AVC - MUSLIM STUDENTS JEMA'A Official
رفتن به کانال در Telegram
AMANTII IFII BEEKHUN QAROOMINA بلغو عني ولو كان ءايه Nuti barattoonni jama'aa Barattoota Muslimaa KAV caayaa islaamummaa jalatti wal geenyee milkii guyyaa boruu Aakhiraa fi addunyaaf imalla. Inshallah!!
نمایش بیشتر999
مشترکین
اطلاعاتی وجود ندارد24 ساعت
-77 روز
-2630 روز
آرشیو پست ها
Repost from Spider Media
Allaahu Akbar
Paastaroonni 42 fi qeesonni 2 haadha manaasaanii
waliin #Abuja #Nigeria tti ISLAAMUMMAA fudhatan. Maddi: Barruu fooramii Naayirlaandi.
#SpiderMedia
Sheikhani Kun badanotti dhalatee shawaa lixaatti majlisa ilmii guudda qaraasisa jiraa Rabbiin bakka saniis bakka bu'aa isaan caalu bakka haa buusu isaaf firdoos jaffee jannataa isaaf haa afu
موت العالـِم موت العالَم!
إنا لله وإنا إليه راجعون ان لله ما أعطى وله ما أخذ وكل شىء عنده بأجل مسمى إن العين لتدمع وإن القلب ليحزن ولا نقول ما ما يرضي ربنا وإنا على فراقك ياشيخ خضر لمحزونون
Sheekh khadir Abdusamad mana isaanii kan dhugaatti galan rabbiin qabrii isaanii caffee jannataa haa godhuuf. Firdowsiin haa qananiisu
Rabbiin Maatii isaaniitii fi hawaaasa isaanii kan isaan dhabe bikka bu'aa haa ta'uuf
➡️ Yoo dhugaan soomante:
Ijji kee; gurri kee fi arrabni kee kijibaa fi haraamarraa haa soomuu.
Guyyaan soomaan ooltuu fi yeroon hin soomnes si biratti tokko tahuu hin qabu.
As wr wb Ayyuhassaa'imuun
Akkam jirtan yaa Jama'a
Soomni ho akkam ja'a
Hayye me dubbisa ga
Guddummaa ramadaanaa
Dhagahuun kiyya qaataa
Guyya dabaree kana jalqabaa
Akkamin ture laata?
Miiccadhee qulqullaa’uuf
Zambiikoo bara dheeraa
Rahmatasaa kajeelee
Ibaadaan jabaadheeraa?
Innoo tolasaa keessaa
Umurii naaf laateeraa
Zikriif du’aayii godhee
Qara’ee salaateeraa?
Erganni tareen booda
Kan hin qabaanne gaabbii
Guyyaa iklaasaan soomee
Halkan buleeraa dhaabbii?
Keyrii baatii kanaarraa
Argadhee laata bu’aa?
Moo nafsiyyaan honga’een
Duwwaa ba’e akka du’aa?"
Jennee of haa gaafannu
Nu martinuu yaa tiruu
Hubadhu; amma rafnaan
Milkaa’uun gonka-n jiru
Rahmataafi magfiraa
Rahmaanirra haa kajeellu
Badii keenya toobbannee
Kara isaatti haa qajeellu
Bor jennata akka seennuuf
Ramadaanni nuuf falmee
Har'a ibaadaan cimnee
Haa jijjiirrannu galmee!
Rabbiin warra irraa milkaa'u nuhaa taasisu!
As wr wb akkami ngy qabdanii jaallawwan kiyya
Me ergaa kana obsaan naaf dubbisa
Mul'ataaf malee mul'achuuf hin hojjatin
Mul'anni kee bakka ati gahuu barbaaddu sitti mul'isa. Namni mul'ata qabu mul'ata isaa galmaan gahuuf jiraata. Namni mul'ata isaa galmaan gahuuf hojjatu galma ni ga'a. Namni mul'achuuf hojjatu galmi isaa mul'achuuf males mul'ata waan hin taanef galma gahu hin qabu.
Namni mul'ata qabuu fi mul'ataaf hojjatu akka Ifaa bara baraan hin dhaamnetti mul'anni isaa ol baasee isa mul'isa. Namni mul'achuuf hojjatu immoo yeroo ta'eef akka Ifaa billic jedhee takka ifee deebi'ee dhaamuu mul'atee bada. Yoomiyyuu yoo ta'e mul'achuuf osoo hin taane, mul'ata kee galmaan gahuuf hojjadhu.
Uffata feete uffadhu, konkolaataa feete qabadhu, barbaaddu xiyyaara feete qabaadhu, qabeenyi kee ittiin mul'achuuf osoo hin taane mul'ata kee galmaan ga'uuf hojjadhu.
Addunyaa kan jijjiiran namoota mul'achuuf dhama'an osoo hin taane, namoota mul'ata galmaan ga'uuf dhama'aniidha.
