cookie

ما از کوکی‌ها برای بهبود تجربه مرور شما استفاده می‌کنیم. با کلیک کردن بر روی «پذیرش همه»، شما با استفاده از کوکی‌ها موافقت می‌کنید.

avatar

YOUTH FOR CHRIST MINISTRY

Engaged for Christ

نمایش بیشتر
فنلندة2 708زبان مشخص نشده استدین و مذهبی63 440
پست‌های تبلیغاتی
1 171
مشترکین
اطلاعاتی وجود ندارد24 ساعت
+367 روز
+27930 روز

در حال بارگیری داده...

معدل نمو المشتركين

در حال بارگیری داده...

4. Waaqayyoon gammachiisuuf (1Sam 15:22) 5. Cubbuu gochuudhaan Waaqayyoon yakkuu irraa of eeggachuuf (Far 119:11, Yoh 8:31 - 35) 6. Daandii keenya qulqulleeffachuuf (Far 119:9,105) 7. Gammachuu fi galata argachuudhaaf (Far 119:62, Er 15:16, Isa 66:5) 8. Nama hubataa ta’uudhaaf (Far 119:97 – 104,130) 9. Waaqayyoon sodaachuu fi ulfina kennuuf (Fak 2: 1 - 5) 10. Hafuura Qulqulluudhaan guutamuuf (Fak 1:23, HoE 10:44) 11. Akka fedha Waaqayyootti kadhachuudhaan kadhanni keenya deebii akka argatuuf (Fak 15:7,28:9, Yoh 15:7) 12. Waaqayyo fuul duratti dhiqamuu fi qulleeffamuuf (5:26, Yoh 15:3) 13. Sirnaa fi duudhaa namootaa irraa bilisa ba’uuf (Mar 7:6 – 13, Mat 15:1 - 14) 14. Hafuura keenya nyaachisaa hafuuratti guddachuuf (Luq 4:4, 1Phex2:2, Ibr 5:12 - 14) 15. Jireenya keenya keessatti yeroo rakkinnii fi qorumsi nu muudatu jabaannee dhaabachuu fi kufaatii gadhee akka hin kufneef (Mat 7:24 - 27) 16. Daabiloosiin loluudhaa fi mo’uuf (Mat 4:1 – 11, Efe 6:17) 17. Dogoggora irraa of eeguuf (Mat 22:29) 18. Dogoggora tajaajiltootaa irraa of eeggachuuf (1Mot 13:1 – 32, 2Sen 18:21) 19. Waaqayyoon kan tuffatamne akka hin taaneef (1Sam 15:23) 20. Waaqayyoon kan jibbamne akka hin taanee fi isaan akka jaallatamnuuf (Hos 4:6) 21. Murtii Waaqayyoo dhufu jalaa ooluuf (2Mot 22:8 – 20, Fak 1: 24 - 32) 22. Jireenya tasgabbaa’aa gaggeessuudhaaf (Fak 1:33) 23. Ayyaana qabeessa jechuunis Waaqayyo duratti galateeffamaa ta’uuf (Mul 1:3) 24. Nama nu gaafatu hundaaf deebii sirrii kennuuf (1Phex 3:15, Fak 22:17 - 21) 25. Faayidaalee hedduu kanneen biroo fi kkf (Far 19: 7 - 11)
نمایش همه...
5. Billaa hafuuraa (Efe 6:17) 6. Macaafa Waaqayyoo (Isa 34:16) 7. Sagalee Waaqayyoo (Qol 3:16, Mar 7:13, Rom 10:17) 8. Faarfannaa 119 keessatti qofa Macaafni Qulqulluun moggaasaalee garaa garaa ja’a (6) gad kan hin taaneen waamameera (Far 19 wajjin wal bira qabi) 1. Seera 2, Ragaa 3, Ajaja 4, Sirna 5, Sagalee 6. Murtii Yaadannoo: Yihudootni Macaafota Kakuu Moofaa yommuu waaman iddoo sadiitti qooduudhaan yommuu ta’u, gabaajeedhaan “Taanaak”“ታናክ” jedhuudhaani dha. Kana jechuunis: ታ - ተዉራት (Seera), ና - ነቢም (Raajota), ክ - ኬቱቢም (Faarfannaa fi Macaafota) dha. Wal faana yommuu isaan waamanis macaafota seeraa, raajotaa