AGAPE MISSION MINISTRY ETHIOPIA
رفتن به کانال در Telegram
نمایش بیشتر
کشور مشخص نشده استدسته بندی مشخص نشده است
296
مشترکین
اطلاعاتی وجود ندارد24 ساعت
+77 روز
+4630 روز
در حال بارگیری داده...
کانالهای مشابه
هیچ دادهای
مشکلی وجود دارد؟ لطفاً صفحه را تازه کنید یا با مدیر پشتیبانی ما تماس بگیرید.
ابر برچسبها
هیچ دادهای
مشکلی وجود دارد؟ لطفاً صفحه را تازه کنید یا با مدیر پشتیبانی ما تماس بگیرید.
اشارات ورودی و خروجی
---
---
---
---
---
---
جذب مشترکین
اکتبر '26اکتبر '26
اکتبر '26
+28
در 3 کانالها
سپتامبر '26
+270
در 6 کانالها
| تاریخ | رشد مشترکین | اشارات | کانالها | |
| 12 اکتبر | +14 | |||
| 11 اکتبر | 0 | |||
| 10 اکتبر | +1 | |||
| 09 اکتبر | 0 | |||
| 08 اکتبر | +2 | |||
| 07 اکتبر | +1 | |||
| 06 اکتبر | +3 | |||
| 05 اکتبر | +2 | |||
| 04 اکتبر | +2 | |||
| 03 اکتبر | +3 | |||
| 02 اکتبر | 0 | |||
| 01 اکتبر | 0 |
پستهای کانال
Amanuel Abraham turtii isaanii biyyaa Ingilizii keessatti woldaa kristaanaa wojjin wolitti dhufeenya gaarii qabaachaa waan turaniif jireenyi afuuraa isaanii haalaan jabaate.
Bara 1943 Amanuel Abraham yeroo gara biyyaatti deebi’an al tokichaan miseensa Waldaa Makane Yesusii Itopiyaa Ta’an. Utuu baayyee hinturiinis jaarsa waldaa ta’anii filamuudhaan tajajilaniiru. January 25 bara 1963 ti Prezidantii waldaa Makane Yesusii Itopiya Ta’uudhaan hanga jaunary 25, 1985 waggaa 22f utuu wol irraa hinkutiin tajaajila guddaa kennaniiru. bara 1957-1984 ti waggaa 27 koree hojii raawwachiiftuuWaldaa Lutiraanii Adunyaa (Luthran world Federetion) ta’anii hojjetaniiru.
Kana malees ministeera barnootaa, ministeera dhimma siyaasaa, ministeera postaa, telegrafaa fi telefoonaa; ministeera wolqunnamtii; akkasumas ministeera albuudaa lafa keessaa ta’uudhaan hojetaniiru. itti dabalees biyyoota Hindii, Xaliyaaniif fi Inglizitti Ambasadera Itoopiyaa ta’uudhaan hojii seenaan yaadatu hijetani.
Amanuel Abraham macaafota baayyee afaan Ingilizii irraa gara afaan Amaraatti kan hiikan si’a ta’u; seena jireenya isaanii irraa waan heedduutu baratama.
SagaleeWareegamtootaWangeelaa
Bona Adugna
t.me/AgapeMission
| 2 | YOUTH FOR CHRIST MINISTRY:
Seenaa Ammanuel Abraham beektuu?
(1913 - 2016)
Amanual Abraham Bitootessa 17, bara 1913 wallaaggaa dhihaa, Bojjii nano Bantii Adaree, mana akkakayyuu isanii Malimmoo Gamaa keessaatii, abbaa isaanii Obbo Abraham Tatoo fi hadha isaanii Adde Qanaatuu Malimmoo irraa dhalatani. Abbaa fi haadha isaaniitiif mucaa 4ffaa kan turan Emanuel obolooti isaani sadanu, durba lamaa fi dhirri tokko xinnummaatti jlaa du’an.
Ergamootni wongeelaa biyya Sweden irraa dhufanii erga Ertiraa qubatanii booda lallabdoota wangeelaa yeroo jalqabaatiif gara Wallaggaatti ergan irraa wangeela dhaga’uudhaan warra amanan keessa tokko kan turan abbaan Amanuel, Abarahaam Tatoo, wolduraa duubaan waan duutni ijoollee isaanii jalaa funaannateef, duuni ijoollee diddee itti marmaare kun akka irraa cabuuf yeroo hundaa utuu wol irra hinkutiin haadha warra isaanii wojjin ta’uudhaan Waaqayyoon inkadhatu turan. Waaqayyoos kadhannaa isaanii dhaga’ee abjuudhaan deebii kenneef. Waaqayyo mucaa dhiiraa Amanuel jedhamu akka kennuuf, namni Booruu simaa jedhamus akka abbaa kristinnaa mucichaa ta’u itti dubbate.
Gaafa Amanuel dhalatan, abbaansaanii Abraham Amanueliif abba kristinaa kan ta’u, nama Boruu Siibaa jedhamu biraga'uuf,lafa dheeraa deemsa saatii kudhanii miillaan adeemanii Amanueliin akka sirna amantii Ortodoksiitti cuubsisan. Haata’u iyyuu malee Qeesiin Ortodoksii gaafas mucicha cuube maqaan Amauel jedhu qulqulluu waan ta’eef ilma namaatiif kennuun hinta’u jedhee dide. hata’u iyyuu malee iddoo Amanuel jennu “Walda Amanuel” jedhaa “ Hiikni isaas “Ilma Amanuel jedhuudha” ittiin jedhe. Abbaan Amanuel garuu mucicci deebii kadhannaa isaanii ta’uu isaa jabeessannii waan amananiif dedanii Mucaa isaanii Amanuel jedhanii moggaasani. Akaakan isaanii garuu “Abdiisaa” jedhanii waamaniin.
Amanuel mucaa waggaa shanii ta’anii mana barumsaa swidish mishinii kan Bojitti argamu seenuudhaan afaan Ingilizii fi afaan Amaaraa baratan. Ittifufuudhaanis seenaa MQ ba’eessa godhanii barachuudhaan barataa qaxalee ta’uu isaanii agarsiisan. Dandeettii mucaa isaanik kan argaan abbaan Amanuel ilmi isaanii magaalaa Finfinneetti kan argamu mana barumsaa swidish mishinii galee akka baratu waan barbaadaniif hiriyaan isaanii tokko Amanueliin fudheefii Finfinneetti akka geessu gaafatan. Hiriyaan isaanii kusis tole jedhee Amanueliin fuudhee yoo ka’e iyyuu Naqamteen ga’ee achumatti dhiiseenii darbe. Abbaan Amanuel gochaa nama knaatti yoo garaan isaanii gadde iyyuu abdii hinkutanne.
Utuu baayyee hinturiin mootummaan dargaggoota dandeettii addaa qaban bakka gara garaati filee wolitti qabee mana barumsaa Tafarii Mokonon ti barsiisuuf murteessuun isaa dhaga’ame. Amanuel carraan filamuu yoo isaan qaqqabuudhaa baate iyyuu, carraa barumsaa argatee harmeen isaa kan erguu didde, iddoo mucaa tokkoo bu’anii Finfinnee mana barumsaa galani. Amanuel utuu hinturiin Mana barumsaa kana keessatti barataa barattoota hunda caalu ta’an. Dandeettii addaa agarsiiseenis yeroo garagaraatti badhaasota gara garaa argataniiru. Barumsa waggaa 6s waggaa shan keessatti xumuranii eebbifamani.
Akka barumsa fixaniinis Amanuel Abraham barsiisaa fi dinikteera ta’uudhaan mana barusaa Asaba Tafariitti ramadaman. Amanuel Abraham hojii isaanii kana keessatti dandeettii gaggeesummaa ol’aanaa isaan agarsiisan irraa kan ka’e lakkoofsi barattoota mana barumsichaa haalaan dabale.
Bara xaliyaniin Itoopiyaa weerarte, yeroo mootich Hayile silaaseen dhimma barbachisaatiif nama azaji Worqinaa jedhaman gara Awurooppaatti erge nama barbaade tokko immoo of duukaa fudhatee akka adeemuu danda’u yeroo eyyemameef Amanuel Abrahamiin bareessaa isaa godhatee of duukaa fudhatee gara Biyyaa Ingilizii adeeme.
Itti fufuudhaan garuu Xaaliyaaniin Itopiyaa yeroo weerarte, Motichi Hayile Silaasee fi maatiin isaa gara biyya Ingiliziitti yeroo baqatan Azaji Warqinaan waan hojii isaa dhiisee gara biyya Hindiitti galeef Itti gaafatamummaan hujichaa gutummaatti Amanuel Abrahamitti kenname. | 105 |
| 3 | Bara 1943 Amanuel Abraham yeroo gara biyyaatti deebi’an al tokichaan miseensa Waldaa Makane Yesusii Itopiyaa Ta’an. Utuu baayyee hinturiinis jaarsa waldaa ta’anii filamuudhaan tajajilaniiru. January 25 bara 1963 ti Prezidantii waldaa Makane Yesusii Itopiya Ta’uudhaan hanga jaunary 25, 1985 waggaa 22f utuu wol irraa hinkutiin tajaajila guddaa kennaniiru. bara 1957-1984 ti waggaa 27 koree hojii raawwachiiftuuWaldaa Lutiraanii Adunyaa (Luthran world Federetion) ta’anii hojjetaniiru.
