fa
Feedback
Gali Ababor Official

Gali Ababor Official

رفتن به کانال در Telegram

Hubannoo sirrii uumuuf

نمایش بیشتر

📈 تحلیل کانال تلگرام Gali Ababor Official

کانال Gali Ababor Official (@glababor) بازیگری فعال است. در حال حاضر جامعه شامل 10 213 مشترک است و جایگاه 8 868 را در دسته دین و مذهبی و رتبه 414 را در منطقه فنلندة دارد.

📊 شاخص‌های مخاطب و پویایی

از زمان ایجاد در невідомо، پروژه رشد سریعی داشته و 10 213 مشترک جذب کرده است.

بر اساس آخرین داده‌ها در تاریخ 12 سپتامبر, 2026، کانال فعالیت پایداری دارد. در ۳۰ روز گذشته تغییر اعضا برابر 57 و در ۲۴ ساعت گذشته برابر 2 بوده و همچنان دسترسی گسترده‌ای حفظ شده است.

  • وضعیت تأیید: تأیید نشده
  • نرخ تعامل (ER): میانگین تعامل مخاطب 17.25% است و در ۲۴ ساعت نخست پس از انتشار، محتوا معمولاً 6.01% واکنش نسبت به کل مشترکان کسب می‌کند.
  • دسترسی پست‌ها: هر پست به طور میانگین 1 761 بازدید دریافت می‌کند. در اولین روز معمولاً 614 بازدید جمع‌آوری می‌شود.
  • واکنش‌ها و تعامل: مخاطبان به‌طور فعال حمایت می‌کنند؛ میانگین واکنش به هر پست 22 است.

📝 توضیح و سیاست محتوایی

نویسنده این فضا را محل بیان دیدگاه‌های شخصی توصیف می‌کند:
Hubannoo sirrii uumuuf

به لطف به‌روزرسانی‌های پرتکرار (آخرین داده در تاریخ 13 سپتامبر, 2026)، کانال همواره به‌روز و دارای دسترسی بالاست. تحلیل‌ها نشان می‌دهد مخاطبان به‌طور فعال با محتوا تعامل دارند و آن را به نقطه اثرگذاری مهم در دسته دین و مذهبی تبدیل کرده‌اند.

10 213
مشترکین
+224 ساعت
+67 روز
+5730 روز
آرشیو پست ها
Kaarrikulamii Tafsiira Certificate irratti ganna amma baratamuu jalqabee jirj: **** 1. Tafsiira Juuza Shan (Baqaraa, Aali Imraaniifi Juuza Aammaa), 2. Aqiidat Ahlisunnati Waljamaa'aa kan Ibn Useymiin, 3. Usuul Attafsiir, 4. Fiqhii Ibaadaa fi 5. Arba’iinaa Nawawiiti. Inshaa Allaah

photo content

مركز ابن عباس للدراسات الإسلامية "Markaza Ibn Abbaas kan Barnoota Islaamaa" Tafsiira Qur'aanaa sadarkaa sartifikeettiin baatii gannaa baradhaa. **** Markazni Ibn Abbaas kan barnoota Islaamaa hayyoota Islaamaa adda addaa fayyadamee Afaan Oromootiin barnoota Islaamaa barsiisuuf karoorfatee socho'aa jira. Kaayyoleen ijoon inni qabatee ka'e: . Dippiloomaa Sharii’aa waggaa lamaaf barsiisuu, . Mataduree murteessoo irratti leenjii adda addaa kennuu, . Tafsiira Qur’aanaa sadarkaa certificate kennuu, . Dippiloomaa tafsiira Qur’aanaafi wantoota isatti rarra’an waggaa lamaaf barsiisuu, . Bu’uuraalee Islaamaa wajjin matnii Qur’aanaa qaraasisuu, . Qiraatii Qur’aanaa sirreessuufi Hifzii Qur’aanaa online barsiisuu, . Barnoota sharii'aa sadarkaa Digrii barsiisuu fa'i. Ammaaf baatii gannaa lamaan keessa sagantaa "Tafsiira Qur'aanaa Sartifikeettii" online jalqabuuf murteesseera. Kanaafuu isinis galmaa'uudhaan barnooticha irraa qooda fudhadhaa. Barumsichi kitaabolee Arabiffaa gara Afaan Oromoottis hiikee barreeffamaafi sagaleen kan dhiheessu yoo ta'u qormaatas ni qabaata. Nama sirriitti hordofee qormaata darbeef waraqaa ragaa ni kenna. Guyyaan barumsi itti eegalu, fedha Rabbiitiin, gaafa 04/11/2016 ta'a. Ulaagaan isaaf barbaachisu: 1. Qur'aana ijaan qara'anii xumuruu, 2. Afaan Oromoo sirriitti barreessuufi dubbisuu, 3. Sagantaa barumsichaa 75% hordofuu danda'uu dha. Odeeffannoo dabalataatiif Linkii armaan gadii seenaa. https://t.me/markazibnabbas https://chat.whatsapp.com/Fp1Fx94iakiH3Mub7wNox5

