cookie

ما از کوکی‌ها برای بهبود تجربه مرور شما استفاده می‌کنیم. با کلیک کردن بر روی «پذیرش همه»، شما با استفاده از کوکی‌ها موافقت می‌کنید.

avatar

Jechoota Abbootti Tewaahidoo

"Ilmi waaqaa sirraa dhalatee nama ta'uusattiin sababa keetinis gara Ariyaam Mootumma Waaqayyootti kan dhiyaanne taane maaqa kee fi maqaa Ilma keef kan dhiyaanne taane." Qulqulluu yaareed

نمایش بیشتر
فنلندة824زبان مشخص نشده استدین و مذهبی26 065
پست‌های تبلیغاتی
2 005
مشترکین
اطلاعاتی وجود ندارد24 ساعت
اطلاعاتی وجود ندارد7 روز
-3030 روز

در حال بارگیری داده...

معدل نمو المشتركين

در حال بارگیری داده...

❤❤❤Yaa Maariyaam❤❤❤❤ ❤❤❤Kanaaf Si Jaallanna❤❤❤ ✝️ "Yaa Maariyaam Kanaaf Si Jaallanna Ol Ol Si Taasifna Nyaata Dhugaa Kan Qajeelinaa , Dhugaatii Dhugaa Kan Jireenyaa Nuuf Deesseettaatii" ( ኦ ማርያም በእንተዝ ናፈቅረኪ ወናዐብየኪ እስመ ወልዲኪ ለነ መብልዐ ጽድቅ ዘበአማን ውስ ቴ ሕይወት ዘበአማን) ✝️ Galata Qurbaanaa Waa'ee Deessuu Waaqayyoo, Waa'ee Giiftii Keenya Dubroo Maariyaamii Iphis Qoophoosiin Bihinsaa Abbaa Hiriyaaqoos Hafuura Qulqulluudhaan Kan Barreesse. https://t.me/+UE8OsP4gdv93PxwT
نمایش همه...
Ortoodoksii ishee dhugaa

"Gara karaatti (Ortoodoksii) as ba'aatii ilaalaa!

https://t.me/+UE8OsP4gdv93PxwT

'Daandiin (Ortoodoksii) durii, karaan inni ba'eessi sun amma eessa jira?' jedhaatii gaafadhaa! Boqonnaa akka argattanitti karicha (Ortoodoksii) irra adeemaa!" Er.6:16

Bagaa Guyyaa Cuuphaa Gooftaa keenya Fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoosiin nagaadhaan geenye. Ayyaana garii nuuf yaa ta'u!! https://t.me/+UE8OsP4gdv93PxwT
نمایش همه...
"Gara karaatti (Ortoodoksii) as ba'aatii ilaalaa! https://t.me/+UE8OsP4gdv93PxwT 'Daandiin (Ortoodoksii) durii, karaan inni ba'eessi sun amma eessa jira?' jedhaatii gaafadhaa! Boqonnaa akka argattanitti karicha (Ortoodoksii) irra adeemaa!" Er.6:16
نمایش همه...
Ortoodoksii ishee dhugaa

"Gara karaatti (Ortoodoksii) as ba'aatii ilaalaa!

https://t.me/+UE8OsP4gdv93PxwT

'Daandiin (Ortoodoksii) durii, karaan inni ba'eessi sun amma eessa jira?' jedhaatii gaafadhaa! Boqonnaa akka argattanitti karicha (Ortoodoksii) irra adeemaa!" Er.6:16

❗️Manni Kiristaanaa Isheen Dhugaan Eenyu❓" ✍️Yaadolee ijoo barreeffamicha keessatti argaman:- ➛Filannoo amantaa namoota biroo kabajuu fi amantichi sirriidha jedhanii fudhachuun yaada garaagaraati. ➛Dhabbileen amantaa hundi yaada 'anatu sirriidha' jedhu qabaatanis amantaan dhugaan garuu tokkittii qofa. ➛Manni Kiristaanaa isheen dhugaan "Mana Kiristaanaa Ortodooksii" ti. Bal'ina isaaf link gadii👇 "INSTANT VIEW" jedhu tuquun dubbisaa! Yaada ykn gaaffiif ➛ @lamtesh Miseensa chaanela #GODOLIYAAS ta'uuf👇 ╭══•|❀:✧๑♡๑✧❀|: ══╮             @Kalabhiyahu             @Kalabhiyahu ╰══•ೋ•✧๑♡๑✧•  ══ https://telegra.ph/Manni-Kiristaanaa-Isheen-Dhugaan-Eenyu-12-28
نمایش همه...
"Manni Kiristaanaa Isheen Dhugaan Eenyu?"

