Oromo protestants
رفتن به کانال در Telegram
Qophiin keenyaa garaa fuula duraa 1 barumsa kutaa ttin qoqqodame siniif qopheesina 2 farffanna meshaa maalee siniif qopheesina 3 lallaba siniif ni qopheesina. 4 halaa hin baratamneen macafaa qulquluu akka dubbisnuuf karoora nii basnaa .
نمایش بیشترکشور مشخص نشده استدسته بندی مشخص نشده است
3 264
مشترکین
-724 ساعت
-57 روز
-930 روز
آرشیو پست ها
3 264
“Mucaan nuuf dhalateera, ilmis nuuf kennameera; humni mootummaa isaa gatiittii isaa irra jira; maqaan isaa, "Gorsaa, dinqii, Waaqayyo-jabaa, abbaa bara baraa, angafa nagaa" in jedhama.”
— Isa. 9:6
“ሕፃን ተወልዶልናልና፤ ወንድ ልጅ ተሰጥቶናል፤ አለቅነትም በጫንቃው ላይ ይሆናል። ስሙም፣ ድንቅ መካር፣ ኀያል አምላክ፣ የዘላለም አባት፣ የሰላም ልዑል ይባላል።”
— ኢሳይያስ 9:6
Baga ayyaana dhalachuu gooftaa keenyaa fayyisaa keenyaa yesuusin Isiin ga'e.
AYYAANA GAARII🎁
እንኳን ለጌታችንና ለመድኃኒታችን ለኢየሱስ ክርስቶስ የልደት በዓል አደረሳችሁ.
መልካም በዓል🎁
sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ
3 264
Repost from Farfannaa Ganamaa
1 Pheexros 5
5 Akkasuma isin warri gara ijoollees, maanguddootaaf abboomamaa! Hundumti keessanis gad of deebisuu akkuma uffataatti uffadhaatii walii keessanii wajjin jiraadhaa! Caaffanni qulqullaa'aan, "Waaqayyo warra kooraan ol of qabaniin in morma, warra gad of deebisaniif immoo ayyaana in kenna" in jedha.
6 Kanaafis Waaqayyo yeroon isaa yommuu ga'u akka ol isin qabutti, harka isaa isa aango-qabeessa jalatti gad of deebisaa!
7 Inni isiniif waan yaaduuf, yaaddoo keessan hundumaa Waaqayyotti gataatii dhiisaa!
8 Of qabaa, dammaqaas! Seexanni hamajaajiin keessan akka leenci yeroo beela'utti aadaa naanna'utti, nama liqimsuu barbaadee in naanna'a.
#Goodnight_Message
@Farfannaa_Ganamaa
3 264
Repost from FOCUS WALLAGGA UNIVERSITY 👇👉0913483010 📞
Day 1
Waqayyo qulqulluu fi qajeelaa dha. Uumaa wanta hundumaatis.
Uumamni kun hundinuu kan ofiin uumame (autonomus) miti. Kana jechuun uumamni kun tirannaa suutaan kan dhufe miti. Qaama isa uume qaba. Innis Waaqayyo jedhama.
Waaqayyoo uumama hundumaa miidhagsee gaariii godhee uume. Uumama lubbuu qabu keessaas isa malee kan uumame tokkollee hin jiru. Hundinuu isaan uumamani, isaaf uumamani,isaafis jiraatu.
Egaan uumaan uumama Maraa Waaqayyoon ergaa ta’ee, abbaan qabeenyaa uumama kanaas Waaqayyoodha jechuudha.Ef2. Kanaaf uumamni kun itti gafatamummaa mataa isaatii jala osoo hin taane itti gafatamummaa Waaqayyoo jala jiraata. Kanaaf Waaqayyo uumama isaa kana akka Seerrataa fi qajeelfama isaatiitti geggeessaa ture, geggeessaas jira. Kun immoo kan agarsiisu Waaqayyoo inni uumaa ta’e kun qulqulluu fi qajeelaa ta’uu isaa mul'isa.
Waaqayyoo uumama uume kana adabuuf kan isa daangessu hin jiru jechuudha.Ef2. Sababinni isaas uumama kana namas dabalatee kan uume isa waan ta’eef. waaqayyo qulqulluu dha,kanaafis cubbuu namootaa waliin waliigaluu hin danda’u,akkasumas waaqayyo qajeelaa dha sababii ta’eef cubbuu namootaa irratti in farada.
Waaqayyo qajeelaa dha, inni hojii qajeelaa in jaallata; warri waan qajeelaa hojjetan fuula isaa arguuf jiru.
Macaafa Faarfannaa 11:7
"Qulqulluu! Qulqulluu! Qulqulluu dha Waaqayyo gooftaan maccaa;”
— Isa. 6:3
3 264
Obbollota koo channel kanaa share gochuudhan hiriyoota kessan akka affeerttan kabajan isiin gafaadha
Join us
👇👇👇👇
@farfa4r
3 264
