fa
Feedback
Gali Ababor Official

Gali Ababor Official

رفتن به کانال در Telegram

Hubannoo sirrii uumuuf

نمایش بیشتر

📈 تحلیل کانال تلگرام Gali Ababor Official

کانال Gali Ababor Official (@glababor) بازیگری فعال است. در حال حاضر جامعه شامل 10 207 مشترک است و جایگاه 8 910 را در دسته دین و مذهبی و رتبه 415 را در منطقه فنلندة دارد.

📊 شاخص‌های مخاطب و پویایی

از زمان ایجاد در невідомо، پروژه رشد سریعی داشته و 10 207 مشترک جذب کرده است.

بر اساس آخرین داده‌ها در تاریخ 10 سپتامبر, 2026، کانال فعالیت پایداری دارد. در ۳۰ روز گذشته تغییر اعضا برابر 53 و در ۲۴ ساعت گذشته برابر 6 بوده و همچنان دسترسی گسترده‌ای حفظ شده است.

  • وضعیت تأیید: تأیید نشده
  • نرخ تعامل (ER): میانگین تعامل مخاطب 25.38% است و در ۲۴ ساعت نخست پس از انتشار، محتوا معمولاً 6.13% واکنش نسبت به کل مشترکان کسب می‌کند.
  • دسترسی پست‌ها: هر پست به طور میانگین 0 بازدید دریافت می‌کند. در اولین روز معمولاً 626 بازدید جمع‌آوری می‌شود.
  • واکنش‌ها و تعامل: مخاطبان به‌طور فعال حمایت می‌کنند؛ میانگین واکنش به هر پست 0 است.

📝 توضیح و سیاست محتوایی

نویسنده این فضا را محل بیان دیدگاه‌های شخصی توصیف می‌کند:
Hubannoo sirrii uumuuf

به لطف به‌روزرسانی‌های پرتکرار (آخرین داده در تاریخ 11 سپتامبر, 2026)، کانال همواره به‌روز و دارای دسترسی بالاست. تحلیل‌ها نشان می‌دهد مخاطبان به‌طور فعال با محتوا تعامل دارند و آن را به نقطه اثرگذاری مهم در دسته دین و مذهبی تبدیل کرده‌اند.

10 207
مشترکین
+624 ساعت
+127 روز
+5330 روز
آرشیو پست ها
Noor_Book_com_المختصر_في_تفسير_القرآن_الكريم_ملون_الطبعة_3_4_5_1.pdf328.68 MB

ردة_ولا_أبا_بكر_لها_للشيخ_أبو_الحسن_علي_الحسني_الندوي_رحمه_الله.pdf5.37 KB

الإصابة في فضائل الصحابة.docx0.46 KB

Kitaabni kun sahaabota Ergamaa Rabbii (saw) ilaalchisee hubannoo bareedaa nuuf kenna. Gara Afaan Oromootti hiikamee waan jiruuf dubbisaatii waliif qoodaa.

