fa
Feedback
Gugee

Gugee

رفتن به کانال در Telegram
623
مشترکین
اطلاعاتی وجود ندارد24 ساعت
-17 روز
اطلاعاتی وجود ندارد30 روز
آرشیو پست ها
Onnee wal bira jirtu Fageessuuf walirraa Badii walii lakkoofnee Muka sagal murra! Onnee wal dharra'ee Fagoo wal araadu Walitti rarra'e Argaaf wal barbaadu Akkamitti? akkamiin? Addaan baasuu yaadu

Kaleessa koo keessa jirta Har'as narraa adda hin baane Jira jedheen of jabeessa Jireenyi koos dhugaa hintaane Ammas na duuchuudhaaf yaala Inni agartuu koo waraane Wagga afur guutuuf jirra Erga qaamaan adda baanee Ergasii... Dhugaan dhiigaa ifa hinbaane Haqni maqee nu miliqe Akkan jedhe naaf hintaane Hin qoorsine dhiigaan dhiqee! Yaadannoo keetan lakkaa'a Imimmaanif dhiiga cophsaa Guyyaan lixee naaf bari'a Abdiis dhabeen, dhabe obsa!

Si yaadun koo kaleessaa Erga kan koo si hin goone Si yaadachuu har’aa keessaa Jaalalli erga hin moonee Maal gochuuf wal takaalla Funyoo jibbaa foonee? Yaada koof yaadannoo koo Isa abdiin keessa hinjirre Dubbii koof mudannoo koo Isa boruukoo hin jijjiirre Maal godhuufan dubbadha? Abjuu koo maafan hima Calliseen of hubadha Of yaadachuuttan cima Maal gochuufan gubadha Jireenyi- oo -akkasumaa! Waan waliin dubbanne Ormi maaf hubataa Waliif dhiisuu dadhabnus Waldhiisuun furmaata!

Jaalala keen butamee Gaarummaa kee abdadhee Eenyummaa keen bitamee Eenyummaa koo dagadhee Jaalalan jibbaa ture Sababa keen jaaladhee...! Jaalalaaf jiraachudhaaf Jaalalaan sitti of kennee Qobaa baaftee na gatte Akkan nama hin abdanne...! Ergasii..... Jireenyayyuu jibbeera Jaalalatti gaddee Siif maraadheen jira Baguma gammadde!

Sitti himus yeroo hunda Akkan si jaaladhu Natti uumtee madaa Akkan kulkulfadhu Akkan si jaaladhu yaadaa Akkan si'iin baadhu Yoo hawwite ta'e Abdii kee muradhu! Anii... Kan akka garaa kootii Barbaaduf gaara hin bahu Si muudee akka mootii Si'iinis garaa hin gahuu! Lafa ati hinjirre Si barbaadaa hin jiraadhu Kan garaa kootii dhabeef Gaararraa faana hin kaadhu! Arrabni kee lallabeef Oduu keef gurra hin laadhu 👇👇👇 https://t.me/kedi338

photo content

Erga dhuftee deemtee, carraan mana si fidee Ati baatee galtee, waatu ba'uu dide. Mana keetti galte - fooniin Mana kootti hafte - fooliin! Foolichi, Ijaan hin argamu Harkaan hin qabamu Haqa dharra'amu! Gati-jabeettiikoo, caaltuu warqeef meetii Manakoo ka dhiphise, urgaa foolii keeti! * * Kanaa'ol Badhaadhaa

Yaadannoo abdii kaleessaa Qabeenya koo godhadhee Bakka na dhiiftee deemte Har’a qobaa dhaabadhee Fira hundumaa jibbeen Dukkana firoomfadhe! Addeessa fagoo jiru Ilaalee fugug gama Ifa urjootaa keessaan Fuulli kee natt argama Qilleensi natti huursu Jaalala kee natti hima Har'as fagoo otoo jirtuun Jaalala kee dhandhama!

