ ፈፅሞ ስሙ ወደ ገዢ ቢዞርም መንግሥት እንደሚወርሰው" በግልጽ ተቀምጧል። በኋላ ክርክር ላይ "የቅን ልቦና ገዢ ነኝ በሚል የሚቀርቡ መከራከሪያዎች ሆን ብሎ ንብረቱን ለመደበቅ የተጠቀማችሁበት ስልት ነው" በሚል በአዋጁ ላይ የተቀመጠ ሲሆን ንብረቱ ከመወረስ እንደማይድን ተመልክቷል። ይህ አዋጅ 10 አመት ወደ ኋላ ተመልሶ ተግባራዊ የሚሆን ነው።

Murtii darbiinsa Yeroo qabiyyee lafa baadiyyaa jildii 24 LG 17982 fi murtii jildii irratti hin maxxanfamne galmee lakk 244435 gaafa 6/2/2017 kennamee akkamitti ilaaltuu? MMWFDHIJ darbiinsa yeroo qabiyyee lafa baadiyyaa ilaalchisee galmee lakk.17982 ta’e irratti kennee jildii 24ffaa irratti maxxanfamee baheen haalli qabannaa qabiyyee lafa baadiyyaa seera qabeessa ta’uu isaa hanga hin mirkanoofnetti qabannaa seeraan alaati jedhamee waan tilmaamamuuf darbiinsi yeroo hin jiru jechuun murtii dirqisisaa kennee ture. Haa tahuu garuu ammaa MMWFDHIJ murtii hin maxxanfamne galmee lakk.244435 ta’e irratti dhaddacha gaafa 06/02/2017 ooleen kenneen ammoo qabannaan seeraan ala ta’uun hanga hin mirknoofnetti darbiinsi yeroo waggaa 10 raawwatiinsa ni qabaata jedheera. Akka yaada murtii booda irra kenname kanatiin namni qabatee waggaa dheeraa fayyadame haala qabannaa laficha kan hin hubachiisne ta’us, ragaa abbaa qabiyyummaa lafa falmii kaaftee irratti yoo qabatee akka seera qabeessaan qabatamteetti fudhatamaa jechuun murtiin ammaa kennamee kun murtii dura jildii 24ffaa irratti kennamee fi heeraa mootummaa RDFI kwt 40(3)wajjiin waan dhiitu fakkaata. https://t.me/Sebeao

ንብረት ማስመለስ አዋጅ ቁጥር 13642017.pdf39.17 MB

#Guyyaa 21-09-2017 Guyyaa har'aa Qindoomina seektaroota miseensa Koree Tajaajila Qindaa'aa Iddoo Tokkoo Kutaa Magaalaa Sabbataa Giddu-Galaa Hoospitalaa Jalqabaa Diimaa kan ta'an Waajjira Abbaa Alangaa,Mana murtii, Waajjira Dhimma Dubartoota fi Daa'immanii , Waajjira Eegumsa Fayyaa , Waajjira Hawaasummaa , Barnoota , Hospitaalaa Diimaa ,Waajjira Aadaa fi Turizimii fi Dhaabbata Hawaasa siivilii Misooma Dubartoota Siinqeen'tiiin Leenjiin Mata Duree "Miidhaa Koorniyaa bu'uureffatanii Dubartoota fi Daa'imman irratti raawwatamaan" jedhu irratti gara Waajjira Abbaa Alangaan kutaa Hawaasaa adda addaa kan akka Abbootii Gadaa,Abbootii seeraa Mana murtii Aadaa , Haadholii Siinqee , Abbootii amantaa,Barattoota miseensa Gumii shamarranii fi Paarlamaa daa'immanii manneen barumsaa 20 irraa walitti dhufaniif gad fageenyaan kennameera. #Warri hirmaattanii fi Sagantaa kana qindeessitan galatoomaa ulfaadhaa!

