🔉IBNU TEMIYAA OFFICAL
رفتن به کانال در Telegram
«Chaanalii Da'waa Fi Barnootaa @Keyralumma @Ibnutemiya6 Page FB👇 like follow gochuuf https://www.facebook.com/keyralumma Youtube 👇Channel Subscribe godhuuf https://youtu.be/N18nEwEcoZY Yaadaaf @Keyralumma_bot
نمایش بیشتر3 301
مشترکین
اطلاعاتی وجود ندارد24 ساعت
اطلاعاتی وجود ندارد7 روز
اطلاعاتی وجود ندارد30 روز
آرشیو پست ها
Repost from Muslim Speakers
BEST BIOGRAPHY OF PROPHET MUHAMMAD (PBUH)
Order Here 👉 https://bit.ly/3pzL5Nt
قال النَّبِيُّ ﷺ
مَنْ يُرِدِ اللَّهُ بِهِ خَيْرًا يُفَقِّهْهُ فِي الدِّينِ، وَإِنَّمَا أَنَا قَاسِمٌ وَاللَّهُ يُعْطِي، وَلَنْ تَزَالَ هَذِهِ الأُمَّةُ قَائِمَةً عَلَى أَمْرِ اللَّهِ لاَ يَضُرُّهُمْ مَنْ خَالَفَهُمْ حَتَّى يَأْتِيَ أَمْرُ اللَّهِ "
Narrated Muawiya:
I
heard Allah's Messenger (ﷺ) saying, "If Allah wants to do good to a person, He makes him comprehend the religion. I am just a distributor, but the grant is from Allah. (And remember) that this nation (true Muslims) will keep on following Allah's teachings strictly and they will not be harmed by any one going on a different path till Allah's order (Day of Judgment) is established."
Sahih al-Bukhari 71
◆━━━━━◆❃◆━━━━━━◆
Second Hadith
عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ ـ رضى الله عنه ـ أَنَّ رَسُولَ اللَّهِ صلى الله عليه وسلم قَالَ
مَا أُعْطِيكُمْ وَلاَ أَمْنَعُكُمْ، أَنَا قَاسِمٌ أَضَعُ حَيْثُ أُمِرْتُ "
Allah's Messenger (ﷺ) said, "Neither do I give you (anything) nor withhold (anything) from you, but I am just a distributor (i.e. Qasim), and I give as I am ordered."
Sahih al-Bukhari 3117
◆━━━━━◆❃◆━━━━━━◆Abu Ubeeydaa Binu jarrah
SEENAA
Abu Ubeeydaa Binu jarrah
Kutaa 4️⃣ffaa✍
Kuta 3fa dubisu Hubadha
Amiirri mu’mintootaa Umar bara bulchiinsa isaa garuu osoo Abu Ubeeydaan jiru nama tokkollee hogganaa isarrati hin tahu jechuun, hogganaa waraanaa kan seenaa islaamaa keessatti; yeroo hunda yoo maqaan isaa dhahamu, collee hogganaa waraanaa jedhamee kan faarfamu; Kaalid Binu Waliid akka angoo irraa bu’ee, Abu Ubeeydaan hoggansatti deebi’u, xalayaa barreessee hoggansaaf isa ajaje. Abu Ubeeydaan ajaja Umer fudhatus yeroodhaaf hogganummaa isaa ifa hin goone. Waraana waliin hiriiree, Kaalid Binu Waliid jalumatti duulu fi ajaja Kaalidiin lolaa ture.
