fa
Feedback
Aartii Oromoo

Aartii Oromoo

رفتن به کانال در Telegram

Afaan Oromoo haa cimsinu Aadaa keenya haa ibsinu!

نمایش بیشتر
3 351
مشترکین
-424 ساعت
+677 روز
+2630 روز
آرشیو پست ها
FIFA’n yeroo jalqabaaf miseensota garee Waancaa Addunyaa 2026f injifataan qubeelaa warqee badhaasuuf qophaa'e💥 Waancaan Addunyaa dorgommiiwwan ispoortii addunyaa irratti gaggeeffaman keessaa isa kabajamaa fi beekamaa hunda caalu dha. Bara 1930 irraa eegalee waggaa afur afuriin kan gaggeeffamaa ture yoo ta’u, hanga ammaatti gareewwan injifatan waancaa fi meedaaliyaa warqee qofaatiin badhaasaa ture. Haa ta’u malee, bara 2026 keessa seenaa Waancaa Addunyaa keessatti boqonnaan haaraan banameera. FIFA yeroo jalqabaaf taphattootaa fi miseensota garee injifataa qubeelaa warqee addaa ta’een badhaasuuf murteessuun isaa xiyyeeffannoo addunyaa ispoortii harkiseera. Murtiin kun akkasumaan kan kenname miti; sababa hedduu qaba. Tokkoffaa, FIFA Waancaan Addunyaa daqiiqaa 90 qofa osoo hin taane seenaa yeroo dheeraa qabu akka ta’u gochuuf hojjechaa jira. Taphattoonni yeroo waancaa injifatan waancaa guddaa ol kaasanii kabajamanis, waancaan inni guddaan qabeenya FIFA waan ta’eef yeroo hunda of bira hin tursiisan. Meedaaliyaan badhaasa guddaa ta’us yeroo hunda uffatamee kan mul’atu miti. Qubeelaan warqee haaraan garuu yeroo kamiyyuu uffatamuu danda’a; injifannoo isaanii fi maqaa isaanii akka shaampiyoonaa addunyaa yeroo hunda yaadachiisuuf jechuun yaadameera. Dhimmi biraa immoo qopheessummaa Waancaa Addunyaa bara 2026 ti. Dorgommii kana Ameerikaa, Kaanaadaa fi Meeksikoon qopgeessuusaaniin keessumaa Ameerikaatti shaampiyoononni NBA, NFL, MLB fi NHL qubeelaa warqee badhaafamuun waggoota dheeraaf aadaa beekamaa ta’eedha. Qubeelaaleen kun meedaaliyaa caalaa mallattoo ulfinaa fi injifannoo ta’anii ilaalamu. FIFA’nis aadaa kana kubbaa miilaa addunyaa waliin walitti makuun Waancaa Addunyaa dhaloota haaraaf caalaatti hawwataa taasisuuf akka barbaade ni mul’isa. Kana malees, FIFA tarsiimoo gabaa ispoortii fi galii daldalaa babal’isu hordofaa akka jirtu ni tilmaamama. Odeeffannoon akka agarsiisutti qubeelaaleen garee injifataaf kennaman qofa osoo hin taane, qubeelaaleen addaa lakkoofsa murtaa’een deeggartootaaf gurguramuufis qophaa’aniiru. Kunis Waancaa Addunyaa dorgommii ispoortii qofa osoo hin taane maqaa daldalaa idil-addunyaa gatii olaanaa qabu taasisuuf tarkaanfii fudhatame ta’uu isaa mul’isa. Haa ta’u malee, murtiin kun namoota hunda hin amansiifne. Namoonni seenaa kubbaa miilaa hordofan keessaa tokko tokko, Waancaan Addunyaa aadaa fi eenyummaa mataa isaa akka qabu yaadachiisuun, aadaa badhaasa qubeelaa kan ispoortii Ameerikaa gara kubbaa miilaa addunyaatti fiduun eenyummaa seenaa dorgommichaa jijjiiruu danda’a jedhu. Gama biraatiin immoo namoonni hedduun murtii kana ni deeggaru. Akka isaaniiitti, kun Waancaa Addunyaa yeroo ammaa wajjin akka adeemu kan taasisu, taphattootaafis kabaja dhuunfaa caalmaa qabu kan kennu tarkaanfii gaarii dha. Qubeelaan warqee yeroo hunda uffatamuu waan danda’uuf, injifannoo isaanii bara baraan akka yaadatan gargaara. Murtiin FIFA kun garuu qubeelaa qofa irratti kan xiyyeeffate miti. Jijjiirama guddaa Waancaa Addunyaa keessatti dhufaa jiru agarsiisa. Aadaan ispoortii, tarsiimoon daldalaa fi hirmaannaan deeggartootaa yeroo ammaa walitti hidhamaa akka jiran mul’isa. Ta’us, mormitoonni murtiin kun caalaatti daldalaa fi gabaa babal’isuuf kan kaayyeffate malee, aadaa kubbaa miilaa eegsisuu irratti kan xiyyeeffate miti jedhu. Odeeffannoo ba’een, qubeelaa injifattootaaf qophaa’an 30 cinaatti, qubeelaaleen addaa 1,996 ta’an deeggartootaaf gurguramuuf qophaa’aniiru. Kunis murtii kana irratti falmii bal’aa uumeera. Kanaaf, gaaffiin guddaan har’a ka’u tokko jira. Aadaan badhaasa qubeelaa kun Waancaa Addunyaa itti aanu hunda keessatti itti fufaa moo bara 2026 qofa keessatti yaalii addaa ta’ee hafaa? Deebiin isaa fuuldurratti seenaa kubbaa miilaa addunyaatu murteessa. ©️ Miidiyaa Hawaasaa✍️

