Oromia Industrial Parks Development Corporation (OIPDC)
رفتن به کانال در Telegram
Official Channel, www.oipdc.org, oroindustrypark@gmail.com, https://www.facebook.com/KMPIO
نمایش بیشتر1 018
مشترکین
اطلاعاتی وجود ندارد24 ساعت
-27 روز
-1530 روز
آرشیو پست ها
Dameen Oppireeshinii Korporeeshinii Misooma paarkiwwan industirii Oromiyaa Gabaasa Raawwii Hojii Waggaa Bara 2018 fi Karoora Bara 2019 Irratti Marii Gaggeesse.
Marii kana kan gaggeessan Kabajamoo Obbo Mangistuu Raggaasaa Itti Aanaa Hojii Raawwachiisaa Ol Aanaa KMPIO fi Itti Gaafatamaa Damee Oppireeshinii KMPIO ti.
Mariin kun guyyoota lamaaf kan gaggeeffame yoo ta'u, manajimantiin KMPIO fi hojjattoonni Damee Oppireeshinii irratti argamaniiru. Dabalataanis manajimantiin PIQQ Bulbulaa fi manajarri PIQQ Naqamtee kan irratti argaman yoo ta'u; Giddugaloota Ce'umsaa Baadiyyaa Shaashamannee, Maqii, Dodolaa, Baalee Roobee, Itayyaa fi Oolancitii irraa manajaroonni hirmaatanii jiru.
Jalqabarratti gabaasni raawwii hojii Damee Oppireeshinii daarektaroota lamaan Daarektara Bulchiinsa Paarkiwwanii fi Dagaagina Bizinasii fi Piromoshiniitin duraa duubaan dhiyaatera.
Itti aansunis Maanajara PIQQ Bulbulaa fi Naqamteen akkasumas, Manajaroota Giddugaloota Ce'umsaa Baadiyyaa jahaniin dhiyaatee jira.
Akkuma gabaasni dhiyaatee xumurameen mariin bal'aan erga irratti taasifamee booda Kabajamoo Obbo Mangistuu Raggaasaatiin kallattiin fuulduraa kennameera.
Guyyaa lammaaffaa karoorri Damee Oppireeshinii Daarektara lamaan olitti eerameen kan dhiyaate yoo ta'u; karoora dhiyaaterrattis marii bal'aan taasifamuun karoorri dhiyaate kan PIQQ fi Giddugaloota Ce'umsaa Baadiyyaa hundaa ta'ee fudhatamee ciminaa fi qindoominaan hojjatamuu akka qabu kallattiin Kabajamoo Obbo Mangistuu Raggaasaatiin kennamuun xumuramee jira.
+5
Paarkii Industirii Qonna Qindaa'aa Naqamtee keessatti Dameen Ijaarsaa KMPIO Ashaaraa Magariisaa Adoolessa 27/2018 tin biqiltoota nyaataa gosa adda addaa Appilii 100 fi Avocaadoo 250 waliigala biqiltoota 350 dhaabe.
Korporeeshiniin Misooma Paarkiwwan Industirii Oromiyaa/KMPIO/ Sagantaa Ashaaraa Magariisaa Adoolessa 27/2018 Paarkii Industirii Qonna Qindaa'aa/PIQQ/ Bulbulaa keessa biqiltuu dhaabe.
Sagantaan kun hirmaannaa hojjattota PIQQ Bulbulaa fi KMPIO tiin kan raawwatameedha.
Ashaaraa Magariisa Bara kanaatiin biqiltuun nyaataa gosa adda addaa paarkii kana keessaa dhaabuun kan gaggeeffameedha.
Isaanis:-
1. Paappayaa 1,022
2. Maangoo 706
3. Moringa 535
4. Avocado 43
Waliigala biqiltoota nyaataa 2,306 dhaabbateera.
Hirmaannaa namaatiin
KMPIO irraa
Dhi 56
Dub 16
Ida'ama 72
PIQQ Bulbulaa irraa
Dhi 44
Dub 29
Ida'ama 73
Waliigala
Dhi 100
Dub 45
Ida'ama 145 hirmaatanii jiru.
Korporeeshiniin Misooma Paarkiwwan Industirii Oromiyaa Rakkoo Ibsaa Bishaan PIQQ Bulbulaa Mudate Hiikuu Irratti Marii Gaggeesse.
Marii kanarratti KMPIO irraa Obbo Abarraa Guutamaa Daarektara Ijaarsaa fi Obbo Geetaahun Addunyaa kan argaman yoo ta'u, Aanaa Xiyyoo irraa Itti Gaafatamaa Ijaarsa Paartii Obbo Kaabboo fi Itti Gaafatamaa Nageenyaa Obbo Abdallaan argamaniiru.
