fa
Feedback
Gali Ababor Official

Gali Ababor Official

رفتن به کانال در Telegram

Hubannoo sirrii uumuuf

نمایش بیشتر

📈 تحلیل کانال تلگرام Gali Ababor Official

کانال Gali Ababor Official (@glababor) بازیگری فعال است. در حال حاضر جامعه شامل 10 207 مشترک است و جایگاه 8 910 را در دسته دین و مذهبی و رتبه 415 را در منطقه فنلندة دارد.

📊 شاخص‌های مخاطب و پویایی

از زمان ایجاد در невідомо، پروژه رشد سریعی داشته و 10 207 مشترک جذب کرده است.

بر اساس آخرین داده‌ها در تاریخ 10 سپتامبر, 2026، کانال فعالیت پایداری دارد. در ۳۰ روز گذشته تغییر اعضا برابر 53 و در ۲۴ ساعت گذشته برابر 6 بوده و همچنان دسترسی گسترده‌ای حفظ شده است.

  • وضعیت تأیید: تأیید نشده
  • نرخ تعامل (ER): میانگین تعامل مخاطب 25.38% است و در ۲۴ ساعت نخست پس از انتشار، محتوا معمولاً 6.13% واکنش نسبت به کل مشترکان کسب می‌کند.
  • دسترسی پست‌ها: هر پست به طور میانگین 0 بازدید دریافت می‌کند. در اولین روز معمولاً 626 بازدید جمع‌آوری می‌شود.
  • واکنش‌ها و تعامل: مخاطبان به‌طور فعال حمایت می‌کنند؛ میانگین واکنش به هر پست 0 است.

📝 توضیح و سیاست محتوایی

نویسنده این فضا را محل بیان دیدگاه‌های شخصی توصیف می‌کند:
Hubannoo sirrii uumuuf

به لطف به‌روزرسانی‌های پرتکرار (آخرین داده در تاریخ 11 سپتامبر, 2026)، کانال همواره به‌روز و دارای دسترسی بالاست. تحلیل‌ها نشان می‌دهد مخاطبان به‌طور فعال با محتوا تعامل دارند و آن را به نقطه اثرگذاری مهم در دسته دین و مذهبی تبدیل کرده‌اند.

10 207
مشترکین
+624 ساعت
+127 روز
+5330 روز
آرشیو پست ها
Baankii Hijraa Bitadhaa abbaa baankii ta'aa. Afaan Oromoo foormii keessa seentanii filachuu dandeessu ** ውድ የሂጅራ ባንክ ቤተሰብ፣ የሂጅራ ባንክ ባለቤት መሆን እንዲችሉ ወደ እርስዎ ይበልጥ እየቀረብንዎ ነው። የሚከተለውን ሊንክ በመጫን ብቻ አክሲዮን የመግዛት ጉዞን ይጀምሩ፡፡ https://t.me/hijra_share_bot?start=GALIABABO

As wr wb **** Galmeen Dippiloomaa tafsiira Qur'aanaa galgala kana sa'aa 4:00tti raawwata. https://t.me/markazibnabbas/751 Namni isiniif mijate galmaa'aa.

Galmeen dippiloomaa Tafsiira Qur'aanaa dhumuuf guyyaa afur (4) qofatu hafe. Tafsiira Suurat Alhujuraat aayata 6 hanga dhuma suurichaatti dhaggeeffadhaa. Darsiin idilee guyyaa afur booda jalqaba Inshaa Allaah. Kan ammaa kun suuraa muraasa akka fakkeenyaatti barsiisaa jirra. Liinkii kanaan seenaa odeeffannoo Dippiloomaa Tafsiira Ibn Abbas Akkaadaamii argadhaa. https://t.me/markazibnabbas/702

