cookie

ما از کوکی‌ها برای بهبود تجربه مرور شما استفاده می‌کنیم. با کلیک کردن بر روی «پذیرش همه»، شما با استفاده از کوکی‌ها موافقت می‌کنید.

avatar

Daandii Milkii(Jennataa)

Chaanaaliin kun kan barsiisu Amantii Islaamaa fi Kiristaanaa wal-bira qabuun madaaluudha (Comparative religions). Dubbisi, xiinxali, gulaali, madaali, filadhu, hordofi, nama itti affeeri. Yaadaaf @Saahibu28

نمایش بیشتر
فنلندة867زبان مشخص نشده استدین و مذهبی12 861
پست‌های تبلیغاتی
7 231
مشترکین
+524 ساعت
+3197 روز
+1 20930 روز

در حال بارگیری داده...

معدل نمو المشتركين

در حال بارگیری داده...

Kabaji Ayyaana Iid al-Adhaa sirna Hajjii wajjin walhidhata. Kanaaf guyyoonni kurnan dhumaa ji’a Zul-hijjaa (Arafaa) murteessaadha. via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/v6dYxUS
نمایش همه...
Waa'ee Arafaa wantoota beekuu qabdan shan

Kabaji Ayyaana Iid al-Adhaa sirna Hajjii wajjin walhidhata. Kanaaf guyyoonni kurnan dhumaa ji’a Zul-hijjaa (Arafaa) murteessaadha.