✍️Yaadolee ijoo barreeffamicha keessatti argaman:- ➛Filannoo amantaa namoota biroo kabajuu fi amantichi sirriidha jedhanii fudhachuun yaada garaagaraati.  ➛Dhabbileen amantaa hundi yaada 'anatu sirriidha' jedhu qabaatanis amantaan dhugaan garuu tokkittii qofa.  ➛Manni Kiristaanaa isheen dhugaan "Mana Kiristaanaa Ortodooksii" qofadha.  Bal'ina isaaf👇 ➠Yeroo baay'ee gaaffiiwwan akkasii kaasanii mariif dhiyeessuun namoota baay'ee namarratti kakaasuun isaa hin oolu. Namoota tokko tokko biratti ilaalcha leellisummaa…

Kiristaana Hundaaf Salphaa Itti Hin Fakkaatiin⚜ #Kutaa_2ffaa (xumura) [Hub: Dheeratus waa'ee Dubroo hubannoo sirrii qabaachuuf obsaan dubbisi; #share gochuu hin dagatiin] ❗️Waa'een Kiristoos Erga Lallabamee Waa'ee Haadha Isaa Barsiisuun Faayidaan isaa Maalidha❓ ➲Dhimma lallaba duuka bu'ootaa akka kutaa jalqabaa keessatti barreeffametti erga gudunfineetii gara gaaffiiwwan, "Waa’een Kiristoos lallabamnaan hin ga'uu moo ree? Kiristaanotaaf waa’ee Dubroo Maariyaamii barsiisuun maaliif barbaachisa? Kiristaanni tokko yoo Waa'ee Maariyaamii dhaga'uudhaa baate maaltu itti hir'ata? jedhutti haa dhufnu. Manni Kiristaanaa keenya warqii taate kun, "Kiristaanota hundaaf raajii Giiftii keenyaa dhaggeeffachuun salphaa isinitti hin fakkaatiin , kabajama guddaadhaatii" kan jettu, waa'ee Maariyaamii kan isheen barsiistu waa'ee kabajaa Dubroo sana qofa dubbachuuf jettee miti. Dubbii Maariyaamii barachuun barumsawwan bu'uuraa kiristaanummaa hubachuudhaaf baay'ee murteessaa waan ta'eefidha. Kanas akka gadiitti ilaalla : - Guutuu isaa dubbisuuf link gadii👇 "INSTANT VIEW" jedhu tuquun seenaa! Yaada ykn gaaffiif ➛ @lamtesh Miseensa chaanela #GODOLIYAAS ta'uuf👇 ╭══•|❀:✧๑♡๑✧❀|: ══╮             @Kalabhiyahu             @Kalabhiyahu ╰══•ೋ•✧๑♡๑✧•  ══ #Please_Share_Share https://telegra.ph/Kiristaana-Hundaaf-Salphaa-Itti-Hin-Fakkaatiin--Kutaa--2ffaa-12-21
نمایش همه...
"Kiristaana Hundaaf Salphaa Itti Hin Fakkaatiin" ( Kutaa -2ffaa)

[Hub: Dheeratus waa'ee Dubroo hubannoo sirrii qabaachuuf obsaan dubbisi; share gochuu hin dagatiin]     ✝️ Kutaa_2ffaa (xumura) ✝️  ✝️Waa'een Kiristoos Erga Lallabamee Waa'ee Haadha Isaa Barsiisuun Faayidaan Isaa Maalidha?✝️ ➲Dhimma lallaba duuka bu'ootaa akka kutaa jalqabaa keessatti barreeffametti erga gudunfineetii gara gaaffiiwwan, "Waa’een Kiristoos lallabamnaan hin ga'uu moo ree? Kiristaanotaaf waa’ee Dubroo Maariyaamii barsiisuun maaliif barbaachisa? Kiristaanni tokko yoo Waa'ee Maariyaamii dhaga'uudhaa…