Kaalidis erga lola itti marsee jiru cabsee booda, Angoo Abu Ubeeydaaf Umariin laatame dhagahe. “Rabbiin siif haa araaramu! yaa Abu Ubeeydaa hogganaa kiyya taatee osoo jirtuu, akkamiin na jalatti bulta? Akkamittis na duubaan salaatte?.” jedheen. Abu Ubeeydaanis “Rabbiin siifis haa araaramu! Ani angoo addunyaa hin fedhu. Addunyaafis hin dalagu. Nuti ganda cinnanni hin jirreef, dalagna. Nuti obboleewwani. Warra Islaamummaa Rabbiitiin dhaabbatu. Obboleessi immo obboleessa isaa jalatti buluun addunyaa fi amantii isaa keessattis waa isa hin miitu. Inumaahu kan ajajuttuu, kan jalatti bulantuu mokkoraa fi dogongoratti dhihaataadha.” jedheeni Of-gadi qabiinsa Rabbiif qabuu fi angoo barbaaduu dhabuu isaa waraana hundaaf fakkenya ta’ee, waraana isaa waliin jiru boochise. Kanaafis hoggantoonni jajjaboo fi goototni hundi Abu Ubeeydaa ofirratti ajajaa gochuuf dheebotaa turan.
Bara bulchiinsa Abbaa Bakrii keessattis Kaalid Binu sa’iid obboleyyan isaa, dardarran naannawaa fi nama gosa isaa irraa tole isa jedhe, hundaa walitti qabee Abbaa Bakritti dhaqee “ani karaa Rabbii keessatti mushriktootaan hanga dhumanitti hogganummaa Abu Ubeeydaa jalatti loluuf waadaa siif seena. Ani Yazid binu abi Sufiyan ilma adeeraa kiyyaa hedduu jaaladha. Garuu Abu Ubeeydaa obboleessa koo kan aakiraa jalatti miseensa waraanaa ta’ee loluu filadha jaaladha.” jechuun hoggantummaa ilma adeeraa isaa irra kan Abu Ubeeydaa filatuun, gosa isaa wajjiin hoggantummaa Abu Ubeeydaa jalatti duulu filate.
Mu’aaz Binu Jabal kan Rasuulli s.a.w “Ati irra beekaa nama kiyyaati haraamaa fi halaala keessatti.” jedhaniin, yeroo tokko gurbaan biyya Shaam irraa tahe tokko, miidhaginna islaamni qabdu osoo haasawan, Kaalid binu Waliidi fi Abu Ubeeydaa dubbima keessatti yeroo wal-madaalchisu “Kaalidituu caala!.” kan jedhee dubbatu dhagahe. Yeroma kana Mu’aaz miira dallansuutin ka’ee “sila Abu Ubeeydaa fi Kaalid Binu Waliid wal-madaalsistaa? Rabbiin kakadhaa! Abu Ubeeydaan irra caalaa nama dacheerra deemuuti.” jechuun ragaa bahef.
Ummatni Shaamii hedduun erga isaalmummatti seenan, caaliinsa Abu Ubeeydaa, Kaalidirra hoganummaa isaa waan filataniif, yeroo dubbatan akkana jechuun ragaa bahu. Abu Ubeeydaan obsaa fi tarkaanfii fudhatuu keessatti suuta deema, nama qoma baldhatu, nama amaanaa eeguu fi dhugaa dubbatu, lola irra nagaha jaalataa dha.
Gochi isaa kun warra Shaami biratti nama hundarra isa caalsiftee, waa hundaanuu gama isaatti nu deebiste. Waa hunda keessatti malaan deemaadha. Dhiiga jiigsuun durattis mala, ogummaa fi gara laafitin ofitti nama qabee nama waama. Kanaanis dhiiga ummata hedduu tiksee jira. Kunis duultota biratti hogganummaaf hoggantoota biroo irra, isa jaalatamsiisee isas filatamsiisee jira.
Walumaa galatti Abu Ubeeydaan hogganaa hoggantootaa fi ajajaa ajajtootaa tahuun beekkamee jira.