Dippiloomaa keessatti Tafsiira Qur'aanaatiif text book kan ta'u kitaaba armaan gadiiti. Afaan Oromootiinis ni dhihaata. Ibn Kasiir reference ta'a. https://t.me/markazibnabbas/696 **** Akkaadaamiin barnoota Islaamaa Ibn Abbaas sagantaa barumsa gannaa kan Certificate Tafsiira Qur'aanaa xumuree Dilpata darbe barattoota isaatiif waraqaa ragaa kennee jira. Amma immoo Dippiloomaa Tafsiira Qur'aana Kabajamaa Afaan Oromootiin Waggaaa Lamaaf barsiisuuf galmee eegalee jira. Barumsi kan jalqabu yoo Rabbiin jedhe gaafa Fulbaana 30/2017 ta'a. Galmeenis hanga gaafa sanaatti itti fufa. Gosoonni barnootaa barataman kanneen armaan gadii ta'u: **** 1. Tafsiira Qur'aanaa guutuu, 2. Aqiidaa, 3. Usuul Attafsiir, 4. Fiqhii, 5. Hadiisa, 6. Tarbiyaa, 7. Siiraa fi 8. Lughaa hammata. Xiyyeeffannaan olaanaan Tafsiiraaf kan kennamu ta'a. Ulaagaalee barattoota irraa barbaadaman: ** . Qur’aanaa Ilaalchaan qara’anii xumuruu, . Afaan Oromoo sirriitti barreessuufi dubbisuu, . Qorumsa yeroo isaa eeganii qoramuu, . Sagantaa barnootaa irratti argamuu danda’uu. Odeeffannoo guutuu argattanii galmaa'uuf Telegraamii armaan gadii seenaa: https://t.me/markazibnabbas/672

"Doyna namaa jechuun nama ani isa biratti dubbatamee rahmata narratti hin buufneedha." Rasuul (SAW ) "Halkan Jum'aafi guyyaa Jum'aa Salawaata narratti buusuu heddummeessaa. Salawaanni keessan narra fidamtii." Rasuul (SAW) Guyyaa Jum'aa keessa jirra. Kanaafuu Ergamaa Rabbiirratti rahmata haa buufnu. اللهم صل وسلم على نبينا محمد وعلى آله وصحبه

Ibn Abbaas Akkaadaamiin Dippiloomaa Tafsiira Qur'aana Kabajamaa Afaan Oromootiin Online Waggaaa Lamaaf barsiisuuf galmee eegalee jira. * Yeroo darbe sagantaa barumsa gannaa kan Tafsiira Qur'aanaa juuza shan, aqiidaa, hadiisaafi usuula tafsiiraa Online barsiisee barattoota isaatiif waraqaa ragaa kennee jira. Amma immoo sagantaa dippiloomaa Tafsiiraa galmee jalqabee jira. Barumsi kan jalqabu yoo Rabbiin jedhe gaafa Fulbaana 30/2017 ta'a. Galmeenis hanga gaafa sanaatti itti fufa. Gosoonni barnootaa dippiloomicha keessatti barataman kanneen armaan gadii ta'u: 1. Tafsiira Qur'aanaa guutuu, 2. Aqiidaa, 3. Usuul Attafsiir, 4. Fiqhii, 5. Hadiisa, 6. Tarbiyaa, 7. Siiraa fi 8. Lughaa hammata. Ulaagaalee barattoota irraa barbaadaman: ** . Qur’aanaa Ilaalchaan qara’anii xumuruu, . Afaan Oromoo sirriitti barreessuufi dubbisuu, . Qorumsa yeroo isaa eeganii qoramuu, . Sagantaa barnootaa irratti argamuu danda’uu. Odeeffannoo guutuu argattanii galmaa'uuf Telegraamii armaan gadii seenaa: https://t.me/markazibnabbas/672

Dullattii Suudii tokkotu waldhaansaaf biyya biraa deemte. Achiin "Masjidni Huseen kunootu dhaqii isa kadhu" jedhan. Isiinis "akaakayyuun Huseenuu nu bira jiraa guyyaa tokkoyyuu isa hin kadhanne" jette. Aqiidaan akkanatti qulqullaa'uu qaba. አንዲት የሰውዲ አሮጊት ታማ ለህክምና ወደ ሌላ ቦታ ትሄዳለች። በዚህን ግዜ የአከባቢው ሰዎች "የሁሴን መስጂድ ያውና ሂጂ ለምኚው ትድኛለሽ አሏት። አሮጊቷ የዋዛ አይደለችምና እንዲ አለች" ሁሴን አይደለም የሁሴን አያትም እኛጋ ነው አንድም ቀን ለምኔነው አናውቅም" በማለት መለሰች ይባላል! የጠራ አቂዳ ስኖር እንዲህ ነው። منقول https://t.me/glababor/1131

