es
Feedback
Oro Computer

Oro Computer

Ir al canal en Telegram

Oro Computer Educational 💻✨ ​Chaanaalii kanaan waa’ee teknoolojii, odeeffannoo bilbilaa, fi barumsa kompiutaraa garaa garaa Afaan Oromootiin argattu, dabalataan beeksisa addaa addaa fayyadamuuf Channel Keenya hordofaa.

Mostrar más
1 139
Suscriptores
+224 horas
+77 días
+930 días
Archivo de publicaciones
Liinkii:- Qabxii Qormaata Kutaa 6ffaa Bara 2018 https://oromia6.ministry.et

​💻 Laptopoota Windows Gahumsa Olaanaa Qaban fi Isin Filachiisnu ilaalaa. ​Miidiyaa hawaasaaf content qopheessita? Moo barsiisaa barnoota ammayyaa barsiisuudha? Laptop gaarii hojii keef ta'u barbaadaa jirta taanan, filannoowwan kunniin sirriidha! ​🎯 Namoota "Content Creation" (Fakkii fi Viidiyoo) Hojjetaniif: Laptopootni kunniin addatti hojii kalaqaaf mijaatanii qophaa'an: ​📱 Asus ProArt P16 (2024/2025): Diizaayinii fi viidiyoo gulaaluuf adda. Iskiiriinii 4K OLED qulqulluu fi teknoolojii AI (Fakeessii Namtolfee) dhaan hojii akka sagalee noise balleessuu fi "auto-masking" ariitiin hojjata. ​📱 Dell XPS 14 fi 16 (2024/2025): Diizaayinii ammayyaawaa fi iskiiriinii qulqullina guddaa (high-resolution) qabu. Halluu sirrii waan agarsiisuuf viidiyoo miidiyaa hawaasaaf qopheessuuf baay'ee filatamaadha. ​📱 Samsung Galaxy Book5 Pro 360: Iskiiriinii dacha'uun akka tabletitti mijaata. Qalama dijitaalaan (stylus) yeroo barsiistan barreessuuf isin gargaara. ​🤝 Laptopoota Barsiisotaaf Filataman: Gahumsaa fi gatii giddu-galeessaan hojii barsiisuuf mijatan: ​✍️ HP Omen Transcend 14: Barsiisota barnoota ammayyaatiif filannoo gaarii. Iskiiriinii 2.8K fi CPU Intel Core Ultra qaba. ​✍️ Acer Swift Go 14: Gatii madaalawaan iskiiriinii OLED qulqulluu qabu. Salphaatti sochoosuufis mijaataadha. ​✍️ Lenovo Yoga 9i: Iskiiriinii dacha'u qaba, barnoota online kennuuf baay'ee mijaataadha. ​📌 Specifications Isin Barbaachisu (Hojii Barsiisuu fi Viidiyoo Gulaaluuf): Yoo xiqqaate laptop keessan kanneen qabaachuu qaba: ​📖 Processor (CPU): Intel Core Ultra ykn Apple M-Series (12-16 core). ​📖 RAM: Yoo xiqqaate 16GB (32GB yoo ta'e caalaatti gaariidha). ​📖 Storage (SSD): Yoo xiqqaate 512GB ykn 1TB. ​📖 Display: OLED ykn IPS, resolution 1920x1080 ol. ​🔄 Odeeffannoo dabalataa fi gaarii barnoota teeknoolojii walqabatee argachuuf nu hordofaa: 🔴 YouTube: Oro Computer https://youtu.be/LM9w7dTDKV4?si=_qLfeW0RdZVv22ZH ​🔵 Facebook: Oro Computer https://www.facebook.com/OroComputerSchool ⚫ TikTok:Oro Computer https://www.tiktok.com/@computer_school1?_r=1&_t=ZS-98SXFkhBPWB ​Sabaabuma kanaan #Subscribe, #Follow fi #Like godhaa! ​#OroComputer #Laptop #Windows #ContentCreation #Barsiisaa #Teeknoolojii #Ethiopia #Oromo

