ar
Feedback
Oromia Industrial Parks Development Corporation (OIPDC)

Oromia Industrial Parks Development Corporation (OIPDC)

الذهاب إلى القناة على Telegram
1 037
المشتركون
لا توجد بيانات24 ساعات
لا توجد بيانات7 أيام
-830 أيام
أرشيف المشاركات
Hordoftoota Amantaa Kiristaanaa Hundaa Baga Du'aa Ka'uu Gooftaa Keenyaa Fayyisaa Addunyaa Iyyasuus Kiristoosin Isin Gahe! Ayy
Hordoftoota Amantaa Kiristaanaa Hundaa Baga Du'aa Ka'uu Gooftaa Keenyaa Fayyisaa Addunyaa Iyyasuus Kiristoosin Isin Gahe! Ayyaanni Kan Gammachuu, Fayyaa, Jaalalaa, Guddinaa, Badhaadhinaa, Milkaa'inaa fi Tokkommaa Isinii Yaa Ta'u!

. He is not here; He has risen!" (Luke 24:6-7) Have a wonderful Easter! • Wishing a blessed and peaceful Easter (Fasika) to all Ethiopian Christians. May this sacred season bring renewal, hope, and spiritual strength • "Jesus said unto her, I am the resurrection, and the life: he that believeth in me, though he were dead, yet shall he live." (John 11:25) Rejoice in hope this Easter season!

JIMAATA GAARII!
JIMAATA GAARII!

Caasaalee Mootummaa Godina Arsii, Aanaa Xiyyoo, Aanaa Z/Dugdaa fi gandoota boolli bishaanii PIQQ Bulbulaa keessatti argaman 5 waliin Magaalaa Asallaa Galma Bulchiinsa Godinaatti gaggeeffame. Waltajjiin kun bulchiinsaa fi haala itti fayyadama bishaanichaa irratti xiyyeeffatamee marii gaggeeffameedha. Waltajjiin kun obbo Hirphaa Dhaabaa Itti Aanaa Bulchaa Godina Arsii fi Obbo Mangistuu Raggaasaa Itti Aanaa Hojii Raawwachiisaa Ol Aanaa KMPIO tiin kan gaggeeffamedha. Marii kanaan rakkoleen kanaan dura ka'aa turan hunduu kan furaman ta'uu Obbo Hirphaan kaasanii rakkoolee xixiqqaa jiran ammoo marii kana booda kan furaman ta'uu ibsaniiru. Gama  biraatiin hubannoon uummataa daran cimaa deemuu akka qabuu fi uummanni seeraan bishaan kanatti fayyadamuu akka qabu obbo Mangistuun kaasanii jiru. Hirmaattonnis kallatti kenname hunda fudhatanii hojiitti kan hiikan ta'uu ibsanii jiru. Dhumarratti haala bulchiinsaa fi itti fayyadama isaa Biiroo Bishaanii Oromiyaa waliin ta'uun kan qoratamu ta'uu irratti waliigaluun waltajjichi xumuramee jira.

Hordoftoota Amantaa Islaamaa Hundaan Baga Sooma Hiikkaa Bara 2018 Nagaan Isin Gahe!
Hordoftoota Amantaa Islaamaa Hundaan Baga Sooma Hiikkaa Bara 2018 Nagaan Isin Gahe!

Manajimantiin Korporeeshinii Misooma Paarkiwwan Industirii Oromiyaa/KMPIO/ Aadde Sannaayit Mabree Hoji Raawwachiistuu Ol Aant
+7
Manajimantiin Korporeeshinii Misooma Paarkiwwan Industirii Oromiyaa/KMPIO/ Aadde Sannaayit Mabree Hoji Raawwachiistuu Ol Aantuu KMPIO tiin Duurfamu Dawwannaa Gaggeessaa Ture Har'a Xumuure. Daawwannaan kun Manajara "OS-IAIP Project " Korporeeshinii Misooma Paarkiwwan Industirii Oromiyaa Dr. Eebbisaa Oliiqaatiin kan qophaa'edha. Dawwannaa kanaan Paarkii Industirii Qonna Qindaa'aa /PIQQ/Bulbulaa, Giddugala Ce'umsa Baadiyyaa Shaashamannee fi Paarkii Industirii Qonna Qindaa'aa/PIQQ/ Yirgaala kan daawwatamaniidha.

Leenjiin guyyoota lamaaf "Post Harvest Management & Value Addition" irratti kennamaa ture har'a xumurame. Leenjiin kun har'a
+4
Leenjiin guyyoota lamaaf "Post Harvest Management & Value Addition" irratti kennamaa ture har'a xumurame. Leenjiin kun har'a "Value Addition" irratti Dr. Haabtaamuu Fiqaaduutiin kennamaa turee jira. Leenjii kanaan hubannoo guddaa qisaasama omisha boodaa fi sona dabaluu irratti argachaa turuu hirmaattonni ibsanii jiru. Dhumarratti leenjii kennamaa ture irratti Dr. Eebbisaa Oliiqaa fi Dr. Haabtaamuu Fiqaaduu yaadaotaa fi gaafilee hirmaattota irraa ka'aa tureef ibsa bal'aa kennuun goolabanii jiru.