#Guyyaa 21-09-2017 Guyyaa har'aa Qindoomina seektaroota miseensa Koree Tajaajila Qindaa'aa Iddoo Tokkoo Kutaa Magaalaa Sabbataa Giddu-Galaa Hoospitalaa Jalqabaa Diimaa kan ta'an Waajjira Abbaa Alangaa,Mana murtii, Waajjira Dhimma Dubartoota fi Daa'immanii , Waajjira Eegumsa Fayyaa , Waajjira Hawaasummaa , Barnoota , Hospitaalaa Diimaa ,Waajjira Aadaa fi Turizimii fi Dhaabbata Hawaasa siivilii Misooma Dubartoota Siinqeen'tiiin Leenjiin Mata Duree "Miidhaa Koorniyaa bu'uureffatanii Dubartoota fi Daa'imman irratti raawwatamaan" jedhu irratti gara Waajjira Abbaa Alangaan kutaa Hawaasaa adda addaa kan akka Abbootii Gadaa,Abbootii seeraa Mana murtii Aadaa , Haadholii Siinqee , Abbootii amantaa,Barattoota miseensa Gumii shamarranii fi Paarlamaa daa'immanii manneen barumsaa 20 irraa walitti dhufaniif gad fageenyaan kennameera. #Warri hirmaattanii fi Sagantaa kana qindeessitan galatoomaa ulfaadhaa!

Ginbot 20 jechuun ayyaanni kabajamu labsiin haqamee jira. Labsii Ayyaanota Ummataa fi Haala Ayaanonni itti Kabajamu murteessuuf bahee labsii lakk 1334/2016 Keewwata 4 fi 5, Caamsaan 20 tarree Ayyaanota Biyyaalessaa kabajaman keessatti hin hammatamne. Labsii kanaan Ayyaanonni akka biyya keenyaatti Ayyaana Biyyoolessaa fi Ayyaana Amantaa jedhamuun qoodamee jira. Ayyaaanota Biyyooleessaa immoo Ayyaanota kabajamanii oolanii fi Ayyaanota yaadatamanii oolan jedhamanii bakka lamatti qoodamanii jiru. Ayyaanota Kabajamanii oolan kanneen akka; ●Fulbaana 1 Ayyaana Bara Haaraa, ●Gurraandhala 23 Adawaa, ●Eebla 23 Guyyaa Dafqaan bultootaa, ●Eebla 27 guyyaa goototaa yoo ta'u, Guyyoonni Yaadatamanii oolan immoo: ■Sadaasa 29 fi Guraandhala 12. Ayyaanonni Amantaa immoo:- ♧ Fulbaana 17 Masqala, ♧ Mudde 29 Ayyaana Dhalachuu Iyesuus Kiristoos , ♧ Amajjii 11 Ayyaana Cuuphaa, ♧ Ayyaana Fannoo Du'aa ka'uu, ♧ Mowluda, Eid Al Faxir,Eid Al Adaha kan jedhaman yoo ta'u, Labsichi keewwata 19(2) jalatti “labsiin, dambii, qajeelfamni fi gochoonni aadaa gargaraa Labsii kanaan wal hin simne kamiyyuu dhimmoota Labsii kanaan hammataman irratti raawwatiinsa hin qabaatu” jedha. Kanaafuu Caamsaa 20 Ayyaana jedhamee kabajamuun isaa Labsii kanaan hafeera jechuudha. https://t.me/Sebeao

Guyyaa har'aa qindeessummaa Dhaabbata Misooma Dubartoota Siinqeen Tumaa Abbootii Gadaa Oromiyaa dhimma miidhaa koorniyaa duba
+5
Guyyaa har'aa qindeessummaa Dhaabbata Misooma Dubartoota Siinqeen Tumaa Abbootii Gadaa Oromiyaa dhimma miidhaa koorniyaa dubartoota fi Daa'imman irraa gahu irratti tumame irratti Abbootii Gadaa,Haadholii siinqee,Jaarsolii mana murtii Aadaa fi seektaroota qindoomina waliin mariin taasifamuun dhuma irratti sanadni wal-hubannaa (MOU) waliif mallatteeffameera.

