fa
Feedback

فریب کلاهبرداران را نخورید! تل‌متریو این کانال‌ها را شناسایی و برچسب‌گذاری می‌کند 👉 برای مشاهده برچسب، اشتراک تهیه کنید 👈

Oro Computer

Oro Computer

رفتن به کانال در Telegram

Oro Computer Educational 💻✨ ​Chaanaalii kanaan waa’ee teknoolojii, odeeffannoo bilbilaa, fi barumsa kompiutaraa garaa garaa Afaan Oromootiin argattu, dabalataan beeksisa addaa addaa fayyadamuuf Channel Keenya hordofaa.

نمایش بیشتر
1 148
مشترکین
اطلاعاتی وجود ندارد24 ساعت
+27 روز
+2130 روز
آرشیو پست ها
📲 SEEROTA ITTI FAYYADAMA MIIDIYAA HAWAASAA 📲 — (Oro Computer) | Kutaa 1ffaa — ​Kabajamo! Akka nama ‘Facebook’ haala gaariin fayyadamuu isaaf beekamtii argate tokkootti, seerota armaan gadii tumuu koo yeroon ibsu gammachuu guddaatu natti dhaga’ama! ​1️⃣ Seera 1: Miira kee sakatta'i! 🧘‍♂️ Barreeffamas ta’e suura kamuu maxxansuu dura miira kee sakatta’i. Aartees ta’e baay’ee gammaddee yommuu jirtu miidiyaa kamuu of irraa fageessi. Maxxansuuf yoo jettu gaaffii, “Miirri koo sirriidhaa?” jedhu of gaafadhu. ​2️⃣ Seera 2: Wanti maxxansitu ni fayyadaa? 💡 Miira kee erga sakattaatee booda gaaffii murteessaan of gaafachuu qabdu: “Wanti ani maxxansaa jiru kun ni fayyadaa?” isa jedhudha. Wanti nuti maxxansinu kamuu namoota fayyaduu kan qabu ta’uu qabu. Yoo fayyaduudhaa baate illee nama kamuu miidhuu akka hin qabne mirkaneeffachuu qabna. ​3️⃣ Seera 3: Fedhii (motive) kee hubadhu! 🎯 Waan kamuu maxxansuu kee dura fedhii kee hubadhu. Kaayyoon maxxansa keetii maali? Bu’aan ati maxxansa sana irraa argattu maali? Bakka bareedaatti uffata bareedaadhaan suura kaatee maxxansuun kee namoota isaan kaan hinaafsisuuf yoo ta’e tasuma hin maxxansin! ​4️⃣ Seera 4: Jireenya namootaaf gatii (value) dabali! ✨ Wanti maxxansitu kamuu jireenya namootaaf gatii kan dabalu akka ta’e mirkaneeffadhu. Barreeffamnis ta’e suurri ati maxxansitu kamuu barsiisuuf, onnachiisuuf, miira gaarii namoota keessatti uumuuf ta’uu qabu. Waanuma gatii namootaaf hin daballe hin maxxansin! ​5️⃣ Seera 5: Wanta gad fageenyaan hin beekne hin maxxansin! 📚 Namoonni nuti beekumsaan caallu kan nu hordofan akkuma jiran, namoonni baay’ee nu caalanis akka nu hordofan beekuun gaaruma. Dhimma kamuu hamma ati beektuu ol namni beeku wayii ni jira. Kanaafuu, wanta sirriitti beektuu fi ogummaa kee ta’een ala waanuma sitti fakkaate qabattee miidiyaatti hin ba’iin. ​6️⃣ Seera 6: Wanta si hin ilaallanne kamittuu hin hirmaatin! 