cookie

Utilizamos cookies para mejorar tu experiencia de navegación. Al hacer clic en "Aceptar todo", aceptas el uso de cookies.

avatar

Ana Hassen Law Store

You can access law materials on this channel ASAP. So Make It Yours #1 choice.

Mostrar más
Etiopía10 880El idioma no está especificadoLey
Publicaciones publicitarias
246
Suscriptores
Sin datos24 horas
Sin datos7 días
-130 días

Carga de datos en curso...

Tasa de crecimiento de suscriptores

Carga de datos en curso...

Repost from ADEROO TECH
Photo unavailableShow in Telegram
I was on Facebook Live for clarification on the university essay competition.For those who cannot hear, here are summaries. The essay competition is for university students, and the topic is about humanity.So, write an essay about it and send it to me on Telegram by January 15th.The winner of this will be announced.We will pay for him to take the IELTS exam, which is essential for his future scholarship opportunities around the world. @Aderooy
Mostrar todo...
Photo unavailableShow in Telegram
አትሌት ቀነኒሳ በቀለ ገመዳ ሾው ላይ የተናገረው ገመዳ:- "በውጭ ሀገር እንደምናውቀው አትሌቶች ቅንጡ Super Car የሚባሉትን መኪናዎች ነው የሚያሽከረክሩት ቀነኒሳስ?" ቀነኒሳ- "እውነት ለመናገር በሀገራችን አለኝ ብለህ ዘመናዊና ቅንጡ መኪና ይዘህ ለመውጣት ህሊናህ አይፈቅድም:: ምክኒያቱም ከቤትህ ወጥተህ እስክትመለስ በየመንገዱ ተቸግሮ ማደሪያና የሚበላው አጥቶ የሚለምንህ አለ። በዚህ ሁሉ ውስጥ አንተ አለኝ ብለህ በዚህ ህዝብ ላይ ልታይ ልታይ ማለት ምን ያደርጋል? አንድ አባባል አለ 'ድሀ በበዛባት አገር ሀብታምም ደሀ ነው' ። በየመንገዱ የምታየው ሁሉ እናትህ፣ አባትህ እህትህ ወንድምህ ነው:: ታዲያ ማን ላይ ነው ይህን የምታደርገው? ስለዚህ እኔ የማሽከረክረው መኪና በጣምም የወረደ ባይሆንም መካከለኛ ነው።" ቀነኒ ኬኛ❤🙏 @Bisrat_Sport_433et @Bisrat_Sport_433et
Mostrar todo...
Shamarree Addunyaa Guutuu Dubbachiisaa Jirtu!! = = = = = = = = = = = = = = = = = = = = = = = = Shamarreen suuraa ishee argitan kun Roozii jedhamti. Dhalattuu biyya Keeniyaati. Biyya ormaatti dalagduu mana namaa taatee, daa'imman guddisaa turte. Gaafa isheen gara maatii isheetti deemuuf gara buufata xiyyaaraa qajeeltu, daa'imman warra isheen guddisaa turte (Ijoolleen Arabaa) itti boo'anii qabaan dadhabe. Haadha isaan deesse dhiisanii ishee wajjiin gara buufata xiyyaaraa qajeelan. Bitaa mirgaan marsanii itti boo'an. Viidiyoo kana agarsiisus Maatiin ijoollee POST godhan, miidiyaaleen Addunyaa hundi ajandaa isaanii taasifatan. Biyyi Keeniyaa "Ambaasaaddara keenya" jettee dhaadhessaa jirti. Abbootiin qabeenyaafi dhiirotni baay'een shamarree kana argachuuf biyyoota heddurraa gaaffiin dhiyaachaafii jiraachuu miidiyaaleen walharkaa fuudhaa jiru. Walumaagalatti namni hojiisaa itti-gaafatamummaan hojjate, carraan fuulduratti isa mudatu Milkii ta'uu baay'ee keenyaaf barumsa guddaa ta'uu qaba. #DGL fb @KerimOfficial
Mostrar todo...