photo content
+4

IRRAA OF EEGAA! (Ijoolleen gara DUBAI imaluuf feetan, gurbaa kanarraa of eegaa!) Mucaan kun "Wabii Wabbiisan Ta" ofiin jedha karaa toora facebook; karaa toora TikTok ammoo, 'Wabii ambo' jedha. Ijoollee dhiirotaas tahee shamarran kana biyyoota adda addaarraa, akkasuma biyya keessaa alatti baasuuf qarshii hedduu gaafachuun, ijoollee rakkisaa jira. Keessattuu dhiirota tilmaamaan qarshii 500,000-800,0000 gaafata; erga qarshii isaanii baasanii, rakkoo adda addaan saaxilee ji’oota hedduu lakkoofsisee booda, sababa adda addaa funaanuun bada. Isayyuu warra maatii isaa beekanii, qabeenya inni magaalaa Amboo qabuun doorsisaniif dafee al-seerummaanis tahu goolabee, isayyuu achuma Dubai’tti rakkisaa jira. Ijoollee carraa uumuun karaa seera qabeessummaa fi rakkoof nama hin saaxilleen ni jabeeffama; warri akka mucaa kanaa garuu, namootan ani beekuuf itti dhiyaadhu qarshii harkaa nyaatee fedhu bilbila hin kaasu, barbaadu block gochuun ijoollee rakkisaa jiraachuu baruun akka irraa of eegdan siniin jechuun fedha. Keessumaa gamnummaan gurbaa kanaa, ijoollee hedduu keessaa muraasaaf hojjatee isaniin immoo customer biraa qabachuuf vidio hojjatee namoota isa hin beeknetti muudii qabata. Gama TikTok fi Facebook jalaan ijoolleen qunnamuudhaan, hojjisiifattan of eeggannoo godhaa; wanta miidiyaa hawaasaan lakkisu hundi dhugaa sinitti hin fakkaatin, hedduu miidhee nama muraasa lakkisuun ijoollee dararaa jira. Ragaa quubsaa, ammoo obboleessa kiyya mataan isaa jira. Nuti karaa maallaqa deeffannu beekna; akkaataa dadhabbii fi baasii mucaa shallagee deebisu ni jiraata. Namootni biroo garuu, irraa baradhaa! SHARE gochuudhaan, mucaa kanaa fi fakkaattiin isaa ijoollee keenya qorqaa jiran irraa of haa eegan!

🤩🇦🇷 𝐎𝐅𝐅𝐈𝐂𝐈𝐀𝐋: 𝐀𝐑𝐆𝐄𝐍𝐓𝐈𝐍𝐀 𝐀𝐑𝐄 𝐖𝐎𝐑𝐋𝐃 𝐂𝐔𝐏 𝐅𝐈𝐍𝐀𝐋𝐈𝐒𝐓𝐒 𝐀𝐆𝐀𝐈𝐍 𝐀𝐅𝐓𝐄𝐑 𝐁𝐄𝐀𝐓𝐈𝐍𝐆
🤩🇦🇷 𝐎𝐅𝐅𝐈𝐂𝐈𝐀𝐋: 𝐀𝐑𝐆𝐄𝐍𝐓𝐈𝐍𝐀 𝐀𝐑𝐄 𝐖𝐎𝐑𝐋𝐃 𝐂𝐔𝐏 𝐅𝐈𝐍𝐀𝐋𝐈𝐒𝐓𝐒 𝐀𝐆𝐀𝐈𝐍 𝐀𝐅𝐓𝐄𝐑 𝐁𝐄𝐀𝐓𝐈𝐍𝐆 𝐄𝐍𝐆𝐋𝐀𝐍𝐃 🗽✨ Leo Messi and Argentina make history and legend again 💥 England’s dream at World Cup is officially 𝐎𝐕𝐄𝐑 💔👋🏼 Who’s been your 𝐌𝐀𝐍 𝐎𝐅 𝐓𝐇𝐄 𝐌𝐀𝐓𝐂𝐇? 🍿