Fuula toluurra arraba toluutu caala jedhan: **** Mootii tokkotu abjuudhaan (manaamaan) kan ilkaan isaa hundi irraa caccabee dhume arge. Achumaan nama abjuu hiiku waame. Namichi jalqaba dhufe yeroma abjicha mootii irraa dhaga'u bifa rifaatuutiin fuulli isaa jijjiiramee "hiikti abjuu keessanii maatiin keessan hunduu dhumanii kophaatti haftu jechuudha" jedhe. Achumaan mootichi itti dallanee qabee hidhe. Inni lammaffaa immoo yeroma abjicha dhaga'u gammadee fuula ife. "Hiikti abjuu keessanii, umriin keessan baay'ee dheeratee maatii keessan keessaa dhumarra duutu jechuudha" jedhe. Isa kanatti mootichi gammadee kennaa kenneefii badhaase. Mee jecha isaan lamaaniituu ilaalaa: hiikti isaanii tokkuma. Garuu jecha adda addaa fayyadamanii inni tokko mana hidhaatti hafee inni kaan badhaafame. Rabbiin arraba keenya nuuf haa mi'eessu; nuuf haa tiksus. Khayriin guddaanis sharrii hamaanis arrabuma keessa jira. Garuu arraba qofa tolanii keessi baduun immoo munaafiqummaadha; isas Rabbiin nu haa tiksu.

Mana murtii Kaanaadaa tokko keessatti manguddoon wahii nyaata hate jedhamee dhiheeffame. Abbaan murtichaa "hatteettaa?" jedhee gaafate. Manguddichis "ee hateera; beela'een waan nyaadhu dhabee hate" jedhe. Ogga kana abbaan murtii "ati nyaata hatuu kee ofitti amanteetta. Kanaafuu amma adabbii doolaara kudhanin sitti murteessa; garuu waan ati hin qabneef anatu kaffala" jedhee doolaara kudhan baasee kaartoona keessa kaa'e. Namoonni hunduu ajaa'ibsiifatanii ilaalan. Abbaa murtichaa achumaan ol ka'ee namoota hundaanuu "doolaara kudhan kudhan baasaa as kaa'aa; isin biyya namni beela'ee nyaata hatu keessa jirtu" jedhe. Achumaan doolaarri 500 walitti qabamee manguddichaaf kenname. Bakka dandeessetti furmaata namummaa akkanaa kaa'i. Sababa dureessi karaan malee maallaqa walitti guure hiyyeessi hedduun beelaan miidhama. Osoo danda'anii callisanii beela'aa ilaaluun cubbuu guddaadha.

Ati kolfitus boossus jireenyi ittuma fufa. Yaaddoofi gadda homaa si hin fayyadneen of hin miidhin. Muddamuun rakkoo borii siif hin hiiku; garuu gammachuu harraa si jalaa hata. Suuraan kee akka nama biratti toluuf jecha yeroofi humna kee hin fixin; ijji baay'een waan feetu qofa keessaa filattee ilaalti. Jalqabbiin jireenya keetii ulfaataa yoo ta'e dhumti isaa gaarii ta'a. Karaan milkii hunduu rakkisaadha; bu'aa bahii baay'ata. Rakkoon har'a si mudate bor nama cimaa godhee si dhaaba. Taateen kamuu ni darba. Gammachuunis cinqiinis ni dhuma. Hunduu dhufee kutee seenaa ta'a. Kanaafuu gadduu hin barbaachisu. Ilmi namaa waa lamaaf jijjiirama jedhu: tokko yeroo waan humna isaatii olii baadhate. Lammaffaan yeroo hanga isa madaaluu ol hacuucame. Qalbiin badiifi rakkoo heddu obsitee sii wajjin turte gaafa sirraa citte hin deebituutti beeki. Kanaafuu hanga isiin dandeessuu ol hin rakkisin; waan isiin dandeessuu ol hin baachisin. Yeroo hunda falmii injifachuuf hin cinqamin; yeroo garii ijjannoo godhachuurra qalbii namootaa horachuutu caala. Garuu arraba namaarran bilisa baha jettee hin yaadin. Namni kana yaade maraatuudha jedhe Ibn Hazm. Yeroo baay'ee dureessaa wajjin hin deemin. Yoo akka isaatti maallaqa baafte si miidha; yoo inni qofti baasemmoo si xinneessa jedhan. Kabajni guddaan jireenya kufne hundarraa waa barachuu keessa jira malee kufuu dhabuu miti. Kanneen keessa hima kamtu isin gammachiise?