Dargaggoon Harargeetti dhaalaaf jecha abbaasaa ajjeese jedhame akkamiin to'atame? November 9, 2023 Shakkamaa Ibraahim Hasan Abdallaa dargaggeessa umuriinsaa waggaa 25 akka ta’e himame, Godina Harargee Bahaa aanaa Guraawaa keessa jiraataa araddaa Eelaa Xaaxessaati. Abbaan isaa miidhamaan dhuunfaa Obbo Hasan Abdallaas jiraatuma araddaa kanaa yoo ta’an, dullumarraa kan ka’e lafa qonnaa qaban bifa dhaalaan ijoollee isaaniif hiru. “Dhimma dhaalaaf jecha abbaasaa nyaata dhorkatee rakkisaa ture. Abbaansaas deddeebi’ee bulchoota araddaatti himachaa ture. ''Osuma himachaa jiruu ‘abbaa kiyya kana ajjeesuun qaba’ jedhee murteeffatee, dhokatee bakka namni hin jirretti hordofee ajjeese,” jedhan Hogganaan Poolisii Aanaa Gurawaa, Inispeektara Olaanaa Waaqgaarii Jabeessaa. Himannaa kanarratti shakkamaan ammatti waan jedhe hinqabu. Shakkamaan kuni yakka ajjeechaa kana yoo raawwatu haadha warraasaa dabalatee shakkamtoota biroo waliin mari'achuun akka turees ragaan Poolisii Aanaa Guraawaa agarsiisa. Akka galmeen poolisii ibsutti, shakkamaan gochaa ajjeechaa kana erga raawwateen boodas gargaarsa shakkamtoota biroon reenfa abbaasaa hallayyaatti darba. “Hallayyaatti darbee akka abbaansaa badeetti ‘abbaan kiyya ni bade’ jedhee hawaasa waliin barbaadaa tures” jedhan Inspeektar Olaanaa Waaqgaariin. Shakkamaan kun obbolaawwan isaa kunneen birootiin yoo gaafatamus gochaa raawwate dhoksuun isaan waliin abbaasaa barbaadaa ture. “Sana booda garuu guyyaa sadaffaarratti karaa abbaasaa hallayyaatti buuse sanaan (obboleettii isaatti) reeffa itti agarsiise. Isheen gaafa iyyituus fiigee bade,” jedhan. Yaalii yakkicha dhoksuuf taasifame Shakkamaan reeffa abbaasaa obboleettii isaatti agarsiisee erga miliqee booda aradduma sana keessatti mana nama dhuunfaa keessatti dhokatuus hordoffii taasifameen deeggaraasaa isa dhokse waliin to’atama. Gama biraatiin, hawaasni naannoo iyya obboleettii shakkamaa dhagahuun birmatee reeffi miidhamaa hallayyaa keessaa akka bahu taasisan. Haata’u malee, wayita hawaasni dhimmicha poolisiitti himuun reeffi akka qoratamuuf gaafatutti bulchaan araddichaa dhorkan. “Bulchaan araddaa gochaa sana keessaa mucaa sanarraa (shakkamaarraa) maallaqa nyaatee jira waan ta’eef ‘awwaalaa malee waajjira poolisii hin geessinaa; marga haammachuuf jedheeti hallayyaa bu’e malee namni isa ajjeesee miti. ''Kanaaf geessaa awwaalaa’ jedheen,” jechuun himan Inspeekitar Olaanaa Waaqgaarii Jabeessaa. Hawaasa keessaa namni tokko tokko yaada bulchaa araddaa kana mormus bulchaan araddaa yaadasaatti cichuun namicha isa morme hidhuun reeffi miidhamaa akka awwaalamu taasifame. “Namicha yeroo hidhan warri kaan sodaatanii awwaalan. Erga awwaalanii sa’aatii sadii turee, booda odeeffannoo dhageenyee,” jedhan qondaalli Poolisii. Sana boodas poolisiin aanichaa gara iddichaa imaluun ummata mariisise; uummatnis gochaa raawwatame ni saaxile. “Ummatni yeroo saaxilu bulchaa araddaas, namoota gurbaa [namicha] faana jiraniis (haadha warraa shakkamaa tokkoffaa dabalatee waliigala namoota shan) to’annaa jala oolchine. Reenfis bahee akka qoratamu taasifne,” jedhan. Poolisiin shakkamtoota to’annoo jala erga oolchee booda bulchaan araddaa yakka ragaa dhoksuun himatamee akka irratti murtaa’u taasifameera. Adeemsa seeraa “Abbaa ofirraa ajjeesuun lafa sana fudhachuudhaaf adeemsi inni bulchaa araddaa sana faana gochaa ture baay’ee hamaa waan tureef inni hin amanu” kan jedhan hogganaan Poolisii Aanaa Gurawaa Inpeektara Olaanaa Waaqgaarii Jabeessaa, ragaaleen namaa yakkichi shakamaa Ibraahim Hasaniin raawwatamuusaa himan jiraachuu dubbatan. “Guyyaa abbaansaa du’u sana meencaa marxootti maree abbaasaa jala deemaa akka ture daa’imni argee jiru jira. Uummannis akka inni ajjeese waltajjiirratti ifatti hime,” jedhan. Dabaluunis “namoonni ijaan argan akka inni itti hordofaa ture, akka inni ajjeesuudhaafis qophiirra ture sirriitti ragaa bahanii jiru,” jechuunis qondaalli poolisii kun himan.
