cookie

Utilizamos cookies para mejorar tu experiencia de navegación. Al hacer clic en "Aceptar todo", aceptas el uso de cookies.

avatar

Etv Afaan Oromoo

Mostrar más
Etiopía799El idioma no está especificadoNoticias y medios6 235
Publicaciones publicitarias
25 790
Suscriptores
+12124 horas
+9267 días
+3 67430 días

Carga de datos en curso...

Tasa de crecimiento de suscriptores

Carga de datos en curso...

Ogeeyyiin miidiyaa akkataa barbaadamuun shoora ogummaa akka bahatan eegumsi taasifamuufii akka qabu ibsame ****************************** Guyyaan Bilisummaa Pireesii Idil-Addunyaa marsaa 32ffaan sadarkaa Itiyoophiyaatti marii paanaalitiin Finfinneetti kabajame. Guyyaan bilisummaa Pireesii bara kanas mata dure “Gahee Gaazexeessummaa Eegumsa Naannnoo keessatti” jedhun kabajame. Guyyichis qopheessummaa Mana Maree Miidiyaa Itiyoophiyaa fi tumsa UNESCO, akkasumas Itiyoophiyaatti Imbaasii Firaansiin kabajama jira. Saganticha irrattis qooda fudhattonni damichaa fi hayyoonni Yuunivarsiitii gara garaa hirmaataniiru. Hubaatiin qabeenyaa uumamaa irra gahuu fi eegumsi naannoo xiyyeeffannoo ogeeyyii miidiyaa ta'uun qaamni dhimmi ilaaluu akka furmata kennu hojjachuu akka barbaachiisu marii guyyicha sababeeffachuun mari'atamee irratti ka'eera. Sisaay Soorechaatu gabaase
Mostrar todo...
👍 29 6🔥 2😢 2
Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad Hojii Zoonii Dingdee Addaa Gadaa eegalchiisan * Sirni jalqabbii hojii jalqabsiisuu Zoonii Diinagdee Addaa Gadaa bakka Ministirri Muummee Abiyyi Ahimadi, Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaa, hoggantoonni mootummaa Naannoo Oromiyaa fi Federaalaa, akkasumas keessummoonni argamanitti eegalchiifame. Zooniin Diinagdee Addaa Gadaa lafa hektaara 24,000 irra kan qubatu yoo ta'u, paarkii indastirii, buufata gogaa, daldala bilisaa, giddu gala Kenna tajaajila geejjibaa fi kanneen biroo kan of keessaa qabaatu yoo ta'u, Zooniin diinagdee Addaa Gadaa boordii investimentii federaalaarraa beekamtii argateera. Investaroonni 21 birrii biliyoona 100 fi biliyoona 20 ol galmeessan hirmaachuuf yaada dhiyeessuunis ibsameera. Guyyaa har'aas dhaabbata ijaarsaa Chaayinaa CCECC wajjin walii galteen ijaarsaa mallattaa'uun hojii ijaarsaatti akka seenamu ibsameera. Mirkanaa Taaddasaatu gabaase
Mostrar todo...
👍 14😁 2👎 1
Mostrar todo...
Simboo - Kutaa 35ffaa

Nageenya magaalaa isaanii qaamolee nageenyaa qofatti  kan hin  dhiisne ta'uu jiraattonni magaalaa Asallaa himan * Magaalaan Asallaa nageenya amansiisaa akka qabaattuuf hawaasa qaamolee nageenyaa waliin qindeessuun waan hojjatameef ta'uu Waajjirri Bulchiinsaa fi Nageenyaa Bulchiinsa Magaalaa Asallaa beeksiseera. Nageenyi bu'ura waa maraa ta'uu hubannee qe'ee  keenya gurmiin halkanii guyyaan eeggachaa jirra jedhan jiraattonni Magaalaa Asallaa ETV Afaan oromoof yaada isaanii kennan. Hogganaan Bulchiinsaa fi Nageenyaa Bulchiinsa Magaalaa  Asallaa Kadir Namoo, ummanni magaalichaa  qaamolee nageenyaa  waliin  qindoominaan hojjachuudhaan nageenya magaalaa isaa eeggata  jedhan. Kantiibaa itti Aanaan Bulchiinsa Magaalaa Asallaa obbo Abdullaahii Hammuu,  ummanni magaalaa isaanii ambaasaddara nageenyaa ta'uu himanii, kana itti fufsisuuf bulchiinsi magaalichaa ummata waliin  caalaatti ni hojjata jedhan. Saxxoo Tashoomaatu gabaase
Mostrar todo...
👍 9
Waldaan Misooma Oromiyaa Gaaddisa Oromooti - Obboo Abbaaduulaa Gammadaa Waldaan Misooma Oromiyaa hundeeffama isaa waggaa 30ffaa sababeeffachuun Kutaa Magaalaa Nifaas Silk Laaftoo waliin ta'uun konfiransii taa'e. Waldichi hundeeffama isaa irraa kaasee naannoo Oromiyaa keessatti pirojektoota gurguddoo kuma 8 ol hojjachuun konferansicha irratti ibsameera. Gama biraatiin qaawwaa naannichatti mul'atan furuuf hojiilee misoomaa, ashaaraa magariisaa fi tola ooltummaa gara garaa irratti hirmaachaa jiraachuunis eerameera. Kaayyoon konfiransichaa misooma naannicha saffisiisuun cinaatti aadaa fi duudhaa hawaasichaa guddisuu keessatti gumaacha kan taasisu ta'uun eerameera. Waldichi yeroo ammaa miseensota miliyoona 8 ol kan qabu yoo ta'u, waggoota kurnan dhufanitti miliyoona 15tti guddisuuf karoorfachuu beeksiseera. Asaantii Hasan
Mostrar todo...
👍 21
Dhaabbanni "Toppan Gravity Ethiopia", paaspoortiiwwan miliyoona 5.6 waggaatti Oomishuu akka danda'u ibsame *********************** Warshaan, "Toppan Gravity Ethiopia" guyyaa kaleessaa Paarkii Indastirii Boolee Lamii lakk. 2 keessatti dhagaan bu'uraa kaa'ameef waggaatti paaspoortiiwwan miliyoona 5.6 fi Kaardiiwwan gara garaa miiliyoona 28 oomishuu akka danda'u ibsameera. Dhaabbatichi lafa iskuweer meetira kuma 12 irra kan buufate yoo ta'u, paaspoortii, ATM, Master Card, fi waraqaalee iccitii biyyoolessaa biroo, waraqaa eenyummaa dijitaalaa, waraqaa hayyama konkolaachisummaa, Waraqaa Dippiloomaa fi waraqaalee raga fi barnootaa biroo ni oomisha jedhameera. Warshichi walakkaan kan dhaabbata maxxansaa idil addunyaa Jaappaan " Japan Toppan Gravity" fi kan "Ethiopian Investimant Holdings"ti jedhameera. Ababaayyoo Kafaniitu gabaase
Mostrar todo...
👍 16
Mostrar todo...
Oduu Etv Afaan Oromoo, Ebla 30, 2016- 1:00

👍 14 2🥰 2
Mostrar todo...
Hiriira Deggarsa Mootummaa Jijjiiramaa Naqamteetti Bahame

👍 25