FOCUS KITTOO FURDISA
رفتن به کانال در Telegram
...................FOCUS KITTO FURDISA............... Welcome to the official Telegram channel of FOCUS Ministry – Jimma University (JIT) Kitto Furdisa Branch. FOCUS KITTO FURDISA 💳 CBE ACCOUNT :1000197541974
نمایش بیشتر1 260
مشترکین
اطلاعاتی وجود ندارد24 ساعت
+97 روز
+4230 روز
آرشیو پست ها
1 261
🔊Christology Continuous Teaching #Part8
🔻NAMUMMAA YESUUS KIRISTOOS (THE HUMANITY OF CHRIST)
Audion barumsa #Christology #part8 akka kanatti qophaa'ee jira.
📌Barumsi kuni barnoota kana booda barannuuf hundee waan ta'eef sirriitti akka hordoftan isin yaadachiifna.
🔸Akkasumallee HIRIYYOOTA keessan kamillee hirmaachisuu akka hin daganne.
━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━
🎯 WE ARE FOCUSED
📖 WE PREACH THE GOSPEL
🌍 WE REACH THE NATION
━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━
📲 Follow Us:
Website | YouTube | TikTok | Instagram | Facebook
💜❤️💜 YOURS FOCUS 💜❤️💜
1 261
Kanaaf Docetism jechuun namummaa dhugaa Yesuus Kiristoos kan mormu barsiisa sobaa dha.
🚫 Gnosticism
Gnosticism jechuun barsiisa sobaa kiristaanota jalqabaa keessatti babal'ate keessaa isa biraa dha. Barumsi kun wanta qaamaa(wanti qaqabamu) hundii hamaa yoo ta'u wanta hafuura qofatu gaarii akka ta'e barsiisa. Kanaaf Waaqayyo qaama namaa fudhachuu hin danda'u jechuun amana.
Sababa kanaan Gnostikoonni Yesuus Kiristoos qaama namaa dhugaa hin fudhanne jechuun barsiisu. Isaan akka jedhanitti, wanti qaamaa(fooni) hamaa waan ta'eef Ilmi Waaqayyoo foon namaa dhugaa uffachuu hin danda'u. Kanaaf qaamni Yesuus qaama namaa fakkaatu qofa qaba ture jedhu.
Barumsi kunis Macaafa Qulqulluu waliin wal faallessa. Macaafni Qulqulluun Waaqayyo uumama isaa hunda gaarii godhee akka uume, Ilmi Waaqayyoo immoo foonii fi dhiiga namaa dhugumaan akka hirmaate ifatti barsiisa.
Ibroota 2:14 ni jedhu: Ijoollonni kun foonii fi dhiiga akkuma ta'an, inni “Obboloota koo” jedhee isaan waamu kunis akkuma isaanii ta'e; du'a isaatiin Seexana isa humna du'aa qabu balleessuudhaaf nama ta'e*." Akkasumas Luqaas 24:39 keessatti Yesuus du'aa ka'ee booddee, "Harka koo fi miilla koo ilaalaa, ana mataa koo ti'o; mee qaqqabaa na ilaalaa, ekeraan foonii fi lafee hin qabu, ani garuu akkan qabu in argitu*” jedhe." jedhee bartoota isaatti dubbate. Kun qaama isaa dhugaa akka qabu ifatti mirkaneessa.
Kanaaf Gnosticism jechuun namummaa fi qaama dhugaa Yesuus Kiristoos kan mormu barsiisa sobaa dha; Macaafni Qulqulluun garuu Yesuus Kiristoos guutummaatti nama dhugaa ta'ee foonii fi dhiiga namaa fudhatee gara addunyaa akka dhufe ifatti barsiisa..
8️⃣ 🔗 Namummaa fi Waaqummaa Yesuus
Yesuus:
✝️ Guutummaatti Waaqayyo dha.
👤 Guutummaatti nama dha.
Garuu:
❌ Walakkaa Waaqayyo walakkaa nama miti.
❌ Person lama walitti makames miti.
✅ Person tokko keessatti uumamni(nature) lama jechuun Waaqummaa fi namummaan osoo Walitti hin makamin (inconfusedly), hin jijjiiramin (unchangeably), hin qoodamin (indivisibly), wal irraa hin addaan hin ba'iin (inseparably). tokko ta'anii jiru.
Kun Walitti Hidhamiinsa two natures/Uumamoota Lama (Hypostatic Union) jedhama.
9️⃣ 📌 Hojiirra Oolmaa
Namummaan Yesuus jireenya keenya keessatti hiika guddaa qaba.
🙏 Yeroo dhiphannu nu hubata.
💪 Yeroo qorama keessa jirru nu jajjabeessa.
👣 Akka isaatti qulqullinaan akka jiraannu nu barsiisa.
❤️ Fayyina keenyaaf bakka keenya bu'ee waan du'eef abdii keenya isa irratti kaa'anna.
🌍 Inni dhufuun nama haaromsuuf akka ta'e nu hubachiisa.
🧠 Yaadannoo Ijoo
📖 Ibroota 4:15
"Lubni Ol'aanaan keenya dadhabbii keenya nu waliin hin hubanne miti; inni akka keenya karaa hundumaan qorameera, garuu cubbuu hin hojjenne."
📌 Cuunfaa
Yesuus Kiristoos:
👶 Dhugumaan nama ta'ee dhalate.
🍞 Nyaate, beela'e, dheebote, dadhabe, rafee boqote.
❤️ Boo'e, gammade, aare, garaan isaa ni laafe.
⚔️ Karaa hundumaan qorame; garuu cubbuu hin hojjenne.
💀 Dhugumaan dhiphate, fannifame, du'e.
✝️ Bakka keenya bu'ee aarsaa ta'e.
🌅 Guyyaa sadaffaatti du'aa ka'ee du'a moo'e.
👑 Guutummaatti Waaqayyo ta'ee osoo jiruu, guutummaatti nama ta'uun fayyina keenya raawwate.
Kun bu'uura amantii Kiristiyaanaa fi Kristooloojii keessaa isa guddaa dha.
📚 Homework – Namummaa Yesuus Kiristoos
1️⃣ Macaafa Qulqulluu irraa ragaa sadii (3) barreessi kan Yesuus Kiristoos dhugumaan nama ta'uu isaa mirkaneessu; hiika isaanii gabaabinaan ibsi.
2️⃣ Maaliif namummaan Yesuus fayyina keenyaaf barbaachisaa ta'e? Sababoota afur (4) barreessi, lakkoofsa Macaafa Qulqulluus waliin deggari.
3️⃣ Docetism fi Gnosticism wal bira qabii ibsi. Tokkoon tokkoon isaanii waa'ee namummaa Yesuus maal barsiisu? Macaafni Qulqulluun maaliif isaan ni morma?
4️⃣ Walitti Hidhamiinsa Uumamoota Lama (Hypostatic Union) maal jechuu dha? Jechoota armaan gadii hiika isaanii barreessi:
Walitti hin makamin (inconfusedly)
Hin jijjiiramin (unchangeably)
Hin qoodamin (indivisibly)
Wal irraa hin addaan ba'iin (inseparably)
🔸🔸🔸🔸🔸🔸🔸🔸🔸🔸🔸🔸🔸🔸🔸
Deebii Hojii manaa, akkasumas yaada barumsa kana irratti qabdan @MILKAN19 irratti nuuf qoodaa.
1 261
😢 Boo'eera
📖 Yohaannis 11:35
Yesus imimmaan isaa dhangalaase*.
Yeroo ALaazaar du'e, maatii isaa waliin boo'e.
Kun inni jaalala fi gara-laafina guddaa qabu agarsiisa.
❤️ Garaan Isaa Laafa dha.
📖 Maatewos 9:36
Namoota akka hoolota tiksee hin qabneetti bittinnaa'an arguudhaan garaan isaa ni laafe.
😡 Aare
📖 Marqoos 3:5
Inni namoota akka hoolota tiksee hin qabneetti bututanii, gatamanii turan sana yommuu arge isaaniif oo'e*.
Aariin isaa cubbuu irratti ture; namoota balleessuuf miti.
😊 Gammadeera
📖 Luqaas 10:21
Hafuura Qulqulluun gammadee Abbaa galateeffate.
😭 Dhiphateera
📖 Luqaas 22:44
Getesemaanee keessatti dhiphina guddaa keessa gale; dhiigni isaa akka copha dhiigaatti lafa bu'aa ture.
Kun Yesuus dhiphina namaa guutuu akka beeku agarsiisa.