Kana malees ministeera barnootaa, ministeera dhimma siyaasaa, ministeera postaa, telegrafaa fi telefoonaa; ministeera wolqunnamtii; akkasumas ministeera albuudaa lafa keessaa ta’uudhaan hojetaniiru. itti dabalees biyyoota Hindii, Xaliyaaniif fi Inglizitti Ambasadera Itoopiyaa ta’uudhaan hojii seenaan yaadatu hijetani.
Amanuel Abraham macaafota baayyee afaan Ingilizii irraa gara afaan Amaraatti kan hiikan si’a ta’u; seena jireenya isaanii irraa waan heedduutu baratama.
SagaleeWareegamtootaWangeelaa
Bona Adugna
t.me/AgapeMission | 62 |
| 4 | Seenaa Ammanuel Abraham beektuu?
(1913 - 2016)
Amanual Abraham Bitootessa 17, bara 1913 wallaaggaa dhihaa, Bojjii nano Bantii Adaree, mana akkakayyuu isanii Malimmoo Gamaa keessaatii, abbaa isaanii Obbo Abraham Tatoo fi hadha isaanii Adde Qanaatuu Malimmoo irraa dhalatani. Abbaa fi haadha isaaniitiif mucaa 4ffaa kan turan Emanuel obolooti isaani sadanu, durba lamaa fi dhirri tokko xinnummaatti jlaa du’an.
Ergamootni wongeelaa biyya Sweden irraa dhufanii erga Ertiraa qubatanii booda lallabdoota wangeelaa yeroo jalqabaatiif gara Wallaggaatti ergan irraa wangeela dhaga’uudhaan warra amanan keessa tokko kan turan abbaan Amanuel, Abarahaam Tatoo, wolduraa duubaan waan duutni ijoollee isaanii jalaa funaannateef, duuni ijoollee diddee itti marmaare kun akka irraa cabuuf yeroo hundaa utuu wol irra hinkutiin haadha warra isaanii wojjin ta’uudhaan Waaqayyoon inkadhatu turan. Waaqayyoos kadhannaa isaanii dhaga’ee abjuudhaan deebii kenneef. Waaqayyo mucaa dhiiraa Amanuel jedhamu akka kennuuf, namni Booruu simaa jedhamus akka abbaa kristinnaa mucichaa ta’u itti dubbate.
Gaafa Amanuel dhalatan, abbaansaanii Abraham Amanueliif abba kristinaa kan ta’u, nama Boruu Siibaa jedhamu biraga'uuf,lafa dheeraa deemsa saatii kudhanii miillaan adeemanii Amanueliin akka sirna amantii Ortodoksiitti cuubsisan. Haata’u iyyuu malee Qeesiin Ortodoksii gaafas mucicha cuube maqaan Amauel jedhu qulqulluu waan ta’eef ilma namaatiif kennuun hinta’u jedhee dide. hata’u iyyuu malee iddoo Amanuel jennu “Walda Amanuel” jedhaa “ Hiikni isaas “Ilma Amanuel jedhuudha” ittiin jedhe. Abbaan Amanuel garuu mucicci deebii kadhannaa isaanii ta’uu isaa jabeessannii waan amananiif dedanii Mucaa isaanii Amanuel jedhanii moggaasani. Akaakan isaanii garuu “Abdiisaa” jedhanii waamaniin.
Amanuel mucaa waggaa shanii ta’anii mana barumsaa swidish mishinii kan Bojitti argamu seenuudhaan afaan Ingilizii fi afaan Amaaraa baratan. Ittifufuudhaanis seenaa MQ ba’eessa godhanii barachuudhaan barataa qaxalee ta’uu isaanii agarsiisan. Dandeettii mucaa isaanik kan argaan abbaan Amanuel ilmi isaanii magaalaa Finfinneetti kan argamu mana barumsaa swidish mishinii galee akka baratu waan barbaadaniif hiriyaan isaanii tokko Amanueliin fudheefii Finfinneetti akka geessu gaafatan. Hiriyaan isaanii kusis tole jedhee Amanueliin fuudhee yoo ka’e iyyuu Naqamteen ga’ee achumatti dhiiseenii darbe. Abbaan Amanuel gochaa nama knaatti yoo garaan isaanii gadde iyyuu abdii hinkutanne.
Utuu baayyee hinturiin mootummaan dargaggoota dandeettii addaa qaban bakka gara garaati filee wolitti qabee mana barumsaa Tafarii Mokonon ti barsiisuuf murteessuun isaa dhaga’ame. Amanuel carraan filamuu yoo isaan qaqqabuudhaa baate iyyuu, carraa barumsaa argatee harmeen isaa kan erguu didde, iddoo mucaa tokkoo bu’anii Finfinnee mana barumsaa galani. Amanuel utuu hinturiin Mana barumsaa kana keessatti barataa barattoota hunda caalu ta’an. Dandeettii addaa agarsiiseenis yeroo garagaraatti badhaasota gara garaa argataniiru. Barumsa waggaa 6s waggaa shan keessatti xumuranii eebbifamani.
Akka barumsa fixaniinis Amanuel Abraham barsiisaa fi dinikteera ta’uudhaan mana barusaa Asaba Tafariitti ramadaman. Amanuel Abraham hojii isaanii kana keessatti dandeettii gaggeesummaa ol’aanaa isaan agarsiisan irraa kan ka’e lakkoofsi barattoota mana barumsichaa haalaan dabale.
Bara xaliyaniin Itoopiyaa weerarte, yeroo mootich Hayile silaaseen dhimma barbachisaatiif nama azaji Worqinaa jedhaman gara Awurooppaatti erge nama barbaade tokko immoo of duukaa fudhatee akka adeemuu danda’u yeroo eyyemameef Amanuel Abrahamiin bareessaa isaa godhatee of duukaa fudhatee gara Biyyaa Ingilizii adeeme.
Itti fufuudhaan garuu Xaaliyaaniin Itopiyaa yeroo weerarte, Motichi Hayile Silaasee fi maatiin isaa gara biyya Ingiliziitti yeroo baqatan Azaji Warqinaan waan hojii isaa dhiisee gara biyya Hindiitti galeef Itti gaafatamummaan hujichaa gutummaatti Amanuel Abrahamitti kenname.
Amanuel Abraham turtii isaanii biyyaa Ingilizii keessatti woldaa kristaanaa wojjin wolitti dhufeenya gaarii qabaachaa waan turaniif jireenyi afuuraa isaanii haalaan jabaate. | 20 |
| 5 | #Qur'aanni #Kiristaana Na Godhe.
Gaaf tokko, " #YESUS Waaqayyo miti" jedhee namoota duratti lallabaan ture. Achiis warra na dhaggeeffachaa turan keessaa dubartiin tokko, "Yesus ofii isaatii eenyu?" nan jette Kanaaf, yeroo sanaa kaasee waaʼee #YESUS Caalaatti baruuf yaaduun jalqabe.
Qur'aana irraa eegaluu akkan qabu waan natti dhaga'ameef Qur'aana irraan jalqabe.
👉Qur'aana keessatti suura 114 fi aayata 6666tu jira.
👉Waan nama ajaa'ibu Qur'aana keessatti maqaan isaa Maqaan 👉 #YESUS yeroo 25 kan caqafame yoo ta'u, kan Nabiyyii Muhaammad kan akka nabiyyii Islaamaa isa dhumaa ta'ee lakkaa'amu immoo yeroo 4 qofa ka'ameera.
◉ Garuu nabiyyii Islaamaa caalaa maqaan Yesuus maaliif caqafame??
◉Maaliif Qur'aanni Muhaammad caalaa waa'ee Yesuus dubbachuu barbaade??
👉Qur'aana keessatti maqaan dubartii tokkollee hin eeramne. Haati Muhaammad hin eeramne; haadhotii manaa isaa hin caqafaman; garuu kan nama ajaa'ibu haati Iyyasuus Maariyaam dubartii Qur'aana keessatti maqaan ishee caqafame qofaadha.
◉Garuu Qur'aanni maalif haadha Iyyesuus qofa kaasa??
◉ Qur'aanni maaliif Yesuus irratti xiyyeeffata??
👉Yeroo suura 3:45-55 keessatti dubbifnu Qur'aanni akkas jedha
Yesuus
➜ Dubbii Waaqayyooti
➜ Hafuura Waaqayyooti
➜ fi Masiihidha.