Ergamaa s.a.w wajjiinis eegala ergamsa isaa irraa hanga du’a isaatti duula inni duule hunda duulee, Guyyaa saqifaas Abba bakrii filatan Umer Bakka Abu Ubeeydaan Rasuula s.a.w biratti qabu waan beekuuf, harka kee naaf diriirsi baallama siif seenaa kan Rasuulli s.a.w “ummata hundaafuu amanamattuu jira. Amanamaan ummata kiyyaas sihi, kan siin jedhu dhagahe.” jedheen. Abu Ubeeydaanis nama angoodhaaf dheebotu waan hin tahiniif “ani nama Rasuulli s.a.w ummataaf imaamaa godhate, akkamitti imaama, dura bu’aa ta’ee dura dhaabadha. Akkamitti isa salaachisa.” jechuun dide.. Kuta 5fan iti fufa I.allaah..
Repost from 🔊KEYRAL-UMMA-TUBE
Gosoota Jihaadaa keessaa Muraasa
Jihaadin akkuma Mujaahidaa (Nama qabsoo godhuu) hunda sadarkaa fi akaakuun isaa adda adda.
➧Nafsee isaa irratti Jihaada (qabsoo) godhuu.
➧Shayxaana irratti Jihaada (qabsoo) godhuu.
➧Diinii isaa nan balleessa kan jedhu irratti jihaada (qabsoo) godhuu.
➧Munaafiqoota irratti Jihaada (qabsoo) godhuu.
➧Qalamaan Jihaada (qabsoo) godhuu.
Mi'aa Milkaa'inaa fii obsaa.
﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩
• Mi’aa milkaa’inaa, obsaa fi carraaqqi waliin dhandhaman.
Namni milkaa’innaaf tarkaanfi jalqabe ni carraaqa. Namni carraaqu immoo ni obsa. Namni obse immoo In sha Allah ni milkaa’a.
﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩
•Yeroo rakkoo obsuuf waa lama of yaadachiisi.
~1ffaa: mindaa obsaan argamu- yommuu obsitu mindaa fi milkaa'inni guddaan si fuundura akka jiru abdadhu. Dhugumatti Rabbiin olta’aan ni jedha: “Warri obsan mindaan isaanii kan isaaniif kennamu lakkoofsa maleedha.” Suura Az-Zumar 39:10
﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩
~2ffaa: yoo obsuu dhiiste wanta dhabduu fi miidhaa sirra gahuu yaadadhu. Namni balaa isatti bu'eef yoo obsuu dhiise, kan duraan dhabe caalaa waan biraa dhaba. Akkasumas, miidhaa guddaa ofirraan geessa.
﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩
♻️𝚆𝙰𝙹𝙹𝙸𝙽 𝙹𝙸𝚁𝙰𝙰𝙲𝙷𝚄𝚄𝙵
✍️𝙰𝚖𝚊𝚕𝚘𝚘𝚝𝚊 𝚃𝚘𝚛𝚋𝚊𝟽 𝚔𝚊𝚗𝚗𝚎𝚎𝚗 𝚔𝚘𝚙𝚑𝚞𝚖𝚖𝚊𝚊 𝚏𝚒 𝚔𝚘'𝚞𝚖𝚖𝚊𝚊 𝚒𝚛𝚛𝚊𝚊 𝚋𝚒𝚕𝚒𝚜𝚊 𝚗𝚊𝚖𝚊 𝚐𝚘𝚍𝚑𝚊𝚗:
𝟷.𝙽𝚊𝚊𝚖𝚞𝚜𝚊 𝚐𝚊𝚊𝚛𝚒𝚒 𝚚𝚊𝚋𝚊𝚊𝚌𝚑𝚞𝚞.
𝟸.𝚂𝚑𝚊𝚔𝚔𝚒𝚒 𝚒𝚛𝚛𝚊𝚊 𝚋𝚒𝚕𝚒𝚜𝚊 𝚝𝚊'𝚞𝚞.