🔥 1
10:50
Video unavailableShow in Telegram
Waa'een Nabi Muhammadii fi Maqaan isaanii Macaafa qulqulluu Kiristaanotaa keessatti dubbatamee akka jiru qabu qabduu? Yoo quba hin qabne Kottaa baraa isiniin jedha Dr. Zakir naik. Ammas" Yesuus maaliif nama fayyisuu dadhabe "? Gaaffii jedhuuf deebiin kennamee jira. Barnoota amantii Islaamaa fi Kiristaanaa walbira qabdanii barachuu yoo barbaaddan Chaanaalii keenya armaan gadii join godha! 👇👇👇👇 @Saahibuddiin28
نمایش همه...
20.40 MB
👍 5
Islaamummaan Amantii haaraa fi kan ergaa bu’uuraa ergamtoota(Raajota)  duraanii balleessuuf dhufe miti. Qabxiin kun Muslimootaa fi Kiristaanota hedduu fayyada jedheen abdadha. Obsaan dubbisa. Islaamummaan qabiyyee bu’uuraa amantiiwwan ergamtoota duraa jabeessuu fi kitaabban ergamoota duraanii dhugoomsuutti ajajuudhaa fi to'achuudhaan dhufe.(Qur’aana 2:84).   Garuu haala ummata boodaa kanaan wal-madaalu, Akkaataa jireenyaa fi amantaa keessatti isa sirrii fi yeroo kanaa wajjin deemu  Rabbiin waan beekuuf wantoota tokko tokko kan inni Islaamummaa keessatti haaromse/fooyyesse ni jira. Kun immoo amantii duraa keessas ni jira. Fakkeenyaaf Nabi Iisaan (a.s ) erga ulafaataa tokko tokko kan kitaaba Nabi Muussaa (Kakuu Moofaa) keessatti ture fooyyessanii turan. Haaromsi kun immo qabiyyee fi ergaa bu’uuraa hin jijjiiru. Muslimoonni hunduu ergamtoota Rabbii hunda kan akka Nuuh, Ibraahiim, Ishaaq, Yaaquub, Muusaa, Iisaa, Muhammad fi kanniin biroo (s.a) warra Rabbiin erge hundatti ni amanu. Isaan keessaa digdamii shan (25) Qur’aana keessatti maqaan jaraa dubbataman, warri biraa kan maqaan jaraahin dubbatamne akka jiran Rabbiin dubbatee jira. Isaan hunduu Islaamummaadhaan ergaman. Islaamummaan yeroo Nabi Nuuh (as) Nuuhiin hordofuudhaan ta’a, yeroo Nabi Ibraahiim (saw) Ibraahimiin hordofuudhaani, yeroo Muusaa (as) Muusaa hordofuudhaani, yeroo Nabi Iisaa /Yesuus (as) Yesuus hordofuudhaani…, yeroo Nabi Muhammad (saw) ergaman irraa hanga addunyaan dhumtutti Nabi Muhammad (saw) hordofuudhaani. Kunis waan isaan ergamaa Rabbii kan xumuraa  ta’aniif. Warri osoo nabi Iisaan (saw) hin ergamin Nabi Muusaa (saw) hordofaa turan yeroo nabi Iisaan dhufanu yoo isaanittis amanan ergamtoota lammanuuttuu amanan jedhamu. Duraanis Islaamummaa irra turani erga Nabi Iisaan (as) ergamanii boodas Muslima jedhamu.  Yoo yeroo Nabi Iisaan ergaman ergaa isaani didan diddoota (finciltoota, Kaafiroota)jedhamu. Akkasumas warri duraan ergamoota duraanitti amananii yeroo nabi Muhammad ergamanis isaanittis amananii isaan hordofan Muslimoota jedhamu. Worri didani ergamaa isaanii duraa qofatti amanan immoo diddootata jedhamu. Fakkeenya kanaa kan ta'u Kiristaanotaa keessaa dameen Yesuus ergamaadha jedhanii amananii fi Yahuudota warri nabi Muusaan ergamaa ta'uutti  amananiidha. Namni ergaamaa duraaniitti amanee hordofaa turee erga Nabi Muhammad ergamanii isaanittis amane Rabbiin biratti galata dachaa argata jechuudhaan nabi Muhammad(saw) gammachiisanii jiru. Islaamummaa kan nabi Muhammad ittiin ergaman kan duraaniis of keessatti qabatee bifa irra guutu, fooyya'aa ta'een dhufe. Kunis ergaa dhumaa fi addunyaawaa(Idila addunyaa) waan ta'eefi.... Itti fufa.. Barnoota amantii Islaamaa fi Kiristaanaa walbira qabdanii barachuu yoo barbaaddan Chaanaalii keenya armaan gadii join godha! 👇👇👇👇 @Saahibuddiin28