👉Wanti nama ajaa'ibu nabiyyii Muhaammad Dubbii Waaqayyoo miti. Hafuura Waaqayyoo miti, Masiihichas miti.
👉Qur'aana keessatti,
➜ Yesus ijoollummaa isaatti ykn umurii uumamaa isaa dura dubbachuu akka jalqabe dubbata.
➜ Yesuus suphee irraa simbirroo tolchee jireenya akka isheef kenne dubbata.
➜ Yesuus dhukkubsattoota fayyise jedha.
➜ Yesus warra du'an kaase jedha.
➜ Yesuus osoo hin du'in gara samiitti ol ba'e jedha.
➜ Ammas lubbuun samiirra akka jiruu fi deebi'ee akka deebi'u dubbata.
👉Garuu waa'ee nabiyyii guddaa isa jedhan kan Islaamaa kana akkas hin jedhu.
➜ Muhaammad ijoollummaa isaatti dubbachuu hin jalqabne.
➜ Muhaammad suphee irraa simbirroo tolchee jireenya kennuu hin dandeenye.
➜ Muhaamma dhukkubsattoota fayyise jedha.
➜ Yesus warra du'an kaase jedha.
➜ Yesuus osoo hin du'in gara samiitti ol ba'e jedha.
➜ Ammas lubbuun samiirra akka jiruu fi deebi'ee akka deebi'u dubbata.
👉Garuu waa'ee nabiyyii guddaa isa jedhan kan Islaamaa kana akkas hin jedhu.
➜ Muhaammad ijoollummaa isaatti dubbachuu hin jalqabne.
➜ Muhaammad suphee irraa simbirroo tolchee jireenya kennuu hin dandeenye.
➜ Muhaamma dhukkubisata hin fayyisinee.
Kanaafuu fayyinni quraanaan miti ❌ Isilaamummaan miti, zakaa baasuu fi makkaa(hajii) deemuun miti ❌
Maalidhaaniree???
® Yesuus krisitoosiin Qofaadhaani.
Baraa warrii hin beekne. Yesuusiin malee jireenyi hin jiru. Namni Yesuusitti amanu yoo du'e iyyuu in jiraata.
Waan dubbistanif Eebbifamaa ✍️ Channel keenya kana join, share, follow godhaa!
t.me/AgapeMission | 498 |
| 6 | Xibaartota 300 tu na ajjeesuuf ergame!
====================≈======
" Bara 1961 Kiruseedii Wangeelaa biyya Hayitii jedhamtuttin lallabuuf deeme. Biyyattiin teessoo macca hafuura hamminaa turte. Affeera bulchaa biyyaatiin kanan waamame yoo ta'u, buufata xiyyaaraa yoo geenyu konkolaachisaan gara masaraa mootiitti na fuudhee qajeele. Konkolaataa keessa osumaan taa'uu dhukkubbiin garaachaa hamaan natti dhufe. Dafqi narra dhangala'e. Shufeerichaan maaloo deemsa kana dhiisiitii gara hootela bultiif naaf qophaa'etti na geessin" jedheen. Falmii yeroo muraasaan booda gara hoteelan bulutti na geesse.
Garaa kiyyaan lafarran ciise. Garmalee waan na dhukkubeef, yaa gooftaa maaltu ta'aa jira? Anoo du'ufan jedha" jechuun gara Waaqayyoo isa hundumaa danda'uuttan watwaate jedhu Dr. Morris Cerullo. Deebiin Waaqayyoos "Akeeka diinni si dhabamsiisuuf qopheesse akka dhabamsiiftuu fi ibiddi wangeelaa humna hafuura qulqulluun akkamitti akka hojjettu si barsiisuuf jecha mudannoon kun akka si qunnamu kan taasise Ana. Yaa mucaa koo, Kiruseedii ati har'a lallabuuf adeemtu kana keessa mortoota(witch doctors) 300tu si ajjeesuuf qophaa'ee jira. Kanaafuu, humna dubbi sagalee koo ati dubbattuu kana raggaasisuuf si wajjiinan jira" naan jedhe Waaqayyo inni jiraatan. Dhukkubni koos battalumatti lafa lixen dhabe.
Ergan kana dhaga'een booda bakka isteediyamii konfiransiin itti qophaa'ettan qajeele. Yeroon waamamettis bakkee aarsaa irratti tajaajiluufan ol ba'e. Walga'ichi raafama guddaan guutameera. Daqiiqaa lama ykn sadi yoon dubbadhu na ajjeessuuf gara kootti kan fiigu lakka'amee hin dhumu. Dargaggeessi afaan anaaf hiiku guutummaan dhaqna isaa dafqaan guutameera. Yoon kana argu faarfataa na bira jiru kaaseen faarfannaa "Amazing Grace" jedhu faarfadhun jedheen. Battala sanatti humni hafuura gooftichaa kiruseedicha to'ate.
Yeroo sanatti ijji kiyya waan banameef sagalee kiyya olfuudheen "Yaa uummata Hayitii! Har'a ana ajjeessuuf falfaltoota 300tu mooraa seexanaa irraa gara konfiransii kanatti ergame. Torban tokkoon dura suura koo godoo xibartootaa keessatti halluu qaxxamuuraa irra ka'uun na abaaraa akka turan Waaqayyoo gooftaan inni kan Israa'el anatti dubbateera. Ergaa har'a yookan Waaqayyo koo ykn seexana isaaniitu waaqa ta'e mul'atan" jedheen.
Waaqayyoo xibaartota 300n sana bakka isaan ta'anii fi eenyummaa isaanii guutuun waan natti mul'iseef anis tokko tokkoo isaanii maran ifatti saaxile. Waan tokko goona yoo jettan immoo har'a Waaqayyoo inni kan Eliyaas irree isaatiin isin waan dhabamsiisuuf callisuu qofatu isinii furmaatan jedhe. Gabii guddaatu ta'e. Tajajjillis itti fufe. Waaqayyoo milikkita jabaan dubbi sagalee isaa mirkaneesse.
Osoon lallabuu daa'imni dhaloota isaarraa kaasee ijaan hin argine fayyee dinqisiifannoo guddaan ta'e. Ajaajaan waraanaa fuuldura taa'u tokko naasuu fi aja'ibsiifannaa guddaan as bahee "daa'imni kun kan warra ollaa kooti. Ajaab! Hojii Waaqayyo " jechuun dhugaa ba'e . Warri na ajjeesuuf ergamaniis dabaree dabareen waangeelatti amanan.
“Waaqayyo takkaa dubbateera, aangoon kan isaa akka ta'e, lammaffaas dubbateera, anis kana dhaga'eera.”
— Far. 62:11
Dureessaa Gulummaatu barreesse!
Ebbifamaa!!
Maddi: https://www.facebook.com/share/1DGpCqazzv/
t.me/AgapeMission | 295 |
| 7 | Muuslimota 100,000 gara Yesusitti fide!
==============================
Harun Ibraahimiin jedhama. Muslima biyya Israa'el maatii Arabotaa irraan dhaladhe. Hordofaa amantaa Islaamaa kanan ture yoo ta'u haati manaa koo immoo kiristaana lammii biyya Ireland mandara Kibbutz keessa jiraattudha. Anaa fi haadha manaa koo gidduu wal mormiin amantaa tokko illee hin turre. Isheen waggoota shaniif cimsitee gara gooftaa akkan dhufuuf naa kadhatti turte. Xiinxala waggaa muraasaan booda amantaa kam hordofuu akkan qabu filannoottan dhiyeesse. Itti fufee islaama ta'uu ykn amantii kiristaanaa fudhachuu ykn amantii Yihudotaa(Judaism) hordofuu yaadni jedhu sammuu na qoraase.
Kibbutz manda biyya Israa'el keessatti guyyaa tokko tajaajilaan daandii irratti lallabu gooftaa Yesus Kiristoosiitti amanee akkan fayyuuf natti lallabe. Deebiin koos "Ani musliima. Haati manaa koo immoo kiristaana. Karaa lachuun iyyuu nama Waaqayyoo eege waanan ta'eef ana hin barbaachisu"n jedheen dide. Innis "Tole. Akkas taanan mootummaa Waaqayyoo keessaa qooda hin qabdu. Eenyullee karaa Yesus malee gara Abbaa dhaquu hin danda'u" naan jedhe.
Baay'een aare. Ati nama kashalabbeedha jedheen abaare. Ta'us kutaa macaafa qulqulluu kana akkan dubbisuuf na dura dhaabbate. Innis wangeela gooftaa isa Yohannis barreessedha. Anis guutummaa Wangeela Gooftaa Yesus isa Yohannis caafe sana si'a 7'n irra deddeebi'ee dubbise. Yeroo sana Yesus jaalala akka ta'e ergan hubadhee lapheen koo na cabe. Anis Yesus gooftaa fi fayyisaa lubbuu kiyyaa godheen amane.