Kamtu injifata? 🇫🇷 or 🇪🇸?
Kamtu injifata? 🇫🇷 or 🇪🇸?

photo content

Isuma dhugaa sa'aatiif yeroon bira turetti waa baay'een irraa baradhe; kanin yaadadhe irraan siniif barreesse, isaan garuu waa hedduu naaf himan, waa baay'ee na gorsan! Carraatu walitti nu fide malees, Paartii kamuu keessatti miseensa tahee hojjadhees tahee hirmaadhee hin beeku; personally haaluma yeroo fi wantota jirurra dhaabbadhee toota miidiyaa hawaasaa kanaan waa barreessa, sochii barattootta yeroo fincila diddaa garbummaa(FDG) fi FXG sana sirnaan jamaa duukaa wanta waloorratti hirmaannaan alatti, dhimma siyaasaan wal qabatuun guyyaa tokko nama dhuunfaas tahee garee waliin hidhata godhadhee hin beeku. Namoota gurguddoo, hayyoota hedduutti dhiyaadhee argeera; sa’aatiif daqiiqaa muraasa wal bira turruun gorsaa fi barsiisa hedduu fudheera; siyaasa keessatti badaa hin gowwomu, waa hedduu practically bareera. Namuu fedhiif dantaa dhuunfaaf irra caalaa qabsaa'a; waa sharafachuuf fakkeessa, bitaa mirgaa waa daldala, nama siyaasa kana irratti baree waa dubbatu, ykn ammoo challenge gochuu dandahu maqaa balleessuu fi intention namootaa keessatti namuu seenaa hin taaneen akka hubataniif fake account adda addaan nama ololu. Waa baay’ee hiriyootaan nurratti taheera; namootuma maqaa nu balleessaa turaniifi nuun hamaa godhanii of qulqulluu taasisaa turan hedduutu, har'a,…😁 Gabaabseen waa dhaama; hayyoota hedduu qabna, dararaaf hammeenya siyaasaa keessatti warra qancaran jechuudha, saayinsii isaas baratanii, qabatamaan lafarrattis warra aarsaa itti kanfaluun asiin nu gahan jechuudha. Seenaa fi maqaa isaanii balleessuu, target ofii barbaadnu keessatti isaan yoo dhabne arrabsuu fi xureessuun aad-maleedha. Namni akka koo haa tahu hin jedhiinaa; itti amanee jennaan namuu siyaasa barbaade yaa hordofu, wixinee fedhe haa diriirsu, garuu uummata/sabaaf biyyaaf wanta hin malle yoo diriirse, sana uummatni itti dammaqa. Kanaan alatti, nama kaleessa seenaafi aarsaa siyaasa biyya kanaa keessatti bu'uura tahe, har'a ofiin qixxeessuu fi qeequun gadhum-maadha; dadhabbinalle! Gaafa galeef namuu adda baafatee gara tokkotti luucca'a; jireenyi, siyaasni biyyaa ni barsiisa, ofiinuu waa baraa deema namni. Cal jechuun irra filatamaadha; hayyoota haa kunuunfannu, yaada isaanii irraa waa baranna, shiraaf gidiraa, siyaasa irraa baranna. Kanaafuu, of ilaallee qalbiif yaada bilchaataa haa qabaannun jedha. Professor hedduun jaalla; nan kabaja, balleessuu dhaasanii osoo amma barbaade dogoggoranii arraba ykn yaada negative tokkollee qabaachufi hin dandahu, 'መሃይም' hedduus qaranii ofitti qaran malee! Abdinaol Abera✍️💊