Mostrar todo...
Yakkoota daddabalamaa( concurrent crimes) Yeroo tokko tokko namni gocha tokko ykn isaa oliin yakka lamaaf isaa ol raawwachuu nii danda'a. Kunis yakka daddabalamaa jedhamuuf dirqama yakkooti sun transaction walfakkaataa keessatti raawwachuu qabu. Yoo kana hin ta'in yakkoota walitti aananii raawwataman jedhamu malee yakka daddabalamaa hin jedhaman. Akka seera yakkaa amma jiruun yaadi dhimma yakka daddabalamaa keeww 60 irraa kaasee tumamee jira. Haga dandaa'ame gosoota yakka daddabalamaa seerri yakkaa kaa'eefi xiinxaltootni seeraa ka'an ha ilaallu. 1. DADDABALAMA QABATAMOO (MATERIAL CONCURRENCE):- keeww 60(a) yakkoota qabatamaa lamaa fi lamaa ol ta'an gosa tokkos ta'e gosa gara garaa yakkamaan walitti aansuun yoo raawwate daddabalama uumamuudha. fakkeenya; Obboo 'A'n  Mana nama biraa obbo 'B' humnaan cabsee seenuun qabeenya muraasa fudhatee; haadha manaa obbo 'B'  manuma sana keessa turte dirqisiisee gudeeduun otoo qabame, transaction walfakkaataatti  yakkoota qabatamoo gosa sadii raawwateera jechuudha. Isaanis; eyyama malee mana nama biraa cabsuun seenuu/yakka privacy namaa sarbuu/ , Yakka hannaa fi yakka gudeeddii kanneen ta'an raawwwateera jechuudha. #HAMBIFANNOO (EXCEPTIONS):- Mirga seeraan eegame tokko irratti gochoonni yakkaa walitti makaman tokko ykn tokkoo ol ta'an kan raawwataman yaada yakka tokko raawwachuuf ykn dagannoon yommuu ta'uu fi gochoonni kun hundi tumaa seeraa tokkoon kan hammataman yommuu ta'u,raawwataan yakkichaa tumaalee adabbii dachaa amala wal fakkaataa qaban lamaa fi lamaa ol caalaniin hin adabamu,seera yakkaa keewwata 61(1) #Fakkeenyaaf,Obboo Caalaan gochi isaa du'a qaqqabsiisuu akka danda'u osoo beeku of eeggannoo gochuu osoo qabu of eeggannoo gochuu dhabuun qoricha BUDAATI jechuun baala adda addaa aarsuu fi maarashaa diimessuun fuula Aadde Caaltuu guggubee yoo ishee ajjeesse gocha du'aa fi barmaatilee miidhaa qaqqabsiisan seerri yakkaa keewwatni 61(1) walitti hammachuu waan danda'uuf,Obboo Caalaan yakka ajjeechaa dagannootiin dabalataatti yakka biraatiin hin himatamu, garuu adabbii cimsuun danda'ama. #Dhaddacha_Ijibbaataa_Mana_Murtii Waliigalaa Federaalaa Jildii 10ffaa Lakkoofsa Galmee 44235 ta'e irratti seera yakkaa keewwata 543 fi 567 waliin wal qabsiisuun fuula 200-202tti hiikoo kenne ilaaluun ni danda'ama. Kan biraa haalota addaa seera yakkaa keewwata 61(2),61(3) fi 62 ilaaluun ni danda'ama. 