Waggoota dheeraaf misiyoona ta'ee biyyoota Arabaa keessatti hojjedheera. Bara 2003tti "Al Hayat Ministries " hundeesseen ija jabummaan wangeela Arabootatti lallabe. TV Kiristaanootaa baneen wangeela aadaa fi afaan Arabonni hubachuu danda'aniin dhugaa itti ba'e. Jalqaba namni 10 hanga 15 illee gooftaa yoo fudhatan jedhee yaadus namootni kumatama hedduun nu hordofuu eegalan. Baay'een Yesus Kiristoositti amanan. Kan isin ajaa'ibu "musliimni 85% quraanaa fi hadiisa illee dubbisuu hin beekan. Waanuma barsiisonni amantii ittiin jedhan dhugaa se'anii fudhatu. Ani fi obbolonni kiristaanaa amantii musliimaa irraa dhufne quraanaa fi hadiisa isaanii tokko tokkoon hiikne afaan isaan beekaniin itti himne. Wangeela Gooftaa dhugaa itti baane. Daran gowwomfamanii akka dukkana keessa jiran hubatan.
Ammas baay'een ummata musliimaa dhugaa barbaadaa jiru. Haroomsi guddaan biyyoota Arabaaf dhufaa akka jiru sirrittan amana. Ta'us islaamummaa jijjiiruun waan hin eyyamamneef sodaatu. Yoo dhiisan guyyaa 3 tu akka deebi'aniif kennamaaf. Didnaan ni ajjeefamu, ni ari'atamu. Maatii isaaniin jibbamu. Hawaasa keessaa adda baafamu. Egaa sodaa Irraa bilisa kan isin baasu, kan lubbuu keessan fayyisu, kan nagaa dhugaa isiniif kennu Yesus Kiristoos qofa waan ta'eef isatti amanaa fayyaa yoon jedhu kabaja guddaa waliin kan jedhu ergaa isiniif dhaameera.
Source: CBN News
Talia Wise tu Afaan Ingiliffaan katabe.
Duresa Guluma tu hiikee barreesse.
Bona Adugna fb
t.me/AgapeMission | 239 |
| 8 | #Kanaaf obboleessa/tti koo anif attis akkuma sagaleen gooftichaa jedhu hardha qorree of haa ilaallu, warri dura keenya turan, Attamitti akka jiraatan, akka du'ani, jireenya isaanii keessaa wanta argame haa ilaallu, fakkeenya amantii isaanii fudhannee duukaa haa buunu.
🚩Akkuma abboottii amantaa Kaatolikii qooda (Indulgence) gurgurraa turan dura namoonni akka #Martin_Luteriif #Yohaannis_Kalviin dhugaa macaafa qulqulluu hubbachuun dura dhaabbatan kana, warra waan ulfina gooftichaa Isa caaffata qulqulla'aa keessatti nuuf ifeen mormu, #Zayyitii, #Bishaan, #Ashaboo, #Uffata_gurgurruu fi maqaa #Gust_House jedhuun qarshii saamanii ulfina waaqayyoo salphisaa, ulfina mataa isaani ijaarratan dura haa dhaabbannu, miilla Haaressitoota (Reformers) irra haa buunu, gara dhugaa macaafaatti ofiis haa deebinu, Saba waaqayyoos haa deebisnu. akkuma abboota nu dura turanii, jireenya keenyaanis du'a keenyaanis waaqayyo abbaan ulfina haa argattu.kana kan nu dandeessisus ayyaanni waaqayyoo inni safara beekumsa namaa bira darbu nuuf haa baayyatu.
Ameen!
© Iyasu Yadeta (Fb)
@UumamaHaaraa1 | 60 |
| 9 | 🚩 Kalviin barataa collee sababa ta'eef Afaan Laatiinii akka gaariitti, afaan
Giriikiis beekuunsaa filoosoofii sirnaan qayyabatee akka hubatu isa gargaareera.
Kanaanis hayyummaa guddaa ijoollummaasaatti gonfateera. Nama hog barruu jabaa sababa ta'eef umurii 22tti kitaaba barreessuu danda'eera.Yeroo muraasa booda dubbiin barsiisa luuter Faransaayiin gahuunsaa jireenya kalviinirratti dhiibbaa addaa uume. Gaaftokko ifti wangeelaa guddaan inni irraa hafuun dandeenye lapheesaarratti akka ife gaafa ibsu... " Waaqayyo lapheekoo
barootaaf didaa ture, barsiisasaatiif bichisiiseera , dhoqqee gad fagoo sana keessaa eenyuyyuu na baasa jedhee hin yaadnen ture waaqayyo garuu lapheekoo battalatti jijjire"jedha.
🚩 Akka itti amanekan dhugaa bahu kalviin
Waaqayyo dubbii wangeelasaa isa dhugaaf lapheekoo.jilbeenfachiise, guyyaa
guyyaatti natti dabalaa kan.bulu dheebuu qulqullummaa, hinaaffaa hafuuraa
gubaadhaan lubbuunkoo booji'amteetti" jedhee ture.
🚩Umuriisaa waggaa 24tti ari'atamni gama mootummaatiin, maqaa hordoftoota #Luuter jedhuun irratti baname biyyaa bahee baselitti akka baqatu isa taasise.
🚩Achittis kitaaba #systematic_theology hanga har'aatti daran jaal'atamummaa guddaa qabu '' #Institutes_of_christian_Religion" umuriisaa 27tti barreessuu danda'eera. Maaliif kitaaba sana akka barreesse gaafa dubbatus "uummata biyyakoo kan kiristoosiin beela'eef, dheeboteef, ba'aan qaburraa ka'eenidha" jechuun dubbateera.
🚩Kitaabasaa keessatti kalviin ilaalcha waldaansaa qabdu, sirna qulqulleessurratti, qajeelummaarratti, Bilisummaa waldaarratti akkasumas waayee siyaasa
mootummaallee tarreesseera. Walumaa gala barsiisasaa keessatti
Xiyyeeffannoonsaa addaa kan ture waayee Olaantummaa waaqayyoo(sovereignity
of God) ture. Kunis cubbuun addaamummaa sanyii dhala namaa guutummaatti
mancaasee fedha bilisaa gaarii namni qabaachuu malu, sababa bal'eesseef. eenyullee gargaarsa waaaqayyoon yoo ta'e malee amantii fayyisuu lapheesaa keessatti qabaachuu akkan dandeenye jala muree dubbate.
🚩 Namni humna wangeelaa hubachuu kan danda'u, humni hafuura qulqulluu yoo lapheesaa cabsee yoo seene malee beekumsi filoosoofiiin sababeessuu danda'uunii fi sirni amantaa kamuu
tasumaanama jijjiiruu akkan dandeenye barsiise. Kanaanis humna namaarraa kan
hin taane, gargaarsa waaqayyoorratti hirkateen barsiisa dhugaaf ga'umsa
olaanaadhaan falmeera.
🚩Iyyi keessoo kalviin sirna amantaa du'aa, barmaatilee mana amantaa kana caafata
qulqulluutiin faallaa ta'an, aangoo phaaphaasii isa humnaa ol daangaa dhabe sana, dhokfamuu ulfina kiristoos dhaalootaaf ibsuu ture.
🚩 Kiristoosiin kan argame isa
maaliinuu hir'ifamuu hin dandeenye, maaliinuu hin dabalamne, hojii fayyinaa inni ga'aa ta'e sun giddu galeessa barsiisasaatii ture. lubbuusaatti murteessuun aangoo
phaaphaasii dura dhaabachuun akkas jedhee falmeera. "waldaatu sagalecha
qulqulluusurraa dhalate malee, sagalechi waldaarrraa hin dhalanne" jechuun
gocha ifatti waldaa kaatolikii Roomaa ifatti mormeera.
🚩Firootakoo gara sagalee waaqayyootti haa deebinu, jechaa ture, kana malees bakka cuuphaan itti geggeeffamu gara duubaatti dabarsuun puulpiitii lallabaa gara walakkaatti butuun kaayyoo walitti qabama waldaarrattillee dhiibbaa gaarii
uumeera. Kanarraa kan hafe magaalaanni keessa jiraatu dhiibbaa barsiisarraan.kan
ka'e hojiitti kan tattaafatan sababa ta'eef kadhataan tokkollee magaalaa sana keessa akkan turre seenaan ragaa ba'a.
🚩Ingiliiz, iskootlaand,fi faransaay irraa baqattootni gara magaalaanni jiraatu
Jeneevaatti rukkisaa turan. namootni achitti baqatanis beekumsa macaafa qulqulluu
leenji'uun biyya isaaniitti deebi'anii wangeela lallabuun aarsaa ta'aa sababa turaniif kitaabni kalviin kan Institutes jedhamu sun "Mana barumsaa du'aa kalviin" jedhamee waamamaa ture.
#Dhaamsa!