fi faarfannaawwan jechaa ture; Gooftaanis kan fayyadame akkaataa moggaasa kanaan ture (Luq 24:27, 44) 6. Fakkeenyawwan Macaafni Qulqulluun itti Fakkeeffame 1. Ibsaa fi ifa (Far 119:105) 2. Burruusa dhagaa caccabsu (Er 23:29) 3. Nyaata (Er 15:16, Iyo 23:12 Mat 4:4, Ibr 5:14) 4. Aannan (1Phex 2:2) 5. Dammaa fi Nadhii (Far 119:103, Mul 10:9 - 10) 6. Abidda (23:29) 7. Bishaan (Efe 5:26, Yoh 15:3) 8. Of ilaalee (Yaq 1:23 - 25) 9. Billaa /Goraadee/ (Efe 6:17) 10. Sanyii (Luq 8: 5 - 15)
نمایش همه...
👍 1
5. #Moggaasawwan #Macaafni #Qulqulluun Ittiin #Waamame 1. Macaafa (Macaafota)/Scriptures/ Mar 15:28, Luq 24:27, Yoh 5 :39, Rom 15:4 “Macaaficha” /the scripture/ jechi jedhu sagalee Macaafa Qulqulluu qofa ibsuuf tajaajilu yommuu ta’u macaafota kanneen biroof kan hin tajaajille ta’uun isaa Macaafa Qulqulluutiin adda isa taasisa (Yoh 10:35) 2. Kakuu Moofaa fi Kakuu Haaraa (2Qor 3:6,14) 3. Kakuu isa duraa fi Kakuu isa boodaa (Ibr 8:7, 13) 4. Sagalee jiraataa / dubbii Waaqayyoo/ (HoE 7:38, Rom 3:2, Ibr 5:12)
نمایش همه...
4. Faayidaa Macaafa Qulqulluu Macaafni Qulqulluun faayidaa eessumayyuu hin jirre ilmaan namootaaf in kenna. Macaafa guddaa namootni dhuunfaa, hawaasni, biyyootni jijjiirama ajaa’ibsiisaa akka fidan taasise dha. Sababiin isaas sagaleen isaa lubbuu kan qabu (the living word) fi kan hojjetu (operative) waan ta’eefi dha (Ibr 4:12). Faayidaa foonii fi hafuuraa beekumsi Macaafa Qulqulluu kennu keessaa muraasni kanneen armaan gadii ti. 1. Waaqayyo irraa lammaffaa dhalachuuf (1Phex 1:23 – 25, Yaq 1:18) 2. Dhimma kamirrattiyyuu fedha Waaqayyoo beekuuf (HoE 17:11) 3. Daandiin keenya akka wal nuuf qixxaatuuf (Iya 1: 7 – 9, Far 1:2 - 3)
نمایش همه...
10. Macaafa umurii baay’ee baay’ee dheeraa qabu yommuu ta’u gama tamsa’inaanis hamma Macaafa Qulqulluu tamsaasa kan qabu kan amantaas (religion) haa ta’u, macaafni gosa biraa addunyaa kana irra gonkumaa hin jiru. Kana duwwaas otoo hin ta’iin afaanota addunyaa kanaa hundatti macaafni hiikame Macaafa Qulqulluu qofa ta’uu isaatiin adda isa taasisa. Yaadannoo: Macaafni Qulqulluun afaanotaa 2000 ol ta’anitti kan hiikame yommuu ta’u, guutummaa addunyaa kanaa hundatti biyya inni hin geenye gonkumaa hin jiru
نمایش همه...
#BARUMSA #MACAAFA #QULQULLUU Kutaa 1ffaa 1. Hiika Maqaa Isaa Jechi “Qulqulluu” jedhu jecha Gi’iizii irraa kan dhufe yommuu ta’u, hiikni isaas: “Qulqulleessuu, ulfeessuu, ol ol qabuu, qulleessuu, seecca’uu, adda baasuu, Waaqayyoof kennuu, qabeenya Waaqayyoo gochuu” jechuu yommuu ta’u, jecha “Qulqullaa’e” jedhuuf kallattiidhaan “eebbifame, galateeffame, adda baafame, filame, ulfaate, muudame, bilisa, gaarii ta’e” akka