photo content

​💻 COMPUTER CHIPS MAALI? AKKAMITTIS HOJJETU? 💻 ​Barumsa teeknoolojii salphaa fi waliigala ta'e kanarraa waan baay'ee barattu! ​🔍 1. Computer Chips Maali? Computer chips jechuun qaama elektirooniksii xixiqqaa Integrated Circuit (IC) jedhamu dha. ​Silicon irraa hojjetama. ​Transistor miliyoonaa ykn biliyoonaa of keessaa qaba. ​Hojiiwwan kompiitaraa akka yaaduu, odeeffannoo kuusuu, fi to'achuu raawwatu. ​🧩 2. Gosoota Computer Chips: ​🧠 CPU (Central Processing Unit) ​"Sammuu" (brain) kompiitaraa jedhama. ​Ajaja (instructions) raawwata. ​Fakkeenya: Intel Core i5, AMD Ryzen 5. ​⚡ RAM Chip (Random Access Memory) ​Odeeffannoo yeroo hojii qofa kuusa. ​Kompiitarri saffisaan akka hojjetu gargaara. ​Yeroo kompiitarri cufamu odeeffannoon ni bada. ​🔒 ROM Chip (Read Only Memory) ​Sagantaa bu'uuraa (firmware/BIOS) kuusa. ​Odeeffannoon isaa yeroo baay'ee hin badu. ​💾 Storage Chips (Flash Memory) ​SSD, USB Flash Drive, fi Memory Card keessatti argamu. ​Odeeffannoo yeroo dheeraa kuusu. ​🎮 GPU (Graphics Processing Unit) ​Suuraa, viidiyoo, fi game hojjechuuf fayyada. ​Graphics saffisaan qopheessa. ​🔌 Chipset ​CPU, RAM, fi qaamolee biroo gidduutti walqunnamtii to'ata. ​Motherboard irratti argama. ​⚙️ 3. Computer Chip Akkamitti Hojjeta? ​Odeeffannoo 0 fi 1 (binary) fayyadama. ​Transistoronni miliyoonaan lakkaa'aman banaa fi cufaa ta'uun shallaggii raawwatu. ​Kana irraa ka'uun kompiitarri herrega, barruu, suuraa, fi sagantaa adda addaa hojjechuu danda'a. ​📲 Odeeffannoo dabalataa fi barnoota teeknoolojii argachuuf nu hordofaa: ​🔴 YouTube: Oro Computer 👉 https://youtu.be/LM9w7dTDKV4?si=_qLfeW0RdZVv22ZH ​🔵 Facebook: Oro Computer 👉 https://www.facebook.com/OroComputerSchool ​⚫ TikTok: Oro Computer 👉 https://www.tiktok.com/@computer_school1?_r=1&_t=ZS-98SXFkhBPWB ​Sabaabuma kanaan #Subscribe, #Follow fi #Like godhaa! Odeeffannoo kana hiriyoota keessaniif #Share godhaa. 🙏 ​#ComputerChips #ComputerBasics #SmartITSolutions #Hardware #TechEducation #ITTraining #LearnComputers #Technology #Networking #OroComputer

photo content

photo content

#Yoo software fedhii kee ala (unwanted software) gara computer kee dhufe maal goota? Yoo software fedhii kee ala (unwanted software) gara computer kee dhufe, karaa armaan gadiitiin haquu dandeessa. 1. Settings irraa Uninstall gochuu (Windows 10/11) Start → Settings banu. Apps → Installed Apps (ykn Apps & Features) filadhu. Software haquu barbaaddu barbaadi. Uninstall jedhu cuqaasi. Ergaa dhufu hordofuun xumuri. 2. Control Panel irraa Windows + R dhiibi. appwiz.cpl barreessi → Enter dhiibi. Tarree software keessaa software haquu barbaaddu filadhu. Uninstall/Change cuqaasi. 3. Antivirus Scan godhi Yeroo baay'ee software hin barbaachifne malware waliin dhufa. Windows Security (Microsoft Defender) bana. Virus & threat protection → Quick Scan ykn Full Scan hojjedhi. Yoo vaayirasii argame, akka haqamu taasisi. 4. Startup irraa dhaabi Software tokko uninstall ta'ee illee startup keessatti hafu danda'a. Ctrl + Shift + Esc dhiibi. Startup Apps bana. Software hin barbaachifne filadhu. Disable godhi. 5. Browser keessaa Extension haqi Yoo browser kee irratti ofumaan dabalame: Chrome → Extensions Edge → Extensions Firefox → Add-ons Kana keessaa extension hin beekne Remove godhi. #Software hin beekne akka hin fe'amneef ✅ Software website amanamaa irraa qofa buufadhu. ✅ Yeroo install gootu Custom Installation filadhu. ✅ "Next" qofa osoo hin taane wanta mallattoo (checkbox) qabu dubbisi. ✅ Antivirus kee yeroo hunda haaromsi.#share,#like & #follow gochuun dagatinaa! #Sanbata gaarii qabaadhaa!