♨Warra isin geggeessanii, dubbii Waaqayyoo isinitti himanii turan yaadadhaa! Attamitti akka jiraatan akka du'anis, jireenya isaanii keessaa wanta argames ilaalaa, fakkeenya amantii isaanii fudhadhaa duukaa bu'aa! Ibr 13:7 | 51 |
| 10 | ta'ee abbaa qulqulluu inni waaqarra jiru, firdii akkamiitiin cubbamaa akkakootii adaba laata jedhee gaafanni sodaasaa himatu waayillisaa tokko, Ati maaliif akkas dhiphatta callisiitii waaqayyoon jaal'adhu jedhee jajjabeessuuf yaalus maal akkamittan waaqayyoon Jaal'adha? adabasaatu na fuuldura jirawoo fallaasaa nan jibbayyuu malee jedha ture. keessa isaatti dhiphinaaf gadadama ulfaataa dabarsa ture. Cubbuusaa lubatti himatee tasgabbaa'uuf gaafa yaalu cubbuun himachuu dagadhetu jira jedhee ammas dhiphinarratti dhiphina. haa ta'u malee mooraa gadaamii sana keessa jiraachaa barumsa og waaqummaa hamma sadarkaa
doctireetiitti barate. achumattis piroofeesera barsiisaa kolleejjii macaafa qulqulluu ta'uun barsiisuu eegale. yeroo kana ture egaa hammuma gad fageenyaan macaafa qulqulluu dubbisu, Akkaataa dogoggoraan wantoota dhagahaa turerraa gara dhugaa macaafa qulqulluutti dhufuun dhumarra Ergaa Phaawuloos gara Roomaatti barreesse barsiisuuf qophii taasisu keessatti Rom 1:17 irraa qajeelummaan waaqayyo namaaf kennu amantiidhaan akka argamu hubachuun deebii gaaffii bara jireenyasaa guutuu isa dhiphisee argate. Ayyaana waaqayyoorratti boqote.
👉Sana booda Gammachuusaa kan jeequ, kan gaaffii keessa isaatii utuun taanee daba macaafa qulqulluurratti godhamu qofaa ta'e. Bara sanattimmoo akkuma jalqabarra
kaasnee turre barteen waraqaa dhiifama cubbuu gurguruu waldaa kaatolikii Roomaa keessatti isa duriirra kan caalu bifa adda ta'een geggeeffamaa jiraachuun Luuteriin
dheekkamsiise. Akkuma abbootasaa innis macaafni qulqulluun waldaa kiristiyaanaa
hoogganuu qaba jechuun falmuun barattootasaa barsiisuu eegale.
👉Dhumarratti egaa taate seena qabeessa sana, onkoloolessa 31 /1517tti qaphxiilee falmii kan gocha waldaan faallaa macaafa qulqulluu deemuun gochaa jirtu qeequ, abbaa qaphxii 95 barreessuun balbala katediraala sanaatti cinqaaarse.
👉Bara sana Hayyootni qaphxiilee
falmii barreessanii maxxansuun falmiif wal afeeruun aadeffatamaa yoo turellee, kan
Luuter adda ture. Moloqsechi gara kuteessi sun Biyya raase, falmii kaase, doorsisaanis ta'ee falmii hayyootaa gama waldaatiin dhufaniitiin isa mo'achuutu dadhabame. Keessuma dhalachuun teekinooloojii maxxansaa, barreeffamootni luuter bal'inaan akka faffaca'u tumsa guddaa godheefii ture. Haaluma kanaan deggertoonni yaada luuter akka baay'atan gochuun akka abboota kanaan duraa, luuterii fi yaadasaa ukkaamsuun akka dadhabamu godhe.
👉Haata'u malee salphaatti harka kan hin laanne waldaan bara sana turte Luuteriin
yaa'ii moormis bakka mootiin moototaa biyyattii fi hirmaattoni danuun jiranitti
waamuun barreeffamootaa fi yaadotasaa akka ganu waamicha akeekkachiisaan
dabaalame gooteef. Inni garuu yaa'ii sana duratti dubbii seenaan ittiin isa yaadachaa hafu dubbachuun hundumaa afaan qabachiise. "Karaa ifaa ta'een macaafni qulqulluun yoo na amansiiserraa kan hafe ammas ta'ee gara fuulduraatti yaadakoo jijjiiruu hin danda'u. Qor-qalbii ofiitiin faallaa deemuun sirriis gaariis miti, Kanaafuu kunoo asin dhaabadha, kan biraa homaa gochuu hin danda'u, waaqayyo na gargaari"jedhe.
👉Taatee kana booda humnootni isaaf kaayyoosaa morman Luuteriin akka hin
dhabamsiisneef kan isaaf male, bulchaan bakka dhalootasa Firediriik jedhamu,
Luuteriin buchisiisuun ji'ootaaf ija namaa duraa dhoksee ture. luuter garuu Yeroo
sanattillee fayyadamuun macaafa qulqulluu kakuu haaraa Afaan Laatiiniirraa gara
Afaan Jarmaniitti hiikuun daran baay'achuu hordooftoota dhugaa, dhalachuu fi
mootummaa birattillee dhaabbataatti beekamtii argachuu garee mormitoota sobaa ykn pirotestaantiif hojii bu'uura jabaa ta'u ittuma fufee hojjete..Isa waliin hidhata hojii fi hayyuu og waaqummaa kan ture akkuma Luuter geggeessaa haara'umsichaa ziwiingiliifi melaankiton hojjetoota gooftaa kanneen seenaan.isaan hin dagannedha.
#Yohaannis_Kalviin(John Calvin)
"Gooftaa yeellaasisuurra si'a 100 du'uun filadha."
🚩Kalviin tilmaamaan bara 1509 Faransaay kaaba paarisitti kan dhalate yoo ta'u.
Innis akkuma luuter dhiibbaa abbaasaatiin kana baratta, kana hin barattu jedhamaa kan turedha | 33 |
| 11 | GUYYAA HAARA’UMSAA || REFORMATION DAY
Onkoloolessa (Oct) 1/1517. Waggaa_508ffaa!
✨Nuti addunyaa guunne jirra, ati qofaa keeti,, yaada kee jijjiiri gara keenyatti deebi'i (Dubbii abbootin amantaa Kaatolikii Martin Luuteriin) jedhan✨
👀"Karaa ifaa ta'een macaafni qulqulluun yoo na amansiise irraa kan hafe ammas ta'ee gara fuulduraatti yaadakoo jijjiiruu hin danda'u, hardha qofaa waanan jiru isinitti fakkaata, waaqayyo Isa hundumaa gararraa jirutu na waliin jira, bor immoo dhaloota kumaatamaan lakkaa'amutu na duuba jira" (deebii Martin Luuter abbooti amantaa Kaatolikiif deebise).
🚩Waaqayyo lapheekoo barootaaf didaa ture, barsiisa isaatiif bichisiiseera , dhoqqee gad fagoo sana keessaa eenyuyyuu na baasa jedhee hin yaadnen ture, waaqayyo garuu lapheekoo battalatti jijjire" ~Yohaannis Kalviin (John Calvin)
🚩“Gooftaa Yesuus, ati qajeelummaa kooti, ani cubbuu kee ti, waan kan koo ture sittu fudhatte, kan kee kan ta’e natu kaa’atte, ani waanan hin turre akkan ta’uuf, ati waan hin turre taate.”(Martin Luuter)
🚩"Gooftaa yeellaasisuurra si'a 100 du'uun filadha."(Yohaannis Kalviin)
Caaffanni qulqullaa’oon akka xiyya dukkana balleessee Waaqayyoof ilaalcha ifaa ta’e nuuf kennu ti.(Yohaannis Kalviin)
Seenaa Waldaa Kiristaana Keessatti Guyyaa Haara'umsaa jedhamuun kan beekamu guyyaa kami?
Seenaa Waldaa kiristaana keessatti guyyaa Haara'umsaa jedhamuun kan beekamu Onkoloolessa 31/1517.
Haara'umsa(Reformation) jechuun maal jechuudha?
Haara'umsa jechuun waan haaraa uummuu (dalaguu) jechuu osoo hin taane hundeetti deeb'uu (sirrachuu) jechuudha.hundichis barsiisa ergamootaatti.bara ergamootaatti
📎Bu’uurri amantii Macaafa Qulqulluu qofa.
📎Ayyaanaa Waaqayyootiin qofa.
📎Fayyinni amantii qofaan malee hojiidhaan miti.
📎Fayyisaan fayyisuuf kenname Kiristos qofa.
📎Waan hundumaa gararratti Ulfinni Waaqayyoof qofa kan jedhuu ture.
Bara giddu galeessaa keessa waldaan kaatolikii garuu dhugaa waaqnif lafti maramtee yoo darbite illee darbuu hin dandeenye kana irraa maquun
Nama du’eef qooda (indulgences) gurguruu.
Amantoonni akka Macaafa Qulqulluu of harkaa hin qabaanneef dhorkuu.
Hojiitu nama fayyisa malee amantii qofa miti jechuu.
#Abbootii amantaa (Pope)n aangoo hin daangofne qaba jechuun macaafa qulqulluu gararratti ilaalamuun eeggale.
