cookie

ما از کوکی‌ها برای بهبود تجربه مرور شما استفاده می‌کنیم. با کلیک کردن بر روی «پذیرش همه»، شما با استفاده از کوکی‌ها موافقت می‌کنید.

avatar

BBC Afaan Oromoo Official

Oduu - BBC News Afaan Oromoo BBC Afaan Oromoo irratti oduu, odeessaa fi taateewwan haaraa Itoophiyaa, Afriikaa fi guutuu addunyaa irratti ta’an argattu. Yeroo mara waan haaraa jiru baruuf gara keenya koo

نمایش بیشتر
پست‌های تبلیغاتی
94 379
مشترکین
+9924 ساعت
+8877 روز
+4 30330 روز

در حال بارگیری داده...

معدل نمو المشتركين

در حال بارگیری داده...

Sanada sobaatiin akkaawontii Baankii Daldala Itoophiyaa Gamtaa Afrikaatii maallaqa baasuuf yaaluu isaaniitiin kan shakkaman Luba Balaay Mokonnoniifi shakkamtoota biroo lama irratti guyyaa himata banuu 15 mana-murtiitiin hayyamamuu abokaatoon isaanii Obbo Tuulii Baayisaa BBCtti himaniiru. via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/heFt5P7
نمایش همه...

Bulchiinsa manneen amala sirreessaa federaalaatti kophaa addatti baafamuun hidhamanii kan turan Obbo Taayyee Danda'aa murtii manni murtii dabarse hordofee sirreeffamtoota kaanitti makamuu danda'aniiru. via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/LvgXfat
نمایش همه...

Taphataa Maanchester Yunaayitid itti fayyadamuu hanqatee warra Boruusiyaa Dortimadiif ergisaan dabarsee kenne kun tapha xumura walakkaa Shaampiyoons Liigii Dortimand PSG waliin taphaterratti gahee guddaa taphateera. via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/0L2j7MU
نمایش همه...

Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa lakkoofsa imaltootaa dabalaa jiruufi imala isaa babal'achaa jiruun walqabatee hammi xiyyaaraa qabu hanqachaa dhufuu ibse. via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/A56u2gF
نمایش همه...

Hidhattoonni M23, Baha Dimookiraatik Rippaabilik Koongoo keessaa socho’an, magaala albuuda bilbila omishuuf murteessaa ta’e qabdu to’achuu beeksisan.Magaalli Rubaayaa, kan hidhattoonni to’atan, albuuda addunyaarratti mobaayila omishuuf gargaaru Koltanii jedhamu qabaachun beekamti. via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/2BbpAqk
نمایش همه...

Ijoollummaatti yeroo umrii waggaa sagalii gara biyya Noorweyitti imaluu kan himu dargaggoo Yonaatan, fedhiin seenaa, duudhaa, eenyummaa saba Oromoo baruuf qabu olaanaa akka ture hima. via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/Pxamdq8
نمایش همه...

Yunivarsiitiiwwan baayyeen yeroo eebbaaf qophaa'a jiran kanatti, barattoota dunkaana yunivarsitiiwwan keessa buufachuun mormiitti jiraniin muddamaa jiru. via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/cqX2hAN
نمایش همه...

Namni siyaasaa moora qabsoo ABO keessatti ejjennoo hin raafamne, yaadaan falmuutti ija hin laafnefi ''qaroo dhaloota haaraa dhaabichaati'' jedhamu, Obbo Battee Urgeessaa, halkan Ebla 10, 2024tti bari'u magaalaa Maqii keessatti ajjeefamee argame. Ofii Obbo Batteen eenyu? via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/EoXyzkh
نمایش همه...

Ziyaad Mohaammad ogeessa fayyaa beeyladaati. Godina Hararge Bahaa Aanaa Guraawwaatti keessumaa wal’aansa baqaqsanii yaaluu horii hammana hin baratamne jedhuun beekkamtii horataa jira. via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/SJE8jhm
نمایش همه...

Yunivarsiitiiwwan US bebbeekamoo keessatti mormii waraana Gaazaa keessa jiru ilaalchisuun gaggeeffamu hordofee jumlaan nama hidhuun raawwatamaa jira. via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/hKdVFyf
نمایش همه...