jechuu ti. Kanaaf “Macaafa Qulqulluu” yommuu jennu, “adda kan ta’e, mudaa kan hin qabne, qulqulluu, dogoggoraa fi hammeenya hundumaa irraa kan qullaa’e, badhaadhummaa Waaqayyo ofii isaa, qabeenya kan ta’e” malee Macaafa nama dhuunfaa kamiiyyuu ykn amantaa (religion) kamiiyyuu kan hin taane, macaafota hafuuraa fi biyya lafaa hunda irraa adda kan ta’e, Macaafa tokkicha dhimma hafuuraa fi foonii kamirrattuu aangoo murteessuu kan qabu” jechuu keenya dha. Kanaafuu Macaafa Qulqulluu yommuu jennu “Macaafa filatame”, Macaafa addaa” jechuu keenya dha. Yaadannoo: Qubee Gi’iizii keessatti qubee “Se” gosa lamatu jira (ሠ fi ሰ). Akkaataa galma isaaniitti yommuu fayyadamaman hiika adda addaa kennu. Fakkeenyaaf: Qeddese (ቀደሠ) = Galateeffate jechuu yommuu ta’u, Qeddese (ቀደሰ)’n immoo “Adda baase” jechuu dha. Fakkeenyaaf: “Qulqullaa’aa” yommuu jedhu isaan gidduudhaa bahaatii “kan adda baatan ta’aa” jechuu dha (2Qor 6:17). Sababiiwwan itti Macaafni Qulqulluu “Qulqulluu” jedhames: 1. Inni kenne Waaqayyo ofii isaatii Qulqulluu ta’uu isaa 2. Macaafota adda addaa lakkoofsa hin qabne addunyaa kanarra jiran irraa macaafa baay’ee baay’ee adda ta’e waan ta’ee fi kkf. @URJIIJ
نمایش همه...
3. Kaayyoo Gurguddoo Macaafa Qulqulluu 1. Uumamni ijaan argamuu fi ijaan hin argamne hundi eenyuunii fi akkamitti akka uumame (gara  jiraachuutti akka dhufe) mul’isuu fi beeksisuu 2. Dhugaa fi tokkicha isa ta’e Waaqayyoon ilmaan namootaa hundaa wajjin wal barsiisuu 3. Ilmaan namaa hundi sababii cubbuu isaaf Waaqa qulqulluu wajjin kan wal lole ta’uun, murtiin  qajeelinaa Waaqayyoo akka isa eeggatu akeekkachiisuu 4. Karaa namootni gara Waaqayyootti dhiyaatanii fi itti araaraman, daandii ittiin fayyuu  danda’an itti agarsiisuu (Yoh 14:6, Ibr 7:25).  5. Warri Waaqayyotti araaraman kun immoo jireenya foonii fi hafuuraa akkamii jiraachuu akka  qaban qajeelfamaa fi gorsa kennuu (2Xim 3:14 - 17). 6. Dacheen amma irra jiraannuu fi samiin nuyi beeknu kun gara fuul duraatti sirna isaanii wajjin  akka badanii fi daandii Waaqayyo qopheesseef Yesuus Kiristoos qofatti kan amanan Waaqayyo  wajjin bara baraan samii fi dachee haaraa keessa waliin akka jiraatan mul’isuu 7. Ilmaan namaa hundaaf “Abdii fayyinaa tokkicha” isa ta’e Masiihii Yesuus Kiristoos “qofaa”  abdii kan hin godhatiinii fi kan hin amaniin hundi gara galaana ibiddaa isa Seexanaa fi  ergamoota isaaf qophaa’etti akka gataman dursanii akeekkachiisuu dha. 4. Faayidaa Macaafa Qulqulluu Macaafni Qulqulluun faayidaa eessumayyuu hin jirre ilmaan namootaaf in kenna. Macaafa  guddaa namootni dhuunfaa, hawaasni, biyyootni jijjiirama ajaa’ibsiisaa akka fidan taasise dha.  