🛑 Namoonni baay’een waan dubbataniif qofa hin dubbatiin. Namoota hedduutu yaada kenne jechuun yaadichi dhugaa yookaan sirriidha jechuu miti. Kanaafuu, barreeffama kamuu barreessuus ta’e yaada kamuu namootaaf kennuuf yoo murteessitu yeroo hundumaa gaaffii, “Dhimmi kun na ilaallataa?” jedhu of gaafadhu. ​7️⃣ Seera 7: Dhimma nama dhuunfaa hin kaasin! 👤 “...Sammuu xixiqqoon waa’ee namoota dhuunfaa irratti xiyyeeffata” kan jedhu kitaaba koo Miiltoo irratti barreesseen ture. Gaarummaa isaa dubbachuuf, galateeffachuuf, onnachiisuuf yoo ta’een ala, dhimma nama dhuunfaa kamuu negetiiviin hin kaasin. Hammamuu yoo itti aarte karaa biroo dhimma kee xumuradhu malee, raawwattee nama kamuu as hin fidin! ​8️⃣ Seera 8: Warra si arrabsaniif deebii hin kennin! 🤫 “Saree natti duttu hundumaatti dhagaa hin darbadhu!” kan jedhu jecha Winston Churchill qajeeltoo jireenyaa godhadhu. Namni saree jedhamu jiraachuu baatus, namoonni akka saree nama ciniinuun amala isaanii ta’e garuu inuma jiru. Maal jedhu warri mammaakan? “Gaalli inuma deema; saroonni inuma dutu!” Arrabsoo kamiifuu arrabsoon deebii hin kennin. Nan beeka, ni dhukkuba! Obsitee...ciniinnattee...akka waan hin argiiniitti bira darbuun garuu mo’amuu otuu hin taane, mo’achuudha! Gaafa deebii laatte garuu gita jaraatti gad buutee waliin taphachuun mo’amuu kee argisiisuu keeti. ​9️⃣ Seera 9: Bilchina miiraa (emotional maturity) qabaadhu! 🧠 Miidiyaa hawaasaa fayyadamuun wantota baay’ee barbaachisoo fi murteessoo ta’an keessaa tokko bilchina miiraa qabaachuudha. Namoota akaakuu hedduu waliin dirree tokko irra oolta. Inni tokko si jaallata, inni tokko jaalalas ta’e jibba siif hin qabu, inni tokko ijaan argaa kee jibba, inni tokko guddina kee hawwa, inni tokko sitti hinaafa. Namoonni kun hunduu si wajjin dirree tokko keessaa taphatu. Kanaafuu, yaadota, jajannaa, eebba, arrabsoo, xiqqeessuu, abaarsa...gara keetti darbatamu hundumaa miira bilchaataadhaan simachuu qabda. Warra harka siif rukkutan qofa barbaadda taanaan, bakki itti isaan qofa argattu aduu kana gajjallaa hin jiru!