Kiristaana Hundaaf Salphaa Itti Hin Fakkaatiin[#Hub: Dheeratus waa'ee Dubroo hubannoo sirrii qabaachuuf obsaan dubbisi; #share gochuu hin dagatiin] ✝️ #Kutaa_1ffaa ✝️ ➲Nuyi Ortodooksotaaf waa'ee Dubroo Maariyaam barsiisuun baay'ee kan nu gammachiisu, maqaan ishii waamamuunis dhimma laphee keenya gammachuudhaan guutudha. ➲Namoota tokko tokkoof garuu waa'ee Dubroo Maariyaam barsiisuun wangeela haguuguu, Kiristoosiin dhoksuu fakkaatee isaanitti dhagahama. "Isin waa'ee Gooftaa fudhachuu maaliif hin lallabdan; maaliif wangeela hin barsiistan? Duuka bu'oonni waa'ee Kiristoos malee waa'ee Dubroo Maariyaam yoom lallaban? Isaan yoom bakka kennaniif? Kitaaba Qulqulluu keessatti, 'Dubroon Maariyaam dubroo bara baraati; haadha waaqaati; nuuf kadhatti' jedhee kan barreesse duuka bu'aa isa kami? Phaawuloos ergaa isaa sana hunduma keessatti waa'ee Dubroo Maariyaam yoom dubbate? Phaawuloos waa'ee ishee yoo hin barsiisne isin maal gochuuf barsiistu?" Jedhanii ni falmu. Dhugumayyuu gaaffii kanaaf deebiin keenya maalidha? Guutuu isaa dubbisuuf link gadii👇 "INSTANT VIEW" jedhu tuquun seenaa! Yaada ykn gaaffiif ➛ @lamtesh Miseensa chaanela #GODOLIYAAS ta'uuf👇 ╭══•|❀:✧๑♡๑✧❀|: ══╮             @Kalabhiyahu             @Kalabhiyahu ╰══•ೋ•✧๑♡๑✧•  ══ https://telegra.ph/Kiristaana-Hundaaf-Salphaa-Itti-Hin-Fakkaatiin-12-19
نمایش همه...
"Kiristaana Hundaaf Salphaa Itti Hin Fakkaatiin"

   ✝️ #Kutaa_1ffaa ✝️ ➲Nuyi Ortodooksotaaf waa'ee Dubroo Maariyaam barsiisuun baay'ee kan nu gammachiisu, maqaan ishii waamamuunis dhimma laphee keenya gammachuudhaan guutudha.  ➲Namoota tokko tokkoof garuu waa'ee Dubroo Maariyaam barsiisuun wangeela haguuguu, Kiristoosiin dhoksuu fakkaatee isaanitti dhagahama. "Isin waa'ee Gooftaa fudhachuu maaliif hin lallabdan; maaliif wangeela hin barsiistan? Duuka bu'oonni waa'ee Kiristoos malee waa'ee Dubroo Maariyaam yoom lallaban? Isaan yoom bakka kennaniif? Kitaaba…