Anaa fi Professor Mararaa, bara 2012E.C-GIINCIITTI💥 Hayyuu buleessa, nama jabaa fi library Oromootaa, Professor Mararaa Guddinaa hedduun jaalla; logically tahee psychologically nama jabaa nu qabnudha, ni raagu, ni himu! Sanumatuu tahaa ture; ta’aas jira. Suuraa kana bara 2012E.C osoon kutaa 11ffaa M/B/Giincii Sad.2ffaa baradhuu waayillan isaa waliin diidaa osoo galanii Giinciitti goruun, anaa kophaa taahu na arganii ofitti na yaaman. Akkas naan jedhan, "Warri Giincii bilisoomtan mitii?" Naan jedhan, anis 'maaliif jedhan?' Kan jedhu ittin yaadeen, "Bilisoomuuf adeemsarra jirra biyyuma waliin; malee Giinciin qofti Oromiyaa keessaa akkamiin addatti bilisoomti?!" Jedheen. Professor: "Nama Federaalaaf caffee keessaa qabdu; MNO erga Giincii tahee, erga aangoo qabsiifattanii bilisummaan kana caale maali?" Naan jedhan. Ana: "Qabsoon Oromoo nama isaa gara aangootti fiduu qofa miti Pirofeesar; sun isa jalqabaa tahus, nama sanaan bilisummaa gonfachuuf bu'uurri nama ofii aangoo and absiifachuudha malee!" Jedheen. Professor: "Ati akkas jetta; warri kaan ammoo 'bilisoomne' jedhu, yaadni keessan clash wal godha. Mee ati kutaa meeqa baratta?! Nama Tokkummaa Hundee jedhamu beektaa?" Naan jedhan. Ana: "Ani barataa kutaa 11ffaati; saayinsii uumamaan baradha, Tokkummaa Hundee isin jettan anaaf fira, maatiidha" Jedheen. Professor: "Egaa akka Tokkummaa sana tahi; inni jabaadha, waliinis hojjanneerra, ati nama saayinsii uumamaa barachaa jirtuu fi 'ganaa' kutaa 11ffaa barattu hin fakkaattu, nama Yuunivarsiitii bahee siyaasa hordofu haasaan kee!" Naan jedhan. Ana: "Egaa jireenya fi addunyaa nuti keessa jirrutuu siyaasa nu barsiise malee saayinsii isaa baradhee ykn siyaasa hordofee miti; yeroo hedduu maqaa keessan xiqqaa tahee nan dhagaha Professor, hayyuu fi beekaa Oromoon qabu keessaa angafa tahuu keessan, akkasumas sadarkaa aangoo qabattanii biyya kana bulchuutti carrichi argamuu baatus, Uummatni Oromoo hedduu sin jaalatu, isinis carraa argattaniin jijjiirama warruma amma biyya bulchaa jiran waliin yaada tokkoof wixinee wal fakkaataan walii galuus baattan, dhimma Oromoof Oromiyaa kana akka hayyuu Oromoon qabdu tokkootti waa nuuf gumaachaa!" Jedheen. Professor: "Wanti ati ganaa bartuuf hubattu hedduutu jira; yaadni kee sirruma, akkas akka tahuuf kana amma jettu yaadni namaa akkuma bifa namaatti gargari, nuti ni jenna, ni dubbanna, wixinee ni dhiyeessina, fudhatamummaan isaa garuu ideology biyyattiin qabattee jirtu waliin wal hin simu" Jedhan. Ana: "Professor! Yeroo hedduu miilla mirgaa kan bitaarra qaxxaamursitanii(walirra keessanii) teessu; kun ana dabalatee namoota hedduuf gaaffiidha, sababa addaa qabdu moo? Barteedha laata? Garuu dhiifama dhimma personally akkasii isin gaafachuu kiyyaaf!" Jedheen. Professor: "Kolfuudhaan, miilla tokko qofaan ejjedhee, miilla mirgaa qaxxaamursee taahuun kiyya anaaf hiika mataasaa qaba; innis gaafa Oromiyaan hiree mataashee murteeffattee of dandeesse, biyya Itoophiyaa kana keessattu abbaa biyyummaa keenya mirkanaa’en miilla lamaan ejjadha, amma rarraanee jirra. Ejjennoo hin qabnu, galma hin geenye; progress tahee cilaancilli bilisummaa mul’atte malee, nu hafa" Naan jedhan. Gidduutti, keessummootni biroo dhufuudhaan nagaa gaggaafatu; professor erga nagaa gaafatanii, "Egaa jara kana duukaa dhimma qabnaatii, ati mucaa qaxaleedha; dhalootni akka keetti yeroo akkasii kana waa bilcheessee hubatu yoo jiraate si dabalatee nu barbaachiftu" jechuun lakkoofsa bilbilaa kan isaanii naaf kennuun, kiyya qabatanii, waa'illan isaanii Obboo Dajanee Xaafaa, Tokkummaa nama jedhamuu fi Caalaa waliin wal nu barsiisanii, "Jabaadhuu baradhu; nuti ni darbina, sintu bakka nu bu’a kana booda!" Jechuun wal biraa adeemne.