photo content

#Google Platform akkamii qaba? maaliifis nu fayyada? Google Platform jechuun walitti qabama tajaajiloota fi platformoota Google namoota dhuunfaa, barattoota, dhaabbilee, fi developers'f qopheesse dha. Isaan kun hojii, barnoota, kuusaa dataa, software ijaaruu, fi daldala online keessatti fayyadu. #Platformoota Google Beekamoo 1. Google Search 🔍 Odeeffannoo barbaaduuf. Deebii gaaffii argachuuf. 2. Gmail 📧 Email erguu fi simachuuf. 3. Google Drive ☁️ Faayiloota online irratti kuusuu. Namoota biroo waliin qooduu. 4. Google Docs, Sheets fi Slides 📝 Document barreessu. Spreadsheet hojjechuu. Presentation qopheessuu. 5. Google Meet 🎥 Walga'ii online geggeessu. Barnoota online kennu. 6. YouTube ▶️ Video ilaaluu fi maxxansuu. Galii argachuuf (Monetization). 7. Google Maps 🗺️ Karaa barbaaduu. Business map irratti galmeessuu. 8. Google Play Store 📱 Android Apps buufachuu fi haaromsuu. 9. Google Cloud Platform (GCP) ☁️ Website fi application online irratti keessummeessuu (hosting). Database kuusuu. AI fi Machine Learning fayyadamuu. Virtual Server uumuu. 10. Google Forms 📋 Questionnaire fi survey uumuu. Data walitti qabuu. 11. Google Translate 🌍 Afaan tokko gara afaan biraatti hiiku. 12. Google Calendar 📅 Sagantaa hojii fi yaadannoo qopheessu. #Platformoota Murteessoo 💻 Google Cloud Platform (GCP) – Server, Database, AI, Hosting. 🤖 Google AI Studio – AI application qopheessu. 🔑 Google Firebase – Mobile fi Web App backend. 📊 Google Analytics – Daawwannaa website hordofu. 🌐 Google Search Console – SEO fi website to'achuu. 📢 Google Ads – Beeksisa online hojjechuu. 📱 Google Play Console – Android App maxxansuu.

photo content

#RAM maalidha? RAM (Random Access Memory) jechuun memory yeroo hojii (temporary memory) kompiitarri yeroo application fi operating system hojjetu itti fayyadamuudha. RAM guddaa yoo qabaate: ⚡ Kompiitarri saffisaan hojjeta. 🪟 Application hedduu yeroo tokko banuu danda'a. 🌐 Browser tabs hedduu banuu danda'a. 🎥 Video editing fi hojii ulfaataa saffisaan raawwata. Akkamiin RAM guddifna? 1. RAM amma jiruu qoradhu Windows keessatti: Ctrl + Shift + Esc dhiibi. Task Manager → Performance → Memory bani. RAM meeqa akka qabu ilaali. Yookaan: Settings → System → About keessatti RAM ilaali. 2. Motherboard RAM meeqa akka deeggaru beekuu #wantoota Beekuu qabda: RAM guduunfaa meeqa deeggaruu danda'a? DDR3 moo DDR4 moo DDR5? RAM slot meeqa qaba? 3. RAM sirrii bitadhu Wal fakkaachuu qabu: DDR Type (DDR3, DDR4, DDR5) Speed (MHz) Capacity (GB) 4. RAM install godhi Computer cufi. Power cable baasii. Case bani. RAM slot keessatti sirriitti galchi hamma "click" jedhu dhaga'amutti. Computer bansi fi RAM haaraan beekamuu isaa mirkaneessi. #Giddu-galeessaan meeqa gaariidha? 👨‍🎓 Barattootaaf: 8GB 👨‍💼 Office fi Business: 8GB – 16GB 👨‍💻 Programmers: 16GB 🎬 Video Editor/Graphic Designer: 16GB – 32GB 🖥️ Server fi AI: 32GB fi isaa ol #Gabaabumatti ✅ 8GB – Fayyadama guyyaa guyyaa keessatti ga'aadha. ✅ 16GB – Filannoo gaarii fi yeroo dheeraaf gorfama. ✅ 32GB+ – Hojii ulfaataa fi professional ta'eef. #share gochuun dagatinaa! #Sanbata gaarii qabaadhaa!