⚔️ D. Yesuus Qorameera
📖 Ibroota 4:15
Yesuus akkuma keenya karaa hundumaan qorameera.
📖 Maatewos 4:1-11
Seexanaan qorame.
Qorumsawwan isaa keessaa:
🍞 Dhagaa buddeena godhi.
🏛 Mana qulqullummaa irraa of darbadhu.
👑 Mootummoota addunyaa kana hundumaa fudhadhu.
Garuu yeroo hunda Dubbii Macaafaatiin deebise.
Kanaaf:
✅ Qorame.
❌ Garuu cubbuu hin hojjenne.
💀 E. Yesuus Dhugumaan Dhiphate fi Du'e
Yesuus du'a fakkeessa miti kan inni du'ee du'a really ta'e du'e.
Inni:
😢 Yihudaan ganamee.
👊 Reebame.
🌵 Qoreen gonfame.
🩸 Dhiigni isaa dhangala'e.
✝️ Fannoo irratti fannifame.
💀 Dhugumaan du'e.
📖 Yohaannis 19:30
"Fiixaan Ba'eeraa"
Duuti isaa fayyina keenyaaf kaffaltii cubbuu ture.
3️⃣ 🧒 Yesuus Akka Namaatti Guddate
📖 Luqaas 2:52
Yesus immoo Waaqayyoo fi namoota irraa ayyaana argachaa, namummaadhaa fi ogummaatti in guddata ture*.
Kun agarsiisa:
🧠 Ogummaan guddate.
💪 Qaamaan guddate.
❤️ Hariiroon namoota waliin qabu ni guddate.
🙏 Jireenya hafuuraa keessattiis guutummaa ajajamuun jiraate.
4️⃣ 🙏 Yesuus Fedhii Namaa Qaba Ture
akkuma keenya fedha qaba ture
📖 Luqaas 22:42
“Yaa abbaa, kun akka fedha kee yoo ta'e, xoofoo dhiphinaa ani fudhachuudhaaf jiru kana ana irraa fuudhi; garuu akka ani jaalladhe utuu hin ta'in, akka ati jaallatte haa ta'u!” jedhe*.
Kun Yesuus akka namaatti fedhii qabaachuu isaa agarsiisa.
Garuu fedhii isaa fedhii Abbaa jala galche.
Kun ajajamuu guutuumaattii fi gad of deebisuu isaa mul'isa.
5️⃣ 👤 Yesuus Aadam Lammaffaa
📖 1 Qorontos 15:45
Yesuus "Aadam inni lammaffaan" jedhamee waamama.
👤 Aadam Tokkoffaa
❌ Cubbuu fide.
❌ Du'a fide.
❌ Addunyaatti abaarsa fide.
✝️ Yesuus
✅ Ajajamuu fide.
✅ Qajeelummaa fide.
✅ Jireenya bara baraa fide.
Kanaaf Yesuus jalqaba uumama haaraa ta'e.
6️⃣ 🧠 Hiika Ti'ooloojii Namummaa Yesuus
Namummaan Yesuus hiika guddaa qaba.
✝️ Inni bakka keenya bu'ee du'e.
🙏 Araaraa fi araarsaa keenya ta'e.
❤️ Dhiphina keenya ni hubata.
👣 Fakkeenya jireenyaa nuuf ta'a.
7️⃣ ❌ Dogoggora Barumsaa Waa'ee yesuus irratti xiyyeefatan
🚫 Docetism
Docetism jechuun barsiisa sobaa yeroo jalqaba Kiristaanoota keessatti babal'ate keessaa isa tokko dha. Jechi Docetism jedhu afaan Giriikii dokein irraa kan dhufe yoo ta'u, hiikni isaa "akka fakkaatu" ykn "mul'achuu qofa" jechuu dha.
Barumsi kun Yesuus Kiristoos qaama namaa dhugaa hin fudhanne jedha. Isaan akka amananitti Yesuus nama fakkaatee mul'ate malee, foon dhugaa akkuma keenyaatti hin qabu. Kana jechuun foon inni uffate jechuun isaanii foon dhugaa osoo hin taane, foon fakkaataa ykn mul'ata qofa ture jedhu. Kanaaf beela, dheebuu, dadhabina, dhiphina fi du'a isaa illee dhugaa osoo hin taane waan mul'atu/faakkaatu qofa ture jechuun barsiisu.
Barumsi kun garuu Macaafa Qulqulluu waliin guutummaatti wal faallessa. Macaafni Qulqulluun ilmi Waaqayyoo dhugumaan foon akka uffate a, Yesuus akka dhalate, akka beela'e, akka dheebote, akka dadhabe, akka rakkate, akka du'e fi du'aa ka'e ifatti barsiisa.
Yohaannis 1:14 ni jedhu: "Sagalichis nama foonii ta'ee, nu gidduus buufate. e*." Kana jechuun Ilmi Waaqayyoo nama dhugaa ta'ee akka dhufe mirkaneessa. Akkasumas 1 Yohaannis 4:2–3 fi 2 Yohaannis 7 keessatti ergamaan Yohaannis namoonni Yesuus Kiristoos fooniin dhufe jechuun hin amanne hafuurota sobaa akka ta'an ifatti akeekkachiisa.
1 261
.....📖 Christology Continuous Teaching #Part8:
🔻NAMUMMAA YESUUS KIRISTOOS (The Humanity of Christ)✝️
📖 Yaada Bu'uuraa (Core Idea)
Amantii Kiristiyaanaa keessatti dhugaan guddaan tokko jira. Innis Yesuus Kiristoos guutummaatti Waaqayyo ta'uu isaa qofa osoo hin taane, guutummaatti nama dhugaa ta'uu isaati.
Yesuus Waaqummaa isaa dhiisee nama hin taane; akkasumas Waaqummaa fi namummaa walakkaatti hin qoodane. Inni Waaqummaa isaa guutuu osoo hin gatiin, yeroo keessatti namummaa dhugaa uffate. Kanaaf Yesuus nama fakkaatee mul'ate qofa miti; dhugumaan nama ta'ee dhalate, guddate, beela'e, dheebote, dadhabe, booye, qorame, dhiphate, du'e fi mootummaa du'aa moo'ee du'aa ka'e.
📖 Yohaannis 1:14
Sagalichis nama foonii ta'ee, nu gidduus buufate. Ulfina isaa isa ayyaanaa fi dhugaadhaan guutes argine; ulfinni isaas isa ilmi tokkichi abbaa isaa irraa argatu ture*.
Wangeela Yohannis 1:14
Kun jechuun Ilmi Waaqayyoo dhugumaan nama ta'ee gara biyya lafaa dhufe jechuu dha.
Namummaan Yesuus barumsa Kristooloojii keessatti bu'uura. Yoo Yesuus nama dhugaa hin taane ta'e:
❌ Bakka keenya bu'ee du'uu hin danda'u ture.
❌ Cubbuu keenyaaf aarsaa ta'uu hin danda'u ture.
❌ Waaqayyoo fi nama gidduutti araaraa buusuu hin danda'u ture.
❌ Fayyinni keenya guutuu ta'uu hin danda'u ture.
Kanaaf namummaan Yesuus fayyina keenyaaf baay'ee barbaachisaa dha.
1️⃣ Maaliif Namummaan Yesuus Barbaachisaa Dha?
Yesuus nama dhugaa ta'uun isaa sababoota hedduuf barbaachisaa dha.
Tokkoffaa, seera Waaqayyoo kan cabse nama waan ta'eef, cubbuu namaa kaffaluuf nama dhugaa qofatu barbaachisa ture. Waaqayyo namaa bakka bu'ee du'uuf Yesuus nama ta'ee dhufe.
📖 Roomaa 5:18-19
Akkuma Aadam jalqabaa sababa cubbuutiin namoota hunda badiisa jalatti galche, Yesuus immoo ajajamuu isaatiin jireenya bara baraa fide.
Lammaffaa, Yesuus nama waan ta'eef dhiphina keenya hunda hubata. Inni beela'eera, dheeboteera, dadhabeera, bo'eera, qorameera; kanaaf rakkoo keenya ni hubata.
📖 Ibroota 4:15
Cubbuutu irraa dhabame malee, angafa lubootaa isa karaa hundumaan akka keenya qorame qabna; isa dadhabbiin keenya garaa isaa hin rukunne garuu hin qabnu.
Ibroota 4:15
Kanaaf yeroo dhiphannu gara Yesuus amanamummaadhaan dhihaachuu dandeenya.
2️⃣ Ragaa Macaafa Qulqulluu Namummaa Yesuus Dhugaa bahan
👶 A. Yesuus Nama Dhugaa Ta'ee Dhalate
Yesuus akkuma nama kamiyyuu haadha irraa dhalate.