#Martin_Luther.
👉Haala kanaan utuu jiruuti egaa xumura Jaarraa 15ffaa jala kan dhalate, umurii
xiqqaatti yuuniversiitii seenuun barumsa 'scholastic philosophy' fi Loojikii baratee
bakka xumureetti, dhiibbaa mata jabeessicha abbaasaatiin, ammas barumsa Seeraa baratullee, taateen jireenyasaa shororkeessu tokko isa mudachuun dhiphina jireenyasaa daran kan hammeesse ture.
👉Maartiin Luuter namni jireenya
barattummaa keessatti dhukkubaan rakkachaa ture, karaa utuu deemuu Roobaa ulfaataa keessatti sagaleen kakawwee humnaa ol isa sodaachisuun shororkaa'e. kunis hamma bakakkaan cinasaatti bu'ee dacheetti isa maxxansutti sababa tureef naasuu ulfaataan sun kallattii jireenyasaa gara fuulduraa isa geeddarsiise. 'Ofii utuun bakakkaa sanaan du'eera ta'ee, dhugumaan jireenya barabaraatti waan na galchu hojii gaarii hin qabun ture' kanaafuu carraa lammaffaan argadhe kanatti
fayyadamuun hojii qajeelummaatti naaf lakkaa'amun hojjedha kaka'umsa jedhuun
umurii dargaggummaa ganna 34tti tarkaanfii jabaa fudhate. kana booda jireenyi lafa kanarraa nahaa ga'u. Haadha manaa fuudhuuu dabalatee waan namni lafa kanarratti ittiin gammadu hundumaa balfuun barakoo hafe
lubbuukoofan jiraadha, jedhee gadaamii galuun jireenya hafuuraatti cichuu fi dhoksaawwan qulqullaa'oo kabajuu itti fufe.
👉Haala kana keessatti gaaffii lubbuusaaf deebii kan ta'u argachuun kan itti cime, gorsi hiriyoota isaa kaan isa jajjabeessuu dadhabe. Abbaankoo inni hamaan sun illee balleessaakoof gaafa na adabu hamma qaamnikoo dhiiga roobsutti erga na reeba | 42 |
| 12 | 🌟 THANK YOU 10,000 FOLLOWERS! 🌟
We are grateful to each and every one of you for being a part of the Youth for Christ Ministry family. Your support, engagement, and prayers help us continue to grow and serve together, engaging hearts for Christ!
Let’s keep spreading love, faith, and hope. God bless you all!
#YouthForChristMinistry #ThankYou #10KFollowers #EngagedForChrist
t.me//Youth4Christ1
Fb: https://www.facebook.com/share/1DqzZ2HM7C/ | 64 |
| 13 | 🙏🏽 Kadhannaa 🙏🏽
Ummata Oromoo Jimmaa
Baay'ina ummataa – 4,403,000
Afaan – Afaan Oromoo
Amantii – Islaamummaa (97%)
Kiristaanota – 2–5%
Wangeelaa – 0.1–2%
Macaafni Qulqulluun – Hiikameera
Qabeenya Wangeelaa – Ni jira
Seensa
Ummanni Oromoo Jimmaa garee Oromoo keessaa isa guddaa keessaa tokko. Baay'inaan naannoo Jimmaa fi laga Gibe irratti jiraatu, lafa qonnaaf mijataa keessatti argamu.
Bara 18ffaa fi 19ffaa keessa mootummaa Jimmaa (Abbaa Jifaar) hundeessuun mootummaa cimaa fi badhaadhaa ta’e turan. Bara 1932tti gara mootummaa Itoophiyaa keessatti makaman.
Madda:
Herbert S. Lewis, Jimma Abba Jifar, an Oromo Monarchy: Ethiopia 1830–1932
Mohammed Hassen, The Oromo of Ethiopia: A History 1570–1860
https://joshuaproject.net/people_groups/19653/ET
Mata-dureewwan Kadhannaa 🤲🏼
👉🏼 Seenaa fi tokkummaa: Seenaa gaarii fi tokkummaa ummata kanaa dhalootaaf bu’uura akka ta’uuf haa kadhannu.
👉🏼 Hoggantoota: Hoggantoonni haqa, ogummaa fi amanamummaadhaan akka tajaajilan haa kadhannu.
👉🏼 Nageenya: Naannichi araaraa fi tasgabbii keessatti akka guddatuuf haa kadhannu.
t.me/AgapeMission | 420 |
| 14 | (kabaan fidoo jawwee Mana namaatti galu ajjeese)
Xonqaayiin tokko Faarfataan Kabaa Fidoo keessan jawwee tokko najalaa ajjeese jedhee dhugaa ba'uudhaan gooftaatti harka kennate.
Dhugaa baatiin kun yoo soba ta'e isiniin miti,waaqan sobe. Dhuga baatii har'a waldaa ani keessaa waaqeffadhutti ta'edha. Dhuga baatii kanaan Sabni keenya har'a garmalee gammachuudhaan guutame.
Xonqaayichi akkas jedhe "Jawwee bitadheen galaan jira ture, buufata konkolaataa Ambootti konkolaataa baakkoon yaabbadhe jedhe, konkolaataa sana keessa faarfataa Kabaa Fidoon arge jedhe. Gaafan kabaa fidoo argu jawweekoo isa kaartoonii keessaan yaadadhe jedhe. Kabaan fidoo kun gaafa na argu konkolaatuma sana keessatti Afaan haaraa xaaxessuutti ka'e jedhe. Anoo afaan arabiffaanan waa dubbadhe jedhe. Anatu hin beeku malee namichi dhugaa ba'e kun arabifficha kabaarratti dubbate sana har'a saba keenyaaf irra deebi'ee dubbateera.
Dhumarra gaafan kabaa biraa hafee baakkotti bu'u Kabaan Waaqayyo si wajjiin haa galu naan jedhe jedhe. Gaafan mana galu jawweenkoo inni ani qarshii 32,000 bitadhee gale kaartoonuma keessatti najalaa du'e jedhe. Akkasitti kabaan jawweekoo najalaa ajjeese jedheetu dhugaa ba'e. Turtii yeroo muraasaa booda Waaqayyo ofitti na waamee isinitti na dabale,jedheetu dhugaa ba'e. Kanarraan kan ka'e mannikoo hunduu firootumakoon najalaa diigame jedhe. Ergan amantii ta'ee firri ani kaleessa hojii hamaa kana faana hojjedhu najibban jedhe.
Waa baayyee isinirratti hojjechaan ture jedhe,waan isin gooftaa jaallattaniif ooltan osoo hin taane,waan kiristoos isin jaallateef ooltaniittu jedhe. Garuu jedhe xonqaayiin ana qofatu harka kennate malee baayyeen hafaniiru,waan ta'eef xonqaayiin harka kennateera jettanii hin ciisiinaa,kadhadhaa jedhe.
Sana qofa miti,bishaan nubira fidataniitu irratti qaraaneetu isaan immoo ittiin isin fayyisanii isinitti gurgurachaa oolu jedhe. Tajaajiltoota baayyee qalabatii isaaniirratti hojjechiisnaaf jedhe. Namni kun suuraafi video akka nan waraabne jedhe. Isa bakkee miti inni keessaayyuu keessa hin jiru jechuu barbaadeetu fakkaata. Dhuga baatii kanaanis Amantoonni keenya garuu har'a humna guddaa argataniiru. Waaqayyo hojii hamootaa akka diigu sagaleen Waaqayyoo nu barsiisa. Harras boris inni humna qabeessa kan ta'e Hafuurri Waaqayyoo isa namootni ittiin waan jallinaa hojjetan hundumaa ni ajjeesa. Isaaf galanni haa baayyatu🙏
Waaqayyo inni kan kabaa fidoo garuu waaqa sirrii ta'eetu argame ...!
Yesuus Gooftaadha......
Desalegn Berhanu Debela Gooftaan si haa eebbisu. Ergaa jabaa nuuf qoodde🙏
t.me/AgapeMission | 454 |
| 15 | Mormi ishee yeroo citu, ummatni hundi gaddaan guutame. Jane Grey seenaa keessatti ija jabina dargaggummaa fi amanamummaa amantii guutuu argisiisuun fakkeenya taateetti! African Proverbs Pageየአፍሪካ አመራር ልህቀት አካዳሚ African Leadership Excellence AcademySanyii Nagaa MediaPage Segni AmanuelCHRISTIAN MEDIAFriends
t.me/AgapeMission | 473 |
| 16 | Seenaa 2ffaa.
Mucaan asii gaditti argamtu kun
Lady Jane Grey jedhamti.
Bara 1537 keessa dhalatte. baay'ee beektuu, Yesuusiin kan jaallattuu fi amantii Pirotestantiitiif kan quuqamtuu turte.
Gabaabsee isiniif dhiyeessera. Dubbisaa xumuraa waan guddaa irraa barattu.