Gubbaa namaa qofa ilaaltanii hin murteessinaa. Hadiisa Bukhaarii keessatti Ergamaan Rabbii (saw) bu’uura kana sirriitti nu barsiisan. عَنْ سَهْلٍ، قَالَ: مَرَّ رَجُلٌ عَلَى رَسُولِ اللَّهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ، فَقَالَ: «مَا تَقُولُونَ فِي هَذَا؟» قَالُوا: حَرِيٌّ إِنْ خَطَبَ أَنْ يُنْكَحَ، وَإِنْ شَفَعَ أَنْ يُشَفَّعَ، وَإِنْ قَالَ أَنْ يُسْتَمَعَ، قَالَ: ثُمَّ سَكَتَ، فَمَرَّ رَجُلٌ مِنْ فُقَرَاءِ المُسْلِمِينَ، فَقَالَ: «مَا تَقُولُونَ فِي هَذَا؟» قَالُوا: حَرِيٌّ إِنْ خَطَبَ أَنْ لاَ يُنْكَحَ، وَإِنْ شَفَعَ أَنْ لاَ يُشَفَّعَ، وَإِنْ قَالَ أَنْ لاَ يُسْتَمَعَ، فَقَالَ رَسُولُ اللَّهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ: «هَذَا خَيْرٌ مِنْ مِلْءِ الأَرْضِ مِثْلَ هَذَا» صحيح البخاري (7/ 8) Akka Sahl irraa odeeffametti namichi tokko Ergamaa Rabbii (saw) irra dhufee darbe. Nabiyyiin [saw] “mee namicha kanaan maal jettu?” jedhan. Sahaabonnis “inni kun yoo haasa’ate fuusifamuun, yoo manguddoomee manguddummaan isaa fudhatamuun, yoo haasa’es dhaga’amuun shakkii hin qabu” jedhan. Ergasii ni callisan. Namni hiyyeessa Muslimaa irraa ta’e tokko dhufee darbe. Nabiyyiin [saw] “isa kanaan hoo maal jette?” jedhan. “Inni kun yoo haasa’ate fuusisuu diduun, yoo manguddoomee didamuun, yoo haasa’e dhaga’amuu dhabuun beekamaadha” jedhan. Ergamaan Rabbii (saw) “inni hiyyeessi kun tokkichi isa dureessa dachii guutuu irra ni caala” jedhan. Bukhaariitu gabaase.

Barumsa Fiqhii kan Ibn Abbaas akkaadaamii irratti barsiifamu kana fakkaata ture. Amma immoo Dippiloomaa Tafsiira Qur'aana Kabajamaa Afaan Oromootiin Online jalqabaara. Odeeffannoo guutuu argattanii galmaa'uuf Telegraamii armaan gadii seenaa: https://t.me/markazibnabbas/672 Barumsichi kan jalqabu yoo Rabbiin jedhe gaafa Fulbaana 30/2017 ta'a. Galmeenis hanga gaafa sanaatti itti fufa. Gosoonni barnootaa barataman kanneen armaan gadii ta'u: **** 1. Tafsiira Qur'aanaa guutuu, 2. Aqiidaa, 3. Usuul Attafsiir, 4. Fiqhii, 5. Hadiisa, 6. Tarbiyaa, 7. Siiraa fi 8. Lughaa hammata. Xiyyeeffannaan olaanaan Tafsiiraaf kan kennamu ta'a. Ulaagaalee barattoota irraa barbaadaman: ** . Qur’aanaa Ilaalchaan qara’anii xumuruu, . Afaan Oromoo sirriitti barreessuufi dubbisuu, . Qorumsa yeroo isaa eeganii qoramuu, . Sagantaa barnootaa irratti argamuu danda’uu.