JUMU'AA
🌷 ▫ بِسْمِ ٱللهِ ٱلرَّحْمٰنِ الرَّحِيْم ▫ 🌷
اَلسَّلاَ مُ عَلَيْكُمْ وَرَحْمَةُ اللهِ وَبَرَكَا تُهُ!
Ergamaan Allaaha Nabi Mohamed (ﷺ)akkii jedhan
Guyyaa fi halkan Jumu'aa salawaata narratti buusuu heddummeeysaa, namni salawaata tokko narratti buuse Rabbiin salawaata kudhan(10) irratti buusa!!
أكثرُوا الصَّلاةَ عَلَيَّ يَومَ الجمعةِ وَليلةَ الجمعةِ فَمَنْ صَلى عليَّ صلّى صلاةً صلّى اللهُ عَلَيهِ عشراً
[Al-Bayhaqi in his Sunan, graded hasan in Saheehah, (No. 1407)]
Salawaata buusuu jettuun akka armaan gadii kanatti qara'uu jechuudha!.
اللَّهُمَّ صَلِّ عَلَى مُحَمَّدٍ، وَعَلَى آلِ مُحَمَّدٍ، كَمَا صَلَّيْتَ عَلَى إِبْرَاهِيمَ، وَعَلَى آلِ إِبْرَاهِيمَ، إِنَّكَ حَمِيدٌ مَجِيدٌ، وَبَارِكْ عَلَى مُحَمَّدٍ، وَعَلَى آلِ مُحَمَّدٍ، كَمَا بَارَكْتَ عَلَى إِبْرَاهِيمَ، وَعَلَى آلِ إِبْرَاهِيمَ، فِي الْعَالَمِينَ إِنَّكَ حَمِيدٌ مَجِيدٌ
As wr wb barattoota keenya « Du'aa'iin fagaataa dhiheeysiti,hawwiilee argamsiisti,abjuu tee gurguddoo san gad dhiheeysiti. Hawwiilee teetii fii abjuu gara rabbii keetiitiin dhiheeyfattee mirkaneeffachuu hin lakkisin. Rabbiin kee waan hundarra sitti dhihaataadha.»
Me du'aa'itti haa jabaannu 🤲 Rabbiin gammachuu qabu wa an isiin feetaniin tin ifiifis jaalatuun isin haa gammachiisu me Amiiiiiiiin Ja'i 🤲🤲
«Telegramirra gara feesbuuk,feesbuukirraa gara TikTok, TikTok irraa gara Whatsapp, Whatsapp irraa gara instagram,instagram irraa gara YouTube, YouTube irraa gara Snapchat.... Giraamirraa gara Giraam...»
✓. Jiruun akkanumatti bilaashumatti dhumutti jirti. Waan Sheikh Salih je'u kana dubbisaa baarakallaahu fiikum
﷽
......والذاکرین الله کثيرا والذکرات اعدالله لهم مغفرةً واجرا عظیما......
📿سبحان الله
📿الحَمْدُ ِلله
📿الله أكبر
📿لا إلهٰ إلا الله
📿الله أكبر
📿ولا حول ولا قوة إلا بالله
📿استغفرالله العظيم الذي لا اله إلا هو الحي القيوم و اتوب اليه
📿لا اله إلا الله وحده لا شريك له له الملك وله الحمد وهو على كل شيء قدير
📿سبحان الله وبحمده سبحان الله العظيم.
📿 اللهم اعني على ذكرك وشكرك وحسن عبادتك
Gorsa Gaarii !!!
▬▬▬▬▬▬▬▬
➲ Yeroo hojjechuu qabdutti yoo hin hojjenne, yeroo kolfuu qabdutti boossa jechuudha. Kanaaf tattaaffadhu! Yeroo qabdutti ciminaan fayyadami!
➲ Har'a humna qabda, dandeettii guutuu qabda, yeroo qabda... qabeenya guddaa har'a qabdu kana sirnaan yoo itti hin fayyadamne milkaa'ina siif ta'uu malu hanqatta!
➲ Wantoota gaarii ta'e hojjechuu fi mul'ata kee boriitiif si qopheessan barbaaduu qofa irratti xiyyeeffadhu! Gaarummaan ati har'a hojjettu galaa kee borii siif ta'a. Kanaaf jal'ina lafa kaa'ii waan gaggaarii qofa facaafadhu!
➲ Nama gaarii yaaduuf gaarii hojjetu yoo taate namni ati dhabdu hin jiru. Garuu namni si dhabu immoo jira.
➲ Jireenya mataa kee oofuu yoo hin dandeenye jireenya namaa irratti imalaa taata. kanaaf kan ormaa dhiisi kan kee gaggeeffadhu!
➲ Maaliif sitti fakkaata ofilaalleen (Daaw'itiin) konkolaataa inni duuba agarsiisu xiqqaatee inni fuuldura agarsiisu kan guddaa ta'eef... Isa dudduubaa irra inni fuulduraa waan caalufi dha. Atis boriin kee har'aaf kaleessa kee caala waan ta'eef kaleessa kee xiqqoo xiqqoo yaadachaa borii kee fageessii ilaali!