📖 Luqaas 2:7
angafa ilma ishee deessee, lafa bultii kara-deemtuutii iddoo hin arganne waan turaniif, wayyaa itti martee, siree horiin keessaa nyaatu irra ciibsite. *
Wangeela Luqaas 2:7
Kun Yesuus dhugumaan seenaa namaa keessatti dhalachuu isaa agarsiisa.
Inni:
👶 Daa'ima ta'ee dhalate.
🏠 Maatii keessatti guddate.
👨👩👦 Maatii qaba ture.
🌍 Biyya Israa'el keessa jiraate.
Kanaaf Yesuus nama kan fakkaatu miti; nama dhugaa dha.
🍞 B. Yesuus Qaama Nama Dhugaa Qaba Ture
Yesuus qaama namaa dhugaa qaba ture.
Kana jechuun qaamni isaa akkuma keenya ture.
🍽 Nyaateera
Kana irratti isaan qurxummii waadamaa seeraa tokko kenninaaniif*, inni fudhatee isaan fuul duratti nyaate*.
Wangeela Luqaas 24:42-43
Du'aa ka'ee boodallee qurxummii nyaate.
Kun qaamni isaa dhugaa akka ture mirkaneessa.
💧 Dheeboteera
📖 Yohaannis 19:28
Yesus amma wanti hundinuu fiixaan ba'uu isaa beekee, dubbii macaafaa fiixaan baasuudhaaf, “Nan dheebodhe” jedhe*.
Wangeela Yohannis 19:28
Fannoo irratti dheebuu dhugaa qaba ture.
😴 Rafeera
Yesus garuu bidiricha keessa gara duubaatiin waa boraafatee in rafa ture. Wangeela Maarqos 4:38
Doonii keessatti rafee boqote.
😓 Dadhabeera
📖 Yohaannis 4:6
...Yesus karaa adeemaa oolee waan dadhabeef.....Wangeela Yohannis 4:6
🍞 Beela'eera
📖 Maatewos 4:2
Guyyaa afurtama soomee booda beela'e.
Kun hundi Yesuus qaama namaa dhugaa qabaachuu isaa mirkaneessa.
❤️ C. Yesuus Miira Namaa Guutuu Qaba Ture
Yesuus qaama qofa osoo hin taane, miira namaa guutuu qaba ture.
1 261
📢 POST GRADUATES SUMMER PROGRAM —1 Week Left
❇️❇️CHRIST AMBASSADORS——-> ONE WEEK TWO GO❇️❇️
📆Adooleessa 26, 2018EC
⏰ 8:00LT ( waaree booda)
📍Waldaa Burqaa Rehoobot, Hospitaalaa Phawuloos Fuulduraa
━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━
🎯 WE ARE FOCUSED
📖 WE PREACH THE GOSPEL
🌍 WE REACH THE NATION
━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━
📲 Follow Us:
Website | YouTube | TikTok | Instagram | Facebook
💜❤️💜 YOURS FOCUS 💜❤️💜
1 261
📢CHRISTOLOGY CONTINUES TEACHING #PART8
🔻 THE HUMANITY OF CHRIST
Cubbuutu irraa dhabame malee, angafa lubootaa isa karaa hundumaan akka keenya qorame qabna; isa dadhabbiin keenya garaa isaa hin rukunne garuu hin qabnu. Ibroota 4:15🤝Nagaan fi ayyaanni Waaqayyoo hunda keessaniif haa baayyatu. Akkam nagaa jirtuu, maatii FOCUS? 🔹Barnoonni waliittii fufaan mataduree "CHRISTOLOGY" jedhu ammas yeroo isaa eeggatee itti fufee jira. 🔹Maarree kutaa 8ffaan guyyaa boruu galagala mata duree xiqqaa "#NAMUMMAA_YESUUS_KIRISTOOS" jedhuun itti fufa. 🔸Kanaaf hundumti keenya yeroo keenya mijeffannee irraa haa barannu. 📌Hubachiisa: Barumsi kuni audio fi barreeffaman qophaa'ee jira. Hiriyyota keessanis affeeruu hin dagatiinaa. 📆Guyyaa:Dilbata(26-7-2026) ⏰ Sa’aatii: 1:00 galgala (LT) 📍 Channel: @Focus_jit Telegram ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━ 🎯 WE ARE FOCUSED 📖 WE PREACH THE GOSPEL 🌍 WE REACH THE NATION ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━ 📲 Follow Us: Website | YouTube | TikTok | Instagram | Facebook 💜❤️💜 YOURS FOCUS 💜❤️💜
1 261
🔊Christology Continuous Teaching #Part7
🔻YESUUS EENYUMMAA ISAA OFII ISAA IBSE (JESUS' SELF-IDENTITY)
Audion barumsa #Christology #part7 akka kanatti qophaa'ee jira.
📌Barumsi kuni barnoota kana booda barannuuf hundee waan ta'eef sirriitti akka hordoftan isin yaadachiifna.
🔸Akkasumallee HIRIYYOOTA keessan kamillee hirmaachisuu akka hin daganne.
━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━
🎯 WE ARE FOCUSED
📖 WE PREACH THE GOSPEL
🌍 WE REACH THE NATION
━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━
📲 Follow Us:
Website | YouTube | TikTok | Instagram | Facebook
💜❤️💜 YOURS FOCUS 💜❤️💜
1 261
Yesuus Macaafni Qulqulluun waa’ee isaa akka dhugaa ba’u barsiise.
📖 Yohaannis 5:39
“Caaffata qullaa'oo keessaa jireenya bara baraa qabna jettanii waan yaaddaniif, caaffatoota in qortu; caaffatoonni sunis immoo anaaf dhugaa in ba'u*.”
📖 Maatewos 5:17
“Yesus, “Seeraa fi barsiisa raajotaa diiguudhaaf waanan dhufe hin se'inaa, ani isaan raawwachuudhaafan dhufe malee, diiguudhaaf hin dhufne*.”
📖 Luqaas 24:27
‘Ilmi namaa harka warra cubbamootaatti kennamuuf, fannifamuuf, guyyaa sadaffaattis du'aa ka'uuf jira’ jedhe” ittiin jedhan*.
Wangeela Luqaas 24:7
Macaafa Qulqulluu hunda keessaa waa’ee isaa ibse.
✅ Kana jechuun Yesuus Macaafa Qulqulluu irraa adda miti ykn faalla miti; inni kaayyoo fi raawwii isaa ti.
✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨
9️⃣ Yesuus fi Waaqeffannaa
━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━
Yesuus waaqeffannaa fudhachuu isaa keessatti wanti guddaan mul’ata:
📖 Maatewos 14:33
👉 Bartoonni isaaf sagadan.
"Kana irratti warri bidiricha keessaa Yesusiif sagadanii, “Ati dhuguma ilma Waaqayyoo ti!” jedhaniin*"
📖 Yohaannis 20:28
👉 Toomaas: “Toomaasis, “Gooftaa ko, Waaqayyo ko!” jedhee deebiseef*.
Wangeela Yohannis 20:28” jedhe.
🔴 Seera Yihuudotaa keessatti waaqeffannaan Waaqayyo qofaaf kennama. Garuu Yesuus waaqeffannaa kana fudhate.
✝️ Kun eenyummaan isaa nama qofa akkas hin taane mul'isa .
✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨
🔟 Xumura
━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━
Yesuus ofiin eenyummaa isaa karaa adda addaatiin mul’ise:
✅ Ilma Waaqayyoo addaa dha
✅ Hariiroo addaa fi hin fakkaanne Abbaa wajjin qaba
✅ Eenyyummaa Waaqummaa qaba
✅ “ANA” jechuun maqaa Waaqayyoo wajjin wal qabata
✅ Masihii guutuu dha
✅ Inni abdii Kakuu Moofaa raawwate
✅ Ergamaa fi eenyummaa walitti qaba
✅ Hojii fayyinaa inni raawwatu eenyummaa isaa irraa madde
🔥🔥🔥🔥🔥🔥🔥🔥🔥🔥🔥🔥🔥🔥🔥🔥🔥
📖 Yohaannis 10:30
“Abbaanii fi ani tokko” isaaniin jedhe*.
Wangeela Yohannis 10:30”
💬 Maal goonaa?
Yesuus waan ofiin jedhe yeroo beeknu, amantiin keenya bu’uura qabaata.
━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━
✝️ “Yesus gooftaa akka ta'e afaan keetiin yoo beeksifte, Waaqayyo du'aa akka isa kaase immoo garaa keetti yoo amante fayyina bara baraa in argatta*.