Hubannoo sahaabota ilaalchisee nuti qabachuu qabnu: **** Caalaan namootaa erga nabiyyootaatii sahaabota Nabiyyiiti (saw). Sadarkaa isaanii ibsuuf wahyiin bu’eera. Rabbiin ni jedhe: “Muhammad ergamaa Rabbiiti. Warri isaa wajjin jiranis ku*ffaara irratti ciccimoo, gidduu isaaniitti immoo wal mararfatoodha. Tolaafi jaalala Rabbii barbaachaaf rukuu’aafi sujuuda kan baay’isan argita.” (Alfath: 29). Akkuma nabiyyoonni wal cacaalan sahaabonnis wal cacaalu. Nabiyyiin sadarkaa gadii sahaabaa isa sadarkaa olii ni caala. Sahaabaan inni sadarkaa gadii ummata biroo isa sadarkaa olii ni caala. Caalaan sahaabotaa dursitoota jalqabaati. Sababni isaas warri yeroo dadhabinaa Nabiyyiitti (saw) amane warra yeroo humni jiru amane irra ni caala. Warri fathii dura amanan warra fathii booda amanan ni caalu. Rabbiin ni jedhe: “Isin irraa namni injifannoo (Makkaa) dura arjoomeefi qabsaa’e (isaan sana booda arjoomaniifi qabsaa’an wajjin) wal hin qixxaa’an. Isaan sun warra sana booda arjoomaniifi qabsaa’an irra sadarkaa guddaa qabu.” (Alhadiid: 10). Sadarkaa sahaabummaa keessatti warri fathii boodaas ni hirmaatu. Sababni isaas Rabbiin booda sanaatii jedhe: “Hundaa Rabbiin mindaa gaarii waadaa galeef. Rabbiin iccitii waan isin dalagdanii beekaadha.” (Alhadiid: 10). Rabbiin ni jedhe: “Muhaajirootaafi Ansaarota irraa dursitoonni jalqabdoota ta’aniifi warra toltuudhaan isaan hordofan, Rabbiin isaan irraa jaalateera. Isaanis Isa irraa jaalataniiru.” (Attawbaa: 100). Caalaan warra dursitootaa kurnan jannataan gammachiifamaniidha. Caalaan isaanii immoo khaliifaa arfani. Ergasii warra lola badrii hirmaate. Itti aansee warra Uhudiiti. Sana booda warra mukattii jalatti waadaa seeneedha. Rabbiin ni jedhe: “[Yaa Muhammad!] Rabbiin mu’uminoota yeroo isaan muka jalatti waadaa siif galan irraa jaallateera. Waan onnee isaanii keessa jirus beekeera. Tasgabbii isaan irratti buusee injifannoo dhihoo ta’e (sulhii hudeybiyaa) isaaniif galata galche.” (Alfath: 18). Jaabir irraa odeeffamee (ra) ni jedhe: Ergamaan Rabbii (saw) warra mukattiitiin ni jedhan: “isin caalaa warra dachii irra jiranuuti.” Isaan nama kumaafi dhibba afur turan. Sahaabonni warra wahyii baataniifi amantii as dabarsaniidha. Isaan arrabsuun dirii (sansalata) diinii kanaa kutuufi sunnaa Nabiyyii (saw) shakkisiisuudha. Nabiyyiitti (saw) aanee isaan amanamtoota ummata kanaati. Nabiyyiin (saw) ni jedhan: “sahaabonni kiyya ummata kiyyaaf amanamoodha. Yeroo sahaabonni kiyya deeman ummata kiyyatti wanti isaan wareegamaa turan ni dhufa.” Sahaabonni dogongora irra tikfamoo miti. Garuu dogongorri isaanii isaan xiqqeessuudhaaf sababa ta’uu hin qabu. Wal dhabbii jidduu isaaniitti argame taa’anii haaromsuu irraa ni fagaatama. Garuu yoo barumsa fudhachuuf ta’e malee. Oggas kabajaafi uzrii isaaniif kaa’uu waliin ilaalama. Sahaabonni walii galanus wal dhabanus namoota isaaniin ala jiran ni caalu. Sababni Rabbiin sadarkaa isaaniif kenneef waan isaan haala gaariin Nabiyyii (saw) wajjin jiraataniif malee isa isaan walii wajjin jiraataniifii miti. Jidduu isaaniitti wal dhabuun odoma dogongoraniiwuu ijtihaada ittiin mindeeffamanuudha. Nabiyyiin (saw) wal dhabuun yakka guddaadha. Rabbiin kanarraa isaan qulqulleesse. Isaan waliin haala gaariin jiraatan. Kanaan ummata biraa irra caalchifaman. Sahaabota tuquun yeroo hulaan isaa tokko baname kan biroos ni banama. Kanaaf waan jidduu isaaniitti argame irraa taabi’oonniifi warri boodaa callisan. Umar bin Abdul Aziiz Aliyyiifi Usmaan, lola Jamaliifi Siffiin irraa gaafatamee ni jedhe: “kun dhiiga Rabbiin harka kiyya irraa tikseedha. Ani arraba koo ishee cuubuun sodaadha.” Namni booda isaanii Guyyaa Qiyaamaa wal dhabbii isaanii irraa hin gaafatamu. Kan inni irraa gaafatamu sadarkaa Rabbiin isaaniif kenne dhugoomsuu irraayi. Kitaaba Abdul Aziiz Axxureeefii irraan hiike.