Ganda Morqicha Qobboo irraa Obbo Mohaammad Bulchaa Gandichaa fi hoggansi biroon kan argaman yoo ta'u, uummata keessaa abbootii gadaa, jaarsota biyyaa fi caasaan milishaa argamanii jiru.
Rakkoon ibsaa amma nu muudate kun harkifannaa hojii humna ibsaa irraa kan ka'e ta'uu hawaasa keessaa qaamonni argaman kan kaasan yoo ta'u, akkuma Ji'a Caamsaa keessa boolla poolii dhaaban qotuu eegalaniin osoo hojiin kun itti fufuura ta'ee ooyruun qotamee sanyiin faca'ee osoo hin margin hojii kana xumuuruun akka danda'amu kaasanii jiru.
Yaa ta'u malee yeroo ammaa midhaan margeera waan ta'eef nu qaamonni har'a marii kana irratti argamne hojiin kun kireeniin osoo hin taane humna namaatiin midhaan akka hin balleessinetti akka hojjatamu amannee fudhannus qonnaan bultoota 15-18 ta'n hojiin kun ooyruu isaanii keessa qaxxaamuru mariisisuun amananii akka fudhatan gochuun barbaachisaadha.
Kanaafuu, hoggansi aanaa, gandaa fi abbootiin gadaa fi jaarsonni biyyaa har'a marii kanarratti argamnee hojii misoomaa kana akka hojjatamu amannee fudhanne Adoolessaa 28/2018 qonnaan bultoota kana asuma Goljaatti waamnee amansiisuun hojiin kun akka hojjatamu gochuu qabna jechuun hirmattonni ofitti fudhachuun irratti walii galamee jira.
+2
Korporeeshiniin Misooma Paarkiwwan Industirii Oromiyaa (KMPIO) Warshaa Bishaanii Toppi Itiyoophiyaa Waliin Waliigaltee Hojii Mallatteesse.
Warshaan Bishaanii Toppi Itiyoophiyaa kun KMPIO waliin waliigalteen hojii mallatteesse Warshaa Bishaanii biroo “purified bottled water” jedhamu Kilaastara Industirii Manufakchariingii (KIM) Baddallee keessaa lafa misoome hektaara 10 liizidhaan fudhatee ta’uun ibsamee jira.
Yeroo warshaan kun hojii eegale carra hojii baay’ee hojii barbaaddota naannoof kan uumu ta’uunis ibsamee jira. Dabalataanis Godina Bunnoo Baddalleetiif carraa gaarii ta’uun isaa fi faayidaan hawaasa godinichaatiif qabus guddaadha. KIM Baddallee bal’ina lafa hektaara 103 ol qabatee Godina Bunnoo Baddalleetti kan argamuudha. Kanaafuu, abbootiin qabeenyaa biyya keessaa fi alaa carraa kanatti fayyadamuun gara KIM Baddalleetti dhuftan akka misoomsitan KMPIO waamicha isinii goodha.
+2
KorporeeshiniinMisooma Paarkiwwan Industirii Oromiyaa (KMPIO) Warshaa Bishaanii ToppiItiyoophiyaa Waliin Waliigaltee Hojii Mallatteesse.Wa
rshaanBishaanii Toppi Itiyoophiyaa kun KMPIO waliin waliigalteen hojii mallatteesseWarshaa Bishaanii biroo “purifiedbottled water” jedhamu Kilaastara IndustiriiManufakchariingii (KIM) Baddallee keessaa lafa misoome hektaara 10 liizidhaanfudhatee ta’uun ibsamee jira. Yeroo w
arshaan kun hojiieegale carra hojii baay’ee hojii barbaaddota naannoof kan uumu ta’uunis ibsameejira. Dabalataanis Godina Bunnoo Baddalleetiif carraa gaarii ta’uun isaa fi faayidaanhawaasa godinichaatiif qabus guddaadha. KIM Baddallee bal’ina lafa hektaara 103ol qabatee Godina Bunnoo Baddalleetti kan argamuudha. Kanaafuu, abbootiinqabeenyaa biyya keessaa fi alaa carraa kanatti fayyadamuun gara KIMBaddalleetti dhuftan akka misoomsitan KMPIO waamicha isinii goodha.