Ani.... Akkati na jaalattu Utuun sirriitti beekuu Akkati na laalattuuf Sitti bubbutee ceekuu, Akkati na jibbitee Garaa narraa murattuu Badii baayyeen dalage Ija kan kee durattuu. Ati garuu... Onneekee qulqulluu Erga naaf kudhaamtee Akkuma waan duuddee Agartuun kees jaamtee, Dabakoo ni beekta Ijaan ni agarta, Dhiibdee dhidhiibbattee Na bira dabarta, Jaalala naaf qabduuf Hundumaa sabarta. Isan sitti dabu Jedhee “yoos na dhiiftii” Kan kee onneen diddee Jaalaluma biiftii.. Miidhaan sitti ooleef Deebiin kee jaalalaa, Dhugaan na jaallatta Miirrikees naa-galaa... Garuu..... Miidhama kee aartee Maaf booree'n baafanne, Waanan sin simanneef Maaliif nan gaafannee? Madaa garaa keetii Afaanii baafattee, Sababan si dheessuuf Osoo na gaafattee...? Waan akkana sirraa Garaakoo na mure Iccitii duubasaa Sittan himan ture. Sittan hima ture... Addunyaa jaalalaa Kanaan dura lixee Humnaafi yerookoo Keessatti akkan fixe, Dhugaadhaan jaaladhee Amanee ganamee Hangam akka ceephoon Mataan na baname, Keessatti caccabee Mataa hanga miilaa Addunyaa kanarraa Akkan qabu jiila... Xiyyisaa woraanee Onneekoo na huree Madaa akkan qabu Sittan himan ture. Egaa..... Of-miidhuuf, wal miidhuuf Maaliif bututama Maafan gufuu tokkoon Lama rukutamaa? Kanaaf..... Si gowwoomsuun fedhu Siif rukutee dibbee, An si jibbees miti Jaalaluman jibbee, Murtiin kun si miitus Borimmoo si kiiftii Anis sin hubadhaa Naaf hubadhu giiftii... Jaalala hin qabne Madaa, gaabbiif aarii Naaf ta’ii jiraadhu Obboleettii gaarii! ©️ Riyaad Raayyaa

Deemeen ture, faana kee biraa yaada kee jalaa Si dagachuuf, si baqachuuf Gola sagaleen kee ana hin jeeqneetti Iddoo afuurri kee ana hin geenyetti Galma ayyaanni kee ana hin beeknetti Eyyeen deemeera, miira kees beekeera An dhiyaadhu, fagaachuu kee Jaalala koo, baqachuu kee Si dagadhee of yaadachuuf Si baqadhee, of argachuuf Dhuguma deemeera, deemuu koottis milkaa'eera            Garuu,...... Si dagadhee, of yaadannaan Si baqadhee, of argannaa Argannookoo yoon qoradhu, waa'ee keeti kan mul'atu Yaadannoo koo yoon qo'adhu, maqaa keeti kan dubbatu          Edaa,..... Anummaa koo situ caale Eenyummaa koos, situ dhaale! ✍️Milkii Magarsaatin!

Waliin guddaa yaadnee Dadhabnus milkeessuu Waliin xiqqoo deemnee Yaadnis wal faallessu.... Jabina kee himtee Ibsuuf laafina koo Arrabatti cimtee Laaqaa hin oolin bukoo! Waliin ta'uu baannus Walirraa fagaanna Waliin jiraachuun hafus Wal malee jiraannaa! Yakka koo lakkaa'uuf Ofirra ilaaluu dhiiftee Karaa kee akkan tolchuuf Ofiif na yaadaa turtee Karaa keerra deemuuf Erga garaa murtee...! Hanqinaaf cimina koo Hundumaa naaf dhiisi Arraba kee takaalii Yoo feete barrisi! Isa na barsiisuu yaadde Ofii kee barsiisi! 👇👇👇👇👇 https://t.me/kedi338

Yeedaloo jaalala keen Walaloo bareeffadhee Ritimii onnee dhugaan Jireenya haareffadhee Maaddii jaalalaarra Abdii jiruu sooradhee Mucuca baraa keessa Siinan ka'ee dhaabadhe! 👇👇👇 https://t.me/kedi338

(?!) Kan kee kun silaa farga! Mukukkulaan Qaalluu dhaqu Waan boba'u silaa dhaamsuuf Bishaan yaa'u itti naqu Erga kan boba'u..... isa yaa'uun humna dhabee, akka hin kaanetti harka laatee, of dadhabe Kan kee aariin hin boba'a Koo callisuun qabbana’a Kan kee maaf hin dhaamu; maaf hin caamu Maaf baay'atee, qaanqeen isaa faffaca’a?

ANA:-👇 "Kan dhabasheen wawwaattuufi, eenyu abbaashee waan caaltuufi? Baastee gatuun bar laayyoodha, kan si gante way aayyoodhaa?' ANUMTIMMOO:-👇 "Abdiin kankoo akka guutu, aantii aayyoo bakka buutu, Taasifachuuf, utuu lubbuun, na eeggatuu, gar-jabeenya, eessaa fidee, haree gatu?" ANA:-👇 "Tokko deemnaan, tokkot dhufa, siin maaf yaadni qoonqoo cufaa? Uumamuushee sammuu dagii, sooma dhiisii, nyaadhuu, dhugi!" ANUMTIMMOO:-👇 "Dur nyaatnikoo hidhiisheeti, dhugaatiinkoo nadhiisheeti! San yaaduutu, maddii qorqee, foon na fixa, dhangaa kamtu, hulaa kokkee, gad na lixa?" Jedheen, yaadaan, ofee faana, gargar cita! Beeki kana...!👇 'Badi!' jechuun, hin yaadamu, eessaa badda? si dagachuun, si yaadachuu, keessaa madda! Yaadumakeef, yoon saaqqadhu, karra manaa, si yaadachuun, of dagachuuf, carraa bana! Gaaf akkanaan, anaaf ani, wayyaa gannu, gaafa Sana, siyyuu, dhiisii, na'n yaadannu! 🚶🚶🚶 Aga Guda