Barnoota dabalataa argachuuf YouTube kiyya Subscribe gochuu akka hin daganne: https://www.youtube.com/channel/UCboBLPHVeSqHTOnsobJfpYg

Sadarkaa sahaabonni Nabiyyii (SAW) qaban ★★★★★★★★★★★★★★ Sahaabonni Nabiyyii (SAW) ummata jaarraa biraa hundaa ni caalu. Sababni isaas hundarra Islaamatti dursuudhaan, isa ol qabuuf jecha qabsaa'uufi ummatatti isa dhaqqabsiisuudhaan caalaniiru. Isaan jalqaba nama Rabbiifi ergamaa Isaatti amaneeti. Yeroo Islaamni keessummaa ta'ee jiru amanan. Yeroo cinqii qabsaa'an. Ogummaa gaariidhaan gara Rabbiitti waaman. Lubbuufi qabeenyas ni wareegan. Diinummaa firaafi ormaa irrattis ni obsan. Sababa kanaa caalinniifi sadarkooleen baay'een isaaniif walitti qabamte. Isaanis: - Gara Islaamaatti dursuu - Yeroo rakkoo obsuu - Nabiyyiin (saw) saahiboomuu - Godaansaafi qubsiisuu - Amantii tumsuufi qabsaa'uu - Barumsaafi hojii keessatti duree ta'uufi - Amantii ummataan dhaqqabsiisuu fa'i. Ragaan caalinaafi sadarkaa sahaabotaa akeeku baay'eedha. Isaanis: Keeyyattoota Qur'aanaa kan hojii gurguddoofi gaggaariidhaan isaan faarsuu, milkii guddaafi jaalala Rabbii kabajamaa ta'ee waadaa isaaniif seenuun dhufteedha. Rabbiin ol ta'e ni jedhe: "Muhammad ergamaa Rabbiiti. Warri isaa wajjin jiranis kuffaara irratti ciccimoo, gidduu isaanitti immoo wal mararfatoo dha. Tolaafi jaalala Rabbii barbaachaaf rukuu’aafi sujuuda kan baay’isan argita. Mallattoon isaanii faanaa sujuudaa irraa ta’ee fuula isaanii keessa jira. Sun fakkeenya isaanii kan Tawraat keessaati. Fakkeenyi isaanii kan Injiil keessa jiru immoo akka midhaan lakkuu isaa baasee isa jabeessee, furdatee, jirma isaa irratti dhaabbatee, facaafattoota jaalachiisuuti. (Wanni akkanatti isaan jabeessef) akka isaaniin kaafi*rtoota dallansiisuufi. Rabbiin isaan irraa warra amananii gaggaarii hojjatan araaramaafi mindaa guddaa waadaa isaaniif galee jira." (Alfath: 29). Ammas Rabbiin ni jedhe: "Warri isaaniin (godaantota) dura biyyattii qubannaa godhataniifi Iimaana qabatan, namoota gara isaanii godaanan ni jaallatu. Waan [Muhaajirootaaf] kenname irrattis qoma isaanii keessatti jibbaa tokkollee hin arganu. Odoma rakkoo cimaa qabaataniillee lubbuu isaanii irra (muhaajiroota) filatu. Namoonni doynummaa lubbuu isaanii tiksanis, isaan warra milkaa’oo dha." (Alhashr: 9). Rabbiin ol ta'e ni jedhe: "Muhaajirootaafi Ansaarota irraas dursitoonni jalqabdoota ta’aniifi warri toltuudhaan isaan hordofanis, Rabbiin isaan irraa jaalateera. Isaanis Isa irraa jaalatanii jiru. Jannata ishee jala laggeen yaatus kan ishee keessatti hafan ta’anii isaaniif qopheessee jira. Kun milkii guddaa dha." (Attawbaa: 100). Warri Rabbiin isaaniif waadaa kana seene kun akka isaan yoomuu amantii kana hin gadhiifne Rabbiin beekeeti. Inumaa Islaama irratti du'u. Yakka irraa wanta hojjatan irras hin turanu. Achumaan isa tawbachuutti qajeelfamu. Waan isaan dhugaan tawbatanuufi hojii gaarii yakka isaanii haqu waan qabaniif Rabbiin tawbaa isaanii ni qeebala. Hadiisa baay'eetu kan sadarkaa isaanii akeeku dhufe. Isaanis: Ergamaan Rabbii (saw) ni jedhan: ) "Sahaabota kiyya hin arrabsinaa; Rabbii isa lubbuun kiyya harka Isaa jiruun kakadhee, tokkoon keessan odoo warqii fakkii gaara Uhudii saddaqateeyyuu hanga isaan ganaa (shanacha) tokko yookiin walakkaa isaa kennatan hin gahu." Ammas Nabiyyiin (saw) ni jedhan: "caalaan dhalootaa jaarraa kiyya isa ani keessatti ergame." Kan biroos ni jira. Akkuma walii galaatti amala warra Rabbiin sodaatuu, mu'uminootaafi gaarii hojjattootaa kan Rabbiin Qur'aana keessatti dubbate, faaruun inni isaan faarseefi jajuu ariifataafi turaadhaan kan Rabbiin isaan gammachiise, sahaabonni Ergamaa Rabbii (saw) ummata kana keessaa jalqabaafi irra filatamaa nama isa keessa seenuuti. Sana keessaa isaaniif carraa guutuufi qooda furdaatu jira. Wantoonni sadarkaa isaanii ragaa bahan kan Qur'aanaafi hadiisa keessa dhufan kan sadarkaan isaanii ol ta'uufi amalli isaanii guutuu ta'uu dubbatan amantii Islaamaa keessatti dhimma dirqamaan beekamaadha. Kanaafuu Sahaabota Ergamaa Rabbii (SAW) tuquun Islaamummaa namaa rakkoo keessa galcha. Isaan jaalachuufi kabajuun dirqama ta'a. Rabbiin isaanii wajjin nu haa kaasu.