Roomaa 10:9” — Room 10:9
━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━
📚📝 Homework – Kristooloojii: Yesuus Eenyu Akka Ta'e Ofiin Maal Jedhe?
📖 Gaaffii 1 ✍️ Yesuus eenyummaa isaa ofiin karaa kamiin mul'ise? Fakkeenya Macaafa Qulqulluu irraa lama barreessi.
📖 Gaaffii 2 💬 Yesuus yeroo "ANI DHA" (Yohaannis 8:58) jedhetti hiikni isaa maal ture? Jechi kun Ba'uu 3:14 wajjin akkamitti wal qabata?
📖 Gaaffii 3 👤 Maqaan "Ilma Namaa" jedhu Yesuus ofiin itti fayyadame hiika akkamii qaba? Dhiphina isaa, aangoo isaa fi ulfina isaa akkamitti ibsa?
📖 Gaaffii 4 🤝 Yesuus fi Abbaan hariiroo akkamii qabu? Caqasa Yohaannis 10:30 — "Anii fi Abbaan tokko" — irratti hundaa'uun hiika isaa ibsi.
🔸🔸🔸🔸🔸🔸🔸🔸🔸🔸🔸🔸🔸🔸🔸🔸
Deebii Hojii manaa, akkasumas yaada barumsa kana irratti qabdan @MILKAN19 irratti nuuf qoodaa.
━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━
🎯 WE ARE FOCUSED
📖 WE PREACH THE GOSPEL
🌍 WE REACH THE NATION
━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━
📲 Follow Us:
Website | YouTube | TikTok | Instagram | Facebook
💜❤️💜 YOURS FOCUS 💜❤️💜
1 261
⚠️ Kanaaf Yesuus waa'ee hojii qofa dubbachaa hin turre; inni eenyummaa Waaqummaa isaa mul’isaa ture.
✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨
4️⃣ Aangoo Yesuus Eenyummaa Isaa Mul’isu
━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━
Yesuus aangoo addaa qabaachuu isaa yeroo hedduu ibse:
📖 Marqoos 8:31
👉 Du’a isaa dursee beeka — duuti isaa balaa isa mudatu qofa akka hin taane, karoora Waaqayyoo keessatti akka jiru ibse.
📖 Yohaannis 6:38
“Fedha ofii kootii raawwachuudhaaf miti, fedha isa ana ergee raawwachuudhaafan waaqa irraa gad bu'e malee*.
Wangeela Yohannis 6:38”
👉 Kun madda isaa samii irraa akka ta’e mul’isa.
📖 Maatewos 12:6
“Mana qulqullummaa irra kan caalu as akka jiru, ani isinittan hima*.
Wangeela Maatewos 12:6”
👉 Yesuus ofii isaa sirna mana qulqullummaa caalaa ol ta’e akka qabu dubbata.
💪 Kanaaf Yesuus nama aangoo hin qabne miti; inni karoora Waaqummaa keessatti hojii isaa raawwataa jira.
✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨
5️⃣ Maqaa “Ilma Namaa” (Son of Man)
━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━
Maqaan Yesuus yeroo baay’ee ofiin itti fayyadame: “Ilma Namaa” dha.
Namoonni tokko tokko maqaa kana akka nama qofa agarsiisutti ilaalan. Garuu Yesuusitti hiikni isaa caalaadha.
📖 Daani’eel 7:13–14
👉 Mul’ata keessatti “Ilmi namaa” tokko samii irraa dhufee:
• aangoo bara baraa fudhata
• mootummaa argata
• saboonni hundinuu isaaf ni bitamu
Yesuus maqaa kana fayyadamuun eenyummaa Masihii mootummaa qabaatu mul’isa.
🔹 Maqaa “Ilma Namaa” keessatti dhimmoota sadii walitti qabata:
1 Dhiphina:
📖 Marqoos 8:31 “Yesusis, “Ilmi namaa maanguddootaa fi luboota warra angafootaatiin, barsiisota seeraatiin guddaa dhiphachuunii fi raawwatee tuffatamuun, du'atti kennamuun in ta'a; guyyaa sadii booddee garuu du'a keessaa in ka'a” jedhee isaan barsiisuutti ka'e*.
Wangeela Maarqos 8:31”
2 Aangoo:
📖 Marqoos 2:10 “Garuu ilmi namaa lafa irratti dhiifamuu cubbuu kennuudhaaf aboo akka qabu beekaa!” isaaniin jedhe. Isa dhagni isaa gar tokko du'een immoo...”
3 Ulfina dhumaa:
📖 Maatewos 25:31 “Yesus ammoo, “Ilmi namaa ulfina isaatiin, ergamoonni Waaqayyoos hundinuu isaa wajjin in dhufu; yommus inni teessoo ulfina isaatii irra in taa'a*.
Wangeela Maatewos 25:31”
🎯 Kanaaf Ilmi Namaa jechuun Yesuus Isa dhiphate,dhiphina booda aangoo qabaate, akkasumas ulfinaan mootummaa isaan akka dhufa himaa.
✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨
6️⃣ Maqaa “Ilma Waaqayyoo” (Son of God)
━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━
Yesuus bara bara keessatti iyyuu ilma waaqayyoodha.
Yesuus maqaa Ilma Waaqayyoo jedhu qaba.
Maqaan kun karaalee hedduun ragaa baa'ame:
👼 Ergamichi Gabri’eel:
📖 Luqaas 1:35 — Yesuus Ilma Waaqayyoo akka ta’e ibse.
Ergamichi immoo, “Hafuurri qulqulluun si irra in bu'a, humni aabbaas si golbooba, kanaafis mucichi si irraa dhalatu kun qulqulluudhaa fi ilma Waaqayyoo jedhamee in waamama*.
Wangeela Luqaas 1:35
👥 Bartoonni isaa:
📖 Maatewos 14:33 “Kana irratti warri bidiricha keessaa Yesusiif sagadanii, “Ati dhuguma ilma Waaqayyoo ti!” jedhaniin*. ”
👿 Hafuuroonni xuraa’oon illee:
📖 Marqoos 1:24 — eenyummaa isaa beekan.
☁️ Abbaan:
📖 Marqoos 1:11 “Sagaleen immoo, “Ati ilma koo isa jaallatamaa dha; gammachuun koos sitti in raawwatama” jedhee waaqa irraa dubbate*.”
✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨
7️⃣ Yesuus Waa’ee Ergama Isaa Maal Jedhe?
━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━
Eenyummaan Yesuus ergama isaa irraa adda hin ba’u:
📖 Luqaas 19:10
Ilmi namaa isa bade barbaaduudhaaf fayyisuudhaafis dhufeera” jedhe*.
👉warraa Badee barbaaduuf dhufe — namoota cubbuu keessatti badan deebisuuf dhufe.
📖 Marqoos 10:45
👉 Jireenya isaa furii kennuuf dhufe — du’a isaatiin fayyina kennuuf dhufe.
📖 Yohaannis 1:18
👉 Abbaa mul’isuuf dhufe — Waaqayyo Abbaan eenyu akka ta’e karaa isaa(Yesuus )beekna.
📖 Yohaannis 10:10
👉 Jireenya bara baraa kennuuf dhufe.
🔗 Kanaaf eenyummaan Yesuus fi ergamni isaa wal irraa hin cinne.
✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨
8️⃣ Yesuus fi Macaafa Qulqulluu
━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━
1 261
.....📖 Christology Continuous Teaching #Part7:
🔻YESUUS EENYUMMAA ISAA OFII ISAA IBSE (JESUS' SELF-IDENTITY)
📖 Yesuus Eenyu Akka Ta’e Ofiin Maal Jedhe?
━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━
📌 Yaada Bu’uuraa (Core Idea)
━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━
Gaaffii guddaa Kristooloojii keessatti ka’u keessaa inni tokko:
❓ “Yesuus Kiristoos eenyu akka ta’e ofiin maal jedhe?”
Yesuus yeroo tajaajila isaa lafa irratti raawwatu waa’ee Waaqayyoo qofa hin barsiisne; garuu eenyummaa isaa, hariiroo isaa Waaqayyoo wajjin qabu, aangoo isaa fi ergama isaa illee mul’ise. Kanaaf, hubannoon Kiristiyaanaa hundi gaaffii kana irratti hundaa’a:
👉 “Yesuus eenyu?”