Beeksisa Ariifachiisaa Yunivarsiitii Naannoo Oromiyaa BBO wajjiin ta'uun barattoota kutaa 12ffaa xumuranii ulaagaalee qajeelfama kana irra jiru guutan fi fedhii qaban Hagayyaa Bara 2018 irraa eegalee barsiisota barnoota bu'uura boruu sadarkaa sartifikeetiitiin leenjisuu barbaada. Kanaafuu namoonni ulaagaa jedhamee guuttan fi fedhii qabdan hundi galmooftanii dorgomuu ni dandeessu. ✅️ Iddoon galmee Yunivarsiitii Naannoo Oromiyaa Kaaampaasiwwan 14n irratti ta'a. ✅️ Guyyaan galmee Adoolessa 30 hanga Hagayyaa 4 qofa.

Ulaagaa Dorgommii Fi Simannaa Barattoota Kutaa 9ffaa Kan Manneen Barnoota Bultii Addaa Fi Manneen Barnoota Addaa Naannoo Oromiyaa Bara 2019

Qabxiin Qormaata Kutaa 6ffaa Bara 2018 Ibsame. Naannoo Oromiyaatti Qormaatni Naannoo Xumura Barnoota Sad. 1ffaa Kutaa 6ffaa B
Qabxiin Qormaata Kutaa 6ffaa Bara 2018 Ibsame. Naannoo Oromiyaatti Qormaatni Naannoo Xumura Barnoota Sad. 1ffaa Kutaa 6ffaa Bara 2018 Waxabajjii 08- 09/2018 kennamee tura har'a qabxiin barattootaa ifoomeera. 👉 Qabxiin darbiinsaas 50%fi ol ta'uun murtaa'eera. 👉Barattoota qormaata fudhatan 517,209 keessaa qabxii darbiinsaa (50%fi ol) galmeessisuun gara kutaa itti aanuutti kan darban barattoota 464,839 (89.9%) ta'uun beekameera. Barattoota qormaata fudhatan: 📍Dhiira 267,307 keessa 91.2% fi 📍Dubara 249,902 keessaa 88.4% darbaniiru. Haaluma kanaan qabxii ilaallachuuf Liinkii asii gaditti dhihaate banuun; Lakkoofsa Galmee keessan/Registration Number/ galchuun Itti aansuun Maqaa keessan kan jalqabaa galchuun qabxii keessan ilaallachuu ni dandeessu. Liinkii:- https://oromia6.ministry.et #TikvahAfaanOromoo Adoolessa 24, 2018 Finfinnee @tikvahethafaanoromoo

Liinkii:- Qabxii Qormaata Kutaa 6ffaa Bara 2018 https://oromia6.ministry.et

​💻 Laptopoota Windows Gahumsa Olaanaa Qaban fi Isin Filachiisnu ilaalaa. ​Miidiyaa hawaasaaf content qopheessita? Moo barsiisaa barnoota ammayyaa barsiisuudha? Laptop gaarii hojii keef ta'u barbaadaa jirta taanan, filannoowwan kunniin sirriidha! ​🎯 Namoota "Content Creation" (Fakkii fi Viidiyoo) Hojjetaniif: Laptopootni kunniin addatti hojii kalaqaaf mijaatanii qophaa'an: ​📱 Asus ProArt P16 (2024/2025): Diizaayinii fi viidiyoo gulaaluuf adda. Iskiiriinii 4K OLED qulqulluu fi teknoolojii AI (Fakeessii Namtolfee) dhaan hojii akka sagalee noise balleessuu fi "auto-masking" ariitiin hojjata. ​📱 Dell XPS 14 fi 16 (2024/2025): Diizaayinii ammayyaawaa fi iskiiriinii qulqullina guddaa (high-resolution) qabu. Halluu sirrii waan agarsiisuuf viidiyoo miidiyaa hawaasaaf qopheessuuf baay'ee filatamaadha. ​📱 Samsung Galaxy Book5 Pro 360: Iskiiriinii dacha'uun akka tabletitti mijaata. Qalama dijitaalaan (stylus) yeroo barsiistan barreessuuf isin gargaara. ​🤝 Laptopoota Barsiisotaaf Filataman: Gahumsaa fi gatii giddu-galeessaan hojii barsiisuuf mijatan: ​✍️ HP Omen Transcend 14: Barsiisota barnoota ammayyaatiif filannoo gaarii. Iskiiriinii 2.8K fi CPU Intel Core Ultra qaba. ​✍️ Acer Swift Go 14: Gatii madaalawaan iskiiriinii OLED qulqulluu qabu. Salphaatti sochoosuufis mijaataadha. ​✍️ Lenovo Yoga 9i: Iskiiriinii dacha'u qaba, barnoota online kennuuf baay'ee mijaataadha. ​📌 Specifications Isin Barbaachisu (Hojii Barsiisuu fi Viidiyoo Gulaaluuf): Yoo xiqqaate laptop keessan kanneen qabaachuu qaba: ​📖 Processor (CPU): Intel Core Ultra ykn Apple M-Series (12-16 core). ​📖 RAM: Yoo xiqqaate 16GB (32GB yoo ta'e caalaatti gaariidha). ​📖 Storage (SSD): Yoo xiqqaate 512GB ykn 1TB. ​📖 Display: OLED ykn IPS, resolution 1920x1080 ol. ​🔄 Odeeffannoo dabalataa fi gaarii barnoota teeknoolojii walqabatee argachuuf nu hordofaa: 🔴 YouTube: Oro Computer https://youtu.be/LM9w7dTDKV4?si=_qLfeW0RdZVv22ZH ​🔵 Facebook: Oro Computer https://www.facebook.com/OroComputerSchool ⚫ TikTok:Oro Computer https://www.tiktok.com/@computer_school1?_r=1&_t=ZS-98SXFkhBPWB ​Sabaabuma kanaan #Subscribe, #Follow fi #Like godhaa! ​#OroComputer #Laptop #Windows #ContentCreation #Barsiisaa #Teeknoolojii #Ethiopia #Oromo