Galata waakkattee Jiraattus gungumaa Ittoo mi'eessudhaaf Jijjiirtus sunsuma... Situ bocatee malee Kallattii kee hundumaa Anaaf homaayyuu miti Jireenyi kee keetuma Tulluun ati yaadan diigdu Galmi ati itti fiigdu Egereen ati raagdu Yaadni ati munaagdu Abdiin ati eegdu Waanti ati wareegdu Gatii feete baaftee Abjuun hirriiba si dhorkee Akka tisiisaa huursitee Xiixxus akka booke Anaan nan laallatu Kaayyoofi galmi kee Ana dhiisii of ilaali Hanqina kee guutuf yaali Jireenyi kee anaaf maali?

Nagaa kiyya fuutee Na gattee erga deemtee Abdiin koo erga duutee Agartuun siin jaamtee Abdiidha naaf laate Jibbi ati naaf dhaamte! Bakkan abdadhe gahee Dhabus abdii koo hundumaa Tulluu qaxxaamuree Seenus boolla hamaa Har’as Tulluun milkii Fagoo natti argama!

Miidhagakee waaqni dibe, ibsuuf weedduun akka dhibe, Bareedina "Ni bareeddii"n hin ibsine, kan dukkanni, walakeessi, hin dhidhimsine, akka baattu, waa malee siin, sin dhoksine! Tarii... "Hawwatamuun hawwatinnaa? gaabbiin taa'uu, dhowwatinnaa? Bor tuffiikoon of dabaaltii? sababiikoon orma laaltii...?" Yaada jettu, yaaddoo jabduu, kiyya garaan, mo'achuudhaaf, aangoo'n qabdu! Dhugumattuu... Miidhagakeen hunda waamtee, miirotakoof dugda laattee, na baqannaan akka golfaa, at kan ormaa, an kan kolfaa, taana taanaan ofan balfa! Gaafa Sana... Waaqakee yaadee si uume, moo... anaakee saadee si shuume, moo... faanakee boonee si deeme... Eenyuunan komadha ciisee?🤷 kanuma sodaadheen dhiise!🙅 Hurrii yaaddoo, boojjitoodhaan, Maa'n bukeessa? "Fokkiftuukoo" yoon siin jedhe, si mukeessaa? 🤷🙄 Aga Guda

Dhimma keef dhimmamnaan Dhimma hinqabu seetee Riqicha siif taanaan Narraan natti ceetee Akka fedhii keetti Na ajajuu feetee...?😂 Ba'aa si gargaarus Bu'aa kee siif dhiisee Madaa koo horfitus Isan si garsiisee Si gubuuf hin dhufu Ibidda qabsiisee! Miiltoo si godhadhee Si waliin deemus daandii Miila koo si se'ee Sirraa hin keenye abdii Garaa bal'adhullee Garaan koos booree qabdi Karaa keerra deemi! Galma keetti arreedi 👇👇👇😭😭 https://t.me/kedi338

Qilleensaan raafamee Haalallee hin abdanne Bakkan kufee ka'uuf Homocha hin qabanne Mudoo koo hubachuuf Madaa koo qadaadee Ka'uumsa dhibee koo Sababasaa yaadee Bakka kaleessarra Fira koo barbaadee... Gaafan fira dhabee Qobummaa filadhu Gaafan karaa namaa Guutummaa lagadhu Abdiin koo maseenee Jiruu yoo na dhoowwu Jiraachuuf humna dhabee Du'a gaafan hawwu Gaafa firri hundi Na dheensee fagaate Haamilee natti hortee Fira dhugaa taate Jaalala sharaftee Na hin gaafanne gatii Badii koo lakkooftee Hin fagaanne ati Anuu of baqadhee Lafan of jibbetti Jaalalaan na kaafte Iddoon kufee ati! Namni narraa gorraan Ati natti gortee Gaafan qalbii cabu Haamilee natt hortee Oolmaa jaalala kee Gatii ati baafte Bakkan kufee jiruu Isa ati na kaafte Waan ati naaf taate Kamirraa jalqabu? Dubbadhee fixuufuu Jechi humna hinqabu! Kaleessa dagadhee Si qabaafan kolfaa Bagan si qabaadhe Naaf jiraadhu qofa!

Rooba yandoo yaadaa Dheensuuf haala hamaa Qobaa koo jiraadhee Baqa waca namaa Dibaabee qobummaa jalattin Qobaa hiraarfama! Garuumee..... Haalli har'aa darbee Akka jijjiiramu Waanti har’a hinjirre Akka bor argamu... Otuman abdadhuu Obsee osoon jooruu Waantin an dabarse Gaafa gaabbii horu Waan hin ifnen se'a Aduun guyyaa boruu!