#AI jechuun maal jechuudha? AI (Artificial Intelligence) jechuun Sammuu Namaa Fakkeessuun (Artificial Intelligence) jechuudha. Innis teknolojii kompiitara ykn maashinii tokko akka namaatti yaadu, baratu, murteessu, rakkoo hiiku, fi hojii raawwatu taasisa. Kana jechuun AI'n hojii namoonni sammuu isaanii fayyadamuun hojjetan keessaa hedduu ofumaan hojjechuu danda'a. AI'n maal hojjeta? #AI hojiiwwan hedduu hojjechuu danda'a. Fakkeenyaaf: 🗣️ Sagalee hubata fi deebisa (akka Siri, Google Assistant, ChatGPT) 🌍 Afaan tokko gara afaan biraatti hiika 🖼️ Suuraa fi viidiyoo adda baasa ✍️ Barreeffama barreessa, sirreessa fi gabaasa qopheessa 💻 Koodii (Programming) barreessa 🩺 Dhukkuba adda baasuuf ogeessota fayyada 🚗 Konkolaataa ofumaan oofu keessatti gargaara 🛒 Meeshaa ykn viidiyoo siif yaada (YouTube, Netflix, Amazon) 📊 Odeeffannoo xiinxala fi murtoo kennuu keessatti gargaara Fakkeenya AI guyyaa guyyaatti Google Translate – Afaan hiika. Google Maps – Karaa gaarii filata. YouTube – Viidiyoo fedhii kee irratti hundaa'ee siif yaada. Face Unlock – Fuula kee beekee bilbila bana. Faayidaa AI ✅ Hojii saffisa. ✅ Yeroo qusata. ✅ Dogoggora hir'isa. ✅ Barnootaa fi hojii salphisa. ✅ Odeeffannoo saffisaan barbaade argamsiisa. Rakkoowwan AI ⚠️ Odeeffannoo dogoggoraa kennuu danda'a. ⚠️ Hojiiwwan muraasa ofumaan hojjechuun hojii namoota muraasa hir'isuu danda'a. ⚠️ Yoo sirnaan hin fayyadamin odeeffannoo dhuunfaa irratti yaaddoo uumuu danda'a. ⚠️ Namni AI qofatti hirkachuun yaada ofii xiqqeessuu danda'a. Share gochuu hin daagt in

