➕#Beekumsa Gadda Durbee➕
(Yaa Durbe Golgootaattan Bakki Gadda Kee Akkam Ture?)
#Kitaabni , beekumsaaf ogummaa , callisuu wajjin wal-qabsiisee dubbata , “Isin raawwattanii utuu calluma jettanii, kun isiniif ogummaa in ta'a ture!” Iyo. 13:5 Durbeen Maaramiinis , haadha callisuu jaal'attu turte , “Maariyaam garuu dubbii kana hundumaa garaatti qabattee, itti yaaddi turte.” Luq. 2:19
Beekumsa isa barbaachisaa fi Waaqayyo biraa ta'e qabaachuu ishee kan nutti mul'isu kan biraa tokkos, durbee irraa argineerra. Kanaa'uu beekumsa dilbii fi akeeka Waaqayyoo of-keessaa qabu. Innis , wiirtuu beekumsa kakuu moofaa , kakuu[abdii] Waaqayyoo , dhalootaa gara dhalootaa tti darbaa ture dha.
Kakuun , abdiin fayyinaa baraan baroota dabarsaa dhufe kun raawwachuusaa kan mirkaneessite labsite durbee dha. Akkas jechuun , "Garbicha isaa Israa'elin gargaaruufis birmate; araara gochuudhaaf qopheesse, in yaadate; abboota keenya isa abdachiise, Abrahaamii fi ijoollee, ijoollee isaatiifis bara baraan eege" jettee. Luq. 1⁵⁴
Beekumsa ishee waa’ee kakuu[abdii] abbootaaf qabdiin kenname kana qabdi yommuu jennu , kakuu Addaamiif galame isa, "Nu keessaa Addaam akka isa tokkoo ta'e" kakuu Nohiif galame isa, "kakuu waliigaltee sabbata samii irratti mul'atuu" kakuu Abrihaamiif seename isa , "sanyii keen alagoonni dhugoomuu" , kakuu Daawwitiif kenname isa , "Firii garaa keetii teessoo keerran ka'aa" . . . Jedhamaa ture kana hunda waan beektuuf dubbatte jechuu dha.
Kana qofaas miti. Akka haadhaatti kitaabilee qulqullaa'oo kakuu moofaa beekuun ishee waan garaa nu bibirrachiisu biraas qaba ture. Durbeen , Raajaan Isaayyaas kan inni , , "Maqaa isaas Amaanu'eel" isaan jedhu kan jfdhu dubbistee waan beektuufi dha kan isheen Amaanu'eel isaan jette Ilma ishee moggaafteef. Garuu , kitaaba Raajaa Isaayyaas keessaa kanuma qofaa beektii? Haati , "Durbi nii ulfoofti ilmas indeessi" kan jedhu ishee ta'uushee bartee gaafa ,
"Namoonni isa tuffatanii isa irraa in goran, inni nama dhiphinnii fi muddamni itti baay'ate ture; inni akka nama tuffatanii, achi ilaalanii bira darbanii in ta'e; nuyis homaatti iyyuu isa hin lakkoofne.
Inni garuu dhugumaan dhiphina keenya of irra in kaa'e, muddama keenyas in baate; nuyi garuu akka waan Waaqayyo dha'icha isatti fidee, akka waan inni isa rukutee gad isa deebisettis in lakkoofne.
Inni garuu balleessaa keenyaaf in waraaname, sababii yakka keenyaafis reebamee in caccabsame; nuyi nagaa akka argannuuf inni in adabame, madaa'uu isaatiinis fayyinni nuuf in argame;
…Isa in cunqursan, in dhiphisanis, inni garuu waan tokko iyyuu hin dubbanne; akkuma ilmoo hoolaa ishee qalamuudhaaf geeffamtuutti in oofame, akkuma hoolaan yommuu rifeensa irraa muran cal jettuus, inni calluma jedhe malee, afaan isaa hin saaqqanne."
Kan jedhu kana bira geessee dubbiftee , waa'ee Ilmishee ta'uuf jiru gaafa beekte lapheen ishee hammam raafame laata?
Gadda hundumtuu in gadda. Gaddi durbee garuu gadda Ilma tokkichaaf gaddan , gadda umurii guutuu beekanii nama duukaa jiraatu ture. Guyyichi gidiraa Ilma isheetiif gadditu sun , harra bor dhufa jettee keessishee hin dhumnee laata? Isa. 53³¯⁷
#Bartoonni Gooftaa , waa'ee du'uu fi Iyyarusaalemitti ol-ba'uu Gooftaa dhaa , si'a sadii Gooftaa irraa dhaga'aanii turani. Durbeen garuu , du'uuf gidiraa fudhachuu Ilma isheetii Raajaa Isaayyaas irraa dursitee dhageessee tti. Kana qofaas miti , maanguddichi Simi'oon gaafa mana qulqullummaatti Gooftaa arge durbee mucaa ishee kaasuutti baattuun akkas jedhee waliigala baayi'na gadda isheetii dubbateera
“.. Si immoo , gaddi akka billaa qaramaa onnee kee waraana" Luq. 2:35
Ilmashee isheen harma aannan durbummaa ishee afaan isaatti qabdetti gaafa hadhooftuu qaban , mucaa ishee isheen Dallaa Horii keessatti ofirraa wayyaa fuutee itti uwwifte irraa gaafa wayyaa baasanii qullaa isa dhaaban argitee garaa maaliitu ishee danda'a? Haati Ilmishee yoo garmalee duraa kufeyyuu inboossi ; durbeen garuu , ilmashee fannisanii agartee akkam haa taatu ree? Kaasuu isheen kaleessa irratti mucaashee baatte gaafa har'a kaasuun isaa muka fannoo ta'e agartee marrummaan ishee.