Ni'imaa (tola) Rabbiin nuuf kenne sagaltamii sagal dagannee tokkicha nu hanqate barbaachatti gaddaan umurii fixaarra. ******* Rabbiin galateeffachuun qajeelfama Islaamaa bu'uura keessaa isa tokko. Garuu baay'een keenya ni'imaa Rabbii kumaatama dagannee rakkoo nu mudate qofa yaadannee gaddina. Gadda baay'isuun addunyaafi aakhiraa keenya balleessa malee homaa nuuf hin tolu. Mootiitu ministeera isaatiin "maaliif yeroo hunda khaadimni kiyya hiyyeessi homaa hin qabne kun gammadee ani osoon qabeenya guddaa qabuu ofitti gadda?" jedhee gaafate. Ogga kana ministeerichi "mee qajeelfama sagaltamii sagaliitiin isa qormaatii ilaali" jedhe. Mootichis "qajeelfamni 99 maali?" jedhee gaafate. Ministeerichis "hulaa khaadimichaa irra diinaara 99 kaa'ii gubbaa isaatti diinaarri 100 kun kennaa keeti jedhii barreessi" jedheen. Khaadimichi yeroo argu diinaara kana gammachuun fudhatee ol galee lakkaa'e. Yeroo kana 99 ta'e. Tokko eessa dhaqe jedhee barbaaduu jalqabe. Mana keessaa dhabanii maatiin hundi bakkeetti ba'anii barbaaduu jalqaban. Osoo isa barbaadanii hirriba malee bulan. Maatiinis wal shakkee walitti dallane. Khaadimichi ilmaan isaatti aaree gadde. Ganama yeroo mootii bira dhufu hirriba malee bulee fuula guuraa dhufe. Achumaan mootichi edaa nutis ni'imaa 99 Rabbiin nuuf kenne dagannee tokkittii Rabbiin nuuf hin murteessin barbaacha gaddatti umrii fixaarra jechuu hubate. Kanaafuu hin gaddin Rabbumatu jira. Hanga dandeesseen hojii bareedaa hojjataa jireenya keetti gammadi; bashannani.

Namicha tokkotu Imaamu Maalikitti dhufee siin falmuun barbaada jedhe. Imaamu Maalik "yoo na injifatte akkam taana?" jedheen. Namichis "na hordoftaka" jedhe. Imaamnis "yoo ani si injifadhe hoo?" jedhe. Namichi "sin hordofa" jedhe. Imaamnis "yoo namni sadaffaan dhufee nu lamaan injifate hoo?" jedhe. Namichi "isa sana hordofnaka" jedhe. Oggas Imaamu Maalik "hanguma namni falmii danda'u dhufuun ajaja Rabbii dhiifnee isa hordofnaa? Islaamni ajaja Rabbiifi Ergamaa Isa jala deemuudha malee nama falmii injifate jala deemuu miti" jedheen. Isin kanarraa maal barattan?

Qilleensi gaara hin sochoosu; garuu abaaboo raasee mul'isa. Ati akka gaaraatti dhaabbadhu. Yoo raafamtes akka abaabootti urgaa'ii bareedi.

Juhaatu harree kudhan bitatee oofee gara manaa deemaa ture jedhan. Isii tokko irra taa'ee lakkoofnaan sagal qofa taate. Irraa bu'ee duubarraan lakkoofnaan kudhan guutte. Deebi'ee irra taa'ee lakkoofnaan sagal qofa taate. Irraa bu'ee lakkoofnaan kudhanitti deebite. Achumaan "harree irra taa'ee tokko kasaaruu irra miilaan deemee harree kudhan qabaachuu naaf wayya" jedhee miilaan deemee gara manaa gale jedhan!

Leenca dhugaaf bookkisu ta'uu dadhabdus saree dharaaf duttu hin ta'un jedhan.

Hattuu tokkotu Imaamu Ahmadii wajjin hidhame jedhan. Yeroo Imaamu Ahmad baay'ee azzabamu argee hattichi akkana jedheen: "yaa Imaam obsi! Ati haqaaf azzabamaa jirta; anuu marsaa meeqan hannarratti azzabamee obse" jedhe. Yaa Rabbi dhugaarratti gadi nu dhaabi.

السلام عليكم ورحمة الله وبركاته *تقبل الله منا ومنكم صالح الأعمال* أهنئكم بعيد الأضحى المبارك، أعاده الله علينا بالأمن والإيمان والسلامة والإسلام. 🌹*عيد مبارك*🌹

Document from Gali Ababor

Du'aa'ii kana kadhaa.