نمایش همه...
👍 4
Rabbiif Salaatuu Iyyasuus kiristoos Macaafa qulqulluu keessatti
Yesuus Gabricha Rabbii ta'uunsaa ifaan ifatti macaafa kessatti dubbatameera. Yesuus halkanii fi guyyaa keessattis kadhannaa gooftaa isaatiin akka dhaabbachaa ture macaafni ni dubbata. Haa ta’u malee, hubannoon kiristaanota hedduu faallaa kanaati.  Inni ergamaa Rabbii tokkichaati. Mee waa'ee kanaa ilaalchisee Macaafni Qulqulluun maal akka dubbate haa ilaallu. Garuu keewwattoota macaafa qulqulluutti ni amanu taanaan na mormuu fi Arrabsus hin qaban. Gaafa Dubbii arrabaa eegalan, ana odoo hin taane kitaaba arrabsutti akka jiran haa beekan... "Yeroo sanatti Yesus gara gaaraatti ol ba'ee, achitti halkan guutuu Waaqayyoon kadhachaa bule."(Luqaas 6: 12) "Tuuta sana erga gad-dhiisee booddees, kophaa isaatti kadhachuudhaaf gara gaaraatti ol ba'e; yommuu galgalaa'es kophaa isaa achi ture."(Maatiwoos 14: 23) "Yesus yommus bartoota isaa wajjin gara iddoo dhaabaa Getesemaanee jedhamu tokkoo dhaqe; bartoota isaatiin immoo, "Hamma ani achi dhaqee kadhadhutti as taa'aa!" jedhe.Xinnoos irraa hiiqee adda isaatiin gombifamee, 'Yaa abbaa, ko! In danda'ama yoo ta'e xoofoon dhiphinaa kun ana irra haa darbu, garuu akka jaalala koo miti, akka jaalala kee haa ta'u malee" jedhee kadhate. Si'a lammaffaas achi hiiqee kadhatee, "Yaa abbaa koo! Xoofoon dhiphinaa kun utuun hin dhugin ana irra darbuun hin danda'amu yoo ta'e, jaalalli kee haa raawwatamu" jedhe.Ammas isaan dhiisee achi hiiqee si'a sadaffaa kadhatuma isaa duraa kadhate. (Maatiwoos 26:36-44) "Ganama barii amma illee utuu hin ifin ka'ee, gad ba'ee gara iddoo namni hin jirree dhaqee, achitti Waaqayyoon in kadhate." (Maarqoos 1: 35) "Xinnoos irraa hiiqee adda isaatiin gombifamee, yoo danda'ame yerottiin kun akka isa bira darbituuf kadhatee, "(Maarqoos 14: 35) "Tuuta sanatti erga nagaa dhaamee immoo kadhachuudhaaf gara gaaraatti ol ba'e." (Maarqoos 6: 46) "Inni garuu kadhachuuf gara lafa namni hin jirreetti jalaa sokke." (Luqaas 5: 16) "Yeroo sanatti Yesus gara gaaraatti ol ba'ee, achitti halkan guutuu Waaqayyoon kadhachaa bule." (Luqaas 6: 12) "Gaaf tokko Yesus kophaa isaa utuu kadhatuu, bartoonni isaa isatti dhi'oo turan; inni immoo, "Namoonni kun eenyu anaan jedhu?" jedhee bartoota isaa gaafate." (Luqaas 9: 18) "Yesus iddoo tokkotti in kadhata ture; kadhannaa isaa erga dhaabee booddee, bartoota isaa keessaa tokko, "Yaa gooftaa, Yohannis bartoota isaa akkuma barsiise kadhachuu nu barsiisi!" jedheen." (Luqaaas 11:1) "Yeroo hundumaa kadhachuun akka isaaniif ta'u, kadhachuus akka hin dadhabne isaan barsiisuudhaaf, Yesus fakkeenya tokko isaanitti hime."