🤔 Yoo eenyummaan Yesuus sirriitti hubatame, amantii Kiristiyaanaa, hojii fayyinaa isaa fi mootummaa Waaqayyoo sirriitti hubachuu dandeenya. Garuu yoo eenyummaan isaa dogoggoraan hubatame, bu’uura amantii Kiristiyaanaa irratti dogoggorri uumamuu danda’a.
✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨
1️⃣ Maaliif Eenyummaa Yesuus Hubachuun Barbaachisaa Dha?
━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━
🔹 Eenyummaa Yesuus beekuun sababoota hedduudhaaf murteessaadha. Sababni isaa inni jalqabaa, Yesuus Waaqa ta’uu isaa ofiin mul’isee moo miti? jedhu hubachuuf nu gargaara.
🔹 Yesuus nama barsiisaa ta'e qofa moo nama Waaqayyo irraa dhufe qofa? Moo inni eenyummaa addaa fi Waaqummaa qaba? Gaaffiin kun bu’uura Kristooloojii ti.
🔹 Akkasumas, tajaajila Yesuus sirriitti hubachuuf eenyummaan isaa murteessaadha. Sababni isaa hojii inni hojjete, jechuun cubbuu dhiisuu, fayyina kennuu, du’a moo’uu fi jireenya bara baraa kennuun eenyummaa isaa waliin wal qabata.
🔹 Kanaaf Kiristiyaanummaan waa’ee Yesuus qofa osoo hin taane, Yesuus eenyu akka ta’e irratti dhaabbata.
✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨
2️⃣ Hariiroo Addaa Yesuus Waaqayyoo Waliin Qabu
━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━
Yesuus yeroo baay’ee Waaqayyoon:
🙏 “Abbaa koo” jechuun waama.
👉 Kun jecha salphaa kan akka namoonni hundi “Abbaa keenya” jedhan miti. Yesuus hariiroo addaa fi adda ta’e Waaqayyoo wajjin akka qabu ibsa.
📖 Maatewos 11:27
“Abbaan koo waan hundumaa dabarsee anatti kenneera; abbaa duwwaatu isa beeka malee, ilma kan beeku tokko illee hin jiru, ilma isaatii fi warra ilmi isaa itti mul'isuu barbaadetu abbaa beeka malee, abbaa kan beekus tokko illee hin jiru” jedhe*. ”
💡 Caqasni kun Yesuus fi Waaqayyoo Abbaa gidduu hariiroo addaa jiru mul’isa. Yesuus Waaqayyoon beekumsa nama biraa caaluun beeka; inni Abbaa mul’isuuf dhufe.
🔑 Kana jechuun Yesuus Waaqayyoo Abbaan alaan beekuu qofa miti; inni hariiroo keessaa fi dhumaa hin qabne qaba.
✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨
3️⃣ Dubbii “ANA DHA” (I AM) Yesuus
━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━
Wangeela Yohaannis keessatti Yesuus jechoota “Ana dha” jedhu yeroo hedduu fayyadama. Jechoonni kun hojii isaa qofa ibsuu miti; eenyummaa isaa gadi fagoo mul’isu.
📖 Yohaannis 6:35
“Ani buddeena jireenyaa dha.”
👉 Kana jechuun jireenyi dhugaan karaa isaa akka dhufu agarsiisa.
📖 Yohaannis 8:12
“Yesus ammas namootatti dubbatee, “Ani ifa biyya lafaa ti, namni ana duukaa bu'u ifa jireenyaa in qabaata malee, dukkana keessa hin adeemu” isaaniin jedhe*.
Wangeela Yohannis 8:12”
👉 Yesuus dukkana cubbuu keessaa nama baasu akka ta’e ibsa.
📖 Yohaannis 11:25
“Yesus garuu, “Du'aa ka'uun, jireenyis ana; namni anatti amanu yoo du'e iyyuu in jiraata*.
Wangeela Yohannis 11:25”
👉 Jireenya irratti aangoo akka qabu mul’isa.
📖 Yohaannis 14:6
“Yesus deebisee, “Karichi, dhugaan, jireenyis, ana; anaan yoo ta'e malee, eenyu iyyuu gara abbaa hin dhufu*.
Wangeela Yohannis 14:6.”
👉 Fayyinni karaa Yesuus qofa akka dhufu ibsa.
🔥 Garuu dubbii isa caalaa nama ajaa’ibsiisu:
📖 Yohaannis 8:58
“Yesus immoo deebisee, “Dhuguma, dhuguman isinitti hima, Abrahaam utuu hin dhalatin iyyuu ani jiran ture” isaaniin jedhe*.
Wangeela Yohannis 8:58.”
👉 Jechi “ANI ” jedhu Kakuu Moofaa keessatti maqaa Waaqayyoo wajjin wal qabata.
📖 Ba’uu 3:14
Waaqayyo Museedhaan:
“Waaqayyo deebisee Museedhaan, “Ani ‘Isa jiraataa dha,’ ati immoo saba Israa'eliin, ‘Inni jiraataan isinitti na ergeera’ in jetta*.
Seera Ba'uu 3:14”
jedhe.

1️⃣ Dhiphina:
📖 Marqoos 8:31 “Yesusis, “Ilmi namaa maanguddootaa fi luboota warra angafootaatiin, barsiisota seeraatiin guddaa dhiphachuunii fi raawwatee tuffatamuun, du'atti kennamuun in ta'a; guyyaa sadii booddee garuu du'a keessaa in ka'a” jedhee isaan barsiisuutti ka'e*.
Wangeela Maarqos 8:31”
2️⃣ Aangoo:
📖 Marqoos 2:10 “Garuu ilmi namaa lafa irratti dhiifamuu cubbuu kennuudhaaf aboo akka qabu beekaa!” isaaniin jedhe. Isa dhagni isaa gar tokko du'een immoo...”
3️⃣ Ulfina dhumaa:
📖 Maatewos 25:31 “Yesus ammoo, “Ilmi namaa ulfina isaatiin, ergamoonni Waaqayyoos hundinuu isaa wajjin in dhufu; yommus inni teessoo ulfina isaatii irra in taa'a*.
Wangeela Maatewos 25:31”
🎯 Kanaaf Ilmi Namaa jechuun Yesuus Isa dhiphate,dhiphina booda aangoo qabaate, akkasumas ulfinaan mootummaa isaan akka dhufa himaa.
✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨
6️⃣ Maqaa “Ilma Waaqayyoo” (Son of God)
━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━
Yesuus bara bara keessatti iyyuu ilma waaqayyoodha.
Yesuus maqaa Ilma Waaqayyoo jedhu qaba.
Maqaan kun karaalee hedduun ragaa baa'ame:
👼 Ergamichi Gabri’eel:
📖 Luqaas 1:35 — Yesuus Ilma Waaqayyoo akka ta’e ibse.
Ergamichi immoo, “Hafuurri qulqulluun si irra in bu'a, humni aabbaas si golbooba, kanaafis mucichi si irraa dhalatu kun qulqulluudhaa fi ilma Waaqayyoo jedhamee in waamama*.
Wangeela Luqaas 1:35
👥 Bartoonni isaa:
📖 Maatewos 14:33 “Kana irratti warri bidiricha keessaa Yesusiif sagadanii, “Ati dhuguma ilma Waaqayyoo ti!” jedhaniin*. ”
👿 Hafuuroonni xuraa’oon illee:
📖 Marqoos 1:24 — eenyummaa isaa beekan.
☁️ Abbaan:
📖 Marqoos 1:11 “Sagaleen immoo, “Ati ilma koo isa jaallatamaa dha; gammachuun koos sitti in raawwatama” jedhee waaqa irraa dubbate*.”
✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨
7️⃣ Yesuus Waa’ee Ergama Isaa Maal Jedhe?
━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━
Eenyummaan Yesuus ergama isaa irraa adda hin ba’u:
📖 Luqaas 19:10
Ilmi namaa isa bade barbaaduudhaaf fayyisuudhaafis dhufeera” jedhe*.
👉warraa Badee barbaaduuf dhufe — namoota cubbuu keessatti badan deebisuuf dhufe.
📖 Marqoos 10:45
👉 Jireenya isaa furii kennuuf dhufe — du’a isaatiin fayyina kennuuf dhufe.
📖 Yohaannis 1:18
👉 Abbaa mul’isuuf dhufe — Waaqayyo Abbaan eenyu akka ta’e karaa isaa(Yesuus )beekna.
📖 Yohaannis 10:10
👉 Jireenya bara baraa kennuuf dhufe.
🔗 Kanaaf eenyummaan Yesuus fi ergamni isaa wal irraa hin cinne.
✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨
8️⃣ Yesuus fi Macaafa Qulqulluu
━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━
Yesuus Macaafni Qulqulluun waa’ee isaa akka dhugaa ba’u barsiise.