Repost from Desalegn B.
Faayidaa Uummataa (Public Purpose) Jechuun Maal Jechuudhaa? Haala Faayidaa Uummataa Ilaalchisee Murtiin Itti Kenname Irratti Mormiin (Komiin) Dhiyaachuu Ni Danda'amoo Hin Danda'u? (Ija Labsii Lakk.1161/2011tiin) ==✓===✓✓====✓✓✓======✓✓✓✓==== Gaaleen "Faayidaa Uummataa" (Public Purpose/interest) jedhamu hiika dhaabbataa tokko kan hin qabne yemmuu ta'u, imaammata bulchiinsa haqa yakkaafi labsii faayidaa uummataaf lafa gadi lakkisiisuuf bahe keessatti ergaawwan garaagaraa dabarsuu danda'a. 👉Labsiin Lakk.1161/2011 kwt 2(1) jalatti “Faayidaa Uummataa" jechuun karaa kallattiinis ta’e alkallattiitiin misooma hawasasummaafi diinagdee guddisuuf kaabinee Naannootiin, Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetiin, Dirree Dawaatiin yookiin qaama mootummaa federaalaa rogummaa qabuun karoora itti fayyadama lafaa, karoora misoomaa yookiin akkaataa pilaanii bu’uuraalee misoomaatiin uummataaf faayidaafi guddinaa waloo fooyya’aa ni fida jedhamee kan murtaa’edha jedhamee tumameera. 👉Hiikkoo kana keessatti qaamni murteessuuf aangoo qabu eenyu akka ta'eefi maal bu'uura godhatee akka murtaa'u ibsameera. Haala kanaan, qaamni murteessuuf aangoo qabu; Kaabinee Naannoo, Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee, Dirree Dawaa yookiin qaama mootummaa federaalaa rogummaa qabu yemmuu ta'u, yeroo murteessanitti kan isaan irratti hundaa'uu qaban immoo karoora itti fayyadama lafaa, karoora misoomaa yookiin akkaataa pilaanii bu’uuraalee misoomaatiinidha. Labsichi kwt 5(2) jalatti maastar pilaaniichi pilaanii raawwii tarreeffamaa qabaachuu akka qabus tumeera. 👉Gama birootiin, qaamni aangoo qabu kun  lafti gadi lakkifamu kallattiin ykn alkallattiin misooma fooyya'aa ni fida jedhee amanuu qaba. Lafti gadi lakkifamu kallattiin hojii misoomaatiif akka ooletti kan ilaalamu, fakkeenyaaf, lafti hojii ijaarsa daandiitiif yoo fudhatamedha. Faayidaa alkallattii kan jedhamu immoo hojiiwwan galii mootummaa guddisan ykn hojii dhabdummaa hir'isiisuu danda'an ilaallachuu danda'a. Kunis, gaaleen "faayidaa uummataa" jedhamu haala waantota bal'aa hammachuu danda'uun seera biyya keenya keessatti beekamtii argachuu agarsiisa. 👉Misoomni kun immoo misooma dinagdee Economic Development) ykn hawaasummaatiin (Social Development) akka walqabachuu danda'u kwt 2(1) irraa kan hubatamudha. 👉Yeroo baay'ee, hojiiwwan misooma dinagdee kan jedhaman hojiiwwan kanneen guddina dinagdee biyyaatiif gumaachan, tekinooloojii fooyyessan, hojii uumanifi kkf yemmuu ta'u, hojiiwwan misooma hawaasummaa kan jedhaman immoo sadarkaa jireenya uummataa, barumsa ykn eegumsa fayyaafi kkf kan fooyyessan akka ta'e barreeffamoota garaagaraa irraa ni hubatama. 👉Ulaagaan seerichaan taa'e hin guutne yoo ta'e, abbaan qabiyyee mormuu (komachuu) ni danda'amoo hin danda'u? kan jedhu ilaalchisee immoo labsichi kwt 5(4) jalatti mormuun akka danda'amu ibseera. Haalotni akka sababaatti ka'uu danda'anis; bu'uura karoora itti fayyadama lafaa ykn pilaanii bu’uuraalee misoomaatiin fudhatamuu dhabuu, ykn lafti kan barbaadame hojii misooma dinagdee ykn hawaasummaa fooyya'aa ta'e fiduuf ta'uu dhabuudha. Lafti sun faayidaa nama dhuunfaatiif qofa kan barbaadame yoo ta'es mormuun ni danda'ama jechuudha. Sababoonni mormiif bu'uura ta'an kanumamoo kanneen biroos ni jiru gaaffiin jedhu akkuma jirutti ta'ee, pilaanii dursee ragga'e keessa seenuun waa'ee pilaanichaa keessa deebiin ilaaluun garuu waan danda'amu hin fakkaatu. 👉Akka yaada labsii lakk.1161/2011 fi Dambii Lakk.472/2012tiin mormiiwwan kun sadarkaa jalqabaatti kan dhiyaatan qaama komii dhagahuuf bilisa ta'ee hundeeffame birattidha. Yoo qaamni sun hin hundeeffamne ta'e garuu, mana Murtii Idilee aangoo qabutti dhiyeeffachuu kan danda'an ta'uun tumameera. (Dambicha kwt 39(6) ilaali) Join:-👉https://t.me/desberofMM              Desalegn B.