👉 Inni biraa,yakkamaan yakka biroo raawwachuuf akka isaaf mijatu ykn yakka duraan raawwateef dawoo akka isaaf ta'u yakka biroo kan raawwate yoo ta'ee fi yakka muummee raawwachuuf yaade kanaaf yoo xiqqaate kan yaale yoo ta'e,seerichi akka yakka cimaa tokkotti kan lakkaa'amu yoo ta'e malee dambiin raawwii adabbii waa'ee adabbii yakkoota dachaa seera yakkaa keewwata 184 jalatti kan tumame ni raawwatama, keewwata 63. #Fakkeenyaaf:Obboo Barraaqoon dubartii Mana Bunaa hojjattu Aadde Suufee waliin buluuf yaadee Dawaa ulfa dhorkuudha jechuun erga ishii amansiisee booda Qoricha sammuu ishii yaaduu dhorku akka liqimsitu taasisee qarshii callaa fi meeshaalee miidhaginaa ishii jalaa yoo fudhate,keewwatni 63 raawwatiinsa qaba jechuudha. 2. DADDABALAMAA GOCHA TOKKEE (NOTIONAL CONCURRENCE)  keeww 60(b) Daddabalamni kun akaakuu Lama qaba:- A.Daddabamni goch-tokkee yakkamaan gocha balleessaa tokkoon yeruma tokkotti tumaalee seera yakkaa lamaa fi lamaa ol yoo darbee argame daddabalamaa uumamuudha, seera yakkaa keewwata 60( b). B.Daddabalamni goch-tokkee gocha tokkoon yeroma tokkotti miidhaa yakkaa qabatamaa ta'e lamaa fi isaa ol ta'e qaqqabsiisuudha,seera yakkaa keewwata 60(b). #Fakkeenya 1ffaa,yakka isa tokko ta'e jedhee bu'aa isaa ammoo dagannoon yoo raawwate:ta'e jedhee itti yaadee ulfa yoo baasisu dubartittii yoo ajjeesse; #Fakkeenya 2ffaa,yakka adda addaa itti yaadee yoo raawwate: Mana gubuudhaan ta'e jedhee abbaa Manaa yoo ajjeesse;
Mostrar todo...
Murtii Bariisoo👉 Koontirobaandii! =========================== Miseensi Poolisii Yakka Koontirobaandii nama biraa waliin ta'ee raawwatee himatame adabbiin irratti kenname! Gochi akkas ture.., Miseensa Poolisii Oromiyaa kan ta'ee fi Konkolaachisaa Paatiroolii Waajjira Poolisii Aanaa Nageellee Arsii kan ta'e Saajin Aadam Galgaluu Luyyoo fi himatamaan biraa maqaa isaa Galatoo Tusaa Roobaa jedhaman gaafa guyyaa 30/10/2015 halkan keessa tilmaamaan sa'aatii 6:00 yoo ta'u Godina Arsii Lixaa Aanaa Kofalee Magaalaa Roobee Ashookaa keessatti Konkolaataa Paatiroolii qabeenyummaan ishee Komishiinii Poolisii Oromiyaa kan taate lakk. Gabatee 3-0585 OR taatetti meeshaa sirni gumuruukaa irratti hin raawwatamin shittoo tilmaamaan qarshii miliyoona 1.6 oli baasu fe'anii deemaa osoo jiran Miseensonni Poolisii Aanaa Kofalee eeruu ummata irraa argataniin himatamtoota too'annaa seeraa jala oolchan. Garee Qorannaa Yakkaa Abbaa Alangaa fi Poolisii Aanaa Kofalee dhimmicha ragaa namaa fi sanadatiin qulqulleessanii galmee qormaataa Waajjira Abbaa Alangaa Godina Arsii Lixaatiif dabarsan. Abbaan Alangaa Godina Arsii Lixaa himatamtoota kanneen seera yakkaa bara 1996 bahe keewwata 32(1A) fi Labsii Gumuruukaa lakkoofsa 