Leenjiin "Capacity Building Training on Post Harvest Management & Value Addition " Irratti Kennamaa Jira. Leenjiin kun guyyaa 01/07/2018 Magaalaa Adaamaatti Kennamaa jira. Leenjii kana haasawaan kan eegalsiisan Obbo Mangistuu Raggaasaa Itti Aanaa Hojii Raawwachiisaa Ol Aanaa Korporeeshinii Misooma Paarkiwwan Industirii Oromiyaa/KMPIO/ ti. Leenjicha ilaalchisee kaayyoo fi galama isaa akkasumas, toora xiyyeeffannoo fi walitti dhufeenya "OS-IAIP" waliin qabu kan ibsan Dr. Eebbisaa Oliiqaa Manajara "OS-IAIP" ti. Leenjichi guyyoota lamaaf kan kennamu ta'uusaa sagantaa baherraa hubachuun danda'ameera. Sagantaa baheen yeroo ammaa, mata duree "Introduction to Post Harvest Loss & Food Supply Chain" irratti Dr. Kumarraa Nameedhan kennamaa jira. Leenjii kanarratti qaamonni dhimmi isaan ilaallatu manajimantii KMPIO, PIQQ Bulbulaa fi GCB akkasumas, taaski foorsii Funca Sonaa /Value Chain/fi Kunuunsaa fi Qulqullina Nyaataa /Food Safety and Quality/ fi Yuniyeenota irraa argaman irratti hirmaachaa jiru.

Ayyaanni Dubartootaa March 8 Bara 2018 Ganda Arbaa Paarkii Industirii Qonna Qindaa'aa Bulbulaa keessatti argamutti kabajame. Ayyaanni kun hojii tola ooltummaatiin kabajamee oole. Gaggeessitoonnii fi dubartoonni Korporeeshinii Misooma Paarkiwwan Industirii Oromiyaa/KMPIO/ hojii tola ooltummaatiin mana harmee lamaa ijaaramee xumuramee harmeewwanii dabarsanii kennuun kabajamee oole. Harmeewwan kunnnin Aadde Dammiyyoo Goobanaa fi Aadde Faaxee yoo jedhaman jiraattoota Ganda Arbaa PIQQ Bulbulaa keessatti argamuudha. Sirna kanarratti argamuun firtuu manaa, maallaqaa fi meeshaalee manaa kan kannan Obbo Mangistuu Raggaasaa Itti Aanaa Hojii Raawwachiisaa Ol Aanaa KMPIO ti. Kantiibaan Magaalaa Bulbulaa fi Bulchaan Ganda Arbaa sirna kanarratti argamuun hojii tola ooltummaa hojhatameen KMPIO galateeffatanii jiru.

The Federal Government Officials of Ethiopia, led by Prime Minister Dr. Abiy Ahmed, visited the Integrated Agro Industry Park (IAIP) in Nekemte. During this visit, Prime Minister Dr. Abiy Ahmed and the President of the Oromia Regional State, Mr. Shimallis Abdisa, gave speeches. In their speeches, they stated that the IAIP in Nekemte is being constructed on 250 hectares of land and that its construction is nearing completion. They invited all investors residing in the Western Oromia zones to take advantage of this opportunity by entering and working within the IAIP Nekemte, thereby developing themselves and their country. Currently, the Oromia Busa Gonofa has laid the foundation stone and started efforts to establish an Integrated Food Industry within the IAIP Nekemte.

+1
በጠቅላይ ሚኒስትር ዶክተር አቢይ አሕመድ የሚመረዉ የኢትዮጵያ ፌዴራል ሪፐብሊክ ልዑካን የነቀምቴ የተቀናጀ ግብርና ኢንዱስትሪ ፓርክ ጎብኝተዋል። በዚህ ጉብኝት ላይ ጠቅላይ ሚኒስትሩ ዶክተር አቢይ አሕመድ እና የኦሮሚያ ክልል ፕሬዚዳንት አቶ ሺማሊስ አብዲሳ ንግግር አድርገዋል። በንግግራቸውም የነቀምቴ የተቀናጀ ግብርና ኢንዱስትሪ ፓርክ በ250 ሄክታር ላይ እየተገነባ መሆኑን እና አሁን ስራው እየተጠናቀቀ በመሆኑ በምዕራብ ኦሮሚያ ክልል ዞኖች የሚገኙ ባለሃብቶች ሁሉም ይህን እድል በመጠቀም ወደ ነቀምቴ የተቀናጀ ግብርና ኢንዱስትሪ ፓርክ ገብተው በማልማት ራሳቸውንና ሀገራቸውን ማሳደግ እንደሚችሉ ፍላጎተና አቅም ላላቸው ባለሃብቶች ጥሪ አደርጓል። በአሁኑ ጊዜ የኦሮሚያ ቡሳ ጎኖፋ በነቀምቴ የተቀናጀ ግብርና ኢንዱስትሪ ፓርክ ውስጥ ገብተው የምግብ ማቀነባበሪያ ኢንዱስትሪ ለመገንባት እየሰሩ እየሰራ ላለዉ የመሠረት ድንጋይ በማስቀመጥ ሥራ አስጀምረዋል።