photo content

​💻 COMPUTER CHIPS MAALI? AKKAMITTIS HOJJETU? 💻 ​Barumsa teeknoolojii salphaa fi waliigala ta'e kanarraa waan baay'ee barattu! ​🔍 1. Computer Chips Maali? Computer chips jechuun qaama elektirooniksii xixiqqaa Integrated Circuit (IC) jedhamu dha. ​Silicon irraa hojjetama. ​Transistor miliyoonaa ykn biliyoonaa of keessaa qaba. ​Hojiiwwan kompiitaraa akka yaaduu, odeeffannoo kuusuu, fi to'achuu raawwatu. ​🧩 2. Gosoota Computer Chips: ​🧠 CPU (Central Processing Unit) ​"Sammuu" (brain) kompiitaraa jedhama. ​Ajaja (instructions) raawwata. ​Fakkeenya: Intel Core i5, AMD Ryzen 5. ​⚡ RAM Chip (Random Access Memory) ​Odeeffannoo yeroo hojii qofa kuusa. ​Kompiitarri saffisaan akka hojjetu gargaara. ​Yeroo kompiitarri cufamu odeeffannoon ni bada. ​🔒 ROM Chip (Read Only Memory) ​Sagantaa bu'uuraa (firmware/BIOS) kuusa. ​Odeeffannoon isaa yeroo baay'ee hin badu. ​💾 Storage Chips (Flash Memory) ​SSD, USB Flash Drive, fi Memory Card keessatti argamu. ​Odeeffannoo yeroo dheeraa kuusu. ​🎮 GPU (Graphics Processing Unit) ​Suuraa, viidiyoo, fi game hojjechuuf fayyada. ​Graphics saffisaan qopheessa. ​🔌 Chipset ​CPU, RAM, fi qaamolee biroo gidduutti walqunnamtii to'ata. ​Motherboard irratti argama. ​⚙️ 3. Computer Chip Akkamitti Hojjeta? ​Odeeffannoo 0 fi 1 (binary) fayyadama. ​Transistoronni miliyoonaan lakkaa'aman banaa fi cufaa ta'uun shallaggii raawwatu. ​Kana irraa ka'uun kompiitarri herrega, barruu, suuraa, fi sagantaa adda addaa hojjechuu danda'a. ​📲 Odeeffannoo dabalataa fi barnoota teeknoolojii argachuuf nu hordofaa: ​🔴 YouTube: Oro Computer 👉 https://youtu.be/LM9w7dTDKV4?si=_qLfeW0RdZVv22ZH ​🔵 Facebook: Oro Computer 👉 https://www.facebook.com/OroComputerSchool ​⚫ TikTok: Oro Computer 👉 https://www.tiktok.com/@computer_school1?_r=1&_t=ZS-98SXFkhBPWB ​Sabaabuma kanaan #Subscribe, #Follow fi #Like godhaa! Odeeffannoo kana hiriyoota keessaniif #Share godhaa. 🙏 ​#ComputerChips #ComputerBasics #SmartITSolutions #Hardware #TechEducation #ITTraining #LearnComputers #Technology #Networking #OroComputer