Nyaachuu moo soomuutu fedhii fooniitiree⁉️ Q. Phaawuloos akkas jedha ➛Room. 8:5-13 👉Warri akka fedha fooniitti jiraatan, waa'ee waan foonii yaadu; warri akka fedha afuuraatti jiraatan garuu, waa'ee waan hafuuraa in yaadu. 👉Yaadni foonii du'a nutti fida; yaadni afuuraa garuu nagaa fi jireenya nuuf kenna. 👉Yaadni foonii Waaqayyoof diinummaadha. Yaadni akkasii seera Waaqayyoo wajjin walii hin galu; isaaf abboomamuus hin danda'u. 👉Warri akka fedha fooniitti jiraatan hunduu,Waaqayyoon gammachiisuu hin danda'an. 👉Isin garuu seera afuurawaaf malee fedhii foon keessaniif kan hojjettan miti; afuurri Waaqayyoo isin irra bulee waan jiraatuuf! Afuurri Kiristoos kan irra hin bulle garuu kan Kiristoos miti. 👉Kiristoos isin keessa erga jiraatee, qaama keessan hojii cubbuu irraa adda baasaa; afuura keessanis hojii qajeelummaaf jiraataa taasisaa! 👉Afuurri Waaqayyoo inni Iyyesuusiin warra du'an keessaa kaase (Waaqummaa isaan du'aa ka'uu isaa ibsuuf) isin keessa yoo jiraate, inni Kiristoosiin warra du'an keessaa kaase, afuura isaa isa isin keessa jiraatuun, qaama keessan isa du'aa ta'eef jireenya ni kenna! 👉Egaa obboloota koo, osoo fooniin jirruu akka fedhii fooniitti jiraachuun nuuf hin ta'u! 👉Akka fedha fooniitti yoo jiraattan ni duutu; garuu hojii afuuraatiin fedhii foon keessanii yoo ajjeestan bara baraaf lubbuun jiraattu! 🙏Waaqayyo sooma keenya kan ittiin fedhii foon keenyaa moonee hojii afuuraatti ittiin jabaannu nuuf haa taasisu! 🙏 Yaada; gaaffii fi gorsaaf ➛ @lamtesh Miseensa #GODOLIYAAS ta'uuf 👇 👇👇👇👇👇👇👇 ╭══•|❀:✧๑♡๑✧❀|: ══╮             @Kalabhiyahu             @Kalabhiyahu ╰══•ೋ•✧๑♡๑✧•  ══ Karaa fuula #feesbuukii hordofuuf ➛https://www.facebook.com/profile.php?id=100087224145170
نمایش همه...
Log in or sign up to view

See posts, photos and more on Facebook.