Ibn Abbaas akkaadaamiin akkasitti barsiisaa ture. Amma immoo Dippiloomaa Tafsiira Qur'aana Kabajamaa Afaan Oromootiin Online kan jalqabu yoo Rabbiin jedhe gaafa Fulbaana 30/2017 ta'a. Galmeenis hanga gaafa sanaatti itti fufa. Gosoonni barnootaa barataman kanneen armaan gadii ta'u: **** 1. Tafsiira Qur'aanaa guutuu, 2. Aqiidaa, 3. Usuul Attafsiir, 4. Fiqhii, 5. Hadiisa, 6. Tarbiyaa, 7. Siiraa fi 8. Lughaa hammata. Xiyyeeffannaan olaanaan Tafsiiraaf kan kennamu ta'a. Ulaagaalee barattoota irraa barbaadaman: ** . Qur’aanaa Ilaalchaan qara’anii xumuruu, . Afaan Oromoo sirriitti barreessuufi dubbisuu, . Qorumsa yeroo isaa eeganii qoramuu, . Sagantaa barnootaa irratti argamuu danda’uu. Odeeffannoo guutuu argattanii galmaa'uuf Telegraamii armaan gadii seenaa: https://t.me/markazibnabbas/672

Akkaataa baruufi barsiisuu **** Afaan barnootaa Afaan Oromooti. Kanaafuu kitaaboleen Afaan Oromootti hiikuuf mijatan ni hiikamu. . Qormaannis Afaan Oromootiin kan qophaa'u ta'a. . Barnootichi online kennama. . Sagantaan barnootichaa waggaa lama yoo ta'u semisteera afur of keessatti hammata. . Sagantaan barumsaa ganama salaata Subhii boodaafi galgala sa'aa 3:30 irratti ta'a. . Qormaata, attendance fi yaadannoo barattootaa ilaaluun madaallii keessa ni jiraata.

السلام عليكم ورحمة الله وبركاته Beeksisa **** Akkaadaamiin barnoota Islaamaa Ibn Abbaas sagantaa barumsa gannaa kan Certificate Tafsiira Qur'aanaa xumuree Dilpata darbe barattoota isaatiif waraqaa ragaa kennee jira. Amma immoo Dippiloomaa Tafsiira Qur'aana Kabajamaa Afaan Oromootiin Waggaaa Lamaaf barsiisuuf galmee eegalee jira. Barumsi kan jalqabu yoo Rabbiin jedhe gaafa Fulbaana 30/2017 ta'a. Galmeenis hanga gaafa sanaatti itti fufa. Gosoonni barnootaa barataman kanneen armaan gadii ta'u: **** 1. Tafsiira Qur'aanaa guutuu, 2. Aqiidaa, 3. Usuul Attafsiir, 4. Fiqhii, 5. Hadiisa, 6. Tarbiyaa, 7. Siiraa fi 8. Lughaa hammata. Xiyyeeffannaan olaanaan Tafsiiraaf kan kennamu ta'a. Ulaagaalee barattoota irraa barbaadaman: ** . Qur’aanaa Ilaalchaan qara’anii xumuruu, . Afaan Oromoo sirriitti barreessuufi dubbisuu, . Qorumsa yeroo isaa eeganii qoramuu, . Sagantaa barnootaa irratti argamuu danda’uu. Odeeffannoo guutuu argattanii galmaa'uuf Telegraamii armaan gadii seenaa: https://t.me/markazibnabbas/672