photo content

photo content

#Yoo software fedhii kee ala (unwanted software) gara computer kee dhufe maal goota? Yoo software fedhii kee ala (unwanted software) gara computer kee dhufe, karaa armaan gadiitiin haquu dandeessa. 1. Settings irraa Uninstall gochuu (Windows 10/11) Start → Settings banu. Apps → Installed Apps (ykn Apps & Features) filadhu. Software haquu barbaaddu barbaadi. Uninstall jedhu cuqaasi. Ergaa dhufu hordofuun xumuri. 2. Control Panel irraa Windows + R dhiibi. appwiz.cpl barreessi → Enter dhiibi. Tarree software keessaa software haquu barbaaddu filadhu. Uninstall/Change cuqaasi. 3. Antivirus Scan godhi Yeroo baay'ee software hin barbaachifne malware waliin dhufa. Windows Security (Microsoft Defender) bana. Virus & threat protection → Quick Scan ykn Full Scan hojjedhi. Yoo vaayirasii argame, akka haqamu taasisi. 4. Startup irraa dhaabi Software tokko uninstall ta'ee illee startup keessatti hafu danda'a. Ctrl + Shift + Esc dhiibi. Startup Apps bana. Software hin barbaachifne filadhu. Disable godhi. 5. Browser keessaa Extension haqi Yoo browser kee irratti ofumaan dabalame: Chrome → Extensions Edge → Extensions Firefox → Add-ons Kana keessaa extension hin beekne Remove godhi. #Software hin beekne akka hin fe'amneef ✅ Software website amanamaa irraa qofa buufadhu. ✅ Yeroo install gootu Custom Installation filadhu. ✅ "Next" qofa osoo hin taane wanta mallattoo (checkbox) qabu dubbisi. ✅ Antivirus kee yeroo hunda haaromsi.#share,#like & #follow gochuun dagatinaa! #Sanbata gaarii qabaadhaa!

photo content

#Google Platform akkamii qaba? maaliifis nu fayyada? Google Platform jechuun walitti qabama tajaajiloota fi platformoota Google namoota dhuunfaa, barattoota, dhaabbilee, fi developers'f qopheesse dha. Isaan kun hojii, barnoota, kuusaa dataa, software ijaaruu, fi daldala online keessatti fayyadu. #Platformoota Google Beekamoo 1. Google Search 🔍 Odeeffannoo barbaaduuf. Deebii gaaffii argachuuf. 2. Gmail 📧 Email erguu fi simachuuf. 3. Google Drive ☁️ Faayiloota online irratti kuusuu. Namoota biroo waliin qooduu. 4. Google Docs, Sheets fi Slides 📝 Document barreessu. Spreadsheet hojjechuu. Presentation qopheessuu. 5. Google Meet 🎥 Walga'ii online geggeessu. Barnoota online kennu. 6. YouTube ▶️ Video ilaaluu fi maxxansuu. Galii argachuuf (Monetization). 7. Google Maps 🗺️ Karaa barbaaduu. Business map irratti galmeessuu. 8. Google Play Store 📱 Android Apps buufachuu fi haaromsuu. 9. Google Cloud Platform (GCP) ☁️ Website fi application online irratti keessummeessuu (hosting). Database kuusuu. AI fi Machine Learning fayyadamuu. Virtual Server uumuu. 10. Google Forms 📋 Questionnaire fi survey uumuu. Data walitti qabuu. 11. Google Translate 🌍 Afaan tokko gara afaan biraatti hiiku. 12. Google Calendar 📅 Sagantaa hojii fi yaadannoo qopheessu. #Platformoota Murteessoo 💻 Google Cloud Platform (GCP) – Server, Database, AI, Hosting. 🤖 Google AI Studio – AI application qopheessu. 🔑 Google Firebase – Mobile fi Web App backend. 📊 Google Analytics – Daawwannaa website hordofu. 🌐 Google Search Console – SEO fi website to'achuu. 📢 Google Ads – Beeksisa online hojjechuu. 📱 Google Play Console – Android App maxxansuu.