(Luqaas 18: 1) "Inni hamma darbannaa dhagaa tokkoo isaanittii fagaatee, jilbeenfatees kadhachaa ture;" (Luqaas 22: 41) Gaaffiin qaba...Iyyasuus kiristoos erga Waaqayyoon ta'e, Waaqayyoon inni kadhate sun hoo eenyu?? Ragaaleen armaan olii hundi yesuus ergamaa Rabbii akka ta'ee fi Gabricha isaa akka ta'e nama hubachiisa. Gooftaan homa tokkoofuu hin salaatu, homa tokkos hin kadhatu, Waaqayyoon gaafa kadhateera, salaateera, soomeera gaafa jenne, qaamni sin Rabbiin ta'uu hin danda'u.  Inumaayyuu yesuus Rabbii tokko qofa faarsaa tureera malee, Rabbummaa mataa isaa dubbachaa akka  hin turre ifa galaadha. Qopheessaan: Xaahir Galatoo https://t.me/Rafiiqul_Islaam/440 https://t.me/Rafiiqul_Islaam/440
نمایش همه...
Yesuus Waaqayyoo qaba Akka Macaafni Kiristaanotaa barsiisutti " Yesuus gaafa Yihuudotaan ajjeefamuuf jedhu sagalee guddaadhaan, "Waaqayyo ko, Waaqayyo ko maaliif na dhiifte?" Jechuun akka Rabbiin ajjeechaa irraa isa oolchuuf Waaqyyoo isaa kadhate. ⎣Mat. 27:46⎦. Yesuus yoo ofii isaaf waaqa ta'e waaqa kamiin kadhate ? Yesuusiin dhiiftanii Isa Yesuus kadhate maaliif hin kadhanne ? Dabalataan Yesuus cubbuu ilma namaa baachuuf eega dhufee maaliif du'a jalaa akka ooluuf waaqa isaa kadhate ? Mee Walumaagalatti Gaaffii armaan gadii filachuun deebisa. A. Yesuus osoo Waaqa hin qabaatin sobaan waan hin jirre fakkeessee kadhate. B. Nuti Kiristaanonni Waaqa tokko osoo hin taane Waaqa sadiitti amanna. Waaqni keenya sadan kun immoo Wal-kadhatu. Yesuusis kanaaf kadhate. C. Macaafa Qulqulluutu bakka kanatti dogongore malee Yesuus bifa kanaan Waaqa hin kadhatu. D.Yesuus Waaqa osoo hin taane, egamaa Waaqaati kanaaf Waaqa kadhate. Yoo deebiin keessan " D" ta'e immoo gara amantaa Islaamaa kottaa. Waliin Rabbii dhugaa, Kan Yesuus kadhataa ture, kan hin duune, hin tumamne, hin boonye, hin nyaanne, hin dhugne, hin rafne, hin wollaalle, kan waan hunda danda'u, kan hin dhalanne gabbarra. Barnoota amantii Islaamaa fi Kiristaanaa walbira qabdanii barachuu yoo barbaaddan Chaanaalii keenya armaan gadii join godha! 👇👇👇👇 @Saahibuddiin28
نمایش همه...
👍 2🔥 1
en_Concept_of_God_in_Major_Religions.pdf2.21 KB
👍 9🔥 1
#Islaamummaan #loogii hin qabu Islaamummaan nabiyyootaa fi ergamoota Rabbiin erge hunda ergamummaa isaanii amanuutti ajaja. Jarri kun Muusaa, Iisaa/Yesuus fi worroota dura isaani hunda of keessatti hammata.  Ergamaan Rabbii Muhammad  immoo akka isaan ergamaa xumuraa kan cuunfaa ergaa anbiyootaa duraaniitiin  ergamanii fi kan addunyaa guutuu ta’an barsiisa. Ergamtoota garii dhugoomsanii garii sobsiisuu irraa ni dhowwa. Akka Islaamaatti ergamoota Rabbi keessaa tokko diduun (ergamummaa isaa mormuun) akka waan hunda diduutti ilaalama. Osoo ergamaa kan gara isaatti ergametti amaneellee. Fkn namni Muslimaa tokko Nabi Muhammaditti amanee yoo Nabi Iisaa/Yesuus ykn Nabi Muusaa ergamaa Rabbii ta’uu morme akka waan Nabiyyii Muhammadis dabalatee hunduma mormeetti ilaalama. Namni Kiristaanaa tokko yoo Iyyasuusitti amanee Muusaa yookiin Muhammadiin morme Iyyasuusiinis dabalatee hunduma akka mormetti ilaalama. Ergamtoota jidduutti loogii gochuu irraa dhowwa. Kunis hundi jaraatuu ergamtoota Rabbii, kan kaayyoo tokkoon ergaman waan ta’aniifi. Kaayyoon sunis Rabbiin tokkicha gabbaruu fi ummata gara sanatti waamuudha. Kana