Oromia Environmental Protection Authority
رفتن به کانال در Telegram
3 069
مشترکین
-224 ساعت
-67 روز
-1730 روز
آرشیو پست ها
+2
Ogeessonni Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Oromiyaatti Giddu-galli Laboraatoorii Eegumsa Naannoo, Magaalaafi Godina Sh/Bahaa Caamsaa 14 hanga 18/2018tiitti Magaalaa Adaamaatti mata dure "ISO14001:2015" jedhurratti leenjii fudhachaa turan milkiin xumuraniiru.
Leenjitoonni hunduu waan irratti leenji'aa turan kanarratti qormaata gahumsa fudhachuun hundi isaanii milkaa'anii waraqaa ragaa argatanii jiru.
Caamsaa 18/2018
Adaamaa
+8
Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Oromiyaatti Giddu-galli Laboraatoorii Eegumsa Naannoo dhimmoota "ISO 14001:2015 Environmental Management System" irratti ogeessota Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Magaalaa Shaggar, Kutaalee Magaalaa Shaggar keessaa K/M/Malkaa Noonnoo, Buraayyuu, Sabbataa, Galaan Guddaa, Galaan, L/Xaafoofi Furii; akkasumas, Magaalaa Bishooftuu, Hoolotaa, Moojoo, Adaamaa, Godina Shawa Bahaafi Ogeessota Damee Eegumsa Naannoo sadarkaa Naannootti argamaniif leenjii dandeettii raawwachiisummaa isaanii cimsu danda'urratti guyyaa har'aa Magaalaa Adaamaatti kennaa jira.
Leenjiin kunis guyyoottan shaniif walittifufee kan kennamu ta'a.
Caamsaa 14/2018
Adaamaa
Caasaa ATEN Magaalaa Shaggar system ICSMIS irra galee jiru kana ilaaluun akka itti fayyadamtan.
Caasaa ATEN Godinaalee system ICSMIS irra galee jiru kana ilaaluun akka itti fayyadamtan.
Godinaaleefi B/Magaalotaa haaluma xalayaarra isiniif ka'ameen akka hojjiitti hiiktan cimsinee isin beeksifna
+8
Agarsiifni imala waggaa shanii keessatti hojiiwwan gurguddoo raawwatamaan Sekteraaleen Mootummaa Naannoo Oromiyaa qindeessummaa Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaatiin mata duree ‘’ Waadaa Gochaan, Filannoo Hanga Filannootti’’ jedhuun guyyoota sadiif Magaalaa Finfinnee Gidu-gala Aadaa Oromoo keessatti agarsiifamaa ture milkiin xumurameera.
Sirna cufiinsa agarsiisa kanarratti Hoogganaa Ittaanaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa Obbo Isheetuu Sirneessaa argamuun agarsiifni kun Mootummaan imaammata, sagantaafi tarsiimoo sirrii qabatee biyya badhaate ijaaruuf qabu ifatti kan mul’ise ta’uu dubbataniiru.
Abbaan Taayitaa Eegumsa Naannoo Oromiyaas hojiiwwan gurguddoo waggoottan shanan kana keessatti raawwachaa ture mootummaafi hawaasaaf karaa ifaafi salphaatti hubatamuu danda’uun bifa suuraafi suur-sagaleetti gargaaramuun agarsiisee jira.
Bitootessa 25/2018
Finfinnee
+6
Abbaan Taayitaa Eegumsa Naannoo Oromiyaa Agarsiisa raawwii hojii imala waggoottan shanan guyyaa kaleessaarraa kaasee qaamolee garaagaraaf agarsiisaa jiruun kan guyyaa lammataas ittifufee daawwachiisaa ooleera.
Bitootessa 24/2018
Finfinnee
+9
Sagantaan Agarsiisa imala jijjiiramaa MNO waggoota shanan darbanii daawwatamaa jira.
======
Agarsiifni raawwii hojii Sekteraalee Mootummaa Naannoo Oromiyaa waggoota shanan darbanii qindeessummaa Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaatiin dhihaate bakka Ittigaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa obbo Kaffaloo Tafarraa dabalatee hooggantoonni Ol'aanoo Federaalaa, Naannoofi hojjettoota sektarootaatiin daawwatamaa jira.
Sagantaa agarsiisaa kanarratti Biirooleen Oromiyaafi dhaabbileen mootummaa milkaa’ina imala waggoota shanan darbanii, waadaa ittiin dhugoomsaa turan kallattii garaagaraatiin agarsiisaaf Magaalaa Finfinnee Gidu-gala Aadaa Oromootti dhiheessaniiru.
Haaluma kanaan, Abbaan Taayitaa Eegumsaa Naannoo Oromiyaas raawwiiwwan hojiilee gurguddoo waggoottan shanan darban kana keessatti raawwachaa ture daawwatootaaf dhiyeessee agarsiiseera.