photo content

#RAM maalidha? RAM (Random Access Memory) jechuun memory yeroo hojii (temporary memory) kompiitarri yeroo application fi operating system hojjetu itti fayyadamuudha. RAM guddaa yoo qabaate: ⚡ Kompiitarri saffisaan hojjeta. 🪟 Application hedduu yeroo tokko banuu danda'a. 🌐 Browser tabs hedduu banuu danda'a. 🎥 Video editing fi hojii ulfaataa saffisaan raawwata. Akkamiin RAM guddifna? 1. RAM amma jiruu qoradhu Windows keessatti: Ctrl + Shift + Esc dhiibi. Task Manager → Performance → Memory bani. RAM meeqa akka qabu ilaali. Yookaan: Settings → System → About keessatti RAM ilaali. 2. Motherboard RAM meeqa akka deeggaru beekuu #wantoota Beekuu qabda: RAM guduunfaa meeqa deeggaruu danda'a? DDR3 moo DDR4 moo DDR5? RAM slot meeqa qaba? 3. RAM sirrii bitadhu Wal fakkaachuu qabu: DDR Type (DDR3, DDR4, DDR5) Speed (MHz) Capacity (GB) 4. RAM install godhi Computer cufi. Power cable baasii. Case bani. RAM slot keessatti sirriitti galchi hamma "click" jedhu dhaga'amutti. Computer bansi fi RAM haaraan beekamuu isaa mirkaneessi. #Giddu-galeessaan meeqa gaariidha? 👨‍🎓 Barattootaaf: 8GB 👨‍💼 Office fi Business: 8GB – 16GB 👨‍💻 Programmers: 16GB 🎬 Video Editor/Graphic Designer: 16GB – 32GB 🖥️ Server fi AI: 32GB fi isaa ol #Gabaabumatti ✅ 8GB – Fayyadama guyyaa guyyaa keessatti ga'aadha. ✅ 16GB – Filannoo gaarii fi yeroo dheeraaf gorfama. ✅ 32GB+ – Hojii ulfaataa fi professional ta'eef. #share gochuun dagatinaa! #Sanbata gaarii qabaadhaa!

#AI jechuun maal jechuudha? AI (Artificial Intelligence) jechuun Sammuu Namaa Fakkeessuun (Artificial Intelligence) jechuudha. Innis teknolojii kompiitara ykn maashinii tokko akka namaatti yaadu, baratu, murteessu, rakkoo hiiku, fi hojii raawwatu taasisa. Kana jechuun AI'n hojii namoonni sammuu isaanii fayyadamuun hojjetan keessaa hedduu ofumaan hojjechuu danda'a. AI'n maal hojjeta? #AI hojiiwwan hedduu hojjechuu danda'a. Fakkeenyaaf: 🗣️ Sagalee hubata fi deebisa (akka Siri, Google Assistant, ChatGPT) 🌍 Afaan tokko gara afaan biraatti hiika 🖼️ Suuraa fi viidiyoo adda baasa ✍️ Barreeffama barreessa, sirreessa fi gabaasa qopheessa 💻 Koodii (Programming) barreessa 🩺 Dhukkuba adda baasuuf ogeessota fayyada 🚗 Konkolaataa ofumaan oofu keessatti gargaara 🛒 Meeshaa ykn viidiyoo siif yaada (YouTube, Netflix, Amazon) 📊 Odeeffannoo xiinxala fi murtoo kennuu keessatti gargaara Fakkeenya AI guyyaa guyyaatti Google Translate – Afaan hiika. Google Maps – Karaa gaarii filata. YouTube – Viidiyoo fedhii kee irratti hundaa'ee siif yaada. Face Unlock – Fuula kee beekee bilbila bana. Faayidaa AI ✅ Hojii saffisa. ✅ Yeroo qusata. ✅ Dogoggora hir'isa. ✅ Barnootaa fi hojii salphisa. ✅ Odeeffannoo saffisaan barbaade argamsiisa. Rakkoowwan AI ⚠️ Odeeffannoo dogoggoraa kennuu danda'a. ⚠️ Hojiiwwan muraasa ofumaan hojjechuun hojii namoota muraasa hir'isuu danda'a. ⚠️ Yoo sirnaan hin fayyadamin odeeffannoo dhuunfaa irratti yaaddoo uumuu danda'a. ⚠️ Namni AI qofatti hirkachuun yaada ofii xiqqeessuu danda'a. Share gochuu hin daagt in