Lafti Adeemsa seeraa keessa darbee hin fudhatamne fi beenyaa fi Lafti bu'iinsaa hin kennamneef lafti isaa akka gad lakkifamuu
+8
Lafti Adeemsa seeraa keessa darbee hin fudhatamne fi beenyaa fi Lafti bu'iinsaa hin kennamneef lafti isaa akka gad lakkifamuufi qabu Manni Murtii Waliigalaa Federaalaa Dhaddachi ijjibbaata murteessera.

#Qabdii!! Waa’ee qabdii/Earnest/ seerri maal jedha? Qabdiin maalii? Qabdiin seera qabaa? Seerri waliigaltee keenya maal jedha? Jalqaba irratti waliigaltee jechuun walta’iinsa namoota lamaa fi lamaa ol ta’an gidduutti wanta raawwatamuu danda’u taasisuuf,jijjiiruuf yookan xumuratti fiduuf taasifamu jechuudha./Seera hariiroo hawaasaa kwt.1675/. Haa ta’u malee, waliigaltee tokko raawwachuuf yookan waliigaltee fooyyeeffame/jijjiirame yookan waliigaltee tokko xumuruuf waliigaltoonni qabdii waliif kennuu ni danda’u. Mee seera keenya waa’ee qabdii ilaalla. Seerri hariiroo hawaasaa/Civil Code/ Kwt.1883-1885 jalatti qabdii fi bu’aa qabdii kennuun hordofsiisu ni tuma. Seera kanaan akka teessifametti qabdiin kennuun waliigaltee taasisuuf akka mirkaneessuutti lakkaawwama./kwt.1883/. Waliigaltee keessatti haala biraatin yoo waliigalan malee,gareen qabdii fudhate waliigalteen gaafa raawwatame qabdicha guutuummaan yookan irraa hir’isee mirga argate irraa deebisuu qaba.(kwt.1884). Inni biraa kan ilaallu, waliigaltoonni waliigalticha yoo raawwachuu baatan qabdiin maal ta’aa? /kwt.1885/ a)Waliigaltee keessatti haala biraatin yoo waliigalan malee,gareen qabdicha kenne qabdii isaa garee biraaf dhiisee waliigalticha haquu ni danda’a. b) Waliigaltee keessatti haala biraatin yoo waliigalan malee,gareen qabdicha fudhate dachaa qabdii fudhatee garee qabdii kenneef kanfalee waliigalticha haquu ni danda’a. https://t.me/Sebeao

Guyyaa har'aa lafoota yeroo dheeraaf qabamanii jiranii fi Qotee bultoonni lafti keenya beenyaa malee nurraa fudhatame jedhani
+9
Guyyaa har'aa lafoota yeroo dheeraaf qabamanii jiranii fi Qotee bultoonni lafti keenya beenyaa malee nurraa fudhatame jedhanii komatan kana qaamaan argamnee ilaalleera.Fuuldutatti itti fufnee dhugaa kan baasnu ta'a.