1 261
📖 YESUS EENYUMMAA ISAA ISA OFII ISAA IBSE (JESUS' SELF-IDENTITY)
📖 Yesuus Eenyu Akka Ta’e Ofiin Maal Jedhe?
━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━
📌 Yaada Bu’uuraa (Core Idea)
━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━
Gaaffii guddaa Kristooloojii keessatti ka’u keessaa inni tokko:
❓ “Yesuus Kiristoos eenyu akka ta’e ofiin maal jedhe?”
Yesuus yeroo tajaajila isaa lafa irratti raawwatu waa’ee Waaqayyoo qofa hin barsiisne; garuu eenyummaa isaa, hariiroo isaa Waaqayyoo wajjin qabu, aangoo isaa fi ergama isaa illee mul’ise. Kanaaf, hubannoon Kiristiyaanaa hundi gaaffii kana irratti hundaa’a:
👉 “Yesuus eenyu?”
🤔 Yoo eenyummaan Yesuus sirriitti hubatame, amantii Kiristiyaanaa, hojii fayyinaa isaa fi mootummaa Waaqayyoo sirriitti hubachuu dandeenya. Garuu yoo eenyummaan isaa dogoggoraan hubatame, bu’uura amantii Kiristiyaanaa irratti dogoggorri uumamuu danda’a.
✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨
1️⃣ Maaliif Eenyummaa Yesuus Hubachuun Barbaachisaa Dha?
━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━
🔹 Eenyummaa Yesuus beekuun sababoota hedduudhaaf murteessaadha. Sababni isaa inni jalqabaa, Yesuus Waaqa ta’uu isaa ofiin mul’isee moo miti? jedhu hubachuuf nu gargaara.
🔹 Yesuus nama barsiisaa ta'e qofa moo nama Waaqayyo irraa dhufe qofa? Moo inni eenyummaa addaa fi Waaqummaa qaba? Gaaffiin kun bu’uura Kristooloojii ti.
🔹 Akkasumas, tajaajila Yesuus sirriitti hubachuuf eenyummaan isaa murteessaadha. Sababni isaa hojii inni hojjete, jechuun cubbuu dhiisuu, fayyina kennuu, du’a moo’uu fi jireenya bara baraa kennuun eenyummaa isaa waliin wal qabata.
🔹 Kanaaf Kiristiyaanummaan waa’ee Yesuus qofa osoo hin taane, Yesuus eenyu akka ta’e irratti dhaabbata.
✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨
2️⃣ Hariiroo Addaa Yesuus Waaqayyoo Waliin Qabu
━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━
Yesuus yeroo baay’ee Waaqayyoon:
🙏 “Abbaa koo” jechuun waama.
👉 Kun jecha salphaa kan akka namoonni hundi “Abbaa keenya” jedhan miti. Yesuus hariiroo addaa fi adda ta’e Waaqayyoo wajjin akka qabu ibsa.
📖 Maatewos 11:27
“Abbaan koo waan hundumaa dabarsee anatti kenneera; abbaa duwwaatu isa beeka malee, ilma kan beeku tokko illee hin jiru, ilma isaatii fi warra ilmi isaa itti mul'isuu barbaadetu abbaa beeka malee, abbaa kan beekus tokko illee hin jiru” jedhe*. ”
💡 Caqasni kun Yesuus fi Waaqayyoo Abbaa gidduu hariiroo addaa jiru mul’isa. Yesuus Waaqayyoon beekumsa nama biraa caaluun beeka; inni Abbaa mul’isuuf dhufe.
🔑 Kana jechuun Yesuus Waaqayyoo Abbaan alaan beekuu qofa miti; inni hariiroo keessaa fi dhumaa hin qabne qaba.
✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨
3️⃣ Dubbii “ANA DHA” (I AM) Yesuus
━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━
Wangeela Yohaannis keessatti Yesuus jechoota “Ana dha” jedhu yeroo hedduu fayyadama. Jechoonni kun hojii isaa qofa ibsuu miti; eenyummaa isaa gadi fagoo mul’isu.
📖 Yohaannis 6:35
“Ani buddeena jireenyaa dha.”
👉 Kana jechuun jireenyi dhugaan karaa isaa akka dhufu agarsiisa.
📖 Yohaannis 8:12
“Yesus ammas namootatti dubbatee, “Ani ifa biyya lafaa ti, namni ana duukaa bu'u ifa jireenyaa in qabaata malee, dukkana keessa hin adeemu” isaaniin jedhe*.
Wangeela Yohannis 8:12”
👉 Yesuus dukkana cubbuu keessaa nama baasu akka ta’e ibsa.
📖 Yohaannis 11:25
“Yesus garuu, “Du'aa ka'uun, jireenyis ana; namni anatti amanu yoo du'e iyyuu in jiraata*.
Wangeela Yohannis 11:25”
👉 Jireenya irratti aangoo akka qabu mul’isa.
📖 Yohaannis 14:6
“Yesus deebisee, “Karichi, dhugaan, jireenyis, ana; anaan yoo ta'e malee, eenyu iyyuu gara abbaa hin dhufu*.
Wangeela Yohannis 14:6.”
👉 Fayyinni karaa Yesuus qofa akka dhufu ibsa.
🔥 Garuu dubbii isa caalaa nama ajaa’ibsiisu:
📖 Yohaannis 8:58
“Yesus immoo deebisee, “Dhuguma, dhuguman isinitti hima, Abrahaam utuu hin dhalatin iyyuu ani jiran ture” isaaniin jedhe*.
Wangeela Yohannis 8:58.”
👉 Jechi “ANI ” jedhu Kakuu Moofaa keessatti maqaa Waaqayyoo wajjin wal qabata.
📖 Ba’uu 3:14
Waaqayyo Museedhaan:
“Waaqayyo deebisee Museedhaan, “Ani ‘Isa jiraataa dha,’ ati immoo saba Israa'eliin, ‘Inni jiraataan isinitti na ergeera’ in jetta*.
Seera Ba'uu 3:14”
jedhe.
⚠️ Kanaaf Yesuus waa'ee hojii qofa dubbachaa hin turre; inni eenyummaa Waaqummaa isaa mul’isaa ture.
1 261
📢CHRISTOLOGY CONTINUES TEACHING #PART7
🔻JESUS’S SELF-IDENTITY.
Yesus deebisee, “Karichi, dhugaan, jireenyis, ana; anaan yoo ta'e malee, eenyu iyyuu gara abbaa hin dhufu. Wangeela Yohannis 14:6🤝Nagaan fi ayyaanni Waaqayyoo hunda keessaniif haa baayyatu. Akkam nagaa jirtuu, maatii FOCUS? 🔹Barnoonni waliittii fufaan mataduree "CHRISTOLOGY" jedhu ammas yeroo isaa eeggatee itti fufee jira. 🔹Maarree kutaa 7ffaan guyyaa boruu galagala mata duree xiqqaa "#YESUUS_ENYUMMAA_ISAA_OFII_IBSE(JESUS’S_SELF-IDENTITY)" jedhuun itti fufa. 🔸Kanaaf hundumti keenya yeroo keenya mijeffannee irraa haa barannu. 📌Hubachiisa: Barumsi kuni audio fi barreeffaman qophaa'ee jira. Hiriyyota keessanis affeeruu hin dagatiinaa. 📆Guyyaa: Dilbata(18-11-2026) ⏰ Sa’aatii: 1:00 galgala (LT) 📍 Channel: @Focus_jit Telegram ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━ 🎯 WE ARE FOCUSED 📖 WE PREACH THE GOSPEL 🌍 WE REACH THE NATION ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━ 📲 Follow Us: Website | YouTube | TikTok | Instagram | Facebook 💜❤️💜 YOURS FOCUS 💜❤️💜
1 261
🔊Christology Continuous Teaching #Part5
🔻YESUUS FI MOOTUMMAA WAAQAYYOO
Audion barumsa #Christology #part6 kana fakkaata.
📌Barumsi kuni barnoota kana booda barannuuf hundee waan ta'eef akka sirriitti hordoftan isin yaadachiifna.
🔸Akkasumallee HIRIYYOOTA keessan kamillee hirmaachisuu akka hin daganne.
━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━
🎯 WE ARE FOCUSED
📖 WE PREACH THE GOSPEL
🌍 WE REACH THE NATION
━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━
📲 Follow Us:
Website | YouTube | TikTok | Instagram | Facebook
💜❤️💜 YOURS FOCUS 💜❤️💜
1 261
D. Mul'ata Guutuu Waaqayyoo
📖 Ibroota 1:3
Yesuus ulfina Waaqayyoo guutummaatti mul'isa.