photo content

Sila Mawlida kabajuun Rabbitti nama dhiheessa moo Rabbirraa nama fageessa? 👇👇👇👇👇👇👇 Mawlida jechuun dhaloota jechuudha. Dhaloota eenyuutuu kabajuun amantii Islaamaa keessa hin jiru. Kanaafuu: . Ergamaan Rabbii (saw) mawlida hin kabajne; kabajuuttis hin ajajne. . Khaliifonni arfan warri Soddaa Rasuulaas (saw) hin kabajne. . Sahaabonni hunduu mawlida hin kabajne. . Mazhabni afranuu mawlida hin kabachiifne. . Salafoonni hunduu mawlida hin kabajne. Wanti jarri kun hundi hin hojjatin Rabbitti nu dhiheessuu danda'aa? Yoo akkas ta'eef hiikti jechaa Nabiyyii (saw) armaan gadii maal ta'a laata? إنَّهُ ليس شيءٌ يُقَرِّبُكُمْ إلى الجنةِ إلَّا قد أَمَرْتُكُمْ بهِ ، و ليس شيءٌ يُقَرِّبُكُمْ إلى النارِ إِلَّا قد نَهَيْتُكُمْ عنهُ Nabiyyiin (saw) akkana jedhan: "waan gara jannataatti isin dhiheessu hundaayyuu isin ajaju malee hin dhiifne; waan gara ibiddaatti isin dhiheessu kamuu irraa isin dhorgu malee hin dhiifne." Yoo mawlidni jannatatti nu dhiheessa ta'eef akkamitti Nabiyyiin (saw) nu ajajuu dhiisan jettu? Bareechaa xiinxalaa. Sammuun xiinxaluuf nuu kenname. Waan Rabbitti isin dhiheessu malee hin hojjatinaa. Ws wr wb https://t.me/glababor/799

photo content

Muslimni ayyaana lama malee hin qabu. Isaanis Iida Fixriifi Iidal Ad-haa jedhamu. Ayyaana hordoftoota amantii biroo kabjuus ta'ee eebbisuun hin eeyyamamu. Ayyaana Kiristaanaa kan akka Masqalaa, kan Waaqeffataa kan akka Irreechaafi kkf ayyaaneffachuufi eebbisuun Muslimaaf gonkuma hin eeyyamamu. Jijjiirraa baraa isa kamuu ayyaaneffachuunis Islaama keessa hin jiru. Kitaaba Oromummaafi Islaamummaa kan ani waggaa sadii dura barreesse fuula 126 - 128 dubbisaamee. Liinkii armaan gadii irraa buufadhaa. https://t.me/glababor/435