👇☝️ ❓Mee eessattidharee warreen kaaniif ibsaa ta'uu keenyi? Maqaa keenyaan jiraachuunoo eessa jiraree? Waan barreeffamee dhumuu hin dandeenye fixuuf hin rakkannu asumatti dhaabna. Qajeelummaa barreeffamu tokkollee dhabne malee cubbuu keenya osoo barreessinehoo kitaaba guddaa maxxansuu dandeenya turre! ✍Caqasa olitti kaasne itti fufee, "Ka'i; dammaqaas ta'i!" Jedha. Anaaf siifis maqaa kabajaa kana lafa keenyee booda salphachuu irra amma bakka rafnee ka'uu fi dammaquutu furmaata! 🙏Yaa Gooftaa maqumaaf qofa jiraataa ta'uu nu oolchi! Ameeen!🙏 Dn Lame 21/07/2014 Bidiree, Baalee [#reposted] Yaada, gaaffii ykn gorsa yoo barbaaddan karaa @lamtesh nu quunnamuu dandeessu Miseensa chaanela #GODOLIYAAS ta'uuf link gadii tuqaa👇 ╭══•|❀:✧๑♡๑✧❀|: ══╮             @Kalabhiyahu             @Kalabhiyahu ╰══•ೋ•✧๑♡๑✧•  ══
نمایش همه...
❗️Maqaa itti hin jiraatamne⁉️ ✍Kiristoositti waan amanteef Kiristaana jedhamta. Waa'ee Maqaa kanaa itti yaaddee beektaa? Kan waamamaa jirtu maqaa salphaa fi baduun osoo hin taane, maqaa guddaa fi jiraataa isa kitaabni qulqulluu, "Jilbi hundumtuu isaaf sagadu" jedhee dhugaa baheef sanaan waamamaa jirtaam! Maqaa foon kee waliin boolla seenu osoo hin taane maqaa mallattoo jireenyaa ta'ee balbala mootummaa Waaqayyoo ittiin seentuun waamamaa jirtaam! Miira gammachuu keessa akka seente naaf gala. Ammas gammadi siifan dabala. Haadha keef abbaa kee irraa dhalattee guyyaa 40/80 ttis badhaasa maqaa qabda. Tarii mucaa Maariyaam, tajilaajilaa Mikaa'el, mucaa Gabri'eel....jedhamta ta'a. Kunis carroomuu kan biraadha. Qulqulloonni ati ittiin waamamaa jirtu kun namoota addunyaan harka baastee filtee aangoo irra keesse miti, addunyaa kana ogummaadhaan jiraatanii samiirratti warra dhugaa bahameefidha. Maqaa isaaniin waamamuu fi fira isaanii ta'uun waan salphaa miti. Isaan kan nu barsiisanii fi nu abdachiisan waa'ee jireenya darbuu osoo hin taane dubbii jireenya barabaraa nu badhaasu nu nyaachisan. Jiraataniis nu agarsiisan. Maarree kana caalaa maqaa eenyuun waamamuu feetaree! Gammachuu sitti dhagahame kana keessa dubbii ijoo siif kaasuun barbaada ammas qalbiin na biraa hin hafiin! ✍Kitaaba qulqulluu keessatti ergaan Afuura Qulqulluu irraa gara bulchaa mana kiristaanaa Saardesitti ergame akkas jedha. "Ani hojii kee beeka, #maqaadhumaaf_jiraataa dha jedhamtee in waamamta, ati garuu du'aa dha." (Mul. Yoh.3: 1). 👉Michuu koo! Mee anaaf si'is ergaa kana ofitti haa deebisnu. Maqaa gaarii qabna garuu jiraachaa jirraa laata? Natti hin fakkaatu! Mee jireenya keenya waliin haa sakattaanu! Dhuguma nuyi jireenya namoota kiristaanummaan irraa dubbifamu moo jireenya faallaa kiristaanummaa ta'e jiraachaa jirra laata? ❓Osoo manni Kiristaanaa halkaniif guyyaa nutti himtuu, fedhii foonii isa nama nyaatu sana bituu dadhabnee yeroo meeqa ejjaaf dabarsinee kan of kennine dargaggotuma mana kiristaanaa anumaa si'i mitii? ❓Fannoo mormattti rarraafannee akkaa sirbine, akkaa sirbisiisne waan akka manni kiristaanaa sirba hin faallesine kan gochaa oolu anaaf si'i mitii? ❓Uffata addeeffannee, laphee keenya garuu dukkaneessinee osoo mana kiristaanaa deemnuu/galluu akka waan ulaagaa bataskaana deemuuf barbaachisu tokkootti nama akkaa hamanne lafee isaa wajjin kan nyaanne, namoota meeqa ejjituu, sobduu, hattuu... kan taasisnu anaaf si'i mitii? ❓Mana hojii [waajira] keenya keessatti maallaqni sammuu nu bitee, hiyyeessa kan rakkisnu, qabeenya uummataa karaa qaxxaamuraa kan saamnu, uummata tajaajilluuf kan hin amanamne anumaaf si'i isa Kiristoos irraa baranne jennee kiristaana ofiin jennu mitii? ❓Namoota nu yakkaniif dhiifama godhaa yammuu jedhamnu dursinee kan ibidda qabsiisnu anumaaf si'i warra maqaa Kiristoos isa fannoorrattillee warra