Ce’umsaqonnaa gara industiriitti taasifamuuf iddoowwan murteessoo ta’an beektuu? 1. Paarkii Industirii Qonna Qindaa’aa Bulbulaa (PIQQ Bulbulaa) 2. Paarkii Industirii Qonna Qindaa’aa Naqamtee (PIQQ Naqamtee) fi 3. Giddugaloota Ce’umsa Baadiyyaa (GCB Shaashamannee, Maqii, Dodolaa, Baalee-Roobee, Itayyaa fi Oolancitii)dha. Omishaalee Qonnaa hunda qindeessuun (process) gochuun sona irratti dabalanii omishaa fi omishtummaa qonnaa dabaluun gara industiriitti ceesisuuf humna guddaa kan qabaniidha. Omishaaleen qonnaa qindaa’an (process) ta’an kanneen armaangadiiti:-
1. Midhaan Biilaa, Agadaa fi Dibataa Hunda Qindeessuu (Cereals and Pulses processing)
2. Beeyladaa fi omishaalee isaa (Aannan, foon diimaa, Beeylada Lubbuun, Lukkuu fi Killee, Dammaa fi Gagaa, Qindeessuu fi kkf.). (Livestock and its products (Dairy, red meat, Live Animal, Poultry and Eggs, Honey and Wax)
3. Kuduraalee fi Muduraalee (Timaatima, Moosee, Zayitii Avokaadoo fi Juice Qindeessuu, fi kkf). (Vegetables and Fruits (Tomato,Potato, Avocado oil and Juice Processing, etc)
4. Bunaa fi Mi'eessituu Qindeessuu. (Coffee and Spices Processing.
Kanaafuu, Paarkiwwan idustirii kun omishaa fi omshtummaa qonnaa guddisuun qonna gara industiriitti jijjiiruun baadiyyaa giddugala industirii gochuuf kan dhaabbataniidha. Qonnaan bulaa fi horsiisee bulaan adda dureen fayyadamaa taasisu. Diinagdee biyya keenyaa guddisu. Sharafa biyya alaa argamsiisu. Omisha nyaataa alaa galu kan biyya keessatiin bakka buusu. Al-ergii dabalu. Carraa hojii kallattii fi alkallattii baay’ee uumu.
Ce’umsa qonnaa gara industiriitti taasifamuuf iddoowwan murteessoo ta’an beektuu?1PaarkiiIndustirii Qonna Qindaa’aa Bulbulaa (PIQQ Bulbulaa
)2. PaarkiiIndustirii Qonna Qindaa’aa Naqamtee (PIQQ Naqamtee)
fi3. GiddugalootaCe’umsa Baadiyyaa (GCB Shaashamannee, Maqii, Dodolaa, Baalee-Roobee, Itayyaa fiOolancitii)
dha.OmishaaleeQonnaa hunda qindeessuun (process) gochuun sona irratti dabalanii omishaa fiomishtummaa qonnaa dabaluun gara industiriitti ceesisuuf humna guddaa kanqabaniidha. Omishaaleen qonnaa qindaa’an (process) ta’an kanneen armaangadiiti.
1. Midhaan Biilaa, Agadaa fi DibataaHunda Qindeessuu (Cereals and Pulses processing
).2. Beeyladaa fi omishaalee isaa (Aannan, foondiimaa, Beeylada Lubbuun, Lukkuu fi Killee, Dammaa fi Gagaa, Qindeessuu fi kkf.). (Livestockand its products (Dairy, red meat, Live Animal, Poultry and Eggs, Honey andWa
x).3. Kuduraalee fi Muduraalee (Timaatima, Moosee,Zayitii Avokaadoo fi Juice Qindeessuu, fi kkf). (Vegetables and Fruits (Tomato,Potato, Avocado oil and Juice Processing,
etc).4. Bunaa fi Mi'eessituu Qindeessuu. (Coffee and Spices Pro
cessing).Kanaafuu, Paarkiwwan idustirii kun omishaa fi omshtummaa qonnaaguddisuun qonna gara industiriitti jijjiiruun baadiyyaa giddugala industiriigochuuf kan dhaabbataniidha. Qonnaan bulaa fi horsiisee bulaan adda dureenfayyadamaa taasisu. Diinagdee biyya keenyaa guddisu. Sharafa biyya alaaargamsiisu. Omisha nayaata alaa galu kan biyya keessatiin bakka buusu. Al-ergiidabalu. Carraa hojii kallattii fi alkallattii baay’ee u
umu.