𝟹.𝚁𝚊𝚔𝚔𝚒𝚗𝚊 𝚞𝚞𝚖𝚞𝚞 𝚒𝚛𝚛𝚊𝚊 𝚘𝚏 𝚚𝚘𝚚𝚚𝚘𝚋𝚞𝚞 𝚢𝚔𝚗 𝚘𝚏 𝚚𝚞𝚜𝚊𝚌𝚑𝚞𝚞.
𝟺.𝙰𝚖𝚊𝚕𝚊 𝚑𝚊𝚖𝚒𝚕𝚎𝚎 𝚋𝚊𝚕𝚍𝚑𝚊𝚊 𝚍𝚊𝚐𝚊𝚊𝚐𝚜𝚞𝚞.
𝟻.𝙾𝚋𝚜𝚊 𝚊𝚖𝚊𝚕𝚊 𝚐𝚘𝚍𝚑𝚊𝚌𝚑𝚞𝚞.
𝟼.𝙳𝚊𝚗𝚍𝚎𝚎𝚝𝚝𝚒𝚒 𝙽𝚊𝚖𝚘𝚘𝚝𝚊𝚊𝚗 𝚠𝚘𝚕𝚒𝚒 𝚐𝚊𝚕𝚞𝚞 𝚐𝚊𝚊𝚛𝚒𝚒 𝚚𝚊𝚋𝚊𝚊𝚌𝚑𝚞𝚞 𝚍𝚑𝚊.
𝟽.𝙽𝚊𝚖𝚘𝚘𝚝𝚊 𝙰𝚔𝚔𝚞𝚖𝚊 𝚊𝚖𝚊𝚕𝚊 𝚒𝚜𝚊𝚊𝚗𝚒𝚒𝚝𝚝𝚒 𝚒𝚝𝚝𝚒 𝚖𝚒𝚌𝚑𝚘𝚘𝚖𝚞𝚞 𝚍𝚑𝚊.
KUTAA 1️⃣9️⃣FFAA
BARNOOTA MALLATTOO LAAFINA IIMAANAA
Kuta 18fa dubisu Hubadhaa
0️⃣2️⃣ GUDDINA RABBII BEEKUU MAQOOLEE FI SIFAATA ISAA
BEEKUU:
✺ Ammas Rabbiin ol ta’e guddina isaatirraa Waan hundaa beekumsaan marseera Waan hundaa lakkoofsa isaanii hubateera Dhageettuun isaa sagaleewwaan hundaa wal ga’eera isarratti wal hin rukuttu Wal Isarratti hin fakkaatu Inumaayyuu wal dhabbii lughaa isheetiifi dhimmi ishee adda adda ta’uu waliin waca ishee hunda dhaga’a Tokko dhaga’uun tokkorraa isa hin shaagaltu Kadhaan baay’achuun isa hin dogongorsiisu haasaan warra himataa arraba jallaa harka jallachuun dubbii isarratti waliin hin maku Agartuun isaa waan argamu hunda waliin ga’e.
Deemsa mixii gurraattii halkan dukkana keessa dhagaa duudaa irra deemtus ni arga Ghaybiin (fagoon) isa biratti dhihoodha iccitiin isa biratti ifaadha wantoonni samiifi dachii keessa jiran hunduu isa kadhatuu inni yoomuu dhimma keessa jira Dilii araarama Gadda wahii fura rakkoo wahii saaqa Cabaa supha hiyyeessa duroomsa Jallataa qajeelcha Dhama’aa karaa akeeka Muddamaadhaaf birmata Beela’aa quufsa Daaraa (kan huccuu dhabe) uffisa Dhukkubsataa fayyisa Mokkoramaa nagaa taasisa Tawbaa qeebala Gaarii hojjataa mindeessa Miidhamaa tumsa Boonaa cabsa Qullaa haguuga Sodaataa nagaa godha Ummata wahii ol kaasa Kan biraa gadi taasisa Odoo warri samiifi dachii isaa jalqabni ummata isaatiifi dhumti isaanii jinnoonni isaaniifi namoonni isaanii akka qalbii namicha hundarra Rabbiin sodaatuu ta’anii sun mootummaa isaa irratti homaa hin dabalu.