isa fannisaniif dhiifama godheen of waamnu mitii? ❓Fakkeenyummaan namootuma Kiristaanota hin ta'iin irraa mul'atullee kan nurraa hin mul'anne anumaaf si'i mitii? Fannoo mormatti baannee yammuu warri fannoo mormarraa hin qabne gaarummaa nu barsiisan yeroo baay'ee hin arginee? ❓Caqasa lama barree akka waan waa'ee amantaa keenyaa barannee fixnetti akka waan deebii deebisuu dandeenyuu shakkitoota wajjin falmii qabannee waan deebisnu dhabnee akka waan manni kiristaanaa deebii hin qabne kan fakkeessine anumaaf si' mitii? ❓Waltajjii mana kiristaanaarratti baanee karaa ittiin kabaja keenya ibsannurratti kan karaa wal-dhorkinu anumaaf si'i mitii? ❓Arjummaa fi dhiifama Waaqayyootiin har'a gahuu keenya dagannee waanuma hojii keenyaan har'a qaqqabne nutti fakkaatee, waanumti gaabbii jedhamu nu keessaa badee cubbuurratti cubbuu akka daballe umurii keenya kan fixaa jirru anumaaf si'i mitii? ❓Qulqulluu foonii fi ulfaataa dhiiga Kiristoos jireenyaaf nuuf kenname ani dargaggeessadha yeroon koo hin geenye akka jenne Kiristoos wajjin qulqullummaan jiraachuurra umurii jeenya cubbuuf kan wareegne anumaaf si'i mitii? Kan itti fufuuf👇 @Kalabhiyahu @Kalabhiyahu
نمایش همه...
Sababni Kee Maali laata⁉️ ➻Q.Yohaannis Afaan Warqee akkas jedha ture; "Bultiin qaba; ijoolleen guddisa; abbaa warraa waanan ta'eef waan kana gochuu hin danda'u naan hin jedhiinaa. Isin irraa kan barbaadamu eeyyama keessan qofadha. Umuriis yoo ta'e, badhaadhinas yoo ta'e, dhabuus yoo ta'e, kan biraas yoo ta'e kana hunda gochuu isin hin dhorku. Sababni isaa jaarsonnis, dargaggoonnis, haadha warraawwanis, warri daa'ima guddisanis, ogeessonnis, loltoonnis kana hunda raawwataniiruutii. Daani'eel dargaggeessa ture; ijoolleen sadan ibidda Ittoonitti darbataman daa'imman turan; Yooseef hojjetaa mootii ture; Luqaas ogeessa fayyaa ture; Liidiyaan daldaltuu uffata jirbii (harrii) turte; namichi Phaawuloos fi Silaasiin mana adabaa keessatti eegaa ture poolisii ture; Qorneelewoos immoo ajajaa-kudhanii ture; Ximootiwoos dhukkubsataa ture....haa ta'u garuu kana gochuu kan isaan dhorke sababni tokko illee hin jiru. Warri kun hunduu akkuma keenya dubartoota, akkuma keenya dargaggoota, akkuma keenya jaarsolii; akkuma keenya daldaltoota, akkuma keenya hojjechiistota, akkuma keenya hojjettoota, akkuma keenya loltoota fi siviliiwwan [loltoota kan hin taane] turan!" [#Madda: ሰማዕትነት አያምልጣችሁ እና ሌሎች; በቅዱስ ዮሐንስ አፈወርቅ] ➥ Obboleessa koo❗️ Ati hoo jireenya kiristaanummaa keetti dadhabaa fi dhibaa'aa ta'uu keef #sababni kee maali laata? Waa'ee amantaa kee barattee akka hin beekneef, cubbuu irraa kan si qulqulleessu gaabbii akka hin galleef, Kiristoos waliin tokko kan si taasisu qulqulluu Foonii fi kabajamaa Dhiiga isaa akka hin fudhanneef, gaa'ela eebbifamaa ta'een bultii kee akka hin ijaarranneef, Waaqayyo kan qabdu kan ittiin siif eebbisu kurnee kee akka hin kanfalanneef, dadhabootaaf harka kee akka hin diriirsineef, yeroo barbaachisutti mana kiristaanaa akka hin deemneef......#sababni kee maali laata? Barri dhufaa jiru kun osoo bara nagaa nuuf ta'e barbaadda ta'a. Kuni ta'uu kan danda'u garuu #atis, #anis, #innis, #isheenis yoo dursinee of haaressine qofadha. Akka akkas hin gooneef immoo #sababni keenya maali laata? "Sababoota madaala hin kaasne sababeeffannee hamma fayyina keenya ofitti barfachiifnu sababoota barbaadnee fayyina keenyaaf osoo ariifanne gaarii ta'a!" 🙏Waaqayyo nu haa gargaru! Ameen!🙏 Miseensa chaanela GODOLIYAAS ta'uuf👇 https://t.me/Kalabhiyahu
نمایش همه...
GODOLIYAAS

"Addunyaan hunduu ni darba; fedhiin fooniis ni bada; seera Waaqayyoo kan raawwatu garuu bara baraaf ni jiraata!" Yaadaa fi gaaffiif @lamtesh irratti nuuf ergaa! *Godoliyaas-Waaqayyo Guddaadha*