photo content

Waan Beekamuu Qabu. Miidiyaan hawaasummaa: 1. Warra gaarummaaf itti gargaaramaniif dhimmoota barbaachisoo hundumaa irratti bu'aan inni qabu akkaan guddaa tahuun hin haalamu. 2. Warra hammeenyaaf itti gargaaramaniin sum'ii fi dhukkubni hamaan karaa isaa hawaasa keessa tamsa'u ammoo haala akkamii akka uumu kanuma argaa turree fi argaas jirru kana. 3. Irra hedduun warra hammeenyaaf itti gargaaramanii maqaa fi eenyummaa ofii isa dhugaatiin mul'atanii osoo hin taane golgaa duuba dhokatanii sum'ii hawaasa gidduutti biifu. 4. Maqaa fi eenyummaa ofii isa dhugaa dhokfatanii warri waan gaarii fi ijaaraa taheef itti gargaaramanis garuu hin jiran jechuu miti. 5. Kanaaf, yeroo miidiyaa hawaasaa kana irratti waan ija, gurraa fi qalbii namaatti hin tolle, kan aadaa fi safuu hawaasaatiin faallaa tahanii fi hawaasa gidduutti dhara, shakkii, jibba, hamii, abdii-kutannaa, cabiinsa hamlee ... kkf babal'isuu malee bu'aa biroo hin qabne arginuu fi dhageenyu akka balfa hamaatti ilaallee bira kutuu malee wahitti lakkoofnee itti rakkachuu hin feesisu. Madda isaa qoratanii balfi akkanaa dhibee inni hawaasa keessatti uumuu danda'u xiqqeessuuf dammaqiinsaan hojjechuun garuu barbaachisaa fi dirqamaasi. 6. Gaarummaa fi hammeenya miidiyaa hawaasummaa akkanaan hubatanii hammeenya isaa irraa of tiksuun waan laayyootti ilaalamuu hin qabne dha.

Mata Duree hin Qabu! Maaliif akkas taata? Fayyaa maaf maraattaa? Maaliif of dhiphifta? Mee hammam jiraattaa?! Lakkii! ani nan qoose; Maaliif hin maraattuu, Manni maal siif godha, Daandiirra hin jiraattuu! Abbaa feete ariita; Qabattee dullaa kee, Hundatti agarsiifta; Barbaaddus qullaa kee! Dhisiyyuu hin maraatin; Maraatteetta silaa, Akka feete ta'i; Maal natu siif filaa; Barbaaddu halkan fiigi; Guyyaa hirribaa ka'i; Waan na galchu hin qabu, Feetus fayyaa ta'i! Yoo feetes machaa'i, Daandii irrattis kufi; Halkan banaa bulchi; Guyyaan karra cufi! Silaahoo wal beekna; Mee maaliin wal caallaa; Daandii kee qabattee, Maaf hin taatuu faallaa! Garuu osoo dubbannuu, Maal jedheen jalqabee, Wanti kun naan galle; Mata dureen dhabe! Eessatti xumuru, Eessatti jalqabu, Gaaf gaaf jiruun namaa, Mata duree hin qabu!

SIYAASA MIIL-TOKKEE!💥 Ammuma hubannaa ofii ta'us namuu qabsoo keessatti aarsaa kanfaleera; credit nama tokkoof ykn lamaaf kennamu garuu fair miti. Maalis tahu maal, siyaasa keessatti gamnummaa malee, seera barachuu fi saayinsii siyaasaa beekuu qofti nama hin baasu. Namoota hedduutu double agent-bitaaf mirga fakkaachuun obboloota gurguree gam-lamaa waa nyaachaa ture; target ofii barbaadanitti si galchuufis maqaa hin taane sitti moggaasuun dursanii si faalu. Intention namootaa keessatti seenaa xuraawaa godhanii maqaa kee balballoomsu; kana qaruxee fi nama bilchina qabutuu shiraa fi gidiraa siyaasa keessa jiru beeka. Isa namni as dheengadda reefu walirratti baraa jiru, xiqqaa taanee itti guddanne; practically shiraaf gidiraa dhala namaa beekna, gamnummaan ammoo waa baay’ee keessaa personally na oolcheera. Bilchinnii fi gamnummaan jireenya hawaasummaa fi siyaasa keessattis si fayyada; beeka jechuu qofti sin baasu, namoota hedduu siyaasa keessatti ilkaan isaanii malee garaa isaanii akka saphaattu hin baartu. Si biratti kolfanii taphatu, firaaf aantee keeti; teellaa keetti garuu, actor tahuudhaan diraamaa sirratti dalagu, yoo irratti barte ammoo dafanii maqaa si xureessu! Gabaabumatti, shiraaf gidiraa namuu ammatti bareera; hayyuu siyaasaas tahu nama dhuunfaa, siyaasa fedheef paartii kamuu keessatti namuu shiraan deemuun ammatti milkaa’ina hin qabu; hojii qabatamaa, wanta ijaan mul’atu, innovation waliin hidhanni dhaloota ammaa cimeera. Amma barbaadde haasahuu fi theory-based irratti xiyyeeffattu namuu garagalee si’n ilaalu; qabatamaan lafarratti nama gahumsa qabuu fi hawaasummaattis tahee, jireenyuma mataa ofiirratti nama jijjiirama of harkaa qabuu fi bilchina qabutuu fudhatama qaba. Malee akkuma kaleessaa oduu fi shira xaxuudhaan daandii wayii karaa qaxxaamuraa imalee milkaa'aan waa hin yaadamne, namni gamnoomeera. Jireenyi fi siyaasni nama hedduu qaruudhaan, akka hin gowwomne, wanta tahe akka salphaatti ofitti akka hin fudhanne taasiseera. Kanaafuu, of jijjiiruu, maatiif uummata-biyyaaf saba jijjiiruu mul’ata qabda taanaan, hojjechuu ykn barachuun alatti jijjiiramni karaa biraa akka hin jiraanne eenyuyyuu amanee fudhachuu qaba. Yoo akkas hin taane, nama birattis jibba fudhachuu, akkasumas ofiifis jireenya ofiirratti qumaara taphachuudhaan nyaatamuudha. Dammaqaa! Sammuu keessan haaromsaa; namni qabsoo biyya kanaa keessatti aarsaa hin kanfalle hin jiru, miidiyaa hawaasaan beekamtii qabaachuu fi beeksifachuun dirqama miti. Namootni hedduun namuma mul’atee fi harki rukutamuuf qofatuu biyya kana utubee asiin gahe itti fakkaata; irra caalaan namoota aarsaa biyya kanaaf kanfalanii miidiyaa hawaasaa irraa fagoodha, ofiyyuu mul’isuu hin barbaadan! Of haaromsaa; gad-dhaabbannee of haa ilaallu, qabsoon teenya siyaasa qofaan osoo hin taane, seenaa kaleessaa dhaadessaa hafna osoo hin taane, diinagdeen of ijaaruu, wanta haaraa fi biyya utuburratti haa xiyyeeffannu. Biyyoota ollaa, addunyaa irraa siyaasa haa barannu; gola keessaa of baafnee, scope keenya bal’isuun siyaasa saayinsiin deeggarame, siyaasa miila tokkoon ejjetanii tokkoon rarra’uu irraa, miilla lamaan ejjennee, wanta qabatamaa irratti haa xiyyeeffannuun dhaamsa koo goolabaati. Abdinaol Abera✍️🔭