Sababiin isaas sagaleen isaa lubbuu kan qabu (the living word) fi kan hojjetu (operative) waan  ta’eefi dha (Ibr 4:12). Faayidaa foonii fi hafuuraa beekumsi Macaafa Qulqulluu kennu keessaa muraasni kanneen armaan gadii ti. 1. Waaqayyo irraa lammaffaa dhalachuuf (1Phex 1:23 – 25, Yaq 1:18) 2. Dhimma kamirrattiyyuu fedha Waaqayyoo beekuuf (HoE 17:11) 3. Daandiin keenya akka wal nuuf qixxaatuuf (Iya 1: 7 – 9, Far 1:2 - 3) 👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇 #share #share gochuudhan hiriyaa kee afferi Hiriyoota keessan #Add #Add gochuu dagaatiina 👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇 ❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️ @URJIIJ @URJIIJ JOIN JOIN GOCHUUDHAN IRRAA BARADHA OOLMAA GAARII!!
نمایش همه...
4. Macaafni Qulqulluu lafa kana irratti jireenya fooniin yommuu jiraanutti macaafa eebba foon keenyaaf, lubbuu keenyaa fi hafuura keenyaaf kan ta’u ittiin argannu dha (Yoh 15:7). Dhimmoota foonii fi hafuuraa keenyaa kamiifuu qajeelfamaa fi deebii qaba (2Xim 3:16). 5. Macaafni Qulqulluu maanguddootaaf, ijoollotaaf, beektotaaf, namoota hin baranneef, dhiirotaaf, dubartoota hundaaf kan ta’u hundis dubbisuu kan danda’u macaafa tokkicha dha. Akkasumas, macaafa aadaa kamiiniyyuu, nama dhuunfaa kamiiniyyuu fi kkf’n dubbifamuu kan danda’uu fi jijjiirama fiduu danda’u (Revolutionary) dha. Yaadannoo: Mootii gudduttiin Ingilizii kan turte Viiktooriyaan albuuda baay’ee xiqqoo kan qabdu Ingiliziin akkamitti yeroo tokkotti addunyaa hunda bituu akka dandeesse yommuu dubbattu “Icciitii guddaan Ingilizii Macaafa Qulqulluu dha” jettee turte. Sababiin isaas uummanni Ingilizii hundi afaan dhaloota isaaniitiin Macaafa Qulqulluu akka dubbisan kan taasifame waggaa 500 har’aa irraa eegalee madda guddaa jijjiirama yaadaa fi teekinooloojii ta’ee ture. 6. Dhugummaan seenaa keessa isaa jiru caalaadhumatti immoo macaafa amantaa (religion) kam irraa adda isa taasiseera. Namootni dhuunfaa isa keessa jiran, hojiilee gurguddoo Waaqayyoo fi kkf dhugaa waan ta’aniif nama kamiifiyyuu qajeelfama jireenya dhugaa fi qabatamaa kennuufii danda’eera. Kana irra darbees, waa’ee jireenya gara fuula duraatti dhufuufis dhugumatti ittigaafatamummaa kennuufii danda’eera (Yoh 3:16). 7. Macaafni tokkichi kallattiidhaan yaada Waaqayyoo namootaaf ibsuu danda’es isa dha. Kana guutuu kan danda’us macaafni amantaa (religion) addunyaa kana irra tasumaa hin jiran. Dhimma kamiyyuu irratti fedhiiwwanii fi eeyyamni Waaqayyoo kallattiidhaan kan argaman Macaafa Qulqulluu keessatti qofaa dha. 8. Yaadni ijoo Macaafa Qulqulluu in ol aanaan /guddaan/(grand theme) Gooftaa Yesuus qofaa dha. Jalqabaa hanga dhuma Macaafichaatti namummaa fi eenyummaa guddaa inni mul’isuu barbaade Gooftaa Yesuus Kiristoos dha. Namni macaaficha dubbisee gara Yesuus yoo dhufuu dhaabaate, Macaafa Qulqulluu qu’achuun isaa galmaan hin ga’amne jechuu dha (Yoh 5:39). 