ilaalchisee Rabbiin Qur’aana keessatti akkana jedhe: “Ummanni Luux ergamtoota sobsiiste” [Qur’an 26:161]. Ummanni kun kan jarri sobsiisanii fi jalaa didan ergamaa jaraa kan jaraaf ergame qofa ture, garuu ergamaa tokko sobsiisuun akka ergamtoota isa duraa fi kan boodaas sobsiisanii waan ta’eef Rabbiin ergamoota (hunda) sobsiisan jedhe. Barnoota amantii Islaamaa fi Kiristaanaa walbira qabdanii barachuu yoo barbaaddan Chaanaalii keenya armaan gadii join godha! 👇👇👇👇 @Saahibuddiin28
نمایش همه...
🙏 5
#Yesuus #Muslimoota ni #jaallata Garuu Kiristaanota ni #Jibba Yeroo Kiristaanonni "Yesuus si Jaallata " isiniin jedhan, eeyyeen dhugaadha na jaallata. Garuu Isin Kiristaanota  ni  jibba jedhaani. Yoo jarri ragaa isin gaafatan keeyyata  Wangeela Maatewos 7:21-23 irratti  argamu itti  agarsiisaa.  Achirratti akka ibsametti namoonni guyyaa dhumaatti Yesuusitti dhufanii akkas jedhu: " Yaa gooftaa nuyi maqaa keetiin raajii dubbanneerra, maqaa keetiin hafuurota hamoota baafneerra, hojii aangoos maqaa keetiin baay'ee hojjenneerra mitii"? Maatewos 7:21. Yesuus immoo yeroo sana  akkana jechuun deebisaaf: " 'Matumaa ani isin hin beeku, isin yaa warra hamaa hojjettanii, ija koo duraa badaa!'  Mat. 7:23. Akkuma  keeyyata kana irraa hubatamu Maqaa Yesuusiin raajii hojjanna jechuun hamaa hojjachuudha. Cubbuu Yesuus jibbu hojjachuu jechuudha. Yeroo ammaa falfala fayyadamuun  kan hamaa kana hojjataa jiru Muslima osoo hin taane Pheenxeedha. Kan Yesuusiin gooftaa jedhus Kiristaanota.  Kanaaf akkaataa Ragaa Macaafa qulqulluu irra jiruutiin  Yesuus Pheenxee fi Kiristaanota hin jaallatu. Kana jechuun jecha biraan Muslimoota wantoota kana hin raawwanne immoo ni jaallata jechuudha. Hubachiisa cimaa! Kiristaanonni Eega keeyyata armaan olii ilaalanii kun  " Namoota  afaan qofaan(Duwwaadhaan❌) itti amanee garaan itti amanuu dide ibsaa jira yoo isiniin jedhan,  Macaafa Qulqulluu afaan Oromoo dhiisaati Macaafa afaan biraan jiru fayyadama. Sababni isaa jechi duwwaadhaan/qofaan jedhu kun kan afaan Oromoo  qofa keessatti argama. Eega kana gootanii Yesuus  nama gooftaa isaan jedhu, Kan maqaa isaatiin raaji hojjanna jedhan akka hin jaalannee fi Guyyaa dhumaatti akka isaan hin beekne  ni hubatu. Obboleewwan Kiristaanaa gara Islaamummaa yoo dhuftan Yesuusiin ni argattu. Yeroo sana inni  isin  jaallata. Raajonni hundi isin jaallatu.  Jennata argatu. Gilee ibiddaa irraa bilisa baatu. Yoo diddeenakkuma Yesuus isiniin jedhe faallaa kanaatu isin mudata. Abbaan koo, Armeen koo, obbolaan koo, firri koo Kiristaataanaa akkamittan isaan dhiisa jechuun yeroo keessan hin gubina. Addunyaa yeroo gabaabduu irra jiraatanuuf jettanii jireenya bara baraa(jennata) hin dhabina. Kun dhaabsa obbolummaa fi namummaati. Dhugaa jiru himuun dirqama kiyya. Fudhachuu fi dhiisuun mirga keeti. Garuu guyyaa dhumaa sana akkan dhugaa kana  sitti himee jiru hin mormin! Barnoota amantii Islaamaa fi Kiristaanaa walbira qabdanii barachuu yoo barbaaddan Chaanaalii keenya armaan gadii join godha! 👇👇👇👇 @Saahibuddiin28
نمایش همه...
2👍 1🏆 1
Photo unavailableShow in Telegram