ODUU AAGAA💥 Namoonni duraan sirna barnootaa Dipiloomaa, 12+2, yookaan 10+3n eebbifamanii ragaa barnootaa isaanii sirriitti m
ODUU AAGAA💥 Namoonni duraan sirna barnootaa Dipiloomaa, 12+2, yookaan 10+3n eebbifamanii ragaa barnootaa isaanii sirriitti mirkanaa'e qaban, garuu Qaamolee Madaallii Gahumsaa Sadarkaa 6 (Level 6 Qualification Framework) hin qabne ta'us, booda barnoota isaanii itti fufuun digrii jalqabaa (First Degree) xumuran; ragaan barnootaa isaanii akka mirkanaa'u dandeessisuuf qajeelfamni haaraan ni qophaa'a. Him!🫢 Barachuun, barumsa qulqullina qaburratti xiyyeeffachuun gaaruma!🤝

photo content

Gama barnootaatiin biyyi keenya sirna barnootaa cimaafi barattoota gahumsa olaanaa qaban calaltee biyyaaf kennuu irratti argamti! Namootni bara 2015 dura barnoota sadarkaa BA digirii, MA fi PHD eebbifan hundaaf irra deebiin qormaata bahumsaa(Exit) akka fudhatan ministeerri barnootaa beeksise. Ejjennaan inequality kan xiqqeessuu fi carraa ilmi namaa biyya tokko keessatti qabaachuu qabu madaalaatti kan eegudha. Barataan 2014 dura university irraa akkuma salphaatti qabxii kilaasiin eebbifame bahe hojii gara garaatti ramadamee hojjechaa jira. Bara 2015 as garuu barattootni ciccimoon meeqa exit exam darbuu dadhabanii sertifikeetii tokko malee bakkeetti hafanii jiru. Kanaaf biyya tokko keessatti garaagarummaan akkasii waggoota kudhan gidduutti dhaloota irratti uumamuun hin barbaachisu. Biyya tokko keessatti, mana hojii tokko keessatti tokko qormaata bahuumsaan cuunfamee bahee, tokkommoo salphumatti qabxii kilaasiitti hojjetamuun bahee bakka tokko taa'ee uummata tajaajiluun hin barbaachisu. Isaanis irra deebiin qoramuun yoo darban hojii itti fufuu, yoo hin darbine sadarkaa isa barbaachisuufi sadarkaa barnootaa isa madaalu kennamuugi qaba. Warri bakkeewwan baay'eetti posishinii gurguddaa irraa laphee dhiibanii deeman warra distaansii fagoo baratanii barsiisaan akkasumatti qabxii guuteefi darban akka ta'aan beekamaadha. Univesitii biyya kanaa keessattis barattootni 2015 dura xumuran 80% ol namoota homaa hin beekne, akkuma kutaa gadiitti walirraa hatanii akka eebbifamanii bahan akka ta'e hunduu ni beeka. Kanaaf tarkaanfiin ministeerri barnootaa fudhachuuf deemu kun daraan kan jajjabeeffamuufi ta'uu kan qabudha. Garuu, namoota hedduutti dhukkubbii mataa akka ta'u shakkiin qabu, ta'us garuu namni gitasaarra jiraachuu qaba.