9. Jalqaba addunyaa, seenaa dabarsite, amma kan dabarsite, haala jiru, seenaa addunyaa gara fuula duraatti dhufuuf jiru, dhuma addunyaa samii fi dachee haaraa dhufuuf jirtu macaafni mul’isuu danda’es Macaafa Qulqulluu qofaa dha (Efe 1:9).
نمایش همه...
2. Macaafni Qulqulluun Maalinnii? 1.Macaafa Waaqayyo Waaqaa ti. Namootni baay’een akka yaadanitti mirga abbaa qabeenyummaa Macaafa Qulqulluu kan qabu Yihudoota ykn Kiristiyaanota otoo hin ta’iin kan Waaqayyo ofii isaa qofa ta’uu isaa beekuun baay’ee baay’ee faayidaa qaba. Kana waan ta’eef, namni dhuunfaa kamiyyuus ta’e, gareen amantaa /religion/ barreeffamaan kan taa’e sagalee Waaqayyoo irratti mirga dabaluu ykn hir’isuu matumaa hin qabu (Isa 34:16, Fak 30:5). 2. Macaafni Qulqulluun ofii isaa sagalee Waaqayyoo jedhee of waama (Mar 7:13, Rom 10:17) kana jechuunis sagalee Waaqayyoo ta’uu isaa irraa kan ka’e, Waaqayyos qajeelaa ykn dhugaa ta’uu isaatiin Macaafni isaa mudaa tokko illee kan hin qabne (innerant) fi raawwatee dogoggora kan hin qabne (Infallible) dha jechuu dha (Fak 30:5, 2Phex 1:21, Yoh 10:35, Far 19:7). 3. Macaafni jireenya bara baraaf ta’u humni fayyisuu Waaqayyoo (Wangeelli) kan ittiin mul’atu Macaafa Qulqulluu qofaa dha (Rom 1:16). Addunyaa kana irratti miliyoona baay’eetiin kan lakkaa’aman macaafotni amantaa (religion) yoo jiraatan iyyuu, ilmaan namootaa hundaaf kan ta’u sagalee misiraachoo (Wangeela) ifaa fi haala hin mamsiifneen macaafni tokkichi ibse Macaafa Qulqulluu qofaa dha. Yaadannoo: Duraa duuba mul’achuu qabiyyee dhugaa Wangeelaa Macaafa Qulqulluu keessatti qofa mul’atanii: 1. Namni hunduu cubbamaa dha, namni qajeelaan tokko illee hin jiru 2. Namni seera Waaqayyoo eegee illee qajeelaa ta’uu hin danda’u 3. Beenyaan cubbuu du’a dha 4.Yesuus Kiristoos murtii/firdii/ ilmaan namaa irratti murteeffamee ture mataa isaa irratti akka raawwatu gochuudhaan iddoo bu’ummaadhaan du’eera. 5. Yesuus Kiristoos iddoo/bakka/ isaa akka du’eefii fi kana irraa kan ka’es murtii jalaa miliquu isaa mirkaneessuuf warra du’an keessaa akka ka’e kan amanu amantiin isaa qajeelummaatti in lakkaa’amaaf 6. Namni Yesuus Kiristoosiin laphee isaa guutuu jireenya dhufuuf abdii godhate wabummaa jireenya bara baraa waan argatuuf fayyina isaa hin dhabu gara teessoo adii guddaattis hin dhiyaatu (Gosoota murtii 5’n kan jedhu ilaali) kan jedhu dha
نمایش همه...