Miidhaa Sabboonummaan Guutuu Addunyaatti fide ''Nabiyyii saba keenyaan ala ergamu hin qeeballu jedhu turan'' ****** Miidhaan guddaan addunyaa kana irratti uumame sababa sabboonummaa akka ta’e eenyunuu ni hubata. Innis waraana addunyaa lammaffaa kan lubbuu namoota miliyoona shantamaa olii baase, namoota lakkaa’uuf hin mijoofne bakka bu’an dhabamsiise, qabeenya baay’ina isaa tilmaamuuf ulfaatu barbadeesseedha. Sababni isaa sabboonummaa biyya Jarmanii keessatti daangaa darbee gara of tuuluutti jijjiirameedha. Lammiin Jarmanii Ad*olf Hit**lar walakkeessa jaarraa digdammaffaa keessa Heeraan*vook jedhamuudhaan kan beekamu doktiriinii sabboonummaa labsaa ture. Ijjannoo sabboonummaa isaa kana irraa kan ka’e yeroo sana kan armaan gadii jedhee ture: "Nama akka qamalee leenjisanii akka inni abukaatoo ta’u karaa agarsiisuun yakkamaafi maraatuu nama godha. Akkasumas gochi kun cubbuu hojjachuufi seera ittiin bulmaata keenyaa cabsuudha." Ilaalcha sabboonummaa hangana isa keessatti guddateen “Ardii Awrooppaa keessa sanyiin qulqulluun Jarmanoota qofa; isaanis Aariyaanotaati” jedhaa ture. Dhiphina guddaa sabboonummaan ummata Jarmanii keessatti uume kana ilaali. Akka seera isaaniitti namni saba Aariyaanotaa hin ta’in hunduu qamaleedha. Namni qamaloota kana waa barsiisee akka saba Jarmanii nama ta’een falmu godhe yakkamaa ta’uu bira darbee cubbuu Rabbiin wal nama lolchiisu hojjachuudha. Waraanni addunyaa lammaffaa sababni isaa sabboonummaa kana ta’uun maddoolee seenaa hunda keessattuu ibsameera. Bu’urri of tuulummaa sabaa ulfaataa kana Yah*uud*ota akka ta’e maddoolee baay’eetu dubbatan. Anis odeeffannoo ana bira jiru isiniin haa ga’u: bu’urri sabboonummaa namoota hunda biraawuu ni jira. Garuu of tuuluu guddaa akka kanaatiin sabni kamuu Yahu*ud*ota hin dursine. Isaantu yaada Awrooppaa keessa babal'isee addunyaa waliin gahe jechuu dandeenya. Kanumti Naa*zistii Jarmaniifi Fa*ashistii Xaaliyaanii yaada Yahu*ud*otaa kana irraa burqe. Yahu*udo*nni amantii isaanii irraa eegalanii akka ilmaan Rabbii ta’an labsaa turan. Kun sabboonummaa isa hanga dhumaatti daangaa tare ta’uu wajjin kijiba kana caalu addunyaan keessummeessitee hin beektu: 👉 Yahu*udo*nniifi Kiristaanonni "Nuti ilmaan Rabbiitiifi jaalallee Isaati" jedhan. Atis "maaliif badii keessaniin isin adaba? Dhugumatti isin nama Inni uume irraayi” jedhi. [Almaa’idaa: 18] Dabalatas akka saba Rabbiin biratti filatamoo ta’aniifi yoo ummata biraa irratti badii fedhe raawwatan yakka hin taane labsu. Qabeenya saba biraa fudhachuun isaan irratti yakka hin ta’uus wal barsiisan. Isa kana Qur'aannis nutti himeera. "Warra kitaabaa irraa nama yoo ati qabeenya guddaan isa amante isa siif deebisutu jira. Ammas isaan irraa kan yoo maallaqa warqeetiin isa amante hanga yeroo dheeraa isaaf eegdutti isa siif hin deebifnetu jira. Kun waan isaan “wallaaltota [qabeenya isaanii nyaachuu] keessatti badiin nurra hin jiru” jedhaniifi odoo beekanuu Rabbi irratti kijiba odeessaniifi. [Aali Imraan: 75] Of tuuluun guddaan kun isaan biratti argamuudhaaf sababni guddaan ergaa Kakuu Moofaa (Tawraat) keessa jiru isaan jijjiirratanii barreessan ykn jal'isanii hiikaniidha. Of tuuluu kana keessaa tokko nabiyyii saba keenyaan ala ergamu hin qeeballu jedhu turan. Sababa kana yeroo nabi Muhammad [saw] Araba irraa ergaman osoma nabiyyii ta’uu beekanii itti kaf*aran. Yahuudonni of tuulummaa isaanii kana Talmuud keessatti barreessan. Kitaabni kun yeroo booda gara Afaan Awrooppaatti hiikame. Of tuulummaan Jarmanii inni guddaan asirraa jalqabe. Itti fufa... Bal'ina isa kanaatiif Kitaaba Oromummaafi Islaamummaa jedhu kan Ustaaz Injinar Gali Ababor n barraahe fuula 218 irraa kaasaa dubbisaa.