photo content

Garaagarummaa Encryption fi Encoding Maalii? Yeroo IT barannu jechoonni Encryption fi Encoding wal fakkaachuu danda'u. Garuu kaayyoo fi hojii isaanii keessatti garaagarummaa guddaa qabu. 🔐 Encryption Maalii? Encryption jechuun odeeffannoo nama hundi dubbisuu danda'u gara bifa namni furtuu (key) qabu qofti hubachuu danda'utti jijjiiruudha. Fakkeenyaaf, ergaa ati nama tokkoof ergitu yoo encryption godhame, namni biraa yoo argellee hiikuu hin danda'u. Namni furtuu sirrii qabu qofa ergaa sana dubbisuu danda'a. Jechoota Ijoo - Plaintext – Odeeffannoo bifa idileetiin jiru. - Ciphertext – Odeeffannoo encryption godhame. - Encryption – Plaintext gara Ciphertexttti jijjiiruu. - Decryption – Ciphertext gara Plaintexttti deebisuu. Faayidaa Encryption - Odeeffannoo dhuunfaa eega. - Hackeroota irraa ittisa. - Furtuu (Key) fayyadama. - Nageenya odeeffannoo mirkaneessa. 💻 Encoding Maalii? Encoding jechuun odeeffannoo gara bifa sirni kompiitaraa hubachuu danda'utti jijjiiruudha. Kun iccitii eeguuf osoo hin taane, odeeffannoo kuusuu, dabarsuu fi sirnoota garaagaraa gidduutti wal-simsiisuuf fayyada. Fakkeenyaaf: - Barreeffama - Suuraa - Viidiyoo - Sagalee Hundumtuu kompiitara keessatti bifa dijitaalaa ta'een kuufama; yeroo barbaachisutti ammoo gara bifa namni hubatutti deebi'a. Faayidaa Encoding - Odeeffannoo kuusuuf. - Odeeffannoo dabarsuuf. - Sirnoota garaagaraa gidduutti walitti dhufeenya uumuuf. - Furtuu addaa hin barbaadu. 📊 Garaagarummaa Encryption fi Encoding Encryption| Encoding Nageenya odeeffannoo irratti xiyyeeffata| Kuusaa fi dabarsa odeeffannoo irratti xiyyeeffata Furtuu (Key) barbaada| Furtuu hin barbaadu Odeeffannoo iccitii taasisa| Odeeffannoo gara bifa kompiitaraan hubatamutti jijjiira Decryptioniin banama| Decodingiin gara bifa duraa deebi'a 📝 Gabaabumatti Encryption jechuun odeeffannoo iccitii eeguuf gara bifa nama hin hubatamnetti jijjiiruudha. Encoding jechuun immoo odeeffannoo gara bifa kompiitaraan kuufamuu fi hojii irra ooluu danda'utti jijjiiruudha. Kanaaf, Encryption = Security, Encoding = Storage, Transmission fi Compatibility. 🔖 Barumsa Tech salphaa fi bu’a qabeessaaf nuu hordofaa. | | 📱Tiktok | |📱Telegram | | 📱YouTube | |📱Facebook | | https://t.me/GIFT_BANK3bot?start=_tgr_V1tJy5JiYzU0