𝐁𝐮'𝐮𝐫𝐚 𝐒𝐞𝐞𝐫𝐚 𝐀𝐝𝐞𝐞𝐦𝐬𝐚 𝐅𝐚𝐥𝐦𝐢𝐢 𝐇𝐚𝐫𝐢𝐢𝐫𝐨𝐨 𝐇𝐚𝐰𝐚𝐚𝐬𝐚 𝐊𝐞𝐞𝐰𝐰𝐚𝐭𝐚 78 𝐭𝐭𝐢𝐢𝐧 𝐅𝐚𝐥𝐦𝐢𝐢𝐧 𝐈𝐫𝐫𝐚 𝐃𝐞𝐞𝐛𝐢𝐢𝐧 𝐀𝐤𝐤𝐚 𝐈𝐥𝐚𝐚𝐥𝐚𝐦𝐮𝐮𝐟 𝐈𝐲𝐲𝐚𝐭𝐚 𝐃𝐡𝐢𝐲𝐚𝐚𝐭𝐮𝐮 𝐟𝐢 𝐇𝐚𝐚𝐥𝐚 𝐈𝐲𝐲𝐚𝐧𝐚𝐚 𝐃𝐡𝐢𝐲𝐚𝐚𝐭𝐞 𝐈𝐫𝐫𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐌𝐮𝐫𝐭𝐢𝐢𝐧 𝐊𝐞𝐧𝐧𝐚𝐦𝐮. 📕Himatamaan tokko namni mana murtiiti isa himatee osoo hin dhiyaatin hafuun falmii fi ragaa himataa qofan murtiin iddoo inni hin jirreti kan kennamu yoo ta'e bu'ura seera adeemsa falmii hariiroo hawaasaa kewwaata 78 ttiin falmiin iddoo inni jirtuti irra deebin dhagahamee murtiin akka kennamu iyyannaa dhiyeefachuu ni danda'a. 📚Seera adeemsa falmii hariiroo hawaasaa keewwata 78 jalatti murtiin iddoo himatamaan hin jiretti kenname ka’uun galmeen of deebi’amee iddoo himatamaanm jirutti irra deebiin kan ilaalamu waraqaan waamichaa akkaataa seeraatin himatamaan kan hin dhaqqabne yoo ta'e yokiin waraqaan waamichaa sirnaan isa dhaqqabe sababa gahaadhan kan hafu yoo ta’e qofa akka ta’e ifatti tumamee jira. 📗Bu’ura SDFHH keewwata 78 iyyannaa dhiyaatu yeroo ilaalu manni murtii himatamaan dhimma duubati deebisuuf beekaa hafuu fi dhabuu isaa mirga himataa wal bira qabun ilaaluun barbaachisaadha. 📕Bu'ura SDFFH keewwata 78 ttiin yeroo himatamaan iyyannaa dhiyeefatu himataan deebii akka irratti kennu taasifamee wanti falmisiisaan yoo jiraate falmii fi ragaan dhagahamuu qaba. 📗Himatamaan waraqaan waamichaa sirnaan ana hin dhaqqabne jechuun kan falmu yoo ta'e himataan waraqaa waamichaa sirnaan himatamaa dhaqqabsiisuu ragaan mirkaneessuu qaba. 📕Waraqaan waamichaa karaa bulchiinsa gandaatiin kan himatamaa dhaqqabu yoo ta’e bulchaa gandaa waraqaa waamichaa himatamaa dhaqqabsiise jedhame waamuun akkasumaas ragaa nama himatamaan yeroo waraqaa waamichaa fudhatu argan dhagahuun barbaachisaadha. ❇️Dhaddachi ijibaataa galmee hin maxxanfamin galmee lakkoofsa 198839 ta’e irratti haala kanaan murteessee jira. 📗Himatamaan waraqaan waamichaa na dhaqqabee sababa gahaniin hafe jechuun kan falmu yoo ta'e kan ragaan mirkaneessuu qaba. 📗Sababa gahan falmii irraa hafuu isaa mirkaneessuuf kan dirqama qabu himatamaa yommuu tahu waraqaa waamichaa himatamaa dhaqqabsiisuu isaa mirkaneessuuf kan dirqama qabu himataadha jechuudha. 📕Waraqaan waamichaa sirnaan tartiiba seerri ka’een himatamaa dhaqqabuun ragaa gahan mirkanoofnaan iyyannaan kufaa ta’a jechuudha. 📗Himatamaa waraqaan waamichaa isa dhaqqabee garuu sababa gahan kan osoo hin falmatin hafuun murtiin kenname yoo ta’e sababa himatamaan hafeef jedhu ragaan qulqullaa’ee sababa gahaa tahuu fi dhabu isaa madaalamuun jala murtiin kennamuu qaba. 📗Dhaddachi ijibaata mana murtii waliigala federaalaa jiildii 6ffaa lakkoofsa galmee 35403 ta’e irratti himatamaan sababa waraqaan waamicha hin dhaqqabiniif dhihaatee falmachuu yoo oole murtiin kenname ka'uun falmiin irra deebi'amee kan dhagahamu tahu murteessee jira. 📕Karaa biraatiin iyyanni gaafa himatamaa beeke irra ji’a tokko keessatti dhiyaachu qaba jechuun kan SDFHH keewwata 78 jalatti tumamee ilaalchisee manni murtii waliigala federaalaa dhaddachi ijibaataa galmee hin maxxanfamin lakkofsi isii 198141 ta’e irratti darbinsi yeroo ji’a tokko absolute period of limitation akka hin taane fi ji’a tokko booda sababni humnaa olii yoo jiraate sana madaaluun barbaachisaadha jechuun murteesse jira. 📕Dabalataan dhaddachi ijibaataa mana murtii waliigala federaalaa jiildii 23ffaa lakkoofsa galmee 137704 ta'e irratti himatamaan bu'ura SDFHH keewwata 78 ttiin murtiin iddoo inni hin jiretti kenname akka ka'uuf gaafa murtiin kennamuu beeke irraa yeroo ji'a tokko keessatti iyyannaa dhiyeeffachuu qaba jechuun kan tumame mirga haqa argachuu himatamaa kan sarbu waan ta'eef bu'ura heeraa hin qabu jechuun murteessee jira. https://t.me/Sebeao