Daawwannaa kanarratti Muummichi Ministeeraa Dr. Abiyyi Ahimadii fi Pirezidaantiin BMN Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa haasawa taasisanii Jiru. Haasawa isaaniitiin PIQQ Naqamtee lafa heektaara 250 irratti kan ijaaramaa jiru ta'uu isaa fi yeroo ammaa ijaarsi isaa xumuramaa waan jiruuf abbootiin qabeenyaa Godinoota Lixa Oromiyaa keessa jiraattan hundi keessan carraa kanatti fayyadamuun PIQQ Naqamtee keessa galtanii hojjachuun ofis biyya keessanis guddisuu ni dandeechan jechuun abbootii qabeenyaa fedhii fi dandeettii qabanii waamicha godhaniiru. Yeroo ammaa Buusaa Gonofa Oromiyaa PIQQ Nanaqamtee keessa galuun Industirii Nyaataa Qindaa'aa ijaaruuf socho'aa jiruuf dhakaa bu'uuraa kaa'uun jalqabsiisanii jiru.

+1
Jiilli Qondaaltota Federaalaa Itiyoophiyaa Muummicha ministeeraa dr. Abiyyi Ahimadiin Duurfamu Paarkii Industirii Qonna Qindaa'aa (PIQQ) Naqamtee Daawwate.

Daawwannaa kanarratti Muummichi Ministeeraa Dr. Abiyyi Ahimadii fi Pirezidaantiin BMN Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa haasawa taasisanii Jiru. Haasawa isaaniitiin PIQQ Naqamtee lafa heektaara 250 irratti kan ijaaramaa jiru ta'uu isaa fi yeroo ammaa ijaarsi isaa xumuramaa waan jiruuf abbootiin qabeenyaa Godinoota Lixa Oromiyaa keessa jiraattan hundi keessan carraa kanatti fayyadamuun PIQQ Naqamtee keessa galtanii hojjachuun ofis biyya keessanis guddisuu ni dandeechan jechuun abbootii qabeenyaa fedhii fi dandeettii qabanii waamicha godhaniiru. Yeroo ammaa Buusaa Gonofa Oromiyaa PIQQ Nanaqamtee keessa galuun Industirii Nyaataa Qindaa'aa ijaaruuf socho'aa jiruuf dhakaa bu'uuraa kaa'uun jalqabsiisanii jiru.

Waltajjiin Marii Caasaalee Mootummaa fi Hawaasaa Godina Arsii Aanaalee Xiyyoo fi Z/Dugdaa Rakkoo Dhiyeessii Bishaan PIQQ Bulbulaa Hiikuu Irratti Gaggeeffame. Marii kana haasawa baga nagaan dhuftaniin kan eegalsiisan Obbo Hirphaa Dhaabaa Itti Aanaa Bulchaa Godina Arsii yoo ta'an kaayyoo fi barbaachisummaa waltajjichaa kan ibsan ammoo, Obbo Abarraa Warquu Hojii Raawwachiisaa Ol Aanaa Invastimantii Agro Group Oromiyaa ti. Itti aansuun Obbo Mangistuu Raggaasaa Itti Aanaa Hojii Raawwachiisaa Ol Aanaa Korporeeshinii Misooma Paarkiwwan Industirii Oromiyaa barreeffama gabaabaa ka'umsa mariif ta'u dhiyeessanii jiru. Kana booda marii bal'aa taasifameen gaafileenii fi yaadni adda addaa hirmaattota irraa ka'ee deebiin itti kennamee jira. Dhumarratti, gaafiin ykn fedhii misoomaa kamuu ka'uu danda'a garuu, misooma hojjatamaa jiru kamuu dhaabsisuun sirrii akka hin taane Irratti waliigalameera. Gaafii fi fedhii misoomaa qabnu gaafachaa misooma hojjatamaa jiru eeguun dirqama hunda keenyaa ta'uun Irratti waliigalamee jira. Xumura irratti Obbo Darajjee Abarraa Itti Gaafatamaa Waajjira Paartii Godina Arsii kallattii hojii kennuun waltajjicha goolabanii jiru.