Aangoon Mootichaa Edward VI (dargaggeessa fi amantiin isaa Pirotestantii ta'e) dhibee sombaatiin yeroo du'uuf deemu, obboleettii isaa Mary Tudor (amantii Kaatoolikiitti jabduu kan taatee fi "Bloody Mary" jedhamuun beekamtu) akka mootummaa hin dhaalle gochuu barbaade.
Kanaan kan ka'es, Edward du'uu isaan dura, Jane Grey(mucaa kanaaf) mootittii taatee akka mootu dhaala gonfoo kenneef
Maatiin Jane Grey fi hoogganaan mootummaa dhiibbaa irratti godhanii Jane gara angootti fidan.
Waxabajjii 10, 1553 keessa mucaan kun (Jane Grey) Mootittii Ingiilaand jedhamtee labsamte. Garuu ummatni fi loltoonni baay'een Mary Tudor (obboleettii Mootiichaa amantii kaatolikii leellistu) deeggaruun, kaka’umsa guddaa uumaniif.
Guyyaa sagal qofa erga mootee booda, MaryTudor aangoo to'annoo ishee jala galfattee Jane Grey gara Masaraa Mooraa Loondon (Tower of London) geessitee hiisiste.
Kana booda egaa dubbiin!
Mary Tudor mootittiin mucaa kana ajjeesuu hin barbaadne turte; garuu "Pirotestantii ta'uu kee dhiistee gara Kaatoolikiitti yoo deebite, lubbuu kee nan oolcha" jettee carraa kenniteef.
Keessattuu Mary Tudor (mootiittiin humnaan aangoo qabatte kun) nama mucaa kana ykn Jane Grey amantii amansiisu danda'u, luba beekama kaatolikii Dr. John Feckenham gara mana hidhaa Jane grey jirtutti ergite.
Jane Grey garuu dubbii fi qorumsa dhiyaateef hunda jabaattee falmite. Dr. Feckenham yeroo ishee gaafatu, Jane deebii armaan gadii kennite:
Luba beekamaan John Feckenham jedhamu dhufee, "Amantii kee isa durii dhiisii gara amantii Katolikiitti deebi'i. Barumsa amantii kee yoo gante, sanyiikoo fi mootummaa koo waan taateef jireenya kee siif nan kenna, sin hiika" jette mootiin jedheen.
Mucaan kun garuu (Jane Grey) akkas jettee deebisteef.
"Ani fayyinni koo hojii kootiin ykn seera mana kiristaanaatiin osoo hin taane, dhiiga Gooftaa Yesuus Kiristoos isa fannoo irratti dhangala'een qofa akka ta'e nan amana. Jireenya addunyaa kanaa argachuuf jecha dhugaa Macaafa Qulqulluu fi Gooftaa koo Yesuus Kiristoosiin gonkumaa hin ganu! "
Dr John Feckenham akkas jedhe "Aarsaan Yesuus qabeenya foonii dha…" jedhee amantii Kaatoolikii itti himuuf yaaletti, Jane Grey deebii jabaa akkas jettu kenniteef:
"Yesuus Aarsaa tokko qofaan bara baraaf nu fayyise. Isa Kiristoos nuuf kenne malee, aarsaan biraa foon fi dhiiga kanaan raawwatamu hin jiru. Waaqni ani waaqeffadhu samii irra jira malee, daabboo fi daadhii keessa hin jiru." Jette! Maal kun qaxaleen.
Jane Grey amantii ishee ganuu diduun ishee du'a akka fidu beekti turte.
Dr John Feckenham "Erga wal arguun keenya dhumateera, dhumarratti akka wal arguun keenya hin danda'amne naaf galeera"
yeroo jedhu, mucaan kun ija jabinaan akkas jetteen:
"Eeyyee, dhuguma, asitti wal arguun keenya dhumateera; garuu ani akka Waaqayyo araara nuuf godhu fi gara fulduraatti iddoo tokkotti nu walitti fidu nan amana, yoo amantii dhugaatti deebite."
Guraandhala 12, 1554tti, umrii ishee waggaa 16 qofatti gara bakka Mormi ishee itti citutti (scaffold) geeffamte.
Isheenis baay'ee tasgabbooftee fi amantii isheerra dhaabbachuun, onnee guutuudhaan
Achii jilbeenfattee Farfaannaa 51ffaa dubbiste. Inni morma isheerraa muru jilbeenfachuuf yeroo ishee gargaaru, Jane Grey uffata fuula ishee haguugu ofirra keessee, bakka mormi ishee irra ka’amee citu geesse, sagalee guddaadhaan akkas jette:
jecha Gooftaan fannoo irratti dubbate dubbatte:
"Yaa Gooftaa, harka keetti lubbuu koo nan kennadha!"
Mormi ishee uummata fuul-duratti muramee wareegamte.
Jane Grey taayitaa guyyaa 9 fi lubbuu waggaa 16 caalaa, jaalala daangaa hin qabne Gooftaa isheetiif qabdu mirkaneessitee dabarte. | 467 |
| 17 | بدون متن... | 362 |
| 18 | 🌟JIREENYA KAN KENNU MALKAA FI MAKKA DEEMUU MITI 👉 YESUUSIIF BULUU QOFA!
Namni jireenya dhugaa argachuuf jireeya isa ta'ee Gooftaa Yesuusin beekuu qaba Jireenyi dhugaan Yesuus Kiristoos keessa jira. Yesuus ofii isaa kanneen kanaa gad jiru jedheera:
«“Ani karaa, dhugaa fi jireenyadha; eenyullee karaa koo malee gara Abbaa hin dhufu.”
— Yohaannis 14:6»
Kanaaf, jireenya bara baraa argachuun dhimma Yesuusitti amanuu fi isa keessa jiraachuu ti.
⭕️.YESUUS OFII ISAATII JIREENYA DHA!
Yesuus, “Ani jireenyadha” jedhe. Kun Yesuus jireenya kennuu qofa osoo hin taane, madda jireenyaa ta’uu isaa agarsiisa.
«“Ani du’aa ka’uu fi jireenyadha. Namni anatti amanu yoo du’es ni jiraata.”
— Yohaannis 11:25»
Kana jechuun abdii jireenya bara baraa keenya bu’uura isaa Yesuus qofaa keessa Jira!
«“Waaqayyo akkasitti biyya lafaa jaallate, ilma isaa isa tokkicha hamma kennuufitti; kunis, namni isatti amanu hundinuu jireenya bara baraa haa qabaatuuf.”
— Yohaannis 3:16»
Kanaaf, gaaffiin guddaan “Yesuusitti amantee isa keessa jirtaa? kan jedhu dha.
♥️KAAYYOO DHUFAATII YESUUS!
Yesuus kaayyoo dhufaatii isaa ifatti ibseera! 👇
«“Hattuun, waan biraaf utuu hin ta'in, hatuudhaaf, qaluudhaaf, balleessuudhaafis in dhufti; ani garuu hoolonni jireenya haa qabaataniif, irraa hafaas haa qabaataniif dhufeera" jedhe.”
— Yohaannis 10:10»
Yesuus jireenya namaa balleessuuf osoo hin taane, jireenya dhugaa kennuuf dhufe.
❤️🩹Yohaannis 1:4 👇
«“Jireenyi isa keessa ture; jireenyichis ifa namootaa ture.”
Kana irraa hubachuun danda’amu, jireenyi dhugaa Yesuus irraa adda ba’ee hin jiru.
«“Ana malee homaa gochuu hin dandeessan.”
— Yohaannis 15:5» jedhe.
❤️🩹. MALKAA FI MAKKAA. DEEMUU CAALAA, YESUUS KEESSA JIRAACHUUTU JIREENYA DHA!
🌟Yesuus akkana jedhe:
«“Ana keessa jiraadhaa, anis isin keessa nan jiraadha.”
— Yohaannis 15:4»
Kanaaf, Kiristaanni jireenya isaa keessatti Yesuusitti maxxanuu, isa amanuu, dubbii isaa hordofuu fi isa keessa jiraachuu qaba.
⭕️. YESUUSITTI AMANUUN JIREENYA BARA BARAATI!
«“Ilma Waaqayyoo kan qabu jireenya qaba; Ilma Waaqayyoo kan hin qabne jireenya hin qabu.”
— 1 Yohaannis 5:12»
Dubbiin kun ifaadha: jireenyi bara baraa Ilma Waaqayyoo, Yesuus Kiristoos, qofaan kan argamu ta'uu ibsa.
💫. YESUUSITTI AMANUUN NAMNI JIREENYA ARGATA.
Yesuus akkana jedhe👇
«“Ana bira kan dhufu hin beela’u; kan anatti amanu matumaa hin dheebotu.”
— Yohaannis 6:35» kana malees
«“Ani buddeena jireenyaa ti.”
— Yohaannis 6:35»
🌟 PHEEXIROS ILLEE JIREENYA EESSA AKKA JIRU BEKEE DUBBATEERA!