#Kennaa_lafa_baadiyyaa_ilaalchisee_seerri_maal_jedha? Labsii lakk-248/2015 kwt 13 jalatti 👉Qonnaan bulaan, gamisa horsiisee bulaan ykn horsiisee bulaan mirga abbaa qabiyyummaa ykn biqiltuu dhaabbataa dhuunfaan qabu ijoollee isaa ykn ijoollee ijoollee isaatiif kennaan dabarsuu, Ijoollee ykn ijoolleen ijoollee yoo hin jirre abbaa ykn haadha ykn obboleewwaaniif kennuu danda’uu, 👉Qabiyyee ykn biqiltuu dhaabbataa qabu keessaa 1/2 ol kennuun dhoorkaa ta'uu, 👉Qonnaan bulaan ykn gamisa horsiisee bulaan ykn horsiisee bulaan mirga a/qabiyyummaa lafaa qabu yeroo gaa’ila raawwatu nama gaa'ela waliin raawwatuuf kan dhuunfaa ykn kan waloo taasisuun kennuu danda’uu, 👉Qabiyyeen lafa baadiyyaa ykn biqiltuun dhaabbataan abbaa warraa fi haadha warraa ykn namoota birootiin waloon qabame kennaan dabarsuuf waloon yoo irratti waliigalan qofa ta'uu. 👉#Waliigalteen_kennaa barreeffamaan ta’uu qabaachuu f afaaniin yoo raawwatame fudhatama kan hin qabne ta'uu 👉Waliigaltichi Waajjira Lafaa Aanaatti galmaa’u qabaachuu fi Waliigalteen kennaa ulaagaa kana hin guunne seera duratti fudhatama kan hin qabne ta'uu 👉Namni mirga a/qabiyyummaa kennaan argate, namni kennaadhaan mirga a/qabiyyummaa dursee argate ture erga namni dhaalamu du’ee kan argachuu danda’u hanga osoo kennaan hin raawwatamne ta’ee dhaalmaan argachuu danda’u qofa ta’uu. 👉Hangi qabiyyeen kennaan argate hanga dhaalmaan argachuu danda’uu ol yoo ta’e qabiyyee kennaa argate qabatee kan hafuu fi dabalataan dhaalmaadhaan kan hin arganne ta'uu, 👉Kennan haala irratti hunda’e naaf haa diigamu jechuun himanni dhiyaatu haalichi yeroo uumamee yk uumamuu isaa namni kennaa kennu yeroo beekee kaasee waggaa 2 keessatti ta'uu.?namni qabiyyee lafaa akkaataa kanaan argate mirga a/qabiyyummaa qonnaan bulaan ykn horsisee bulaan ykn gamisa horsisee bulaan qabu kan qabaatu ta'uu labsii armaan olii fi SHH kwt 1723,2005 fi 2443, MMMWFDHI jiildii 8ffaa LGMM-39803 fiJildii 26ffaa LGMM- 215762 irraa hubachuun ni danda'ama. https://t.me/Sebeao