Sababni Dachiin Filisxeen Harka Diinaatti kufe sabboonummaa Arabaafi Turkii karaa gadhiise ta'uu beektuu? *****★ Waraana Addunyaa lammaffaa kan sabboonummaa Jarmanii irraa ka'ee namoota miliyoona 50-60 ficcisiise booda Awrooppaa keessatti sabboonummaafi biyyaan wal qooduun dhokachuu eegale. Garuu Turkiifi Araboonni sabboonummaa of tuuluu kana isaan irraa dhaalan. Turkiin Araboota hundarratti Afaan Turkii barachuu dirqama goote. Araboonnis Ingilizii waliin waraana qopheessanii Turkii rukutan. Ingilizii wajjin Usmaaniyyaa rukutanii Filisxeen keessaa baasan. Filisxeen keessatti alaabaa Ingiliziifi kan sabboontota Arabaa fannisan. Erga Dawlaa Usmaaniyyaa baasanii alaabaa Ingilizii fannisanii suuta suutaan Qudsii Yahuudotatti kennanii keessaa bahan. Bu’aan hadhaa’aan Araboonni hanga har’aatti haammataaran bu’aa sabboonummaa kaayyoofi karoora lakkiseeti. Dachiin Arabaa duraan waliin bulu hunduu ciccitee guyyaa guyyaatti yoo xiqqaate namni kumaatamni Araba irraa ta’e sababa tokko malee ajjeefamu. Akkuma Ergamaan Rabbii (saw) jedhan ta’e: “inni ajjeesu maaliif akka ajjeesu hin beeku; inni ajjeefamus maaliif akka ajjeefamaaru hin beeku.” Biyyi bara dheeraaf tokko ta’ee amantii Islaamaatiin bulchiinsa walii galaa ijaaree jiraataa ture yeroo ammaa biyya kudhanii olitti qoodame. Diinni kan fedhe walakkaa qabee nyaata. Yeroo ammaa biyyi Arabaa gubatee dhumuurra ga’ee jiru kan akka Sooriyaa, Yaman, Iraaq, Lubnaan, Liibiyaa, Tuuniisiyaafi kkf bu’aa sabboonummaa Awrooppaan isaaniif fide kooppii godhachuuti. Sabboontota Arabaatu Ingilizii wajjin Yahuudaa fidanii Filisxeen irra qubsiisan. Sana booda biyyi isaaniituu addunyaa irratti beekamtii dhabde. Bifa kanaan sadarkaa amma itti jiramu irra geesse. Kitaaba Oromummaafi Islaamummaa fuula 228 irraa kaasaa dubbisaa. https://t.me/glababor/435 Viidiyoo Ahmaddiin kanas dhaggeeffadhaa. https://www.facebook.com/share/v/iZszu7xLWtnNAJtb/?mibextid=oFDknk

Abuu Bakrissiddiiq yeroo khaliifaa ta'ee jiru manguddoo dulloomtuu jaamaa tokko dhaqee manatti khaddama ture. Erga inni du'ee Umartu bakka bu'ee khaddamuu jalqabe. Oggas manguddittiin jaamaan sun "hiriyaan kee ni du'ee?" jette. Umaris "akkamitti barte?" jedheen. Isiinis "ati yeroo dhuftu osoo tamrii irraa qola hin baasin naaf kennite" jetteen. Achumaan Umar boohee "Yaa Abaa Bakri Khaliifota booda keetii baay'ee ta'aabsite" jedhe.

Repost from Jafarbayan
Beekhi ni kijiban Islaamummaa zamana Nabiyyii sallallaahu aleeyhi wasallam hin jirre, ta san booda hin jirre, amma anaatu isiniif hima yoo sin je'e sun amantii Islaamaa osoo hin taane amantii haarawa fedhii lubbuu isaa qunnamtu siif himuuf deema. Eenyuu si dura akkana fahame yoo jettee gaafattee dallanee lole. Ani Qur'aanaa malee hin fudhu faa je'ee iyye lallabe, beekhi kijibu jira. Quraanni arra isarratti hin buune aayaanni inni lubbuu isaa jaalachiisuuf akka fedhutti hiiku sunis arra isarratti hin buune. Zamana Rasuulaa sallallaahu aleeyhi wasallam yoo akkas hin fahamin, warri sahaaboota dhaqqabe yoo akkas hin fahamin, warri san boodaa hanga arraa muslimoonni akka inni himatu san yoo hin fahamin, beekhi kijibu jira. Ammas hoggaa hadiisa dhagaye yoo lole, yoo fudhachuu dide ragaa takkaan malee dura dhaabbate dajjaaloota xixiqqaa tahuu isaa beekhi. Akka waan Isa dura duniyaa tana keeysa muslimni hin turinii, beekhaan hin turinii, inni qofti amma beekkumsa haarawan fahame beekkumsa waggoota 1400 jaaramaa dhufe yoo dide, beekhi kijibu jira. Jaahilummaan ija isaa haqa argurraa hagoogee jira. Onnee isaa shubhaa wantoota isaaf hin galle jala deemuun laaqee jira. Islaamummaan amantii Rabbiiti, yoo Rabbiin Nabiyyiif sallallaahu aleeyhi wasallam hin ibsin, yoo Nabiyyiin warra isa dhaqqabeef hin ibsin, warri Nabiyyii dhaqqabe yoo warra san boodaatiif hin ibsin, dajjaaloonni xixiqqaan eessaa beekkumsa haarawa fidan sheeyxaanarraa yoo hin taane.