Barachuun hojii ittiin argachuu duwwaaf miti!📖📕 Barnoonni bu’uura guddina nama dhuunfaa, maatii, hawaasaa fi biyyaa ti. Namni yeroo baratu beekumsa qofa odoo hin taane, dandeettii jireenya isaa ittiin fooyyessu argata. Faayidaan barnootas” 1. Beekumsa namaaf dabala Barnoonni waan haaraa akka barru nu taasisa. Addunyaa, uumama, saayinsii, seenaa, Afaanotaa fi aadaa garaagaraa hubachuuf gargaara. Namni beekumsa qabu waa sirriitti xiinxaluu danda’a. 2. Sammuu fi yaada namaa guddisa Barachuun dandeettii yaaduu, qorachuu fi rakkoo hiikuu cimsuu keessatti gahee guddaa qaba. Namni barate odeeffannoo dhaga’e hunda salphaatti hin amanu; qoratee, madaalee, sana booda murtoo kenna. 3. Carraa hojii bal’isa Yeroo ammaa hojiiwwan hedduun ogummaa fi barnoota barbaadu. Namni barate hojii gaarii argachuuf carraa bal’aa qaba. Kunis galii isaa dabalee jireenya isaa fooyyessa. 4. Jireenya fooyyeessa Barnoonni akka namni fayyaa isaa eegu, maallaqa sirnaan itti fayyadamu, yeroo isaa qindeessu fi jireenya isaa karaa gaariin akka geggeessuf gargaara. 5. Ofitti amanamummaa guddisa Namni beekumsa qabu yaada isaa sodaa malee ibsuu danda’a. Waan hojjetuufis ofitti amanamummaa qabaata. 6. Hawaasa tajaajiluuf Namni barate beekumsa isaa qofaaf osoo hin taane, hawaasa isaaf fayyadama. Barsiisuu, ogeessa ta’uu, qorannoo gaggeessuu fi hojii misoomaa keessatti hirmaata. 7. Guddina biyyaa keessatti gahee qaba Biyyoonni guddatan mootummaa qofa osoo hin taane lammiilee baratan irratti hundaa’u. Ogeeyyiin fayyaa, barsiisonni, injinaroonni, qonnaan bultoonni beekumsa qaban fi ogeeyyiin biroon guddina biyyaaf bu’uura ta’u. Namni barate nama akkamiiti kan jennuuf ammoo” Nama barate jechuun nama mana barumsaa deemee ragaa argate qofa miti. Namni barate dhugaan amala gaarii fi ogummaa isaa hojii irra oolchuu kan qabuudha. Amaloota nama baratee keessaa muraasa: * Beekaa – Waan hedduu baruuf fedhii qaba; beekumsa isaa yeroo hunda dabala. * Xiinxalaa – Rakkoo kamiyyuu yaada bal’aan ilaalee furmaata barbaada. * Naamusa gaarii qaba – Nama kabaja, dhugaa dubbata, amanamaa fi hojii isaa irratti mootummaa qaba. * Obsa qaba – Namoota yaada adda addaa qaban dhaggeeffata; dafee hin murteessu. * Nama hojii jallina irraa fagaatu – Beekumsa isaa nama miidhuuf osoo hin taane nama gargaaruuf fayyadama. * Nama hojii jabaatu – Milkaa’inni carraa qofa akka hin taane beekee ciminaa fi hojii irratti hirkata. * Nama itti fufiinsaan baratu – “Ani waan hunda beeka” hin jedhu; yeroo hunda waan haaraa baruuf qophaa’a. Xumura yaadakoo irratti” Barnoonni ifa jireenyaa dha. Beekumsa namaaf kenna, sammuu isaa bal’isa, carraa hojii uuma, jireenya isaa fooyyeessa, hawaasa isaa tajaajiluuf isa qopheessa. Haa ta’u malee, barnoonni naamusa, amanamummaa, kabajaa fi hojii gaarii wajjin yoo deeme caalaatti bu’aa qaba. Namni barate dhugaan nama beekumsa qabu qofa osoo hin taane, nama beekumsa isaa ofii fi hawaasa isaa fayyaduuf itti fayyadamu, nama kabajaa fi amanamummaa qabu dha. Lafa nagaa bulaa.🙏 ©️ Miidiyaa Hawaasaa✍️