photo content

Garaagarummaa Encryption fi Encoding Maalii? Yeroo IT barannu jechoonni Encryption fi Encoding wal fakkaachuu danda'u. Garuu kaayyoo fi hojii isaanii keessatti garaagarummaa guddaa qabu. 🔐 Encryption Maalii? Encryption jechuun odeeffannoo nama hundi dubbisuu danda'u gara bifa namni furtuu (key) qabu qofti hubachuu danda'utti jijjiiruudha. Fakkeenyaaf, ergaa ati nama tokkoof ergitu yoo encryption godhame, namni biraa yoo argellee hiikuu hin danda'u. Namni furtuu sirrii qabu qofa ergaa sana dubbisuu danda'a. Jechoota Ijoo - Plaintext – Odeeffannoo bifa idileetiin jiru. - Ciphertext – Odeeffannoo encryption godhame. - Encryption – Plaintext gara Ciphertexttti jijjiiruu. - Decryption – Ciphertext gara Plaintexttti deebisuu. Faayidaa Encryption - Odeeffannoo dhuunfaa eega. - Hackeroota irraa ittisa. - Furtuu (Key) fayyadama. - Nageenya odeeffannoo mirkaneessa. 💻 Encoding Maalii? Encoding jechuun odeeffannoo gara bifa sirni kompiitaraa hubachuu danda'utti jijjiiruudha. Kun iccitii eeguuf osoo hin taane, odeeffannoo kuusuu, dabarsuu fi sirnoota garaagaraa gidduutti wal-simsiisuuf fayyada. Fakkeenyaaf: - Barreeffama - Suuraa - Viidiyoo - Sagalee Hundumtuu kompiitara keessatti bifa dijitaalaa ta'een kuufama; yeroo barbaachisutti ammoo gara bifa namni hubatutti deebi'a. Faayidaa Encoding - Odeeffannoo kuusuuf. - Odeeffannoo dabarsuuf. - Sirnoota garaagaraa gidduutti walitti dhufeenya uumuuf. - Furtuu addaa hin barbaadu. 📊 Garaagarummaa Encryption fi Encoding Encryption| Encoding Nageenya odeeffannoo irratti xiyyeeffata| Kuusaa fi dabarsa odeeffannoo irratti xiyyeeffata Furtuu (Key) barbaada| Furtuu hin barbaadu Odeeffannoo iccitii taasisa| Odeeffannoo gara bifa kompiitaraan hubatamutti jijjiira Decryptioniin banama| Decodingiin gara bifa duraa deebi'a 📝 Gabaabumatti Encryption jechuun odeeffannoo iccitii eeguuf gara bifa nama hin hubatamnetti jijjiiruudha. Encoding jechuun immoo odeeffannoo gara bifa kompiitaraan kuufamuu fi hojii irra ooluu danda'utti jijjiiruudha. Kanaaf, Encryption = Security, Encoding = Storage, Transmission fi Compatibility. 🔖 Barumsa Tech salphaa fi bu’a qabeessaaf nuu hordofaa. | | 📱Tiktok | |📱Telegram | | 📱YouTube | |📱Facebook | | https://t.me/GIFT_BANK3bot?start=_tgr_V1tJy5JiYzU0