859/2006 kwt 168(2) jalatti yakka koontirobaandiitiin Mana Murtii Olaanaa Godina Arsii Lixaatti himate. Himatamtoonni waakkatanii ragaan Abbaa Alangaa caqafamee irratti mirkaneessee seeraa fi keewwata jalatti himataman jalatti ofirraa ittisaa jedhamanii ragaa ittisaa isaanii dhiyeeffatanii caqafameefii irraa ittisuu waan hin dandeenneef Manni Murtii dhaddacha gaafa guyyaa 29/2/2016 ooleen Keewwata jalatti himataman jalatti balleessaa itti muree jira! Manni Murtii yaada adabbii cimsuu Abbaan Alangaa Godinaa fi Adabbii salphisuu kan himatamtoota dhagaheera. Abbaan Alangaa himatamtoonni osoo meeshaan isaan karaa seeraan alaatiin geejjibsiisaa turan kun karaa seera qabeessaan biyya galee mootummaan galii hedduu argachuu qabu kan dhabsiisan, keessattuu miseensi poolisii yakka ittsuun olaantummaa seeraa akka kabachiisuuf imaanaa fi Itti gaafatamummaa seeraan itti kenname cabsee jaalala maallaqaatiif jecha yakka kana kan raawwate waan ta'eef, halkan da'oo godhachuu fi gareen yakka kana kan raawwatan waan ta'aniid adabbiin olaanaan akka irratti kennamu gaafateera. Himatamtoonni kanaan dura kuusaa yakkaa kan hin qabnee fi maatii hedduu kan horatan ta'uu ibsanii adabbiin akka salphatuuf karaa Abukaatoo isaaniitiin yaada dhiyeeffatanii jiru. Ta'us Abbaan Alangaa yaada addabbii salphisu himatamtootaaf Manni Murtichaa akka hin qabne mormee jira. Manni Murtii dhaddacha gaafa guyyaa 30/2/2016 ooleen yaadaa gamanaa gamasii ka'e xiinxala erga taasisee booda sadarkaa yakkichaa olaanaa jalatti himatamaa 1ffaa Saajin Aadam adabbii hidhaa cimaa waggaa 4 fi adabbii maallaqaa qarshii 60,000 yoo adabu himatamaa 2ffaa adabbii hidhaa cimaa waggaa 3 fi baatii 7 fi adabbii maallaqaa qarshii 50,000 adabee jira. .
Mostrar todo...
Manni Murtii Ol’aanaa Godina Wallaggaa Lixaa dhaddachaa gaafa 20/02/2016 ooleen Galmee yakka Lakk.47805 ta’e irratti himatamtoota maqaa isaanii 1ffaa Galaanaa Fiqiruu,2ffaa Hamzaa Shaabuu,3ffaa Yaa’iqoob Girmaa fi 4ffaa Yaadataa Tasfaa jedhaman shamaree maqaan ishee akka ibsamu hin barbaachifne irraatti waliin ta’anii yakka gudeeddii raawwataniif himata A/Alangaa G/W/Lixaa dhiyeesse irratti hunda’uudhaan ragaa bitaa fi mirgaa erga dhaga’ee booda adabbii kennee jira. Bu’uuruma kanaan himatamaa 1ffaa Galaanaa Fiqiruu irratti hidhaa cimaa waggaa kudha sadii(13) kan murta’ee yemmuu ta’u, himatama 2ffaa Hamzaa Shaabuu, 3ffaa Yaa’iqoob Girmaa , 4ffaa Yaadataa Tasfaa irratti immoo tokko-tokkoon isaanii hidhaa cimaa waggaa saddeet,saddeettiin (8)n akka adabaman murta’ee jira.
Mostrar todo...