የተያዙ ሰዎች መብቶች ማንኛውም ሰው በቁጥጥር ስር በሚውልበት ጊዜ፣ በኢፌዴሪ ሕገ መንግሥት እና ኢትዮጵያ ባፀደቀቻቸው ዓለም አቀፍ የሰብዓዊ መብት ስምምነቶች መሠረት የሚከተሉት መሠረታዊ መብቶች አሉ
የተያዙ ሰዎች መብቶች ማንኛውም ሰው በቁጥጥር ስር በሚውልበት ጊዜ፣ በኢፌዴሪ ሕገ መንግሥት እና ኢትዮጵያ ባፀደቀቻቸው ዓለም አቀፍ የሰብዓዊ መብት ስምምነቶች መሠረት የሚከተሉት መሠረታዊ መብቶች አሉት፦ 🔹 የተያዘበትን ምክንያት የማወቅ መብት፡ ለምን እንደተያዘ ወይም በእሱ ላይ የቀረበው ክስ ምን እንደሆነ በሚረዳው ቋንቋ ሊገለጽለት ይገባል። 🔹 ዝም የማለት መብት፡ በራሱ ላይ ማስረጃ ሊሆን የሚችል ቃል ወይም መረጃ እንዳይሰጥ መብት አለው። 🔹 የዋስትና መብት፡ ሕጉ በሚፈቅደው ሁኔታ በዋስትና እንዲለቀቅ መብት አለው። 🔹 ሕጋዊነቱ በፍርድ ቤት እንዲመረመር የመጠየቅ መብት፡ በሕግ ውጭ መያዙን ፍርድ ቤት እንዲመረምር መጠየቅ ይችላል። 🔹 ጠበቃ የማግኘት መብት፡ የራሱን ጠበቃ መምረጥ ይችላል። ጠበቃ ለመቅጠር አቅም ከሌለው፣ ሕጉ በሚደነግገው መሠረት ከመንግሥት የሕግ ድጋፍ የማግኘት መብት አለው። 🔹 በ48 ሰዓታት ውስጥ ፍርድ ቤት የመቅረብ መብት፡ ከጉዞ ጊዜ በስተቀር፣ በቁጥጥር ስር የዋለ ሰው በ48 ሰዓታት ውስጥ ፍርድ ቤት መቅረብ አለበት። 🔹 በቤተሰብ የመጎብኘትና የመገናኘት መብት፡ በሕግ በተደነገገው መሠረት ከቤተሰቡ ጋር መገናኘትና ጉብኝት ማግኘት መብት ። 🔹 ሰብዓዊ ክብር የመጠበቅ መብት፡ ከድብደባ፣ ከማሰቃየት፣ ከአካልና ከሥነ ልቦና ጉዳት ጥበቃ የማግኘት መብት አለው።

BREAKING NEWS💥 🚨𝐑𝐄𝐂𝐎𝐑𝐃 𝐖𝐎𝐑𝐋𝐃 𝐂𝐔𝐏 𝐆𝐎𝐀𝐋𝐒 𝐀𝐍𝐃 𝐑𝐄𝐂𝐎𝐑𝐃 𝐖𝐎𝐑𝐋𝐃 𝐂𝐔𝐏 𝐀𝐒𝐒𝐈𝐒𝐓𝐒: 𝐈𝐓’𝐒 𝐋�
BREAKING NEWS💥 🚨𝐑𝐄𝐂𝐎𝐑𝐃 𝐖𝐎𝐑𝐋𝐃 𝐂𝐔𝐏 𝐆𝐎𝐀𝐋𝐒 𝐀𝐍𝐃 𝐑𝐄𝐂𝐎𝐑𝐃 𝐖𝐎𝐑𝐋𝐃 𝐂𝐔𝐏 𝐀𝐒𝐒𝐈𝐒𝐓𝐒: 𝐈𝐓’𝐒 𝐋𝐈𝐎𝐍𝐄𝐋 𝐌𝐄𝐒𝐒𝐈! 👑 9️⃣ World Cup assists. 2️⃣1️⃣ World Cup goals. Under pressure? 𝐍𝐎 𝐏𝐑𝐎𝐁𝐋𝐄𝐌. 👽

CRISTIANO RONALDO. FOREVER. 🇵🇹✨ Cristiano Ronaldo has played his final World Cup match. 💔🏆 Thank you for the endless memo
CRISTIANO RONALDO. FOREVER. 🇵🇹✨ Cristiano Ronaldo has played his final World Cup match. 💔🏆 Thank you for the endless memories, CR7. Your legacy and your 5 Ballons d’Or are eternal. 🌕

photo content