Waltajjiin Marii Abbootii Qabeenyaa Gaggeeffame. Caamsaa,21/2018 Korporeeshiniin Misooma Paarkiwwan Industirii Oromiyaa waltajjii marii abbootii qabeenyaa PIQQ Bulbulaa fi Naqamtee akkasumas, Giddugaloota Ce'umsa Baadiyyaa Shaashamannee, Dodolaa, Baalee Roobee, Itayyaa, Olancitii fi Maqii keessa galanii hojii eegalanii fi adeemsa hojii eegaluurra jiran waliin marii gaggeesse. Marii kanaaf yaada ka'umsaa kan ta'uu fi sadarkaa abbootiin qabeenyaa kun irra jiran barreeffama gabaabaa Obbo Tamasgeen Shoonee Daayrektara Daayrektoreetii Bulchuunsa Paarkiwwanii dhiyeessanii jiru. Barreeffama dhiyaateen haala sosochii abbootii qabeenyaa sadarkaan isaan hojii keessa galaa jiraniin kanneen hojii keessa galanii omisha jalqaban halluu magariisa, kanneen adeemsa ijaarsaa fi sochiin isaanii laafaa ta'an halluu keelloo fi kanneen ammoo, sosochii gonkuma hin jalqabin halluu diimaa keessa galchuun agarsiisanii jiran. Hubannoo kanarraa ka'uun sadarkaa isaanii arganiin yaada akka kennan Aadde Sannaayit Mabree Hojii Raawwachiistuu Ol Aantuu KMPIO fi Obbo Mangistuu Raggaasaa Itti Aanaa Hojii Raawwachiisaa Ol Aanaa KMPIO abbootii qabeenyaa affeeruun yaada qaban akka kennan taasisanii jiru. Keessattuu, abbootiin qabeenyaa halluu keelloo fi diimaa keessa jiran rakkoon isaanii maal akka ta'e yaada kennaniin rakkoo meeshhaleen ijaarsaa fi maashinoonni alaa galan sababa waraana Giddugaleesa Baha Addunyaa jiruun turuu isaanii kaasanii jiru. Dabalataanis rakkoo qaalayiinsa meeshaalee ijaarsaa fi industiriis kaasanii jiru. Dhumarratti Aadde Sannaayit Mabree rakkoowwan akka waliigalaatti jiran akkuma jiranitti ta'anii rakkooleen kun kan hundaati waan ta'aniif akkuma abbootiin qabeenyaa kanneen rakkoo kana dandamatanii oomisha eegalan kanneen duubatti haftanis kana keessaa bahuu qabdan jechuun yaada kanarratti waliigalamee mariin har'aa xumuramee jira.
Waltajjiin Marii Abbootii Qabeenyaa Gaggeeffame. Caamsaa,21/2018 Korporeeshiniin Misooma Paarkiwwan Industirii Oromiyaa waltajjii marii abbootii qabeenyaa PIQQ Bulbulaa fi Naqamtee akkasumas, Giddugaloota Ce'umsa Baadiyyaa Shaashamannee, Dodolaa, Baalee Roobee, Itayyaa, Olancitii fi Maqii keessa galanii hojii eegalanii fi adeemsa hojii eegaluurra jiran waliin marii gaggeesse. Marii kanaaf yaada ka'umsaa kan ta'uu fi sadarkaa abbootiin qabeenyaa kun irra jiran barreeffama gabaabaa Obbo Tamasgeen Shoonee Daayrektara Daayrektoreetii Bulchuunsa Paarkiwwanii dhiyeessanii jiru. Barreeffama dhiyaateen haala sosochii abbootii qabeenyaa sadarkaan isaan hojii keessa galaa jiraniin kanneen hojii keessa galanii omisha jalqaban halluu magariisa, kanneen adeemsa ijaarsaa fi sochiin isaanii laafaa ta'an halluu keelloo fi kanneen ammoo, sosochii gonkuma hin jalqabin halluu diimaa keessa galchuun agarsiisanii jiran. Hubannoo kanarraa ka'uun sadarkaa isaanii arganiin yaada akka kennan Aadde Sannaayit Mabree Hojii Raawwachiistuu Ol Aantuu KMPIO fi Obbo Mangistuu Raggaasaa Itti Aanaa Hojii Raawwachiisaa Ol Aanaa KMPIO abbootii qabeenyaa affeeruun yaada qaban akka kennan taasisanii jiru. Keessattuu, abbootiin qabeenyaa halluu keelloo fi diimaa keessa jiran rakkoon isaanii maal akka ta'e yaada kennaniin rakkoo meeshhaleen ijaarsaa fi maashinoonni alaa galan sababa waraana Giddugaleesa Baha Addunyaa jiruun turuu isaanii kaasanii jiru. Dabalataanis rakkoo qaalayiinsa meeshaalee ijaarsaa fi industiriis kaasanii jiru. Dhumarratti Aadde Sannaayit Mabree rakkoowwan akka waliigalaatti jiran akkuma jiranitti ta'anii rakkooleen kun kan hundaati waan ta'aniif akkuma abbootiin qabeenyaa kanneen rakkoo kana dandamatanii oomisha eegalan kanneen duubatti haftanis kana keessaa bahuu qabdan jechuun yaada kanarratti waliigalamee mariin har'aa xumuramee jira.
Hordoftoota Amantaa Islaamaa Hundan Baga Ayyaana Iid Al Adahaa (Arafaa) tiin Isin Gahe!