Odoo warri samiifi dachii isaa jalqabni ummata isaatiifi dhumti isaanii jinnoonni isaaniifi namoonni isaanii akka qalbii namicha hundarra jallataa ta’anii sun mootummaa isaa irraa homaa hin hir’isu Odoo warri samiifi dachii isaa jalqabni ummata isaatiifi dhumti isaanii jinnoonni isaaniifi namoonni isaanii
jiraataafi du’aan isaanii jiidhaafi gogaani isaanii dirree tokko irra dhaabbatanii isa kadhannaan hundaafuu kadhaa isaanii kennee sun waan isa bira jiru irraa hanga madaala atomiiyyuu hin hir’isu Inni jalqaba isa dura isaa homaa hin jirreedha Dhuma kan booda isaatii homaa hin jirreedha Gubbaa isa kan isaa ol homaa hin jirreedha Keessoo kan duuba isaa homaayyuu hin jirreedha Inni khayriin isaa baay’atee ol ta’ee irra haqa godhataa waan faarfameeti Warra gabbarame cufarraa kan haqa godhatuudha Irra caalaa warra galateeffatameeti Irra mararfataa waan moo’eeti Irra arjaa warra kadhatameeti Inni mootii shariika hin qabneedha Tokkicha qixa hin qabneedha.
Of danda’aadha ilmoo hin qabu Ol ta’aa fakkii hin qabneedha Fuula isaa wanti hundinuu ni bada Mootummaa isaa malee wanti hundinuu ni dhabamti Eeyyama isaatiin malee ittiin hin bulamu Beekumsa Isaatiin malee hin fincilamu Ittiin bulamnaan ni galateeffata Diliin hojjatamnaan araarama Adabbiin isaa hunduu haqa Qananiin isaa hunduu tola isaati Irra dhihoo as jiruudha Dhihoo hubataadha Sammuus ni qaba Dalagaa hundaa galmeessa Beellama barreessa Qalbiin isaaf dhaqqabduudha Iccitiin isa biratti mul’ataadha Kenni isaas haasaadhaani adabbiin isaas haasaadhaan Ajajni isaa yeroo waa tokko fedhe ta’i jechuudha Achumaan ta’a Haasaan Ibn Alqayyim asitti xumurame.
0️⃣3️⃣ BARNOOTA SHARI’AA BARACHUU:
◉ inni barumsa isa isa argachuun gara sodaa Rabbiitiifi iimaanni dabaluudhaan nama dhaqqabsiisuudha.
Rabbiin ol ta’e ni jedhe gabroota isaa irraa kan Rabbiin sodaatu beektota qofa Iimaanni warra waa beekaniifi waa hin beeknee wal hin qixxaa’u Akkamumatti namni sharii’aa adda adda baasee beeku hiika shahaadatayniifi dirqama ishee waan du’a booda jiru kan akka fitnaa qabrii cinqii dirraa mahshar dhaabbii Guyyaa Qiyaamaa qananii jannataa hikmaa sharii’aan waan tokko halaala godhuufi haraama godhuu keessatti qabu seenaa Nabiyyii ﷺ fi gosa barnoota sharii’aa kan biroo kan beeku isa amantiifi ahkaama isaa waan sharii’aan waa’ee ghaybii nuuf hime hin beekneen akkamitti iimaana keessatti wal qixxaa’a! inni kun qoodni isaa jaaminaan nama biraa hordofuudha Wanti inni beekumsa irraa qabu xiqqoodha jedhi! Sila warri beekanuufi hin beekne wal qixxaa’uu? (hin qixxaa’u)
Bareedina Nabii ﷺ
Qophii Urjii Ahmad
Rabbiin Rasuula isaa ﷺ bareedina qaamaa isa uffise, Jaalalaa
fii sodaa, Kabajaa fii ulfina irratti darbe, fuulli Isaa ﷺ akka ji’a
goobaneetti ifa.