Gochi tokko yakka (crime) jedhamuuf wantooti jiraachuu qaban nii jiru.  Isaan keessaa ruqoo seerummaa (legal element), gocha (material element) fi moral element warreen jedhaman kanneen jiraachuu yakka tokkoof murteessaa ta'an waan ta'eef ha ilaallu. Legal element (ruqoo seerummaa) Inni kun qajeeltoo seera yakkaa waliin tokkuma. Gochi tokko yakka jedhamuuf, dirqama seerri yakkaa ta'e cabuu ykn darbamuu qaba. Principle of legality qajeeltoo seera yakkaa duraan ilaalle keessatti no law no offence yaadi jedhu jiraachuu yakka tokkoof murteessaadha. Gochi seera yakkaa hin cabsine yakka miti. Yaadi kun seera yakkaa keeww 23(2) fi 2 irraa nii hubatama. Material element Akkuma beekamu yakki tokko raawwachuuf dursa raawwataan yakkichaa sammuutti nii yaada. Yaadisaa kun qofaan kan adabsiisu miti. Dirqama yaadi (bad thought) isaa bakkee bahee mul'achuu qaba. Namni tokko gocha seerri hin godhin jedhu seera bira darbuun gochuun,commission ,ykn gocha seerri godhi jedhu seera bira darbuun gochuu dhiisuun,,omission,,,  kan gaafachiisuudha, Gochuu dhiisuun (omission) inni jennu bakka lamatti ilaaluun nii dandaa'ama. 1. Yakkoota gochuu dhiisuun raawwataman akkasumas gochuun kan raawwataman ,,,,commission by omission. Fkn haati warraa utuu lubbuu abbaa  warraa ishee  baraaruu dandeessuu, gochuu dhiisuu isheetiin abbaan warraa ishee akka du'u goote yakka gochuu dhiisuun gocha yakkaa akka raawwatteetti ilaalama. Bifa olii kanaan yakki ajjeechaas gochaan raawwatamuu akka dandaa'amu  waan ta'eef yakki bifa akkasii commission by omission jedhama. Kanaan yakkoota wal fakkaatan keeww seera yakkaa 575, 576,658 akkasumas 659 irraa hubachuun nii dandaa'ama. 2. Yakka gochuu dhiisuu qofaan raawwatamu,,,pure omission Yakkooti akkasii gochuun kan raawwataman miti. Gibira kaffaluu dhiisuun yakka gochuu dhiisuu qofaan raawwatamuudha. Yakkooti akkasii keeww 443, 349, 656, 284,,fi seera yakkaa keessa faffacaa'anii nii jiru. Moral element( mens rea) Inni kun ruqoo yakkaa isa 3ffaa fi walitti qabaa yaada  nama yakka raawwateeti. Yaadi ilaalcha keessa galus yaada yeroo yakkicha raawwateefi yaada badaa(bad thoughts) isa ta'eedha. Moral element inni jennu nama qofaaf kan ilaalamuufi dhaabbileen yeroo yakka raawwatan haalli yaada isaanii kan ilaalcha keessa galu miti. Sanas ta'u sana moral element isa akkamiitu yakki akka jiraatu murteessa? Seerri yakkaa jiru,,,moral elements warra jedhaman bakka afuritti qoodee jira. 1. Direct intention 2. Indirect intention 3. Advertent  negligence 4. In advertent negligence Maalummaa isaanii kutaa itti aanutti ilaalla,,
Mostrar todo...
Oolmaa Dhaddachaa ===========////======== Himatamaan Yakka Hanna Cimaa Raawwate Adabbii Hidhaa cimaa waggaa shanin (5) adamee. Himatamaan maqaan isaa Mahammad Sabuur Jibroo Jedhamu Aanaa Dadar Araddaa Naannoo Jaalalaa Ganda waariyoo keessatti gaafa 14/1/2016 halkan toora sa'aa 10:00 yommuu tahu dukkana dahoo godhachuun jimaa nama biroo kan tahe gatiin shalaggii isaa qarshii 24,000(kuma digdami afur) tti shalagamu guurratee faayidaa dhuunfaaf oolfate jechuun eeruun dhiyaatee ture Abbaa Alangaa fi qorataan poolisii qorannaa barbaachisu hunda erga xumuranii booda Abbaan Alangaa seera yakkaa keewwata 669(3)(B) jalatti himannaa hundeessuun Mana Murtii Aanaa Dadaritti dhiheessuun Ragaan Abbaa Alangaa irraatti kan mirkanneesse yoo tahu,himatamaan keewwatuma ittiin himatame jalatti ofirraa ittisi jedhamuus ragaa ittisaa dhiyeessuunmanni ofirraa ittissuu hin dandeenye waan taheef Manni murtii Aanaa Dadar dhaddacha gaafa guyyaa 14/2/2016 ooleen keewwatuma ittiin himatame jalatti balleessaa taasisuun  himatamaa fi fakkaatoota isaa ni barsiisa jechuun adabbii hidhaa cimaa waggaa 5 adabee jira.          Onkololeessa,15/2016 MMAD
Mostrar todo...