Namni yeroma tokkichaan diina siif ta'e jalqabuma jibbaa qaba; Garuu fakkeessuufi nifaaqa leenji'uu isaa beeki jedhan.

Ilma eebbifamaatu abbaa toltuun yaadata. Abbaan ummata khaddama; ilmis ummata khaddama. Walakkaadhaan seenaa yaadatanii barre
Ilma eebbifamaatu abbaa toltuun yaadata. Abbaan ummata khaddama; ilmis ummata khaddama. Walakkaadhaan seenaa yaadatanii barreessuun waan murteessaadha. ذرية بعضها من بعض Kan jedhame irraa Rabbiin isaan haa godhu. Eebbaaf guyyaa sadiitu hafe...

Kijibaatti dhimma kee hin himatin jechaan sitti dhiheessee gochaan sirraa fageessa. Maaliif kijibdees hin gaafatin kijiba biraatiin siif deebisa jedhan.

في عالم المنافق الصادقون هم الأشرار مثل قديم

Nama beekamaafi jaallatamaa ta'uun dirqamaa miti. Nama hin sobne, khiyaanaafi nif*aaqa hin qabne ta'uun ga'aadha.

Leenca dhugaaf aadu ta'uu yoo dadhabdellee saree dharaaf duttu hin ta'in jedhan.