👉Yeroo namoonni baay’een Yesuus irraa adda ba’an, Phexros akkana jedhe:
«“Simoon Phexros deebisee, "Si dhiifnee eenyu bira dhaqna ree? Gooftaa, dubbii waa'ee jireenya bara baraa nama barsiisu situ qaba'o.”
— Yohaannis 6:68»
💥Jireenya kan kennu Malkaa fi Makkaa deemuu miti. jireenya kan kennu Yesuus Kiristoositti Amanuu fi isa keessa jiraachuu dha. Sababni isaa Yesuus, ‘Ani karaa, dhugaa fi jireenyadha’ jedheera.
(Yohaannis 14:6). Jireenyi isa keessa jira (Yohaannis 1:4), Ilma Waaqayyoo kan qabu jireenya qaba (1 Yohaannis 5:12), akkasumas Yesuus akka namoonni jireenya akka qabaataniif dhufe (Yohaannis 10:10). Yesuusiin qabaannan jireenya qabda; Yesuusin hin qabdu taanaan jireenyi bara baraa hin jiru.
YESUUS JIREENYA DHA!
YESUUSITTI AMANI!
YESUUS KEESSA JIRAADHU!
✍ @Solomoonbultii
✍️ @Kakuu_Haaraa1 | 117 |
| 19 | 😢IYYANNOO MARSAA 2FFAA
---
Mana Sirreessaa Godina Jimmaa, naannoo Qociitti argamu keessatti, manni waaqeffannaa hordoftoota amantii Protestaantii kan dhiiraa fi dubartootaa walakkaa ol akka diigamee ture, akkasumas kutaan hafe illee guutummaatti akka diigamu Management Mana Sirreessaa sanaatiin murtaa’ee akka ture iyyata nu qaqqabeen beeksisaa turuun keenya ni yaadatama.
Haaluma kanaan, dhiibbaan sirreeffamtoota amantii Protestaantii hordofan irratti taasifamaa jiru akka dhaabbatu, qaamni dhimmi isaa ilaallatus mana waaqeffannaa diigame deebisee ijaaruudhaan rakkinichaaf furmaata akka kennu, uummata bal’aa fi qaamota dhimmi isaa ilaallatu hundaaf karaa miidiyaa hawaasaa himataa turreerra.
Iyyannoon keenya ifaa dha: Mana Sirreessaa Godina Jimmaa keessatti manneen waaqeffannaa Protestaantii lamaanuu irratti diiginsi raawwatameera jechuun iyyataa turre. Amma garuu haalli jiru iyyannoo keenya marsaa 2ffaa dhiheessuun dirqama akka nutti ta’u taasiseera.
MAALTU IYYANNOO MARSAA 2FFAA KANA NU DHIHEESSISSIISE?
Guyyaa kaleessaa, jechuunis Fulbaana 15/1/2019, ganama sirreeffamtoota seeraa mana waaqeffannaa kana keessatti hirmaatan irratti doorsisuu fi sodaachisuun akka mul’ate odeeffannoon nu qaqqabeera.
Galgala guyyaa sanaa, Hooggansi Abbaa Alangaa Godina Jimmaa gara Mana Sirreessaa Godina Jimmaa dhufuun dhimma kana irratti qorannoo taasisaa turaniiru.
Hooggansi Abbaa Alangaa dhimma kana qorachuudhaan, dhiibbaa hordoftoota amantii Protestaantii fi sirreeffamtoota mana sirreessaa keessatti amanticha hordofan irratti taasifamaa jiru hubachuuf qorannoo gaggeessaa fi dhimma kana hordofaa jiraachuu keessaniif galata guddaa qabdu.
Garuu, hooggansi Abbaa Alangaa sirreeffamtoota kana gaafachuu isaanii dura, ganama sana hooggansi Mana Sirreessaa “Nuti hin himanne jedhaa!” jechuun sirreeffamtoota seeraa doorsisaa fi sodaachisaa akka ture, qaamota dhimmicha hordofaa jiran irraa ragaan nu qaqqabeera. Hooggantuun Abbaa Alangaa Godinaa waaree booda akka dhufan waan hubatameef, sirreeffamtoota irratti sodaachisuu fi doorsisuun ganama akka raawwatamaa ture odeeffannoon nu qaqqabe ni mul’isa. Kun dhugaa Waaqni arguufi beekuudha. Kanaaf, sirreeffamtoonni kun sodaa irraa kan ka’e, yeroo hooggantuu Abbaa Alangaa kanaan gaafataman “Dhimma kana nuti hin himanne” jechuun deebii kennaniiru.
Hooggansi Abbaa Alangaa Godina Jimmaa, dhimmichi yeroo muraasaaf sobaan haguugamee dhokachuu yoo danda’e illee, dhuftanii dhimma kana qorachuu fi sirreeffamtoota gaafachuu keessaniif galata guddaa isiniif qabna.
IYYANNOON KEENYA MARSAA 2FFAA
Iyyannoon keenya ifaa dha:
1. Manni waaqeffannaa kutaan isaa diigame iddoo isaatti nuuf haa deebi’u.
2. Daandiin keessummoonni garaagaraa nu tajaajilan ittiin gara Church keenyaatti ol seenan, kan cufame, deebisee nuuf haa banamu.
3. Manni waaqeffannaa dubartootaa diigame haa ijaaramu; ijaarsi isaa kan karaatti hafe immoo haa xumuramu.
4. Murtiin mana waaqeffannaa diiguuf karoora keessa galfame ifatti irraa haa ka’u; Churchiin diigame immoo deebisee haa ijaaramu.
Kanaafuu, dhimmi kun ifaaf ifatti akka sirratu, akkasumas dhiibbaan, sodaachisuu fi doorsisni hordoftoota amantii Protestaantii fi sirreeffamtoota amanticha hordofan irratti gaggeeffamaa jiru akka dhaabbatu barbaanna.
Qaamota seeraa dhimma kana hordofaa jirtan, odeeffannoo keessan waan qabnuuf hojii isin hojjechaa jirtaniif isin galateeffanna.
Kanneen dhimma kana mormuudhaan, Management Mana Sirreessaa dabalatee, namoota shakkiidhaan doorsisaa fi sodaachisaa jiranis, odeeffannoo mirkanaa’e irratti hundaa’uun ifatti uummata beeksisaa kan deemnu ta’a.
Dhugaan yeroo muraasaaf haguugamuu danda’a; garuu dhugaan dhuma irratti ifatti ba’a. Barreeffamni Oliifan Margaati‼️
maddi: fb CHRISTIAN MEDIA
t.me/AgapeMission | 131 |
| 20 | ❤️ A MESSAGE TO MY BELOVED ORTHODOX & CATHOLIC BROTHERS AND SISTERS
My beloved Orthodox and Catholic brothers and sisters, I share this message with you in love and concern. ❤️🙏
Mary is the mother of Jesus according to the flesh, and she was a faithful servant of God. But the Bible does not teach us to look to Mary as our mediator or intercessor.
Mary is not the one who knows everything happening in the world, and she is not the one we should depend on to hear all our prayers. Our only Mediator and Intercessor before God is Jesus Christ.
📖 1 Timothy 2:5 (KJV):
“For there is one God, and one mediator between God and men, the man Christ Jesus.”
📖 John 14:6 (KJV):
“Jesus saith unto him, I am the way, the truth, and the life: no man cometh unto the Father, but by me.”
At the marriage feast in Cana, when the wine finished, Mary went to Jesus and told Him about the situation. Jesus was the One who performed the miracle.
📖 John 2:3–5 (KJV):
“And when they wanted wine, the mother of Jesus saith unto him, They have no wine.”
“His mother saith unto the servants, Whatsoever he saith unto you, do it.”
Mary directed the servants to Jesus, not to herself.
And concerning worship and bowing, the Bible says:
📖 Matthew 4:10 (KJV):
“Thou shalt worship the Lord thy God, and him only shalt thou serve.”
And concerning Jesus:
📖 Philippians 2:10 (KJV):
“That at the name of Jesus every knee should bow, of things in heaven, and things in earth, and things under the earth.”
My beloved brothers and sisters, let us search the Scriptures and put our complete trust in Jesus Christ, who is our Saviour, our Mediator, and the only way to the Father.
❤️ Jesus Christ is the only way.
❤️ Jesus Christ is the truth.
❤️ Jesus Christ is the life.
✝️ Let us follow Jesus and His Word.
#HiddenTruth
#JesusChrist
#JesusIsTheOnlyWay
#JesusOurMediator
#FollowJesus
#BibleTruth
#SearchTheScriptures
#OrthodoxCatholicBrothersAndSisters
#Christianity
#GospelTruth
#TheWordOfGod
#John146
#1Timothy25
#JesusChristSaves
#RepentAndBelieve
#Holiness
#HOREMOW
Maddi: https://www.facebook.com/share/1DqzZ2HM7C
t.me/Youth4Christ1 | 125 |