Fuulli Rasuula Rabbii ﷺ akka aduu fii ji’aatti ifa ja’an warri isa
arguu fii isaa wajji jiraachuu badhaafaman.
Anas bin Maalik akkana je’a:
“Rasuulli ﷺ adii bareedaa haalaan ifu, hurkaan Isaa lu’lu’a
(faaya) fakkaata,”
Muslimtu gabaase.
Ka’ab bin Maalik akkana je’a:
“Hoggaa Gammade fuulli Rasuulaa ﷺ ni ifa, akka waan muraa
ykn kutaa ji’aati fakkaata.”
Hurkaan Nabii ﷺ shittoo adunyaa kanarra jiru hundarra
urgaawa. Fuulli isaa bareedinirraa ifaa biftuu fakkaata. Haalli
isaa tolinirraa Rabbiin “yaa Nabiyyii kiyya ati haala fii amala
guddaa fii kabajamaa qabda” je’eenii isa faarse. Jaalallee
Rabbii taheeti filame. Mukaatu isa jaalalaaf booye. Dhagaatu
isa jaalatee irratti salaammate.
Anaa fii ati jaalala isaatiif isa yaannee booyuun nutti xiqqaate.
Adawwii isaa, warra isa arrabsu jibbuu, waan isaan omishan
bituu dhabuu, Nabiyyii Rahmataatiif tumsuun waajiba keenya.
Fidaaka Abii wa ummii yaa Nabiyallaah!
# ﺇﻻ _ﺭﺳﻮﻝ _ ﺍﻟﻠﻪ
# Boycott_French_Products
Share godhi
⊱Abu Ubeeydaa Binu jarrah⊱
Sahaboota warra jannataan gammachiifaman keessaa
Tokko Kan tahe Seenaa
⊱Abu Ubeeydaa Binu jarrah⊱
Kutaa 3️⃣ffaa✍
Kutaa 2ffaa dubbisuu hubadhaa
Abu Ubeeydaan amanamummaa isaa irraa gaafa Rasuulli s.a.w daldaltoota Qureeyishii afaan haa bahaniif ergu, waraanaaf waan siinqii hidhu dhabee tamira qalqalloo takka qofa hogganaa waraanaa sanii; Abu Ubeeydatti kenne. Innis ani amiira jedhee nyaata san ofiif hin kaawwanne. Hundaafuu tamira firee tokko tokko qoodeefii sanuma akka ilmoon harma haadhaa xuuxattutti xuuxxataa, bishaan irratti dhuguun, Rabbiin Barakaa keessa kaaheefii, sunummaan nyaata guyyaa tokko kan ganamarraa hanga galgalaa taateef.
Guyyaa duula Uhudis yeroo ummatni muslimaa cabee mushiriktoonni “gara Muhammaditti s.a.w na qajeelchaa! gara Muhammaditti s.a.w na qajeelchaa.” jechuun iyyutti seenan, Abu Ubeeydaan tokkoo tuuta kurnan Rasuularraa s.a.w laphee isaaniitiin xiyya mushirikitootaa warra dhorkaa turan keessaa tokko.
Erga waraanni qabbanaahe booda Rasuula s.a.w uffanni lolaa kan sibiilaa irraa tolfame (kombortaan sibiilaa) jabeenna dhahaa kaafirtoota irraa dhonfoora isaa lameen waraanee, ilkaan (qarriffaan) isaa cabde arganiin.
Abu Bakris sibiila dhonfoora Rasuulaa s.a.w waraane harkaan irraa buqqisuuf itti siqnaan, Abu Ubeeydaan Rasuula s.a.w hin dhukkubaa sodaatee “Rabbiin si qabe! Anatu irraa buqqisaa naaf dhiisi.” jedheen. Abbaan Bakriitis akkuma fedha Abu Ubeeydaa ni dhiiseef.