Halkan Jumu'aatti seennee jirra. Nabiyyii keenya (saw) irratti salawaata (rahmata) buusuun bu'aa maalii qaba? قال الله تعالى👇 إِنَّ اللَّهَ وَمَلَائِكَتَهُ يُصَلُّونَ عَلَى النَّبِيِّ ۚ يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا صَلُّوا عَلَيْهِ وَسَلِّمُوا تَسْلِيمًا Rabbiin ol ta'e ni jedhe: Dhugumatti, Rabbiifi maleykonni Isaa Nabiyyii irratti rahmata buusu. Yaa warra amantan! isinis rahmata isa irratti buusaa; nageenyas buusuus buusaa. (Ahzab :56) وفي الحديث👇 أَكثِروا الصَّلاةَ عليَّ يومَ الجمعةِ وليلةَ الجمعةِ فمن صلَّى عليَّ صلاةً صلَّى اللَّهُ عليْهِ عشرًا، Guyyaa Jum'aafi halkan Jum'aa rahmata narratti buusuu baay'isaa. Nama rahmata tokko narratti buuse Rabbiin rahmata kudhan irratti buusa. Rasuul (SAW) ( وعن أوس بن أوس رضي الله عنه قال : قال رسول الله صلى الله عليه وسلم : { من أفضل أيامكم يوم الجمعة : فيه خلق آدم ، وفيه قبض ، وفيه النفخة ، وفيه الصعقة ، فأكثروا علي من الصلاة فيه فإن صلاتكم معروضة علي ، قالوا : يا رسول الله وكيف تعرض عليك صلاتنا وقد أرمت ؟ يعني وقد بليت ، فقال : إن الله عز وجل حرم على الأرض أن تأكل أجساد الأنبياء } رواه الخمسة إلا الترمذي ) Aws bin Aws irraa odeeffamee (ra) ni jedhe: Ergamaan Rabii (saw) ni jedhan: "Caalaan guyyootii keessanii guyyaa Jum'aati. Aadam isa keessa uumame. Isuma keessa du'e. Xurumbaan qiyaamaas isa keessa. Dhumaatiin isuma keessa. Isa keessa rahmata narratti buusuu baay'isaa. Salawaanni keessan narra ni fidama. 'Yaa Ergamaa akkamitti salawaanni keenya sirra fidama sihii tortoree jiruu?' Jedhaniin. "Rabbiin guddatee ol ta'e qaama nabiyyootaa nyaachuu dachii irratti haraama godhe" jedhan. Tirmiziin qofti hafee Khamsaatu gabaasan. اللهم صل وسلم وبارك على محمد وعلى آله وصحبه ومن سار على دربه واقتفى اثره،

Namicha furdaa tokkotu hayyuu qallaatti dhufee "namni si arge biyya keenya beelatu jira se'a" jedhe. Inni qallaanis "namni si arge immoo sababa beelichaa bara" jedhe.

Munaafiqa irraa bareechaa eeggadhaa shirri isaa cimaadha. Yeeyyii wajjin nyaatee saree wajjin dutee tiksee wajjin boo'a jedhan.

photo content
+1

Oduu durii jedhan: ** Leencatu dhukkubsatee bineensi hunduu gaafii isaa dhaqxee sardiidoon qofti hafe. Yeroo kana yeeyyiin leencatti siqatee bineensa hunda keessaa sardiidoo qofatu hafe jedhe. Leencichis yeroo inni dhufe natti himi jedheen. Ogga sardiidichi dhufu yeeyyiin leencatti hime. Achumaan leenci dallansuudhaan "akkamuma na gaafachuu dhiifte?" jedhe. Sardiidoon sodaataa "dawaa siif barbaaduun deeme" jedhe. Leencis "dawichi maali?" jedheen. Sardiidichis "miila yeeyyii nyaachuudha" jedheen. Achumaan leenci utaalee miila yeeyyii buqqisee nyaate. Yeeyyichi dhukkubsatee laalatee iyye. Ogga kana sardiidichi yeeyyiitti siqatee "bu'aa keetiif jecha nama biraa miidhuun rakkoo bu'aa sana caalu sitti fiduu danda'aa beeki" jedheen.

Markaza Ibn Abbaas darsiin Tafsiira Qur'aanaa Certificate jalqabee jira. Sagantaan 1ffaan kana fakkaata. Namni hin galmaa'in dafaa galmaa'aa. https://t.me/markazibnabbas Kaarrikulamiin ganna kana baratamu: **** 1. Tafsiira Juuza Shan (dhibbentaa olaanaa fudhata) 2. Aqiidaa gabaabinaan, 3. Usuul Attafsiir (hanga ta'e ni dheerata). 4. Fiqhii gabaabaa fi 5. Arba’iinaa Nawawiiti Inshaa Allaah. Odeeffannoo dabalataaf bilbila kana lamaan argadhaa: +251954954020 +251913819109 Ykn liinkii armaan gadii seenaa: https://t.me/markazibnabbas

photo content