photo content

​💻 🔴 Kompiitarri Keessan Yoo Suuta Baname Ykn Dafee Hojjechuuf Isin Nibeese Maal Gochuu Qabdu? ​Kompiitarri yoo suuta banamu (Slow Startup) sababa adda addaa qabaachuu danda'a. Sababoota beekamoo fi furmaata isaanii salphaatti armaan gadiitti haa ilaallu! 👇 ​🔍 Sababoota Fi Furmaata Isaanii: ​1️⃣ Startup Programs Baay'achuu ​Sababa: Sagantaaleen (Apps) hedduun yeroo Windows banamu ofumaan jalqabu, kun immoo kompiitara ni hidhsa. ​Furmaata: ​Kiibordii keessan irraa Ctrl + Shift + Esc cuqaasuun Task Manager banaa. ​Gara Startup (ykn Startup Apps) deemaa. ​Sagantaalee yeroo banamu isin hin barbaachifne filadhaa Disable godha. ​2️⃣ Hard Disk (HDD) Dulloomuu Ykn Dadhabuu ​Sababa: HDD'n tekinoolojii moofaa waan ta'eef SSD caalaa suuta hojjeta. ​Furmaata: Yoo danda'ame SSD fayyadamaa. SSD'n saffisa banuu fi cufuu kompiitaraa keessanii baay'ee fooyyeessa. ​3️⃣ RAM Xiqqaa Ta'uu ​Sababa: RAM gahaan yoo hin jiraanne kompiitarri hojii baay'ee baachuu waan dadhabuuf suuta hojjeta. ​Furmaata: RAM dabaluu (Fakkeenyaaf: 4GB irraa gara 8GB ykn 16GB'tti ol guddisuu). ​4️⃣ Virus Ykn Malware ​Sababa: Vaayirasoonni humna fi qabeenya (resources) kompiitara keessanii ni nyaatu. ​Furmaata: Antivirus amansiisaa ta'e fayyadamaa, akkasumas yeroo yeroon Full Scan geggeessaa. ​5️⃣ Hard Disk Guutamuu ​Sababa: Keessumaa Drive C: keessan yoo baay'ee guutame, saffisni kompiitaraa gadi ni bu'a. ​Furmaata: Faayilota hin barbaachifne haqaa, Recycle Bin qulqulleessaa, akkasumas meeshaa Disk Cleanup jedhamuun faayilota dabalataa qulqulleessaa. ​6️⃣ Biyyoo (Dust) Baay'achuu ​Sababa: Biyyoon keessa kompiitaraa yoo kuufame Fan fi Heatsink cufee ho'a dabala. Ho'i guddaan immoo saffisa ni hir'isa. ​Furmaata: Keessa kompiitara keessanii of eeggannoodhaan qulqulleessaa. Fan sirriitti hojjechaa jiraachuu mirkaneessaa. ​7️⃣ Rakkoo Windows Ykn Driver ​Furmaata: Windows fi driver-wwan keessan yeroo yerootti Update godha. Yoo rakkoon kun baay'ee isin rakkise, System Repair ykn Reset gochuu yaadaa. ​⚡ Akkamitti Kompiitara Keenya Saffisa Isaa Eegna? (💡 Gorsa Salphaa) ​✅ SSD fayyadamaa. ​✅ RAM gahaa qabaadhu. ​✅ Startup apps hin barbaachifne dhaabaa. ​✅ Antivirus yeroo yerootti scan godhaa. ​✅ Faayilota hin barbaachifne haqaa. ​✅ Windows fi drivers Update godhaa. ​✅ Keessa kompiitaraa qulqulleessaa. ​✅ Yeroo baay'ee Restart godha (Sleep qofa osoo hin taane cuftanii banaanis gaariidha). ​⚠️ Hubachiisa Ulfaataa! ​Yoo kompiitarri keessan: ​Homaa banamuu dide, ​Sagalee "Beep" adda addaa dhageessise, ​Screen gurraacha (Black Screen) qofa agarsiise, ​Yookaan yeroo baay'ee ofumaan Restart godhe, ​Rakkoon kun kan Hardware (RAM, Hard Disk, Motherboard, Power Supply fi kkf) ta'uu danda'a. Kanaafuu qorannoo dabalataa ykn suphaa ogeessaa barbaachisa. ​📖 Barumsa kanarraa waan gaarii argattanii? 📢 Hiriyoota keessan biraan gahuuf #Share fi #Like gochuu hin dagatinaa! Talaagramii keenyas join godhaa: [Linkii_Keessan_As_Galchaa] ​#OroComputer #TechTips #OromoTech #ComputerRepair #ComputerScience

🔒📞 Private Number Jechuun Maali? ​📱 Private Number jechuun namni bilbilu sun akka lakkoofsi bilbila isaa hin mul’anneef dhoksee (Hide Caller ID) yeroo bilbilu dha. ​📲 Yoo Isiniif Bilbila Maaltu Mul'ata? ​🔒 Private Number ​🚫 Unknown Number ​🙈 No Caller ID ​🤔 Maaliif Private Number Fayyadamu? ​🔐 Lakkoofsa bilbila isaanii dhuunfaa dhoksuuf ​💼 Waamicha dhimma hojii ykn kaampanii yeroo taasisan ​🛡️ Eenyummaa fi dhuunfaa isaanii eeggachuuf ​⚠️ Namoonni tokko tokko immoo namatti taphachuuf ykn gowwoomsuufis itti fayyadamuu danda’u. ​🔍 Private Number Beekun Ni Danda'amaa? ​❌ Bilbila idilee ykn Appilikeeshiniin kamiyyuu lakkoofsa dhokfame kana dhibbeentaa dhibba (100%) addaan baasanii beekuun hin danda'amu.
​⚖️ Hubachiisa: Garuu dhimmi seeraa ulfaataan yoo jiraate, tajaajila kenneen bilbilaa (Fkn: Itoophiyaa Keessatti Itiyoo Telekoom) fi abboomiin seeraa karaa seera qabeessa taheen odeeffannoo kana argachuu danda’u.
​💡 Gorsa: Waamicha lakkoofsa hin beekamne ykn kanneen Private Number ta’anii fi shakkiisoo ta’an irraa of eeggannoo guddaa taasisaa.