Namni Yesuusiin argan Waaqayyoo isa foon ufate argan.
1️⃣2️⃣ Maal haa goonure?
1 Yesuusiif Ajajamuu
Inni Gooftaa waan ta'eef jireenya keenya isaaf kennuu qabna.
2 Amanannaa Guutuu Qabachuu
Rakkoon kamiyyuu aangoo Yesuus caalu hin jiru.
Kanaaf yeroo hundumaa isa irratti amanachuu qabna.
3 Waaqeffannaa
Yesuus Waaqa waan ta'eef waaqeffamuu qaba.
4 Duuka Bu'ummaa
Duuka bu'aan Yesuus aangoo isaa jalatti jiraata.
Barsiisa isaa hojii irra oolchuu qaba.
🧠 Yaadannoo Ijoo (Key Verse)
📖 Maatewos 28:18
"Yesus immoo gara isaaniitti dhi'aatee, “Gooftummaan hundinuu waaqa irratti lafa irrattis anaaf kennameera*. Wangeela Maatewos 28:18."📌 Cuunfaa Yesuus Kiristoos aangoo daangaa hin qabne qaba. Inni: 🌊 Uumama irratti 💊 Dhukkuba irratti 👹 Hafuurota hamaa irratti ✝️ Cubbuu dhiisuu irratti 📜 Seera hiikuu irratti ⚰️ Du'aa fi jireenya irratti 🌍 Samii fi lafa irratti akkasumas, ⚖️ Murtii dhumaa irratti. Aangoo guutuu qaba. Kana hunda irraa kan ka'e, Yesuus barsiisaa qofa, raajii qofa, yookaan nama gaarii qofa miti. Inni Ilma Waaqayyoo, Gooftaa fi Mootii moototaa dha. Kanaaf amantoonni hundi isa amananii, isaaf ajajamanii, isa waaqeffatanii, aangoo isaa jalatti jiraachuu qabu. 📝 Homework : AANGOO YESUUS (The Authority of Jesus) 1️⃣ Aangoon Yesuus maal akka ta'e ibsi. Gaaffii: Aangoon Yesuus jechuun maal jechuudha? Yesuus aangoo isaa hojii fi barsiisa isaatiin akkamitti mul'ise? Fakkeenya Macaafa Qulqulluu lama kenni. 2️⃣ Yesuus aangoo isaa eessa-eessatti agarsiise? Gaaffii: Aangoo Yesuus keessaa keessaa afur (4) filadhu (fakkeenyaaf: uumama irratti, dhukkuba irratti, cubbuu dhiisuu irratti, du'a irratti, hafuurota hamaa irratti) fi tokkoon tokkoon isaanii irratti fakkeenya Macaafa Qulqulluu tokko barreessi. 3️⃣ Maatewos Boqonnaa 5 keessatti Yesuus maal barsiise? Gaaffii: Yesuus yeroo "Ani garuu isinittan hima..." jedhetti maal jechuu barbaade? Kun aangoo isaa akkamitti mul'isa? Deebii kee Macaafa Qulqulluu irraa deeggaruun barreessi. 4️⃣ Hojiirra Oolmaa (Application) Gaaffii: Aangoo Yesuus beekuun jireenya kee keessatti jijjiirama akkamii fide? Barumsa har'aa irraa wantoota sadii (3) hojii irra oolchuu barbaaddu barreessi. 🔸🔸🔸🔸🔸🔸🔸🔸🔸🔸🔸🔸🔸🔸🔸🔸 Deebii Hojii manaa, akkasumas yaada barumsa kana irratti qabdan @MILKAN19 irratti nuuf qoodaa. ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━ 🎯 WE ARE FOCUSED 📖 WE PREACH THE GOSPEL 🌍 WE REACH THE NATION ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━ 📲 Follow Us: Website | YouTube | TikTok | Instagram | Facebook 💜❤️💜 YOURS FOCUS 💜❤️💜
1 261
Naafaan tokko:
Sittan hima, ka'iitii siree kee fudhadhuu mana keetti gali!” jedheen*. Wangeela Maarqos 2:11Innis battalumatti ka'e. Yesuus qoricha hin fayyadamne. Dubbii isaa qofaan fayyisa. Kun aangoo Waaqummaa agarsiisa. 5️⃣ 👹 Aangoo Hafuurota Hamaa Irratti qabu 📖 Marqoos 1:24
“Yaa Yesus nama Naazireet, dhimma keenya keessa maaltu si buuse? Silaa nu balleessuu yaaddee dhuftee? Anoo eenyu akka ati taate si beeka, yaa qulqulluu Waaqayyoo” jedhe*.Deebii Yesusu deebisef:
Yesus garuu, “Gab jedhi, keessaa ba'is!” jedhee hafuuricha hamaa in ifate. Wangeela Maarqos 1:25Hafuurichi battalumatti ba'e. Hafuuroonni hamoonni: Isa sodaatu. Isaaf ni ajajamu. Isa mormuu hin danda'an. Kunis aangoo Waaqummaa isaa agarsiisa. 6️⃣ ✝️ Aangoo Dhiifama Cubbuu kennuu Kun aangoo guddaa keessaa isa tokko. 📖 Marqoos 2:5–7
Yesus amantii jarreen kanaa yommuu arge, namicha isa dhagni isaa gar tokko du'een, “Ilma koo, cubbuun kee hundinuu siif dhiifameera” jedhe*. Wangeela Maarqos 2:5Barsiisoni seeraa ni aaran. Sababni isaa:
“Attamitti namichi kun akkas dubbata? Kun Waaqayyoon arrabsuu isaa ti! Waaqayyo tokkicha malee eenyutu cubbuu namaaf dhiisuu danda'a?” jedhan*. Wangeela Maarqos 2:7Isaan sirrii turan. Dhuguma cubbuu dhiisuun hojii Waaqayyoo qofa. Garuu, Yesuus cubbuu ni dhiisa. Kana jechuun: Yesuus Waaqa ta'uu isaa ifatti mul'isa. 7️⃣ 📜 Aangoo Seeraa Irratti qabu Yesuus Seera Musee hin balleessine. 📖 Maatewos 5:17
Yesus, “Seeraa fi barsiisa raajotaa diiguudhaaf waanan dhufe hin se'inaa, ani isaan raawwachuudhaafan dhufe malee, diiguudhaaf hin dhufne*. Wangeela Maatewos 5:17Inni: Hiika sirrii seeraa kenna. Kaayyoo isaa ibsa. Gara qalbii namaatti geessa ykn nama hubachiisa. Fakkeenya:
Yesus itti fufee, “‘Hin ajjeesin, namni yoo nama ajjeese abboota firdii duratti itti in faradama’ jedhamee warra duriitti akka himame dhageessaniittu* Wangeela Maatewos 5:21Yesuus garuu akkas jedhe :
. Ani garuu isinittan hima, eenyu illee obboleessa isaatti yoo dheekkame abboota firdii duratti itti in faradama; obboleessa isaatiin ‘Doofaa’ yoo jedhe yaa'ii biyya seerratu duratti itti in faradama; obboleessa isaatiin ‘Raatuu’ yoo jedhe ibidda qililleetti itti in faradama*.Kana jechuun seerri hojii alaan mul'atu qofa miti; garaa namaas ilaala. 8️⃣ ⚰️ Aangoo Jireenyaa fi Du'aa Irratti qabu Yesuus du'a illee mo'eera. Fakkeenyoota: 👧 Intala Yaayiroos 📖 Marqoos 5
Harka ishees qabee, “Xaaliitaa quumii!” jedheen; kunis, “Intalo! Siinan jedha, ka'i!” jechuutti hiikama*. Wangeela Maarqos 5:41Isheenis ni kaate. 👦 Ilma haadha abbaan irraa du'e 📖 Luqaas 7 Yesuus du'aa yeroo isa kaase argina. 🪦 Alaazaar Du'aa guyyaa afur ture. Yesuus:
"Alaazaar,as ba'i!"Innis keessaa ba'e. Duuti fi du'aan illee isaaf ni ajajama. 9️⃣ 🧍♂️ 📖 Yohaannis 10:18
Homtinuu lubbuu koo na duraa hin fudhatu, anumatu ofii kootiin kenna malee. Ani lubbuu koo dabarsee kennuudhaaf, ammoo deebisee fudhachuudhaaf aboo qaba; abboommii kana immoo abbaa koo biraan fudhadhe” jedhe*.Kun hiika guddaa qaba. Yesuus: Yeroo du'aa isaa ni beeka. Ofii isaatiin of kenne. Namni humnaan isa hin ajjeefne. Duuti isa irratti aangoo hin qabu. 🔟 🌍 Aangoo Du'aa Ka'uu Booda qabu 📖 Maatewos 28:18
Yesus immoo gara isaaniitti dhi'aatee, “Gooftummaan hundinuu waaqa irratti lafa irrattis anaaf kennameera*. Wangeela Maatewos 28:18Kun aangoo guutuu dha. Yesuus: 👑 Samii irratti aangoo qaba. 🌍 Lafa irratti aangoo qaba. 👼 Ergamoota irratti aangoo qaba. 👹 Seexanaa irratti aangoo qaba. ⚖️ Guyyaa murtii irratti aangoo qaba. Kanaaf Kiristoos Mootii moototaa fi Gooftaa gooftotaa dha. 1️⃣1️⃣ 🧠 Hiika Ti'oolojii A. Yesuus Waaqa Ta'uu Isaa Mirkaneessa Namni nama qofa ta'e hojii kana hunda hojjechuu hin danda'u. Cubbuu dhiisuu, du'aa kaasu, uumama ajajuun hojii Waaqayyoo qofa. Kanaaf aangoon Yesuus Waaqummaa isaa mirkaneessa. B. Yesuus Masiihii Abdachiifame Dha Raajonni Kakuu Moofaa Mootii aangoo qabu akka dhufu dubbatan. Yesuus immoo raajii sana guute. C. Mootummaa Waaqayyoo Fiduu Dinqii fi hojii Yesuus hundi mootummaa Waaqayyoo akka dhufe agarsiisu.