Seera yakkaa keessatti yakki raawwatamee jira jechuuf akkuma ilaalaa turre legal and material element irratti inni 3ffaan moral element inni jennu dirqama jiraachuu qaba. Moral element/ሞራላዊ ፍሬ(የሀሳብ ክፍል)/ Namni yakka raawwatu sun yaada yakka raawwachuu qabaachuu qaba. Yaada yakka raawwachuu isaatii kana kan hubachuu dandeenyu, haala yakkicha raawwatameefi haala namicha yeroo yakkicha raawwatee irratti hundaa'uun kan ilaallu ta'a. Seerri yakkaa amma jiru moral element isa jedhu bakka gurguddaa 2 isaanis; intention and negligence jedhamuun isaan lamaan deebi'anii indirect and direct intention  fi advertent and inadvertent negligence jedhamuun hiramu. Keeww 57-59 yakki ta'e jedhee itti yaadamuun kunis kallattiin /direct intention/ ykn alkallattiin /indirect intention / raawwatamuu danda'a. Kana malees yakki dagannoon kunis kan yaadamu danda'uun /advertent negligence / fi dagannoo hin yaadamneen /in advertent negligence / raawwatamuu nii danda'a. 1. Ta'e jedhee itti yaadamuun yakka raawwatamu / intention/ Inni kun yeroo yakka raawwataan waan godhaa jiruufi gochaan isaa bu'aa akkamii geessisuu akka danda'u utuu beekuu yakka yeroo raawwatuudha. Kanas bu'aa gocha isaa sirriitti beekuun bu'aa sanas  fedheeti. Fakkeenya ; namni itti yaadee itti qophaawee bakka filachuun meeshaa qopheeffachuufi itti dhukaasuun nama kan ajjeese yoo ta'e, gochi isaa nama sana ajjeesuuf fedha qabaachuufi namni du'e sun akka du'u barbaadamee yakka raawwatame ta'uun isaa nii hubatama. Inni olii direct intention yeroo jedhamu; Inni biraan yakka alkallattiin ykn kallattiin bifa hin taaneen yakka ta'e jedhee itti yaadamuun raawwatamuudha. Indirect intention Kunis yakka raawwataan sun gochi isaa bu'aa akkamii hordofsiisuu akka danda'u utuu beekuu kan ta'e ha ta'u jechuun gochicha haga dhumaatti kan raawwateedha. Yakkicha raawwatamuusaa ofitti fudhatus fedhii qabaatee miti. Fakkeenyi yeroo baayyee fudhatamu, konkolaachisaan tokko saatii 1 keessatti bakka ta'e gahuuf yaadee saffisa olaanaan oofuun saffisaan oofuunsaa balaa geessisuu akka danda'u utuu beekuu fi balaan yoo raawwatame ofitti fudhachuun yoo konkolaachisee fi kanumaan balaan yoo qaqqabe yakka itti ta'a jechuudha. Kanuma biraan yakkooti moral element isaanii tilmaamamuufi mirkaneessuun hin barbaachifne kan akka yakka malaanmaltummaa nii jiru. Inni biroon yakka  maal na dhibdeedhaan /negligence / raawwatamuudha. Kunis yakka raawwataan, raawwatamuu yakkaa tilmaamuu dhabuun ykn raawwachuu akka danda'u utuu beekuu ykn utuu beekuu qabuu tilmaamuu dhabuun yakka raawwatamuudha. Fkn  konkolaachisaan tokko kallattii agarsiistuu/marii/ ykn fireenii konkolaatichaa utuu hin mirkaneeffatin oofuun mariin diduurraan kan ka'e nama kan rukutee yoo ta'e dagannoon yakka raawwateera jedhama. Yakkoota daddabalamaa(concurrent crime) kutaa itti aanutti ilaalla. Itti fufa,,,,
Mostrar todo...