Tulluu Cuqqaalaa Deebisanii Dandamachiisuu Ilaalchisee Ibsa Miidiyaa FANAf kenname
Gamaaggamni raawwii hojii ji'a ja'aa bara 2018 Piroojektii Lafa Bosonaa Tulluu Cuqqaalaa Deebisanii Dandamachiisuu Godina Sh/Bahaa Aanaa Liiban Cuqqaalaa Magaalaa Adulaalaarratti guyyaa har'aa gaggeegfameeera.
Gamaaggama kanarrattis Ogeessoonni ATEN Oromiyaa, Biiroo Maallaqa Oromiyaa, hooggantootaafi ogeessota Waajjira Qonnaafi Lafaa Godina Sh/Bahaa, Aanaa L/Cuqqaalaafi Gandoota Tulluu Cuqqaalaa faangessan saddeet; akkasumas, bakka bu'oota waldaalee eegumsaafi kunuunsa bosanaa Gandoottan saddeettan kanaa argamaniiru.
Waltajjii gamaaggamaa kanarratti I/A/Bulchaafi I/G Waajjira Qonnaafi Lafaa Aanaa L/Cuqqaalaa Obbo Guddatoo Abbee haasaa baga nagaan dhuftaniifi barbaachisummaasaa erga ibsaniin booda gabaasni raawwii hojii Piroojektichaa ji'a 6 bara kanaa karaa "focul person" sagantichaa Obbo Aabbuu Bajigaa dhiyaateera.
Kanatti aansuunis hojiiwwan gurguddoo Piroojektichaan waggoottan lamaan darban raawwataman karaa B/B Day. Eegumsaafi Manaajimantii Bosonaa Ob Silashii Jabeessaatiin dhiyaateera.
Dhumarrattis gabaasaalee dhiyaatanirratti xiyyeeffachuun mariin bal'aan kan irratti adeemsifamaa oolee yoo ta'u, lafa bosonaa duraan manaca'ee rakkoo jiruufi jireenya hawaasaarra qaqqabaa ture hojiiwwan waggoottan sadan darban kana keessaa hojjetameen yeroo ammaa bosonni manca'e ture akka deebiyee dandamatu taasifamuusaa yaada hirmaattotarraa hubachun danda'ameera. Haa ta'u malee hojiiwwan Gandoota kanneen keessatti raawwatamaa turan waan wal-hinfakkanneef muuxannoon Gandoota Dololloo Jilaafi Addallee Mi'eechaa keessatti hojjetaman fakkeenya taasifachuun tooftaa isaan fayyadaman hordofuun hojjechuu akka qaban I/A/Bul.fi I/G Waajjira Qonnaafi Lafaa Aanaa Liiban Cuqqaalaa ob Guddatoo Abbeefi I/G Waajjira ATEN Godina Sh/Bahaa ob Eeliyaas Qaasim kallattii kennuun waltajjichi milkiin goolabameera.
Bitootessaa 8/2018
Adulaalaa
Godinaaleefi Bulchiinsa Magaalotaa haala unka xalayaan wal-qabsiifnee isiniif ergine kanaan guuttanii akka nuuf deebiftan isin beeksifna
+8
Lafa bosonaafi sirnakkoo Lafa bosonaa manca'e deebisanii dandamachiisurratti Godina Sh/Bahaa Aanaa Liiban Cuqqaalaatti kan argamuun hojiin Lafa bosonaa Tulluu Cuqqaalaat deebisanii dandamachiisurratti waggoottan sadan darban irraa kaasee hojjetamaa turerratti Godina Sh/Lixaa Aanaa Ejersaa Lafootti kan argamuu Sirnakoo Lafa Bosonaa Tulluu Kooraa Deebisanii Dandamachiisuufi jiruufi jireenya hawaasaa fooyyessuu bara 2018 irraa eegalee hojjetamaa jiru akka milkaa'uuf qindeessummaa ATEN Oromiyaatiin hooggantootaafi hojjettoota Waajjira Qonnaafi Lafaa Godina Sh/Lixaafi Aanaa Ejersaa Lafoofi hawaasa naannoo Tulluu Kooraatti argaman waliin muuxannoon wal-jijiirraa taasifameera.
Bitootessaa 7/2018
Adulaalaa
Ergaa Ariifachiisaa Godinaalee 21fi Bulchiinsa Magaalotaa 23n hundaaf. Xiinxala Raawwii hojii kan waggaa jaha (2013-2018) fi Karoora imaala badhaadhinaa bara 2019 - 2023 haala unkaa isini ergineen hanga gafaa bitootessaa 15,2018tti guuttani akka ergitan isin beeksifna.
Ergaa Ariifachiisaa Godinaalee 21fi Bulchiinsa Magaalotaa 23n hundaaf
Gabaasa raawwii hojii kurmaana 3ffaa bara 2018 unka 'des akkam gabaasa kurmaana 3ffaa bara 2018 unkaa "excel"fi "narretive“ isaa waliin hanga Bitootessaa 10/2018tiitti akka nuuf ergitan cimsinee isin beeksifna.