Durgoo abukaatoo kaffaluuf abbaan dhimmaa/maamilli abukaatoo waliin walii galee fi kan manni murtii durgoo abukaatoo hangana
+5
Durgoo abukaatoo kaffaluuf abbaan dhimmaa/maamilli abukaatoo waliin walii galee fi kan manni murtii durgoo abukaatoo hangana jedhee murteesse yoo kan abukaatoo fi maamilli kanaan dura irratti waliif galaniin gadi ta'e iyyuu, maamilli durgoo abukaatoof kaffaluuf walii gale sana akka hin kaffalle ykn akka gadi buusu kan Isa taasisu miti. Durgoo abukaatoof kaffaluuf walii gale sana maamilli sun ni kaffala kan jedhu qaba murtiin kun!

Waliigaltee Kiraa mana mootummaa/gandaa ilaalchisee ijaarsi dabalataa mana gandaa kiraan qabatame irratti raawwatamus ta’ee waliigalticha irratti bu’aa akkamii akka hordofsiisu ================= Hiikkoo Dhi.Ijbta MMWF galmee Lakk. 245889 ta’erratti gaafa 05/02/2017 kenname waliin Yeroo hedduu mana mootummaa B/Gandaa irraa waliigaltee kiraatiin namoonni qabatanii tajaajila mana jireenyaa fi ykn daldalaaf ittifayyadamuun kan beekamu yoo ta’u mana haala kanaan waliigaltee kiraan qabatan beekamtii fi eeyyama kireessaa malee haaromsuu fi ykn dallaa keessatti mana dabalataa Ijaaruu bira darbee dabarsanii namoota biroo garee 3ffaatti kireessuu fi darbee darbee gurguruunis nimul’ata. Sababa kanaan falmiin qaama mootummaa ilaallatu (yeroo hedduu B/Gandaa) fi kireeffataa manichaa fi ykn garee 3ffaa kireeffataa jalqabaa irraa kiraan ykn bittaan argate giddutti nika’a. Manneen murtiitis murtii garaagaraa kan kennan yoo ta’u kana irratti manicha beekamtii fi eeyyama kireessaa malee haaromsuu, dabalataan ijaaruus ta’ee garee 3ffaatti dabarsuun gochaa seeraan alaa waliigaltee kiraa adda kutuuf dandeessisu ta’uu fi haaromsa taasifames ta’ee mana dabalataa ijaarames kireeffataas ta’ee gareen 3ffaan sababa tokko malee gad-lakkisuuf kan dirqaman akka ta’e Dhi. Ijbta galmee olitti caqafame irratti hiikkoo kennee jira.