1 261
.....📖 Christology Continuous Teaching #Part6:
AANGOO YESUUS (THE AUTHORITY OF JESUS)
Mata-dureen guddaan tajaajila Yesuus keessaa tokko aangoo isaa dha. Yesuus barsiisaa gaarii qofa miti; inni aangoo Waaqummaa qabuun dubbata, hojjeta, akkasumas mootummaa Waaqayyoo mul'isa.
Yesuus:
❌ Waa'ee Waaqayyoo qofa hin barsiisu.
✅ Garuu aangoo Waaqayyoo of keessaa qaba.
✅ Barsiisa isaa, hojii isaa, dinqii isaa fi murtii isaa hundumaa aangoodhaan raawwata.
Kanaaf Macaafni Qulqulluun Yesuusiin "kan aangoo qabu" jedhee ibsa.
🔶Qaxiiwwan ijoo:
1️⃣ 👑 Hiika "Aangoo" (Authority)
Jechi aangoo jedhu hiika bal'aa qaba.
hiikota kanan gadii qabachuu danda'a
🏛 Mirga bulchuu
📢 Mirga ajajuu
⚖️ Mirga murteessuu
💪 Humna hojii raawwachuu
👑 Abbaa taayitaa ta'uu
Afaan Giriikiitti jechi itti fayyadaman:
ἐξουσία (Exousia)Hiikni isaa:
Aangoo seera qabeessa, mirga guutuu fi humna hojii raawwachuudha.Kun humna qofa miti. Namni humna qabaachuu danda'a; garuu aangoo seeraa hin qabu. Fakkeenyaaf: Poolisiin humna qaba. Garuu humna sanatti fayyadamuuf mootummaa irraa aangoo /ajaja fudhachuu qaba. Yesuus garuu: Humna qaba. Aangoo qaba. Mirga qaba. Murtii kennuu danda'a. 2️⃣ 📖 Aangoo Yesuus Barsiisa Isaa Keessatti mul'ate 📖 Maatewos 7:28–29
Yesus dubbii isaa kana dubbatee yommuu raawwate, namoonni na'anii barsiisa isaa in dinqisiifatan*. Inni akka barsiisota seeraa warra kan isaanii utuu hin ta'in akka nama aboo qabuutti isaan in barsiisa ture*.Namoonni yeroo sana barsiisota hedduu dhaga'u turan. Garuu Yesuus adda ture. Barsiistonni Seeraa. Raajota quote godhu. "Museen jedhe..." "Waaqyyoo akkas jedhe..." "Abbootiin keenya akkasitti barsiisani."jedhu Yesuus Garuu akkas jedhee dubbate : Ani garuu isinittan hima
Yesus itti fufee, “‘Hin ajjeesin, namni yoo nama ajjeese abboota firdii duratti itti in faradama’ jedhamee warra duriitti akka himame dhageessaniittu*. Ani garuu isinittan hima, eenyu illee obboleessa isaatti yoo dheekkame abboota firdii duratti itti in faradama; obboleessa isaatiin ‘Doofaa’ yoo jedhe yaa'ii biyya seerratu duratti itti in faradama; obboleessa isaatiin ‘Raatuu’ yoo jedhe ibidda qililleetti itti in faradama*. Wangeela Maatewos 5:21-22📖 Maatewos 5:21–22, 27–28, 31–32, 33–34, 38–39, 43–44 Kun waan guddaa dha. Namni kamiyyuu akka kanati dubbachuu hin danda'u. Yesuus seera ibsu qofa osoo hin taane, abbaa seerichaa ofuma isaa akka ta'e agarsiisa. Kanaaf barsiifni isaa aangoodhaan kan guutame ture. 3️⃣ 🌊 Aangoo Uumama Irratti qabu Uumamni hundi Waaqayyoon uumaman. Kanaaf Waaqayyo qofatu isaan irratti aangoo qaba. Yesuusis aangoo isaa yeroo isaan irratti mul'isu argina. Fakkeenyoota: 🌪 Qilleensicha fi Dha'aa Bishaanichaa Abboome 📖 Marqoos 4:39 Yesuus jedhe:
Yesus dammaqee qilleensicha ifatee, dha'aa bishaanichaan immoo, “Cal jedhi, gab jedhis!” jedhe. Kana irratti qilleensichi dhaabannaan gabiin guddaan ta'e*. Wangeela Maarqos 4:39Battalumatti: qilleensicha dhaabbate. dha'ii bishaanichaa tasgabbaa'e. Barttoonni isaanii ni dinqisiifatan.
Isaan immoo guddaa sodaatanii, “Namni kun eenyu? Qilleensaa fi bishaan in abbooma, isaanis isaaf in abboomamu” waliin jedhan. Wangeela Maarqos 4:41🚶 Bishaan Irra Deeme 📖 Maatewos 14:25 Namni bishaan irra deemu hin danda'u. Yesuus garuu seera uumamaa ol ta'ee bishaan irra deeme. 🍞 Nyaata Baay'ise Buddeena shan fi qurxummii lama namoota kuma shan ol ta'an nyaachise. Kun aangoo uumama irratti qabu agarsiisa. 🌳 Muka Harbuu Goge 📖 Marqoos 11 Yesuus muka sana abaarnaan battalumatti goge. Kunis aangoo uumama irratti qabu mul'isa. 4️⃣ 💊 Aangoo Dhukkuba Irratti qabu Yesuus dhukkuba hunda irratti aangoo qaba. Inni: 👁 Jaamota fayyise. 🦽 Naafa utaalchisee. 🤒 Dhukkuba yeroo dheeraa fayyise. 🧴 Warra lamxiin qabaman ni qulqulleesse. Fakkeenya Namni lamxii qabu gara Yesuus dhufnaan, Yesuus akkas jedhe:
Kanaaf Yesus garaa laafeefii hiixatee qabee, “Fedheeraa qullaa'i!” ittiin jedhe. Wangeela Maarqos 1:41Namichi lamxiin sunis battalumatti fayye.
1 261
📢 POST GRADUATES SUMMER PROGRAM —2 Weeks Left
🤝Nagaa fi ayyaanni Gooftaa hunda keenyaaf haa baayyatu. Akkam nagaa jirtuu, maatii FOCUS-Kittoo?
🔹Akkuma duraan beeksifamee ture. Sagantaan #Post_Graduate_Summer_Program kana bara kanaa bifa addaan mata duree "Christ Ambassadors" jedhuun bifa addaan qophaa'ee nu eegaa jiraachuun isaa beekamaadha.
🔸Marree sagantaan addaa kun ga'uuf torbee lama qofatu hafee jira, kanaaf haala dursinee mijeeffannee akka irratti argamnu jaalala Waaqayyoon isin yaadachiifna.
❇️Akkasumas namootni biyya alaa fi qaaman argamtanii hirmaachuu hin dandeenye karaa social media keenyaa sagantaan kun online LIVE waan darbuuf social mediawwan keenya hordofuun nu eegaa