Abu Ubeeydaan sibiila Rasuula s.a.w konfoora waraane yoo harkaan buqqise Rasuula s.a.w laalessaaf sodaatee, ilkaan isaa tan fuulduraa lameenin cininna jajjabaa ciniinuun yeroo sossoosu, seerreen isaa duraa irraa cabde. Yeroo isa lammaffaas irraa buqqisuuf yaalus seerreen isaa tan hafte irra cabde. Akkasumatti sibiila dhonfoora lameen waraane irraa buqqise.
Abban Bakriis booda “Abu Ubeeydaan irra bareedaa shergeeti.” jechuun isa faarse.
Abu Ubeeydaan nama salphaa angodhaaf hin dheebonnee fi namoota birattis akkaan jaalatamaa ture. Yeroo Rasuulli s.a.w lubbuun jiranitti Abu Ubeeydaan hogganaa waraana guutuu ture. Kanuma keessa Rasuulli s.a.w ganda maqaan isii Balaa jedhamtu, tan haati Amri Binu-Aas keessa jiraattutti Amri Binu Aasin duula salaasilaatti hogganaa waraanaa godhuun erge.
Duula kanarratti Amris biyya haa cabsuuf itti ergame, tolaa fi gorsaan waan ummata to’annaa jala oolchuu dadhabeef, lolaaf waraana dabalata barbaade. Rasuullis s.a.w Abu Ubeeydaa hogganaa waraanaa gochuun “akka angoof wal hin dhabne.” jechuun Abu Ubeeydaa dhaameefi gara Amrii waraana dabalataa erge.
Yeroo inni achi gahes Amri ati hogganaa narratti hin tatu jechuun dide. Abu Ubeeydaanis nama gadi of-qabaa waan tureef hoggansa Amrii dhiisee jalatti bulee, ummataanis akka salaatu eyyameef.
Bara bulchiinsa Abbaa Bakarii keessattis hogganaa hoggantoota waraanaa ture. Garuu Angoo tana diduun ofirraa buuse.
Kutaa 4ffaan itti fufa inshaallaah
ከጠቢባን ምክር
አንዲት ባልቴት ዕድሜዋ የፊቷን ውበት ሳይጋፋ እንደ ፀሐይ ተውባና ደምቃ ያዩዋት ሰዎች በነገሩ ተገርመው በምን ምክንያት እንዲህ የፈካ ውበት እንደተላበሰች ሲጠይቋት እንደሚከተለው መልሳለች
➧ከንፈሮቼን ከሀቅ በቀር ሌላ ቃል እንዳያወጡ በማድረጌ፣
➧ድምፄ አላህን በማስታወስ እንጂ በሌላ ትንፍሽ እንዳይል በማድረጌ፣
➧ዓይኖቼ ከሐላሉ በቀር ሐራሙን እንዳያዩ በመከልከሌ፣
➧እጄ ባለኝ አቅም ለድሃ በመስጠት እንዲዘረጋ በማድረጌ፣ ለውነ± በአላህ መንገድ እስቲቃማ እንዲኖራቸው በማድረጌ፣
➧ልቤ በአላህ ፍቅር እንዲጠመድ በማድረጌ፣
➧ አእምሮዬን በጥበብ (ሒክማ) እንጂ በሞኞች አስተሳሰብ እንዲመረዝ ባለማድረጌ፣
➧ምኞቴና ፍላጎቴ የኢማን ልጓም እንዲኖራቸው በማድረጌና ፍላጎቴ በመራኝ ከንቱ ስሜት ባለ መመራቴ ነው» ሲሉ መለሱ፡፡
➧«አላህ ሆይ በአሳወቅከኝ እውቀት ተጠቃሚ አድርገኝ፡፡ የሚጠቅመኝንም ዕውቀት አሳውቀኝ እውቀትንም ጨምርልኝ፡፡ አሜን፡፡»