Abuu Qataadaa irraa akka odeeffametti Ergamaan Rabbii (saw) sooma guyyaa Arafaa irraa gaafatamanii "badii waggaa darbeefi kan waggaa dhufuu namarraa harcaasa" jedhan. Muslimtu gabaase. عن أبي قتادة الأنصاري رضي الله تعالى عنه: أنَّ رسول الله ﷺ سُئل عن صوم يوم عرفة، فقال: يُكفِّر السنة الماضية والباقية. رواه مسلم. Kana jechuun badii waggaa lamaa namarraa harcaasa jechuudha. Yoo namichi badii hin qabaannellee sadarkaa isaa jannata keessatti ol kaasa. Kanaafuu soomni guyyaa Arafaa borii akka nu jala hin darbine.

*فضل صوم يوم عرفة* *የአረፋ ቀን ፆም ያለው ትሩፋት !* ከአቡ ቀታዳ (ረዲየላሁ አንሁ) ተይዞ፡ ነቢዩ (ሷለላሁ አለይሂ ወሰለም) ስለ አረፋ ቀን ፆም እንዲህ ብለዋል፦ ﴿يُكَفِّرُ ا
*فضل صوم يوم عرفة* *የአረፋ ቀን ፆም ያለው ትሩፋት !* ከአቡ ቀታዳ (ረዲየላሁ አንሁ) ተይዞ፡ ነቢዩ (ሷለላሁ አለይሂ ወሰለም) ስለ አረፋ ቀን ፆም እንዲህ ብለዋል፦ ﴿يُكَفِّرُ السَّنَةَ الماضِيَةَ والْباقِيَةَ﴾ “ያለፈውንና የመጪውን አመት ወንጀል ያስምራል።” በመሆኑም እኛም እንፁም ሌሎችም እንዲፆሙ እናስታውስ ! ! ! ጀዛኩሙላሁ ኸይረን። ★ዘንድሮ የአረፋ ቀን ፆም የሚውለው ቅዳሜ ሰኔ 8 ነው። አላህ ከሚፆሙትና ከሚቀበላቸው ያድርገን።

Hojii guyyaa Iidaa hojjatamu keessaa kan Rabbiin biratti akkaan jaalatamu dhiiga dhangalaasuu (Ud-hiyyaa) qaluudha. Guyyaa Qiyaamaa rifeensi, lafeefi qeensi udhiyyaa sanaas abbaa qaleef mindaa qaba. Osoo dhiigni beellada qalamtuu lafatti hin dhangala'in Rabbiin biratti bakka argata. Lakkoofsa rifeensaatiin mindaan isaaf barreeffama. Ud-hiyyaa kan qalamu beellada qofa. Isaanis: gaala, looniifi busaa'eedha. Hoolaan kan baatii ja'a guutte, re'een waggaa tokko, loon waggaa lama, gaalli waggaa shan guutuu qaba. Dhukkubsattuun, ballaan ijaa, baggajjaan ykn kan gaafti cabe Ud-hiyyaa keessatti hin eeyyamamu. Rabbiin nurraa haa qeebalu.

Hadiisa guyyaa saglan Zulhijjaa jalqabaa Nabiyyiin (SAW) soomuu gabaasu Albaaniin Sharhii Abii Daawud keessatti Sahiiha (sirriidha) jedhe. عن حفصة رضي الله عنها قالت: (أربع لم يكن يدعهن النبي صلى الله عليه وسلم: صيام عاشوراء، والعشر، وثلاثة أيام من كل شهر، والركعتين قبل الغداة) رواه أبو داود وغيره. Hafsaa irraa Odeeffamee (RA) akkana jette: "Nabiyyiin (SAW) waa afran kana hin dhiisan ture: Aashuuraa (muharram 10ffaa) soomuu, saglan Zulhijjaa soomuu, baatii hunda irraa guyyaa sadii soomuufi laaqana dura raka'aa lama salaatuudha." Abuu Daawudiifi kanneen birootu gabaasan. Kanaafuu jidduu kana soomuun baay'ee jaalatamaadha. Osoma hadiisni inni kun sahiiha ta'uu baatees soomni gosa hojii khayrii keessaa isa filatamaadha waan ta'eef soomuun gaariidha. Sooma kana hunda keessaa inni filatamaan isa guyyaa Arafaati. Isa ilaalchisee Nabiyyiin (saw) "yakka waggaa lamaa nama irraa harcaasa" jedhan. Yoo dandeenye guyyaa saglan kana walitti dhaabnee soomuun filatamaadha. Yoo dadhabnes hanguma dandeenyu keessaa soomna. Kanaafuu khayriin guyyoota kanaa akka nun darbinen isiniin jedha.

Jumu'aa borii Zulhijjaan tokko ta'uun mirkanaa'ee jira. Jum'aa waan ta'eef salawaata buusaa Ibaadaa adda addaa haa baay'ifnu. اللهم صل وسلم على نبينا محمد.